bbc_afaan_oromoo | Unsorted

Telegram-канал bbc_afaan_oromoo - BBC Afaan Oromoo Official

129947

This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.

Subscribe to a channel

BBC Afaan Oromoo Official

Daa'imman lakkuu reef dhalatan otoo abbaan isaanii waajira mootummaa naannootti dhalachuu isaanii galmeessisuu haleellaa qilleensarraa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen ajjeefaman.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kb3dF0H

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Omishaalee qonnaa Itoophiyaan gara biyyoota alaatti ergituufi sharafa alaa Olaanaa irraa argattu keessaa bunni isa ijoodha. Abbaan Taayitaa Bunaa fi shaayii Itoophiyaa akka jedhutti ammoo, Itoophiyaan bara bajataa 2016 kanatti gali olaanaa seenaa keessatti argattee hin beekne alergii bunaa irraa argatte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/P0ov3Wf

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Biyyoonni ummata baayyee qaban sadii karoora guddaa nama gara Addeessaatti erguuf qaban ifa godhaniiru.Biyyoonni kunneen maaliif ergama hawwaa kana milkeessuuf maallaqa dolaara biliyoonaan baasuu? Maal argachuuf abdataniiti?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/x7btgsj

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Leenjisaan maaratoonii atileetota Itoophiyaa Gammadoo Daddafoo badhaasa Masaraa Biyyaalessaatti garee Olompikii Paarisiif qophaaye irratti ''badhaasichi dhaamaatii keenya hin madaalu'' jechuun badhaasa kennameef deebisan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ZjSsn0R

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''rakkoo haqaa seena qabeessa'' dhaabbatichaa sirreessuuf rifoormiiwwan godhaman keessatti Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessaa teessoo dhaabbataa akka qabaattu gaafatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AVqHj89

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Mootummaan Iraan duula filannoo Tiraamp gaggeessu irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo jalaa hatte kan jedhu himanni garee duula Doonald Tiraamp irraa dhiyaate ilaalchisee Biiron Qorannoo Federaalaa US (FBI) qorannoo gaggeessuu eegaluu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SYdFNn0

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Ameerikaan gara Baha Jidduugalaa kan muddamni keessatti cimaa dhufeetti doonii miisaa'elii bishaan jala imalu ergite.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/CmBvSIQ

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Badhoo Dhachaasaa Guddataa nama umurii dargaggummaa hanga guyyaa du’asaatti qabsoo Oromoo keessatti dabarse warri isa beekan ni himu.Dhalatee kan guddate magaala Buraayyuu, kan amma Shaggar jala gale, keessatti yoo ta’u baruumsa hanga sadarkaa lammaffaa Mana Baruumsa Madaaniyaalamii kan Gullalleetti argamutti akka baratetu himama.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JVLx7Hn

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Olimpikii Paaris kan milkaa'e jecuun ulfaata. Medaaliyaa afuriin xumuran. Siifan Hasan Nezerlaandisiif medaaliyaa sadii argamsiifte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/evpxAzP

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Itoophiyaan Olompikii Paaris adeemaa jiruurratti hanga ammaa warqii galmeessuu hin dandeenye. Dorgommii 10,000m dogongorri mul’ateerratti kan hirmaate Yoomif Qajeelchaa ‘’ajaja nuuf kennametu qabxii nuduraa balleesse’’ jechuun BBC’tti hime.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/P9O1vaE

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Libaanus bal'inni lafashee xiqqoo ta'us garuu Baha Giddugaleessaa keessatti dirree waraanaas turte. Siiriyaa fi Israa'el waliin wal daangessuun ishee waraanni akka irraa hin fagaanne taasiseera. Qubsuma Hezboollaa kan taane Libaanus ammas waraana biraa keessa galti jedhamee sodaatama.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Tr64Bsv

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Wal waraansa waggoota lamaarraa bayyanataa kan jirtu Tigraay keessatti qocollaa fi ajjeechaan dubartoota gahaa jira.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TIyu9cW

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Masiriin ergama nagaa kabachiisuun waraana ishee gara Somaaliyaatti erguuf akka jettu beeksifte. Gamtaan Afrikaas gaaffi kana simachuu ibseera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/8Ns4Hql

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Ileeni Foo jedhamti, nama ganna 49 yoo taatu wal’aansa miilla dheereffachuuf Doolara 50,000 baaste dogoggora ta’uu wal’aansa turtii waggootaan hordofaa turte boodarra barte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/KpdBfJ6

