hundabeeki | Unsorted

Telegram-канал hundabeeki - Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

28

Waan beeknu waliif haa qoodnu

Subscribe to a channel

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Sodaatti dabalee, gufuun daandii milkaa'inaa jaarraa 21ffaa kan biraan,
akka
waan bakka guddaa
ga'uu hin
dandeenyeetti yaaduudha. Yaadonni akkanaa wantoota
jireenya keenya sadarkaa giddugaleessaa
yookaan
sadarkaa gadaanaattidaangeessinee akka jiraannu nu
godhan keessaa isa tokkodha. llaalchonni akkanaa akkas
jechuun keessa keenyaatti hasaasu: "Mul'atni kee waan
gonkumaa dhugoomuu hin dandeenyeedha. Milkaa'inni kee
kee
carraa gaarii, fira yookaan hiriyaa gaarii qabaachuu kee
irratti hundaa'a. Mul'ata guddaa akkanaa nan milkeessa
jedhanii yaaduun gowwummaadha. Utuu waan ati yaaddu
kana milkeessuun ni danda'ama ta'ee namootni biroon maaliif
hin milkeessine?"

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Job Title: Oromo audio language Transcription job

Company: AB language work

Job Type: Remote

Description: We need 2 native oromo speakers who can write oromo(qube) efficiently. They must have good typing and listening skills in the language(oromo). MUST HAVE A GOOD INTERNET CONNECTION AND A PERSONAL COMPUTER!!

Requirements:

Must be a fresh graduate
Must be a native oromo speaker(includes typing qube)
Must have a personal computer(NOT a phone)
Must have Internet connection

Anyone who fulfill the requirements send ur CV via telegram: @Abwork12

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

https://youtu.be/0g1PPtpKtz0

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Beekumsi qarshiin wal hin madaalu

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

RAKKOO WALQUNNAMTII SAALAA

➲ Warri bultii ijaarratan iftooman haa dubbachuu baatan malee lamaan keessa tokko gammachuu walqunnamtii saalatiin argamu dhooowwachuu irraan kan ka'e yeroo bultii bara dheeraf ijaaran akkuma fixeensa ganamaa salphumatti diigan ni mul'ata. Karaa saayinsaawaa ta'een rakkoo fi furmaata qabaatus waliin mari'achuun dhabamuu isaatin bultiin diigameera.

➲ Rakkoo walqunnamtii saalaa kan jedhamu: Fedhii walqunnamtii saalaa dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu, dafanii dhangalaasuu, osoo hin dhangalaafne qaamni jiguu, nafsaalli dubaraa dhangala'aa sirritti burqisiisuu dhaabuu, fiixee miira gammachuu xummuraa ga'uu dadhabuu (orgasm), yeroo raawwatanii fi isa booda miira dhukkubbii namatti dhaga'amuun warra rakkoo walqunnamtii saalaatin walqabataniidha.

➲ Rakkoo walqunnamtii saalaa kun karaa xiinsammuu fi fayyaa nama muudachuu danda'a. Rakkoon fayyaa qaamaa kan jedhamu jijjiiramuu qaama hormaataa, yaa'insa dhiigaa gara nafsaalaa xiqqaachuu, hir'ina hormoonii, wal'aansa fayyaa naannoo qaamota hormaataa, qorichoota akka dawaatti dhibee biraatif fudhannu rakkoo kana hammeessuu danda'u. Alkoolii baay'inaan fudhachuu, caatii qaamuu, tamboo xuuxuu fi hashiishiin faas rakkicha ni babal'isu.

➲ Rakkoon xiinsammuun walqabatan immoo kan akka cinqamuu, mukaa'uu, dhiibbaa, yaaddoo, xiqqummaan gudeeddamuu, nama hin jaalanne faana raawwachuun fedhii ni hir'isa. Rakkoon fayyaa umuriin warra fagaatan yoo muudatu, kan karaa xiinsammuu garuu baay'inaan dargaggoota muudata.

