This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Kaampaaniin sooftiweerii 'Crowdstrike' jedhamu haaromsa sooftiweerii tokkottii taasifnaan rakkoo IT guutuu adunyaa mudate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/y0v7mp9
Maqaa Baankii Daldala Itoophiyaan ''carraan lotorii isin gaheera'' jechuun shakkamtoonni nama gowwoomsaa turan to'annoo jala ooluu Poolisiin Magaala Finfinnee beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5Z4vH8l
Hojjettoonni dhaabbata tokkoo yeroo hunda arjooma bobbaa namaa namootan wal'aanuuf argatu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tnGWPgH
''Hakiimoonni sa'aatiin dhumeera jedhan. Torbanoota ittaanan muraasa keessatti addunyaa kanarraa nan darba.''Kunis jecha pirofessaafi saayinsii siyaasaa Elleenii Saantiim Zalaqaati. Piro. Elleeniin erga ergaa kana miidyaa hawaasaa isheerratti barreessiteen torban tokkoon booda hospitaala Niiw Yoorkiitti argamu East End Hospital keessatti lubbuunshee darbe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/I4LQg61
Naannoo Amaaraa Lixa Gondar, Aanaa Quwaaraatti haleellaa 'hidhattoonni Faannoo' ganda jiraattoonni dhalattoota Agawu keessa jiraatan irratti raawwataniin namoonni kuma 10 ol buqqaafamusaanii aanga’oonni naannichaafi buqqaatoonniifi bakka bu’oonnisaanii BBC'tti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/l2Sna8y
Tiraamp pirezidaantii ta'anii yoo filaman nuuf "hojii guddaadha, garuu jabaannee wajjin hojjanna" jedhan pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin turtii addatti BBC waliin taasisaniin.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/YozWy3F
Barsiiftoonni Yunivarsitii Maqalee sabab kiraan manaa waggaa lamaanf kuufameefi qaala’insa jireenyaatiin filmaatawwan gara biraa ilaaluuf dirqamu dubbatu.Keessattu rakkoo mana jireenyaatiin walqabate barsiiftoonni tokko tokko kutaa bulmaata barattootaa (doormii) jiraachu eegalan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vNa07il
Dippilomaatiin beekamaan Imbaasii Kooriyaa Kaabaa biyya Kuubaa ture Sadaasa keessa gara Kooriyaa Kibbaatti baqachuu dhaabbanni basaasaa Si'ool Kibxata BBC’f mirkaneesse.Yeroo baayyee waa’ee lammiilee Kooriyaa Kaabaa gara Kibbaatti baqatanii dhaga’uun ji’oota fudhata. Ofii maaliif baqatu?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/htbxXy1
Kileboonni Awurooppaa hedduun jijjiirraa taphattootaa irratti hirmaachaa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Qbcl0ih
Zaambiyaatti erga maatiin tokko tokko ijoolleensaanii humnaan butamuu isaanii iyyannoo dhiyeessanii booda, ijoolleen dhiiraa 48 kaampii dhaqna qabaa dhiirotaa keessaa baraaramaniiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Wzy6L5n
Gareen Bildarbarg erga hundeeffamee waggoota 70 darbaniif balbala cufatee waggaa waggaan wal-gaha. Waan achi keessatti dubbatamuufi irratti walii galame ykm walii hin galamne beekun hin danda’amu-icciitii jabaa waan ta’eef.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/CWB0P34
Maqaa namootaa irraanfachuun deebinee gaafa isaan arginu qaana'uu hanga kutaa qormaataa keessa teenye deebin gaaffii tasumaa yeroo sammuu keenya keessaa badutu jira. Kana akkamiin fooyyeessina?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/KR4c1gF
Pirezidantiin duraanii US osoo duula na filadhaa gaggeessaniiti yaaliin ajjeechaa kan irratti raawwatame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HJNIbUa
Barkurneewwan sadiif siyaasa Itoophiyaa keessatti aangoo biyya bulchuu qabaachuufi dhiibbaa guuddaa uumuun kan beekamu TPLF, seenaasaa waggoota 50 keessatti ''qormaata isa guddaa'' ittiin jedhe keessa galee akka jiru ibse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/goUJjil
