eotcymastu | Unsorted

Telegram-канал eotcymastu - EOTC.A.O

120

Subscribe to a channel

EOTC.A.O

Guyyaa morqoriwoos alarraa dhufanii
Dachee Itiyoophiyaa arguu gammadanii
Teessoo pheexroos irra ulfinaan taa'ani

Silas yoon dubbadhe namuun dhaggeeffatu.
Maafan hin callisu beekaan yaa hubatu.
Jechuun himaniiru callisuu dubbatuun

Namni gurra lamaa gurra tokko gatee
Baay'isee dubbachuuf afaan baay'ifate
Silas maa haa godhan dubbachuun ulfaatee

Kan namaa dhiisanii waaqatti dubbachuun
Akka barbaachisu dursanii hubachuun
Guyyaa marqoriwoos alarraa dhufanii
Guyyaa 25 eeganii ka'anii
Abbaa marqoriwoos ammas imalanii
Akka eebba eeliyaas nu haa gahu eebbisaanii........Ameen.....

Читать полностью…

EOTC.A.O

👂👂👂👂👂👂👂👂🦻👂👂🦻
XOOFOO FI GEGGEESSAA
🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞🥞
"Yoo nu hin geessin manaa nu hin baasin" S/Bahuu 33:15
🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣🛣
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣
Jaalatamtoota Obboloota yaa'ii mooraa akkam turtan?
.................................
Qormaanni hoo akkam ture?
.................................
Hundumaafuu Galanni Waaqayyoof haa gahu, hundumaa dabarsee, dukkana keessa nu dabarsee, jaalala isaatin nu tiksee har'aan nu gaheeratii...
🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛
Guyyaa 29/12/2013 xoofoo abbaa gaabbii akka qabnu namuu hin dagatu.
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
Dabalataan obboloota eebbifamaniin bara haaraa kanaan baatanii araaran akka geggeeffamtan bakka deemtanitti gaarii isiniif hawwina jennee geggeessuf sagantaa waan qabnuuf hin hafinaa kaa!
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Eebbifamtootni uffattanii, miidhagdanii akka argamtan
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
Sagantaa dhumaa waan ta'eef kaka'umsaan hiriyoota keenya waliin akka argamtan jechaa bara haaraaf yaadaf qalbii haaraa haa qopheeffannuun ergaa yaa'ichaati.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Ulfinni Waaqayyoof, deessee haadha isaaf, ulfaataa fannoo isaaf haa gahu Ameen.
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

Читать полностью…

EOTC.A.O

SAGANTAA ADDAA
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣
Maqaa ABBAA Kan ILMAA kan AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO tokkoo Ameen.
✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾
Sagantaan addaa xumura sem 1ffaaa Yaa'ii mooraa Keenyaa har'a galgala. Waa'ee torbee dhukkubbii fi wantoota gaafii nutti ta'an baruuf fi barsiisuf kutaan barumsaa dhama'eera. isin immoo nama jaalattan waamtanii ofii bartanii akka baran taasisuun gahee keessanidha.
galgala sa'aatii 12:00
Galma mana amantaa Tekle-Haymaanot
👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥
Adaraa baay'adhaa, walkakaasaa.

Читать полностью…

EOTC.A.O

Ameeeen lubbuu isaanif mirga yaa kennu

Читать полностью…

EOTC.A.O

Barreeffama wa'itawaa yaa'ii mooraa ASTU/TAO/KUTAAA BARUMSAAN isiniif qophaa'edha.


Debre zeyit/Tulluu ejersaa.

Читать полностью…

EOTC.A.O

gammada. Har’aaf gaddinuus boruuf boqonnaa qabna. isaan dhiiga lolaasan yeroon
dhiigni isaani itti lola’uu dhufuuf jira. Mootichi erga pheexiroosin hidhee booda dabaree
dabareedhan akka eeganiif loltoota addaan qoodee. Yeroon isaa yeroo ayyaana maxinoo
waan ta’eef ayyaana boodaa ummataaf dhiyeessuu yaadee ture. Heroods akka boruu
murtiidhaaf dhiyyeesuuf yoo barbaadu , akka har’a galgalaa ergamaan waaqayyoo mana
hidhaatti baase. duuti isaa boru jedhanii namoonni yeroo ittii mari’atan Qulqulluun
Mikaa’eel jalaa isa baase. Boru isaanif dhuma, boruu irran oola, boru mataa gadi
qabatee akka deemuun taasisa jedhee marii diinni keenya mari’atu hunda waaqayyoon
ni fashaleessa. yeroo ergamaan mana hidhaatti bu’uu ifni guddaan ni ta’e. kabaja
ergamootaaf lafti ni ifti, maqaa waaqayyoo ofirraa qabu waan ta’eef uummamni hunduu amala duraan hin qabne agarsiisuun
ergamoota waaqayyoof kabaja kennu. Ergamichi erga mana hidhaa seenee booda
pheexiroosin cinaacha isaa tuttuqee isa kaase. “Dafii ka’i” yeroo jedhuun hidhaan
sibiilaa(sansalat) harka isaa irraa bu’e. itti dabalees hidhadhu kophee kees kawwaadhu
isaan jedhe. Ni ka’e, ni hidhate, kophee isaas ni kaawwate. Balballii mana hidhichaas
namni tokko osoo hin tuqiin ofumaa baname. Qulqulluun pheexiroos bahee gara mana
haadha yohaannis isa maarqoos jedhamuutti qajeele. Yaa saba waaqayyoo mana hidhaa
keessa jiraachuun cubbuu keessaa jiraachudha.
dammaqi Jedha sagaleen waaqayyoo. Cubbuun wanta baay’ee addunyaatti fidee jira.
bishaan dhala nama kan balleesse,Ibiddi dhala nama kan balleessee ,Ergamaan waaqayyo
lubbuu namootaa kan baase sababa cubbuutin. Maal kana qofa bara amma keessaa jiru kana
balaan uumama bay’een kan mul’ate sababa cubbuuti. Lolaan/galoo, lolli ,jibbinsi fi kkf gidduu
keenyatti kan baay’ate sababa hafuurri waaqayyoo nurraa fagaatefidha. Haa kaanu!
Vaayirasiin coronaa hanga amma qofa gara namoota 10,500 ajjeese. waaqayyo akka nu
oolchuu haa kadhannu! Dhahichii kun maatii kenyaa fi lammiilee biyya keenyaa irratti
akka hin taaneef waaqa keenya duratti kufnee haa kadhannu. Ka’aa meeshalee
lolaa hidhadhaa! Diina keessaan akka waraantaniif humna waaqayyoo uffadhaa.
Meeshaleen loolaa kunis sooma kadhannaa,sagada fi kennaadha, garalaafummaadha,obsaa qabaachuudha, of bituudha, hojii seexanaa ifaachuudha, hojii gaarif
immo ariifachuudha. Yoo meeshalee kana qabanne akkuma qulqulluun pheexiroos gara
mana haadha marqoos deeme nutiis gara mootumma samii ni deemna mirga gooftaa ni
dhaabanna.
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Kan nu barsiise kan nu gorse maqaan gooftaa keenyaa kan galatoome nuuf haa ta'u. Kan baranneen firii 30,60 fi 100 buusnee har'aaf tajaajiltuu mana isaa booddee dhaaltuu mootummaa isaa nu yaa taasisu.Ameen!!!
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Ergamaan inni hamaa hundarraa nu eege ammas dabalee nu haa eebbisuu.
Biyya keenya dhukkuba hamaa kana nurraa yaa eegu.
Yaa'ii keenya baay'isee nuuf yaa eebbisu.
Eegumsii Qulqulluu mikaa’eel nurraa adda hin bahiin ameen.
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳
GALANNI WAAQAYYOOF DEESSEE HAADHA ISAAF,ULFAATAA FANNOO ISAAF HAA TA'U AMEEN!
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸
Kutaa Barumsaafi Tajaajila Ergamummaa
Xilahuun Shawaayyee tiin.
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳

Читать полностью…

EOTC.A.O

Maatiwwan waaqayyoo xoofoo waliin akka walitti Dhiyaattanitti waliin jaalalaan hirmaadhaa. Sagantaan kun haala mijataa dhabuu keenyan(Waan bahuu hin dandeenyef) as irratti kan dhiyaatedha. Kadhannaa keessaniin nu,yaa'ii keenya,biyya keenya, dhala namaa hundumaa yaadadhaa.

EEBBI FI EEGUMSI ERGAMICHAA NU IRRAA HIN FAGAATIN. AMEEN

Читать полностью…

EOTC.A.O

Misbaakin guyyichaa “waaqayyoon ifaan ni dhufe, Waaqni keenya ni dhufa, hin callisu, abiddi fuuldura isaa ni boba’a” far 50:3
Hiikan misbaakii kanaatis
1. 🌖dhufaatii gooftaa keenya iyyasuus kiristooslamaan isaa kan ilaallatudha. Waaqayyoilmifoon haadha keenya dubroomaariyaamuffateenni dhufe. Dhufe hin callisu (“አሌለክሙጻሕፍትወፈሪሳዉያንመድልዋን”) “barreessitoota fi fariisotaaf isiniifwayyoo” jedhee isaankomata. Wangeelas isaannibarsiisa.
2.🌓Waaqayyo gooftaan humnaa fi Waaqummaa isaatin lammaffaa ni dhufa. Dhufees hin callisu. “qulqullootaan isin eebifamtoota abbaakoo koottaa” yoo jedhuun cubbamootaanimmoo “Isinabaarramoo nana deemaa” jedhee kan ittigeggeessujechuudha.
Fuuldura isaatti abiddi ni boba’a yeroo jedhu eebbifamtoonni ykn qulqullootni kan ittin oolan, cubbamtootni kan ittin gubatan abiddi jira jechuudha.

Egaan yaa saboottan Waaqayyoo akkuma olitti ilaalle inni kun yoom ta’aa kan jedhame sun dhufaatii Waaqayyoo isa 2ffaa akkata’e ni hubanna addunyaan kuni darbuudhaaf waggoottan,guyyoottan hedduun ni hafu ta’uu danda’a garuu anaafi isin addunyaa kana irraa.
deemuudhaaf waggoottan meeqa meeqatu nu hafaa laata?,guyyoottan meeqa meeqatu nu hafaa laata? Hin beekamu. Kanaafuu guyyaan fayyinaa ammadha(2Qor 6:2).
Walumaa galatti barumsa keenya har’aa kana irraa wanti hubannu:
1. 🍋tulluun ejersaa(debre-zeyit) torbeewwan sooma guddaa keessaa tokko akka ta’ee fi waa’een dhufaatii W aaqayyoo isa lammaffaa kan itti barsiifamu ta’uu isaadha.
2.🍅Mallattoowwan bara xumuraa maal akka ta’an fi addunyaan kun akka darbu
3.🍑Atattamaan hundumti keenya guyyaan fayyyinaa keenya har’a ta’uu isaa hubannee gaabbidhaaf of qopheessine, gaabbidhaan of qulqulleessinee jiraachuu akka qabnu.
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Kan nu barsiise kan nu gorse waaqayyoo gooftaa keenyaaf galanni haa ta'u
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳
Kan baranneen firii 30,60 fi 100 buusnee, Har'aa galateeffattuu maqaa isaa,deddeebituu mana isaa, booddee dhaaltuu mootummaa isaa nu yaa taasisu AMEEEN.
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳
GALATNI WAAQAYYOOF DEESSEE HAADHA ISAAF ULFAATAA FANNOO ISAAF HAA TA'U
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
KBTE: Abdachiis Firdisaatin
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳

Читать полностью…

EOTC.A.O

🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳Maqaa abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu sadan waaqa tokkoon ameen!!!
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈
Maatiiwwan Waaqayyoo akkam jirtu nagaa keessanii , Ameen maqaan Waaqa keenyaa kan galatomefi ulfaate nuuf haa ta’u.
Akkasumas maqaan deessee haadha isaa Q/D/Maariyaamii fi qulqulloota isaa hundumaa akkaataa kennaa isaaniitti kan kabajameefi ulfaate nuuf haa ta’u.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
DURAAN DURSEE BAGA AYYAANA YAADANNOO QULQULLUU MIKAAELAA KAN JI’AAN ISINIIN GAHE, NUUN GAHE. BAGA XOOFOO YAA'II KEENYANIS ISIN GAHE.
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Akka eyyama Waaqayyootti sagalee isaa waliin baranna, iccitii isaa isa dhokataa ibsee,isa fagaate dhiyeessee nu barsiisuun eeyyama isaa nuuf haa ta’u.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Matadureen barumsaa keenyaa
W/Mat 24:3 KUNI YOOM TA’AA?
🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈🌈
Kaayyoon Barumsa kanaa. Mallattoowwan bara xumuraa fi
Kan gaafatame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Jecha kana kan gaafatan duukaa bu’oota Gooftaa warreen kudha lamaanidha.
Kan barreesse duukaa bu’aa Q/Maatiyoosidha.
Bakki itti gaafatame Tulluu/gaara ejersaattidha.
🎄🎄Debre zeyit(Tulluu ejersaaa)🎄🎄 jechuun gaara mukkeen Ejersaa irratti baay’inaan argaman yoo ta’u gara baha iyyerusaalem dhiyootti kan argamuudha. Daawit kakuu moofaa keessatti abeseloom jalaa dheeffee gaara ejersaa akka bahe kitaabni qulqulluun 2ffa mot 15:30 irratti kan argannu dha. Wangeela maarqoos irrattis gooftaan keenya iddoo tulluu ejersaa kana irraa gara hosaa’inaa akka deeme ni arganna. Bete-fage fi bitaaniyaa kan jedhaman achuma maddii tulluu ejersaa kana biratti kan argamaniidha. Marq 11.1. Geetee-seemaanii iddoo gooftaan keenya itti kadhates asuma gaara kana jalatti kan argamuudha. Iddoon olba’iinsa gooftaa keenya iyyasuus kiristoos kan ture gaara kana irraati. Dhufaatin isaa lammaffaas gaara kana irratti akka ta’u raajichi zakkaariyaas caqaseere. Zakk 14:4 . Kanaaf gooftaan keenya iyyasuus kiristoos waa’ee dhufaatii isaa gaara kana irratti bal’inaan barsiiseera.
Torbeen sooma guddaa 5ffaan kun waa’ee dhufaatii kiristoos fi bara xumuraa kan itti lallabamu fi barsiifamu waan ta’eef Tulluu ejersaa(ደብረ ዘይት) Jedhamee moggaafameera. Kan moggaases abbaa yeedaloo qulqulluu yaarediidha. Qulqulluu yaared torbeewwan soomichaa hundaaf iyyuu faarudhaan Maqaa moggaasee faarfachaa kan turedha. Guyyaa kanattis kan inni faarfachaa ture “እንዘ ይነብር እግዝኣኢነ ዉስተ ደብረ ዘይት” akkuma gooftaan keenya gaara ejersaa taa’een” mat 24:-3 kan jedhudha.
Egaa mataduree keenya irraa kaanee yoo ilaalle “kuni yoom ta’aa “jedha
INNI MAALINNII?
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁
w/mat 24:1 hanga dhumaatti yoo ilaalle ni arganna
Iyyesuus mana qulqullummaa keessaa bahee osoo deemaa jiruu, bartoonni isaa ijaarsa mana qulqullummaa isatti agarsiisudhaaf dhufan. Inni garuu deebisee " isaan kana hundumaa ni argitu mitii? dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in diigama malee " jedheen.
Sana boodas gara gaara ejersaatti ol ba’ee taa’e jedha,bartoonnis dhufanii gaaffii gaafatani 🌈 inni kunis yoom ta’aa? dhufaatiin kee inni lammaffaan,mallatoon dhuma barichaas maalinni ? 🌈jedhaniin. innis mallatticha itti hime mat 24:4 “homtinuu akka isin hin wallaalchisnetti akeekkadhaa- - -”
Duuka bu’oonni isaa waa’ee bara xumuraa gooftaa keenya gaafachaa akka turanitti inni bal’inaan waa’ee bara xumuraa fi mallattoolee isaa akkasuma waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa kan barsiisaa fi isaanitti himaa ture ta’uu isaa wangeela keenya irraa ni hubanna.
Mallattooleen bara xumuraa fi dhufaatii kiristoos kun maal faadha?
1. Namootni baay’een ani kiristoosi jedhanii
Maqaa isaatin ni dhufu(mat 24:4-5)
2. Oduun waa’ee waraanaa addunyaa tana ni dhiphisa. Addunyaa hunda irratti waraanni ni ka’a. Oduu waraanichaas ummanni hundi ni dhagaha. Kiristaanotni garuu dhufaatii kiristoos eeggatu malee rifachuu fi sodaachuun hin barbaachisu. Mat 24:6
3. Ummatni walirratti, mootummoonnis walirratti ni ka’u. ummanni wal waliin wal dhabu(wal lolu) Mootummoota gidduutti wal-Amanuun fi walii galteen hin jiraatu. Mat 24:7

Читать полностью…

EOTC.A.O

1,Yaa Waaqayyoo
(Traz Oromiffa Lakk.99)

Читать полностью…

EOTC.A.O

Sagantaa Xoofoo Qulqulluu Mikaa'el.
❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖
Yaa’ii Mooraa Yunivarsitii Sayinsii Fi Teknolojii Adaamaa Tajaajila Afaan Oromoo.
❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.
⛪❖⛪❖⛪❖⛪❖⛪❖⛪
Kiristoosin Kiristiyaanaa Kan Jedhamtan Ijoolleen Haadha keenya Qulqulleetti Dubroo Maariyaam Jaalattooni Ergamoota Qulqullaa'oo
,Wareegamtoota fi Qajeeltota Maraa Akkamiin yeroo kana Geessan.
❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖❖
Sagantaalee Keenya.
1,Faaruu
2,Walaloo
3,Barumsa

Читать полностью…

EOTC.A.O

TORBEE 4ffaa Matsaaguu
Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamanii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.
Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha. Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yogguu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.
Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም” (Uumaa Addaam) isa jedhudha.
Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:
 Galaatiyaa 5፡1
 Ya’iiqoob 5:14
 Hojii Ergamoota 3:1-12
 Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4
እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni gargaara)
ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)
አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).
 Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaanis 5:1-25
Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.
Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:
 Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;
 Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha.
Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen!
Gaaffii/yaada KBTE YMUSTA telegram @brookmeka @melakume

Читать полностью…

EOTC.A.O

🙏Anani hin mariini

Namni cubbamaan tokkoo WAAQAYYOON fuulee dhabatee sagalee olfudhatee iyyee
Anaa naa hin Mariini... hoji koo kamiin naa irra dabarta naa hin fayyisiin jedhee iyyee ....GOOFTAANIS ani bee kan akka kee kanani jaaladha kan akkaa keettif dhigni koo dhangala'e jedhee isaa Fayyise. Kuni eenyuuf galeere

Читать полностью…

EOTC.A.O

Sooma guddaa Torbee 2ffaa qiddist ( qulqulleetti)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko!Ameen.

Baga torban lammaffaa sooma guddichaan isin gahe. Torban darbe keessaa waa’ee soomaa guddichaa fi waa’ee torban jalqabaa sooma guddicha Zewerede jedhamee beekkamuu, hikkaa fi dubbisawwan torban sana keessaa maal akka fakkaatan hanga tokko ilaallee turre. Hardha ammo waa’ee torban lammaffaa kana gabaabsinee ilaalla. Akka Moggaasa Qulqulluu Yaareditti torban kun qulqulleettii jedhameeti beekkama. Torban kun kan qulqulleettii jedhameefis waa’ee qulqullina sanbataa waan dubbatuufi.
Qulqulluu Yaareed kitaaba Tsooma Diguwaa jedhu irratti torban kanaa faarfannaa akkas jedhu kan itti faarfatee dha.

“Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabajaa, waan gaariis godhaa, kan bilin hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, qophee’ tahaa, gara Kiristos jiru gara olis yaada” jedha.
Faarfannaan Qulqulluu Yaareed kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ irratti faarfate kunis wangeelaa fi ergaawwan kitaaba qulqulluu irraatti torban kana dubbifamanii fi hiikkamaniin kan wal fakkaatuudha. Dubbifniwwan dubbifaman, akkasumas faarfannaan Faarsaa Daawit irraa jirus kan wal fakkaatutu faarfatama. Sirna galateeffannaa (qiddaasee) irrattis diyaaqonoonni faarfannaa kana gadii ni faarfatu.

“Waaqayyo garuu bantiiwwan samii ni hojjete, surraan siimbonis fuula isaa dura, aangoon, qulqullummaanis mana isaa keessa”. Far 95(96):6
Wangeela guyyaa kana dubbifamu kan torban kanaas waa’ee soomaa kan ilaallatuu dha. Kunis wangeela Maatewos boqonnaa 6:16 irraa eegalee kan jiru dha. Innis akkas jedha
“Iyyasuus yeroo dhuma soomtanitti ammoo akka warra of agarsiiftuu nyaara keessan hin guurinaa, Isaan soomuun isaanii namootatti akka muldhatutti, fuula isaanii ni boosomsu, dhuguman isinitti himaa isaan gatii isaanii fudhataniiru.”
Namni sooma soomu tokko sooma sana gammmachuufi jabinaan soomuu akka qabu ibsa. Soomuun isaa akka irratti beekkamuuf namoota irraa akka dinqisiifannaa fi nama amantaa tahuun isaa beekamu of ibsuu hin qabu. Garuu dubbiin kun kan himameefi sooma labsii kan namootni akka soomnu beekan kanaaf miti. Soomni labsii dhoksaa hin qabu, kiristiyaanota kan tahan hundi akka soomaan waan ajajamuufis dinqisiifannaa adda tahe kan namarraa argamsiisuu miti. Akkuma waa’ee soomaa yemmuu ilallu dubbanne, soomni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo bakka lamatti hirama. Sooma labsii fi sooma dhuunfaa jedhamuun. Soomni labsii waggaa keessatti kan yoom akka seenuu fi bahu beekamu,kan kiristiyaanonni hundi akka dirqqaman sooman ajajame dha. Soomni labsii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo keessa torbatu jiru. Kanaaf isaan siritti namoota fuuldurattis kan beekkaman waan tahaniif, kan soomaman dhoksaadhan miti. Fakkeenyaaf sooma Nanawee haa fudhannu. Akkuma raaga Yoonaas irratti barreeffame, labsiidhaan uummanni hundi kan irratti hirmaatan ture, kanaaf soomuun isaanii namoota biratti ifatti ni beekama.

Kanaaf sooma yemmu soomtu wanti hundi dhoksadhaan haa tahu kan jedhame kun garuu sooma dhuunfaa keetti guyyaa barbaadde filattee fedhii keetiin soomtu dha. Sooma akkasiis Waaqayyo balleessaa kee akka siif dhiisuuf yookaan waan yaadde tokko akka siif guutuuf kadhannaa fi soomaan kan Waqayyoon gaafattuu dha. Sooma akkasii sana namoonni akka sirratti hin barre tahuu qaba jechuu dha. Kunis wanta ati barbaaddu sana kan dhoksatti beeku Waaqayyoo qofa tahuu qaba, Inni ammo gatii kee ifatti siif kenna jedha. Garuu soomuu kee fuula kee boosomsitee yoo namootaaf of muldhiste, gatii kee namoota irraa barbaadde waan taheef waan Waaqayyorra eeggattu hin qabdu, namootarraa dinqisiifannaa yookan kennaa waan argattef, Waaqayyo waan siif kennu hin qabu jechuu dha. Hiikkaa kana lamaan adda baafachuun barbaachisaa dha. Kanaaf dubbiin kanaa gadii barraa’e:
“Ati garuu yeroo dhuma soomtutti mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu, Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma argutti malee, namoota duratti akka hin muldhanne godhi, Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hoj

Читать полностью…

EOTC.A.O

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO TOKKOO NI AMANNA
Barreefama kana akka dubbiftanii waa'ee soomaa fi sooma guddaa irraa barattan Kutaan barumsaa Yaa'ii mooraa ASTU Tajaajila afaan oromoo isiniif qopheesse
HIIKAA SOOMAA
SOOMA GUDDAA MAALIF JEDHAME?
GOOFTAAN MAALIF SOOME?
NUTI MAALIF SOOMNA?
MAQAAWWAN SOOMNI GUDDAAN ITTIIN WAAMAMU.
KUTAAWWAN SOOMA GUDDAA.
SOOMA HIRQAAL(Zewerede)

Читать полностью…

EOTC.A.O

Kiristaanni abdii hin kutu!
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣
Qulqulleettii, Dubree, Wareegamtuu Arseemaan bifa, dhaabbata fi simboo isheen qabdu kana jechuuf jecha fayyadamnu hin qabnu.

Miidhaginni keessa ishee, qulqullummaan fi amanamummaan ishee akkasuma ciminni amantaa ishee ajaa'iba.

Arseemaan bifa isheedhan kana jedhamee kan hin himamneef, Giiftii teenya dubree maaryamiitti aansudhaan qulqullummaa laphee fi bifa bareedduu kan jedhamtu, simbo qabeettii, Qulqulleetti Dubree Arseemadha.

Osoo akka miidhagina ishee Dubree Arseemaan mana mootii keessatti kabajaan jiraatti ture. Isheen garuu hin barbaadne, sababni isaas Miidhagina isheef jettee Waaqa harkaan tolfametti Waaqessuu caalaa jaalala Waaqa Uumaa uumamtootaa filatte.

Biyya lafaatti hundumtuu kan darbudha kan jennu namoota qajeeloo fi qulqulloota akka qulqulleettii Arseemaa yeroo agarrudha.

Kiristaanni abdii hin kutu kan jedhamu kanaaf malee wanta har'a dhabe boru argachuu isaaf miti. Sababni isaas Waaqayyoo irraa fagaannee biyyaa lafaarratti gammaduu caalaa Waaqayyoo waliin taanee bara baraan jiraachuu wayya.

Guyyaa har'aa Ayyaana Wareegamummaa isheeti. moototni ishee irratti gidiraa cimsanis isheen jaalala kiristoos irraa homtinuu addaan na hin baasu, Giiftii ta'uuf jedhee jaalala gooftaa hin dhiisu, amantaa koo ganee Waaq-harkee hin Waaqessu jettee Wareegamte.

