11955
"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Mallattoo onnee kanaa gadi jiru tuquun waan ajaa'ibaa isiniif dhufu ilaalaa!
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
┼┼▄██▄┼┼┼▄██▄┼┼
┼██████┼██████┼
┼█████████████┼
┼█████████████┼
┼┼███████████┼┼
┼┼┼█████████┼┼┼
┼┼┼┼┼█████┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼███┼┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼┼█┼┼┼┼┼┼┼
💙👆💙👆💙👆💙👆💙👆💙
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Bara Harreen Dubbatte.
BALA'AAM
Balaa'aam kitaaba qulqulluu keessatti Seera Lakkoofsa Boqonnaa 22:1 irraa eegalee seenaa isaa agarra. Namni kun kan yoo abaare gogsu,balleessu, kan yoo eebbise jiisu, nama kennaa akkasii qabu ture. Nama biyya Mesepotaamiyaa sanyii Kush keessaa ture. Bara Israa’elootni bittaa Masriiti bahanii gara biyya isaanitti deebi’aa turanitti,mootota gara garaa biyya gara garaa keessa kukkutanii darbu ture. Yeroo kanatti mooticha biyya bulchu eyyamsiifachuu qab ture. Yemmu heyyama gaafatan, mootonni fi bulchitoonni hedduun Israa’el lafa isanairra akka deemanii taran hin eeyyamaniif ture.Kanaaf yeroo heddu wal waraanuudhaan,yookan karaa dheeraa adeemudhan cehu ture.
Akkuma barame,biyya osoo deeman biyya Mo’aab gahan.Biyya Mo’aab kanatti yeroo sana bulchaa ka ture nama Baalaaq jedhamudha. Baalaaq kun dhufaatii Israa’elootaa argee, nahe, waan godhu wallaale, akka qotiyyoon marga lalisaa dheedu,jarriin kun nu dheeduf jiru maal wayya, lolaan dura dhaabadhe hin moo’u kanaaf fala barbaadachuun qaba jedhe. Falli isaaf dhufe ammoo, nama Bala’aam jedhamu ka biyya Mesopotaamiyaa, ta abaaru goysu, kana waammachuu qaba jedhe,mala malate. Isaanis 'koottu Israa’eliin naaf abaari' jedhee nama itti erge. Waan guddaa akka raawwatuufis waadaa galeef. Bala’aam garuu waan Waaqayyo anatti himun dhagaha jedhee,yeroo lama sadi Waaqayyoon gaafate. Waaqayyo ammoo akka Israa’eliin hin abaarre Bala’aamin ni akeekkachiise.
Yeroo sadaffaa yemmuu waamichi dhiyaatu Bala’aam gara Baalaaq adeemuf harree isaa yaabbatee karaa bu’e. Yeroo kana ergamaan Waaqayyoo karaa irratti isa eege. Ijji harree sun banamtee ergamaa billaa luqqifate agarte.Bala’aam garuu hin agarre ture. Irra deddeebi’ees harree sana uleedhan rukute. Isheen garuu ni didde. Dhumarratti harreen sun Bala'aamitti afaan baaftee itti dubbatte. Akkamittiin yeroo dheeraaf hanga yoonaa siif ajajamaan ture malee, si didee hin beeku hardha garuu akkamittiin akkatti na dhaanta jetteen?Afaan namaatin itti dubbatte
Wanti nama ajaa’ibu yeroo sadi maalif na rukutte jettee Bala’aamin gaafatte harreen. Innis ammo dubbachuu haree dinqisiifachuu dhiisee, 'waan anatti qoostef,osoon seyfi qabaaadhe sin ajjeesa ture' jedheen. Yeroo kana ijji Bala’aam ni baname,ergamaa Harreen ilaalaa turte san ani arge,ni sodaate,ni sagadeefis.
Sana booda Bala’aam gara mana kootti nan deebi’a jedhe.Ergamaan garuu amma hin deebi’in jara waliin deemi, waanan sitti himu qofa dubbadhu jedheen. Bala’aamis ka’ee gara Baalaaq adeeme,abaaruu dhaqee ture garuu akkuma ergamaan itti muldhise, eebbisuutti ka’e,Israa’eliin eebbisuutti ka’e yeroo sadi,eebbiseera. Ammoos akki jedhe “ Yaaqob irratti asmaatin hin hojjetu,Israa’el irratti morri hin jiru jedhe”(Lakk (23:23).