➲ Rakkoowwaan biroo rakkicha hammeessan: Fiilmii poornogiraafii, gadda, jiruun mijachuu dhiisuu, guyyaa guutuu hojii biraan of dadhabsiisuu, walii galteen dhabamuu, infeekshinii, dhibee onnee, dhibee tiruu, dhibee kalee, sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, kolestiroolin dabaluu, maashan dadacha'uu, dhibee narvii, gaggabdoon rakkicha ni hammeessu.

➲ Rakkoo walqunnamtii saalaa furuuf murteessan rakkichuma hundeerraa beekudha. Rakkoo xiinsammuu yoo ta'e rakkichuma furuun gaaridha. Rakkoon kun gadi fagaate yoo ta'e ogeessoota kanaa mariisisuudha. Rakkoo saniif furmaanni barbaadama. Guutummaa fayyaa keenyaa mirkaneeffachuu qabna. Dhiphaachuu, cinqamuu, yaadda'uu, mukaa'uu irraa walaboomuu qabna. Bilisummaa sammuu keenyaa dursinee gonfachuun walqunnamtii saalatiif of qopheessuun gaaridha.

➲ Qorichoota walqunnamtii saalaa fooyyessuuf oolanis fayyadamuu dandeenya. Qorichoonni kunniin yaa'insa dhiigaa dabaluun narvoonni akka dadammaqaniif ni tajaajila. Maashawwan nafsaalaa akka jajjabaatan taasisuun nafsaalli ka'ee akka dhaabbatuu fi dafee akka hin jigne taasisu.

➲ Hir'iina hormooniitiif hoormonii biraa bakka buusuu, nafsaala meeshaa namtolchee gargaaramuun akka dhaabbatu gochuu (vacuum device), ujummoo fincaanii gara keessatti kan galchan qoricha fudhachuu, hanga baqaqsanii yaalun rakkicha furuu, seelota dhiigaa yaa'insa isaanii sirreessun furuun ni danda'ama.

➲ Qorichootaf of eeggannoon barbaachisaadha. Fakkeenyaf qoricha Viiyaagiiraa callisanii gabaarraa bitanii fayyadamuun nu miidhuu danda'a. Dhukkuba onneetif nama saaxiluu danda'a. Qorichi viyaagiraa dubartii waan hin fayyanneef fayyadamuun hin barbaachisu.

➲ Qoricha kanaan qaamni humnaa ol gaafa dhaabbatu bakkatti deebi'uu dhiisuu danda'a. Qaamni gaafa dhaabbatee ture nu dhukkubuu danda'a, lammaffa deebi'anii raawwachuun nama rakkisuu danda'a. Darbees immoo cabuu danda'a. Yeroo booda qaamni keenya qoricha kana malee tole nuuf jechuu dhiisuu danda'a. Yeruma hunda isatti fiignee qaama keenyaan wal barraan yeroo booda qorichumti sun nuuf hojjachuu dhiisuu danda'a.

➲ Wanti hubatamuu qabu qorichi walqunnamtii saalatiif fayyadu waan jiruuf qofa fayyadamuun hin barbaachisu. Yoo rakkoon keenya hammaataa ta'e qofa. Rakkoon irri caalli isaa rakkoo xiinsammuun waan walqabatuuf isuma furuutu murteessadha. Walqunnamtii saalaa kan jedhamu yeroo nafsaalli lamaan wal keessa jiran qofa osoo hin taane jaalala walii ibsuu, qaama ho'isuu dha jalqabee hanga jarri lachuu fedhii ba'uu isaanii mirkanaa'utti kan itti fufuudha.

┄┄┉┉✽̶»̶̥🌹✿🌹»̶̥✽̶┉┉┄┄
👉@hundabeeki
👆join
Yaadni kana fakkaatu akka sinii dhiyaatuu

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Yeroo kophaa Ergaa barreessu fi fudhachuun gammachuu namaaf kenna(mood namaa haaromsa)
@hundabeeki
👆join

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Kana beektuu muuziqaan soora lubbuuti akkasumas sammuu hubame suphuuf gahee ol-aanaa qaba

