Mootummaan Iraan duula filannoo Tiraamp gaggeessu irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo jalaa hatte kan jedhu himanni garee duula Doonald Tiraamp irraa dhiyaate ilaalchisee Biiron Qorannoo Federaalaa US (FBI) qorannoo gaggeessuu eegaluu beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SYdFNn0
Ameerikaan gara Baha Jidduugalaa kan muddamni keessatti cimaa dhufeetti doonii miisaa'elii bishaan jala imalu ergite.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/CmBvSIQ
Badhoo Dhachaasaa Guddataa nama umurii dargaggummaa hanga guyyaa du’asaatti qabsoo Oromoo keessatti dabarse warri isa beekan ni himu.Dhalatee kan guddate magaala Buraayyuu, kan amma Shaggar jala gale, keessatti yoo ta’u baruumsa hanga sadarkaa lammaffaa Mana Baruumsa Madaaniyaalamii kan Gullalleetti argamutti akka baratetu himama.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JVLx7Hn
Olimpikii Paaris kan milkaa'e jecuun ulfaata. Medaaliyaa afuriin xumuran. Siifan Hasan Nezerlaandisiif medaaliyaa sadii argamsiifte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/evpxAzP
Itoophiyaan Olompikii Paaris adeemaa jiruurratti hanga ammaa warqii galmeessuu hin dandeenye. Dorgommii 10,000m dogongorri mul’ateerratti kan hirmaate Yoomif Qajeelchaa ‘’ajaja nuuf kennametu qabxii nuduraa balleesse’’ jechuun BBC’tti hime.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/P9O1vaE
Libaanus bal'inni lafashee xiqqoo ta'us garuu Baha Giddugaleessaa keessatti dirree waraanaas turte. Siiriyaa fi Israa'el waliin wal daangessuun ishee waraanni akka irraa hin fagaanne taasiseera. Qubsuma Hezboollaa kan taane Libaanus ammas waraana biraa keessa galti jedhamee sodaatama.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Tr64Bsv
Wal waraansa waggoota lamaarraa bayyanataa kan jirtu Tigraay keessatti qocollaa fi ajjeechaan dubartoota gahaa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TIyu9cW
Masiriin ergama nagaa kabachiisuun waraana ishee gara Somaaliyaatti erguuf akka jettu beeksifte. Gamtaan Afrikaas gaaffi kana simachuu ibseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/8Ns4Hql
Ileeni Foo jedhamti, nama ganna 49 yoo taatu wal’aansa miilla dheereffachuuf Doolara 50,000 baaste dogoggora ta’uu wal’aansa turtii waggootaan hordofaa turte boodarra barte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/KpdBfJ6
Atileet Siifan Hasan Olompikii Paarisitti adeemaa jiruun maaraatoonii injifachuun shaampiyoonaa Olompikii taate. Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa morkii jabaa booda lammaffaan xumurte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SbE2V05
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) seera qabeessummaasaa duraatti akka isa deebisan malee Boordii Filannootti irra deebiin galmaa’uu akka hin fudhanne beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Otyl2Jb
“Mucaan waggaa afurii ni bade kan jedhu maatiin eeruu kenne. Eeruu sanarratti hundaa’uudhaan qaamoleen nageenyaa hawaasa wajjin ta’ee dhimma kana hordofuu jalqabe” Obbo Abiyyuu Mihiratuu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JjAzMs6
Waltajjiin Olompikiirratti mo’u qofa miti hirmaate jedhamuun isaatuu maqaa guddaa qaba. Atileet Sisaay Lammaa garuu akkamiin carraa kana Sisaay Lammaatti dabarsee kenne? Gabaasni kuni seenaa murtee kana duuba jiru hima.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qKtfaEs
Qaamni seerummaa koo duraanii naaf haa deebi'u jedhee iyyanni TPLF Boordii Filannoo Itoophiyaf galche beekamtii koree giddu galeessaa dhaabichaan ala jedhan pirezidaantin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayifi dursaa ittaanaa TPLF kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xbYuSgI
Taphattuun bunyaa Olompikii Paaris irratti gaaffii koorniyaa(saalaa) irratti ka'e Imaan Kehliif warqee injifatte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AL3JzWP
