""""NARRAA BAY'AATEE"""
Narraa bay'atee olmaa kee maalinan baasa(×2)
Iyyesus jennaan maqaan kee du'otaa kaasaa
Yoomu hin callisuu galataan siif dhangalsaa
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Namnii jalqabaa hawwidhaan seera kee cabsee
Ilmaan namoota hundumaa du'atuu marsee
Harkaa isaa mirgaa samirraa gad nuuf dirirsee
Ilmii waqayyoo iyyesus jirenyaa labsee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Atoo ni qabdaa ulfinaa abbaan walqixxatee
Waqummaa keetif gaalanaf tullutuu hollatee
Xalayaa du'aa cuphaa keen barbadessitee
Waadaa nuuf sentee dhigaa keen mirkanessitee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Fannoo kee ilalee dhigaa kee rooben yaadadhaa
Waan darbuuf jedhee olmaa kee maafan dagadhaa
Iyyesus jedhee si waamu maafan salfadhaa
Bara koo guutu maqaa kee sinaan dhadadhaa
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Yakkaaf cubbuun koo baay'atee yoo ta'ees dachaa
Naa ceesistettaa naaf taate dandiif riqichaa
Maaqan kee iyyesuus naaf ta'ee fajjii mo'ichaa
Enyuut naa dhorkaa ulfinaa keef naan ililchaa
"""KENNAA GUYYAA JIMAATAA"""
Kennaa guyyaa jimaataa
Maariyaam badhasaa goftaa
Garaaf akkaam si ganaa
Durbee hadhaa ulfinaa
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Ilmii kee fannorrattii
Nan jedhee kun harmee keeti
Fudhadhee anis kennaa koo
Maariyaam hadhaa umaa koo
Anii ilmashee isheenis Hadhaa koo
Hin dagadhuu hin ganu hayyoo koo×2
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Waaqayyoon filaatamtee
Ayyaanaan kan gutamtee
Dubaraa kessaa addaa tatee
Maariyaam kaan ebbifamtee
Hin dhokfamuu dhugaan macafarraa
Haati goftaa ni caltii hundarraa×2
;;;;;;;; ;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Goftaanoo si waajjinii
Yaa durbee hin sodaatinii
Sin jedhee ergamaan goftaa
Ni dessaa mooti moototaa
Ani ilmashee isheenis hadhaa koo
Hin dagadhuu hin ganu hayyo koo×2
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Dhabattee mirgaa goftaa
Adunyaaf ni kadhaattaa
Urgoftuu foolii nardoosii
Maariyaam hadhaa iyyasusii
Hin dhokfamuu dhugaan macafarraa
Haati goftaa ni caalti hundarraa
Haati iyyasuus ni caalti hundarraa
""ADOONAA'IDHAA""
Adoonayii ati waqaa jirataa
Gochaa kee addaa goftaa goftotaa
Ati nu fayyisuuf fannorraa oltee
Gaddisaa bannee situu nuf latee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Hoolichii dhugaa dursaan lubootaa
Sidhaam yaa goftaa abban abbotaa
Cubbuu koof jettee waranamtettaa
Gidiraan hunduu sin naf salphataa
;;;;;;;;;;;;;::::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;:;:::;
Eyesus goftaa leencaa yihudaa
Garaa lafessaa hundumaaf gaddaa
Galaan siha marsuu ariyamittii
Situu nu baase afaan dinaatti
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Goftaan umaan koo hundumaa beeka
Wamamuu koofis qabam akeekaa
Nanii tufannee cubbuu koo ilalee
Anaan ebbisuuf manaa koo galee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Qaraniyooti fannorraa oltee
Guyyaa jimataa dhigaan nu bittee
Nuu boji'eeraa jaalallii kan kee
Yomuu dagannuu goftaa olmaa kee
