Dhandhamni...!
Seequu kee ilaala
Ijji onnee kiyyaa
Yaadnis ana dhiitee
Ofitti na iyyaa
Suma na xiinxala
Ana Keessi sammuu
Siin ala waa yaaduu
Gonkuma naan sarmuu
Gurri na dhaabbata
Jecha kee dhaga'ee
Onneen na dhikkisa
Sumaaf kufee, ka'ee
Sumaaf na rarra'a
Qalbiin teessoo dhabee
Qaamni na laamsha'e
Kunoo of dadhabee
Sumaaf ana sirbu
Qaamni tokkoomanii
Waa'ee kee leellisuuf
Hundi michoomanii....
Sin nuffu, sin quufu
Yeruman si arguu
Sumaanan arganaa
Sumatu nan darbuu
Naaf seeqi, kokkolfi
Taa'eetan si laalaa...
Sirraa natti cobaa
Dhandhamni jaalalaa!
❤️
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
✍ yaadaaf gaaffii: @Imalajaalalaabot
Mee na dhiisi abboo
na dhiisi sin tuquu
Siree keeti malee
kan kiyya sin quuquu
~
Ani kee hin tuqne
kan kootti hin seenin
Jiruu koo taliilaa
na jalaan booressin
~
Ati kan keen buli
isa koo naaf dhiisii
Hirriiba koof jiraa
kanuma kee ciisii
~
#share
✍@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Mee na dhiisi abboo
na dhiisi sin tuquu
Siree keeti malee
kan kiyya sin quuquu
~
Ani kee hin tuqne
kan kootti hin seenin
Jiruu koo taliilaa
na jalaan booressin
~
Ati kan keen buli
isa koo naaf dhiisii
Hirriiba koof jiraa
kanuma kee ciisii
~
#share
✍@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
sabaafsiin oromoo:
Ati Bar
~
Jechan dhabe ani
Si ibsuuf barbaadee
Waa'ee miidhaga kee
Ragaa ba'uuf yaadee
~
Garuu jechi hin jiru
Si ibsuuf kan ta'u
Kan jiru siif mitii
Na ibsuuf hin ga'u
~
Garuu ati adda
Uumama baaqqedha
Ana qofa moti
Nama hundat jedha
~
Ati addeessadha
Giiftii urjiiwwanii
Hundumtuu si marsuun
Kan siif sagadanii
~
Ati Biiftuu bariiti
Qorra kan dhaamsitu
Dukkana mootetoo
Ifa kan ran rabsitu
~
Ati bar gaaddisaa
Da'oon kee qabbanaa
Hoo'i hin yaaddessu
Kan deemu si faana
~
Ati bar muuziqaadha
Bohaarsituu onnee
Takkaa waliin gallu
Of duraa si dhabnee
~
Ati bar bishaanii
Dheebuu kan na baastu
Xurii alaaf keessaa
Narraa kan harcaastu
~
Ati bar daawwadha
Dhibeedhaf qoricha
Mi'eessituu jiruu
Laphee koof riqicha
~
Kana sana jedhee
Si ibsuuf rakkadhus
Ati kanaa oli
Ni caalta Bilillees
~
Ati bar waa hunda
Yoo jirtun ol jedha
Gadda keetif gaddeen
Kolfa keen jiraadha
~
✍✍✍✍✍✍
@imala_jaalalaa
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Qofummaa koo!!!
~
Maaltu qofummaa caalee
Gaafan waa'ee kee yaaduu
Duraaniyyuu gowwaan ta'ee
Gaafan siif dhukkubee aaduu!
~
Si jaallachuun maal buusaa
Jaalalaa-foo hin qabduu bakkaa
Namni dhugaa isaa si jaallatuu
Yoomiyyuu si biratti yakkaa
~
Kanaafuu ani sirraa citeeraa
Jaalala kees nan goolabee
Utuun baayyee si jaalladhun
Jaalala haqaa sirraa dhabee
~
Gaafan sin jaalladha-jedhuu
Ati galtee kolfa natti duutaa
Utuuma anaan hin xumuriin
Onnee namaa keessa buutaa
~
Anaan maaltu na dhukkubsee
Maal kanan boqonnaa dhabuu
Utuuman ija koon ilaaluu
Kanan abidda harkaan qabuu
~
Lammaffaa maqaa kee hin dha'uu
Maqaa jaalalaas sitti hin kaasuu
Akka kanaan duraa maraadhees
Imimmaan jaalalaa hin lolaasuu
~
Kan kee kanumaan dhumee
Jaalala kees nan dhaabee
Konkolaataa kee keessaa bu'ee
Konkolaataa qofummaan yaabee
~
Baraan jiraadhu hundumaa
Takkaa kennaa koo dhabuu
Atimmoo deemii barbaadii
Ani dhimma kee hin qabuu
~
Gaafan jaalala kee lallabuu
Maalif gowwaa na seetaa!
Maal nama hundumaa jaallattee
Konkolaataa maaliitti feetaa!
~
Jaalala dhugaa hin beektuu
Afaanin dhugdee machooftaa
Gola onnee keetii keessatti
Dhiira meeqa naqxee hooftaa!
~
Kana booda jaalala dhaabee
Kanan jiraadhuu qofaa
Sammuu nagaan deemeen
Jireenya koo hordofaa!
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Rakkoo jiru laalee
Hin kutadhu garaa
Haaluma jiruutu
Na fageesse sirraa
Rabbitti hirkannaan
Hunduu ni dabara
Fageenya koo laaltee
Hin fagaatin narraa
Hardharra taa'eetin
Boruuf si haadaraa
Hadaraa lubbuukoo
Nan miidhin ofirraa.......
