"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
❝Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.❞
—HoE. 1: 9
OL BA'UU GOOFTAA IYYASUUS
Bu’aatii Jechaa fi Ol Ba’uu Foonii (ርደተ ቃል - ዕርገተ ሥጋ)
Baga Ayyaana Olba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechaa Waa’ee ayyaana kanaa gabaabbinaan kunooti. Afaan Ingiliffaan ayyaanni kun 'Ascension of Jesus' jedhameetu beekama. Yeroo hunduma soomni Faasikaa hiikkatee guyyaa 40ffaatti guyyaa Kamisaa kabajama.
Jechoota lamaan BU'UU JECHAA FI OL BA'UU FOONII jedhan kanatu jireenya Gooftaa biyya lafaa kanatti daangessa.Kana jechu’uun maali? Jechatu gara lafaatti bu’e(gadaamessa keessa bule,ka dhufe Jecha) akkasuma ammoo kan ol ba’e,jalqaba samii keessaa ka hin turre Fooni(nama),kanaaf Jechi bu’e sun fooniin waloomee amma Foon qabatee ol ba’e jechuudha.Afaan Gi’iziitiin ayyaanni kun 'Irget' jedhameetu beekama. Wangeela irraa dhufuufi deemuu kana hubachuuf jalqaba dhufaatii isaa ilaalla
“Jechichi jalqaba waan hunduma dura ture, jechichi Waaqayyo bira ture; Jechi ofii isaa Waaqayyo ture, wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru. Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture. Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u. Jechi ofii isaa Waaqayyo ture……. Jechi foon tahe, surraa fi dhugaatiin guutame nu irra bule” (Yoha 1:1-14) jedha.
Egaa JECHI bu’e kun ammoo kaayyoo isaa raawwatee,dhufee lafa irratti hin hafne ol ba’e jechuudha. Kanaaf wangeela Yohaannis 3 :13 irratti “Samii irraa kan bu’e Ilma Namaa irraa kan hafe kan gara samiitti ol ba’e hin jiru; innis samiirra kan jiraatuudha.Faaruu Daawit irrattis waa’ee ol ba’uu Gooftaa Iyyasuus akkas jedhamee raajaan dubbatameerahoo.
“Gooftaan ililliidhaan, Waaqayyo sagalee faaggaatiin ol ba’e;faarfadhaa, waqaayyoof faarfadhaa, mootii keenyaaf faarfadhaa.” Faar 47:6
Gooftaan keenya erga du’aa ka’ee guyyaa afurtama booda gara samiitti ol ba’e. Kunis akkasitti ibsameera. Iyyasuus Gooftaan isaan waliin erga dubbatee booddee, gara samiitti ol ni ba’e, mirga Waaqayyoos ni taa’e (Maar 16:19).
“Dubbii kana dubbatees otuma isaan ilaalanuu gara samiitti ol fudhatame, duumessi Isa simate ija isaanii duraas ni dhoksee” (Hojii Duuka Bu’ootaa 1:9).
Egaa Ayyaanni kun Gooftaan ergama isaa biyya lafaa xumuree deebi’ee kabajaan mirga Abbaa Isaa taa’uu Isaa kan itti hubannudha. Ayyaanni kun waa’ee Gooftaa Iyyasuus Kiristoos caalatti waaqummaa Isaa akka hubannu kan nu taasisudha. Kunis kabajaan bakka dhufetti deebi’uu Isaa, kabaja dura qabaachaa turetti ol deebi’uu Isaa kan hubannudha. Akkasumas ammoo Gooftaan foon gama dubroo Maariyaamiin uffate sana gara samiitti fudhatee ol bahuusaa hubanna. Ammallee ta jiru foonuma ittiin waloome sanaan. Walooma(tawaahidoo) booda gargar ba'ummaan ijaa hin jirre'eef jechuudha. Ka dhufullee akkasuma Foon uffate kanaani. Olba’uun gooftaa keenyaa gabaabumatti:
• Ka ol ba’e kabajaanii
• Ka ol ba’e Waaqayyo
• Ka ol ba’e kun kan jalqaba gara biyya lafaatti kan dhufe/bu’edha
• Mirga Abbaa Isaa taa’e:- Abbaan waa’ee keessummummaa fooniitiif mirga koo taa’i jedhee. Daawit Gooftaan Gooftaa kootiin diina kee hamman miilla kee jalatti siif godhutti mirga koon taa’i jedheen. Faar 110:1
• Kabaja dhaallu nutti agarsiiseera
Akkasuma ammoo inni ol ba’e kun ni dhufa biyya lafaa irrattis ni murteessa kabajaan ni dhufa, akkasis jedha:
“Kanas isaanitti dubbachaa ol ol ba’e; duumessis isa simate. Isaanis osuma gara isaa ilaalanii gara samiitti ol bahe; ija isaanii duraas dhokate. Isaanis osoo ija irraa hin buqqifatin gara samii ilaalaa osoo jiranii, kunoo namoonni lama uffata adaadii uffatanii cinaa isaanii dhaabbatanii isaanitti mul’atan. Isaanis, “Isin yaa namoota Galiilaa, gara samii ilaalaa maaliif dhaabbattan? Iyyasuus inni isin biraa gara samiitti ol bahe, isin biraa gara samiitti yoo ol bahu akkuma argitan akkasumas deebi’ee ni dhufa” isaaniin jedhan. Kanaan boodas Tulluu Ejersaa kan jedhamu irraa gara Iyyarusaaleemitti deebi’an; innis Iyyarusaaleem irraa daandii Sanbata tokko ta’u kan fagaatu dha. HDB 1:9-12
“Obboloota ko! Warra barsiisa isin fudhattaniin mormuudhaan yaada namootaa gargar baasanii, amantii irraa kuffisanittii akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa! Warri wanta akkasii hojjetan kun garaa isaaniitiif yaadanii hojjetu malee, Kristos gooftaa keenyaaf hin hojjetan; isaanis dubbii gurra namaatti tolee gaarii fakkaatuun garaa namoota garraamotaa in gowwoomsu. Namoonni hundinuu wangeelaaf abboomamuu keessan dhaga'aniiru; kanaafis ani waa'ee keessaniif nan gammada. Wanta gaariidhaaf yaada ogummaa akka qabaattan, wanta hamaadhaaf garuu yaada haxxummaa akka isin hin qabaanne nan barbaada. Waaqayyo inni nagaa kennu immoo dafee Seexana miilla keessan jalatti in caccabsa; ayyaanni gooftaa keenya Iyyesuus isinii wajjin haa ta'u!”
