This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Hogganaa olaanaan Hamaas Ismaa'il Haaniyee Iraan keessatti ajjeefamuu garichi hime.Ibsa Roobii ganama baheen Ismaa'il Haaniyee oppireeshinii Israa'el gaggeessiteen mana jireenyaa isaanii Iraan magaalaa Teeraan jiru keessaatti ajjeefaman.Akka gareen kun jedhutti Haaniyeen sirna kakuu galuu pirezidaantii haaraa Iraa
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/bnwERGm
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed mootummaan isaanii hojjettoota mootummaa miindaa gadi aanaa argataniif daballiin %300 taasisuu himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/m2RZv0C
Hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyaa mana keessa qubatanirraa osoo hin fagaatin meeshaa waraanaa dhukaafameen ajjeefamuu Iraan beeksiste.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/loqJ0Ld
Kaliif bara darbe ulaagaa shaampiyoonaa addunyaa guutuu hin guutan jedhamuun dorgomtoota bunyaarraa hambifaman keessaa tokko ture.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ebk1Ca0
Ameerikaan Israa’eliin haleellaa Iraaniifi michoota Iraanirraa itti haggaamamuu malurraa eeguuf jecha dooniiwwaniifi jeettiiwwan waraanaa dabalataa gara Baha Giddu-galeessaatti akka bobbaastu Pentaagon beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/YxvoA1u
Gatii birriin sharafa maallaqa alaa waliin qabu gabaarratti akka hundaa’u erga murteeffamee asitti gatii birriin doolara Ameerikaa wajjin wayita wal bira madaalamu % 58’n gadi bu'e.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WuAnMhK
Qindeessaan sagantaa dorgommichaa Obbo Abdurrazaaq Tololaa BBCtti akka himanitti, yeroo jalqabaatiif gareen ispoortii Oromiyaarraa gara Ameerikaatti imalee dorgommiirratti hirmaachuun sagantaa OSFNA baranaa adda taasisa.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ft0G7zR
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed mootummaan isaanii hojjettoota mootummaa miindaa gadi aanaa argataniif daballiin %300 taasisuu himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/oKLFEJV
Ta’iin dhageettiif nama raaju kuni kan mudate Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa aanaa Dabuub Beenchii Ganda Geeduu jedhamtutti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/b4It8un
Kibba Itoophiyaa Godina Guraageetti himatamaan barattuu waraqaa eebbaa dhiyeessaa turterratti yaalii ajjeechaa raawwate adabame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vu6z5Tw
Akka humni waraanaa Israa'el jedhutti qondaalli waraanaa Hamaas Mohaammad Daayif haleellaa qilleensarraan Israa'el gaafa Adoolessa 13 raawwatteen ajjeefame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/MiSoAB0
Baankin Addunyaa rifoormii ykn foyya’iinsa gama dinagdee Itoophiyaa guddina hordoftu jajjabessuuf akka tumsu beeksise.Tumsi kun doolara Ameerikaa biliyoona tokko deeggarsaan (grant), Doolarrii miliyoona 500 ammoo liqaa dhaabbata International Development Association (IDA jedhamurra kennamu ta’uutu eerame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/UBeh5MG
Namoota haleellaa Fulbaana 1, 2001 Niwu Yoorkitti gaggeeffame qindeessaniiru jedhamanii himataman keessaa sadi gochaa kana amanuun murteen du'aa akka itti hin muramne mootummaa wajjin walii galuu Biiron Ittisaa US beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HBYZGKx
Oduun Adooleessa 31, 2024 Baha Giddu Galeessatii dhagahame naannicha dabalatee addunyaarratti mata duree guddaa ta'eera- ajjeefamuu qondaalaa olaanaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaati. Ismaa'el Haniyyaa sirna kakuu pirezidaantii Iraan haaraa filataman Maasuud Pezeshkiyaan irratti argamuun galgaluma sana Tehraan keessatti ajjeefame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/BObeApu