""JAALALLII SAAMIRRAA"""
Jaalallii samirraa harkisee si busee
Ilmaan addaam hunduu si gaddisisee
Hidha cubburattii dhigaa keen nu bittee
Dabarsitee of laatte ati nu fayyistee
;;;;;;;;;;;;;;;;;:;;;;;;;;;;;::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Bitaa fi mirgaattii kan daddarbatamtee
Isaa kufee kaasuf fannoo jiidhaa battee
Foon namaa uffattee gidiraa fudhattee
Waanjoo du'aa jalaa ati nu bafattee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Essarra jalqabu olmaa nuf rawwattee
Maalinis goolabuu isa ati nuuf lattee
Ka'umsaf gahumsan katabame dhumu
Gatikee debisuun tasa hin danda'amuu
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Mo'aa wan hundumaa osoo tate jirtuu
Lubbuu namaa olchuf du'aa kan filattuu
Kakuun sin haromee ati waregamtee
Dhigaa ofii uffattee ifaa nuttii uwwistee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Yakka nuti hojjannen ati fannifamtee
Fulakee midhaguun ancufaa simaattee
Garbomnee kan turree nu bilisomsitee
Ofii surraa dhabdee simboon nu golgite
""NAN BEEKA IDDOO KOO""
Nan beeka iddoo koo kaleessaa
Bakka ati nafiddee dachee hona kesssaa
Garaa kotti yannee tasa yadatamuu
Arraba koo kessaa galannii kee dhumuu
;;;;;;;;;:::::::;;;;;;;;;:::;;;;;;;:::::;;;;;;;;:;:::::::::::
Hammattee na quftuu ofin na dawwattaa
Rakkinaa koo hundaaf sumatuu furmataa
Tarkanfi millaa koo madalli qamaa koo
Situu naaf to'ataa ulfadhuu abbaa koo
;;;;;;;:::::;;;;:::;;;;::::::;:::;;;:::::;;;;;;:::::;::;;;;;
Abdin koo siqofaa manaa koo galagalaa
Ofittii nawamtee nafiddee haalalaa
Barruu kerraa nyadheen qufeen si ebbesaa
Da'oo koo isa dhugaa mannii kee gaddisaa
;;;;;;;:::::;;;;;;;;:::::::;;;;;;;;::::;;;;;;;:::::;;;;;;;;;;
Waa hundumaa dhisee sirrattii of gateera
Hundee manaa kootis harkaa kerraa jiraa
An yoomu callisuu olmaa keefan mallee
Garaa koo sin qufuu galataf ilillee
;;;;;;;:::;;;;;;;;:::::;;;;;;;;;::::::::;;;;;;;;;;;;::::;;;;:
Ta'ee yommun ka'uu gochan kee nadhibaa
Arjummaan kee goftaa cabaa koo dhidhibaa
Atis nabarsifnee harkaa ormaa ilaalu
Hundaa madaleraa homtinuu sin caalu
Akkamiin taree jedhee boodakoo hin laaluu
Eessummayuu hin jiruu Maariyaami kan sicaaluu
Calqabaaf dhumni koo si'i harmeekoo
Milkiin naaf guduunfii dhuma jireenyakoo!!(*2)
Jaalalaa fii nagaan dhabamee gaddi baayyatuus
Nahammaatus gaaran koo baayyee obsa dadhabus
Dhibeekoof qoricha naaf taate amma fayyeera
Galataanan galma kee seena hunduu tareera
Imiimmaan koo deebii argatee anis jabaadhee
Akkan gad jedhetti hin hafnee ammas oljedhee
Yaddin addunyaa kana anaaf gufuu ta'ullee
Kufee akkan hin hafne harmeekoo naaf koottu ammale
Duraan dursee addunyaa kanaaf sifilateera
Adda godhee si uumee gooftaan dubartootara
Egaa kunoo dubree Maariyaami galata argadhuu
Kan akka keeti eenyuu? jedhuu dhalooni hunduu
""DURSII GOFTAA DURAA KOO""
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;:
Dursii goftaa duraa koo
Amanu'eel waqaa koo
Umaa koo umaa koo
!!!!!Eyyeeee!!!!
Dursii atii duraa koo(×4)
Goftaa iyyasuus ha qana'uu dinnii koo
!!!!Eyyeee(×3)!!!!
