"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
#Sa’aatiwwan kadhannaa Torban....ሰባቱ የጸሎት ሰዓታት
Ajajni mana kiristaanaa guyyaatti yoo xiqqaate namni tokko si'a torba kadhannaa taasisuutu irraa eegama jedha sa'aatii murtaa'as qaba ...
✅ ganama sa'aa 12 ..... sa'aatiin kun uuma uumamtootaa Fayyisaan Aduunyaa inni ofii isaaf abbaa murtii ta’ee osoo jiruu Jaalala dhala namaaf Cubbuu keenyaf jedhee Kamisa galagala erga qabamee booda harki isaa hidhamee firdii (murtoodhaf) philaaxos fuuldura sa’aatii dhaabbate waan ta'eef gidiraa isarra gahe yaadachaa dhabbannee bariidhan kadhannaa taasisna.
✅ ganama sa'aa 3 .....seera Ayhuudotaan erga du’i itti murtaa’ee booda namni hin garafamu ture, Gooftaa keenya garuu du’as itti murteessanii reebichas irraan gahan, kanaaf sa'atii Gooftan Philaaxos fuulduratti itti garafame (reebame) waan ta'eef fi sa'aatii Haati keenya Hewaan itti uumamte waan ta’eef isaan yaadachaa kadhanna.
✅ guyyaa sa'aa 6 ......guyyaa jimaataa sa’aa kanatti addunyaan dukkanooftetti sa'aatii Gooftan itti fannifamee fi sa'aatii Addaam itti dogongore waan ta’eef gidiraa uumaa keenyarra gahe yaadachaa dhabbannee kadhanna.
✅guyyaa sa'aa 9 ..... du’a Addaam balleessuf ofii isaaf du’ee sa'aatii Gooftan keenya foonif lubbuu isaa adda itti baase waan ta’eef kadhanna
✅ galgala sa'aa 11 .... Samiin teessoo isaa lafti ejjennaa miilla isaa kan ta’e Waaqni keenya Foon isaan sa'aatii itti awwaalame waan ta'eef.
✅ halkan sa'aa 3 .... Guyyaa guyyaa uummata keessa deemee barsiisaa oolee galgala duuka bu’oota isaa akka itti kadhatan, qorumsa ce’uf akka kadhachuu qaban kadhannaa "yaa abbaa keenya.." jedhu sa’aatii itti barsiifame waan ta'eef
✅ halkan sa'aa 6 ...... uuman keenya sa'aatii Beeteliheemitti itti dhalatee fi du'a Addaam balleessee du’a moo’atee ka’uu isaa sa’aatii itti yaadannu waan ta’eef gammachuudhan dhaabbanne Waaqa keenya galateeffachaa kadhanna.
ana dabalatee baay'en keenya dhuguma sa'aatiwwan kan eegnee ni kadhannaa.... garuu @least yaa abbaa keenya jechuu qabna #share
Dn Bezabih Debele
July 2016
"Adduunyaa dura kan ture har'as kan jiru gara fulduraattis adduunyaa dabarsee kan jiraatu Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluuttiin ol-ka'een mallatteeffadha;maqaalee(maqoota) kanneen qabadheen itti hirkadha; yoonan kufe nan ka'a; gara dukkanaatti yoon deeme Waaqayyoo naaf ibsa; Waaqayyottis nan amanadhee"
👉Qulqulluu Yaareed
"ቅድመ ዓለም የነበረ ዛሬም ያለ ወደ ፊትም ዓለም አሳልፎ የሚኖር በአብ በወልድ በመንፈስ ቅዱስ ስም ተነሥቼ አማትባለሁ፤ እነዚህን ሦስት ስሞች ይዤ እመረኮዛለሁ፤ ብወድቅ እነሣለሁ፤ ወደ ጨለማ ብሔድ እግዚአብሔር ያበራልኛል፤ በእግዚአብሔር ታመንኩ”
👉ድጓ ዘሥላሴ ኆኅተ ስብከት ዘቅዱስ ያሬድ
"Sillaasee qulqulluu keesaa inni tokko Ilmi, salphina keenya argee, samii samiirras bu'ee gad of qabee dhufee garaa maariyaam keessa bule. Cubbuu hojjechuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta'ee. Akkuma raajoonni dubbataniifiitti Beetaliheemitti dhalate jaallate nu fayyise, gartuu isaas nu taasise."
Qulqulluu Efreem
"Hangafoota keessan warreen sagalee Waaqayyoo isinitti hime yaada dhaa!
Firii jireenya isaaniis akkaa ilaaltan amantii isaaniin isaan fakkaa dhaa!"
Ibr.13:7
ATI YAA NAMAA.....!
Sagalee waaqayyoo baradhu! Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu! Yeroo hunda baradhu! Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu! Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta! Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu! Kanaaf BARADHU! Yoo baratte yoo xiqqaate yammuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta! Kun immoo balbala gaabbii siif taati! Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti!
Q.Yohaannis Afaan warqee
“"Ani isinittan hima, nama ta'ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis irra kan caalu hin jiru; garuu mootummaa Waaqayyootti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala" jedhe.”
