daandii_marroo | Unsorted

Telegram-канал daandii_marroo - Daandii j/marroo

4579

FILANNOO BOORDI ❌ HIDHANNOO FI BOMBITU ✔ bilisa nu baasa Yeroo toora irratti deebine isiniif baarressina yaada nuuf laachu dandeessu @yaadawbo_bot t.me/share/url?url=t.me/daandii_marroo

Subscribe to a channel

Daandii j/marroo

Dargaggoo Gumii Suurichoo erga hidhamee baatiiwwan lama tahus hanga ammaa M/nutti hin dhiyyaatiin jira.

Dargaggoo Gumii Surichoo kaampii waraanaa Godina Negellee Booranaatti hidhamee akka jiruu fi maatiin isaallee dubbisuu akka dhorkaman odeeffanne.

Waaqayyo isa gargaarinnaa !

Читать полностью…

Daandii j/marroo

🔗 Liinkin affeerraa kesssani ⬇️ 🔗
/channel/bestOnline_market_bot?start=r0012083974


#share join gochuun wbo jabeessudha!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Haal duree marii araaraf jecha Jaal   Marroon biyyaa wan hin jirreef lola eegalla qaama jedhuuf lola ijaan agartan hin beekne isiin agarsiisuf nunis qophii dha jechutti jiru jaallan hoggaansa garaagararraa jiran. Kanaaf hawwaasi kan duriirra of eeggannoon socho'aa.
#𝙒𝘽𝙊_𝙒𝙖𝙡𝙞𝙞𝙣_𝙁𝙪𝙡𝙙𝙪𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞
#𝙊𝙧𝙤𝙢𝙞𝙮𝙖𝙖𝙣_𝘽𝙞𝙮𝙮𝙖

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Shirri Irreecha akka ummatni hedduminaan bahee hin irreeffanneef xaxamaa jiru Bishooftuu keessatti eegalee jiraachuu agarsiiftuuwwan mul’ataa jiru.

Irreecha Ibsituu Eenyummaa Oromummaa kan tahe Ummatni Oromoo akka bahee hin irreeffatamneef shira gama kamiin xaxamu ummatni waloon saaxilee Irreecha nagaa fi jaalalaa tahuu mul’isuu qabaan dhaamsa keenya.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Gondar Dagaa Daamot keessatti tarkaanfii Faannoon RIB irratti fudhataniin lubbuun hedduun darbeera

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Ummanni keenyaa keessaa fi alaan ajandaan isaa inni guddaan ajandaa mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromooijaaruu, tumsuu, itichuu fi tikfachuu tahuu qaba. Gaanfa Afrikaa kana keesaatti qe'een ormaaf bal'oo Oromootti dhiphatte, gabromfattootaa fi ergamtoonni isaanii itti wal gahan dirreen lolaa Oromiyaa dha.

Ummanni Oromoo qe'ee kee ormaan sitti dhiphate bal'ifattee keessa jiraachuuf, akeekaa fi kaayyoo itti dadhabaa turte galiin gahachuun Bilisummaa, Mirga abbaa Biyummaa, Dimokiraasii fi walqixummaan sabaa fi sablammootaa barbaadamu mirkaneeffachuuf yeroon kun, yeroo kam iyyuu caalaa yeroo barbaachisaa fi murteessaa dha.

Waan taheef, ummanni keenya dammaqiinaan quba wal qabaatee, afanfajjii fi burjaajii ergamtoota diinaa irraa fagaachuun qe’ee isaa tikfachuu qaba.

Kanneen ergamni isaanii Itophiyaa kufte lafaa kaasuu ta’ee fi qabsoo Oromoo laamshessuu irratti fuulleffatan maqaa Oromoo dhahataa, Dhiiga ilmaan hiyyeessaa irraan tarkaanfatanii, baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hoongessaa, mooraa Impaayera Itophiyaa gabbisuuf jecha “Hiriirri Siyaasa” jechuun afanfajjii uumaa oolan cufti isaanii baabura qabsoo Oromoo geessanii qiletti dhidhimsanii, qabsoo Oromoo of duubatti harkisuun akeeka diinaa galiin gahan malee, qabsoo Oromoo taakkuu tokko illee hin tarkaanfachiifne.