Yaadaaf:
✍ @Imalajaalalaabot
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA 8⃣ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@jalalafasosama
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIII
...deebinee dhufnee waliin bulla jedheenii Olaanaa erga manaan gahanii booda Iyyoobif Biliseen
gara mana Biliseetti kutan. Sa'atin isaa halkan keessaa gara 3:00tti tilmaamama,ta'uus namoonni
dhimma garagaraaf magaalicha keessa waarisiisan ni mumul'atu. Biliseen gar malee Iyyoobin
sodaachaa jirti,nama kanaan dura wan isaa tokkoyyuu hin beekne faana sa'aati kanaan karaarratti
argamuun sodaa guddaa ishee weerarsiise. Hanga mana geeysutti si'a sadii ol Iyyoobirratti
bilbilterti:takkaa-nagaan galtee Oliikoo jettiin,takkaa ammoo Oliikoo sodaadheraa maalii jettiin.
Gaafa lafa ibsan hin jirre geeysu akka nama abjuu sodaachisaa keeysaa kaatetti barrarti,Iyyoob
yeroo faana ishee fiigu waanuma wal hari'aa jiran fakkaatu. Itoo akkas jedhanii mana Bilisee
gahan. Iyyoob baay'ee gaddee keessa isaatti "intalti warasbessuma bosonaa na goote moo?"
jedhe,fuula isaatirraa wanti dubbifamu nama garaan roora'e fakkaata. "afachu an kan jedhu isin
dhiira akka namaatti kan ilaaltan hanga dukkanaa'utti qofaa,moo kanaan dura gadhummaa koo
maal dhageesse,halkan waraabessatti jijjiirama siin jedhanii,dhiirti kan jedhamu martinuu waan
miirri isaanii sammuu isaanii aalee isan bitu sitti fakkaataa?,akkamun obboleettin koo akka hin
gufanne hin barbaanne,obboleetti nama biraas akka gufattu hin barbaadu ati intala maatin keeti fi
hawaasni kee imaanaa guddaa sirra kaa'anii jiraniidha kanaaf si miidhun namoota kana mara
miidhu ta'a. Kana gochuuf ammoo ani baandaa miti,ija kanaan otoon akkuman dura yaade si
faanan bula ta'ee hirriiba malee bulta jechuudha,jedhi nagaan buli aluma kanarreen dhaabe
bulaa"jedheeni erga akka aarii fi akka marartee fakkeessee waan baay'ee itti haasa'een booda
ofirra garagalee kutuuf jedhe. Biliseenis gocha gootetti qaanofteerti,Iyyoob balaa isheetin osoo
waarra bu'ees seeran gaafatamuu baattullee sammuun ishee bara guutuu akka ishee komatu
yaadun Iyyoobitti kaattee "an akkas yaaduu kooti mitii magaalli kun galgaloofnan sirrii
miti,dhiirri akka keeti yaadu jiraatus akkuma atuu jettee akkuma waraabessaa galgala eeggatee
kan waraabessa namatti caalus guuteera" jetteenii sodaan ishee akka isa hin taane sobde. Erga
galanii kutaa Bilisee keeysa gahaniin booda Biliseen "Iyyobee buna yoon dhaabehoo"jetteen.
"lakkii hin barbaachisuu" jedheenii fayyuma taa'anii haasa'uutti ka'an. Namni kamuu seenaa
bareedas yaraas yaa ta'uu seenaa mataa isaa fi mudannoo isaa hin dhabu,dureessas yaa ta'u
hiyyeessi,roorrisaas ta'ee inni roorrifamu seenaa mataa isaati qaba. Bilisee fi Iyyobis erga seenaa
isaani hanga tokkoo waliif qoodanii booda jaalallii obbolummaa onnee jara lameeniyyuu seene.
"wayyoo Biloo tarii otoon dogongoree nama akkattii seenan isaa nama mararu miidhe ta'eetii hin
jiraadhu ture"jedhee imimmaan isaa dhangalaase. "homaa nan gooneem atimmoo nama
gaaridha,cufaa anatuu si mufachiise,akkuman si mufachiisen osoo galte ta'eetii garuu gaabbi
keessa kootii hin baanenan haleelama ture"jetteenii gara Iyyoobitti siqxee imimmaan irraa
haxaawuu jalqabde. Osoodhuma taa'anii takkaa qoosaa,takkaa kolfaa jiranuu Biliseen dadhabdee
morma ishee Iyyoobirra conqolaaftee sodaa tokko malee rafte. Iyyoobitti lapheen isaa
dibbeedhuma itti ta'eera,utaalee na keeysaa bu'inaa sodaataa jira amma. Fuula ishee guyyaa ija
hatee sossodaachaa ilaalu sana amma daangaa malee ilaalaa jira. Itti fufa.... Share godhuu hin dagatin 🙏🙏🙏
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf:
@Imalajaalalaabot
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA 7ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@imala_jaalalaa
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIII
...Bilisee faana haasa'u arge. Callisan turtii muraasaf erga ija isaa adii gaggaragalchee ilaalen
booda dubbi tokko malee of-rra garagalee deeme. Biliseen hidhii ishee walitti cimmiddee,nyaara
ija ishee wawwarraaksaatee mallattoodhan gosh baga waan jettuu fakkaatti. Olaanaa garuu haalli
Atinaaf itti bitaacha'eera yoo kana Atinaaf hordofee kutaadhaa bahe,Atinaaf,Atinaaf jechuun
faana bu'ee "garuu maaltu akkana si godha foon hin nyaanne saree irra hin dhoowwanii" jedheen
Olaanan Atinaafin. Atinaafis waan akkas ta'eef sababa quubsaa hin qabu haalli inni ta'e kun
isaafuu hin galle,garuu keessii isaa baay'ee jeeqameera. Gaaf sanaaf sadeen
isaaniyyuu(Olaanaa,Atinaaf fi Bilisee) miira addaa keessummeessaa oolan. Olaanaan Atinaaf
walitti dhufeenyi isaa fi Bilisee qofti akka bo'uu itti ta'aa jiru ni beeka,garuu mammaaksa "kan ija
dhiibee senetu garaa guutee baha" jedhun onnee argachaati ijji hammeenyaa Atinaaf osoo isa hin
dhoowwin hoteela warra Atinaafittii araada jaalallee isaa Bilisee bahuuf deddeebii isaa itti fufe.
