Lammiileen Afrikaa, keessumaa dubartoonni, heddu Libaanositti hojii garaa garaa irratti bobba'anii jiraatu. Ewulita Jeeroop lammii Keeniyaa ji'oota 14 darbaniif magaala guddoo Libaanos kan taate Beerut keessa jiraataa turteedha.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/DwSktuO
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waltajjii Kora Biyyaalessaa Dimokiraatotaarratti ija imimmaan guuteen nagaa dhaammatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/imzshn7
Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu erga kaastee as Gaamfa Afrikaatti muddamni dhalateera.Biyyi uummata miliyeena 120 ol qabdu buufata doonii Jibuutii qofarratti hundaa’un gahaa akka hin taanefi ulaa galaanaa argachuuf balbala heddu rukutaa jirti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/5NxIsJh
Korri waliigalaa 14ffaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay(TPLF) falmisiisaa ta'e har'a xumurame.Walgahiin torbee darbe eegalee gaggeeffamee ture Wiixata waaree booda wayita goolabamu miseensota koree giddu galeessaa ifatti filateera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hWqvHKG
Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp, kan amma pirezidantummaaf dorgomaa jiru, yoo filame baqattoota eeyyama jireenyaa seera qabeessa hin qabne hedduu hari'uun karoorasaa ijoo akka ta'e ibseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ShTqP86
Arsenaal, Maan Siitii, Maan Yuunaayitid fi Liiverpuul morkattoota isaanii mo'ataniiru. Haalaandi taphoota 100 irratti waliigalaan galchiiwwan 91 Maanchister Siitiif lakkoofsiseera
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/BYSnzLZ
Sagantaa beekamtiifi badhaasa Garee Atileetiksii Itoophiyaa Olompikii Paarisirraa deebi’eef Masaraa Biyyaalessaatti qophaa’erratti leenjisaa Gammadoo Daddafoo badhaasa diduun ijoo dubbii ta’eera. Sababni leenjisaan kuni kana godhaniif maali?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/diTwy0R
Jiraataa magaala Finfinnee kan ta’e dhalataan Tigraay paaspoortii baafachuuf dhalataa Tigraay waan ta’e qofaaf rakkoon heddu akka isa mudate hima. Ragaa barbaachisu hunda qabatee waajjira immigireeshiniitti dhiyaatus kessummeeffamuu waan rakkateef bakka dhalootaa jijjiirufi sobuun dirqama itti ta’e.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/BUqYFi7
Waggaa tokkoof homaa gochuu yoo dhiiste sitti tolaa? Hojii hojjechuu, guddina hojii barbaaduu ykn waan
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JWkNqam
Waraanni Hololaa (Cold War) erga xumuramee booda Jarman yeroo jalqabaaf yaaddoo keessa galtee jirti. Yaalii ajjeechaa, icciitiin bilbila butuufi gochaawwan nageenya biyyattii yaaddoo keessa galchan jedhaman dhagahamaa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/GTWOR86
Waggaa dheeraa booda Tiyaatirri Walaabuu jedhamu dhiyeenya kana galma tiyaatira biyyaalessaatti agarsiifameera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0xvbmBK
Bara 2000 irraa eegalee qorattoonni hawaa buufata hawaa keessaa dhabamanii hin beekan. Kana jechuun sana duras namoonni buufata hawaa keessa jiraachaa, keessaa hojjechaa hin turre jechuu miti. Wayita hawaa keessatti ugguraman maaltu ta'a?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/XCkIn6P
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan kanneen marii Gaazaatti hirmaatan yaalii dhukaasa dhaabuuf taasifamaa jiru akka hin tuffanne akeekkachiisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vVNxsao
Netaaniyaahun umurii dargaggummaatti mi’aa aangoo dhandhamuu kan eegale. Gaggeessaa Israa'el duraanii Yisaaq Raabin ajjeefamuu hordofee Shimoon Pereez wajjin filannoof dorgomuun ministiira muummee dargaggeessa jedhamuun bara 1996 aangoo qabate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/lz3NsuX