— Rom. 16:17-20
"Ganna Dura Kottu"
Qulqulluun Phaawuloos, barumsa tiksummaa ergaa isaa isa lammaffaa Ximootewoosiif erge irratti erga bal'inaan barsiiseenii booda, Ximootewoos utuu Ganni hin-seenin dura akka dhufee arguutiif waamuutti jira,
“Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa, siif ergu.” 2Xim. 4:21
Qulqulluun Phaawuloos maaliif akka Ximootewoos ganna dura isa bira ga'u barbaade? Erga ganni seenee hoo yoo dhaqe maal ta'a ture?.
Kana hubachuutiif, biyya eessaa taa'ee, haala maalii keessatti akka ergaasaa lammataa kana Ximootewoosiif barreesse beekuun baay'ee barbaachisaa dha.
Qulqulluun Phaawuloos, kan inni ergaa kana barreesse mana hidhaa biyya Roomaa keessatti ture. Hidhaa keessa utuu jiruu ergaa kana barreessuu isaatiif ragaan, ergaama kana keessatti kan inni akkas jedhe irraa hubachuun nii danda'aama,
"Oneesiforos garuu deddeebi'ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anatti deddeebi'uu hin yeellaane; akkuma mandara Roomaa ga'een dhimmee ana barbaadee, na argates." 2Xim. 1¹⁶
Sababiin hidhamuu isaas, waan haadha manaafi firoota Mootii Roomaa Neerooniin amansiisee cuupheef ture. Hidhamuun isaa kunis, isa lammataafi isa xumuraa ta'uun kan inni ittiin wareegamu ta'uuf jedha.
Kanaaf, Utuu hin-wareegamiiniin dura Ximootewoos mucaasaa hafuurawaa arguu barbaada. Qulqulluun Phaawuloos, Ximootewoos kan dhufu taanaan, utuu gannaan karaa deemuun isa hin danqin akka dafee biraan ba'u barbaadeera. Akkuma beekamu ganni warra dhihaa baay’ee hammaataa dha. Cabbiin ala uffisee, muka uffisee kan nama qorondodu dha. Seenaa gabaabaa yommuu waraana addunyaa lammaffaarratti ta'e dhageenyee turre. Namoota baay’ee waraanaan marfamanii ganna keessa deemaa turan keessaatii, warri kaan yommuu diilalla isaan goganii cabba'aanii hafan, namoonni lama ammoo harka isaanii dabareen walitti rigatanii ho'a argachuun lubbuun isaanii baraaramuun fakkeenya abdii kutachuu dhiisuu ta'ee ittiin barsiifamus, diilalli ji'oota gannaa kan warra lixaafi kan warra baha giddu galeessaa daran gamsiisaa ta'uusaa nutti agarsiisuu danda'a. Dabalataanis, haalli geejibaas akka bara keenyaa bara salphaa hin-turre.
Kanaafuu, bacaqiin gannaa isa danqee Ximootewoos utuu hin-qaqqabiniin wareegamuu hin-feene.
Waa’een akka Ximootewoos utuu ganni hin-seenin gara Qulqulluu Phaawuloosiin dafee dhufuun isaa, waa'eema yaaddoo waqtii tibbaaf kan dubbatame qofaa miti. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa kana irratti Ximootewoos miillaan ganna dura akka gara isaa dhufuuf gaafate.
Gooftaanis, yommuu waa'ee jireenya qaqqabannaa hin-qabne barsiisetti, bifuma wal-fakkaatuun gannaan qabee barsiiseera. Kan inni gannaan qabee barsiises, akkuma Qulqulluun Phaawuloos ganna dura kottu Ximootewoosiin jedhe, Gooftaan ammoo ganna dura miillaan utuu hin-ta'in, jireenyaan akka gara isaa dhufnuutiif akkas nuun jedhee ture,
"Garuu ammoo, baqannaan keessan akka gannaan hin-taaneef kadhadhaa. Yeroowwan sanatti jalqaba uumama Waaqayyo uume irraa jalqabee amma ammaatti kan hin-taane; ammoos, gidiraan hin-taane akkasii nii ta'a" Maarq. 13¹⁸¯¹⁹
Dn Tamirat Gmariam
30/09/16
"Lafti akka lammii tokkotti si hin fudhattu, samiin garuu nagaan dhuftee jettee si simatti; Addunyaan si ari’atti; Ergamoonni qulqulloonni garuu gara olii gara Kiristoositti si fudhatu."
