imala_jaalalaa | Unsorted

Telegram-канал imala_jaalalaa - Imala Jaalalaa

2021

⏩ jaalalaa ⏭️ Waliin jireenya jaalallootaa 🎧Walaloo jaalalaa 👤Asoosama 📢yaada nuu kennuuf @ImalaJaalalaabot @imala_jaalalaa

Subscribe to a channel

Imala Jaalalaa

Tele birr beektuu password tokko malee simi barbaadderraa argachuuf chaanaalii kana gadii join godhaa jalqaba link start gootu itti aansuu chaanaalii join gootu qarshii Tele birr keessan 20 argattu ammuma godhaa laalaa

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

"Durbummaa Kee Yoo Naaf Kennite Malee Sin Jibba"


Sodaa lama, 1ffaa Gooftaa gaddisiisuu yoo ta’u, 2ffaa Daanii dhabuu kooti. Bitaa natti gale. "Na dhageessaa Daanii? Baay’een si jaaladha. Sin amaneera. Ani durbadha yoon siin jedhu amanuu qabda turte. Garuu ana hin amanne. Akka na amantuuf ejja hojjedhee si hin amansiisu! Kanaaf baay’een gadda. Durbummaa koon dhabaadhaaf utuu hin ta’in gatii guddaa baasee kan na fayyisee fi mirga isaa naaf kenne Gooftaa koo siree irra ciisee ejja hojjedhee hin gaddisiisu! Qulqullummaa koo eegsisee, gooftaas gammachiisee kabajaan hamma gaa’ela kootti nan jiraadha. Siif dhiifama godheera. Kana booda anii fi ati jaalallee waliif ta’ee hin dandeenyu” jedhee bahuuf gaafan ka’u, harka koo qabee siree irratti na darbate. Ukkaamsee na qabe. Garuu akkamittis ta’ee, humna koo hin jirreen harka isaa ciniinee kophee miilaa tokkoon fiigee mana sanaa nan bahe. Gooftaan na oolche.” Jechuun imimmaanii fi kolfaan seenaa ishee na taphachiifte. Kan akkanatti na boochise obboleettii koo jireenya akkanaa dabarsite yaadadheen, “seenaa ishee yeroo biraa si taphachiisa” jettee waadaa galtee itti fufte.

Dhuma irrattis nuun jette obboleettiin keenya jaalatamtuun, “Innis araada biraa keessa galee hiriyaa koo Eelsaa waliin hiriyummaa jalqabe. Anis nagaadhaan nan eebbifame. Eebba koon booda kanan baay’ee jaaladhuu fi kan baay’ee na jaalatu jaalatamaa abbaa manaa koo waliin gaa’ela godhanne. Durbummaa koos abbaa manaa koof nan kenne. Mucaa bareedaas godhanne. Seenaa Daani’eelis yoon dhaga’u, Eelsaa waliin akka itti hin fufnee fi shamarree biraa akka fuudhe dha.

“Kanaafuu, #Durbummaan_Abbaa_Manaaf Malee Hiriyaaf Hin Kennamu” jechuun Maartiin seenaa ishee asumaan xumuurte. Nutis dubbii isheen dubbatte keessaa tokko fudhannee, seenicha haa guduunfinu.

Durbummaan Abbaa Manaaf Malee Hiriyaaf Hin Kennamu!

❤ Gαℓαтσσмαα!!!❤
~~
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Akkam jirtan warri chaanaalii IMALA JAALALAA irratti hirmaattan hundi mee ergaa kana dubbisaatii hiriyoota keessaniif share godhaa.

Yoo wanti kuni tarii naannoo keessan jira ta'es karaa bootii keenya @Imalajaalalaabot n nuun gahuu dandeessuu bohaartii gaarii 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
❤️💓💔💕💕💖💖💖💖💖

(AJAAIBA)
"Durbummaa Kee Yoo Naaf Kennite Malee Sin Jibba
"


Maali? Jechuun? Akkamitti ta’uu danda’a? Maaliif? Gaaffileen jedhan arraba koo irratti sodaa fi dhiphina waliin dhufaa ture. Utuun homaa hin jedhiniin bakkan deemus utuu hin beekin fiigichaan bahee nan deeme. Hiriyaa koos baay’een ishee jaaladhan ture. Isheen anaaf obboleettii koo caalti turte. Sababa malee akkana na gochuu hin dandeessu. Hangan yaaduu dhaabutti natti dhaga’ame. Tole maal godhu? Filannoon ani qabu deebi’ee dhugaa jiru itti himuu dha.
“Waaqayyo gaaridha. Nuti waan gochuu dandeenyu goona, ni kadhanna, hamaas immoo ofuma keenyaaf dubbanna. Amma qormaanni waan gaheef dubbisuuf yaali! Jechuun na tasgabbeessuu, kanneen na waliin tajaajilan.” Ani garuu tasgabbaa’uus, suuta jedhee yaaduus hin dandeenye. Daaniin na amanuu dhabuun isaa na dhiphisus hojii sobaa hojjetame jedhameen yoo dhiphatu garaa na dhiphisa. Innis dhugaa qaba. Kanaafuu, waanan danda’u gochuun qaba jedheen murteesse. Filonnoon koo inni dhumaa hiriyaa koo Eelsaa dha. Yeroo sana hospitaala keessatti, “balleessaan kooti” kan naan jette sababa isaa gaafadhee ishee sababeeffadhee Daanitti wanta ta’e hundumaa akka himtuu fi ani homaa akkan hin godhin akka hubachiiftuuf bilbila isheedhaaf nan bilbile. Boo’ichaan na dubbifte. Ana kan bitaa natti galee fi na aarse boo’icha isheeti. Bakka itti wal arginu murteessinee bilbilli cufame.

“Ishee dursee waanan tureef, isheen yommuu dhuftu fedha anarraa arguu hin qabne natti dhaga’ame. Jibbi… “Maartii wanta gochuu hin qabnen godhe, dhiifama naaf godhi!” jettee haasa’a ishee yeroo jalqabdu, dursa waan sirrii ta’e natti himi! Itti fufiitii akkamitti akka na ilaalte na beeksisin jedheenii loleen. Isheenis waan sirrii natti himuuf waadaa naaf galte. Anis deebitee ana argachuu yoo barbaadde kana akka gootu itti himeen gargar baane.

“Keessa kootti homtuu hin ulfaanne. Ana bira dhugaatu jira. Balleessaa hin balleessine. Haa ta’u malee, Daaniin dhugaa iaa yoo beeke natti gargar bahe illee ana hin dhiphisu.” Jetti Maartaan. Yeroo kanatti ofitti amanuu fi Daanii yaaduun haasa’a ishee irraa dubbifama.

“Guyyaa lamaan booda bilbilli harka koo irraa ni iyye” jetti Maartaan mee haa hordofnu!

“Hello eenyu jedhu?” yoon jedhe, ‘Maartiyyee nagaa keetii? Helen (maqaa jijjiirame) dha.’ Helen ana waliin tokkummaa barattootaa kan gaggeessinu obboleettii koo gaaridha. ‘Har’a Daanii arginee waan hundumaa sirnaan waliin haasofnee jirra. Boqonnaadhaaf gara maatii akka deemee fi guyyaa lamaan booda akka deebi’ee dhufuu fi deebi’ee akka si argu waliif gallee turre. Kanaafuu eegi! Wanti hundinuu sirrateera tolee Maartii itti yaadi! Tole walargina.’ Jennee bilbila cufne. Gammachuun ta’e natti dhaga’ame! Waan kaleessa ta’e nan irraanfadhe! Daaniin dhufee akka waliin haasofnuu fi jaalala keenya duraatti akka deebinu yaadeera.
.
.
.
Itti fufa @sabaafsiin
~~
@sabaafsiin