Waaqayyo mortuu nurraa haa qabu, Kiristaanota irratti morri, toshaan, digimtiin, asmaatin, minaaminteen,negeri bettiniin, kindemendigin, astenaagiriin, mestefaaqiriin, mestestaaririin, xilaa wagiin, abaarsi qaallichaa,….hundumti bishaan haa ta’an, Maqaa Gooftaa Iyyasuusin!
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Seenawwan Dinqisiisoo
Kitaaba Qulqulluu Keessaa
Seenawwan dinqisiisoo Kitaaba Qulqulluu keessaa kan qulqullootan raawwataman keessaa muraasa
- Raaja Museen Fara’oon jalaa baqatee gara Midiyaam dhufee , tiksee Yootor ta’ee jiraachaa ture. Waaqayyo garuu Israa’eloota akka cunqursa Masrii jalaa baasuuf isa filate. Innis Waaqayyoon waliin namoota hunduma caalaa kan dubbate isadha.Galaanas Ertiraa harka isaa diriirsee addaan hiruudhan Israa’eloonni akka lafa gogaarra ce’an taasiseera(Bau 14:22)
- Luba Iyyaasuun raajaa Musee bakka bu’ee luba Israa’eloota masakaa turedha. Bakka Gabaa’on jedhamtu irratti akka hin dhiine,aduu(biiftuu) hidhee dhaabeere,addeessis akka turtu godheera. (Iyyaasuu 10:12)
-Raajaa Eeliyaas cubbuu namootaa irraa kan ka’e samiin akka rooba hin roobsineef waggaa sadiif ji’a jahaaf samii luugameera. Raaja Eeliyas arragessi fi ergamaan isa sooreera(1Mot 17,18:41)
-Raajaa Eelsaan akkuma keenya nama. Raaja Eelsan duuka bu’aa raaja Eeliyasi. Lubbuun yoo jiru nama tokko du’aa kaaseera, yemmu du’ettis boolla isaarra nama du’e goonaan namni du’e sun du’aa ka’eera( 2Mot 4:18, 2Mot 13:20).
-Raajaa Eermiyaas, mootichi Sedeqiyaas yaadni isaa isaa gaarii waan hin turreef,naaf kadhadhu jedhee yemmuu itti ergatutti,ati Israa’eloota waliiin booji’amta jedhee itti hime.Kanarraan kan ka’e mootichi boolla keessatti Raaja Ermiyasin ni hidhe.Nabukadanatsoor Seedeqiyaas isaaf buluu diduu isaa arginaan isa marse.Israa’elootnis mooticha keenya lubbuun jalaa baafna jedhanii akka nama du’eetti waay waay jechaafi yoo reeffa fakeessanii deeman Nabukadanatsor, isaan arge.Yoo buusee ilaalu lubbuun nama jirudha,Kanarraan kan ka’e ija isaa jaamsee Baabiloon buusee akka baaqela horosru taasiseera.Ermiyasin garuu Waaqayyo Abemelikin ergee boolla keessaa baaseera(Erm.38)
-Waqayyoon gaditti kabaja guddaa kan qabdu haati keenya qulqulleettii Dubroo Maariyaam fira ishee kan taate Elsaabex gaafachuu yemmuu gara lafa tulluun itti baay’ate gara Yihudaa deemtetti Elsaabex ulfa turte. Sagalee qulqulleettii Maariyaam yemmuu dhagahetti gadaamessa haadhaa Elsaabeex keessa kan jiru ulfi gadaamessa Elsabex ni utaale(Wangeela Luqaas 1:41)
- Qulqulluu Pheexiroos gaaddiduu isaatiin illee osoo hin hafin namoota ni fayyisa ture. Akkasuma Anaaniyaa fi Saphiira kan jedhaman haati fi abbaan warraa waan duuka bu’oota duratti sobaniif akka isaan du’an itti himee,battalumatti du’aniiru(Hojii duuka Bu’ootaa 5:1)
Qulqulluu Yohaannis Cuuphaadhaaf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos namoota dubartiirraa dhalatan keessaa kabajan kan isa caalu akka hin jirre dubbateefii jira hin jiru jedhee dhugaa baheefii jira. “Dhuguman isiniin jedha, nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa Yohaannis cuuphaa irra kan caalu tokkollee hin kaane. Garuu, mootummaa Waaqaatti inni hunduma irra gadi ta’e isa ni caala. ”Wangeela Maatiwoos 11:11.Qulqullichi kun hanga waggaa 30 lafa onaa keessa jiraate,uffatni fi nyaatni isaas kan namootarraa adda ture.
