RAMADAAN MUBAARAK !
Hordoftoota Amantaa Islaamaa biyya keessaa fi guutuu addunyaa irra jirtan hundaaf baga Rabbiin baatii Ramadaanaa ji'a ulfaataa fi kabajamaa kanaan nagayaan geettan, baga walumaan geenne.
Akkuma beekamu baatin tun baatii hundaa oliiti. Baatii tolli hedduun keessatti argamtuudha. Baatii rakkataa ittiin gargaarrudha. Baatii kadhaa Rabbii itti heddummeessinuudha.
Kanaaf bara kana keessaa sababa vaayrasii koronaatin wanti heddu bifa duraan beeknu irraa jijjiiramee jira. Salaata jama'aa salaatun, gareen ta'anii waliin faxaruun, taraawiha salaatun yeroo itti hin mijoofne keessa jirra. Haata'u melee balaa kana akka Rabbiin nurraa deebisu bakka jirru hundatti rakkataa ollaa keenya jiru gargaaruun, waan ittiin faxaru waan dandeenyu irraa erguufin haalan barbaachisa.
Kanaafuu fedha Rabbiitin dhibeen kun ni darba. Nutis immoo waan darbuuf jecha lubbuu keenyaa fi maatii keenyaa balaa irraa eeguun dirqama ta'a. Sababa kanaaf salaata jama'aa fi taraawihaas hanga dandeenyen maatii keenya wajjiin manuma keenyatti salaatuun Rabbiin akka kadhannu ergaa keenya dabarsuu barbaadna.
Irra deebi'uun baga itti geettan baga ittiin nu gahe.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 2.23 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 153 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa
USA 2,232
China 1,290
Faransaay 761
Xaaliyaan 575
Ispeen 298
UK 847
Beljiiyemi 306 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 2.07 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 133 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA 2,259
Faransaay 1,438
Xaaliyaan 578
Ispeen 324
UK 761
Beljiiyemi 283 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Oduu Corona.
Biyya keenyatti Guyyaa har'aa namni 8 vaayrasichaan yoo qabamu walumaagalatti hanga ammaatti namni 82 qabamanii jiru.
Yaa Rabbi nutti Araarami.
Oduu Corona.
Biyya keenyatti Guyyaa har'aa namni 3 vaayrasichaan yoo qabamu walumaagalatti hanga ammaatti namni 74 qabamanii jiru.
Yaa Rabbi nutti Araarami.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.765 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 108 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA 1,476
Faransaay 635
Xaaliyaan 619
Ispeen 399
UK 917 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Oduu gaddaa
Namni sadaffaan vaayarsiin koronaatin lubbuun dabartee jirtti.
Firaa fi maatii isasnitif jajjabina hawwina.
Corona update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.57 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 93 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA nama 1,326
Faransaay nama 1,341
Xaaliyaan nama 610
Ispeen 446 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ammas hawaasni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Labsii yeroo muddamaa
Mootummaan too'annaa dhibee koronaatif jecha labsii yeroo muddamaa labsuu beeksisee jira.
Dhibeen kun osoo gaaga'ama hamaa hin geessin tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuun akkaan barbaachisaadha.
Haaluma kanaan labsichi bu'uura seeraa hordofuun Mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyaatee mirkanaa'uu qaba.
Gama tokkoon gara Rabbii deebi'uu qabna jechaa Labsichi dabaa fi shira siyaasaa kamuuf akka hin oolle abdii qabna.
Rabbi balaa hamaa kana nurraa haa deebisu.
Haalli Magaalaa #Mooyyalee yaachisaadha.
Jiddu galli qorannoo vaayrasii koronaa mooyyalee irratti akka banamu irra deebinee ni gaafanna. Yeroo ammaa namoonni hedduun karaan mooyyaleetin gara Itoyaaphiyaatti galaa jiru. Kun immoo babal'ina dhibee koronaa yeroo keeniyatti babal'ataa jiru gara biyyaatti akka galu taasisuuf deema. Hawaasa keessa sodaa guddatu jira.
Mootummaan immoo ummanni kun hin dubbatu jedhee callisuun kun dhaabbachuu qaba.
Kanaafuu osoo ummanni keenya rakkoo hamaaf hin saaxilamin hatattamaan fala kaayuu qaba.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.4 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 81 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA nama 1522
Faransaay nama 1,417
Xaaliyaan nama 604
UK nama 786 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ammas hawaasni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Oduu gaarii
Mootummaan naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa 13,231f haala yeroo weerara dhibee Koronaa (COVID-19) sababeeffachuun akka gadi lakkisuuf murteessee jira.
Kun murtee sirriiti. Nutis iyyaa kan turreef namoonni yakka sasalphaan hidhaman gara maatii isaanitti nagayaan akka deebi'aniifi.
Kanaafuu hidhamtootni siyaasaa Gaazexeessa Yuusuf Kadiiri fi Obbo Abdii Raggaasaa dabalatee hundi isaanii haal duree tokko malee akka hiikaman abdii qabna.
Mootummaan yeroo itti aanus nama hidhee hiikuu osoo hin taane, dimokraasin dhugaa biyya tanatti akka dhufu qalbii guutuun hojjachuu qaba.