Kanaaf kiristaanni abdii biyya lafaa caalaa biyya samiirraa qaba waan ta'eef abdii hin kutu.
✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍
BAGA AYYAANA WAREEGAMUU WAREEGAMTUU DUBREE ARSEEMAA GEESSAN!
👑👑👑👑👑👑👑👑👑👑👑

Читать полностью…

EOTC.A.O

🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞
Xoofoo Qulqulluu Mikaa'el
🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
Maqaa ABBAA Kan ILMAA kan AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO tokkoo Ameen.
✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾
Yaa'iin Keenya ji'aan gaafa guyyaa 12 XOOFOO qulqulluu Mikaa'el akka yaadatu hin dagatamu, guyyaa dagachuun ni jiraata garuu yeroo yaadannetti hiriyoota keenyan wal kaasnee ariitidhaan deemna.
👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂
Maqaan kee ajaa'iba Maqaa Waaqaa qaba.
Ergamaa Mikaa'el Siif galatan qaba.
............................
Xalayaa ajjeechaa afuuran jijjiirtee.
Warra si yaadatan du'aa kan oolchite.
Maatii irraa fiddee maatii nu taasifte.
Yaa'ii keenya eegi Waaqat si nuuf laate.
✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍

Читать полностью…

EOTC.A.O

🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞
Xoofoo Qulqulluu Mikaa'el
🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
Maqaa ABBAA Kan ILMAA kan AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO tokkoo Ameen.
✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾
Yaa'ii Keenyan har'a galgala xoofoon Qulqulluu Mikaa'el jiraachuu hin dagatinaa. wal kakaasnee waliin haa hirmaannu.
✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍

Читать полностью…

EOTC.A.O

Brook miss moke:
✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿✋🏿GAAFFIIF DEEBII
✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾✍🏾
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOTTI NI AMANNA.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀2. Maalif Taabota mikaa’el,Aabboo… Jenna? 🍀 🍀Maalif Maqaa tokkoon hin waamamne? 🍀
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Taabotni maali? Bultoo tsillaatii jechuudha. Tsillaatin immoo museen dhagaa adii(እምነበረድ) irraa musen akka tolchu abboomee waaqayyoon quba isaatin seerota kurnan kan irratti barreessedha.
🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼Tsillaaticha irratti Maqaan waaqayyoo “Alfaa fi Omega” jedhu ni barreefama. Gubbaatti fakkii Sillaasee, gadi siqee🖼 fakkii fannifamuu gooftaa,🖼 mirgaan Fakkii🖼dubree Maaryaam ilma ishee hammattee🖼, bitaadhan duuka bu’aa jaalatamaa yohaannis🖼 Akkasuma fakkii qulqulluu manni kiristaanaa ijaarrameef fi Maqaa isaa🖼 irratti ni kaafama.
📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒 Taabota akka hojjetu waaqayyoon muse kan abboome muka “Shamsharshaxiin” jedhamu irraayi.SKD 10:1. Musee booda immoo namni taabota akka tolchu waaqayyoon heyyemeef abbaa ogummaa baasli’eel kan jedhamudha.
📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒 Kanaaf kitaabni qulqulluun Taabotni iddoo adda addaatti yeroo adda addaa akka tolfamuu fi eebbifamee itti fayyadamne ragaa keenyadha. Taabotni dinqiiwwan baay’ee akka raawwatu ragaa qabna. 1ffaa sam 3:2…
🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼
•Taabotni bultoo tsillaatiti.
•Taabotni kan barbaachiseef waaqayyoon isaan waliin
akka jiru kan ittin beekamu mallattoodha.
Museedhan SBahu 25:21 irratti isarra buleen si
dubbisa jedheenira
•Eebba waaqayyoo irraa kan ittin argannuudha. Daawit taabota mana abidaaraa irraa fidee oozaan harkaan tuqnaan gubate daawitis sodaatee mana aminaadaab akka galu malee ani hin fudhadhu jedhee dhiise. Sana booda manni aminaadaab eebban guutame. 2ffaa sam 6:11 ji’a sadiif achi teesse abidaaraa fi mana isaa guutuu eebbise
•Eebbifamuudhaf 2ffaa seenaa 8:11
🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚
Maalif Maqaa qulqullootatiin moggaafame?
🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳Mee Osoo Kitaaba Qulqulluu hin seenin namni addunyaa kana irratti seenaa hojjete siidaan hin hojjetamneefii? Fakkeenyaaf fiichee salaaletti siidaan taaddesse birruu dhaabbatee jira. Nuti maalif dhaabbate hin jennu baga dhaabbate malee. Sababni isaas seenan isaa dhalootan akka hin irraanfatamne, Jaalala inni biyyaaf fi saba isaaf qabu akka hin dagatamneef. Sirriidha mee daandiin meeqa Maqaa namoota goototaatin hin moggaafamnee? Manni barumsaa Maqaa gootatiin hin moggaanee? Mogga’eera. Baga mogga’e namatti tola maalif seenan,dhalootni isaan irraanfata.
Egaa kaa inni kuni jireenya biyya lafaa Kanaaf kan qabsaa’anii,seenaa hojjetanii seenaa nuuf dabarsaniidha. Kanaaf Mee mootummaa samii dhaalufi dhaloota dhaalchisuuf kan qabsaa’an, Mootummaa samiif jedhanii kan qabsaa’an, kan wareegaman Maqaa isaanitiin manni kiristaanaa yoo mogga’e maal nama dhiba? Maqaa isaanitiin tsaballi yoo mogga’e maal nama dhiba? Yaadannoodha waan ta’eef.
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Mee Gara kitaaba Qulqulluu
📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒
Egaa kaa manni kiristaanaa kitaaba qulqulluu irratti hundoofteti hundumaa kan raawwattu. Shakkitootni kun bakka waa’ee kabaja qulqullootaa haasa’u, bakka waan isaan dubbisuu hin barbaadne jiru irra utaalu moo akami?
📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒
Isa 56:4 ” Xu’aashota sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif,kakuu koo jabeessanii eeganiifis mana qulqullummaan koo keessatti,keellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraa kan caalu yaadannoo fi Maqaa isaanif nan kenna, Maqaa bara baraaf isaanif nan kenna” jedhee dubbateera. Egaa kaa mee dhuguma deebii yoo qabaatan qulqullootaf yaadannoon kuni maal akka ta’e gaafadhaa.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Achuma ISA 56:7 gara tulluu qulqulleettitti isaan nan baasa, manni koo ahizaabota hundaaf kan ta’u mana kadhannaa jedhama, aarsaa isaanitis asitti nan fudhadha “ jedha. Egaa maatii waaqayyoo tulluun mana kiristaanatiin akka fakkeeffamu isinuu beektu. Ahizaabota yemmuu jedhu im

Читать полностью…

EOTC.A.O

🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞
🍞XOOFOO AKKA WALITTI DHIYAATTANNIIN WALIIN HIRMAACHUU HIN DAGATINAA 🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞🍞

Читать полностью…

EOTC.A.O

🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌳
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU
WAAQA TOKKO AMEEN.
🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚🦚
Maatiwwan waaqayyoo, ijoollee kennaa fannoo jalaa giiftii keenya dubree maaryaam, firoota qulqulloota hundumaa, nagaa waaqayyo gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosin Bakka jirtanitti isiniif haa ta'u.
Akka eyyema Waaqayyootti Barumsa gabaabduu kana kan waliin barannu ta'a.
Obsaan akka dubbistan Maqaa Waaqatiin isin gaafadha.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
የጌታ መልአክ ቀረበ በቤትም ውስጥ ብርሃን በራ:: የሐዋርያት ሥራ 12:7
"Ergamaan gooftaa dhiyaate,golli manichaa ifaan guute" HDB 12:7
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Kayyoo: Gahee Ergamoonni qaban, kabajaa fi ulfina Ergamootaa ibsuudha.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Ergamoonni waaqayyoo kan uumaman Qilleensaa fi Ibiddaa irraati. Baay’ina isaanis
lakkoofne bira gahuu kan hin dandeenyedha. Ta’uus garuu hangafoonni Ergamootaa torba
dha. Isaanis Ergamaa Mikaa’el, Gabrii’eel, Uraa’el , Rufaa’eel ,Faanu’el Raagu’eel fi
Saaqu’eel dha. Hangafoonni Ergamootaa kun gartuu Ergamootaa of jalaa qabu. Magaalaa
gara garaa irraatti ittii gaafatamummaa qabu. Fkn Qulqulluun Mikaa’eel Iyyoor ,
Qulqulluun Gabrii’eel maagaala Raamaa irraati ittii gaafatamummaa qabu. Gaheen
Ergamootaa tokkoo lama miti. Ergamoonni waaqayyoof galaata dhiyeessuu , tessoo
gooftaas hoollachaa baatu. Hojii baay’ee waaqa biraa ergamuun hojjetu. Waaqa biraa
ergamaniis wanta fedha waaqa ta’ee hundaa angoo ittin hojetaan qabu.ergamoonii
adabbii dhaf ykn dhiifamaaf ni ergamu. Fkn ergamaan lubbuu namoota basuuf ergamee
jira.
“Ergasii ergamaan waaqayyoo bu’ee buufata loltuu warraa Asoor keessaa namoota
185,000 ni ajjeese, namoonni ganama ka’anii yemmuu ilaalan kunoo reeffa hunduma
isaanii ni argan (Isa 37:36)”
Kana malees Bala’am saba waaqayyoo akka hin abaarreef ergamaan waaqayyoo isa
dhoorkee jira. Ser lakk 22:22-31 badii baay’ee jalaa akka banuuf gaachana nuuf ta’ani kan
nu olchaan Ergamoota waaqayyooti.
Ergamoonni kadhannaa keenya gara waaqayyootti ol baasu.(mul Yoh 8:4) deebii
waaqayyoo dhala namaaf deebises qabanii gara lafaa dhufu. Fkn
 Ergamaan waaqayyoo Daani’eelif ogummaa fi hubannaa kennuuf bu’ee jira.
ገናም በጸሎት ስናገር አስቀድሜ በራእይ አይቼው የነበረው ሰው ገብርኤል እነሆ እየበረረ
መጣ በማታም መሥዋዕት ጊዜ ዳሰሰኝ።አስተማረኝም፥ ተናገረኝምእንዲህም አለ፦
ዳንኤል ሆይ፥ ጥበብንና ማስተዋልን እሰጥህ ዘንድ አሁን መጥቻለሁ። ዳን 9:21-22 Dhalachuu gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus kiristoosi fi dhalachuu qulqulloota
baay’ee himuuf ergamanii jiru.
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Gara mata duree keenyatti yeroo deebinu jecha kana kan barreesse gargaartoota
wangeela 72n keessaa tokko kan ture Qulqullicha Luqaasi. Qulqullichi kun osoo hin
wamamiin dura oggeessa fayyaa ture. erga waamamee booda wangeela luqaasii fi hojii
duuka bu’ootaa (HDB) barreesse. Kitaabni hojii duka bu’oota akkuma maqaan isaa ibsu,
erga gooftaan keenya du’aa ka’ee booda kan jiru raawwii duuka bu’oota ibsa. Eessaa
essaatii akka lallaban, namoota meeqa akka cuuphaan , raajii maal maal akka hojjetani
fi du’a dhangagaa’aaf ija jabaatani dabarsanii akka of kennan kitaaba kana irraa ni
arganna.
Ergamoonni waaqayyoo yeroo duuka bu’oonni lallabanis ta’ee rakkoo garagaraa
keessummeessan gargaaraa turan. ergamaan waaqayyoo maal raawwachuu akka qaban
duuka bu’ootatti himuun isaan qajeecha ture.
Yeroo addunyaa irra jirtan qormaata qabdu jedhee akkuma gooftaan keenya barsiisee
duuka bu’oonni qormaata garagaraa qoramanii jiru. Maqaa Iyyasuus kaastanii hin
barsiisnaa jedhamanii dhorkamanii jiru. Boolli du’aa kan hambisuu hin dandeenye
lallabnii dhugaa dorsisoota shangoo irraa dhufeen akkamiti dhabataree? Akka hin
lallabneef dhoorkamanis biyyaa gara biyyaattii godaanaa, qabamanii hidhamaa fi
garafamaa lallaba dhugaa itti fufani jiru. Qulqulluun phaawuloos ergaawwan isaa
keessaa akkasumaas abbaan mul’ataa yoohaniis mul’ata isaa mana hidhaa keessaatti
barreessani jiru.
Akkuma luqaas barreessetti mootiin yeroo sana Heroods kiristaanoota baay’ee irratti
harka isaa kaase. Obboleessa Yohaannis yaa’iqobiin mormaa irraa mursiise. Hojii kaanan
yihudoonii waan gammadaniif isaan gammachiisuuf itti fufee pheexiroosis hiisise. Wanti
kiristaanota midhuu kaaniif gammachuudha. Nuti ni duuna ni ari’atamna diinni keenya ni

Читать полностью…

EOTC.A.O

Walaloo
🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼Kutaa Ogbarruu
YMYSTA Tajaajila Afaan Oromoon
⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️
🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖🥖
⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️
Maqaa abbaa, kan ilma, kan afuura qulqulluu sadan waaqa tokkon ameen!
⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️
Kitaaba lallaaba 3:1-8 wantii kamillee yeroo qaba”kan jedhuu keessaa mata duree walaloo kana....
🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼🖼
Yeroon maali?
❖Yeroon wal jijjiirtee dhuftee kan dabartuu
❖Jireenyi lafarraa goonka hin abdatamtuu
❖Ka'aa yaa namootaa sinoo maaliif raftuu
❖Yeroon dhumaa geessee maaliif hin falmattuu x2

...........ceesisaa...........