Itti gaaf akka tasaa Atinaaf osoo isaan waliin jiranuu itti dhufe isa aarsudhaaf jaalala isaanii
caalatti miira addaa keessa seenanii waliif ibsu. Yoo kana Atinaaf sababa dhabe malee osoo
isaan lameeniyyuu osoo hudhee itti tola. Olaanaa fi Biliseen Atinaaf inaafsifna jedhan malee
jaalallii onnee isaan lameenituu qotee seenee itti hammaateera, Olaanan baruumsa akkan jaalatuu
fi cimina isaatin dorgomaa kan hin qabne irraanfateetinwaa'een isaa hundi Biliseedhuma ta'eera.
Biliseenis hojii duraan irratti cimtuu turte amma ammoo haalan dalaguuf gargaarsa
barbaaddeetti,Bilisee san fidi,kunoo achi jedhamtu malee,ofiin waan dhiyeessuu qabduu fi iddoo
fuutee dhiyeessituu wallaaltee jirti.
Amajjii 9,1999 ayyaana cuuphaa sababeeffachuun gugsiin fardaa toora Olaanaa fa'atti
beekamutu ture. Waggaattii altokkoo waan ta'eef hawwii guddaadhan eegama. Sirnicharratis
Olaanaa fi Biliseen hawwii guddaadhan eegachaa waan turaniif gaaficha haala addaatin yeroo
walhammatanii,takkaa waldhungachaa takkaa ammoo walcunqursaa cimdiwwan sirnicha
hoo'isan keessa tokko ta'aniiru, utuu xiyyeefatanii isaanuma daawwatanii aktaroota laman
hindootaa fafakkaatu. Sirnicha erga xumuraniin booda hoteela Biliseen keessa
hojjattu,hoteelawarra Atinaafitti waarisiisuu barbadanii waarisiisanis. Akkuma olseenaniinis
Olaanan biiraa Waaliyaa,Biliseen ammoo lallaafaa fudhattee. Erga baay'ee taphataniin booda
hiriyaan mana baruumsaa Olaanaa itti dhufee waan baay'ee waliin taphachaa waliin waarisiisan.
Hiriyaan Olaanaa Iyyoob durumayyuu dhugaatii waan fuffudhatuuf miirri addaa itti hin
dhagahamne,Olaanan garuu bay'ee machaa'ee kudhan Iyyoobin dhungata. Biliseen jaalallee
kootii miti haadha warraa kooti malee jedhee si'a lamaa fi sadi ol Iyyoobitti himeera. Biliseen
har'a Olaanaa akka obboleessa wagga heedduu waliin jiraataniitti kunuunsaa jirti. Dhugaatiin
Olaadhaaf hin taane gad deddeebisiisuu jalqabeera yeroo kana hunda garuu Biliseen akka hadhaa
ta'aafii jirti. Halkan keessaa sa'aatii 6:00 ta'eera sadeen isaanii keessaa fooyyee qabdi. "Olii borii
mataa si bowwaafata ka'ii gali sa'aatin deemeeraa"jetteenii ka'anii hoteelichaa bahan. Mannii
Bilisees hoteelichatti dhihoo ture. "Oliikoo baay'ee dadhabdeerta har'a manuma koo yoo bultehoo"jetteen Biliseen. Olaananis quba isaa afrattii sossaasaa "lakkii abbeenkoo eessa bulte
jechuun natti dheekkama, kanaaf galuu naaf wayya Biluukoo"jedhen. Iyyoobinis "abbeen isa
baay'ee nama serious wayiidha. Yoo ta'uu baatellee manaan geenyee anillee hagas mara sodaa
maatii hin qabu, deebinee dhufnee walin bulla jedheenii.....ITTI FUFA.
̶m ̶i ̶s ̶s ̶ ̶h ̶u ̶s 🌹̰̃ m̰̃ã̰ñ̰:
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
👇👇👇👇👇?
Yaada:@Imal
fuudhee mormarratti dabarfate. Amma egaa callifni kan Bilisee ta'ee Olaanan aktara jaalalaa
irratti ta'uuf adeema.
Kutaa Biliseen keessa ejjattee keessummeessitu keessa isheedhafii intala wayiitu
ramadame,fuullee kutaa sanii kan taa'an maamiltoota ciccimoo turan har'a garuu guyyaan yuyyaa
hujii gatii ta'ee fuulleen kutaa sanaa duwwaa isaadha Bilisee,Olaanadhaa fi dhiyeessutuurra kan
hafe.