-Qulqulluu Phaawuloos,jalqaba kiristaanota ajjeesuuf nama waraqaa heyyamaa baafate ture.Booda garuu Gooftaan gara isaatti waamee,seenan isaa jijjiirame. Sana boodas ergaawwan 14 barreeseera. Qulqulluu Phawuloos uffatni inni uffatullee dhukkubsattoota fayyisaa ture(Hojii duuka bu’ootaa 19:11)
-Qulqulluu Isxifaanos,hangafti diyaaqonootaa yemmuu Yihudonni itti inaafanii isa dhagaadhaan reebaa turanitti, inni garuu Yaa Gooftaa waan godhan hin beekaniiti cubbuu isaanii itti hin lakkaa’in jedha ture. (Hojii Duuka Bu’ootaa 7:60)
"Dhuguma dhuguman isiniin jedha kan anatti amanu wantan ani hojjedhu hunduma ni hojjeta, kan kana caaluyyuu ni hojjeta” jechuun dubbiin Gooftaan dubbate hojii qulqullootaa kanaan yemmuu ilaallu hagam dhugaa akka tae hubanna.(Yoha. 14:12).u.
Sugni abboota keenya qulqullootaa nu waliin yaa ta
Walitti bu’iinsi yookaan lolli mootummoota gidduutti dur irraa kan ture ta’uyyuu bara xumuraatti garuu kan baay’atu, sadarkaan walitti bu’iinsaa fi meeshaaleen waraanaaf oolanis ajjeechaa sukaneessaa kan qaqqabsiisan, dhala namaa kan miidhaan akka ta’e iddoo gara garaatti barraa’ee jira.
“Lola, oduu lolaas dhagahuuf jirtu, kun ta’uun isaa dirqamaatii of eeggadhaa; hin rifatinaa, haa ta’u malee xumurri isaa hin geenye. Uummanni uummata irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni ka’u, xumurri barichaa ennaa dhiyaatutti, namoonni lolaaf kan qophaa’anii fi ariifatan akka ta’e mul’ata Yohaannis irrattis ibsameera. Maat. 24:6
Dabalataanis mul’ata Yohaannis irratti “Fardi bifa daamaa kan biraas ni dhufe; isa irra kan taa’eefis nagaa dachee irraa akka fudhatuuf, namoonnis ofii ofii isaanii akka wal qaqqalaniif aangoon kennameef; seefii guddaas ni kennaniif, Mul. 6:4 jedhamee lolli ta’uuf jiru hammam hamaa akka ta’u ibsameera.
4. #Beela_fi_Sosochii Lafaa
Beellii fi sosochiin lafaa naannoo gara garaatti ta’uudhaan namootni hedduun akka miidhamu ni taasisa. Bara xumuraatti namni Waaqayyoof kan ajajamu waan hin taaneef, Waaqayyo amala uumamaa caalatti jijjiiruudhaan, uumamaan akka adabaman ni agarra.
“Biyyaa biyyattis beelli, weerarri dhukkubni, sosochiin lafaas ni ta’a. Kun hundumti jalqaba ciniinsuuti.”
Mul’ata Yohaannis irratti beelli farda gurraachan fakkeeffamee dhiyaateera. “Chaappaa isa sadaffaas yeroo hiiketti bineeldota sana keessaa inni sadaffaan,“Koottuu ilaali” yoo jedhun dhaga’e; nan ilaales;kunoo fardi gurraachi ni dhufe; isa irra taa’ee kan jirus harkasaa mirgaatiin madaala qabateera. Bineeldota afran gidduus, sagalee risaa qamadiin hirboo tokkoo diinaaraan, garbuu hirboon sadiis diinaaraan; zayitii fi daadhii wayniis hin balleessin” yoo jedhu nan dhagahe. Mul.6:5
Qamadii hirboon tokko diinaaraan, garbuun hirboon sadi diinaaraan jechuun isaas beela irraa kan ka’e qaala’iinsa dhufuuf jiru kan mul’isudha........
