“Akka Godina keenyaatti manneen barnootaa 229 kaan guutumatti, kaan gariin gubataniiru. Kuni aanaalee sagal keessatti. Manneen barnootaa 217 ammoo Manni barumsaa osoo homaan taane sababa rakkoo nageenyaan hojii baruu fi baarsiisuu kan dhaaban. Sababiidhuma kanaatiin barattoonni 62,000 ol barnootaan ala ta'aniiru,” jedhan aanga'aan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Kaabaa.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/elZNzB2
Erga Onkololeessa 7 irraa kaasee dhiiroota loltotaafi siiviloota ta’an gara 170 irraa isparmiin fudhatame olkaa’amu ministeerri fayyaa israa’el himeera. Kunis kan waggoota duraa irra yeroo 15n kan caaludha.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/S3UoipN
Miidiyaa hawaasummaa Telegram jedhamu kan hundeessee fi amma hoogganaa olaanaa kan ta'e Paavel Duurov Faransaay keessatti to'annoo jala oole.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/It4YB0d
Raashiyaafi Yukireen namoota waraana keessatti qabanii waljalaa hidhan kan waliif deebisuu ibsan Sambata kaleessaa (Hagayya 24, 2024) yoo ta'u, kunis erga loltoonni Yukireen daangaa Raashiyaatti ce'uun naannawa Kursk qabatanii torbanoota booda.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HqNoQ4e
Qorannoon haaraan akka agarsiisutti shamarran Ameerikaa marsaa laguusaanii jalqabaa dafanii argu.Qilleensa faalamaf saaxilamuun gartokkoon gumaacha qaba jedhame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FPMAqQc
Sagantaan yaaddannoo dungoo ibsuufi ibsa gaazeexaa mucaan wagga torbaa Heevan Awatii kan haala sukkanneessaadhaan Baahir Daaritti gudeedamuun ajjeefamtee ilaalchisee hoteela Iliillii Finfinneetti Jimaata kaleessaa taasifamuuf ture pooliisiidhaan akka adda citu taasifamuun dhagahame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Qdvg3JK
Hoteelli qarqara galaanaa odola Ayiil of Maan jedhamu keessatti argamu cancala yakkaa doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu lammiilee Chaayinaarraa waliin dhahu qabaachuu qorannoon BBC gabaaseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/mJog7B1
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo yaa’iisaa dhiheenya kana magaalaa Adaamaatti taa’een. naannoo Oromiyaa keessatti nageenyi akka bu’uuf waamicha taatsiseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/4FYnwjB
Daandiin Qillensaa Itoophiyaa imala gara Hargeessaa godhu irratti ibsa maqaa fayyadamu akka sirreessu gaaffii mootummaan Somaaliyaa dhiyeesse simatee sirreefama godhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/MwBVy1v
Bara darbe Aston Viilaan dhaqaa-gala dirree isaafi dirreen alatti Arsenaaliin mo’ate. Kun ammoo akka Arsenaal shaampiyoonaa hin taane godheera.Bara kana hoo? Dorgommii Arsenaal waancaaf taasisu jalqabumarraa gufachiisuu lata?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zZNocl1
Jiraataa magaala Finfinnee kan ta’e dhalataan Tigraay paaspoortii baafachuuf dhalataa Tigraay waan ta’e qofaaf rakkoon heddu akka isa mudate hima. Ragaa barbaachisu hunda qabatee waajjira immigireeshiniitti dhiyaatus kessummeeffamuu waan rakkateef bakka dhalootaa jijjiirufi sobuun dirqama itti ta’e.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/B8ExOal
Haata’u malee, Itoophiyaatti miidhaan saalaa dubartootarratti raawwatamu bakka waraanniifi walitti bu’insi jiru keessatti qofa miti. Yeroo walitti bu’insi hin jirrettis Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin miidhaan saalaa dubartootarratti raawwatamaa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cOQ3HgB
Waa'ee falfaltoota Awurooppaa waanti beekamu: baayyeen isaanii dubartoota tahuu, falfala isaaniin harataa yaabbatanii ka'achuu, koffiyyaa fuuldurrishee boca rog-sadee qabduu keewwachuu, adurree gurraattiif jecha tolchaa isaaniinii.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/1ngz4Qy
Dhaabbileen tikaa fi odeeffannoo Itoophiyaafi Keeniyaa, hooggantootaa fi hidhattoota garee daangaa irratti akkasumas Keeniyaa keessatti hojii shororkeessummaa raawwatan qolachuurratti oppireeshinii gaggeessaa turan cimsanii itti fufuuf kallattii kaa'atan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/l5Pvb4i