Olaananis carra kana caalu waan argatu miti. Erga harka ishee mormarrattii dabarfateen booda
kan isaas morma isheerra naqate tirrisni onnee Olaanaa amma Biliseetti darbeera erga gaaf sana
jecha isaa"Atinaaf mee daqiiqadhaaf akka hojjattuu teessan taate dagadhuutii akka obboleettii
keetitti yaadi"jedhu san afaan isaatirra dhageessetii qabatamaan waan isaa wallaalte malee
Olaan
an onnee ishee keessajira. "Bilookoo ilaalcha barbaaddee naaf qabaachuu dandeessa ani
garuu sif qofan jaaladhee si qofan jaaladhas, oolmaa koo har'aas akka waan jireenyi koo kana
ta'eetti na madaalchisuu danda'a ani garuu har'an yeroo duraatif mana kana fi mana kana
fakkaatu seene, by the way dhimma baa'en qaba ture, dhimma hunda caala iddo kana oolun koo
siyi dhimmaatoo guddoo ilaalufan" jedhee yaadarratti yaada dabaleef. Biliseen akkuma dura
Olaanaa waaliyaan macheesse mugsiise Bilisees jaalalli mugsiiseera. Bilookoo na jalaa
dubbadhukaa maaloo jedheen isheenis akka waan waltajjii wayirratti haasauuf jirtuu sagalee
qarattee otoo ittin yaadin maal jettee Olii jetteen,garuu keessa isheetti nii rifatte. Olaanan obsa
dhabe yenna inni fuula ishee dhungachuufmorma itti dabsu,lakki Oliikoo jettee harka isaa
morma isaatirraa buuftee kan ishee morma isaatirra ture bobaa jalatti deebiftee koottu sin baasa
jettee qajeelchite....ITTIFUFAA
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share
👇👇👇👇👇👇
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
qunnamuuf👇👇
@Imalajaalalaabot
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA4⃣ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@imala_jaalalaa
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARII
...olaanarratti ife. Yennaa kana olaanan waanuma gaazexeessaa TVkeessaa namni remotidhaan
too'atuu ta'e, akkum hidhii isaa baneetti hafee, deebisee dubbachuuf humna dhabe,suuta garuu ija
isaa Biliseerraa maksee. Ija ishee isa ilaalaa jirtu deebisee ilaaluf humna dhabee,otoodhuma
lapheen isaa tirristuu caaluman sa'aatin baruumsaas gatii ga'eef Suuraa Bilisee sochii ishee
faanaa laphetti save godhatee gara mana galee uffateetin m/baruumsatti kute. Guyyaa sanaaf
hawaasa m/baruumsaa fi waayee baruumsaa dhimma osoo hin qabaanne video Bilisee ganama
onneesaatti save godhate sana daawwachaa oole.
Poolisoonni yakkiichi maal akka ta'e adda baafachuuf butchericha ofitti yaamanii qoracha
jiru,inni garuu kutaa biraa gatii tureef iccitii hawaasni beekuu kan biraarraa kan addaa wanti inni
beeku hin jiru. Kanaaf yakkicha qulqulleeffachuuf abbaa dhimmaa kan taate Biliseedhuma
gaafachuun dirqama itti ta'e, Biliseenis dhugaa jiru osoon dabsin itti himteerti, ofumaaf adabbiif
harka kennateerti. Poolisoonnis Bilisee gara waajjira poolisi Baacaa ammoo gara kilinika gidduu
galaa naannoo sanaatti argamu wayitti geessaniiru.
Olaanan yeroo gara sa'aa 11:40 mana gahuttiis nyaatasaa mal mal osoon jenne dhumaa Bilisee
arguuf miixuun isa qabde,kallatidhanis nama hin gaafatu ush jedheetuman oduu oduu keessa
dhimma ishee kana dhaga'uu waan barbaadu fakkaata. Harmeen Olaanaa addee Faayee
Gaaromsaa Olii har'ammoo eessatti gortee maalif irbataa na gaafachuu dagattee,moo dhimma
mucayyoo ganama sanatuu si marare jetten. Olaananis lakkii harmee qoruumsa wayiituu na
rakkisa jennaan nama guyyum tokko argeefan akkas dhiphadhamoo harmee jedhee keessa isaa
sobe. Garuu deebi'ee carraa ittiin waa'ee B8lisee gaafatu waan hin qabneef,garuu harmee akkam
taatertiree jedheetnin gaafate. AadeFaayeenis waaqayyoo yaa gargarun kaa ilma koo ofiif
dabarsitee of adabdee jetteen. Olaananis afaanin ta'uu qabas jedhe osoo onneen isaa boo'uu garuu
maal sin qala jedheenimoo maaf akkas of gudfifti isheen jedhee harmee isaatti qoose.
Biliseen erga hidhamtee guyyaa lama bulteerti abban Atinaafis tarii Baacan baayee miidhame
taanan idaa guddan gala jedhee gatii sodaatef gara waajjira poolisiitti hin dhiyaanne gaaf guyyu
lammataa garuu olaanan fayyee Bilisee dhiifama gaafachuu gatii mana warra abbaa Atinaaf
deemef abbaan Atinaaf obboo kumaan guyyum san galgala waajira poolisii deemun Bil8serf
wabii ta'uudhan hiiksisee gale.
Olaanaan erga gaaf sana Bolisee ijii isaa achitti mildhatteetii kana duraan balbala isaanitirraa
kaasee konkolaatan mana baruumsaa deemu amma garuu iddoo yaabbiisaa karra warra
Atnaafirra godheera gaaf gaafis dhugaatii lallaafaa nii fayyadama. Bilisee garuu dhoksaadhan
ishee gaaduu malee afaan baasee ittin dubbatu yenna ilaaltu yoo ilaalaa jiraateyyuu waan isheerran waan biraa ilaalaa jiru fakkeessa malee ija ishee isa ilaaltuu ilaaluu hin danda'u. Garuu
haala kanaan hanga yoomii nuffisiiseera fakkaata.
Biliseen silas keessaa hojjattii malee dhiyeessitoonnii warreen kan biraadha, Olaanan sodaa isaan
alattii ishee bira ge'ee waan garaasaa qaldiis fakkeessee itti himuuf carraa dhabe. Isheettii
dhiyaachuf mala baafate keessa tokkoo dhugee onnee argatee ishee walin haasawee garaa ishee
argachuu lammatni ammoo kabajaa ofii osoon xuqin karaa hiriyoota ishee waraqaa barreessee
ittii laachuu ture.