(Kan hafe kitaaba #Gooftaa_Tokkicha jedhu irraa hanga dhumaatti dubbisaa)
Gaafa jaalalli hanqatu bu'aan isaa cubbuu baay'eedha!!
Jaalala dhabuun aarii fi jibba uuma. Kunis dabaree isaatiin gammachuu cubbuutti nama geessa. Macaafni Qulqulluun, “Diinni kee yommuu kufu hin gammadin, yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin” jedha. Fakkeenya 24:17
Bu’aan jaalala dhabuu kan biraan aarii fi hammeenyaati. Haalli akkasii kun arrabsoo, waldhabdee, ajjeechaa, qeeqa, salphina, maqaa balleessii fida. Kana malees jaalala dhabuun ykn hanqinni inaaffaa, wallaalummaa, of tuulummaa, cimina dhabuu fi gara jabummaatti nama geessa.
Waaqayyoof jaalala dhabuun karaa baay’eedhaan mul’achuu danda’a; isaan keessaa tokko kadhannaa, Macaafa Qulqulluu, fi mana kiristaanaa dagachaa jiru. Hanqinoonni biroon immoo Waaqayyo dura dhaabbachuu dhabuu fi gonkumaa mootummaa Waaqayyootti gammaduu dhabuudha.
Qulqulluu Abbaa Shinoodaa 3ffaa
Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇
🥰Channel afaan oromoo🥰
Sooma Gannaa (Raajotaa)
Soomni raajotaa Sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’u hanga Muddee 28/29 (hanga guyyaa Iyyasuus Kiristoos dhalatutti soomama). Sababni isaas raajootni gooftaa Iyyasuus ni dhalata jedhanii hawwii guddaadhaan kan eegaa turan waan ta’eef gooftaa Sooman ofitti fudhachuu qabna jechuudhaan kan soomamuudha.
Raaja Museen guyyaa afurtama soomeera. Ba’uu 34:28
Raaja Eeliyaas guyyaa afurtama soomee jira 1 Mot 19:8
Raajonni hedduun dhalachuu Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos dubbii raajii dubbataniiru. Soomaniirus. Giddu galeessi lallabaa fi barumsa isaanis dhalachuu Masihichaa irratti kan xiyyeeffate ture.
Sooma gaarii🙏🙏🙏
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Mallattoo onnee kanaa gadi jiru tuquun waan ajaa'ibaa isiniif dhufu ilaalaa!
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
┼┼▄██▄┼┼┼▄██▄┼┼
┼██████┼██████┼
┼█████████████┼
┼█████████████┼
┼┼███████████┼┼
┼┼┼█████████┼┼┼
┼┼┼┼┼█████┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼███┼┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼┼█┼┼┼┼┼┼┼
💙👆💙👆💙👆💙👆💙👆💙
💁 Channel Afuurawaa Akkami Argachuu Barbaaddu 👇👇👇
Читать полностью…
Sobni 450 Dhugaa 1 Hin Moo'u!
Raajichi Eliyaas bara mooticha Aka'aab fi mootittii Eelzaabeelitti qormaatawwan heddu kan fudhateedha.Eelzaabeel raajota Waaqayyoo dhugaa ta'an hedduu yommuu ajjeesistu ifatti kan hafe raaja kanadha.Masaaraa mootichaa keessatti ajajaa kan ture Abdiyyuun ammoo Raajota dhugaa 100 walakkatti gargar qoodudhaan holqa keessatti sooree kan ajjeechaa mootittii jalaa isaan baraaredha(1Mot.18:4).Sababa roobni dhaabbatee beelli bu'een mootichi Aka'aab raaja Eeliyaasin Israa'eel kan garagalchuuf adeemu si'idhaa? Jedhee yommuu gaafatutti Eeliyaas garuu Israa'eel kan gargalchuuf deemu ana osoo hin taane Waaqayyoon dhistanii Ba'aal kan waaqessitan si'iif mana keetidha isaan jedhe.Raajota Ba'aal(Waaqa Tolfamaa) kan ta'an 450 gaara Qarmeloos irratti waami Aarsaa dhiyeessina jedheen.Uummataanis yaada lamaan hin deeminaa Waaqa dhugaa tokko qabaadhaa! Aarsaan isaanii yoo fudhatame Ba'aalitti amanaa; Aarsaankoo yoo fudhatame ammoo Waaqayyotti amanaa isaanin jedhe.Ummannis tole jedhan.Dorgommii Raajota 450 Vs Raaja 1 ilaaluuf qophaa'an.Dorgommichi