@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Kutaa 1ffaa #_ilaali
.(jaalalaan hin qoosin)
Baay’ee ishee jaallata, onnee isaa irraa ishee mararfata, isa dhugumaa ishee fedha, jaalala isaa ija ishee keessa ilaalaa isheetti hima, mararfannaa isaa jechoota afaan isaa keessaa yaa’anii hin dhumne sanaan dhangalaasaaf, gochaan itti agarsiisa. Ati jaalala jedhaan, waaqayyoo siin dhoqee jaalalaa irraa si kalaqeem bareedduu koo jedhaan, deebiin ishee kana hundaaf “Mitii?” jechuudhaan gaafachuu ture, isayyuu itti qoosaa.
.
Inni onnee jaalalaa dhiira qabudha, shamarran itti dhiyaate baay’ee qaba, hunda irraa kan inni fedhu jaalala,isaan garuu bifa malee jaalala hin qaban ture. osoon hin jaallatin hin fuudhu osoo jedhuu, shamarran hedduu bira darbeera, of biras dabarsee jira. “Jaalalli bifa miti!! kan bifa ishee ilaalanii jaallatan durba kontiraataati, Intala nan jaalladha jettu waan irraa jaallattu himuu hin dandeessu, cal jettee nan jaalladhe qofa jetta, kan jaallatan onneedha, namummaadha, eenyummaadha, kana ammoo bifa yoo ilaalte nii dhabda, kan kana qabu bifa dhabuu mala waan ta’eef” jedhee amana.
=
Intalli inni amma jaallatee waliin jiru kunis bifaan sadarkaa itti ramadan hin qabdu, garuu cal jedhee ishee jaallata, waan barbaadu tokko homaa irraa hin arganne garuu inuma ishee jaallata. Ulaagaalee inni tarreessee qabu hunda lafatti dabaltee onnee isaa boojite. ishee malee akka jiraachuu hin dandeenye ofitti hime, isheettis nii hime, ofitti yeroo himu nii gammada, isheetti yeroo himu nii boqota. “Giiftii koo ati addaam” jedhaan.
.
Wal arganii waliin turanii erga geggeessee booda osoo isheen ija isaa duraa hin dhokatin, ergaa barreeffamaa isheen ga’a. “…...Kil Kil…..” “Sagalee bilbila ishee” “TEXT” seenuu isaa kan isheetti beeksiisu. Bilbila ishee baaftee ilaalti, isa dha……….
“Baay’een si jaalladha bareedduu koo si yaadeera” jedha, "Raajii dhumaayii amma addaan baane mitii?” jetti keessa isheetti., barreeffama isaaf gabaabaatti “Anis” jettee barreessiti.
Ammas bilbillii ishee “Kil KIL KIllllllllll” jedha,,yandoon “TEXT MESSAGE” fuullee Moobaayilii isheetti roobuu eegala.
Kil kil kil… “Si waliin taa’ee osoo aduun lixuu baattee natti tola, lakkooftuun yeroo dacha’ee osoo sa’aa kudhan irra ga’ee dhaabbatee natti tola (Sa’aatiin 10:00 yeroo isaan hogguu itti wal arganidha yeroo isheen hojiidhaa baatu).
==
Kil Kil Kil Kil….
Onnee koo irraan si jaalladha
Kil kil kil kil
Guutummaa lubbuu kootiidhaanin si jaalladha.
"Anis", jettee gabaabaatti deebifti ergaa dheeraa inni ergee kana maraaf osoo ishee nuffisiisuu barreessiti...inni kana hundaaf bakka kennee hin yaadu har'as boris bara baraan jaallachuu qofa.
.
Guyyaa itti anuu bakka wal arguuf wal beellaman dursee ture kan inni qaqqabe, yeroo itti wal beellaman irra sa’aatiin tokko darbe, lama darbe,,,,,Bilbilli ishee cufaadha…..maal taatee jedhee yaadutti ka’e, bakka hojii ishee deemee ishee barbaaduf boritti beellama qabate,,,,,,,,
.
Halkan kun akkamiin yaa bari’u? Sa’a kudhan irratti yaa dhaabbatu kan inni jedhe kunoo nii dhaabbate,,,,,,,,,,, Yeroon Gammachuu gabaabduudha, Kan Siqiqii garuu namarra dheeratti.

Itti fufa......

@sabaafsiin
@sabaafsiin

@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Amaloota Yeroo Durbi Tokko Dhiira Jaallattu Agarsiiftu.(psychological)
------------------
1. Yeroo Haasoftu, Kolfitu, Taphattuu Fi Teessu Ija Hattee Hattee Si Ilaalti Taanaan
2. Si Fuulduratti Dhiiraa Wajjin Taphachuu Fi Hasa'uu Baayyifti Taanaan
3. Yeroo Hiriyoota Ishee Waliin Teessu Waa'ee Kee Hammaa Hamma Haasofti Taanaan
4. Lafa Ati Jirtutti Dhiyoo Taahuu Jaallatti Taanaan.
5. Gaafa Sitti Haasoftu Harkishee Fi Qaamni Ishee Ni Hollata Yoo Tahee.
6. Gaafa Si Bira Dabartu Yookin Deemtu Deemsa Jijjiirti Yookan Deemsatu Harkaa Bada Taanaan
7. Yeroo Ati Shamarree Biroo Waliin Haasoftu Ni aarti Taanaan
------------------
Kana Caalaa Maal Eegdare Intalli Si Jaallatteetti Obbole.
Yoo sitti tolee share godhi.
Channel Kiyya @sabaafsiin
@sabaafsiin
Beekumsa Waliigalaa irraa.

Yaadaaf gaaffii xalayaa:
@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Sin Jaaladha

Jedhanis waan hedduu
iddoo adda adaatii
dhugaatti jaallee koo
an yoomuu kan keetii

Jibbuun jiruu keenya
heddutu jedhamaa
gurra hin kenniniif
ani kan keetumaa

Jaallallin siif qabuu
Urjii sammiirraatii
cirrachilleen siquu
amman si jaalluttii

Sin jaaladha dhugaa
ragaan kiyya rabbii
oduu bara kanaa
anaaf jedhii darbii

Kan fageenya yaadu
wal wajjiin tirachuu
tasumaa hin yaadu
kaleessa komachuu

Hunda kan caalummoo
Jaalala keessattii
wal amanuu qofaa
wal shakkuun ni mortii

Akkuma na odeessan
sis naaf hamatuu
Sin jaaladha an garuu
enyuumaa olittuu

✍✍✍✍✍
@Imalajaalalaabot
Join and Share

@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Asoosamni itti haa fufu moo haa dhiifamu

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Meeqa keessaniitu yaada nuuf kenna waan hubaterraa waan xiinxaleefi komii kuni sirrachuu qabaa asiin nuun gahaa👇👇👇👇👇👇👇

@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot

JOIN AND SHARE
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

(GUFUU)
ASOOSAMA HAARAA
KUTAA-4FFAA...👇

...Erga bilbila kaaseen booddee, "Maaltu ta'aa jiraa? Diraamaa moo Fiilmii hojjechaa jirtuu? Waansaa quba naqabsiisaa! Anoo naaf galaa hin jiru" jechuun ammas waansaa osoo walitti hin himiin afaan wal gogsaa, qaamaan hoollachaa, afaaniin osoo walitti dhaadatanii oduudhumatti goolaban.
Saamuneen gidduun yaada ishee akka naanneffachuu gootee, kudhan osoo wat-waattuu, osuma garaashee nyaatuu, akkaaf akeekaa dhabdee kan dhumaa kana osuma jettuu, hiriyaa ishee Abdiif bilbila ishee sagal osuma gaggaragalchituu lakkoofsa isaa baafattee akka bilbiluu taasifte. Bilbilli isaas inuma waame; innis akkuma argeen "Ija kootimoo? Dhuguma naaf bilbiltee?" Osoo jedhuu miira naasuun kaase. Osoo muumma'amuu, arrabaan waattatuu hrkaan hoollachaatuma bilbila gurra isaatti qabachuun, "Ati anaaf, ani siif, waliin waliif osoo jennee hin quufiin maal fiddee jaalala keenya diiguuf kaatee?" Jechuun nagaa dursee ishee gaafate. Isheenis waan jettuuf gootu dhabdee jechi gaafa harkaa badu, "Ija gamnaatu dura boo'a; maaliif bilbila hin kaastu turee? Eenyu waliin turtee?" Jechuun gaafatte. Innis "Dhugaa isa lafaaf samii uumee ani kophaa koon ture; inumaa sittan haare, ati eessa turteet galtee?" Isheen jedhe. Isheenis dhimma guyyaa dhaloota isaaf dhoksaan affeeruu barbaadaniif itti himuu hin barbaanne. Dhimmichi dhimma 'surprise' waan ta'eef waan biraa itti himuuf dirqamte. "Mana hiriyaa koo dubartii takkaatti goree osuma haasofnuu sa'aatiin deeme; kanumaaf ture malee dhimma biraa miti" Jechuun irraa jijjiirte. Innis osuma garaa nyaatuu, mataan isa bowwaafatuu, jechaaf mala gaafa dhabu sagalee isaa miira lolaarraa gara tasgabbiitti gad-buusuun, "Tolekaa! Cubbuun isuma dabeen haa ba'u!" Jechuun irra tareef. Isheenis gammaddee, nagaa dhaamteef. Bilbila walii erga cufatanii booddee, Saffisaan gara mana Beekaa deemte. Erga Beekaan argattee booddee, "Beekaa...! Akkam nagum keetii? Ani Abdii araarfadheera; dhimma biraa keessaa baanee guyyaa dhalootasaa(HBD) ga'ee waan jiruuf kabajnee 'surprise' isa taasifna" Jetteen. Innis bakka taa'uu ol jedhee akka gammachuu ta'uun harka waliin reebee fooricuun gammachuusaa ibseef. Afaan ho'ee, jechoota waliin muddee innis, "Saamunee haa ta'u; ni kabajnaaf tolee!" jechuun waadaa galeef.Isheenis waan bitanii kabaja 'HBD' Abdiif taasisan itti himtee gara manashee imalte.