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Atileet Siifan Hasan Olompikii Paarisitti adeemaa jiruun maaraatoonii injifachuun shaampiyoonaa Olompikii taate. Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa morkii jabaa booda lammaffaan xumurte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SbE2V05

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Waggaa lamaa oliif Yukireen daangaa ishee keessatti haleellaa Raashiyaa itti dhufe qolachaa turte. Loltoota Raashiyaa dhiibdee daangaashee keessaa baasuu dadhabdus dura dhaabbachuu dandeessetti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cMqaAP9

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Dubartiin ulfaa tokko dhugaatii burcuqqoo tokko torbaniitti yoo dhugde guddina sammuu, boca fuulaafi amala daa’ima garaa keessaarratti dhiibbaa akka qabu saayinsiin ni hima.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Q28B7Su

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Mana barumsaatti, bakka bashannanaatti ykn bakka hojiittis ta’u dargaggoonni yeroo wal gahan dhimmi isaan caalaa kaasaniifi irratti odeessan waa’ee kilaboota Piriimer Liigii Ingilizidha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/7KEabvY

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Iraan ofiin ykn karaa michootashee ''tarii torban kana keessa'' Israa'eliin haleeluuf qophaa'aa jirachuu Ameerikaan akeekkachiifteetti. Israa'iliin gargaaruufis humna waraanaa Baha Giddugaleessaarraa qabdu jabeessiteetti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/jmAMUiz

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Korri TPLF har'a (Kibxata, Hagayya 13, 2024) ganama taa'amuuf ture barfatee magaalaa Maqalee keessatti eegaleera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fgFEaWS

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Komaandarri olaanaa Yukireen waraana waggaa lamaafi walakkaa qabateen humnooti Kiiv daangaa Raashiyaa iskuweer kiloomeetira 1,000 dhiibuun haleellaa isa guddaa jedhan raawwachuu himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9mzZxFK

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Mariin marsaa lammataa muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa furuuf kaayyeffatte guyyaa Wiixataa jaarsummaa Turkiin Ankaaraatti eegale.Guyyaa Wiixataa Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi kan Somaaliyaa akkuma marsaa duraa qofa qofaatti waliin dubbataa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kjPO842

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa korri TPLF boru gaggeessuuf waame jedhame boordicha irraa beekamtii hin qabu jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qKMh3QJ

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Dubartiin ulfaa tokko dhugaatii burcuqqoo tokko torbaniitti yoo dhugde guddina sammuu, boca fuulaafi amala daa’ima garaa keessaarratti dhiibbaa akka qabu saayinsiin ni hima.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ckO4PzF

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Tumsi dhaabbata Islaamaa (OIC) biyyoota 57 of jalatti hammate yaa’i atattamaa akka taa’u Iraan gaafachuu hordofee, Sa’ud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti Roobii darbe yaa’ii taa’e.Iraanitti ajjeefamuu qondaala Hamaas Ismaa’el Haniyaa dabalatee dhiimmoonni biro ajandaa marii kanaa turan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/U8S2FCh

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Yukireen daangaa Raashiyaa seentee haleellaa gaggeessuu hordofee guyyaa sadaffaatti ifatti dubbatte. Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waanti daangaa Raashiyaa keessatti ta'aa jiru ka'uumsi "Mooskon nu weeraruusheeti" jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/woISMU4

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Umurii waggaa 5tti Zeenaa Akuwaan intala qaama miidhamummaa tokko malee turte. Halkan tokko hirribaa dammaqxee gara mana fincaanii deemuun itti dhaga'ame. Kan nama ajaa'ibu garuu dhaabbachuu hin dandeenye. Achiis gargaarsa haadhashee gaafatte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qcbY3HQ

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Abiddi buufata annisaa nukilaraa Zaapporeezhiyaa qabacuu hordofee Yukireeniifi Raashiyaan quba walitti qabaa jiru.Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin akka jedhanitti, buufata nukilaraa kanatti humnoota Raashiyaa wagga lamaa oliif bakka sana to’atanii jiranitu abidda qabsiise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zAI8jmk

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Namoonni ispoortii madden garagaraa irraa maallaqa argachuu danda’u. Ispoonsarootarraa, michootasarraa maallaqa badhaasanii argataniifi yeroo jalqabaatiif Olompikiirraa badhaasa ni argatu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wkLDRsJ

Читать полностью…

BBC Afaan Oromoo Official

Gareen duula filannoo Doonaald Tiraamp odeeffannoo ykn komunikeeshiniin keessoo isaa muraasni haakaroota Iraaniin buutamuu akka hin oolle beeksiise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9KpSJIz

Читать полностью…
Subscribe to a channel