dorgommii Uummata Waaqa dhugaadha jedhaanii itti amananitti fiduuti.Raajonni Ba'aal 450'n sobdonni ganamaa hamma galgalatti Aarsaa dhiyeessan Ba'aal akka irraa fudhatuuf iyyaa oolanis inni isaanif dhagahuu hin dandeenye.Raajni Eeliyaas tokkichi Aarsaa dhiyeesse Waaqayyo akka fudhatuuf yoo kadhatu Waaqayyos isa dhagahee aarsaasaa fudhate.Uummannis kana yoo argu"kufanii sagaduun Waaqayyo inni Waaqadha" jedhan(1Mot.18:40) isattis amanan.Eeliyaas waggaa 3'f ji'a 6'f roobni akka hin roobne kan taasiseedha(Ya'i.5:17).Eeliyaas waggoota roobni hin jirretti mana dubbartii Saraaphtaa bira kan turee fi Daakuuf Zayitni xinnoon godashee ture akka hin dhumne kan taasiseedha.Daa'imuma dubartii kanaas du'aa kan kaasedha(1Mot.17:14-22).Nyaata guyyaa 1 nyaaten guyyaaf halkan 40 kan adeemedha(1Mot.19:8).Eelzaabeel Naabuteen dhala Abbootakoo hin kennu jechuusatin ajjeesistee Aka'aab lafasaa akka fudhatu yommuu taasistu Raajni Eeliyaas Mootichaan Saroonni bakka dhiiga Naabutee arraabanitti kan kees ni arraabu isaan jedhe(1Mot.20:19).Raajonni Sobdoonni Waaqa dhugaa hin qaban.Dinqiiwwan Afuura sobaatin raawwataniin uummata kan gowwomsaniidha.Addunyaan soba waan jaalattuf biyya lafaa irraatti Raajota Sobdoota duukaa kan bu'an ni heddumaatu. Dhugaadhanis hin lallaban.Xummurri isaanis kan bareedu miti.Eeliyaas garuu dhugumatti Raaja Dhugaadha.Suugaan isaa nurra haa bulu Ameen!
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Mallattoolee Dhufaatii Gooftaa Iyyasuus Isa Lammaffaa
Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos waa’ee dhufaatii isaatiif wantoota mallattoo ta’an heddu dursee eeree jira. Akeekkachiisa kanas kennuun kan barbaachiseef namni dursee mallattoolee dhufaatii isaa kana baree akka of eeggannoo taasisuu fi jecha isaa abdii taasifatuufi. Dhufaatii Gooftaatiif mallattooledha jedhamanii kan eeraman wantoota kanaa gadii kana qalbeeffannaadhaan ilaaluun barbaachisaadha.
1. #Raajota_Sobdootni_Ni_Ka’u
“Raajonni sobdoonni baay’eenis ni dhufu, namoota hedduus ni dogongorsiisu. Maat. 24:11
Mallattoolee dhufaatii bara xumuraa keessaa tokko baay’achuu raajota sobdootaati. Raajonni sobdoonni kun maqaa gooftaa irra deddeebiin kan waaman, caqasa kitaaba qulqulluu kan caqasanidha. Haa ta’u malee barumsi isaanii sobaa fi fakkeessuudhaan kan guuttame barumsa dogongoraa kan dabarsanii fi maqaa gooftaa akkafeeteedhaan kan waaman, gochaan garuu warra akka sagalee isaatti hin deddeebinedha. Gooftaan raajonni sobdoonni akkanaa akka dhufan, irraayis of eeguu akka qabnu sirriitti nu barsiisee jira.
“Tulluu ejersaarras taa’ee osoo jiru bartootni isaa kophaa isaanii gara isaatti dhiyaatanii akkas jedhaniin, “Nutti himi” kuni yoom ta’aa? Mallattoon dhufaatii kee fi xumurri addunyaas maalidha?” Gooftaan keenya Iyyasuusis deebisee akkas jedheen, “Kan isin dogongorsiisu akka hin jiraanne of eeggadhaa. Baay’een isaanii ani Kiristoosi jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii, baay’ees ni dogongorsiisu "Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa! Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif mallatto gurguddaa fi dinqii baay'ee ni argisiisu. Kunoo, ani duraan dursee isinitti himeera.” Maat. 24:23
Raajonni sobdoonni barumsa shakkummaa fi barumsa sobaas kan barsiisanidha.