Angawoonni Jarmanii namichi haleellaa jumlaa meeshaa qara qabuun raawwachuusaa amane miseensa garee Islaamik Isteet (IS) jedhamuun ta'uu akka shakkamu adda baasan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/GkAZ4yP
Israa'el magaalaa Tel Aviv keessatti baqattoonni Ertiraa deeggartootaa fi mormitoota mootummaa biyyasaanii ta'an walitti bu'uun lubbuun namoota lamaa yoo darbu namoota shanirra miidhaan ga'eera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/68xJYMb
Waraanni Israa'el, dachee Libaanos keessaa rokkeettiifi Misaayela gara Israa'elitti dhukaasuuf sochii godhamu erga hubatee booda haleellaa banuu ibse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qn38PHM
Itoophiyaan deeggarsa mootummaa Gamtaa Imireetota Arabaa (UAE) irraa argameen lammiileen miliyoona shanii ol leenjii dijitaalaa akka argatan taasisuuf hojii eegalteerti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/L5XvH4p
Gosooti hojii namoota baayyeen dalagaman fuulduratti hojii tahuun isaanii ni hafa. Ragaan dhaabbata diinagdee World Economic Forum akka agarsiisutti dhimmooti lama haala kana ibsuu danda'u.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FwkvyUG
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Booying 737 Max 8 balaa mudateen dura rakkoo elektirikaa qabaachuu ragaan agarsiisu dhoksuu hoji-gaggeessaan duraanii Booying beeksisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/8qEoh2I
Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaan himannaawwan akaakuu 115 kilabicharratti dhiyaatan yeroo dhiyoo keessatti dhaga’amuu jalqabu jedhamanaan “gammaduu” hime.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/KxYIlCy
Tibbana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Mareen Jaldeessaa yaaddoo fayyaa Idil-addunyaa ta'uu isaa yeroo lammaffaaf irra deebiin labseera.Vaayirasichi bara 2022 irraa eegalee daran kan babal’ataa dhuf e yoo ta’u, bara kana ammo Afrikaa qofa utuu hin taane, biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaatti fafaca’uun yaaddoo guddaa uumera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rQPB3IS
Itoophiyaan waliigaltee wal hubannoo Somaaliilaandi waliin galte haqxu malee qaama ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaa isa haaraa hin taatu jedhan MM Somaaliyaa Hamzaa Abdii.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9NRJ2PM
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee misooma koriidarii marsaa lammaffaa, iddoowwan seensa magaalattii ta'aniifi bu'uuraaleen misooma reefuu keessatti babal'ataa jiran kanneen akka Adda babayii Koyyee, Gooroo fi Samiit jedhamanitti hojjechuuf.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/q8Re05E
Bara darbe Aston Viilaan dhaqaa-gala dirree isaafi dirreen alatti Arsenaaliin mo’ate. Kun ammoo akka Arsenaal shaampiyoonaa hin taane godheera.Bara kana hoo? Dorgommii Arsenaal waancaaf taasisu jalqabumarraa gufachiisuu lata?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zZNocl1
Dursaan garee mindeeffamtoota Waagnar, Yevgeny Priigozhiin erga du’ee waggaa tokko darbeera.Gareen Waagnar kan loltootaa isaa guutuu Yukireen, Sooriyaa fi kutaalee Afrikaa keessatti bobbaasuudhaan eddoo ykn impaayera bal’ifatee ture ammatti maaltu akka mudate guutummaatti ifa miti. Kan beeknu kunooti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/XMEzmY0
Saayintistoonni akka jedhatti, hawaasni Cheemayna ujummoolee dhiigaa arterii hunda caala fayyaa ta'e qabaachusaanii qorannoon mirkaneessan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Pq5Jwoz
Humni Ibsaa Itoophiyaa ALI bara 2016 keessa tajaajila ibsaa biyya keessatti dhiyeesserraa galii birrii biliyoona 20 buufachuu beeksise. gurgurtaan sharafa alaan godhameen ammoo doolaara miliyoona 140 argacahuu gabaase.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/T4EpfgY
Ministirri Maallaqaa duraanii Ertiraa Obbo Birhaan Abirahaa, pirezidaant Isaayyaas akka aangoo gadhiisaniif ifatti gaafatan mana hidhaa keessatti lubbuun isaanii darbuu maatiin BBCtti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/40EpG5d