— Luq. 7:28
የInstagram page ነው እየገባችሁ Follow አድርጉት🙏🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.instagram.com/behlateabew?utm_source=qr&igsh=MWZlbjB2ZXAxNmY1aQ==
⚜️ #Jireenya_Gaabbii ⚜️
➭Abboonni gaafa dubbatan, 'namoonni mana kiristaanaa keessatti rakkoo guddaa uuman warra gaabbii hin galledha" jedhu. Dhugumayyuu mana kiristaanaa keessa jiraatanii jireenyi isaanii garfmruu akka ta'utti kan hin jijjiiramne namoota gaabbii hin galledha. Namni jireenyi isaa kan jijjiiramu hammuma qalbii isaa jijjiirrateen qofadha.
➭Namni tokko tokko barbaachisummaa gaabbii waan hin hubanneef rakkoo isaa qalbii jijjiirrachuudhaan furamu waan biraatiin furuuf ni dhama'a. Namni tokko tokko mataa isaa gadi qabatee gaabbii galuu irra hojii gaarii hojjetee rakkoo jireenya isaa keessa jiru furuuf osuma dhama'uu jireenya isaa gaggeessa. Garuu irra caalaa Waaqayyoon kan gammachiisu jireenya nama gaabbii galuuti. Hojii gaariin nama jireenya gaabbii hin qabne kamiyyuu Waaqayyoon hin gammachiisu.
"Isinittan hima, 'akkuma kanatti cubbamaan tokko qalbii isaa jijjiirratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni itti gammadu” jedhe. Luq. 15:10
➭Namni tokko tokko immoo dhiifama argachuun bilisaan akka ta'e waan hin hubanneef gaabbii galuu fi deemsa isaa jijjiirrachuu irra hojii hamaa hojjetuuf hojii gaarii hojjechuun gatii kanfaluu barbaada. Jireenya gaabbii yoo hin qabaanne hojiin gaarii kamiyyuu kan hojii hamaa nuyi hojjenneef kanfalamu hin jiraatu.
"Nuyi hundumti keenya garuu akka wanta xuraa'aa taane, qajeelummaan keenya hundinuus akka uffata abaarsaa in ta'e; nuyi hundumti keenya akka baalaa harcaaneerra, yakki keenyas akka qilleensaa nu fudhatee in adeeme. Isaay. 64:6
➭Hojii gaariin nama qalbii isaa hin jijjiirrannee Waaqayyoo duratti akka uffata abaarsaati. Namni cubbuu hojjetu kan inni gaddisiisu Waaqayyoonidha. Hojii hammeenya hojjechaa Waaqayyootiin hojii gaariidhaan hin gowwomsinu. Kana jechuun hojii gaarii nuyi hojjennu jireenya gaabbii keessa jiraachaa ta'uu qaba jechuuf malee hojiin gaarii hin barbaachisu jechuuf miti.
"Kanaafis isin yaada garaa keessanii isa haguugame qulleeffadhaa, si'achis deebitanii boqu-jabeeyyii hin ta'inaa! Egaa Waaqayyo gooftaan keessan waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, gooftaa gooftotaa, Waaqayyo isa guddaa, isa aango-qabeessa, isa sodaatamaa dhas; inni nama wal hin caalchisu, gabbarsuus hin fudhatu" K.Deeb. 10:16-17
➭Gaabbii galuu jechuun immoo bo'uu qofa miti; gaabbii galuu jechuun cubbuutti gadduu qofa miti. Gaabbii galuu jechuun jijjiirama jireenyaati.
"Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'iinaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of jijjiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha" Room. 12:2
➭Waaqayyoo kan fudhatu firii namni gaabbii gale sun buusedha. Namni erga gaabbii galee booda deebi'uu isaa kan agarsiisu hojii gaarii hojjechuutti jabaachuu isaatiin fi gara qulqulluu Foon fi kabajamaa Dhiiga isaatti dhiyaachuu isaatiinidha. Qalbii jijjiirrachuutiin ala wanti biraan jireenya nama dogongore tokkoo jijjiiru hin jiru. Jireenyi namaa kan boqotu gaabbiidhaanidha.
"Waaqayyo gooftaan inni qulqulluun kan Israa'el,
'Isin yoo deebitanii fi yoo gab jettan in fayyitu,
calluma jettanii isa yoo amanattaniif ni jabaattu; isin garuu diddani' jedhe' Isaay. 30:15
➭Waan wal-fakkaataa akkaa taasisne jijjiirama jireenyaa eeguun gowwummaadha. Daadhii wayinii isa haaraa gaanii (hubboo) moofaatti akkuma hin naqne sana jireenyi keenya karaa haaraan akka eegaluuf isa moofaa dhiisuu qabna.
“Akkanuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan, qodichi in dho'a, daadhichi in dhangala'a, qodichis in bada. Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu malee; akkasitti wal- eegu” Maat. 9:17
➭Milkaa'inni fi raawwiin kan jiraatu cubbuu dhoksuun osoo hin taane cubbuu dhiisuudhaani. Kan qulqulloofne waa'ee cubbuu keenyaaf yoo gaabbii galle qofadha.
"Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata" Fak . 28:13
Akkasuma qulqulluu Yohaannis muldhata isaarratti ka`iitii mana qulqullummaa Waaqayyoo fi iddoo aarsan itti dhiyaatu fi bakka itti sagadan safari naan jedhe jedha (Mul 11.1).Qulqulluu Daawitis gara mana Waaqayyo deemna yoon naan jedhan nan gammade kan jedhu mana kiristaanaa ibsuufi (Far 121.1). Aarsaa Waaqayyoof dhiyaatu hundumas bakka garaa keenyatti akka hin dhiyeessine Waaqayyo akeekkachiiseera(Keessa Deebii 12:13)
Baga geessan. Araarsummaan haadha keenyaa hunduma keenya waliin haa ta'u//
"Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate. "
Qulqulluu Efreem
ATI YAA NAMAA...
✍️Sagalee Waaqayyoo baradhu.Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu.Yeroo hunda baradhu.Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu.Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu.Kanaaf baradhu.Yoo baratte yoo xiqqaate yemmuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti.
Yohaannis Afaan-warqee
🔥እንኳን አደረሰን
🔥Baga geenye🔥
🌺‹‹ወነአምን በመንፈስ ቅዱስ ነባቢ በውስተ ሕግ ወሰባኪ በነቢያት ዘወረደ በዮርዳኖስ ወተናገረ በሐዋርት ወኃደረ በቅዱሳን ወነአምን ቦቱ ከመ ውእቱ ህላዌ መንፈስ ቅዱስ ፍጹም ጰራቅሊጦስ ዘኢተፈጥረ ዘሠረፀ እም አብ ወነሥአ እም ወልድ››🌺
"Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni "Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an. Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.
💐Yihudoonni Waaqayyoon sodaatan Yerusaalem kan jiraatan, saba irra lafa hundumaa keessaa kan dhufan turan. Jarreen kun hundinuu huursaa kana yommuu dhaga'an, iddoo kun ta'etti dacha'an; warri hafuura qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkon tokkon isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na'anii dinqifatanii, "Warri dubbachaa jiran kun hundinuu Galiilota miti moo?" jedhanii gaafatan.
Dabalaniis, "Tokkon tokkon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan dhageenya? Nuyi warri biyya Phaartee, warri Meediyaa, warri Elaam, nuyi namoonni Mesophotaamiyaa, warri Yihudaa, Qaphadooqiyaa, Phonxosiifi Asiyaas, nuyi warri Firiigiyaadhaa fi Phamfiliyaa, Gibxiidhaa fi kutaa Liibiyaa keessaa naannoo mandara Qareeneetii, nuyi warri Roomaas biyya ilaaluudhaaf kan dhufne. Nuyi Yihudoonni, amantii warra Yihudootaa kan fudhannes, nuyi warri Qareexisii fi Araboonni, isaan kun hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii keenyaan utuu jajanii in dhageenya" jedhan. Hundumti isaanii na'anii waan godhan wallaalanii, "Kun maal ta'uuf jedha?" jedhanii wal gaggaafatan. Kaan immoo, "Isaan kun daadhii jabaa quufaniiru" jedhanii itti ga'isan.
💐Phexros garuu warra kudha tokkoo wajjin dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, namootatti dubbachuutti ka'e, "Isin yaa warra Yihudootaa, warri Yerusaalem jiraatanis hundinuu, mee hubadhaa, dubbiin koos isiniif haa galu! Jarreen kun kan machaa'an isinitti hin fakkaatin, amma ganama, yeroonis sa'aatii sadaffaa dha! Inni asitti ta'e kun garuu, waan Waaqayyo afaan raajicha Yo'eliin dubbatee dha; 'Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta'a jedha Waaqayyo, foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna, ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu;dargaggoonni keessan mul'ata in argu, maanguddoonni keessanis abjuu in abju'atu. Eyyee, guyyoota sanatti hojjetoota koo warra dhiiraa fi dubartiidhaaf hafuura koo nan kenna, raajiis in dubbatu. Wanta dinqisiisaa ol waaqa irraa, milikkitas gad lafa irraa,dhiigaa fi ibidda, aara lafa gurraachessus nan argisiisa; guyyaan gooftaa inni guddaanii fi dinqisiisaan utuu hin dhufin, aduun dukkanatti, jiinis dhiigatti in geddaramti. Maqaa gooftaa kan waammatu hundumtinuu immoo in oola' jedhe." Hojii duuka bu'ootaa 2÷1-21
❤️Galanni Afuura qulqulluuf ❤️
"Yaa Gooftaa guyyaa hundumaa gara keetittan iyaatii na fayyisi."
Faar.86÷3.
BAGA GEESSAN BAGA WALUMAAN GEENYE !!!!!! “Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7)
WAXABAJJII 12
➭Guyyaa kana qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha. Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraataa turanidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaaniis rakkataaf maqaa Qululluu Mikaa’eliin ni kennu ture. Abbaan warraa Afoomiyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni" jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.
➭Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan guddachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatiin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhatteetti. Yeroo kana Seexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyaanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seenaa waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiru sanatti waamte, yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif. Ammas, wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargaaru hin jiru, horii kee of duraa akkanumaan hin fixiin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhannee dhufne” jedhaniin.