;;;;;;;;;;;;;;;;;:::::::;;;;;;;;;;;;;:::::;;;;;;;;;;;;;;:::;;;
Sootrosaa biqiilaa
mariyaam giftidhaa giftidhaa
!!!!Eyyeee!!!!!
Gannatnii cufamnaan sababa hewanin
kunoo nuuf banamee durboo mariyaamiin
Eyyeenii giftii mariyaamiin
!!!!Eyyeeee(×3)!!!!
;;;;;;;;;;;;:::::;;;;;;;;;;;;:::::;;;;;;;:::;;;;;;;;;:::;;;;;;
Nurraa addaa bahinii
Egumsaa keetinii keetinii
!!!!Eyyyeee!!!!
Mika'eel(2)gargaraa dani'eel(×2)
Eyyeeni mu'aataa saaxna'eel
!!!!!Eyyeee(×3)!!!!!
;;;;;;;;;;::::;;;;;;;;;;::::::;;;;;;;;;;;;:::::::;;;;;;:::;;;;
Arseemaan jabaattee
Mooti nexxadisin moo'attee moo'attee
!!!!Eyyeee!!!!
Kan kee aja'ibumaa qulqullettii arseemaa(×2)
Hin callisuu qabsuraa keen himaa
!!!!Eyyee(×3)!!!!!
"""LATTIN JIRMAA QABA"""
Lattin jirmaa qaba kan irraa dhalatee
Jirmis ni jirataa hundee jabeffatee
Lattin bara kana hadhaa isa ganeraa
Hadha waqaa umaa bay'een dagatera
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Qomoon hadhaa hin beknee ilmaa akkamiin beekaa
Dogoggorsuuf dhufee ilaalati bekaa
Waqayyoo jaalalaa isheen hadhaa jaalalaa
Ijjii koo yeroo hundaa gara ishee ilalaa.........................2(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Kabajnii kan ta'uuf nutii ni kabajnaa
Hadhaa iyyasusin akkamiin salphisnaa
Dubarootaa kessa isheen addaa tatee
Fayyisaa addunyaa garaa ishettii battee.....................2(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Gabri'eel ergamaan Ergamoota kessaa
Misirachoo fidee gammadii ilmaa dessaa
Cubbuun karaa hewaan gara kenyaa dhufee
Dubroo maariyaamiin kuno nurraa kufee.......................2(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Kennaa fannoo jalaa kan guyyaa jimataa
Karaa yohannisin ati nuf kennamtettaa
Nufis hadha kenyaa hadhaa bara baraa
Ilmaa kee nuf kadhuu yeroo hundaa araaraa..................2(×2)
"""MAARAANAATAA"""
Ni bari'aa dukkannii hunduu nifaa
Barrii gaddaa bo'ichii hunduu nafaa
Mirgaa dhabee dhugaan awwalamuus
Maaraanaataa ni dhufa eyasus
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;::::::;;;;;;;;;;;::::;;
Qubellaa motichaa irrattii chappeffamee
Yakkaa tokkoo maale bol'attii kan darbamee
Kan samirraa ta'uu dhugaaf kan jiratuu
Waqayyoo otuu jiruu
dani'eel leencii nyaatuu(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Jallinnii yoo hammatee garaa jabeffatee
Dhigaa obbolewwaan kooti albesaa qaratee
Kan waarensuu baatu albedhaan kuffisaa
Sobaa karaa maqsee
dhugaa ni moosisaa(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
An gara waqayyooti harkaa koo kaseraa
Akkaa nuuf dabarsuuf rakkodhaaf gidiraa
Guyyasaa dhiyaatee boru hundii marseraa
Irree dinaa caabsuuf
yeronsaa gaheraa(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Anis abdiin qabaa turetaan eggadhaa
Boorun koos caalalee gaarin waraabadhaa
Kan hama hojjatee hammenyaa akkaa argatuu
Kan gaari faacasee
gaarii akkaa hammaatuu(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Tokkoo isaa ta'ee sobee baace nyaata