Biiftuun akkuma amalashee guyyuun dhiitee bariitu sun dukkana ishee marfattee abjuufi mul’ata isaanii waliin dha'uun turtii sa'aatii 12:00 booddee carallaashee saaquun dachee ifaan balaqqeessite. Bari'eera; guyyaanis guyyaa dhaloota Abdiiti; Abdiin guyyaa dhalootasaa beekullee dursa wal dhabdee hiriyootaa isaa waan jiruuf kabajuu hin barbaanne ture. Hawwiin garuu, obboroo bariin kaatee, kabaja jaalallee isheef jecha kuftee ka'uun waantota guyyaa dhaloota isaaf akka kennaafi nyaata adda addaa qopheessuuf sagantaa baafattee eegalte.Keekii, muuzii, daabboof dhugaatii akkasuma uffataaf kennaawwan isaaf laachuu barbaadde walitti fiduun hoteela gamoo G+2 kireeffachuun, hiriyaa isaanii kan ta'e Beekaaf bilbiltee yaamte. Beekanis turtii wayiin booddee dhufe; nagaa walgaafachuun gammachuu hiriyaa isaaniif jecha Hawwii waliin gamoo sanarratti 'diikoorii' fi golga adda addaa abaaboo waliin kutaa qopheessuun erga goolabanii booddee Abdiif bilbilan.Erga kaaseen booddee, akka Abdiif Tolaan waliin dhufanii HBD isaaf 'surprise' ta'an itti himan. Innis tolee! Jechuun waadaa galeef. Abdiinis ofii isaatiif uffata suufii irraa jala shaa! Jechuun miidhagee, fuula ifaan gara mana Tolaa deemuun isas bareessee fuudhee manaa ba'e.

Tolaan garuu, keessa isaatti miira kanaan dura walitti buusuuf waadaa ofiif gale waan qabuuf, jarreen kana addaan baasuuf yaaluudha. Innis garaa duuba osuma keessa isaatti of nyaatuu, "Kabajni keenya guyyaa har’aa 'gufuu' tokko malee goolabama!" Jechuun Abdiitti qoosee........
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Go forward
👇👇👇

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Jalaala onnee

Gaddidu jireenyaa
Jalaatamtu namaa
Hin sobuu dhuguumaa
Keessaa kotuu himaa
~
Si malee jireenyii duwaadha
Kan hin qabnee hiikaa
Maala jayeen sif himaa
Si malee gutuun addunyaa
Hin tatuu ifoomaa
~
Dukkaan koo ifati jijjirtee
Dungoo jalaala naf qabasiftee
Maali godhaa olmaa kee
Galaatomi malee
maliin silaa salame
~
Dadhabii kee gudaadha
Na godhadhu dhabbaa
Utubaan sif taa
Na irraati ijaaradhu mana


Si malee hin jiraadhu
Kan bektaa lataa
Ani si malee hin jiruu
Wayaa jalaala kan qabamee himaa
~
Namni si ilaale
Deemsa isaa dhisee
Dhabbate bifa kee ilalee
Umaama dinqisifatee
🤔By (bariisaa)📖

@sabaafsiin
@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

ASOOSAMA GABAABAA
(GUFUU)
KUTAA-2FFAA

Abdiin dursee teessoo laateef; isheenis "A koo ati hunda kooti; siin ala qaamni koo gati dhabeessa" Osuma jettuunii, gad-taa'an. Osuma wal sassatanii, ijaaf yaadaan wal hatanii yaada waliif maddisiisuu eegalan.Abdiin "S koo osoon si hin arganne ta'eetii, ani duwwaadha; ergan si argadhee ammoo gammachuun koo guutuudha" Jedheen. Isheenis "Yaanniif qalbiin koo siin hoogganama; ati anaaf baattoo onneef lubbuu kooti, siin ala hin jiraadhu" jettee onneesaa tarsaasuun kan duraa caalaa laphee hatte. Osuma seeqanii ija lafa jalaan wal ilaalanii, aduun waan golgolaa'eef gara manaatti akka deebi'aniif walii galan. Ol jedhanii harka wal fuudhuun(waldhungachuun) wal gaggeessan. Erga wal gaggeessanii booddee, Abdiin of duuba mimil'achuun ishee yaamaa harka isaa raasaa "nagaatti(by)×2" jedheen. Isheenis suutuma ilkaan adii fuula waraqaa fakkaatu itti addeessitee harka raasaa "Nagaatti A koo!" Jettee walirraa fagaatan.

Gara manashee osum galuuf adeemaa jirtuu hiriyaan Abdii inni tokko Beekaan itti dhufuun akkas jedhee nagaa gaafate, "Saamunee...! nagum keetii? Akkanaan bareeddee qalbii namaa hatuuf moo Abdii kee biraa galtaa?" Jedhee kofalchiise. Isheenis "Nuti addunyaa haaraa keessa oolle; guyyaan akka har’aa nuuf hin dabalamu" Jechuun itti seeqxe.Osumma yaada wal jijjiiranii sa'aatiin jalaa fagaattee, aduun ittuu lixuuf balbala qabatte.Saamuneen sardamtee "Nan gala; ammanayyuu naaf bilbillaan naan lola" Osum jettuu miilla fuute. Beekanis "Saamunee...! Maaf guyyaa tokko qabannee guyyaa dhaloota Abdii waliin hin kabajnuu?" Jedhee gaafate. Isheenis, itti garagaltee "Natti tola; guyyaasaa Tolaa waliin murteessaa natti himaa!" Jechuun bira tartee miilla ho'ifachaa gara manaatti imalte. Akka carraa Tolaan osoo karaarra dhaabbatuu ishee arguun yaada xaxuuf fala dha'uu eegale. "Abdiittan himaaf; sa'aatii sokkite, aduu lixxeen Beekaa waliin lafa dhokataatti arge jedheen itti hima!" Jedhee ofumatti gungumaa hubannaa malee laphee of reebaa gara manaatti gale.
Sa'aatiin sokkeera; biiftuun lixuuf carallaa ishee qofaatu lafatti balaqqeessa'aa jira. Dukkanaa'uu keessa dabartee lafti mul'achaa hin jiru. Abdiinis erga manasaa galee tureera. Saamuneen garuu,...
Kutaa-3ffaan...itti fufa

@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Yaada:

@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

. WAAN XIINXALLE IRRAA
✍️ Barreessaan
(Bariisaa k.)