➭Ammas, "Koottu haati warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf, koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajjeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristaanaa miti” jetteen.
➭Isheenis, “Koottu dhuguma yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase, “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi" jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti, Qulqulluu Mikaa’el fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee, halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afoomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheeni; gara manaa isheetti ol seene. "Waaqayyoos, baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis, “Ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eel dha, yeroo darbe Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa waan deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.
➭Ammas, "naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabneree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen.
"Iyyesuus Kiristositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan ta'e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta'e hin jiru. Nuu fayyisuuf samiirraa gad bu'e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaamirraa nama ta'e. Nuuf jedhee fannifame, bara Philaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du'e awwaalame, guyyaa sadaffaattis du'a mo'ee ka'e; akkuma ktaabolii qulqullaa'ootti barreeffame, ulfinaafi galataan gara samiitti ol ba'e, mirga Abbaasaa taa'e; lammaffaas warra du'aniifi jiraattota irratti murteessuf galataan ni dhufa."
HUNDEE AMANTAA
Waaqayyo aarsaa maalif namarraa barbaada?
Kitaaba qulqulluu keessatti aarsaan Waqaayyoof yeroo dhiyaatu ni agarra. Aarsawwan gara garaa dhiyaatanis kakuu moofaa keessatti aarsan baldhinaan dhiyaatu dhiiga beenladaa ture. Keessumattu dhiigni Hoolaa, reee, kan gugee, kan Dibichaa wareegaf ni dhiyaata ture(Lew 3:1,Lew 1:5;Lew 16:4;Uum 22:14). Fakkeenyaaf Waaqayyo Fara
onootatti dheekkamsa isaa agarsiisuuf yemmu hangafoonni hundumti duan warra Israa
loota isaan gabrummaa Masrii jala turaniin garuu hoolaa qalanii maqaanii fi gubanii irratti dhiiga isaa akka facaasan ajaje. Warri akkas godhes dua ijoollee hangafaa jalaa ni baraaraman ture. Kunis Faasikaa Israa
elootati(Ba’u 12:7).Akkasumas bakka adda taetti dhadhaa ejersaa fi wanta nyaatamu irraa gadi naquun kabaja Waaqayyoof qaban ni agarsiisu ture. Fakkeenyaaf Yaaqoob bakka Waaqayyo abjuun itti muldhatetti dhagaa dhaabe, aarsaa wanta dhugamurraayis irratti dhangalaase,dibata zayita ejersaas irratti dhangalaase(Uma 35:13).
ee dhiyaachaa ture(Leewwota 4:5) Akkasuma guyyaa gammachuu fi ayyanattis aarsan ni dhiyaata. Lakkoofsa 28:29. Geediyoon ergamaa Waqaayyoo duratti aarsaa dhiyeessee ture. Kunis fudhatama argateeraafi. Abeeli fi Qaayel aarsaa dhiyeessanii,aarsan Abeel waan fudhatama argateef, Qaayel Aabelitti hinaafe isa ajjeeseera. Lapheen caphes akka aarsatti ni dhiyaata.Aarsan waaqayyoo afuura kasoominaati akkuma jedhu(Far 51:17). Aarsaa dinqisiisaa keessaa ammoo aarsaa Abirahaam ajaja Waaqayyoon Waaqayyoof dhiyeessuf murteessee turedha,innis ilma isaa Yisihaaq ture. Waaqayyo Abirahaamin ilma kee naaf wareegi jedheen(Umama 22). Abirahaamis aarsa sana dhiyeessuf mamii tokko malee ilma isaa Yisihaaqin qalee aarsaa gochuuf Tulluu Mooriyaa irratti ol bahee ture. Billaa ittiin qalamus morma mucaa isaarra yemmuu gochuuf hedu mamii tokko malee ajaja kana raawwachuuf kan murteesse ta
Aarsaa dhiyeessun kun kallattii Waqaayyoon tajaajiluu, Waaqayyoof bitamuu fi jaalalaati.Akkasumas dhiifama cubbuutiif bakka buusa tauusaa kan arge Waqaayyo ergamaa isaa ergee mucaa isaa akka hin qalle dhoorkeera. Kanarras kan hubannu Waqaayyo wareega kan namarraa barbaadaa ture, jaalalaa,isaaf abboomamuu fi amantaa nuti Waqaayyoof namni qabaacha ture kan ittiin ibsatu malee Waaqayyo dhiiga uumama kamuu ni barbaada jechuu miti.
