👁🗨#Qacarrii haaraa Godina I/A/Booriif hayyamame Ogeeyyiin Fayyaa Ulaagaa guuttan dorgommuu dandeessu.
@Haakimotaoromo
👁🗨#Mindaan hojjattaa mootummaa Dabalamuuf akka jiruu ibsamee.!
Kanaanumaratii ibsaa dabaalata kenameen hojjattoonni Mindaan isaanii 1500 ta'ee %300 Dabalamuuf akka jiruu ibsamee.
Thanks Dr.!
@Haakimotaoromo
DHUKKUBA BUSAA (malaria)
📈#Dhukkubni busaa dhukkuba Orgaanizimii pilaazmoodiyaamii
jedhamuun kan dhufu yoo ta’uu , dhukkubni kun nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarbu bookee busaa (Anopheles mosquito ) jedhamtuun. Pilaazmoodiyaamiin seeliiwwan dhiiga diimaa/ tiruu namaa keessatti seenuudhaan wal horu
👤#Biyya keenya kessatii Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtii birraa-ji'a fulbaana hanga muddee fii arfaasaa- ji'a Eblaa hanga Caamsaa
heddumminaam olka'ee mullaata
. Kanaafuu yeroo kanatii ofeggannoo gochuun barbaachiisaa dha.
📈#MALLATTOOLEE DHUKKUBICHA
🗣Bakka busaan jiru kan jiraattu ykn jiraachaa kan turte yoo taʼe mallattoowwan busaa armaan gadii akka laayyootti hin ilaalin:
✍1, Dhagna gubaa cimaa
✍2, Dafqa
✍3, Qorraachu/hollachuu
✍4, Mataa bowwuu
✍5, Dhukkubbii maashaalee
✍6, Dadhabbii cimaa
✍7, Garaa hammeessuu
✍8, Hoqqisuu
✍9, Garaa kaasaa
✍10, fedhii nyaata dhabuu
✍11, Gogaan qaama fi adiin ijaa keelloo tahuu.
✍12,-Fincaan xiqqaachuu,ykn dhabamuu
❇️#YAALA
Dhukkubni busaa dhibee yaalan fayyuu danda
uu waan taheef! Osoo dhukkubichi hin hammaatiin mana yaalatti qoratamuun qoricha Antimalaria ogeessi fayyaa kennu seeran fayyadamuun fayyuu ni danda`amaa.
✅~Anti malaria
🗣#ITTISA
➊. Agoobara keemikaala farra
booke qabu fayyadamuu
➋. Foddaa fi balbala,qaawwa manaa hunda cufuun akka raammoon hin seenne ittisuu.
➌. Uffata dheeraa qaama keenya guututti haguugu uffachuu.
➍. Bakka Bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu
fkn-Balfa,Bishaan xurawaan gara garaa dhabansiisuu.
➎. Yeroo lafa dhukkubni busaa itti heddummatu dhaqan,dursanii
qorsa fudhachuu
➏. Yoo mallattooleen,dhukkuba busaa nama irratti mul'ate dafanii mana yaala dhaquun,ogeessan fayyaatin mari'achuun,dawaa fudhachuu. fii kkf
♻️#Hubachiisa: Bookee busaa kormaan dhukkuba busaa hin
daddabarsu,sababni isaas bookee kormaan nadhii daraaraa malee, akka bookee dhaltuu dhiiga namaa hin sooratu. Yeroo amma kana dhukkubni kun bsli'inaan mul'ataa wan jiruuf share for the others.!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
┄┄┄┄┄┄┄┄
@Haakimotaoromo
👁🗨#Qindeessitoonni HR sadarkaa fayyaa godinaalee isin ilaallatuf akkaataa facaatii gadi bu'een ogeeyyii isin bira dhufan carraa kaasisuun akka ramaddanii fi ogeeyyiin liistii maxxanfame keessa jirtan immoo guyyaa ka'aame hanga gaafa 21/10/2016tti godinaaleeti dhiyaachuun carraa kaasuun akka ramadamtan beeksiifna.
Читать полностью…👁🗨#Oduu Gammachisaa!
Breaking news!
Hojjettoota seektara fayyaatiif lafti akka kennamu murtaa'e! Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFO)n guyyaa hundeeffame isaa irraa eegalee gaaffii ijoo fi murteessaa godhachuun kan irrratti hojjechaa turee fi rakkina guddaa hojjetaa seektara fayyaa kan ta'e Lafa Mana Jireenyaa argachuu akka ta'e kan yaadatamudha.
Haaluma kanaan waldaan keenya WOFOn carraaqqii walirraa hin cinne taasisaa tureen Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lafti Mana Jireenyaa hojjetaa seektara fayyaatiif akka kennamuuf murteessuu isaa gammachuu guddaadhaan isin beeksisna.
Kanaafuu hojjetaan seektara fayyaa naannoo keenyaa hundi baga gammaddan jechaa bakka jirtan maratti akkaataa qajeelfamaatiin gurmooftanii akka lafa mana jireenyaa mootummaan Naannoo Oromiyaa nuuf eeyyame kana itti fayyadamtan isiniin jenna.
Baga gammaddan!