Jaalala dhugaa (jaalalleewwan gidduutti) "dubbisi irraa baratta"

Kutaa 2ffaa
(kutaa 1ffaa hin dubbisne yoo ta'e gara oliiti dubbisi👆☝️)
........
2》namni sun jaalala dhugaa nama tokko eega jaalatee booda carraa jaalala isaa ibsachuu argatee (nama jaalatu sanatti himee) deebii eege yoo dhabe, fakkeenyaaf namani inni jaalate sun "Naman jaalladhun qaba" yokin immoo "ammaaf jaalalleen nan barbaachisu" akkasuma "ati naa hin madaaltu kan akka kee barbaaddadhu" (👈 jechi kun yeroo ammaa hedduuminaan hin jiru; may be gara baadiyyaatti darbee darbee mul'achuu mala)...yoo deebiin nama jaalala dhugaa jaalate sanaaf akkanaan deebi'e namichi sun hedduu miidhamuu mala.
Bakki inni ofii isaatiif qabus gadi bu'uu danda'a. Ofitti amanamummaan isaas daraan xiqqaata.
Haala kanaan jaalalli dhugaa isa keessaa baduu danda'a.
Kun hanga ta'e ni mul'ata

3》gosti kun daraan dedeebi'ee kan mul'atudha, namni jaalala dhugaan jaalate sun jaalala isaa nama jaalateef yeroo himu namni jaalatame kun callisee tole yoo jedhe yookan ammoo osuma miira ofii isaa hin dhaggeefatiin namni na jaalate kun miidhamuu hin qabu jedhee osoo onneen isaa hin jaalatiin tole yoo jedhe jarreen kun lamaan jaalala dhugaa waliif qabu jechuun ni ulfaata. Garuu turtii waliin turan keessatti namichi inni jaalatamee callisee tole jedhe sun jaalala nama sanaa keessa seenuu danda'a. kun ammoo yaada namoota "wal 'lammaduu' fi walii yaaduu malee jaalalli hin jiru" jedhu sadarkaa dhugoomsuu irra ga'a. Ta'iin kun yoo ta'e gaariidha jarreen kun carraa waliin turuu ball'aa qabu jechuu dandeenya.
•°•Garuu faallaa kanaan namni duraan jaalatamee gaaffiin jaalala dhiyaannafiin callisee tole jedhe sana keessa jaalalli nama jaalatee sun hin uumamne taanaan namichi dursa jaalate sun hedduu miidhama. 'Jaalalli qixxeedha' jedhama garuu askeessatti Guutummaatti jaalalli mataa jaalataa sanaa qofa irratti hafa, jaalala kana keessaa bahuuf illee hedduu itti ulfaata. Sadarkaa ofii isaa jibbee nama sana qofa jaalachuu irra gahuu mala.
Jireenya dhunfaa isaatillee dagatee yeroo nama jaalate sana qoofaf jiraatu illee ni mul'ata
Kun Adduunyaa kana irratti baramaadha.
Namoonni hedduun haala kanaan miidhamu.

Xiinxalli keenya ammaa kanumaan xumurama.
Yeroo biraa qophii biraan haga wal agarrutti nagaan turaa. Hanga ammaa waan nu hordoftaniif galanni keenya jabduudha.
Yoo jalattan hiriyyoota keessaniif #share godhaa
Yaadaaf @Imalajaalalaabot
@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Kabajamtoota Hordoftoota keenya
Akkam jirtu? nuti nagaa qabna!
Akkuma dur barame channel keessan IMALA JAALALAA irratti qophiiwwaan nama barsiisaa nama bashannansiisan kanneen akka
👁‍🗨Walaloo
👁‍🗨Asoosama
👁‍🗨Mudannoo jaalala
👁‍🗨Dambalii jaalalaa
👁‍🗨Xalayaa jaalala ➕➕ fi kannen kana fakkaatan kan sin biraan genyu ta'a isini like, share gochuun nu deeggraan affeeeraa keenya yoo xiqqaate hiriyyoonni kee 3 Join akka godhan taasisi
Yaada: @Imalajaalalaabot
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

yaadaaf gaaffii @Imalajaalalaabot Namoota Namootatti Fayyadaman!
Fulbarruu Dr Gurmeessaa irraa kan fudhatame
*****
◇ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha.
◇ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.
◇ Of-jaallattota kanaarraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjeechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessein meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.
*********
¶ Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e' sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

¶ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

¶ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole ykn lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu (akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu.

¶ Gaabbii hir'suu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii ykn mufii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii ykn mufii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala. Haga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatmuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa of qusachuunis barbaachisa. Waanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

¶ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu. Sarduun murtii dabaa simurteessisuun mala isaanii keessa tokko waan ta'eef.

¶ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruukee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.
**************
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.
**********
Dr. Dawit (Psychiatrist)

@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin


Yaadaaf gaaffii xalayaa jaalalaa walaloo jaalalaa fi kkf erguuf karaa

@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot

Nuun gahuu dandeessu kallaatiin qilleensi irraa isiniif oolchina.

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Kutaa lammaffaa Mudannoo jaalalaa Liillii
Itti dhiyaadhaa👇

Niitiin na miindessitee na hojjechiistu (madamiin koo) naa jajjabessitee du'aa irraas hafe uuufff😭
Egaa turtii waggaa sadii bodaa ...garaa biyyaa galee atis hiriyyaa koo kadhimmattee kee yoon dhaga'u ija koon sii arguu hin fedhu jedheen maatii koo irraa fagaadhee Obboleettii koo biraa taa'e; anis boqonnaa koo xumureen debiyee dhufe
ergan dhufee ammoo turtii ji'a torbaa bodaa obbolettiin kee "har'a gayilaa isaati" yoo nan jettuu bakkumaa jiruu of walale.
Biraanu osoo akka sin jaladha naan jettuutii; wan ija shamarran biraa laltuu natti hin fakkaatu ture. Sin jaaladha jechaa wadaa naaf galtee fi jalalaa kenyaa keenya ijolummaa kan waggaa sagaalii bishaan itti naxe. ani garuu ergan guyyaa sirraa adda ba'eeti onneen koo nama kan biraa laluu hin dandenye. nama na jalatu dhabee osoo hin taane dhira kan jedhamu amanun dadhabe! Ati waggaa sagaal naa jalachaa kan turte akkas na gootee; dhirri ammaa naati dhufuu mal naa godhaa lataa jedhe yaaduun qofti na dhukkubsa!
Biraanu goddannisaa yoomiyyuu dagachuu hin dandenye natti uumtee jirta.
wadaa galte hunda isaa dagattee hiriyyaa koo waliin gaayilaa dhabbattee jirta; kunoo reefu torbee guuttaa. ati yoo gammadde jiraattu ani kinoo sababakee biyya ormaa keessatti boa'aa imimaan koo dhangalasaanjiraadha😭😭😭
Egaa Bireeko isaa har'aaf osoo hin taane boruu ketifin siif bo'e; wadaan ati naaf galte boruu keetiif gaarii akka hin taane nan beeka!
Qaawwaa jireenya kootti uumte ati dagattus ani hin dagadhu; siif jedheen barumsa koo dhabe; siif jedhen gamoo (foqii) irraa kufe; siif jedheen hadhaa koo du'aan Addunyaa kana irraa dhabe. siif jedhee osoo hallayyaatti kufi naan jedhanii nan kufa ture.
Ammas akkan maradhee biyya ormatii hin hafnee sodaachaan jira. Anis guyyaa tokko akkumaakee jireenya haaraa nan eegala jedheen abdiin jiraadha.
Atis bakka jirttutti fayyaa kee ta'i Jaalallee kee waggaa sagaal Lelliyyee jettee kan waamtu hiriyaa koo wagga sagal.....Biraanu Bekelee holotatti kan argamuuf

DHAAMSA Liillii
Dhifamaa illee naaf godhaati jalachuu yoo dadhabdan hin midhinaa!
ijolleen dhiraas ta'e shamarran wadaas hin galinaa kan akka waadaa namaaf galuu jireenya namaa diigu hin jiru wan ta'eef. yaa ilama dhiraa Shamara tokko onnee kee qulquluu❤👈 hin jalattu taanaan hin miidhiin adaraa garaa itti hin jabatiin yoon dongongree dhifamaa🙏

Dhaamsa channel IMALA JAALALAA
Liilli dhuguma miidhaan sirra ga'e Nama dhukkubsa ta'us jabaachuu qabda Kan darbe dagattee jireenya haaraa fi Kan boruu qofa irratti xiyyeefachuu qabda! Jabaadhu.
Hirmaannaa keetiif Guddaa galatoomi