Komaandarri olaanaa Yukireen waraana waggaa lamaafi walakkaa qabateen humnooti Kiiv daangaa Raashiyaa iskuweer kiloomeetira 1,000 dhiibuun haleellaa isa guddaa jedhan raawwachuu himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9mzZxFK
Mariin marsaa lammataa muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa furuuf kaayyeffatte guyyaa Wiixataa jaarsummaa Turkiin Ankaaraatti eegale.Guyyaa Wiixataa Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi kan Somaaliyaa akkuma marsaa duraa qofa qofaatti waliin dubbataa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kjPO842
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa korri TPLF boru gaggeessuuf waame jedhame boordicha irraa beekamtii hin qabu jedhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qKMh3QJ
Dubartiin ulfaa tokko dhugaatii burcuqqoo tokko torbaniitti yoo dhugde guddina sammuu, boca fuulaafi amala daa’ima garaa keessaarratti dhiibbaa akka qabu saayinsiin ni hima.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ckO4PzF
Tumsi dhaabbata Islaamaa (OIC) biyyoota 57 of jalatti hammate yaa’i atattamaa akka taa’u Iraan gaafachuu hordofee, Sa’ud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti Roobii darbe yaa’ii taa’e.Iraanitti ajjeefamuu qondaala Hamaas Ismaa’el Haniyaa dabalatee dhiimmoonni biro ajandaa marii kanaa turan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/U8S2FCh
Yukireen daangaa Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessuu hordofee guyyaa sadaffaatti ifatti dubbatte. Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waanti daangaa Raashiyaa keessatti ta'aa jiru ka'uumsi "Mooskon nu weeraruusheeti" jedhan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/woISMU4
Umurii waggaa 5tti Zeenaa Akuwaan intala qaama miidhamummaa tokko malee turte. Halkan tokko hirribaa dammaqxee gara mana fincaanii deemuun itti dhaga'ame. Kan nama ajaa'ibu garuu dhaabbachuu hin dandeenye. Achiis gargaarsa haadhashee gaafatte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qcbY3HQ
Abiddi buufata annisaa nukilaraa Zaapporeezhiyaa qabacuu hordofee Yukireeniifi Raashiyaan quba walitti qabaa jiru.Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin akka jedhanitti, buufata nukilaraa kanatti humnoota Raashiyaa wagga lamaa oliif bakka sana to’atanii jiranitu abidda qabsiise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zAI8jmk
Namoonni ispoortii madden garagaraa irraa maallaqa argachuu danda’u. Ispoonsarootarraa, michootasarraa maallaqa badhaasanii argataniifi yeroo jalqabaatiif Olompikiirraa badhaasa ni argatu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wkLDRsJ
Gareen duula filannoo Doonaald Tiraamp odeeffannoo ykn komunikeeshiniin keessoo isaa muraasni haakaroota Iraaniin buutamuu akka hin oolle beeksiise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9KpSJIz
Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/31nClBh
Sababii dhumaatii arraagessaatiin lammiileen Hindii walakkaa miiliyoonaa ta'an akka du'aniif sababa ta'eera jedhe odeessi gama biyya Hindiitii dhagahame kun. Attamiin yoo jettan kunoo bal'innisaa akkasiin qixaa'eera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/R25XJpv
Taammiraat Tolaa waggoota 24 booda Olompikii irratti Itoophiyaaf warqee argamsiise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TuJNxIW
Naannolee Itoophiyaa garaa garaa keessatti manneen barnootaa 5,500 ol tajaajila baruufi barsiisuu kennaa hin jiran jedhe Komishiniin Mirgooota Namoomaa Itoophiyaa.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/q5QSatJ
Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa Fiigicha maaraatoonii Olompikii Paariis riikardii dorgommichaa cabsuun injifate.Taammiraat Tolaa dorgommii kana gara jalqabaa ka'ee dursuun hanga dhumaatti saffisa isaa eegee xumuruun riikardii cabseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hmYACyL