Tokkoo haqaa koo jedhee gaadadoon jirataa
Akkaa musee maloo sabasaaf kan yaaduu
Goftaa mee nuf kenniii
tiksee lammiif yaadu(×2)
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Humniis angoon kan goftaati
Lafaas taanan samirrattii
Tikseen kenyaa waqaa kenyaa
Hin laalistuu dinnii kenyaa
Gufuu guruus nun deebisuu
Abbaa qabnaa kan nuu cimsuu
Irraa anuun kanum kenyaa
kenyaa loolaan waqaa kenyaa
Jiratadhaa goftaan kenyaa
Dinnii dhaalu gartuu kenyaa
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
seexanichii dinaa kenyaa
ni morminaa hundii kenyaa
Nuttii marseraa nuu nyachuuf
Egaa qabnaa misirachoo
Tellaa kenyaan adaa nuttii
'''AKKAA ARJUMMAA KETTII""
Akkaa arjummaa kettii
Maaloo naa faayyisii(×2)
Akkaa araraa keettii
Dhifamaa naaf godhii
Dhifamaa naaf keennii
cubburraa naa dhiqii
Yakkaa koo bay'eerraas
Baadii koo hundarraa
Cubbuu haamtuu sanaa
Bitamaa akkaa hin taane(×2)
Aniis balleessaa koo
Baadii koos nan beeka
Baadii koo yeroon beeku
Goonkaa kan naa fayyisuu
Arjuummaa keetii hoo(×2)
Si qoofattiin yaakkee
Ammeenyaas rawwadhee
Baadiis naan hojedhee
maaloo ammaa naaf dhisii
Si duraattii kuufee
Fulduuraa keettii kuufee
Fulduraa keettii kuufe
Yeroon si kadhaadhuu
Yommuun si wammadhuu
Kufaati koo ilaalii
Yaa waqayyoo ifaa
Yaa waqayyoo nagaa
Hammaas nuuf ebbisii
Biyyaa keenyaatinii
Itiyoophiyaatinii
Goftaa koo nuuf ergii
Afuuraa qulqulluu
Durbee maariyaaminii
Ammaas nuuf dhagahii
kadhaannaa kenyaasii
Iyyannaa kenyaasii
Yaa gooftaa nuu ergii
Qulquulluu mikaa'eeli
Qulquulluu gabri'eelii
""JAALALAAN SITU NAWAMEE""
Jaalaan situu naa wamee
Iyyasuus sittaani amanee
Mararteen jaalalaa keeti
Haa hafuu laphee korrattii
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;::::::::;;;;;;;;;:;;::;;::;;;;
Jirenyaa tolaaf mijaawwaa
Sagaleen kee inni mi'awwaa
Dhandhameen siwajjiin bahee
Ormattii baruu deebi'ee
An demnaan na wajjiin demtee
An jorraan na wajjiin jortee
Madaa keetu jiraa duraa koo
Kan hin dagannee garaan koo
;;;;;;;;;;;:::::::::;::::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Lubbuu koof tatee soorataa
Sittaan amaneekaa gooftaa
Naftatee kaaran ol seenuu
Sichiis kan biraa hin amanuu
An demnaan na wajjiin demtee
An jorraan na wajjiin joortee
Madaa keetu jiraa duraa koo
Kan hin dagannee garaan koo
;;;;;;;;;;;;;;;:;::;;;;;;:::::;;;;;;:;;;;;;;;;;;:::::::;;;;;;;
Jechii afaan kee abbaa koo
Nan boji'eeraa gooftaa koo
Mudaa hin qabuu dandiin kee
Namarareraa maqaan keee
An demnaan na wajjiin demtee
An jorraan na wajjiin joortee
Madaa keetu jiraa duraa koo
Kan hin dagannee garaan koo
;;;;;::::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;:::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Garummaan ati naf qabduu
Yomillee na keessaa baduu
Hin qufuu si maraarfadhee
Da'oo koo sittani boqadhee
An demnaan na wajjiin demtee
An jorraan na wajjiin jortee