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba hin ari'u; jaalalatu jibba ari'a!"
— Maartiin Luuter Kiingi.
═══════════════
➥ Jibbaaf jibba deebista yoo ta'e, raawwattee jibba balleessuu hin dandeessu.
➥ Jibba balleessuudhaaf meeshaan fayyadamuu qabdu tokkichi jaalala dha.
@hundabeeki
🔺JOIN🔺

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Baacoo kanaan bohaaraa
"
Namichatu gaaftokko ganama haadha manaa isaatiin,"Har'a lafa maasii
xaafii dhaqnee,waliin haramaa buqqisaa oolla!"jennaan,"Tole!Garuu hojii
xiqqoon of harkaa fixee dhufaa,hangasitti ati dhaqi!"jetteen;
Namichis,"Hin turin! ACHUMATTI WAL AGARRA"jedhee sokke.
-
Utuu adeemaa jiruu,dubartii ollaa isaatii qofaashii,mana jirtu argee itti
gore.Abbaan manaashee,eessa akka jiru erga qoratee booda,akka ishee
jaalatu itti himee amansiifate;Tole jetteef!Lamaanuus,sireerra akkuma
ga'aniin abbaan manaashii bakka dhaquuf ture dhiisee waan
deebi'eef,alaa balbala
rukute.Isheenis,namichaan,"Ariitidhaan siree jala dhokadhu!"jettee
balbala banuu dhaqxe.Namichis dafee siree jala seene.
-
Abbaan manaas,akkuma seeneen gabaa deemtee,waan tokko,tokko
bittee akka deebitu ajaje;Akkuma isheen baateenimmoo,dubartii bakka
hojii dhaquuf,balbala duraan darbitu tokko argee,gad itti ba'ee
haasofsiise.
Yeroo dheerarraa kaasee akka ishii jaalatu itti himee,harkisee,manatti ol
galfate.
'
Akkuma siree gubbaa ga'anin,haati manaasaa,namicha siree jala
dhoksitee kan deemte waan beektuuf,sardamtee waan argatte karaarraa
bittee daftee gara manaa deebite.
Dhuftees balbala rurrukunnaan,abbaan manaa dubartii isa bira jirtu
sanaan,"Dafii siree jala dhokadhu!" jedhee haadha manaarraa banuu
dhaqe.
Isheen kun siree jala yoo seentu,abbaan manaashee,waan hunda
hordofaa gatii tureef,mormashee qabee,''Ati maalfunaannachuuf as
dhufte?lafti aramaa asii"jennaan,isheenimmoo abbaamanaashee ta'uu
bartee,naasuu dhaan,''Ati ganama achumatti wal agarra,naan hin
jennee?"jetteen.
"Daandiin hattuu yeroo hunda hin toltu!" jedhu!

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

.

DHIIRA DHUGAAN SI JAALATE
@hundabeeki

Hundumatti si beeksifata !

Sirritti si kunuunsa, gammachuu keetif dhiphata !

Wanti kee hunduu kan isaatin wal simata !

Ati akka kan isaa qofa taatetti si lakkaa'a !

Yeruma hunda si jajjabeessa !

Ija ija keessa si ilaala !

Waa kee sirritti baruu barbaada !

Carraa argannan si haammachuu barbaada !

Yeroo ijaan walirra buutan itti tola ! @hundabeeki

Si argachuu isaatti nama carraa qabeessa of godhee hundatti odeessa !

Namaan yeroo wal si barsiisu miira gammachuutini !

Jiruu isaa keessa harki kee akka seenu eeyyama !

Isatu yeroo hunda dursee siif bilbila !

Yeroo hunda si faana dabarsuu jaalata !@hundabeeki

Waanuma fedhetti sitti hin hinaafu !

Waan ati gaafatte kamiyyuu siif guutuf duubatti hin jedhu !

Waan qabu hundayyuu sitti hin hambifatu !

Siif jedhee fageenya dheeraa ni imala !

Waan fedhe balleessitu muufii malee dhiifaman bira darba !

Ilaalchi kee isa biratti iddoo guddaa qaba !

Oduu kee hunda seeqee taphata !
@hundabeeki
Waanuma si biratti argame qofaaf gammachuun itti dhaga'ama !