Kanaaf, jarri kunneen warra qabsoo Oromootti falaxaa guuruun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diigan tahuu baruun ummanni keenya dammaqinaan irraa akka of tiksu gadi jabeessinee dhaamna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 16, 2023

Читать полностью…

Daandii j/marroo

jirtuu jaallan wabii biyyaa

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Yooyyaa, weellisaa, ogeessa fayyaa, loltuu WBO jaal Abbaa Roobaa ( Domboobsaa) wallee haaraa haala yeroo faana wal qabatu "Irraa Hin maqnu" jechuun nuuf dhufeera.Baga milkoofte jabaa namaa!

Guyyaa muraasa keessatti YouTube Aarrata biyyoolessaa irratti eeggadhaa.
Sagalee Bosonaa ❤💚❤️

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti  jabaachuun himame.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Jirra jirtu yaa uummata jaalalaa! Haalli adda nu fageessus isin yaaduu hin dhiifne!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Lakkoofsotni bilbilaa armaan gadii kun hattoota maqaa WBOtiin nama doorsisanii maallaqa saamaa jiranidha.
Buraayyuu taa'anii NUTI WBO DHA jechuudhaan qarshii namarraa saamaa jiru.
Maallaqa asirra naaf galchi, ykn sin ajjeesa jedhanii lakkoofsota kanaan bilbilanii nama doorsisu.
Lakkoofsi isaanii:-
0936704714
0917303979
0975592422 kanadha.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Obsa fixanneerra, amma isa xumuraati. Ammas isa dhumaati obsa fixanneerra jedhan Shimeenfaa nuti immoo obsa isiniif liqeessina!....😁

~ Jaal marroo

Читать полностью…

Daandii j/marroo

#Naqamtee hardha Milishaa karaa sabboonan sochiif baate gugsee ofirra deebise💪

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Mariin Araaraa WBO fi Mootummaa gidduutti marsaa 2ffaan dilbata Caamsaa 29/2023 akka gaggeeffamu odeessi arganne ni mul'isa.

Marii araaraa marsaa calqabaa gaggeeffameen booda lolli WBO fi mootummaa gidduutti jabaatee adeemaa kan jiru yoo tahu araarri marsaa 2ffaan olaantummaa mootummaan WBO irratti fudhachuuf taasise Waraanni Bilisummaa Oromoo if irraa qolachuun injifannoo gonfachaa jira.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Horroo Guduruu Jaardegaa Jaarteetti humni Finxaeyyii Amaaraa Faannoon waan raawwataa ture Manguddoo biyyaa irraa caqasaa!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Isin hunduu join gochuun dirqama keessan bahaa!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Tarree alabaa biyyoota Addunyaa si dhaabuuf kumaa kitilatu kaayyoo ABO jalatti kufaa jira.

Oromiyaan Biyya!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Abboo lalii WBO This weapon was taken from regime soldiers by OLA.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

𝙄𝙣𝙟𝙞𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤 𝘼𝙢𝙪𝙧𝙪𝙪
Humni bakakkaa birgeedi
Galgala kana humna waraana pp ooralii tokkoo guutumma ishee Irraa rukuchuun dhuunfateera!

Читать полностью…

Daandii j/marroo

namoonnii firii qormaataa ministiry laluu barbaaddan lakkofsa admision keessan naaf ergaa

Читать полностью…

Daandii j/marroo

/channel/daandii_marroo

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Kallaattin ABO-WBO kennee fallesitanii waraanaa addaan qooduun kunii cubbuu dha,seenaa isiin gaafata

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Waraanni impaayera itoophiyaa hedduuminaan  giddu galeessa Oromiyaatti bobba'e, yakkoota waraanaa hedduu uummata nagaa irratti raawwachaa jiru jechuun jiraattotni komatan
 