Dargaggoo Zarihuun Wadaajoo waggoota muraasa dura ture hojii barsiisummaa dhiisuun Magaalaa Adaamaa keessatti qurxummiifi illeentii dabalatee beeyladoota biroo horsiisuufii kuduraafii muduraa omishuu kan eegale.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/PqNnRoE
Murteen mootummaan Itoophiyaa sharafni maallaqa alaa fedhii gabaarratti akka hundaa'uuf murteesse jiraattotaaf yaaddoofii abdii uumera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/CSMJH6A
Imbasiin US Beeruut jiru lammiileen Ameerikaa carraa tikeetii jiru hunda fayyadamuun Libaanos keessaa akka ba'an akeekkachiiseera. US ajaja kana kan dabarsite yeroo dhiphinni Baha Giddugaleessaatti hammaachaa jirutti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WGXM7Ia
Akka kantiibaan Magaalaa Dambi Doolloo akka jedhanitti garuu kan horsiisa lukkuu ta'e mana kitaabicha osoo hin taane sheedii dallaa keessa ijaarame keessattidha.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hMwIx67
Fiigicha 10,000m dhiiraa Olompikii Paaris guyyaa Jimaataa galgala taasifameen abbaan riikardii addunyaa Jooshuwaa Chepteegee injifachuun abjuu bara dheeraa isaa dhugeeffate. Barrihuun maaliif gadde? Gareen Itoophiyaa maaliif dogongore?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wzQWkSs
Waldoonni Kiristaanaa ji’a darbe cufaman kunneen meeshaalee sagaleen akka nama hin jeeqne ittisan tolfachuu diduu dabalatee danbiiwwan kaa’aman cabsanii argaman jetteetti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/1S9NOyH
Sa’ud Arabiyaan waancaa addunyaa bara 2034 keessummeessuuf jecha istaadiyeemii 11 ijaaruuf karoorfatte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/CkS9B1D
Mootummaan Itoophiyaa fooyya'insa sirna Maakroo Ikoonomiirratti taasisuu booda shaqaxoota bu'uuraarraa kaasee hanga galteewwan ijaarsaatti daballii gatii guddaan mul'achuu jiraattootni dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fOvUE7Y
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hidhattoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso'an waliin mootummaan marii itti fufinsaan gaggeessaa jira jechuun dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/75SbYth
Waggoota muraasa darban Olompikiirratti fageenya ittiin beekamanirratti atileetonni Itoophiyaa milkaa’uu dhabuun isaanii hawaasa keessa mufiifi yaaddoo uumeera. Barana maaltu, eenyutu eegama?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/7D5snXc
Atileetoota fiigicha dheerina adda addaarratti yeroo garaa garaatti riikardii haaraa galmeessuudhaan maqaansaanii ka’an keessaa atileettoonni Itoophiyaafi Keeniyaa ni eeramu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9pvjAVY
Waraana Kaaba Itoophiyaa xumura itti tolchuuf Tigraay bakka bu’anii sababa Waliigaltee Piritooriyaa mallatteessaniif ''waliigaltee mootummaa diigu mallatteessiteetta'' jechuun TPLF akka isaanirratti duule Obbo Getaachaw Raddaa dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/EDP7LRF
Siifan Olompikii Paaris irratti fageenya 5000m, 10,000m fi maaraatooniin walumaagala fageenya 62km fiigdi jechuudha. Yoo sadanuu injifatte seenaa atileetii waggoota 72 dura Olompikii Helsinkiirratti seenaa addaa galmeesse qooddatti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ykAqbPz
Doonaald Tiraamp waltajjii gaazexeessitoonni guraachonni irratti walga'an irratti wayita haasaa taasisu sanyummaa Kamaalaa Hariis irratti gaaffii kaase.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FZ5WXOi
Ajajaa Humna Waraana Sudaan kan ta'an Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan irratti yaaliin ajjeechaa yeroo raawwatamu viidiyoo agarsiisu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9z2eMJf
Deeggarsa tibbana Itoophiyaan dhaabbilee maallaqaarraa argatte hojjettoota mootummaa jireenyi itti qaala’e hirphuufi riiformii dinagdee haaraa ifa ta’e hojiirra oolchuuf oola jechuun Ministirri Maallaqaa biyyattii himaniiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/jN9X1g6