Baasiliyoos Isa Qisaariyaa
⛪ Iyyesuus Fayyisaa Biyya lafaa ⛪
👏Iyyesuus Gooftaadha.1Qor 12:13
👏Iyyesuus Tiksee gaariidha. Yoh 10:11
👏Iyyesuus Uumaadha. Yoh 1:3
👏yyesuus Karaadha.
👏Iyyesuus Dhugaadha
👏Iyyesuus Jireenya. Yoh 14:6
👏Iyyesuus Alfaafi Omeegaadha. mul. 22:13
👏Iyyesuus Fayisaadha. Luq19:9
👏Iyyesuus Ifa biyya lafaati. Yoh 8:12
👏Iyyesuus Biddeen jireenyaati. Yoh.6:48
👏Iyyesuus Burqaa jireenyaati. yoh 4:14
👏Iyyesuus Abbaa bara baraati. Isay 9:6
👏Iyyesuus Qoricha. mat 9:12
Yaa Waaqa lafaa fi samii yaa Waaqa galaanaa fi callabboo yaa Waaqa abbootii keenya durii yaa Waaqa Ergamootaa yaa Waaqa raagdotaa fi duuka bu’ootaa yaa Waaqa tolootaa fi wareegamtootaa hunduma keenya nu fayyisi nuuf dhiisi. Badii keenyas nutti hin lakka'iin. Nuti hojii harka keetiiti hoo.
Malki'aa Iyyasuus
Haadha Mooticha Kiristoos jedhamte. Erga isa deeseen boodaas durbummaadhaan jiraatte. Iccitii dinqii ta'een Gooftaa deesse. Kanaafuu jijiirama malee si eege.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Macaafni qulqulluun kakuu Haaraa Waldaa Duuka bu'ootaatiin Maxxanfame Rakkoo Armaan dura Sirna Qulqulleessaa irratti ture furuu keessatti shoora ol'aanaa qaba!
✦✦✦✦✦✦✦✦✦
Rakkoon Sirna galatoo (Qulqulleessaa) Afaan Oromoon gaggeeffamu irratti ture keessaa inni ijoon Wayita wangeelli dubbifamu Macaafni Afaan Oromoo Kakuu Haaraa Sirna qulqulleessaa irratti dubbifamu dhabamuun isaa qaawwaa guddaa tokko ta'ee ture.
Manni Kiristaanaa Keenya bara Qulqulluun Abbaa Phaawuloos phaatiriyaarikii Itiyoophiyaa turan Oromiyaa keessatti Sirni Qulqulleessaa Afaan Oromoon akka ta'u eeyyamuun Qulqulluun Siinoodoisii Itiyoophiyaas beekamtii kenneefii Kitaabni Sirna qulqulleessaa Afaan Oromoon akka maxxanu taasisus Sirna kana irratti wangeelliifi ergaan garagaraa dubbifamu maal irraa akka dubbifamu fala osoo hin kaa'in waggootni 14 ol darbanii jiru.
Manni Kiristaanattii Macaafni Qulqulluu Afaan Oromoo akka maxxanu dhiibbaa gochuufi itti gaafatamummaa fudhattee Waldaa Macaafa Qulqulluu Itiyoophiyaa waliin hojjettee Afaan Oromoon Macaafa qulqulluu akka maxxansituufii gaaffii Uummatichaa akka deebiftu waggoota 30 oliif gaafatamtus,sana cinatti dhiisuun baasii hedduu baaftee Macaafa qulqulluun Afaan Gi'iiziin akka maxxanu taasiftee jirti.Macaafni kun Afaan gi'iiziin Akka maxxanu namoota deeggaran keessaa an nama tokkoodha. garuu kamtu dursuu qaba kan jedhummoo deebii argachuu qaba.ammatti Macaafa Qulqulluu Afaan Gi'iiziin nuuf maxxansaa jedhee sabni gaafate waan jiru natti hin fakkaatu.
Macaafni qulqulluun Yeroo ammaa kana Afaan Oromootiin maxxanee gabaa irra jiru kan manni kiristaanaa keenyaa hin fudhanneefii dogongora hiikoo jechootaa hedduu kan qabu waan ta'eef Bartee Armaan dura tureen Sirni qulqulleessaa Afaan Oromoon yeroo gaggeeffamu Wangeelliifi ergaawwan gara garaa akkasumas hojiin duuka bu'ootaa tajaajiltootaan Sirna Qulqulleessaa irratti dubbifaman Afaan Amaariffaatiin dubbifamaa tureera.
Waldaan kun Rakkoo bara dheeraa kana hubachuun Kitaaba Kakuu Haaraa Afaan Oromootiin Maxxansuun isaa kan jajjabeeffamu qofa osoo hin taane rakkoo armaan dura tureef fala waarawaa kennuu eegaleera waan ta'eef galatatu isaaf mala.