ONM-ABO Caamsaa 31,2023 mariin araaraa waraana bilisummaa Oromoo fi murna bilxiginnaa gidduutti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaritti geggeeffamaa ture, Kan abdii uummata Oromootti  horee fi garam ba'aa jedhamee eegamaa ture  yoo ta'u, nagaan waaraan uummanni Oromoo abdii fi hawwii guddaan eegaa tures gara duula waraanaatti fuula deebifachuun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti yakkootni waraana raayyaa ittisa impaayerattiin raawwatamaa jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Hidhabuu Sandii bakka addaa Hudhabuu jedhamtutti obbo  Tashaalaa Zambaabaa abbaa maatii Kan ta'e ajjeesuun, erga ajjeesanii booda reeffa isaa dhorkachuun turtii sa'aatii dheeraan booda galgala Caamsaa 29,2023 reeffa maatii Isaaf laachuun Caamsaa 30,2023 sirni awwaalcha isaa geggeeffamee Jira.
Ajjeechaa kana cinattis ona Ilfaata ganda Sinaanii Lukkuu keessatti daa'ima maqaan isaa Raattaa Tankaraa jedhamu osoo inni loon tiksuu meeshaa waraanaa guddaa morteraan rukutanii madeessuun yaalamaa akka jiru jiraattotni himan.
Oduu biraatiin onuma Ilfataa ganda Ambaaltaatti loon hedduu waraanni bilxiginnaa obbo Atoomsaa jalaa ooffataniiru.
Oduu ajjeechaan Wal qabatuun godina lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Ganjii Gooroo Horee bakka shaambaa jedhamutti maanguddoo Baay'isaa Qadiidaa jedhamu jaarsa biyyaa yakka tokko malee  waraanni goolessaan Bilxiginnaa maqaa sakatta'iinsa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun bobba'aan ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
 
Baha Oromiyaa godina lixa Harargee aanaa Baddeessaa keessatti tiksitoonni impaayerattii isin miseensa waraana bilisummaa Oromooti jechuun, namoota nagaa hidhanii hiraarsaa jiraachuun himame
 
ONM-ABO Caamsaa 31,2023 Bilxiginnaan siyaasaa fi tarsiimoo walfakkaataa waggootaaf gargaaramuun, dhiibbaa hawaasaa yaadaan ofirraa qolachuu dadhabee tarkaanfii Abbaa Irrummaa tooftaa taasifate Biltsiginnaan, yakka uummata nagaa irratti raawwatuun madaa godaannisni isaa hin fayyine uumee ibidda warraaqsaa dachaan uummaticha keessatti shidaa Jira.
 
Haaluma kanaanis, caamsaa 21,2023 Baha Oromiyaa magaalaa Baddeessaa keessatti poolisoonnii fi loltoonni impaayeratti halkan tilmaama sa'a 4 tti nama Huseen Hasan jedhamu abbaa ilmaan 4 fi nama Saadiq Muummee jedhamu abbaa ilmaan shanii, isin miseensa WBOti jechuun mana isaanii keessaa qabanii mooraa waraana raayyaa ittisa impaayerattiitti geessuun reebicha ulfaataa irratti raawwataniin of wallaalanii kan jiranii fi haga ammaas moorichuma keessatti gidirfamaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Namoonni kun namoota hojii guyyaa dalaguun maatii ofii jiraachifatanii fi siyaasa irraas walaba ta'aan ta'uu kan himan maddeen, magaalattii keessatti namoonni adda durummaan uummata hiraarsaa jiranis Itti gaafatamaa poolisii magaalichaa Taayyee jedhamu, dhimma nageenyaa magaalichaa Indaashawu, gaafatamaa siyaasaa fi dinadgee Yuuyyaa jedhamuu fi qaamoleen caasaa sirna PP magaalichaa maqaa fi hojiin isaanii nun qaqqabin hedduu ta'uus gabaasan.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Marii Araaraa WBO Wajjinii adda Citee jiraachuu Mootummaan Itiyoophiyaa beeksise.


Mariin Araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin taasifamu Akka Dhaabate Mootummaan Itoophiyaa har’a Beeksiseera.