eera. Kakuu haaran hundefefameera. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kamisa galgala yeroo Yihudoonni akka seera kakuu moofaatti hoolicha mana qulqullummaateti qalanii dhi’a galgalaa fuudhanii mana isaaniitti eega qooddatan booda fakkeenya kan ture hoolaan faasiikaa sun darbee “Kunoo Hoolaa Waaqayyo Isa cubbuu addunyyaa haqamsiisu” kan jedhame Hoolaa (aarsaa) dhugaan bakka bu’e. Dhiyaana kakuu moofaatti isa kabaja ayyaana Faasiikaaf taasisamu irraa taa’ee jiruu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Hibistii Faasiikichaaf dhiyaate irraa kaasee eebbisee cabsee (kutee) kun Foon kiiyya, xoofoo isaas kaasee kun sababii haqama cuubbuu namoota dhiiga kiyyaa dhangala’udha” jechuun akka nyaatanii dhuganiif bartoota Isaaf laateera (Maat. 26:26). Kunoo aarsan sun,yeroo qurbaanatti yeruma mana kiristaanaatti ni dhiyaata waan ta
Kakuu haaraa keessatti garuu aarsaan beenladaa hafeera. Hin barbaachisu. Aaarsaan beenladaa altakkaa dhiiga Gooftaa Iyyasuus isa cubuurraa nama dhiqu sanaan bakka bueef,sichii dhiigni beenladaa aarsaf dhiyaatu hin jiraatu. Kakuu moofaa keessatti beeldni balleessaa isaa malee cubbuu namaaf bakka bu
ee dhiigni isaa akkuma dhangalae,Gooftaa Iyyasuus cubbuu dhala namaa hunduma baatee,cubbuu malee cubbamaa ta
ee Qaraaniootti fannoorra oolera. Kanaanis dhiiga isaatin Waaqummaa isaatin ofitti nu araarse.
e kanatti jiraachaa, aarsaa jaalalaa,kasoominaa,tokkummaa haa dhiyeessinu.Ameen.
Kanaaf hoola jedhame. Hoolaa Faasikaa! Hoolaa cubbu nama hundumaaf dhiifama argamsiisu Gooftaa Iyyasuus!Kunoo cubbuu dhala namaa hundumaaf dhiifama kan argamsiisu hoolan Waqaayyo akkuma jedhame.Yoha 1:29. Dhiigni Gooftaa keennaa Iyyasuus Kiristoos Cubbuu hundumarraa nu dhiqa.(1Yoh 1:7). Egaa amma aarsaa altakka dhangala
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko.Ameen
Baga guyyaa Sillasseen uumasn keenya mana Abbaa keenya Abrihaamii fi Saaraatti argamee isaan eebbisee fi guyyaa ilmisaanii eebbifamaa Isiyasqi itti dhalate Adoolessa 7n(Torbaan) isin ga'e.Ameen!!
"Sa'aatii Waaree irratti inni Abrihaam balbala dunkaanasaa otoo taa'ee jiruu Waaqayyo mukicha guddicha jalatti mul'ateef. (ኦሪት ዘፍጥረት ምዕ. 18)
Innis ijasaa ol kaasee namonji SADIi dhaabatanii arge. Yeroo argettis isaan simachuuf fiige. Yeroo isaaniun argettis isaan simachuuf fiige.Gara lafaattis gadi jedhee sagadeef" Se.uma.18:1--3
*" Waaqayyos akkuma dubbate Saaraa yaadate. ;Waaqayyo akkuma jedhetti Saaraaf raawware. Saaraanis ni ulfoifte; baatii (ji'a) Waaqayyo dubbatatti eega Abrihaam dulloomee booda Saaraan mucaa ilmaa ulfoofteef. (Se.Uma.21:1--2)
.(ኦሪት ዘፍጥረት ምዕ. 21)
1፤ እግዚአብሔርም እንደ ተናገረው ሣራን አሰበ፤ እግዚአብሔርም እንደ ተናገረው ለሣራ አደረገላት።
2፤ ሣራም ፀነሰች፥ እግዚአብሔርም በተናገረው ወራት ለአብርሃም በእርጅናው ወንድ ልጅን ወለደችለት።
Guyyaan kun guyyaa gamnachuu guddaadha. Sillaaseen uumaan keenya akkuma rakkoo fi dhiphina Abrihaamii fi Saaraa furmaata guddaa gammachuu hunda keenyaa Yisihaaqiin itti araarame nu ijoolleesaa hunda keenyaaf dhiphinaa fi qurumsa ulafaataa keessa jirtu irraa, guutuu biyya keenyaa waraanaa fi nageenya dhaburraa, uummatasaa hundaaa jireenya gadadoo irraa hambisee hundumaafuu furmasta gaarii nuuf haa kennu.
Arjummaan Waaqayyoo, waasaa fi araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyaamii, kadhannasn qulqullootaa hunda keenya wajjiin hasta'u. Waggaa dhufuun nu haa ga'u.Ameen!!!
" walitti lallabaniis, Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha" in jedhu turan."
Isaayaas 6: 3
Nageenyi fi jaalalli Waaqayyo bakka jirtanitti isiniif haa baay'atu ijoollee tawahidoo hundaa keessaniif Ameen.
Baga ayyaana waggaan kabajame oolu guyyaa uumaa keenya qulqulleetti Sillaasee geessan, geenye ameen araarri fi dhifamni uumaa keenya Sillaasee nuuf
haa baay'atu Ameen.
👉/channel/Ortodoksiidhugaa
Baga guyyaa yaadannoo Duuka Bu'oota Gooftaa Qulqulluu Pheexiroosi fi Phaawuloosin akkasumas xumura sooma Duuka Bu'ootaatiinis isin gahe. Ayyaana gaarii!