Gaaf tokko dhiyeessitu toakka ofitti yaamee dhugaatii waaliyaa naaf fidi jedheen isheenis ni
ajajamteef....ITTI FUFA
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyada kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!!
👇👇👇👇👇👇
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
yaadaaf👇👇👇
@Imalajaalalaabot
qunnamuuf👇👇
@shaa1heed
Dhugaa kooti
💙
Ati nan jaalattu
Siin hin ja,u Ani
Akka na jaalattus
Sin bahu afaanii
Akka na jaalattu
Yoo atin dubbanne
Aniis Akkamittiin
Siif bana me onnee
💙
Zigaal firraa dhiisii
Na dhagahi aaddee
Jaalala dhoyfachuun
Akkana si mudee
Silaa afaan keetiin
Siin jaalla naan jattee
Tan biraan filadhu
Osoo naaf ibsitee
💙
Naaf ibsuu dhabuun kee
Nu lachuutiif midhaadha
Waljaalachuun yoomuu
Hin taane safuudhaa!
Safuttin fudhatinii
Naas hin dhoyfatinii
Aniis siin jaaladhaa
Naaf beeki ammaanii
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
✍️@Imalajaalalaabot
Kutaa itti aanu Amma maxxansinaa.
Mee asiin yaada kee daqiiqaa muraasa keessatti yaada keessan ilaalee maxxansuuf arra mo boru
@Imalajaalalaabot
@Imalajaalalaabot
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE ❣DHUGAAA❤️
KUTAA1⃣ffaa
chaanalii kanaaf namooni haaraa taatan👉 @imala_jaalalaa jela seenuun #JOIN godhi
🇩 🇺 🇧 🇧 🇮 🇸 🇦
🇬 🇦 🇷 🇮 🇮
Biliseen intala magaalaa baadiyyaa xiqqoo keessaatti maatii harka qalleessa ta’an irraa
dhalatteedha. Akka ijoollee warra dureessaa kan biroo akkedaamii galtee ganamaa galgala
konkolaatan deddeebi’uu osooo hin taane carraan ishee akkuma ijoollee gita ishii kan biroo
taphoota daaimmaniin taphataman biyyoo fi awwaaran taphachuudha. Adaduma umriin ishee ol
adeemaa dhufeen harmee ishee faana gabaa shaqaa shaqaxii ooluu jalqabde. Manni baruumsaa
mootummaa qe’ee Billisee fa’irraa hiixuu waan ta’eef, hanga ofiin of dandeessee bahaa fi galaaf
gargaarsa hin barbaanneetti m/baruumsaa hin galle. Umrii ishee waggaa saddeetteffaatti garuu
mana baruumsaa galuun baruumsa ishee hordofuu eegalte. Yeroo barachaa turtettiis barattuu
cimtuu turte, garuu hojii manee waan hin hojjanneef, qu’annaadhafis yeroo waan hin qabnee fi
walumaagalatti baruumsaf qaamni human ta’uufif waan hin jirreef qabxiin milkooftuu hin turre.
Biliseen osoo haaluma kanaan barattuu kutaa 6ffaa geessee, sababa haati ishee ilma argattee
kophaashee Bilisee barsiisuu fi mucicha nyaachisuun waan itti cimeef Biliseen baruumsa ishee
kutaa saddeettaffaa qoruumsa biyyoolessaa fudhattee sanaa ol deemun waan itti cimeef
baruumsa ishee akkaan jaalattu goolabuuf dirqamte. Haadha ishee faanas gara daldala shaqaa
shaqaxiitti garagalte. Haaluma kanaan itti fufuun obboleessa Bilisee Olaansaa barsiisuu itti fufan
garuu qarshiin isaan hojii isaanii irraa argatan isaanirra darbee nama sadaffaa sooree kuufata
ta’uu mitii osoo akka dureessaa quufanii nyaatanii waan isaanifiyyuu taatu miti. Biliseenis yeroo
itti gaafatamummaan kun hundi irratti kufu fiildii (field) jijjirtee Olaansaan seenaa isaanii kana
akka hin qooddanneef gara magaala guddittii godinichaatti godaantee hojii fooyyee qabu
barbaacha itti fufte. Hoteela nyaataa tokkos galtee hojii keessummeessuu eegalte. Hojichaanis ni
milkoofte qarshiin kaffalamuufis mana isheen kireessiturraa hafee harmee ishee gargaaruu fi
Olaansaa barsiisuudhaf gahaa ture. Akka hiriyoota ishee kanneen biro kunis sunis natti bareedee
hin baayiftu, ta’us eenyuma caalaa ejjennaa toltee uffannaan irraa bareedee hawwattuu intalaat
turte. Rifeensi ishe dibata baay’ee ammayyaawaa tokko malee qumuxxii laga Abbayaatirra
marge fakkaata, guntutni qoma isheetirraa qaama ishee osoo hin taane waan burtukaana irratti
qarqaban fakkaatu rasaasuma gootni adamsaaf bahe qawweetti kaayyataa mee natti dhiyaadhaa
jedhu fakkaatee onnee dhiira meeqat kotee hidda jaalala ishee dhaabe. Dhiirotni baay’een silaa
hin argannuun abdii kutanii ijjji isaanii isheerratti qaaqaa afaan isaanis akkuma gaazexeessaa
kanfalameefii odeeffannoo gabaasaa ooluu tokkootti bu’aa malee dadhabaa oolu. Isheedhafis
madda gammachuu ta’aniif. Kan osoo hin baafatin gubachaa oolanis hoteelichi yaa lakkaa’u.
gaafa tokko mucaan baay’ee ishee waliin qoosaa oolu tokko barii gara hoteelichaa dhufee….. ittifufa
jallatamtoota keenya yaada keessaniin nu jajjabeessa
asoosama kanas GROUP qabdan irra maxxansa.
