Yonaas Nigusii fi Helen Berihee barattoota naannoo Tigraayi, Mana-barumsaa Qalaaminoo magaalaa Maqaleetti argamuuti. Isaanis qormaata kutaa 12ffaa tibbana iftoomeen qabxii olaanaa biyyattii kan galmeessan keessaayi. Yonaas 700 keessaa 675 yoo fidu, Helen ammoo 662 galmeessite.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/n293mub
Mootummaan Itoophiyaa qondaaltoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ''karaa seeraan alataatiin'' hidhaarra turan, ''dhiifama akka gaafatuu fi beenyaa miidhaa akka kanfaluuf'' dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Wooch (HRW) gaafate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uo2f7NO
Tujaarri adunyaa keenyaa Biil Geet tibbana gara Itoophiyaa fi Naayijeeriyaatti imaluun guyyoota shaniif daawwannaa taasisaniiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/yGwsbVS
Ministirri Muummee Abiy Ahimad qaami Itoophiyaa weeraruuf abjotu dursee si’a baay'ee yaaduu qaba jechuun akeekkachiisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FwjJTx5
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa ALI jalqaba bara 2016tti dabarsaniin, ''Bara dhufaatti qormaatoonni keenya hir'atanii, tokkummaan sabdaneessuummaa biyyaaleessaa keenya almaazii caalaa cimee, nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaa bu'uura cimaa irratti cimsina'' kan jedhu ture. Taateewwan siyaasaa ijoo akkasiin qixeessineerra.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/n1KD56G
Kanaafis himatamaan kun mirga wabiitin yoo gadhiifame yeroo manni murtii barbaadutti dhihaachuu dhiisuu mala, akkasumas yakkichi adabbii gadi aanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii eegamuu hin qabu jechuun murtii manni murtii olaanaa Federaalaa kenne cimse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gJe4nyj
Fiigichi tasgabbii, qindoomina, annisaa maashaalee fi sochii niwuroonirratti hundaa’a.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3I6Pjwp
Poolisiin lammii Filippiins 'ilma Waaqayyoo' jedhee of waamu Appooloo Kuyiboloy to'achuuf waldaa inni itti lallabu torban lamaaf marse.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/QCpfRyw
Xalayaan Itoophiyaa BBC’n arge ‘’Manni Maree Nageenyaa doorsisa Masriin faallaa chaartara Biyyoota Gamtoomaniin Itoophiyaarratti tarkaanfii humnaa fudhachuuf taasistu qalbifachuu qaba,’’ jedheera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/PHb4Iz3
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Masriin ‘'durii qabee diina Itoophiyaati’’ jechuun waaman.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0iyxNWm
A L I bara 2016 keessa Itoophiyaan Rifoormii Maakiroo Ikonoomii ilaachisuun jijjiirama guddaa taasifteetti. Sharafa alaa gabaa jirurratti akka hundaa'u gochuu, gabaa daldalata qinxaabootii hanga jimilaatti abbootii qabeenyaa biyya alaaf banaa gochuu kanneen jedhaman warra ijoodha.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/j1IFNl6
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Mariin ‘durii qabee diina Itoophiyaati’’ jechuun waaman.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0iyxNWm
Ministirrii Muummee Abiyi Ahimad Itoophiyaan birmadummaa ishee mariif hin dhiyeessitu jedhan. Dubbiin bulchaa Itoophiyaa kuni yerootti Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aRuIkvh
Pirezidantiin US Joo Baayidan waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee aangawoota qoqqobuuf Ajaja Pirezidantii baasan waggaa tokkoof akka dheeratu murteessan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/40o2EBA
Sittiinaa Abbaaduulaa artistii gameettii aadaa Oromoo Jimmaa weelluudhaan beeksistedha. Wellistuun kun waggoota dheeraaf dagatamtee turtus, Jimmi yeroo ka’u welluunshee biraa hafee hin beeku jedhama.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/s6huK9H
Jala-bultii jala wanti arganiifi dhaga’an miira ayyaanaa nama yaadachiisa.Caffee, gabaa handaaqqoofi busaa’ee, qricaa, uffata haaraa… hedduudha.Suura kana yoo daawwattan maaltu isinitti dhaga’ama? Maal yaadattu?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HjeZwk7
Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigiraayitti Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageneyaa kan tahan Jeneraal Taaddasaa Warradaa naannichi muudamaa haaraa akka hin gaggeesine dhorkan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aFNvSD1
Biliyeenarri addunyaa fi Weellistuu beekamtuun Seliinaa Gomeez ofii isheetiif daa'ima da'uu waan hin dandeenyeef guddifachaa fudhachuu ykn gadaameessa dubartii biraa kireeffachuun daa'ima argachuu akka barbaaddu ibsite.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ykx85vb
Waggoota muraasaa asitti wiirtuu hidhattoonni keessa socho’an ta’aa kan dhufe godinni shawaa kaabaa (Salaale) erga Kamisa darbe waaree boodarraa eegaluun tajaajilli bilbilaa guutummaatti adda cituu BBCn odeeffateera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gUZGpum
Fiigichi tasgabbii, qindoomina, annisaa maashaalee fi sochii niwuroonirratti hundaa’a.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3I6Pjwp
Pirezidantiin US Joo Baayidan waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee aangawoota qoqqobuuf Ajaja Pirezidantii baasan waggaa tokkoof akka dheeratu murteessan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/P0kaS8D
Guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 keessa qoraman keessaa kan darban ykn milkaa’an 5.4% ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/6a1v37l
Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoomuu ministeerri barnootaa beeksiseBarattoonni bu’aa ykn firii qormaatasaanii halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa kaasanii ilaallachuu jalqabuu akka danda’anis himeera ministeerichi.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/imCIzgH
Mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaa waliigaltee walii mallatteessuun oppireeshinii waloo hidhattoota WBO kan mootummaan Itoophiyaa 'Shanee' jedhu irratti gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaadarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee BBC'tti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/jq3bnPV
Dorgommii Neeshinsi Liigii Poorchugaalii fi Iskootilaandi gidduutti gaggeeffameen Roonaaldoon galchii injifannoo biyya isaaf lakkoofsise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TdEPe2H
Deeffuu fi dhuufuun qilleensa gara keessatti fudhannu, dhugaatii dhugnuu fi baakteeriyaa qaama sirna bullaa’insa soorataa keenya keessa jiranirraa maddu.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9zlGnm6
Waligaltee waraanaa Masiriifi Somaaliyaan dhiyeenya taasisan hordofee xiyyaarri waraanaa Masirii lama qondaalota waraanaafi meeshaalee waraanaa qabatee magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo qubachuun gabaafamaa ture.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uA9Nt5P
Pirofeesar Andiriyaas Isheetee siyaasa Itoophiyaa ammayyaafi hayyuulee biratti maqaa haalaan beekamudha. Garuu hayyuun kuni eenyudha?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fALQinW
Toorri Addunyaa Haaraan (New World Order) erga waraana ololaatiin asitti haala kanan dura argamee hin beekneen yaaddoo keessa jiraachuu hoggantoonni tajaajila tikaa UK fi Ameerikaa akeekkachiisan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/oyS8PwE
Dargaggeessa abdii kutannaa hamaa keessa turedha. Du’eera jedhamees mana yaalaatii awwaalchaaf baafamee ture. Har’a garuu kitaabota hedduu barreessuufi hiikuun dhaloota qaraa jira.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wi9ZGzX