Читать полностью…"Dhalachuu isaatiin namoonni baya'een ni gammadu." Luq 1:14
Waa'ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Dhugaa kana beektuu?
Seenaa Dinqisiisoo, qabsuura fi jireenya Yohaannis Cuuphaa
Qulqulluu Yohaannis cuuphaan qulqulloota kaan irraa seenawwan adda ta’ee fi baay’ee nama dinqu qaba. Eebbi qulqulluu Yohaannis cuuphaa nu irra haa buluuti, dhugaa qulqullicha Yohaannis waa muraasa kitaaba qulqulluu irraatifii waan manni kiristaanaa kenna dabalataan barsiiftu akka armaan gadiitti dhugaawwan ajaa’ibaa sinii dhiyeessa:
Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan
1. Haatii fi abbaan isaa erga dulloomanii,yeroon daa’ima argachuu isaanii darbee booda isa argatan(Luq 1:18)
2. Missiraachoo ergamaatiin dhalate,maqaan isaas ergamaadhan mogga’e (Luq 1:13)
3. Osoo gadaamessa keessa jiru afuurri qulqulluudhan guutame(Luq 1:15)
4. Osoo gadaamessa keessa jiru ennaa sagalee Dubroo Maariyaam dhagahutti ni utaale (Luq 1:41)
5. Gooftaan mataa isaatiin warra dubartoota irraa dhalatan hundumarraa(Gooftaa Iyyasuusii gaditti) kan caalu isa ta’uusa jecha isaa hin haalamne sanaan dhugaa baheeraafi.Kuni eenyufuu hin dubbatamne. (Mat 11:11)
6. Nama ta’ee osoo jiru Waaqa Ilma(Iyyasuus Kirstoosin) kan cuuphe Yohaannis isadha. Mat 3:15
7. Uffatni isaa fi sooratni isaa kan namootarraa adda ture. Mat 3:4
8. Hamma waggaa 30tti gammoojjii keessa jiraate
9. Akka abbootni mana kiristaanaa barsiisanitti mataansaa erga muramtee boodee gammoojjii Arabiyaa keessatti waggaa 15 barsiifte
10. Gooftaa Iyyasuusiin firooma dhiigaa qabu.(Luq 1:36)
11. Sirbituu kan turte intalli Heerodiyaadaa, mooticha waan gammachiifteef, mootichi gammadee ennaa “maalan si ‘shallama’ jedhee ishee gaafatutti, “mataa Yohaannis cuuphaa irraa muri naa kenni” jetteen. Sababa kanaan mataan Yohaannis cuuphaa mana hidhaa osoo jiru mataansaa muramee ‘waciitiidhaan’ dhiyaatee kennameef. Yaa daba namaa, osoo waa meeqa qabeenya meeqa kan ishee fayyadu mooticharraa gaafachuu dandeessu,hammeenyaan mataa Yohaannis cuuphaa gaafatte. (seenaa isaa Wangeela Marqos 6:16) irraa dubbisadhaa.
12. Biyya keenya keessatti xaballi maqaa qulqulluu kanaan burqu seenaa heddu hojjechaa jira.Dhukkubsataa heddus fayyisaa jira.
Eebbi qulqulluu Yohaannis cuuphaa nu irra haa bultu!
Kitaabni Qabsuura Qulqulluu Yohaannis cuuphaa Afaan Oromootti hiikameera, suuqii Waldaa Duuka Bu'ootaatii bitadhaa itti fayyadamaa
Gammachuu dachaa, bal'ina isaa itti deebina hundumaaf misernsonni Waldaa Duuka Bu'ootaa guutuu addunyaa jirtaniif deeggartoonni tajaajila waldichaa hundi baga gammaddan.
Waaqayyo guddaaf galanni haa ta'u.
"Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa" 1Yoh. 1:9
➭Gaabbiin humna ittiin cubbuu buqqisee gatu ni qaba. Gaabbiin humna ittiin jireenya jijjiiruu fi haaressu qaba. Jireenya qalbii jijjiirrannaan akka jiraannuuf arjummaan Waaqayyoo araarsummaan Dubroo Maariyaam eebbi abboota keenyaa nu haa gargaaru! Ameen!
B/saa Ashennaafii Sisaay (Dn, BTH)
Miidiyaa Sootiriyaa
Waxabajjii, 2016
Finfinnee
"Waaqayyo Gooftan iddoo bultoo isaa qulqulleesse. Waaqayyo jidduu ishee keessa waan jiruuf hin sochootu, Waaqayyo ganameeffatee ishee ni gargaara".
Far 45:4-5
"Anis siinan jedha, ati Pheexiroosi ,kattaa kana irratti mana kiristaanaa koo nan ijaara, balballi si'ooliis ishee hin danda'an"
Mat 16:18
Baga ayyaana waggaa yaadannoo mana qulqulleessaa haadha keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamiin nagaadhan ittiin isin gahe.