Maxxansi kitaaba kanaa yeroo jalqabaaf kan gaggeeffame ta'uu isaa irraa kan madde Adeemsa maxxansa kitaabichaafi hanqinaalee biroo tokko tokko qabaachuu nimala.sun fuulduraaf sirratee maxxansa 2ffaa irratti fooyya'uu nii danda'a.ammatti garuu rakkoo ture furuu keessatti bakka guddaa qaba waan ta'eef warri hojii kana irratti dadhabdan hunduu ulfina argadhaa!
Suuqiin Waldaa Duuka Bu'ootaa biifa haaraan tajaajila kennu itti fufeera. Biyya keessa alaas meeshaa qulqullaa'oo fi Kitaabota barbaaddan ajajachuu dandeeasu.
1.Telegram: /channel/+EtXgkvcPLCNiN2Jk
2. youtube: WaldaaDuukaBuutotaa" rel="nofollow">https://www.youtube.com/@WaldaaDuukaBuutotaa
3. Tiktok: tvsagaleedhugaa" rel="nofollow">https://www.tiktok.com/@tvsagaleedhugaa
Odeeffannoo dabalataaf
Bilbila: +251 9 77 77 1155
Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay'ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti «Bifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du'e amma ka'uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiksn kan si arge kan eebbifamedha.» jechuun kadhateera.
Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta'uun garmalee ajaa'iba kan taate Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa «Maariyaam Si'iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta'e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! » jedheera.
Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti «Yaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si'i ni galateffatu, si'is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammadu» jechuun ibseera.
Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa'ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru.
Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis «Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay'ee xiqqoo kan ta'eefii innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta'uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta'e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture. Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta'aan bifti iisaaniis gara 'Bunnaammaa' tti kan siqu, baalleewwan ija ishees Magariisa - Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta'u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta'u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay'ee dhedheeroo turan. Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta'u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture. Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda'udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.» jechuun waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera.
Kitaaba Malka'a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee «Aduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta'a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsi» jechuun kadhateera.
Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju.
Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana «Dabra Mixmaaq» jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan «Abbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'e» (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)
Wareegamtoonnis akka aangoo kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)
Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa
Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du'an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta'e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture. Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture.
"Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."
Qulqulluu Yaareed
#Caamsaa 21 hanga 25 biyya Gibtsii iddoo Dabra Mixmaaq jedhamutti haadhi kenya Maariyamiin namoota kallattii addunyaa afranirraa ayyaana ishee kabajuuf dhufan Islaamafis Kiristaanafis ifaan ifatti mul'attee eebbisaa turte. Ayyaana ishees gammachuudhan kabajaa turan. Yaadannoon kun Biyya keenyas Tsaadqaanee Maariyamiitti addatti kabajama.
Читать полностью…"Qulqulleettiin durboo Maariyaam kan amanamte Waaqas kan deessedha. Dhala namaafis dhiifama kan kadhattudha. Cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara kiristoos Ilma keetti nuuf kadhadhu."
Qulqulluu Efreem
/channel/Ortodoksiidhugaa
Ayyaanni kun yeroo heddu hordoftoota amantichatiin akka ayyaanota kaanii baay’ee yoo sagantaa addaatiin kabajamu hin baramne,xiyyeeffannoodhanis amantoota biratti akka warra kaanii hin kabajamu..Ayyaanota saglan jajjaboo abbootni akka kabajaman tuman keessaa tokko kaan waan ta'eef kadhannaa fi sagantaa gara garaatiin mana kiristaanaatti ayyaaneffachuu qabna. Manni kiristaanaa garuu sagantaa guutuu akkuma ayyaanota kaanii,kadhata halkan guutuu dabalatee sirnoota gara garaatiin ni yaadatti//@nf
GOOFTAA YEROO HUNDA SI YAADANNA!
#GOOFTAA
"Ganna Dura Kottu"
Qulqulluun Phaawuloos, barumsa tiksummaa ergaa isaa isa lammaffaa Ximootewoosiif erge irratti erga bal'inaan barsiiseenii booda, Ximootewoos utuu Ganni hin-seenin dura akka dhufee arguutiif waamuutti jira,
“Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa, siif ergu.” 2Xim. 4:21
Qulqulluun Phaawuloos maaliif akka Ximootewoos ganna dura isa bira ga'u barbaade? Erga ganni seenee hoo yoo dhaqe maal ta'a ture?.
Kana hubachuutiif, biyya eessaa taa'ee, haala maalii keessatti akka ergaasaa lammataa kana Ximootewoosiif barreesse beekuun baay'ee barbaachisaa dha.
Qulqulluun Phaawuloos, kan inni ergaa kana barreesse mana hidhaa biyya Roomaa keessatti ture. Hidhaa keessa utuu jiruu ergaa kana barreessuu isaatiif ragaan, ergaama kana keessatti kan inni akkas jedhe irraa hubachuun nii danda'aama,
"Oneesiforos garuu deddeebi'ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anatti deddeebi'uu hin yeellaane; akkuma mandara Roomaa ga'een dhimmee ana barbaadee, na argates." 2Xim. 1¹⁶
Sababiin hidhamuu isaas, waan haadha manaafi firoota Mootii Roomaa Neerooniin amansiisee cuupheef ture. Hidhamuun isaa kunis, isa lammataafi isa xumuraa ta'uun kan inni ittiin wareegamu ta'uuf jedha.