Madaa keetu jiraa duraa koo
Kan hin dagannee garaan koo
obseen si eegadha ani hin ariifadhu
Hiixata kee malee kan biran barbaadu
Yooturteyyuu goofta sindursu eenyumtu
Badhaasni kennaake yoomu itti hin hir'atuu
Abdiin ija kooti gara keeti gooftaa
Kennaa eebba qabuu sumatu naaf laata
Ati yaa waaqakoo waan hedduu dandeessa
Mogolee koo laafe sit qabee olkaasaa
Oto ati jiraattee Alaazar hin du'uu
Yoo jettes maartaani eenyuu hamma kee hin gahuu
Erga awwalamee guyyaa Afraffaasa
Sagaleen kee gooftaa du'aa bool'aa kaasa
Ani deebi'eera gara waaqa kooti
Cabaa koo kan dhidhiibuu harka gooftaa kooti
Arjaa saamiriitin zayita nadibaa
madaakoon fayyisaa gooftaan maal dadhabaa
Seenaa koo jijjiiruf ati yeroo qabdaa
Obseen si eegadhaa waaqakoo ati jabaadhaa
Waan jetten raawwataa akka namaa mitii
Gochaa kee hundaafuu galatoomi ati
========================
FAR. W/SENBET BAQQALAA
========================
"""WAAQA JAALALAA"""
Waaqa jaalalaa waaqa jaalalaa
Bakkalchaa biriiti mana galgalaa
Ati nuuf tatettaa hirkoof gaddisaa
Iyyasuus si'iin banee bilisaaa
;;;;;;;;;;;;:;;;:::;;;;;;;;;:::;;;;;;;::;;;;::::;;;;;;;:::;;;;
Angoo dukkanaa nurraa rukuttee
Barii fayyinaa nuuf barisiftee
Birmadummattii jiradhaa jettee
Iyyasuus ati abbaa nuuf taate
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Dukkanaa irrattii ifa isaan dulee
Wanjoo gabrummaa fannosan lolee
Dinarraa ejjatee kan mirgaan galee
Nuti hin arginee goftaa simaalee
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;:::::::;;;;;;;;;::::;;;;;;;;;:;;
Jaalalaa dhugaa kan waregamaa
Homaa hin sodatuu achittii ademaa
Mootin yihudaa jagnii ganamaa
Ilmii waqayyooti innii iyyasuus sumaa
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;:::;;;;;
Motummaa dinaa aboodhan cabsee
mandaraa isaani digetuu honsee
mataa jawwichaa goftaan buruqsee
Nuyii ijollesaa bilisaa basee
""MOOTII FANNOO IRRAA""
F/ttaa Asnaaqa Nugusuu
Ana faana ta'i yaa goftaa abbaa koo
Simalee hin qabuu suma abdiin kan koo
Mootii fannoo Irraa amaanu'eel waaqaa koo
Mootii qarani'oo amaanu'eel waaqaa koo
;;;;;;;;;;;;ceesisaa;;;;;;;;;;;;;;;
Kaleessaas si'iidhaa lubbuu kootif hiikaa
Naaf jettee madooftee naaf lolaastee dhigaa
Yaa waaqaa araaraa Abbaa bara baraa
"Ameen"
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;ceesisaa;;;;;;;;;;;;;
Qaraaniyoorrattii hojii kee argeeraa
Fannifaamuu keetin an kabajameeraa
Yaa fayyisaa kootii lubbuun koo siin jettii
!!!!!Ameen!!!!
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;ceesisaa;;;;;;;;;;;;;;;;
Harka keerran argem mallattoo bareedaa
Waaqolii ormarraa kan sii godhuu addaa
Yaa maddaa jaalalaa kan harkistuu halaalaa
!!!!!!Ameen!!!!
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;ceesisaa;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Hin qabu hin qabuu jiruu si'iin alaa
Ilmaa durbee maariyaam hundee koo walii galaa
Yaa shittoo nardoosi kiristoos iyyasuus
!!!!!!!Ameen!!!!!!!!