Corona update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.3 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 77 ol lubbuu dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ammas hawaasni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Corona update.
Hanga yeroo kanaatti namoonni miliyoona 1.26 ol vaayrasii koronaatin yoo qabaman, kan du'an kuma 69 ol yoo ta'an
Akkasuma kan fayyan immoo kuma 261 gahanii jiru.
Yaa Rabbi gahe nuun jedhi.
Oduu Gaddaa.
Biyya keenyat Guyyaa har'aa namni lama dhibee koronaatin lubbuun darbuu ministerri fayyaa beeksisee jira.
Ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Rabbi balaa kana nurraa haa deebisu.
Aamiin
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 2.38 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 164 ol lubbuu dhabanii jiru.
Hamma amaatti biyya keenyat namoon 108 dhibee kanaan qabamaniiru.
Guyyaa har'aa
USA 1,095
Faransaay 395
Xaaliyaan 433
Ispeen 410
UK 596
Beljiiyemi 230 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Oduu Gaddaa
Hanga ammaatti Ameerikaa keessatti lammiileen itiyoophiyaa 100 ta'an vaayrasii koronaatin akka du'an embaasiin itiyoophiyaa Ameerikaa jiru beeksise.
Ummata keenya dhibee kana akka qoosaatti hin ilaalinaa, sirritti of eegaa!
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.98 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 125 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA 1,754
Faransaay 762
Xaaliyaan 602
Ispeen 300
UK 778 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.91 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 118 ol lubbuu dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.83 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 113 ol lubbuu dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.68 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 101 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA 1,326
Faransaay 987
Xaaliyaan 570
Ispeen 523
UK 980 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Oduu Corona.
Biyya keenyatti Guyyaa har'aa namni 9 vaayrasichaan yoo qabamu walumaagalatti hanga ammaatti namni 65 qabamanii jiru.
Yaa Rabbi nutti Araarami.
Yaa Rabbi gahe nuun jedhi.
#Corona_update
Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.5 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 88 ol lubbuu dhabanii jiru.
Guyyaa har'aa USA nama 1763
Faransaay nama 541
Ispeeni 747
Xaaliyaan nama 542
UK nama 938 du'aan dhabanii jiru.
Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira.
Kanaaf ammas hawaasni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Du'aatin ummata keenya irraa kan dhaabbatu gaafa mootummaa mataa keenyaa qabaanne qofa.
Mootummaa kana halkanii fi guyyaa lubbuun ilmaan Oromoo akka tiikfamtu kadhachaa turrus duuti ummata keenya irraa hin dhaabbanne.
Yeroo ammaa Oromoota Walloo fi Affaar jiddutti lola hamatu deemaa jira. Lubuun namaas badaa jirti.
Kanaaf mootummaan dhimma kana taa'ee ilaaluu dhiisee hatattamaan fala akka ka'uu fi waraanni ummata keenya irraa akka dhaabbatu cimsinee ni gaafanna.
Koronaan gara Masara mootii fi maatii sa'uudii qaqqabee jira.
Maatiwwan nugusaa 150 tti dhiyaatan koronaan qabamanii jiru.
Kantiibaan magaalaa Riyaad maatii nugusaa irraa kan ta'e Feyseel Ibn Bandar Ibn Abdelaziz mana wal'aansa warra dhibee cimaa keessa galee jira.
Mootin sa'uudii Salmaani Bin Abdulaziiz fi dhaaltun mootummaa gonfoo Mohammed bin salmaan immoo naannoo galaana diimaatti qophaa of baasanii taa'anii jiru.
New York times tu gabaase.
Yaa Rabbi nutti Araarami.
Oduu Corona
Hojjattoonni dandii qilleensa Itoophiyaa 3 qorannoo godhameefiin koronaa vaayraasiin qabamuun isaanii beekkame jira.
Maddi waaldaa ogeeyyii fayyaa Oromiyaa.
Yaa Rabbi nu tiiksi.
Oduu Koronaa Biyya keenya
Hardha qofa namnii 8 dhibee kanaan qabamuu mirkanaa’eera. Hanga ammaatti walumaagalatti nama 52 gahee jira.
Ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba.
Oduu corona.
Namni vaayrasichaan qabame 44 gahee jira. Kan hunda caalaa nama yaaddessu dubartii waggaa 65 magaalaa Dukam jiraattu yoo taatu biyya alaas kan hin deemne fi nama dhibee kana waliin hanga ammaatti shakkame waliin walqunnamtii kan hin qabne ta'uu isheeti.
Yaa ummata keenya of eeggannoo jabeessa.
Rabbi akka nuuf laaffisu kadhaa cimsaa.
Muummichi Ministeraa Biriteen Booris Joonsan Sababa vaayrasii koronaatin qabamanii guyyaa kudhaniif hordoffiin godhamaafi ture Hospitaala seenanii jiru.
Читать полностью…
✅መከፈሉ ቀጥሏል🎁
🙋♂ሰላም ውድ Hamza
⏰በየሰአቱ ገንዘብ የተከፈላቸውን ሰዎች የምናሳውቅበትን ፔጅ ይቀላቀሉ። ይመልከቱ!👇👇
https://t.me/joinchat/AAAAAEk1Tluo_nQ860pL9A