በ2016 ዓ/ም ሰኔ ወር ላይ የሚሰጠውን የመውጫ ፈተና በድጋሚ ለመውሰድ በመጠባበቅ ላይ የሚገኙ ተፈታኞች ምዝገባ የሚከናወነው ከግንቦት 14 እስከ 21/2016 መሆኑን ትምህርት ሚኒስቴር አሳውቋል።
የምዝገባ ክፍያ 500.00 ብር በመክፈል በ https://exam.ethernet.edu.et በኩል መመዝገብ ይችላሉ ተብሏል።
የአገልግሎት ክፍያ 500.00 ብር በ ' ቴሌ ብር ' ብቻ የሚፈጸም መሆኑ አስገንዝቧል።
#ለመጀመሪያ_ጊዜ የመውጫ ፈተና የሚፈተኑ እጩ ተመራቂዎች ምዝገባ የሚካሄደው እና የአገልግሎት ክፍያ በተቋማቸው በኩል መሆኑን የገለጸው ሚኒስቴሩ አስፈላጊ የመፈተኛ መረጃዎችን በተቋማቸው በኩል እንደሚደርሳቸው አሳውቋል።
@HealthCOCbot
👁🗨#Yaamicha Leenjii Ogeessota Gita Bulchiinsa Qabeenyaa fi Bittaatiif. Obbo Fiqaaduu
📞+251911142393
👁🗨#Hospitaalota Maqaan Keessan Tuqaamee Hundaaf
Carraa Barnootaa (BSc in Radiology,Opthalmology & Anesthesia)
👁🗨#Qacarrii Ogeeyyii Haakima waliigalaa(GP) Galmeen Guyyaa hojii Wixataa hanga jimaatattti.!
@Haakimotaoromo
👁🗨#beeksisaa Qacarrii Ogeeyyii fayyaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar.!
@Haakimotaoromo
Bu’aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ifoomee jira. Bu'aa kessan laluuf link armaan gadii kanaa fayyadamuun laluu dandeessu.!
1. result.neaea.gov.et
2. https://result.eaes.et
3. @EAES_2016_bot
t.me/+QMOJo2EVx44wOGRk
@Haakimotaoromo
👁🗨#Hospitaala Rifaraalaa Mattu:
Jijjiirraa Ogeessa Fayyaa Addatti Hayyamame kanatti ogeeyyiin fayyaa dorgomtan ragaa dorgommiif ta'u kan aanaalee irraa dorgomtan kara HR godinaattin, kanneen dhaabbilee biiroof yaamaman irraa dorgomtaniis karaa HR keessaniin ergachuun akka dorgomtan yaa ta'u.
👁🗨#Manneen Hojii fi Dhaabbilee Fayyaa Ilaallatuu Hundaaf.
✍️Gaaffii keessoon kallatti adda addaan gaafatamaa tureef ibsa kenname.
👁🗨#Carraa Barnootaa Fiildi Epidemiology
Waajj/Fayyaa Godinoota Isin Ilaallatuuf
Waajj/ Fayyaa Bul/Magaalaa Isin Ilaallatuuf
👁🗨#Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa waldaa waan dubbatee fi waan waadaa gale hojiidhaan agarsiisudha!
👤#Akkuma kanaan dura isin beeksisnee turre sochii waggoota dheeraa Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) taasisaa turee fi tumsa qaamolee dhimmichi ilaaluun godhameen lafti mana jireenyaa hojjettoota seektara fayyaa naannoo keenyaatiif Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eeyyamamuu isaa isin beeksisnee turre.
Yeroo ammaa kanatti immoo Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hundaaf xalayaan "hojjeettotni/ogeeyyiin seektara fayyaa gurmaa'anii iddoo hojjechaa jiranitti akka lafa mana jireenyaa argataniif akka keessummeessitan" jechuun barreeffamee kan jiru ta'uusaa yeroo isin beeksisnu gammachuu guddaadhaani.
Bu'uuruma kanaan hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa naannoo keenya keessa jirta bakka hojjettanitti ijaaramtanii hiree amna dheeraa deemuudhaan argame kanatti akka fayyaddamtan isin beeksisna. Haalotni humna ogeeyyii/hojjettoota fayyaatti ulfaachuu danda'an kan jiran ta'uusaa akka waldaatti kan hubannu waan taheef adeemsa keessa irratti hojjechaa fi sirreessaa kan deemnu ta'a.
Gamanumaan kan isin beeksisuu barbaannu:
1. Hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa miseensa Waldaa osoo hin ta'iin jirtan atattamaan akka taatan.
2. Bakka bu'oonni waldichaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hunda keessa jirtan immoo xalayaa Biiroo Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa barreeffame kun aanaalee hunda akka ga'uuf akka irratti hojjettan isin yaadachiisna.
Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Sirna fayyaa fooyya'e uumuuf kan onnate!
👁🗨#Qindeessitoota HR Waajira Fayyaa Godinaalee Isin Ilaallatuuf.
✍️ BFO qacarrii ogeeyyii fayyaa marsaa 1ffaa booda ogeeyyiin ogummaan isaanii hanga barbaadamu gabaarraa argachuun hin danda'aamne hayyama ogummaa baafachuun akkaataa "online registration platform" gadii bu'een kan ogummaallee afran akka galmooftanii ramadamtaniif gaafatamtan keessaa kanneen maqaan keessan asitti erame akkaataa facaatiin godinaaleef gadi bu'een guyyaa ka'aame keessatti waajira fayyaa godinaaleetti argamuun carraa kaasuun akka ramadamtan fi hospitaaloonni ammaan tana jijjiirraa HSF raawwachaa jirtaniis fedhii gita baajata qabu updates hanga wixata kanaatti HR waajira fayyaa godina keessa jirtaniif akka dhiyeessitan hubachiifna.
#Ogeessi guyyaa carraa kaasu kanatti eenyummeessaa qabachuun dhiyaachuu qaba.