✝Araarsummaan,Sugni,eebbii fi egumsi haadha keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamii hunda keenya waliin yaa ta'u!✝
💒💚💒Ameen!!!💒💚💒
Waxabajjii 21
Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Addaami fi sanyii isaa fayyisuuf waggoota 5500 booddee akka dhala dhala isaa irraa dhalate isa fayyisu akkuma waadaa isaa galeen barichi murame ennaa gahu,Gooftaan durbroo Maariyam irraa nama taee dhalatee,cuuphamee gara kawaala qoronxoos deemee guuyyaa 40 fi halkan 40 soome.Erga sooma isaa raawwates barsiisu fi ajaa
ba gara garaa gochuu eegale.Namoonis barumsa isaa dhagahanii ajaaiba inni raawwtau arganii duuka buan.Duuka bu
oota 12 filatee of duuka buuse.waggaa sadii fi jia jaha lafa kanarra deddeebi
ee barsiise.Guyyaa kamisaa iccitii Qurbaana duuka buootaf ibsee,guyyaa Jimaataa fannifamee dhiiga isaa dhangalaase foon isaa lolaasee fannifamee,lubbuu isaa dabarsee kenne.Erga du
ees guyyaa sadiifi halkan sadi booda dua moo
ee ka’e.Guyyaa afurtammaaffattis ol bahe,guyyaa shantamaffatati Afuura qulqulluu duuka buootaf erge.yeroo kanatti sodaattu kan turan afuura waaqayyon jajjabina argatanii duuka bu
oonni addunyaa irratti kallattii gara garaan bittimfamanii wangeela barsiisuu eegalan.Akka ammaa kanatti Taabota ykn mana Waqaayyoo yookan ammo meeshalee qulqullaaoo isaan hin barbaachifne,isaan kan ga
uumsa Afuura qaban waan taaniif,biyyuma gahan gahanitti qaddasanii uummataaf qurbaana kennu ture.
aa ka
Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyatti waggaa afraffaa duuumsa qulqulleettii dubroo Maariyaamitti qulqulluu Phaawuloos fi Baarnaabaas Filiphisiyuus galanii erga barsiisanii uummatas cuuphanii booda ummaticha amaneen
galma xaaotaa hin deeminaa
jedhaniin. Uummatichis egaa mana xaaotaa hin deeminaa jettanii mana kadhannaa nuuf ijaaraa jedhanii debisaniif.
oonni lamaan kun dhimma kanaaf furmaatni akka kennamu gara qulqulluu Pheexiroosi fi Yohaannisitti ergaa barreessan .Qulqulluu Pheexirossi fi Yohaannisis
Yeroo kana duuka bufedha fi heyyama Gooftaa malee homtuu raawwachu hin qabu sinis kadhadhaa nus ni kadhanna
jedhanii deebisaniif. Kadhanna subaaee isaanii booda fedha Gooftaa ta
ee Gooftaan kan lubbuun taran jannataa, kan lubbuun jiran bakka jiran irraa tajaajiltoota Filiphisiyuusitti walitti qabe. Qulqulluu Yohannisis Gooftaan maaliif walitti nu qabde
jedhee gaafate.Gooftaanis “daangaa lafaa hanga daangaa lafaatti gamoon mana kiristaanaa akka ijaaramtuuf fedha kooti,haala ijaarsa ishees isin barsiisuf” jedhee deebiseef. Haala ijaarsa ishees erga barsiisee booda dhagaawwan gurguddoo addaan faffacaanii argaman sadi walitti hiiksee dheerina fi dagalee ishee murteessee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Kunis Waxabajjii 20 ture.
oota ammoo tajaajiltoota gargaartota taasisee, Gooftaan keenya ofiisaatii Luba hangafa ta
Borumtaa isaatti, Waxabajjii 21tti ammoo haadha keenya akka Taabotaatti,duuka buee,Qulqulluu Pheexiroosis luba gargaaraa ta
ee, qulqulluu Isxifaanos Daaqonii jalqabaa taee, guyyaa sanatti hibistii samiitti fi xoofoo samiitti qophaa
een sirna galatoo gaggeessee qorrobsiiseera.Manni kiristaanichaas maqaa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiin moggae ture. Bara sanatti Mukiraaba Yihudotaatu ture malee gamoon mana kiristaanaa hin turre. Duuka bu
oonnis kadhannaadhaaf mana haadha Maarqoos mana Maariyaamitti walitti qabamu turan malee mana kiristaanaa hin qaban ture. Egaa Gooftaan rakkina isaanii kana argee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Yeroo sanarraa eegalee manni kiristaanaa gamoowwan gara garaa seena qabeessa taan, addunyaa irratti kallattii hundaanuu hundeeffamaniiru.
u waan ta
Gamoon mana kiristaanaa mana kiristaanonni keessatti walitti qabamuudhaan sirnoota gara garaa keessatti raawwatanidha. Sirna kadhannaa, foon fi dhiigaa gooftaa fudhachuu, barumsa fi kan kana fakkaatan mana kiristaanaa keessatti raawwatama. Waaqayyoofis kennaa, balchaa, wareega, kurnoo fi angafoo kan itti galchanidha. Manni kiristaanaa iddoo foon fi dhiigni Gooftaa itti kutamu iddoo Dhiigni isaas itti dhangalaeef manatti kadhachurra achi deemanii kadhachuutu caala(Maat 26: 27). Kuni dhiiga koo waa
ee keessaniif yeroo hunduma dhangalaudha akkuma jedhu, bakki itti dhiigni kun dhangala
u ammoo mana kiristaanaatti.