Kabajamtoota hordooftoota keenya Seenaa jaalalaa liillii irraa Akka waan hedduu barattan abdii qabna
Isinis muudannoof muuxannoo jaalala irratti qabdan karaa channel IMALA JAALALAA qilleensarra olfachuuf yaada keessan karaa
@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot
Galatoomaa horaa bulaa
Join godhaa👇👇
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Warri contact keessaa nama qabdan garee kanatti namoota dabalaa galatoomaa 🙏🙏🙏🙏🙏

@imalaa_ko
@imalaa_ko
@imalaa_ko
@imalaa_ko
@imalaa_ko

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

ITTI FUFNE SHARE GOCHUUN NU DEEGGARAA

"Durbummaa Kee Yoo Naaf Kennite Malee Sin Jibba"



“Guyyaan darbee guyyaa sadaffaatti qaamaan walargine. Keessa kootti yaaduun, aarii, gaddatu natti dhaga’ama. Sababni isaa baay’edha. Gaaffiin koo jalqabaa fayyummaa isaa fi maaliif bilbila koo akka hin kaafne ture kanan gaafadhe. Daaninis ‘Maartii waan hundumaa irra gaheera! Eelsaanis natti himteerti! Si amanuu dhabuu kootu akkan bilbila hin kaafne na saalfachiise, amma homaa natti himuu si hin barbaachisu hundumaa beekee jira. Haasa’a homaayyuu utuu hin baay’isin amma dhiifama qofa naaf godhiitii jaalala keenya itti haa fufnu.’ Yoo naan jedhu homaa haasa’uu hin barbaanne, sababni isaa balleessaa isaa amaneera. Eelsaadhaanis bilbileefii dhiifama jedheen.”

“Guyyaa baay’ee booda Daaniin ‘Iraata si affeeru malee naan jedhe!’ Tole jedheeni. Garuu affeerraan iraataa mana hiriyyaan isaa kireeffate keessatti akka ta’e yoo natti himu keessi koo deemuu akkan hin qabne yoo natti himes wanti hamaan hn uumamu yaada jedhuun affeericha sa’aa 12:00 irratti waliif galle. Garuu, namni biraa kamiyyuu si waliin akka hin dhufne yoo naan jedhu shakkeen ture.”

12:00 irratti mana hiriyaa isaa yoon gahu dhufee ol na galche. Manicha haala namatti toluun bareesseera. Nagaa erga walgaafannee booda teessoon tokko jirti, achirra taa’uuf yoon jedhu, gonkumaa asirra taa’uu hin qabdu, as taa’uu qabda jedhee siree irra na teessise. Innis taa’e. Iraatas qophaa’es nyaanne. Galgala keessaa sa’aatii 1:00 irratti harka koo fi qaama koo na qaqqabuu yoo jalqabu, oljedhee nan ka’e. “Maal godhaa jirta? Kophaa keenya as jirramee? Rabbiin mufachiisuu hin qabnu, iraata keenya nyaannee miti haa deemnun jedheen!” Harka koo ofitti butee na teessisee, ‘waanan sitti himun qaba’ naan jedhe. “Tole maalidha Daanii?” “Na jaalattaa? Jedhee yoo na gaafatu baay’een aare.” “Dhuguma ati durbaa? Ani hanga ammaatti amanuu hin dandeenye! “Siree sana irra kan si waliin taa’e obboleessa keeti” jedhee amanuuf natti ulfaateera! Kanaafuu #_durbummaa_kee_yoo_naaf kennite malee sinjibba! Deebinees waliin hin taanu! Ati dhuguma durba yoo taate kunoo har’a argee sin amana.” Yoo naan jedhu nan sodaadhe.
.
.
.@sabaafsiin
~~
@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Kutaa 2ffaa. #_ilaalaa_dubbisaa
.
Inni akkasi.
.
Inni “Bareedduu koo, giiftii koo, waa hunda koo, mi’ooftuu koo” jedhee kan hin quufne jaalala isaa mamii tokko malee, qaanii tokko malee, kan ibsatee hin quufne bareedaa dhiiraati.
.
Isheen ammoo ammalli ishee adda. Hin jaallattin itti hin dubbattu, keessi ishee jaalala isaa qaba garuu afaan keessaa baaftee itti hin himtu. Lafaa kaatee itti aarti, uuruu itti dhiibdi. Yeroo inni ishee kadhatu itti tola nagaa isheef kenna. Miila ishee qabatee "Sin jaalladha na jalaa hin deemin" yeroo inni ittiin jedhee, imimmaan isaan ishee kadhatu , isheen ammoo waan Gaara #Everst irra baate, hunda asii gadi ilaaltu itti fakkata, nii qabbaneeffatti, ofitti amanamummaatu itti dhagaahaama.
.
Bari’un hin hafu halkanni gaafasii osoo hirribi ija isaatti hin dhufin bari’e, of boroo manaa ba’ee gara bakka hojii isheetti imale, achi ga’ee gaafate hojii hin seenne jedhaniin, amma lafatu isaan mare, waan qabee gadhiisu wallaale, irribi kalee galgala isa dide amma waan isa qabee Abjuu keessa jiru se’e, giiftiin isaa eessa akka seente bareedduun isaa garaam akka imalte, maal akka goota onnee isaa mudate baruu dhabuu isaatti gadde tiratee gamoo waajjira isheetii irraa bu’us gara itti adeemu wallaale, mana ishee hin beeku,eessatti ishee barbaada egaa kana booda?
.
Osoo isheen cina jirtuu namni ishee yaadu, bakka kenneefii namni ishee barbaadu, guutummaa onnee isaa namni isheef kenne kun tasa ishee dhabuun hagam dhukkuba akka ta’e yeroo yaadu humna bu’e. #Antaartikaa keessa waan cillimsoo lixe haga itti fakkaatutti dilallaa’e , isheen isaaf utubdu jireenyaa, soora qalbii , suphituu daara hiyyummaa, Fiixa baaftuu , milkeessituudha isaaf.Kana hunda egaa sababa wanti isaa hin beekamneef dhabeera. Sammuu isaatti yeroo kana wanti dhufu du’a, abdii kutachuudha, laafina, dukkana, miidhama. Kan jaallatan daqiiqaaf dhabuun Kaansariidha, Kan fayya hin qabne.
.
Guyyaan tokko darbe, lama kala’uuf yeroo jedhutti halkan keessaa sa’a 4tti ergaan ana beeksisaa warra Teelee isa qaqqabe. Yeroo ilaalu bilbila isheeti. “Amma argachuunii akka danda’u” iti himan.Yeroo jalqabaaf Teelee biyya keenyaa irraa Misiraachoo dhaga’uu isaatti gammade.Garuu haga sagalee ishee dhaga’utti amanuu hin dandeenye. Nii bilbile bilbilichi hin ka’u, nii dabale hin ka’u! sadii,afur, shan,ja’a homaa..harkii jaalalaa hin nuffu inuma qaacila,,,,onneen isaa ammoo keessaa ba’uuf qaacila,,,,,,,,,,yeroo hafuurri isaa keessaa ba’uuf wixxifattu itti beekamaa jira, garuu du’as ta’u sagalee ishee dhaga’ee du’uu filata.
=
Gidduutti ergaan Barreeffamaa bilbila isaa irratti seeneef,yeroo ilaalu isheetu ergeef…..banee dubbisuuf kirkiraa "Message" ishee jettu tuqate.
.
.
.
ITT fufaa

#share_imala_jaalalaa

@sabaafsiin
@sabaafsiin

Yaadaaf:@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Egaa akkumaa filannoo keessanii ASOOSAMA haaraa qabannee itti fufnee jirra Kan armaan olitti dubbistan akkumaa itti fufanitti link ISINIIF keenya yeroo maxxansinu kanaafuu Akka isin jala hin dabarre ASOOSAMA kana dhimma jaalalaati.
Dhimmi JAALALAA dhimma jireenyaati.
Kanaaf isin akkumaa kanaan duraa yaadaan nu jajjabeessuun hamilee nu cimsa hiriyoota keessan affeeruun nu onnachiisee ka dur caalaa Akka hojjannuu nu taasisa kanaaf chaanaaliin kun keessanii Share godhuu hin DAGATINAA yaada xalayaa jaalalaa walaloo jaalalaa fi kkf karaa botii teenya asii gadiitiin nuun gahuu dandeessu 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot

Join channel
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Group:@imalaa_ko
@imalaa_ko

Hundi keessan galatoomaa🙏🙏🙏

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

YAA ILMA DHIIRAA YOOMUMMAA DHUGAA
DUBBATTAA LAATA?
============
# SHARE : # COMMENT : # LIKE
Magaala Adaamati kan argamtu Yoonasif,
Yooni koo akkam jirta nagaa keetii? Anii
galata rabbiif haa toluu jira malan ta'a
jetteeti. Yooni Gochaa garaa jabummaa kee
yaadatta garuu? Maal yaadattas ati waanuma
nama irraa dhalate natti hin fakkaatuu. Warri
dhiira nan taajabinaati dhiirri akka kee garaa
jabeessii jira jedhee hin yaadu. Yoonas na
yaadatta bara 2009 keessaa yeroo hojji koo
akaayii gurguruuf Adaama keessa asif achii
deemuu? Naa hordofaa turte. Yeroo baayee
fuula sii dhowaadhus boodarra garuu
dadhaabina kee gaafan argu waan
dhugaadhan na jaalatte se'e onnee koo
ijoollummaan namnii hin arginee sii kennee,
Hiyyummaa kooti dhimma baate akka waan
na gargaartu fakkaatte harkatti na galfattee
olma kee nattii baay'atee, garuu yaada ati
naaf qabduu adda ture. Hojjii isa kana akkan
dhisuuf hojjii biraa akka na galchitu fi hojji
biraa naaf barbaada akka jirtu natti himaa
turte. Aniis keessi koo gammadee. Harmeen
koo mana namaati deemte buddeena osoo
tolchituu ijjii ishii aaran ilaalu dadhabdee
dhukkubsatte. Aniis haadha koo
dhukkubsatte gargaaruf hawwiidhan si
eegachan ture. Olma kee waan natti
baayyateef waan ati naan jettuu mormi tokko
malee tole sin jedhaan ture. Olmakee siif
kaafaluuf humna waanan hin qabnef
dabarsee Eenyummaa koo mormi tokko
malee dabarsee siif laadhee!
"Bofti bifnii isaa Bareedaa keessii isaa
summii" akkuma jedhan, anii hogga bifa
bareeda kee argu keessii keessas akkanuma
baareeda se’en. Yooman bofa tahuu kee
bare? Yooman bineenssa ta'u kee bare?
Iddoo Guddaati odoo sii abdadhuu akka waan
waaqa irraa naa ergamteetti odoon sii
abdadhuu atii garuu bofa afaa jala nattii
taate ergasii cilee bishaan lixe taate afuurri
kee dhabee karaa mana keenya illee darbu
lagatte. Bilbila kee yoo bilbiluu hin kaastu.
Sirrumaa lakkoobsa koo blacklist jala
galchitee.
Turee bubbullee, seena kee gaafan dhagahuu
sirra akkan garaa koo kutadhu dirqame.
Kichuu akka koo xobbe waan beeknee
fayyidaadhaf gowwomsitee ijoollee baayyee
akka mi'aatti itti fayyadamtee gaafa fedha
kee guutatte baste akka gattu dhagaayee.
Garuu Yooni, anii maalan sii godhe jireenya
koo balleessuf kaatee?Maal qaba haadha koo
anaaf jettee mana meeqa rakkattuu yoon
gargaaradhee? Maal qaba odoo naa tahe
jedhii mee of gaafadhu. Maal qaba jette
odoo yaadde. Maal qaba odoo obboleetti kee
ta'ee jettee yaadde. Obboleetti kee irraati
odoo kun raawwatame maal taha jedhii
yaadii.
Kan darbe darbeera. Dhibee kee irraa fayyiii
anaaf homa mitii, amala bineensumma kee
kana dhiisiti gara namumma keeti deebi'ii.
Obboloota dubara qabda akkuma keetii
yaadii. Obboleessa koo, Yooni koo, onnee
koo ijoollummaa kootin kan namni hin argine
siif kennee fedhii kee gaafa argattu na gatte
deemte.
Uuuuuuuuuuffffffff me haa hafuu yoon dhiise
wayya. Garuu waan tokko sii gorsa amala
kee bineensumma kee dhiisi amala nama
godhadhuu waaqa sii siif kadhaa kanaaf
jireenya nama jiraadhuu sin jedhaa.
Adaamatti kan argamtu Yonaas Tamirratif
barreesse. Nagaan bakkuma atii jirtuutti
sihaa qaqabuu.
Achuma Adaamati kanan argamttuu Saara
Dhaadhiiti.



Saara hirmaannaa keetiif guddaa galatoomi namoonni ergaa kana dubbistan yoni bira akka ga'uuf group hundumatti sharee godhaa
Warreen ergaa jaalalaa keessan channel keenyaan dabarfachuu feetan @Imalajaalalaabot


@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin
Admin👉 @Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Beela'eef sin jaaladhuu
Yoon buleyyuu Agabuu
Buddeenan firoomuudhaaf
Laphee tortoraa hin qabu
Maal naaf godha gamoon kee?
Kan cirrachaaf simmintoo
Maal naaf godha biftikee
Kan bulee ta'u cittoo....

Bu'aaf fayidaan hunduu
Kan lafarra tuulame
Gaaf tokko darbuuf jira
Harca'ee duguugamee
#Eenyummaa keen jaaladha
Kan si waliin uumame!

@sabaafsiin
@sabaafsiin

Me yaada asiin naaf kennaa warri itti tole

@Imalajaalalaabot
@ImalaJaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Itti fayyadama teelebirr irratti odeessaaleen dogongora ta'e deemaa jira garuu ati dhugaa jiru baruu barbaannaan link armaan gadii cuqaasuun staart godhi itti aansuun chaanaalii siif fidus join godhi kallattiin yaada dhugaa yeroo San argita.



/channel/ask_anything_ethiopia_bot?start=i1108095566

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Shittoo ofitti biifuun of urgeessanii, rifeensa mataa hanga qeensa miillatti faayamuun, miidhaginaaf gammachuu isaanii addeessaa gara gamoo yaamamaniitti abaaboo qabachuun deeman.Akkuma mooraa bira ga'aniin, Tolaan dursee ol seene; bitaaf mirga lafaaf samii osoo jajal'atee ilaaluu akkum carraa ijjisaa inni diiguuf karoora baafate, gurrisaa oduu dharaa sassaabuuf itti guddate, afaan isaa inni waan arge jarjaree bukoo dharaa bukeessu sanaan mataa qabachuun, "Abdii gara gamoo ol ilaali! Innin jedhe yoom ooleree? Wayyoo nan bade!" Jechuun akka jilbeeffachuu taasise. yeroo kana Saamuneef Beekaan waliin gamoorra jiru; hanga isaan dhufanitti jedhanii suuraa ka'aa jiru. Wal hammatanii dhaabbachaa jiru. Abdiinis dursa itti fakkeesse waan ta'eef kan duraa caala dhukkubbiin mataa, hoollannaan qaamaa, miirri sodaaf gaddaa keessa isaatti dhaga'amuun imimmaan lakkuu ofirra yaasuun, jechaaf sagalee tokko osoo hin dhageessisiin ofirra garagale. Tolaanis duubarra deebi'e. Osoo waliin hoodanii, yaadaan jaawwaraa mana Abdiitti deebi'an. Abdiin akkum mana ga'een afuura dheeraa boqonnaaf addaan citiinsa hin qabne baafachuun, barcuma miilla sadiirra taa'uun abjuu guyyaa keessaa eegale. Tolaan ammoo, waan barbaaduuf fedhu karuma yaadasaa waan ta'eef milkaayinni gufuu jaalala gidduu isaanitti uumuu karaa qabateefii jira. Gadda sobaaf miira dhokataan Abdii sossobaa isas soba.