Kanaaf, Utuu hin-wareegamiiniin dura Ximootewoos mucaasaa hafuurawaa arguu barbaada. Qulqulluun Phaawuloos, Ximootewoos kan dhufu taanaan, utuu gannaan karaa deemuun isa hin danqin akka dafee biraan ba'u barbaadeera. Akkuma beekamu ganni warra dhihaa baay’ee hammaataa dha. Cabbiin ala uffisee, muka uffisee kan nama qorondodu dha. Seenaa gabaabaa yommuu waraana addunyaa lammaffaarratti ta'e dhageenyee turre. Namoota baay’ee waraanaan marfamanii ganna keessa deemaa turan keessaatii, warri kaan yommuu diilalla isaan goganii cabba'aanii hafan, namoonni lama ammoo harka isaanii dabareen walitti rigatanii ho'a argachuun lubbuun isaanii baraaramuun fakkeenya abdii kutachuu dhiisuu ta'ee ittiin barsiifamus, diilalli ji'oota gannaa kan warra lixaafi kan warra baha giddu galeessaa daran gamsiisaa ta'uusaa nutti agarsiisuu danda'a. Dabalataanis, haalli geejibaas akka bara keenyaa bara salphaa hin-turre.
Kanaafuu, bacaqiin gannaa isa danqee Ximootewoos utuu hin-qaqqabiniin wareegamuu hin-feene.
Waa’een akka Ximootewoos utuu ganni hin-seenin gara Qulqulluu Phaawuloosiin dafee dhufuun isaa, waa'eema yaaddoo waqtii tibbaaf kan dubbatame qofaa miti. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa kana irratti Ximootewoos miillaan ganna dura akka gara isaa dhufuuf gaafate.
Gooftaanis, yommuu waa'ee jireenya qaqqabannaa hin-qabne barsiisetti, bifuma wal-fakkaatuun gannaan qabee barsiiseera. Kan inni gannaan qabee barsiises, akkuma Qulqulluun Phaawuloos ganna dura kottu Ximootewoosiin jedhe, Gooftaan ammoo ganna dura miillaan utuu hin-ta'in, jireenyaan akka gara isaa dhufnuutiif akkas nuun jedhee ture,
"Garuu ammoo, baqannaan keessan akka gannaan hin-taaneef kadhadhaa. Yeroowwan sanatti jalqaba uumama Waaqayyo uume irraa jalqabee amma ammaatti kan hin-taane; ammoos, gidiraan hin-taane akkasii nii ta'a" Maarq. 13¹⁸¯¹⁹
Dn Tamirat Gmariam
Bagaa Guyyaa Yaadannoo dhalotaa Haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyam geessaan
Arasumaa ishee hunduma keenya irraa haa buluu Amen
Lafaa Nagaa olaa
👉 Join telegram channel
/channel/+UE8OsP4gdv93PxwT
"Sanyii Daawit keessaa kan argamte si'idha. Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin fooniin waan deessef addunyaa kana dursee kan ture Abbaarraa kan dhalate jechi foon nama uffatee Waaqummaasaa."
Qulqulluu Efreem
Gaaffiwwan gaggabaaboo afuura hamoo irratti
(Kutaa-2)
1. Dhugaa bahuumsa seexanaa amananuun sirriidhaa?
Iddoo xabalaatti fira dhiyoo yookaan nama jaalattan tokko maqaa waamee, abalutu sitti hojjechiise/sitti goosise jedhee ennaa namoota addaan diigu ni agarra dhageenya. Dhugaa bahuumsa seexanaa kana amananii fudhachuun baay’ee rakkisaadha. Inni abbaa sobaati jedhameera. Yoha 8:44.
2. Namni aangoo lubummaa hin qabne seexana baasuu danda’aa?
Eyyee namni aangoo lubummaa hin qabne cuuphuu hin danda’u malee jabina amntii fi kennaa isaaf kennameen afuera hamoo baasuu ni danda’a.
3. Afuurri seexanni namarra bulu tokko moo baay’eedha?
Seexanni namarra bulu yeroo heddu lakkoofsan tokkoo ol. Namarratti wal waamu kitaaba irratti Luq 11;24 irratti akka ibsametti seexanni yoo namarra bahe, namni sun amantiin cimee yoo hin jiraanne, seexanichi inni bahe sun hiriyoota isaa isarra hammaatan torba qabatee namichatti akka deebi’u ibsameera. Akkasuma Gooftaan nama jinniin irra bule tokkoon, maqaan kee eenyu ennaa jedhuun nuti baay’edha,leegiyoon jedhee deebiseeraafi. Marq 5:9
4. Wantootni jinniin akka nurra bulaniif karaa banan maali?
Xa’otaaaf gugguufuu, xonqolaa(tosha), cubbuu, barumsa shakkummaa, rifaatuu fi sodaa olaanaa,hawwii addaa, hawwii daangaa maleessa, araadaa, kan kennaan ittiin argamtu iccitiiwwan mana kiristaanaa irraa fagaatanii argamuu fi kkf salphumatti akka seexanaan qoramnu un taasisu
5. Afuura hamaan (Jinniin) maalii kee mormiti?
Jinniin Fayyaa kee ni mormiti, Nageenya kee ni mormiti, tasgabbii kee ni mormiti, waliigaltee kee ni mormiti, abdii kee ni mormiti, carraa kee ni mormiti, amantii kee ni mormiti….