Lammiin Keniya anama ajjeesuu amaleeffate jedhame to'atamuu hordofee aarii fi dhaakkemsi uummata biraa dhagahamaa jira. Uummanni poolsiin magaalaittii gaaffiiwan hedduu deebisuu qabau akka jiranis akeeke.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/So9clLq
Joo Baayidaa filannoo dhufurratti kaadhimamaan biraa bakka isaanii bu'ee Tiraamp akka morkatu paartiinsaanii dhiibbaa godhus isaan garuu tole hin jenne.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/XWEauwZ
Zaambiyaatti boordin malaammaltummaa akka ittisuuf hundaa'ee ofiifuu malaammaltummaan shakkamee diigame. Pirezidaantin Zaambiyaa Hakiindee Hichileemaa miseensota boordii farra malaammaltummaa biyyattii malaammaltummaan himataman hojiirraa hari'an.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/t03uNO8
Jaalattoonni isaa ''Mootii Afrikaa'' jedhanii isa waamu. Dorgommii 'Tour de France' irratti gurraacha Afrikaa yeroo jalqabaaf injifatedha.Biiniyaam Girmaay dorgommii saaykiliingii yoo injifatu kun kan jalqabaa isaa miti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Bs0fxkp
Adoolessa 17/2024 Dandii Qilleensaa Itoophiyaarratti sagalee mormii dhageessisuu isaaniif to'atamanii kan turan lammiileen biyya alaa sadii biyyaa ari'aman.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/UkJK7Dq
Kooriyaan Kibbaa dippilomaatii Kooriyaa Kibbaa duraanii biyyaa baqachuun gara sana dhaqan Taayee Yoong-ho gorsaa dura taa'aa mana maree pirezidantii biyyattii gochuun muudde.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/omZbYgw
Naannoo Amaaraa Lixa Gondar, Aanaa Quwaaraatti haleellaa 'hidhattoonni Faannoo' ganda jiraattoonni dhalattoota Agawu keessa jiraatan irratti raawwataniin namoonni kuma 10 ol buqqaafamusaanii aanga’oonni naannichaafi buqqaatoonniifi bakka bu’oonnisaanii BBC'tti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FzUdBjY
Amantoonni Waldaa Qaale Hiwootifi waldaalee warra wangeelaa kaanis barreeffamoota "waa'ee Waldaa Qaale Hiwoot Kurriftuu cal hin jedhu", "Haqni Waldaa Qaale Hiwoot Kurriftuu dhokachuu hin qabu" jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti osoo duula gaggeessanuu ni mul'atu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/my4q05a
Iluu Abbaa Booraatti dubartoonni summeessuun maatii tokko keessaa namoota sadii ajjeesan hidhaan adabaman.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/953s1jp
Kileboonni Awurooppaa hedduun jijjiirraa taphattootaa irratti hirmaachaa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Qbcl0ih
Pirezidaantin Ameerikaa Joo Baayidan Covid-19 qabamuu waajjirri isaanii Waayit Haawus beekise. Akka ibsa Waayit Haawus kanatti yeroo ammaa mallattoon Covid-19 giddu galeessa ta'een dhukkubsataa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/20coCix
Addeessarratti holqi yeroo argamu kan jalqabaa yoo ta'u astiroonotni raadiyeeshiniin akka hin hubamne eeguu danda'a jedhameera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/yDPhCTY
Baatiiwwan darban lammiileen Sudaan kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa hidhattootaan irra deddeebiin irratti raawwatamu baqachuun dahoo UN kana keessaa bahaa turan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/iGfMEgQ
Dhaabni Kongireesii Federaalawaa Oromoo godinaalee Oromiyaa 22 keessatti lolli humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeefamaa jira jedhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/jZX7lcu
Iraan pirezidaantii duraanii US Doonald Tiraamp ajjeesuf karoorsiteetti sodaa jedhuun torbanoota darbanirraa kaasee humni nageenyaa Tiraamp eegan akka dabalu godhamuu qondaalonni nageenya biyyaalessaa US beeksisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5bBW9dk
Atileetiin miila qullaan Olompikiirratti fiigee injifate Abbabaa Biqilaan Afrikaaf seenaa, dhaloota duubaa dhufeef immoo fakkeenya ta'e.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xIVUAZM