Dura taa'aan Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/Mikaa'el "Yoo TPLF diigame waliigalteen Piriitooriyaas hin jiru" jedhan.Dr Dabratsiyoon haasaa baniinsa yaa’ii paartichaa 14ffaapaarticha keessatti qoqqoodinsa uumerratti kana dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/YvJ2jW4
Waggoota lama keessatti haadha warraasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeesuu kan amane lammiin Keeniyaa mana hidhiaatii miliqe. Poolisiin barbacha eegale.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/T3Z7Nb9
Naannoo Amaaraa magaalaa Baahird Daaritti bara darbe yakkamaan Geetinnet Baayyee jedhamu daa'ima waggaa torbaa erga gudeedee hudhee ajjeesuun hidhaan waggaa 25 irratti darbeera. Uummanni biyyattii adabbiin kun gahaa miti jechuun tibbana miidiyaa hawwaasaa irratti duula bananiiru. Haati daa'ima ajjeefamtee Abeqellesh Adabaa BBCtti dubbatteetti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/yPNmvuU
Jiraattonni godina Shawaa Kaabaa gaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru kuni dhuma dhabeera jechuun tibbana akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf waaqa yoo kadhatan mul’atan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/2yAw1ZN
Dhuma torbee darbee jalqabee magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa keessatti geejjiba dabalatee sochiin idilee danqamee akka ture jiraattonni BBCtti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qDj5U8N
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mariin Itoophiyaafi Somaaliyaan Ankaaraatti taasisan kan milkaa’u dhabe Itoophiyaan waan birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa hin kabajneef jedhan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tjV1FvW
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibeen maaree jaldeessaa kutaalee Afrikaa hedduu keessa faca'e fayyaa addunyaaf yaaddoo ta'uu labse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/EgscnMq
Dura taa'aan Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/Mikaa'el "Yoo TPLF diigame waliigalteen Piriitooriyaas hin jiru" jedhan.Dr Dabratsiyoon haasaa baniinsa yaa’ii paartichaa 14ffaapaarticha keessatti qoqqoodinsa uumerratti kana dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9Zdnt1V
Gadameessi namtolchee lubbuu daa'imman yeroo malee dhalatanii baraaruu danda'a. Garuu qormaanni namaa osoo hin jalqabin dura yaadonni naamusaa ilaalamuu qaban jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/upXF3WN
Korri Dura Taa'aa Itti Aanaa TPLF fi Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan waamame fi ''TPLF baraaruuf'' jedhame magaalaa Maqaleetti jalqabameera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/1pU68yb
Dura taa'aa TPLF fi Pirezidantii bulchiinsa yeroofii naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, gareen hoogganaa paartichaan durfamu bulchiinsa yeroo harkaa aangoo butachuuf akka jiru ibsan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uztf0rT
Paakistaan keessatti pirojektiin guddaan baankii aannan harmaa jalqabuuf hojjetame mormii dursitoota amantaa Islaamaa Karaachiitti argamaniin irraa gaheen kufe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Ai5EIMS
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa jireenyaafi oogummaa barsiisaa jabeessuuf baankii barsiisotaa hundeessuuf karoorri akka jiru beeksisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HTc6DSU
Olompikii Paaris irratti qabxii seenaa keessaatti sadarkaa sadaffaa qabatu kan galmeessite Keeniyaan Itoophiyaaf gorsa dhaamte.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rVtzaIT
Koreen Oloompikii Itoophiyaa Olompikii Paaris booda ibsa har'a miidiyaalef kenneen duulli gaggeessitoota korichaarratti taasifamu sirrii miti jedhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/lrAtYzB
Mana barumsaatti, bakka bashannanaatti ykn bakka hojiittis ta’u dargaggoonni yeroo wal gahan dhimmi isaan caalaa kaasaniifi irratti odeessan waa’ee kilaboota Piriimer Liigii Ingilizidha.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zlmx692