Akka hiriyaatti si ilaala !

Osoo omaa hin goone callisee suma faana taa'u isaa qofaaf gammada !

Kabjaan ofitti si qabata !

Uffattee dhiiftee jaalalli isaa sitti hin hir'atu !

Si faana yeroo ta'u amala dhugaa isaa agarsiisa !

Waan nama biraa biratti taasisu si fuuldurattis ni raawwata !

Waan kophaatti si faana taasisu nama birattis hin qaana'u !@hundabeeki

Guddina kee hawwa !

Rakkoo kamiyyuu keessaa si baasuf yeroo kamiyyuu qophaa'adha !

Anarra jechuu dhiisee anaa fi si'i jedha !@hundabeeki

❤ Dhumarra yeroo inni jaalala keen waxalamee harka sitti kennatu akka si jaalate adda baafatta !! @hundabeeki

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Hiikoo fi furtuu jiteenyaa argachuuf join ammuma

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

7.5-8:00 kan rafanirra 6.5-7:00 umurii gabaabbata

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

https://m.tiktok.com/v/6999647549086911750.html?u_code=dj3cf0e9j5gbk1&preview_pb=0&language=en&_d=di0kgc2el0f143&share_item_id=6999647549086911750&source=h5_m&timestamp=1636134862&user_id=6972233183204459525

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Kana bituu hin dandeenyu;
Yeroo
Gammachuu
Hiriyaa
Abjuu
Abdii
Jaalala
Fayyaa
Umurii
Carraa
Haata'u malee namoonni qarshiin jiraannaan hunduu jira jedha baay'eedha
@hundabeeki join share godhaa hiriyaa keessaniif

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

JIREENYA GARII JIRAACHUUF WAANTOTA NAMA GARGAARAN

*Nama jaaladhu
*Hin dhiphatiin
*Jireenya hin ulfeessiin/salphisii/ilaali
*Waaqakee yeroo hundaa yaadadhu
*Waan argatteef galateeffadhu
*Waan siif kenname dabarsii kenni
@hundabeeki share tasisaa

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

f share godhaa giruuppii irratti akkasumas hiriyoota keessaniif
👉@hundabeeki
👆join

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Dhabuun sitti dhagahamee beeka ta'a
Itti hin gaddiin muktuu hammu ma baalasaa dhabaa deemu guddinnisaa oluma

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Daansiin ofitti amanamummaa dabala jedhama
@hundabeeki
👆join

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

"Wantoota baay'ee nu gammachiisan bituu irra wanta galii nuuf argamsiisan bituun galii isaatiin wanta nu gammachiisan bituu qabna."
— Grant Cardonen


Share◈Share◈Share
@hundabeeki
🔺JOIN🔺

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama kakaasa'an:
√~•~•~•~•~•~•~•~•√
✨ Gaaffileen Jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha.
👉 ANI EENYU ?
👉 Maalifan Uumame?
👉 Ergamni koo maali?
👉 Karoorri koo maali?
👉 Mul'anni koo maali?
👉 Kaayyoon koo maali?

📌 Eessaan dhufe?
📌 Eessan Jira?
📌 Eessan Deema?

◾Har'a maalin hojjadhe?
◾Maal hojjechuun qaba?
◾Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

✨ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!

✨ Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa kana hojjettu karooratti qabattee kaata. Galgala yommuu raftu immoo waan raawwatte miijanta, kunis ciminaa fi dandeettii kee fuulduratti itti adeemtuuf ragaa siif ta’a.
Kabajoomaa!
Turtii Gaarii!


Share💯share💯share

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Dogoggorri kam at hojjette muxaneekeeti
Kanaaf jireenya kee keessaatti dogongora hojjechuu hin sodaatiin

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Before you use a pen, know how to hold it first.

@hundabeeki

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

chaanala kana subscribe gochuun beekusa kuufachuudha

Читать полностью…

Madda Beekumsaa🔑🔭💡🔌💻

Aspirin, paracetamol, qorichoonni jedhaman garaa duwwaatti hin fudhataman

Читать полностью…
Subscribe to a channel