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
qunnamuuf👇👇
@Imalajaalalaabot
Kutaa 4ffaa.
.
Waggooti lakkaawwaman; baroonni darban. Mootummoota abbaa Irree irraan kan hafe lakkoofsi jijjiramee hunduu bakka walii gadhiisee jira. Umuriin ishees akkasuma duratti butate. Waan haaraa, jireenya haaraa, jaalala haaraa eegaluuf dirqamte; jaallattee miti qofummaa isheef furmaata argachuuf miti. Garuu umuriin ishee waan deemeef qofa, nama akka isaatti ishee jaallatu waan hin arganneef qofa, dhiira jaalallee ishee jalqabaa sammuu ishee keessaa balleessu waan yoomuu harkisuu hin dandeenyef qofa, waan heerumtee dhala godhachuu qabduuf qofa, waggaa lama booda dhiira biraatti siqxee haadha manaa taate. Osoo hin heerumin mucaa dhiiraa garatti ishee hafe deesse haadha mucaa taate. Jaalallee ishee duraanii mucaa ishee kana ilaaltee itti dagatti. Dhalli ishee kun isheef waa hedduudha. Kaleessa dogoggoraan jaalala dhabdeef Waaqayyo waan hundaan ishee hin miine; dhalaan ishee kiiseeraan.
.
Abbaan manaa ishee ammaa kun faallaa jaalallee ishee isa jalqabaati. Akka tasaa adeemsa isaan jalqabantu sadarkaa kana irra ga’e. Afaaniin kaninni itti himuufi jireenyi isaa walitti hin dhufu. Sin jaalladha jedhus jaalala isaa waan ittiin argitu hin qabdu; kabaja dhiirri Jaalallee isaaf qabuu osoo itti hin agarsiisin itti heerumte; akka haadha manaatti osoo hin taane akka warteessuutti ammoo waliin jiraata jirti. Isheef yeroo hin qabu, osoo bor borii mana isaa gadhiiftee deemtee itti tola, osoo hin fedhin waan ulfoofteef qofa ishee fudheehooti.
.
Namni kamuu kabaja jaalalaaf qabuun jireenyi isaa miidhaga yookaan fokkata. Kan jaalala duraa dhiite surraatu irraa godaana, namatu isa baqata, fedha foonii qofa jiraata, miiraan socho’a, waan isa kunuunsuu dadhabeef jaalalli biraa godaana, kan isa kunuunsu bira deemee jaalalli jaalalaan jiraata. Kan ishee kanaas akkasuma. Akka kaleessa barbaadamaa turte har’a hin barbaadamtu; ofitti amanummaan ishee yeroo kam caalaa gadi bu’e. Shamarreen tokko akka waan hin barbaadamne tokkootti of ilaaluu yeroo jalqabde akka duute baruu qabdi. Barbaadamuunis gargarii… Siree fi hiree boriif… lamaanuu walii lama. Kan sireef barbaadan kan jaalala dhiibde sana, kan oftuulummaan onnee ishee dhiitesse, kan nama tokko qofaatti hin qufne, kan kabajaan uumamtee… kabajaan jaallatamtee… kabaja kan humnaan ofirraa mulqite sana waliin dhiirri kamuu ta’uu hin fedhu. Osoo namni itti hin himiin seenaan ishee kaleessaa fuula ishee irraa dubbifama, dhiirris yeroo jaalala dhiibu akkasuma.
.
Kaleessa ishee yaaddee, sagalee isaa inni dheengadda na jalaa hin deemin, simalee hin jiraadhu, ati anaaf waa hunda kooti, siinan jiraachaa jira jedhee jechoota toora galchee isheetti himu sana yaadde, Sin jaalladha, sin mararfadha yeroo inni jedhu isa “Anis” qofa jettee deebiftuuf sana yaadde,,,hagam akka onnee isaa madeessite hubatte… osoo sin jaalladha, lubbukooti ati, atii dhiira addaati, Waaqayyo siin anaaf qofa uume ittiin jettee baay’ee itti tola. Garuu, eessaa!? Dubbiin isaafi ishee dhaadha ibidda bu’e ta’eera waan ta’eef eessaa fiddiree? ‘Sin jaalladha’ nama ittin jedhu dhabde; sin mararfadha nama ittin jedhutu dhibe; ergaa kaleessa akka yandoo gannaa Moobayila isheetti roobu sana hawwitee dhabde. Eyyee… yeroo harki ofii nama adabu akkasi. Abbaan manaa ishee kun ‘sin jaalladha’ kan innii ittiin jedhe ji’oota muraasa wal baraan duraa qofaafi. Osoo teessee lakkofte haga inni duraa guyyatti isheen jedheen walitti hin dhufu.
.
Gooftaa koo anatu sitti balleesse, anatu si miidhe, oftuulummaa humnaa oliin summaa’een jaalala dhugaa dhiibe, nama koon dhabe, waa hunda anatu si yaakke, waan amma anarra ga’aa jiruu kun natti xinnaate jettee hirqinfattee boosse… imimmaan ishee yaa’ee keessa dhumee iji ishee goge. Ishee akka koo jaalala miituf kanumatu mala; dhiira akka keef garuu….uuuuuuuuuuu….jettee mataa qabattee harqite,,,,,,,,Egereen ishee dukkanaa’u hubattee daran of ceephaate; lafa kanatti dhufuu ishee jibbite; akka Iyyoob guyyaa dhalatte abaarte. Wanti hin hubannee fi miiraan godhan bara jireenya namaa akka cilee dibu hubachuu dhabuudha.