Abdiif Saamuneen waansaa bitaa itti galeera; turtiin isaanii kun gaaffii ta'eeraaf. Bilbilli yoo bilbilamu kan lamaan isaaniyyuu cufaadha. Turtii sa'aatii murtaa'ee booddee, Abdiin bilbila isaa baasee harka miira haariif gaddaan Saamuneef bilbile; erga kaasteen booddee, "Ati hattuudha, hiriyaa koo osoo hin taane hiree koo hidhuuf jirta; kana booda na hin argitu, isuma waliin batee waliin gali!" jechuun deebiishee osoo hin fudhatiin bilbila cufate. Saamuneenis ofumarra gad-teesse; akkaa haruus akka kolfuus taate. Beekaan ammoo akka waan gaddi (namni du'ee) itti himameetti fudhate. "Saamunee...! Maaltu ta'ee? Maaltu isaan muudate?" Jechuun boqonnaa of dhoowwe. Isheenis,...
kutaa 5ffaan...itti fufa!


SHARE GOCHUUn nu eegaa

@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

kutaan 1ffaa fi 2ffaan of duuba deebi'aa dubbisaa 🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕AMMALLEE BUHAARTII GAARII


ASOOSAMA GABAABAA
(GUFUU)
KUTAA-3FFAA

Saamuneen garuu, karaarra jirti. Tolaan akkum mana ga'een bilbila isaa baasee Abdiif bilbile. "Ati Abdii osoo hin taane, maqaa kee jijjiirradhu! Isheen siif osoo hin taane, hiriyaa keenya isa bulguu nujala garagalee nu nyaatu sanaaf Abdii taatetti." Ittiin jedhe. Abdiinis "Maal taatee? Nagaa mitimoo? Ana hiriyaa kee Abdiitti haasa'aa jirtaam, maaltu si muudatee?" Jechuun sagalee ol kaasuun itti deebise. Tolaan deebisee, "Saamuneef bilbilteettaa? Eessa jirti hoo? Beekaan waliin sa'a kana bakkeerraa maal fuuti?" Jechuun itti hime. Abdiin naasuudhaan, bilbila lafatti darbuun ol jedhee mataa qabachuun "Nan bade, anumaan fakkaatee na nyaataa? Isheefis ta'ee isaaf nan godha! Afachu!" Jechuun dafqa qaaruu lamaaniin ofirra cobsaa gad-taa'e.
Saamuneen xiqqoo turuun Abdiidhaaf bilbilte; innis kaasuu dide. Irra deddeebiin gaafa bilbiltu booddeerra sirumasaa cufate. Gaaffiin keessa ishee deddeebi'uu eegale. "Abdiin hiriyaa biraa hin dhabu; ammayyuu jaalallee biraa waliin jira, waa malee bilbila kaasuu hin dhiisu!" Jechuun mataa of rurrukuchaa imimmaan ofirra yaasuu eegalte. Tolaan dubbii borceera; "Osoo hin hubatiin qubaa hin gubatiin!" Akkuma jedhamu jaalala isaanii gidduu seenuun oduu laaqeera. Hirriba malee, lamaan isaaniiyyuu osoo bitaaf mirgatti gaggaragalanii, bulan. Abdiin akkuma hirribaa ka'een, osuma garaa nyaatuu, mataan bowwaafatuu, qaamaan hoollachaa bilbila isaa fuudhee bilbiluuf lakkoofsa ishee baafate.

Lamaa sadi irra deddeebi'uun inuma yaala; bilbila hin kaastu. Isheenis taraa ishee itti qoosuu eegalte. Malaaf fala gaafa dhabu Beekaaf bilbile. "Ani ofii kootii buleera jechuu baadhuus lubbuun jira; ati akka namaa yaaduu baattuus akka namaatti miilla lamaan deemta" jechuun jecha hammeenya qabu osoo nagaa hin gaafatiin, Beekaa gurra duuche. Beekaan ni na'e. Dafqa qaaruu lamaaniin coccobsuu eegale; ''mamamaal' jechaa jirtaa?" Jechuun sagalee ciccitaan Abdiitti deebisa. Abdiinis "Maal jechuu akkan barbaade yeroo dhiyootti ni barta; hiriyyummaan erga hanga kana taatee, maaliree lubbuun koos yoo baate?" Jechuun itti dhaadate. Beekaan bilbila isaa gurrarratti cufuun, Tolaaf bilbile. Erga kaaseen booddee,...
Kutaa-4ffaan...itti fufa!

#Imala_jaalalaa_share_share Share

@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin
@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Si Jaaladha
~
Amma na jaalattu
sin jaalla dabalee
Keessa koo mooteetta
hin baatu yoomillee
~
Si'i gammachuun koo
iddoon koo boqonnaa
Afuurri kee damma
seeqni kee qabbanaa
~
An siinan mul'adha
akka aduu ifee
Si waliin gammachuun
gara kiyya dhufee
~
Si jaaladha baayyee
hangan qabu ammaa
Si waliin jiruun koo
mi'aa akka dammaa
~
Naaf jiraadhu kuma
hundumaa naaf caali
Jireenya kiyyarratti
gammachuu dabali
~
Sin jaalla hundaa ol
mootii onnee kiyyaa
Lapheen kee mana koo
dawoon keemmoo biyya
~
@sabaafsiin
@Imalajaalalaabot

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Har'ammoo dabareen Kan asoosamaati kuta kutaan waan deemuuf isin hin darbin wal affeeraa waan barbaaddan beekumsa qabdanirraa walaloo asoosama fi kkf karaa
@Imalajaalalaabot n nuun gahuu dandeessu ASOOSAMA GABAABAA
(GUFUU)
KUTAA-1FFAA
Hiriyoota baay'ee wal jaalataniif waliin turantu jiru; Abdii, Tolaa, Beekaaf Saamunee jedhamu. Walitti dhufeenyi isaanii ho'aaf jaalala addaa waliif qabu turan. Abdiif Saamuneen hiriyaa(jaalallee) waliiti. Tolaan hiriyaa Abdii hiriyoota isaa caala itti dhiyaatudha. Beekaan ammoo, hiriyoota hundatti qixa dhiyaata.

➢Barii obboroo qarri biiftuu akkum baateen, Abdiin bakka bultii isaatii ol jedhee jaalallee isaa Saamuneef bilbile. "Akkam nagaa bultee? Fayyum keetii? S koo anoo baay'uman siyaadeem. Inumaa abjuun nabira bulte; maaloo yeroo boqonnaa keenyatti, yoom wal agarree haasofnu? Anoo jaalala keerraan kan ka'e hedduusaa miidhamaan jira." Ittiin jedhe.

Isheenis afuura dheeraa baafachaa, ''uuuuuf A koo! Amman siyaade osoo beektetta ta'ee atoo ni maraatta turte; garuu, wal arguun keenya kun nurra haa bubbulu!" Jetteenii nagaa dhaamteef. Abdiinis, "Maaliif? Akkamitti? Wal arguu qabna!" Jechuun yaada ishee jijjiirsisee gara yaada tokkotti akka wal arganiif wal beellaman.

Guyyaansaa Roobii sa'aatii 8:00 ta'eera; Abdiif Saamuneen akkum wal arganiin ijaan wal sossodaachaa fuula keessa wal dhungachaa, harkaan wal qaqqabachuun afaan wal xuuxuu eegalan. Osoo teessoo hin filatiin, bakkum dhaabbiif wal arganitti miira jaalala addaaf gammachuu wal arguu isaanii goolabuun, miillaan sosochii eegalan. Ittuma fufuun bakka deemanii bashannanuu barbaadan walitti himuun, harka isaanii walqabachuun quba harkaa walkeessa naqatanii namoota karaaf ijaan itti mul’atan inaafsisaa lafa karoorfatan ga'an. Bakka deemaa jiran erga ga'anii...
Kutaa-2ffaan...itti fufa...
➢Kutaa itti aanu obsaan eegaa!
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Yaadaaf gaaffii xalayaa:

@Imalajaalalaabot. Banaadha

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

. WAAN XIINXALLE IRRAA
✍️ @Imalajaalalaabot

IMALA JAALALAA (jaalalleewwan gidduutti) "dubbisi irraa baratta"

Kutaa 1ffaa

Jaalalli dhugaa kan yeroo ammaa kana hedduminaan ardii kana irratti hin argamnedha.
Jireenya keenya Guyyaa guyyaa keessatti namoota jaalalaaf imimmaan isaanii lolaasaa oolan ni agarra, darbee darbee ammoo namoota maraatan, akkanuma namoota lubbuu isaanii irratti tarkaanfii fudhatan karaa garagaraa argaa, dhaga'aa oolla. Kana hundaaf itti gaafatamaan dhabamuu jaalala dhugaati.
jaalalli dhugaa namoota hunda keessatti uumama, garuu haala garagaraan namoota keessaa bada altokko badnaan carraan deebi'uu isaa dhiphaadha yoo deebi'es akka kan jalqaba sana ta'a jechuun waan hin yaadamnedha. Namoonni hedduun Jaalalli dhugaa hin jiru jedhanii amanu. Gariin ammoo jaalala dhugaa yokan jaalala sobaa jedhanii osoo adda hin baasiin; "wal 'lammaduu' fi walii yaaduu malee waanti jaalala jedhamu hin jiru" jedhu; yaadni kun hanga ta'e nama amansiisa.
Ani Akka dhuunfaa kiyyaatti garuu "jaalataa dhugaatu hin jiru malee jaalalli dhugaa ni jira" jedheen amana! namoonni yaada koo kana deeggaranis hedduudha jedheen tilmaama.