❖Baayee sodaachisa guyyaan dhufa gooftaa
❖Isaaf yaa bitamnuu maaloo yaa namootaa
❖Abdiidhan faarfatuu warri qulqullootaa
❖Carraa kana argachuuf kadhaa yaa namootaa x2

...........ceesisaa...........

❖Waqayyoon jiraachuu goonkuma dagannee
❖Oolmaa Kiristoos hoo maaliif irraanfannee
❖Qalbii jijjiirrachuun beellamaan qabamee
❖Hara's borus jechuun xiqqoos dangeeffamee x2

...........ceesisaa...........

❖Biyyi lafaa kunii sobeet si goyyomsaa
❖Fedha foonii keetiif sillee jajjabeessaa
❖Waaqa uumaa keerraa goonka si fageessee
❖Daandii ishee qulqulluu sitti golgoleessee

...........ceesisaa...........

❖addunyaan sobaadhaa meekana hubadhuu
❖Cubbuurraa deebiii Waaqayyoon yaadadhuu
❖Qalbii jijjiirrachuu goonka hin dagatinii
❖Mana ishee jalqaba Jannata hin dhabinii x2

...........ceesisaa...........

❖Hundumtuu ni darbaa dhaabbatee hin hafuu
❖Waaqayyoon ni waamaa kan fiiguus kan rafuu
❖Eega yaa qophofnuu nutis waan hundaafuu
❖Uuman nu haa oolchuu karaarratti hafuu x2

...........ceesisaa...........

❖Tokkoon tokkoon keenyaa qalbii jijjiirannee
❖Galaa lubbuuf tau hara yoo qabaannee
❖Mootummaa Waaqayyoo jennata argannee
❖Akka qulqullootaa jirannaa gammannee x2

...........ceesisaa...........

❖Maalo obbolootaa dammaqaa kadhadhaa
❖Galata Maariyaamiin diinaas injifadhaa
❖Bara dargagummaa Waaqayyoon faarfadhaa
❖Galata Waaqayyoof hundumtuu dhaabbadhaa x2

...........ceesisaa...........

❖Bara isa dhumaa murtiin yoo laatamuu
❖Kan gaarii hojjetan Waaqan araarfamuu
❖Warreen cubbamootas sioolitti gatamuu
❖Gooftaan nu haa oolchuu abiddaan nyaatamuu x2

...........ceesisaa...........

❖Bara dhumaa keessa yeeyyonni ni kauu
❖Hoolaa fakkaatanii gufuu nuttii tauu
❖Wangeela barsiisuuf sobaan ni tamsauu
❖Abbootis gowwoomsuuf qarshii lafa kaauu

...........ceesisaa...........

❖Daandiishee qulqulluu abbootii iyyaafadhuu
❖Daandii Qulqullootaa galmeessun kaawwadhuu
❖Qabsuura isaanii buuura godhadhuu
❖Galaa lubbuu keetii haalan qopheeffadhuu x2
⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️❖⛪️
Qopheessaan kutaa oogummaa barreeffamaa
Waliin yaa hirmaannuu koottamee yaa jamaa
📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕
Jabaan Waaqa!

Galanni Waaqayyoof Deessuu haadha isaa qulqulleettii dubaree Maariyamiif ulfaataa Fannoosaaf hanga bara baraatti haa tau Ameen!
📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒📒

Читать полностью…

EOTC.A.O

🌸🌸🌸Kan itti fufe.......
1. Namootni baay’een ani kiristoosi jedhanii
Maqaa isaatin ni dhufu(mat 24:4-5)
2. Oduun waa’ee waraanaa addunyaa tana ni dhiphisa. Addunyaa hunda irratti waraanni ni ka’a. Oduu waraanichaas ummanni hundi ni dhagaha. Kiristaanotni garuu dhufaatii kiristoos eeggatu malee rifachuu fi sodaachuun hin barbaachisu. Mat 24:6
3. Ummatni walirratti, mootummoonnis walirratti ni ka’u. ummanni wal waliin wal dhabu(wal lolu) Mootummoota gidduutti wal-Amanuun fi walii galteen hin jiraatu. Mat 24:7
4. Beela,hongee,gogiinsa, fi hoollannaa lafaa iddoo gara garaatti ni raawwata. Kuni hundumtuu jalqaba ciniinsuuti. Mat 24:8
5. Yeroo sanatti warri kiristoositti amanan gidiraadhaf dabarfamanii ni kennamu, ni du’u,Maqaa isaaf jedhanii ahizaabota biratti jibbamoo ta’u. mat 24:9
6. Yeroo sanatti namootni baay’een ni gufatu. Walii walii isaanii dabarsanii ni laatu. Mat 24:10
7. Raajotni sobaa baay’een fi barsiisotni soba ani ka’u. namoota baay’ee ni dogoggorsiisu. Wal irratti ka’uun ni baay’ata, jaalalli namoota baay’ees ni hir’atti, hanga dhumaa kan obsee jiraate garuu ni fayya. Namni waan hunda obsaan dabarsu ni fayya. Mat 24:11-13
8. Saba hundumaa irratti dhugaa akka ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti ni lallabama. Yoo sana barri dhumaa dhiyaachaa adeema. Mat 24:14
9. Yeroo sanatti inni cubbamaan iddoo qulqullaa’aa, inni qulqulluun immoo iddoo xuraa’atti ni dhaabatanii ni argamu. Diinni(daabloos) ani kiristoos kan ofiin jedhu sobdicha irra bulee kan eebbifaman ni balleessa, kan ijaarramanis ni diiga. Mat 24:15
10. Yeroo sanatti kan magaalaa keessaa jiraatan gara gaarreniitti ni baqatu. Qotee bulaan yeroo maasii isaa irraa deebi’ee uffata ofii fudhatu hin argatu. Hundi keenya godaansi keenya ganna ykn sanbata irra akka hin taane, kana jechuun osoo firii hin buusin baala qofa qabaannee, guyyaa itti boqonna jennee yaadne sanbata irra akka hin taane cimnee kadhachuun nurraa eegama. Sababni isaas uumamuu addunyaa jalqabee hanga ammaatti kan hin mul’anne gidiraa hamaan waan ta’uuf Mat 24:17

Читать полностью…

EOTC.A.O

3,Mikaa’el(*2) Jedheetan Si Waama

Читать полностью…

EOTC.A.O

Faaruu
#Kutaa Faaruu YMYSTA Tajaajila Afaan Oromoon.
⛪❖⛪❖⛪❖⛪❖⛪❖⛪
1,Yaa Waaqayyoo (Traz Oromiffa Lakk.99)
2,Lapheen koo Waa’ee kee Waan Gaari Dubbataa
3,Mikaa’el(*2) Jedheetan Si Waama

Читать полностью…

EOTC.A.O

👏👏BAGA GEESSAN👏👏

⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜
BAGA GUYYAA YAADANNOO ERGAMAA DHIIFAMAA HANGAFA ERGAMOOTAA QULQULLUU MIKAA'ELIIN ISIN GAHE! EEGUMSI ISAA BAKKA JIRTAN HUNDATTI ISINIIF HAA BAAY'ATU! AMEEN!!!