Ammaaf kana asumarratti gabaabsina Kan biraa jalqabna nu waliin turaa
Join @sabaafsiin
Bara kam dhalatee?
_ _
Oromoon ani dur beeku
Gargaaree wal tumsa
Ofii agabuu bulee
Kan beela'e quubsa.
Oromoon ani dur beeku
Baatee wal guddisa
Ofii isaatii daaree
Kan daareetti uwwisa.
Oromoon ani dur beeku
Dhiigee wal jaallata
Ofii diida taa'ee
Diinqa wal kaawwata!
_ _
Inni ammaa kunoo
Ofittoo dacha'aa
Qilleensa jibbaatiin
Bokokee tarsa'a!
Kan jaalala hin beekne
Mucucaataa - talbaa
Ofii tulluu yaabee
Kaan boollatti darba.
Oromoon akkasii kun
Kan garaan gabatee
Anoo quba hin qabu
Bara kam dhalatee?
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Via: Lata qana'ii
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Nama jaallattu Yoo sitti Boone ykn si tuffate gaaf tokko Innis Akka tuffatamu hubadhu. Garuu jaalalaan qabamtee Yoo itti himachuu sodaatte maal godhuu qabda kunooti share godhi maalo 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1. Ilaalcha ifii keetiif qabdu sirreessi jechuun ati Nama waan taateef Kan ati itti himuu deemtuus Nama.
2. Namoota kanaan Dura jaalalaan qabaman waa'ee saa gaafadhu
3. Kallattiin sammuu keetiin wanti himuu qabdu namni ati irraa qabamte kun homaa tokko si godhuu Akka hin dandeenye ofitti himi................itti fufa share godhi
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii xalayaa Jaalalaa erguuf:-
@Imalajaalalaabot
...Fayyaadha!
Qabeenyi jireenyaa
Wanti hunda caalu
Kennaan kennaa olii
Hundaa kan madaalu...
Fayyaadha jarakoo
Jarakoo obbolee
Namni fayyaa dhabe
Waa meeqa okkolee!?
Namni ba'ee galuun,
Gadi taa'ee ka'uun
Fayyaadhaan hiikamaa!
Gaafa fayyaan dhibe,
Ifatu dukkana
Jiraatu dhabamaa!
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Jaalala taa'aa jechuun maal jechuudha??
❤️💓 Kuni immoo kaan irraa adda jaalala tasaa jechuun haala yeroo sana keessa jirtuun kan wal qabatuudha.
💚Jaalalti akkanaa kan mul'atu yeroo hedduu dubartoota biratti.dhiirtis akkasuma yoo heddummachuu baatellee.
💞 Jaalala tasaa jechuun kuni fkn shamarreen takka dhiira ishii lakkafe ykn qishe tokko haala yeroo sana jiruu wajjiin wal qabsiistee ni arrabsiti ykn ni dhaanti jechuudha. ta'us namni kuni otuu ishii hin miidhin dhiifama gaafate booda yeroo achi deemtu irra deebiidhaan yaadattee sammuu ishii keessa waan duraan jatte sanatti gaabbuu jalqabdi.
💔 nama sana waliin carraan yeroo heddu wal arguu yo qabaatte fkn barnoota irratti irra deddebi'in yeroo isa argitee hunda ni yaadatti. kuni guyyaa muraasa keessatti gara jaalalaatti geeddaramuu danda'a.
💜 Jaalalli akkasii kun bu'aa qabaatullee midhaan ni qaba.
Fkn: gama faaydaatiin yoo ilaalle
erga ishiin gocha raawwatetti gaabbitee booda, dhiifama gaafatti inniis tole gaafa jedhuun ishiin jaalalaan waan qabamteef yeroo heddu itti dhiaatti. Waan ta'eef salphumatti isa jaalala keessa galchuu dandeessi. Akkanaan wal jaalatanii jennaan faaydaa guddaan isaa jarri kun haga barbaadan yoo wal jibbanis wal hin irraanfatan. jaalalli isaanii Akka salphatti hin moofa'u kun faaydaa isaati.
💔💕 Miidhaan isaa immoo gurbaan sun jaalallee qaba yoo ta'e ishiidhaaf rakkisaadha inumaa hanga dhukkubsachuutti deemuu dandeessi ishiin gocha raawwatetti gaabbitee jaalalaan qabamte, inni jaalallee qaba kun hundi dabalamee isheen miidhamuu dandeessii kun miidhaa jaalala tasaati.
💘💙 Furmaanni jaalala tasaa immoo kunooti :-
💜💛🧡💚 dubartoonni keenya yeroo lakkafamtan jarjartanii akka waan tokko hin raawwanne of eegannoon deemuu qabda. ariifattee waa darbatte taanaan carraan jaalalaan qabamuu keetiis ni ariifata of eeggannoon waan gootu hundaa raawwadhu.
💟❣️gama dhiiraatiin shamarreen takka eega lakkaftee waan barbaadde siin jachuu dandeessi ariifattee hin rukutin akkuma tasgabooftee lakkafte ykn qishte sanatti ammas tasagabaa'ii obsaan bira darbiif.
↪️Egaa hordoftoota keenya kabajamoo Barnoonni jaalalaa kun ammallee hin xumuramne.
Warri chanaalii kana keessa jirtan hiriyoota keessaniif share gochuu hin dagatina.