6. Jinniin karaa kamiin namarra bulti?
Jinniin karaa lamaan namarra bulti. Inni jalqabaa Afuura isaanii namarra bulchuudhaan yoo ta’u inni lammaffaa ammoo fedhii isaanii namarra bulchuudhan
7. Hojiiwwan bu’aalee afuura hamoo ta’an maal fa’i?
Digimtii, salaabii, mora, raatessaa, budaa, ekerawamuu, gaaddidduu-waraanuu,mastefaaqirii, walitti-naqaa(mastetsaaririi), dubbii bittinsaa, qawwee-bishaanessaa, maraammarteessaa, fi kkf
❤️Jaalala Isa Guddaa❤️
✍Hunda kan qabe qaban; hunda kan bitu hidhan; Ilma Waaqa jiraataa hidhan; dheekkamsaan harkisan; Innis jaalalaan duukaa bu'e; warra qalaniin duratti akka hoolaa garraammii hin dubbanne; fuula jaalala gad of qabummaan guutamee booda isaanii hordofsiisanii fudhatan!
✍Angafoonni ergamootaa sodaa fi hollannaadhaan fuula isaa dura kan dhaabbatan waltajjiirra dhaaban; Dhiifama cubbuu kan taasisuun cubbamaadha jedhan; Warreen murteessan irratti kan murteessu isa irratti murteessan; Suraafeliif gonfoo kan gonfachiisu gonfoo qoree gonfachiisan; Kiruubeliif uffata kabajaa/surraa kan uwwisu uffata diimaa itti uwwisan; tuutni ergamootaa sodaa gonkaan kan sagadaniif, dorsisuudhaaf fuldura isaatti jilbeeffatan!
✍Gad of qabuun akkasii gadofqabummaa akkamiiti? Obsi kun hundi obsa akkamiiti? Kana hunda callisuunis callisa akkamiiti? Hamma kana hunda nama jaalachuunis jaalala akkamiidha? Jaalalli Ilma waaqayyoo teessoo isaa irraa gadi buuse hanga du'aattis geessise!
✍Kitaaba Qiddaasee
#Maaf Maqaa qulqullootan Moggaasna ?
Kennaan Waaqayyoon qulqulloota isaatif kenne kan ittiin ibsamu karaa baay’edhaani, kunis eenyummaa qulqullootaa akka ittiin ifuu fi faayidaa saba waaqayyoof akka kennaniifi. 1 Maqaa isaanin mana kiristaanaa ijaaruu 2 maqaa isaanin tsabala, Tsillaatii fi wantoota qulqullaa’oo moggaasuu fi kkf.
1 Maqaa isaanin mana kiristaanaa ijaaruu
Mataan mana kiristaanaa Gooftaa keenya, fayyisaa keenya Iyyasuus kiristoosi , qaama kiristoos kan taate manni kiristaanaa keenya kan uummata isheetif ittiin ibsamtuu fi mul’attu ijaarsi mana kiristaanaa iddoo Gooftan keenya iccitii isaa isa guddaa itti nuuf ibsuu dha. akkuma wangeelarratti dubbatu Gooftan keenyas guyya guyyaan argamee mana qulqullummatti barsiisaa tureera, iddichas qulqulleessera. Luqaas 21:37. Manni Waaqayyoo iddoo foonif dhiigni Gooftaa itti nuuf kennamu iddoo ulfinni Waaqayyoo itti dubbatamu, mana kana keessattis qulqulloonni isaa akka yaadatamuu qaban Waaqayyoon akkana jedheet ajaja, “warra seera koo eegan waadaa koo warra qabatan mana koo fi mooraa koo keessatti maqaa yaadannoo nan kennaaf, maqaa hin badne kan bara baraan jiraatu nan kennaaf” Isaayyaas 56:4. Waadan kun kan kenname namoota filatamaniifi, mootummaa waaqayyoof jecha dabarsanii warra of kennaniifi Maat 19:10. Kanaaf manni kiristaanaa keenyas ajaja waaqa ishee kana fudhachuun qulqulloota qabsuura isaanii xummuranii boqatan maqaa isaanin ni moggaasti. Kun haa ta’uyyuu malee Foonif dhiigni achi keessatti kennamu, qiddasen raawwatamu kabajniif ulfinni jalqabaaf kennamu Waaqayyoo dhafi.