Jaalalli dhugaa yeroo hedduu ganama uumama. akkana yeroon jedhu; namni tokko yeroo jalqabaaf gaafa jaalalaan qabamu gosni jaalalaa inni qabame sun jaalala dhugaa ta'uu ni mala sababani isaas namni sun jaalalaaf haaraa waan ta'eefi. akkanuma muuxannoo jaalala hedduu hin qabu waan ta'eefi.
Egaa erga jaalala kanaan qabamee carraa ittiin jaalala isaa nama jaalateef ibsuu dhabuu yookan argachuu mala.

1》Akka tasaa carraa jaalala isaa ibsachuu yoo dhabe:- namni kun daraan miidhamuu danda'a. sababni isaas namni kun yeroo jalqabaaf waan jaalateef jaalalli isa keessa jiru jaalala dhugaadha. Carra jaalala isaa ibsachuu dhabuu isaan hedduu onneen isaa dhiiguu ni mala. Jaalalli hin jiru jedhee of amansiisuus danda'a namni kun yeroo kanatti Abdii kuta. (Anas na mudateera mucayyoo film hojjettu tokko filmii keessatti argee jaaladhee Ishii dhiisiti lakkoofsa bilbilaa ishee iyyuu argachuu hin dandeenye😅).
Namni kun Yeroo itti aanuu nama biraa yoo jaalate yookan yoo jaalatame Jaalalli isa keessatti uumamu akka kan isa jalqabaa san hin ta'u, nama yeroo jalqabaa jaalate san hin dagatu. Yeroo kana immoo namni isa jaalate yokan isaan jaalatame jaalala dhugaa yoo nama kanaaf qabaate dabaree isaa innis miidhamaa ta'a.
Egaa Kun kan mul'atu persenti xiqqaadha.
.........................
Kutaa 2ffaan yokan inni dhumaa galagala maxxanfama nu eegaa
#share gochuu hin dagatiinaa
Yaada keessaniif @Imalajaalalaabot jedhuun qunnamaa
@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

One year Anniversary

Qosaadhaan ta'uyyuu
Halli wal baruu keenyaa
Eega wal barannee
Har'i waggaa keenya

Bagan siin wal baree
Yaa giiftii jaalalaa
Jibbakee hin qabu
Si baree haga har'aa

Bayyeen si jaaladha
Eenyumaanuu oli
Hamtun si hin argiin
Ooliitii naaf buli

Warra waliin raagu
Nuhaa godhu rabbii
Ishiin kanuma kooti
Irraa kaasaa qalbii

Har'i waggaa keenya
Guyyaa itti wal barre
Maal kana qofaree
Kuma jiraanna dabarree

Happy øñē year anniversary
Yaadaaf gaaffii
👇👇👇👇👇👇
@Imalajaalalaabot
@sabaafsiin
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Tele birr beektuu password tokko malee simi barbaadderraa argachuuf chaanaalii kana gadii join godhaa jalqaba link start gootu itti aansuu chaanaalii join gootu qarshii Tele birr keessan 20 argattu ammuma godhaa laalaa

Читать полностью…

Imala Jaalalaa

Kabajamtoota hordoftoota maatii IMALA JAALALAA qophii kana waliin turtii gaarii ERGAA JAALALAA share godhuun hiriyyoota keessan affeeraa

Nageenyi koo bakka jiruutiti siif haa bayyatuu! Hiriyyaa koo Biraanu! ani nagaa kooti! eessaa akkan jalqabu bekuu baadhadhus, garuu maal godhu garaan jaalate gowwadha akkumaa jedhamuu jalalaa ijoollummaa sii irraattan bare, ati garuu nama biraa Irrattillee beekuu dandeessa. Biraanuu ko garuu malan sii godhe? jalalaa wagga dheraa sii wajjin dabarsee maqaan meqaa naaf ba'ee. Ni yadattaaa guyyaa osoon sii waliin ta'aa jiruu Harmeen koo naa argitee ergaan manati galees abbaa kootti himtee rebiichi Hamaan narra ga'e! Bulee barii yeroo naa argitu fuulli koo bayyee midhamee; atis baay'ee rifattee Ijaa kee lamaan keessaa imimmaan harcaasaaguyyaa sana waadaa naaf galtee morma kee irraa fannoo sibilaa ykn 'masqalii' hiiktee morma koo irratti Hiitee "Leliyyee ko ani waadaan siif gala yoon si ganee waaqayyo naa ganu; ilmmoon koo dhalatee jilba naan darbiin naaf hin guddatiin sibilli kun qara godhatee laphee kootti haa cabu" naan jettee mana amantaa keessatti waadaa naaf galte anis "tole Biraanuuko eessayyu yoon sirraa fagaadhe waadaa kee hin diguu" jedhen wadaa siif gale.
osoon dhoksaan si jallaadhuu osoon siif maraadhuu turtii wagga lamaa bodaa garuu Jaalalli kiyyaf kee ifaatti ba'ee maatiin kees dhagaa'ani kan koo illee dhagaa'ani kan duraan dhoksaan wal arginu amma garuu ifaatti nuuf bahe. anis atis baay'ee gammadnee.
Garuu inaaffaa hamaa qabda; namni yoo naa wajjiin haasa'e, maaliif sitti hasa'a jechuu bayyiste bayyes naa shakitaa "Haati haattun ilmoo hin amantu" akkumaa jedhamuu waan ofii kee gootuuf na amanun siiti ulfatee!
hiriyoonni kees gaaf wal biraatti nu argani wan gaarii oddessu; yeroo ani sii biraa deeme garuu wa'ee koo waan gaarii siitti hin oddessan turee! Maaliif garuu?Yaadattaa guyyaa tokko balleessaa koo malee ofii isaani shiraa xaxanii anaf si'ii walitti busan, Rabbi haa galatu garuu turtii bodaa walitti deebine; atis naa malee jirachuu akka hin barbaanne natti himte, ani dhuguma na jaalatta jedheen sii amana ture garuu Garuu dubbiin faallaa taate ani biyya ambaa deemnaan dubartotaa lamaa jalaatte ishee keessa tokkoof waadaa galtee erga wajiin waan feete gootee bodaa sin barbaaduu jetten. ani garuu kana hunda dhaga'een keessumaa kotti callise. Kunuu hin ga'iin jettee Ammas turtii booda hiriyyaa daree koo tessoo tokko irraa waliin teenyee baranne wajjiin akka ati jaalala Hammaa keessa galteen dhaga'e; anis "dhuguma hiriyyaa koo wajiin jirtaa?" jedhee sii gaafannaan debii naaf debisuu diddee "block" na gotee! anis bayyee sitti aree of to'achuu dadhabee Gamoo (fooqii) irraa kufe! turtii bodaa hopsitalaa keessattan of arge; bayyees rifaadhe!

Niitiin miindessitee na hojjechiistu (madamiin koo) naa jajjabessitee du'aa irraas hafe uuufff😭
Egaa turtii waggaa sadii bodaa..... Itti fufa
#Join_share
@sabaafsiin
@sabaafsiin

Yaadaaf gaaffii

@Imalajaalalaabot

Читать полностью…
Subscribe to a channel