“Haa ta’u malee, raajonni sobdoonni immoo uummata sana gidduu turan; akkasumas gidduu keessan immoo barsiisonni sobdoonni ni jiraatu; isaanis Gooftaa isaan oolche illee gananii badiisa saffisaa mataa isaaniitti harkisaa shakkii isa nama balleessu loosanii galchu. 2Pheex. 2:1
2. #Amalli_Namootaa_Ni-Jijjiirama
Mallattoolee bara xumuraa keessaa tokko amala namootaa irratti jijjiirama dhufudha. Namoonni of jaalattoota akka ta’an, kan waliif hin yaadne, kan waa’ee ofii qofa dursan, kan naamusa hin qabne akka ta’an kitaaba irratti barraa’eera.
“Haa ta’u malee, bara boodaa yeroo hamaan akka dhufu kana beeki. Namoonni akka of-jaalatan, maallaqas kan jaalatan, xiibartoota, of-jajjoota, of tuultota, arrabsitoota, maatiiwwan isaaniif kan hin ajajamne, warreen galata hin qabne, qulqullummaa irraayis kan bahan ni ta’u. Warreen jaalala hin qabne, araara kan hin dhageenye, warreen nama hamatan, warra of-hin bitne, gara-jabaattota, waan gaarii kan ta’es kan jibban ni ta’u. Gantoota, jarjartoota, warra oftuulummaadhaan bokokan, Waaqayyoo jaalachuu irra quufa filatan ni ta'u. Isaani bifa Waaqeffannaa ni qabu; humna isaa garuu ni ganu; warra akkasii irraa fagaadhu. 2Xim. 3:1
Jijjiiramuu amala namaa kan ibsan keessaa tokko qabbanaa’uu jaalalaati. Gooftaan baay’ina goolaa irraa kan ka’e jaalalli namoota hedduu ni qabbanaa’a(Maat. 24:12) jedheera. Namni wal jaalachuu dhiisee of jaalachuu eegala jechuudha. Akkasumas jaalalli namni amantaa isaaf qabu ni qabbanaa’a, amantaa isaattis ni laafa. Mul’ata 3:15 irratti akkasuma kan qorrite yookaan kan hoo’ite waan hin taaneef afaan keessaa si tufuufi jedhamee kan himame jaalalli namni amantii isaaf qabu kan hir’atu ta’uusaa kan agarsiisudha. Kunis jireenyi qannoonaa amantootaa gadi kan bu’uufii dhimma amantiif miira dhabuun akka dhufu kan ibsudha. Amantii irratti akka feetee ta’u.
3 #Oduu_Lolaa Dhagahuu
Mallattoolee bara xumuraa keessaa tokko walitti bu’iinsa mootummoota gidduutti ta’udha.
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Mallattoo onnee kanaa gadi jiru tuquun waan ajaa'ibaa isiniif dhufu ilaalaa!
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
┼┼▄██▄┼┼┼▄██▄┼┼
┼██████┼██████┼
┼█████████████┼
┼█████████████┼
┼┼███████████┼┼
┼┼┼█████████┼┼┼
┼┼┼┼┼█████┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼███┼┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼┼█┼┼┼┼┼┼┼
💙👆💙👆💙👆💙👆💙👆💙
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
Mallattoo onnee kanaa gadi jiru tuquun waan ajaa'ibaa isiniif dhufu ilaalaa!
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
Ajab! 👇👇👇 🤔
┼┼▄██▄┼┼┼▄██▄┼┼
┼██████┼██████┼
┼█████████████┼
┼█████████████┼
┼┼███████████┼┼
┼┼┼█████████┼┼┼
┼┼┼┼┼█████┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼███┼┼┼┼┼┼
┼┼┼┼┼┼┼█┼┼┼┼┼┼┼
💙👆💙👆💙👆💙👆💙👆💙
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???
“Ergichi, "Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne. Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera.”
— Mul. 3:8
Daqiiqa 30 booda ni bada
Kasrdi birri 200 nama badhasisa
10+10×0+10=???