2 Maqaa isaanin Tsabala, Tsillaatii fi Wantoota biroo moggaasuu
Kitaaba qulqulluu keessatti akkuma barannu Gooftan keenya karaa adda addaan raajii namootaf hojjeteera. Isaan tokko dubbachuu qofaan fayyiseera, isaan biroo harka isaan tuqee fayyiseera, isaan biro immoo gara tsabalaa “refer” erguun isaan fayyiseera. Kanaaf Waaqayyo karaa hunda ni fayyisa. Jecha isaan fayyise jechuun tsaballi hin barbaachisu jechuu miti. Tsabalaan fayyise jechuun harka isaan hin fayyisne jechuu miti, akka fedha isaatti raajii raawwata. Nama jaamaa sana Yoh 9:1.. akkasumatti jecha qofaan fayyisuu danda’a ture, tsaballis akka fayyadu nutti himuuf deemi bishaan salihoomitti dhiqadhu jedheen innis deemee ijji isaa fayyee deebi’e. salphaatti hin ilaalinaa kan ajajaa jiru Gooftaa hunda danda’u uumaa samiif lafaa, Waaqa bishaanota uume ofiif dadhabee miti daandii fayyina foonii keenyaa ittiin nuuf baay’isuuf malee. Tsaballi kan argamu qe’ee mana Waaqayyootti, akkuma duratti dubbate qulqulloota isaaf mooraa isaa keessatti maqaa hin banne kan bara baraan jiraatu kenneefira, ququllootarra bulee kan fayyisu, aangoo ittiin fayyisanis kan kenneef Waaqayyoodha. “kanin ani hojjedhuu oliyyuu ni hojjettuu jedhee humna kan kenneef isa. Tsaballi maqaa isaanin moggafamus maddi humna isaa Gooftaa keenya. Tsillaatinis kanuma maqaa qulqullootan yoo moggafameyyuu foonif dhiigni irratti kennamu, galatni irratti dhiyaatu, kan Waaqayyooti. Tsillaatin yommuu qophaa’uyyuu, gubbaatti fakkii Sillaasee, itti aanee Haadha keenya Maariyamii ilma ishee waliin dhumarratti kan qulqulluu sanaa bocameet hangafoota phaaphaasotaan eebbifameet gala. Kunis maqaa yaadannoo qulqullota isaaf kenne fudhannee waaqayyo galateeffachaa qabsuura fi jabina amantii isaanirraa eebba argachuufi. Malee kabajni qulqullootaa kan waaqayyo maddiitti hanga copha imimmaanii galaanatti buutuyyuu hin ta’u, maqaa isaanii waamnee akka isa kadhannuuf Waaqayyoon seenaa qulqulloota baay’ee keessatti nutti agarsiisera. Toloota isaa yaadannoo fi iddoo moggasnee yommuu kabajnu Waaqni keenyas nutti gammada. Akkuma abbaan kabajamuu ijoollee isaatti gammadu. ulfinni Waaqayyoo kan biraa kan dorgomaa hin qabne, ulfinni qulqullootaa kan biraati kan isarraa argatani.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u, kabajniif ulfinni qulqulloota isaaf haa ta’u
Dn Bezabih Debele
Jaalala fi kaadhimaa Online?
Online wal jaalachuufi wal kaadhimachuu walfuudhuun danda’amaa?
Gaaffii kana deebisuun duratti namni eessatti wal arga? Kan jedhu beekun barbaachisaadha. Keessumattu namni haadha warraa/abbaa warraa ofiif filatu kana dura lafti itti wal argu mana barumsaa, mana barumsa sanbataa, ayyaana waloo, gabaa, safara, iddoo bishaan waraaban, iddoo dheedhii itti hororan, bakka namni itti wal gahu, fi kkf ta’uu danda’a. Dur ammoo yeroo warri ijoollee bakka bu’ee yoo waliif kaadhimus jira.Amma sun baay’uma hin jiru hin deeggaramus. Jabana ammaa kana ammoo wantoota addunyaa jijjiran keessaa tokko interneetidha. Interneetidhaan baratu, tajaajilu, bitu, gurguru, haasa’u of ibsu kkf dha. Interneeti ammoo harka caalu dargaggootatu fayyadama. Sababa kanaan carraan interneetidhan wal baruu, yaada wal jijjiiruu, wal jaalachuu wal kaadhimachuu fi wal fuudhuu jiraachuu danda’a jechuudha. Kanaaf gaaffii kanaa olitti ka’eef kara interneetiin namni wal quunnamee bultii horachuu danda’a. Haa ta’u malee wantootni sirriitti jala muramanii beekamuu qaban jiru. Maalif jennaan carraan interneetin wal jaalatanii wal kaadhimachuu Faayidaa fi Miidhaa Mataa isaa qaba waan ta’eef. Miidhaa isaatu caalas. Faayidaa fi miidhan isaa maali?
1. Faayidaa Isaa
• Carraa hiriyaa barbaadan argatanii itti haasa’anii yaada wal jijjiiran ni uuma
• Carraa namoonni biraa akka waliin dubbi kana keessa hin galle ni taasisa jechuunis kaadhamaa fi kaadhimamtuun qofa dubbii ofii fixatu jechuudha, maatii fi jaarsoliin sanaan booddee itti aanu
• Namoota namatti siqanii haasa’uu sodaataniif carraa gaariidha
• Namoota carraa namaan wal arguu hin qabneef (fakkeenyaf hojiin tokko tokko carraa hiriyaan wal arguu namaaf hin kennu. Namootni biyyarraa fagaatanii jiraatan,biyya ba’anii haala rakkisaa keessa jiran,namoota biyya isaan jiranitti carraa akkasii aragchuun rakkisuu fi kkf
2. Miidhaa Isaa
Jaallala onlinetiin akkuma faayidaa qabu miidhaa baldhaas qaba. Kanaaf namni gama kanaan jaalala tolfatee bultii horachuu barbaadu of eeggannoo guddaa gochuu barbaada jechuudha. Keessumattuu Odeeffannoon interneetirratti namoota sanaan gadi dhiifamu baay’en isaa soba ta’uu mala. Hanga yoonaatti muuxannoo namoota gara garaa irraa odeeffannoowwan namooni waliif qoodan kan kanaa gadii soba ta’ee yeroon argamu hedduudha
Miidhaa akkamii qaba?