https://youtu.be/Qf6LfzjN824?si=lyyD_i9ORlXQ6KUf
Читать полностью…«አቤቱ የዕውቀት ዓይኖችን ስጠን።ዘወትር አንተን ያዩ ዘንድ ጆሮቻችንም ያንተን ብቻ ቃል ይሰሙ ዘንድ።» (ቅዳሴ እግዚእ/ የጌታ ቅዳሴ)
Yeroo hunda Ijji keenya akka si ilaaluuf, gurri keenyas jecha kee qofa akka dhaggeeffatuuf agartuu keessoo keenyaa nuuf kenni.
"Afuura qulqulluutti ni amannaa, Innis Gooftaa jireenya nuuf kennudha, Abbaarraa kan ba'e, Abbaafi Ilma wajjin tokkummaatti ni sagadnaaf, ni galateeffannaan. Innis, Raajotarra bulee kan dubateedha."
-HUNDEE AMANTAA
Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree, seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’el dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga adunyaan kun darbutti na hin balleessiin” jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate.
➭Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii; fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.
➭Dabalataan guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijjiiree gara jireenyaatti deebisuun isaas ni yaadatama.
“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” ( Luqa. 24:49)
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’umsa isaatiin booda guyyaa afurtamaaf yeroofi bakka adda addaatti duuka bu’oota isaa barsiisaa tureera. (Du.bu.1:3. Guyyaa afurtamaa Isaatti barattoota Isaa gara Biitaaniyaatti qabatee ba’eetu “Isin garuu samii irraa hanga humna argattanitti Iyyeruusaaleemiin turaa .”jedhe(Luq.24:49-50).
Iyyaruusaaleem jechuun magaalaa nageenyaa jechuu dha. Maqaan ishee durattii Saaleem ture (Uma. 14:48).Yeroon booda garuu maqaa Iyyaruusaaleem jedhamuun magaalaa guddoo Israa’eel taate(2Sam 5:6-10).
Iyyaruusaaleem baroota (waggoota) hedduuf mootota Asoorii fi Baabilooniin balaan weeraramuu fi diigamuu irra ga’eera.(2Mot.25:1-30). Lammii ishee booji’anii fudhachuun wanjoo gidiraafi rakkina suukanneessaa ta’e irraan ga’aniiru. Qulqulluun Daawwit “ Lageen Baabiloon teenyee yeroo Iyyaruusaaleemii yaadnetti ni boonye…. Yaa Iyyaruusaaleem yoon si irraanfadhe mirgi kiyya na haa irraanfattu,yoon si hiyyaadanne arrabni kiyya laagaa kootti haamaxxanu ,gammachuu koo hundaa olitti yoon Iyyaruusaaleemiin hin jaalanne”(Far 136/137:1-6) jechuun kan faarse gidiraa isaanii kan ija raagaatiin waan ilaaleefi dha. Israa’eelonni magaalaa isaanii Iyyaruusaaleemiin baay’ee jaallatu. Dallaa ishee ijaaranii,balbala (karra) ishee cufanii diinota jalaa akka itti baqachuuf danda’anitti hojjetanii ittiin fayyadamaniiru. Kanaafuu Tsiyoon hambaa, hirkoo, itti baqannaa jechuun waamaa turaniiru.
Gooftaafi fayyisaan keenyas barattoota isaan kan akeekachiise magaalaa kanaatii hin ba’inaa jechuuni. Sababiin isaa yeroo sanatti Duukaa Bu’oonni humna Afuura Qulqulluu waan hin gonfanneef, bakkeen qorumsi cimaan jiru obsaan dabarfachuu waan hindandeenyeef dha. Kunis “hanga Samiirraa humna argattanitti…” jechuusaatiin beekama.
Egaa barumsi kun nutis hamma humna ittiin diina keenya injifannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluutti Iyyaruysaalee Mana kiristaanaa keessa jiraachuu akka qabnu nu barsiisa.Arjummaan Waaqayyoo nu haa gargaaru.Ameen
❝Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;❞
—Far. 47: 5
❝Ati Waaqayyo gooftaan, achi jiraachuudhaaf, warra booji'aman fudhattee, iddoo ol jedhaa sanatti baateetta; namoota gidduudhaa, warra mormanii si irratti ka'an irraa iyyuu kennaa fudhatteetta.❞
—Far. 68: 18
❝Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan,"Inni gara waaqaatti yeroo o1ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne" in jedha.❞
—Efe. 4: 8
❝ Kana booddee Iyyesuus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol bahe . Isaanis sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an;❞
Luq. 24 :50-52
Baga guyyaa ol ba'uu Gooftaa kenya Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan nuu gahe.
Ayyaana Gaarii !!!
👉 Join telegram channel
/channel/+UE8OsP4gdv93PxwT