Ministiriin haajaa alaa Itoophiyaa haala yoroo irratti har’a ibsa kenneen, mariin araaraa WBO wajjin eegalamee ture marroon itti aanu addaa cituusaa beeksiseera. Dubbii himaan ministeerichaafi ibsa kana kan kennan ambaasaaddar Melles Alem, mariin nagaa buusuu mootummaa federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduu bakka amma jirutti dhaabbateera jedhani. Mariin suni yoo kan deebi’ee eergalamu ta’e mootummaan ifatti sabaa himaaleefi dhimmichi warra ilaallatuuf akka beeksisu ambaasaaddar Mallas Alem ibsa haala yoroo kan torbanii wayita kennan dubbataniiru.
Bakkuma amma jirutti adda citeera jedhani malee sabaaab ifatti kan kaahan hin jiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoos gamsaatiin karaa tiwitera dubbii himaasaa Odaa Tarbiitiin mariin mootummaa Itoophiyaa wajjin deebi’ee eegalamuuf kan karoorfameeru homaa hin jiruu jedheera.

Kanaan dura garee marihatan lamaanirraafi karaa IGAD’tiin mariin nagaa buusuu marsaan duraa wal-hubannoo gaariin waan xumurameefi marroon itti aanu akka jiraatu ibsuun isaanii ni yaadatama. Maddi oduu Indiyaan Oshin jedhamu gareen lamaan Dilbta dabre walitti deebi’uuf jiru jedhee gabaasee ture.
Erga marii isa jalaqabaati ideebi’anii mootummaafi WBO lola guddaa gaggeessaa akka jiran bal’inaan dubbatamaa jira. WBO muutummaatu nagaa jibbee lola narraatti baneera jedhee wayita himatu, mootummaan ammoo hojii olaantumma seeraa kabachiisuufi nagaa buusuuttan jiraa jedha.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Qophii Eebba Ogeeyyota Fayyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa  galgala kana sa'a 2:00 akka lakkoofsa impaayera Itoophiyaatti qabannee isiniif dhiyaanna.

ONM-ABO karaa YouTube,  telegram,  Facebook fi TVn hordofaa!

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa sagalee cunqurfamtootaa !

Injifannoon Uummata Oromoof !

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Kanuma!!!

Share waliif godhaa

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti jabaachuun himame.


ONM-ABO Caamsaa 30,2023 Kaadirootni PP magaalaa shaashamannee maadheffachuun ilmaan Oromoo adamsaa jiran, guyyaa irraa gara guyyaatti namoota sabboonummaa qaban funaananii hidhuu itti fufuun, Barsiisaa Abdullaayi Tibbeessoo jedhamu jiraataa Shaashamannee ganda 04 Barsiisaa muummee kompiiwuter saayinsii Kolleejjii Daadimoos kan ta'e, caamsaa 24,2023 osoo inni gara hojii isaa deemuu daandii irraa qabuun waajjira poolisii aanaa lammaffaa bakka 81 jedhamuun beekamutti hidhanii jiraachuun maddeen dubbatan.

Maddeen akka jedhanitti Barsiisaan Kun abbaa daa'imaa 4 fi hanga har'aallee hidhamee hiraarfamaa kan jiru yoo ta'u, dabalataanis bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 01 keessaa torbee darbe nama Kamaal Shunkaa jedhamu qabuun hidhuunii fi magaalichuma ganda 05 keessaas maanguddoo ganna 65 Abdunaasir Gammachuu jedhaman nama ammaan dura qabamuun mooraa waraana PP Toogaa iedhamu keessatti ji'a 2f hiraarfamaa turan, loltoonni biltsiginnaa irra deebiyanii qabuun waajjira poolisii aanaa tokkoffaa keessatti dararaa jiraachuu dubbachuun, aanuma shaashamannee ganda Algii Rimaa jedhamu Keessaas nama Shukurii Oogatoo jedhamu maanguddoo ganna 70 kan dhiyeenya mooraa Toogaa irraa gadi lakkifaman kaadiroonni PP qabanii hidhanii jiraachuu ifoomsan.