• Odeeffannoo waa’ee seenaa bultii isaa/ishii kan kana duraa soba ta’uu mala
• Odeeffannoo waa’ee qabeenyaa, sadarkaaa brumsaa fi hojii soba ta’uu mala
• Odeeffannoo waa’ee maatii soba ta’uu mala
• Odeeffannoo waa’ee umurii, suuraa fi kkf soba ta’uu mala
• Keessumattuu ammoo obboloota keenya maatii fi biyya irraa fagaatanii jiran irraa sobaan qarshii fudhachuudhaan booda gaa’ilicha dhiisuu danda’u
Akkasumas
• Mufannaan yookaan ammoo garaagarummaan yaadaa gidduu lamaanitti yoo uumame, jecha tokkoon block wal gchuudhaan wal miidhuu danda’u
• Garagarummaan yoo uumametti homaa walitti hambifachuu dhiisuun ni mul’ata. Keessumattuu jechoota fi gochoota xinsammuu/saayikolojii/ miidhuu danda’anitti dhimma bahuu malu
• Yeroo muffiitti iccitii gaafa jaalalaa waliin haasa’an miidiyaa irratti baasanii firfirsuu uumammuu danda’a
Kanaaf namni gama kanaan bultii horachuu qabu of eeggannoo akkamii gochuu qaba? Yookaan ammoo sirumayyuu gocha akkasii kana dhiisuu qabaa?Kan jedhu kutaa itti aanutti ilaalla. @nhf
Eebba Oromoo
Eebba dhimmaa ayyaanaaf Waaqa kadhatanii fi galata galchanii ittiin jalqaban ykn xumuraniidha.
Eebba Cidhaa
Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Dhallaaduu lagarraa tahaa
Baattoo jaldeessaa tahaa
Eessumni gaarii dhalatee gidduu haa marmaaru
Arrii waliin filadhaa
Na hoofkalchaa
👉 Join telegram channel
/channel/+UE8OsP4gdv93PxwT
Waaqayyo kan deessee yaa giiftii keenyaa, hundumti keenya si galateeffanna dhiifamni kee hundaa keenyaaf akka ta'uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi duraa namummaa keenyarra bule kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan deessee Dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati. Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa Durboo Maariyaamiin nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa Kiristoosidha. . Icciitii dinqii waa'ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda'uu laphee isa kami? Dhaga'uu kan danda'u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta'u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta'e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta'uunshee beekame. Waaqayyo bal'inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphinafi ciniinsuudhaan akaa deessu itti murta'ee ture argama jireenyaa taatee. Abaarsa namummaa keenyarraaa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu "Yaa nama kan jaallatu ulfinni siif haa ta'u arjaafi fayyisaan dhaqna keenyaasidha." jenne haa galateffannuun.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture.
Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Sooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi'u» Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga'aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa'ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu.
Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin, Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin,
Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture.
Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet «Haadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaa» jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture.
👏Baga Geessan👏
⚜Waa’ee Dubroo⚜
👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!'
👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati"
✍#QSaawuroos isa #Antsookiyaa
Eebbi ishee biyya keenya irra haa bulu! Ameen!
Icciitii Gaa'ela Keessaa Jiru
* Qulqulluun Phaawuloos Gaa'ela ilaalchisee hunda dura dhimmoonni hubatamuu qaban maal fa'a akka ta'an kiristaanota Efesooniif akkasitti barreessee ergeefii ture;
* Haati manaa abbaa manaaf abboomamuu akka qabdu Efes. 5:22-24
"Yaa warra haadha manaa! Akkuma Gooftaa Iyyesuusiif abboomamtanitti abbaa manaa keessaniifis abboomamaa! Kiristoos mataa Mana Kristaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaati; Kiristoos fayyisaa Mana Kiristaanaati; Manni Kiristaanaa immoo dhaqna (qaama) Isaati. Manni Kiristaanaa harka Kiristoos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu"
* Abbaan manaa haadha manaa jaalachuu akka qabu Efes. 5:25-30
"Yaa warra abba manaa! Kiristoos akkuma Mana Kiristaanaa jaallate, Isheefis dabarsee of kenne, akkasuma isinis haadha manaa keessan jaaladhaa! Manni Kiristaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kiristoos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa. Mana Kiristaanaa xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira. Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kiristoosis mana kiristaanaaf akkasuma godhe.
* Icciitii guddaan Gaa'ela keessa jiraachuu isaa Efes. 5:31-Xum
"Caaffanni qulqullaa'aan, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u” in jedha. Icciitiin kun guddaadha; inni waa'ee Kiristoosii fi waa'ee mana kiristaanaa ni dubbata jechuu kooti. Haa ta'uutii isin keessaas immoo tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu"
Maqaa abbbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokkoon ameen 🙏
Baga guyyaa haadha teenya waadaa araaraa/kidanimiret geessan geenye
Waaqayyo Haadha keenya waadaa araaraa/kidanimiret irraa eebba fi gargaarsa nuuf Haa qoodu 🤲🤲🤲
Araarsummaan fi kadhannaan haadha teenya waadaa araaraa baraa hanga baraatitti nu waliin Haa jiraatu 🤲🤲🤲