++++++AYYAANA GAARII++++


⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜

Читать полностью…

EOTC.A.O

Maqaa abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqayyoo tokkoo ameen

Sanbata Guyyaa 5 /7/2012 ayyaana boqonnaa abbaa keenya qulqulluu aabboo/gebre menfes kidus waan ta'eef namni danda'e bultii ykn ganama hirmaannee eebba guyyaa sana irraa abbaa keenya irraa akka argannu hirmaadhaan ergaadha.

Mana amantaa aabboo qiliinxoo....

Jimaata galgala kan deemtan waliin deemuu dandeenya.
Sanbata xiqqaa kan deemtan walfaana deemun ni danda'a

Читать полностью…

EOTC.A.O

jetamu hunduma argu immoo gatii siif ni kenna.” Jedhe.

Dubbisa wangeelaa kana irrattis itti fufuun waa’ee badhaadhummaa, biyya lafaa irratti walitti qabamuu fi waa’ee badhaadhummaa isa samiirraatti walitti qabamu dubbata. Isin horii keessan iddoo hattuun hin hannee fi biliin hin nyaannetti walitii qabadhaa malee iddoo dhuma badhaadhinni keessan badutti hin tahin jedha.

“Iyyasuus ammo badhaadhummaa ofii keesaniif lafa irratti, iddoo bilii fi daana’on nyaatutti hattunis cabsitee iddoo hattutti walitti hin qabatinaa, Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif samii irratti iddoo biliin yookaan daana’oon hin nyaannetti yookaan hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa…..” (Wangeela Matewos 6:16

Kunis horii keen gargaarsa mana Waaqayyoof gootu, wanta argatturraa kan Waaqayyoof dhiheessitu, gargaarsi ati rakkataadhaaf gootu hundi, samii irratti kan walitti tuucha’ee siif taa’u taha. Isa sana biliin hin nyaatu, hattuunis hin argu jedha. Haa tahu malee biyya lafaa kanarratti qabeenya yoo teessifte si jalaa dana’aawuu yookaan hatamuu dandaha, kan Waaqayyoof gootu garuu galmee isa samiirratti galmaa’a malee hin badu jedha. Garuu kennaan nuti rakkataaf goonus akka namootni nu arganiif yoo tahe ,gatiin ati argattu asumatti kan hafu taha, kanas ammo dhoksaadhaan yoo goote Waaqayyo gatii kee ifatti siif kenna. Iddoo qabeenyi /horiin/ kee jiru lapheen kees jira.

Читать полностью…

EOTC.A.O

Gabbii jechuun maal jechuudha?
👆👆👆 waaqayyoon fulduratti cubbuu hojjetteef gabbuu jechuudha.
👆👆👆Waaqayyoon araaramudha.
👆👆👆 Oftulummaa dhiisanii gad of qabudha.
👆👆👆 Waaqayyoof kabaja fi of kennuudha.
👆👆👆 Qormaata dhufu irra of bararuudha.
👆👆👆 Jireenyaan jiraachuudha.
Namni gabbii yoom galuu qaba?
* Barri rakkina waan dhufeefi?
*Barri wareegamummaa waan dhufeefi?
👆👆👆 Namni gabbii kan galuu sababoota gaaffilee armaan oliitiif qofa osoo hin taane yeroo kamiyyuu qophoofne jiraachuu qabna.Sababni isaas guyyaa nuti addunyaa kana dhiisne dabarruu waan hin beeknefi akkasumas guyyaa dhufaatii gooftaa Iyyasuus Kiristoos waan hin beeknefidha.
👆👆👆 Waluma galatti gabbii galuu jechuun"Waaqayyoo nuuf jedhe samii irra gad bu'ee akkuma keenyatti foon uffachuun gadameessa haadha keenya qulqulleeti dubre Maariyaam keessa bulee ;wagga 33 fi ji'a sadiif yoomu lafa kanarra deeme barsiisa turetti nuuf jecha hancuufni itti tufame;waraaname akkasumas garafamee sanaa boodas nuu iddoo kabaja keenyatti nuu deebisuuf dirree qaraniyoorratti kan fannifame ;foon isaa fannoo irratti kan nuuf mure akkasumas dhiiga isaa kan dhagalasee; jiraata bara baraa ta'ee osoo jiru fooniin boqachuun cubbuu Addam dhaloota dhalatootatti darbaa ture irra bilisa kan nuu baasedha. Yaa obboleessa koo atis obboleetti nuus nuu uumee guyyaa afuurtama(dhiiraaf) ykn guyyaa saddeettama(shamaraaf) cuuphamne mucummaa kan nuuf kenne akkasumas ulfataa dhiiga isaa fi qulqulluu foon isaa kan fudhanne ;ammaa garuu addunyaa cubbuu keessatti kufne kan argamnu; gatii dhiigan bitamu keenya irranfannee waaqayyoorra fagaanne kan argamnu kootta gara koo deebi'aa jedhe gara ofiitti karra onnee keenya duraa dhabbate waaqayyoo nuu eegguu diiduu dhiisuu jechuudha."
👆👆👆Abbaa akkatti nuu waama jiru kana osoo yeroon nutti hin deemin dafne dhawwachuun gara isaa deebine eebba foonii fi lubbuu haa argannuu.
Guyyaa dhufaatti isaa mirga isaa dhabbachuuf haa qophoofnu.
👆👆👆"Guyyaan fayyina har'a."2ffaa Qor 6:2

Читать полностью…

EOTC.A.O

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura qulqulluu waaqa tokko ameen
"Hangafaa ergamoota kan ta'e qulqullichi Mikaa'el naa gargaaruuf dhufe." Raajii Daani'el 10:13
Jaalatamtoota maatii waqaayyoo ijoolleen haadha keenya qulqulleettii dubro Maariyamii bakka jirtanittii nageenyi fi jaalalli gooftaa keenya fayyisa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka jirtanitti siniif haa baay'atu. Eega guyyaa Kamisa (12/06/2012) sagantaa xoofoo qulqulluu Mikaa'elii waan jiruf galgala sa'aatti 11:30 irra eegale mana amantaa Abuna Takla hayimanootitti warroota hin dhageenye dhageechisuun hirmaata suga kana akka taatan afferamtaniirtu.
Galaanni waqaayyoof haa ta'uu!!!

Читать полностью…
Subscribe to a channel