Oduu biraatiin ammoo magaaluma Shaashamannee keessatti dargaggoota barnootaaf Oromiyaa golee garaagaraa irraa dhufanii magaalicha keessaa jiran, waraannii fi poolisoonni biltsiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun qabanii hidhaa, qabeenyaa fi maallaqa harkaa saamaa fi doorsisa irraan ga'uun barattoota hiraarsaa kan jiran ta'uu maddeen dabaluun addeessan.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

G/sh/kib/lixaa aanaa Qarsaa Maallimaatti Ganda Taa'aa goolaa Magaala Gibiisotti injifaannoo Ajaa'iba galmeesse leencichi abdii sabaa💪
#WBO_Waliin_Fulduratti

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Waraanni Bilisummaa Oromoo utuu akka Nafxanyaati innis boji'aama harkaan qabee harkaaf morma mure ittin dhaadata turee garuu WBOn naamus bilchiina waraana wan qabuf boji'aama haala kanaan gara maati isaanitti deebisa jira.

Читать полностью…

Daandii j/marroo

Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaatti maanguddootni kan keessatti argaman namootni hedduun WBOf gargaarsa gootan jedhamuun hidhamanii hiraarsamaa jiran.



Akka gabaasni arganne ifa godhutti mootummaan Bilxiginnaa Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa magaalaa Adaabbaatti ogeessa fayyaa kan ta’e Obbo Addunnee Gabruu Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)f gargaarsa waldhaansaa goote ittiin jechuun hidhanii ji’oota lamaaf hidhaa keessatti hiraarsaa jiran.

Waraana Bilisummaa Oromoo waldhaante, qorichootaa fi meeshaalee waldhaansa fayyaaf oolan laatteef jechuun dabaan hojii isaa irraa qabanii, lafa mana hojii isaa Lajjoo Birbirsaa cufuun hidhaa keessatti gidirsaa akka jiran barameera.

Iyyannaa maatiin isaa mana murtii onaa irraa hanga godinaatti godhaniin akka gadhiisamuuf xalayaaleen yeroo adda addaatti mana murtii onaa fi gandaa irraa barraa’us waajjirri poolisii fi koreen nageenyaa ummata dararuuf hundeessame xalayicha fudhachuu diduun ji’oota lamaa oliif hidhaa keessatti hiraarsaa akka jiru gabaasni kun ni ifoomsa.

Haaluma walfakkaatuun Godina Arsii Lixaa Ona Adaabbaa ganda Laajjoo Birbirsaa irraa ALItti gaafa 23/07/2015 maanguddootni kan keessatti argaman namootni baay’een maqaa ilmaanii fi firoota keessantu WBO keessa jira jedhuun humnoota mootummaa PPn qabamanii hidhamuunis baramee jira.

1) Dr.Addunyee – umriin waggaa 50
2) Hasuu Addunyee – umriin waggaa 25
3) Obbo Suleymaan Waariyoo Shaalloo – umriin 58
4) Maammaa Kaduu – umriin 67
5) Adam Jaarsoo – umriin 65
6) Abdallaa H/Amaan – umriin 68
7) Jeeylaan Kadiroo – umriin 88
8) Abdusalaam Huseen Sayyidoo – umriin 38
9) Dannaboo Abbabaa Alishoo – umriin 39
10) Huseen Kadir Eda’oo – umriin 37
11) Aadde Inniyyee Abaataa – umriin 48
12) Saadiqoo Jaarsoo – umriin 31
13) Jundii Adam Jaarsoo – umriin 31 fi
14) Abdurramaan Abdullaayi Shanoo – umriin 35 warra hidhaman keessatti akka argaman beekameera.

Namootni kunniin ragaa seeraa tokkoon maleetti dharaan yakkamanii mirga qaban mulqamuun hidhaa keessatti itti roorrisamaa akka jiru gabaasa arganne irraa beekuun danda’ameera.

Читать полностью…
Subscribe to a channel