Seenaa jaalalaa gara garaa qabanne dhufuuf jirraa
💘IMALA JAALALAA
Join godhuun nu hordofaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉@Imalajaalalaabot
SHARE GODHUUN KEESSAN JAJJABEESSA
IMALA JAALALAA
#deemsa kaayyoo imala jireenya Oromoo
Share#share
🙏Nagaan bulaa
1.kaayyoo jaalalaa:. Akkuma beekamu namoonni baay'een kaayyoo gara garaatiif jaalatus ta'ee jaalatamuuf Kan barbaadan nus akkasuma kaayyoo gara garaa otuu qabnuu Kan walii galaa kana haa ilaalluu. ➡️ Waliin jireenya yerootiif: namoonni baay'een kaayyoon isaan Wal jaalataniif yeroon dabarsuufi kana jechun jalqaba namoota ijoollummaa irraa Wal jaalatan malee kaan as keessatti ramadamu namni tokko dhiirtis ta'ee dhalaan yeroo umriin dargaggummaa geessu nama tokko ni jaalatu kanas keessi isaa ykn ishii himachuuf ni rakkatan akkanumaan jiraachaa yeroo dheeraa dabarsuu .booda keessa turee gaafa waa'ee jaalalaa baran nama jalqabaa sanan adda bahuu danda'u sababa gara garaatiin. Kanaaf inni (isiin) jalqabumaa jaalalli isaanii hundee hin qabu waan ta'eef gama biraatiin hariiroo adda addaa qabaatu. fkn mana barnootaa keessatti erga waa'ee jaalalaa baran booda walirraa qollifannaan duraanii kun ni hafa. Sammuu isaaniitti akkas jechuun himu:. "Mana barnootaa kana keessa yeroo dheeraaf wajji hin turru hundi keenyayyuu karaa gara gara deemna waan ta'eef jaaladhuus jaalala yeroo ta'uu qaba" jedhanii ifitti himu kun kaayyoo jaalala yerooti. as keessatti garuu lamaan kessaa tokko ni miidhama. Fkn inni saniin dura jaalala hin beeku yoo ta'e ykn ishiin sanaan dura jaalala hin beektu yoo taate. ↪️ Ha ta'uu male jaalalli kayyoon isa yeroof ta'e kun dhiibbaa guddaa qabaata. Innis sanaan dura jaalala hin beektu yoo taate saykolojikaalii ni miidhamta keessattu hojiin kee jireenya kee guutuuf waan hojjatuuf rakkoo cimaa sirriitti geessisuu ni danda'a waan ta'eef hanga danda'ametti otuu irraa of qusanne gaariidha.
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
YAADAAF gaaffii:
@Imalajaalalaabot
SIIN YAADE!
Ijji kee akka durii
Oliif gadi hin fiiguu
Bultiifii Iimaana kee
Si jalaa hin diiguu
Of taatee jiraattaam
Gammachuu argattee
Iimaana kee qixxee
Ittiis dabalattee
Kan duraan hir'atee
Iimaanni jiruu
Gaafa ida'amtee
Jiruu Abbaa mana kee
Nama tokko taatan
Garuu qaamni lama
Yaa jiruu halaala
Mi'aawwa akka damma
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaadaaf gaaffii:
@Imalajaalalaabot
Dhufumoo ni dhuftaa
Jaalala kee ibsuuf
Jechatu na hanqata
Bilbilaan haasa'uuf
Arraba koo hiita,
Maal godhee sii himu
Gar kamiin salphata
Atillee sanuma
Dubbii afaan keerraa
Ifatti mul'ata
Maali kana hunda
Maaf yaadan gubatta
Dhufumoo ni dhufta
Mee kamiin filatta
Cabaa onnee kootiis
Gaafas naa suphita
Ara galfii taate
Na qabbaneessita
Onnee kootti seentee
Dhiiga koos raabsita
From ✍ bariisaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Yaada kee:
👇👇👇👇👇👇
@Imalajaalalaabot
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA 6⃣ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@imala_jaalalaa
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIII
...Qajeelchite. Yoo bahanii oddoo hoteelichaa keessa dhaabatan, tilmaaman sa'aatii 1:30 ni ta'a.
Samii urjiin uwwifame malee lafti dimimmiseera hin mul'atu. Olaanaa amma guutumatti machiin
isaa irraa galeera,yoona Bilisee karaa namni ittin bahee galurraa maksee haasofsiisuu eegale.
Harka mirgaa ishee isa akka tirsuu godhee gadi isa baase,mudhii isaatirraa kaasee gara hidhii
isaa geeffatee altakka dhungoodhan galeefii morma isaatirra loosun gara lapheesaa fudhate.
Olaanaa:"Maaltu sitti dhagahama,akkan kaannarra hin turremmoo atuu ragaadha,maalif ammoo
sitti fakkaata"jedheen dhahannaa onnee isaa akka kirkira lafaa rekter iskalin isaa olka'erra harka
ishee kaa'e. Biliseen garuu homaa hin dubbattu haalli jiru marti abjuu itti fakkaataa jira,garuu
ammoo wanti ta'aa jiru kun baayee isheetti tolaa jira,harka mirgaa ishee isa onnee Olaanaa
dhikkisu sanarra jirutti,harka ishee bitaa tafa isheerra rarra'ee jirus itti dabaltee Olaanaa
hammachuu barbaaddi,garuu safumaaf obsite utuu keessi ishee ishee hin ajajin boonuu
barbaaddi,tasa tasa garuu akka qoosaa fakkeessitee jechoota jaalalaa Olaanatti darbatteet gubaa
onnee isaatitti gaazii dabalti. Haalli keessa jiru Olaanatti baay'ee hoo'e, waan baay'ee haasa'uuf
karoorfatus haala amma irra jiruun garuu us jedheetuma hammatee dhungachuu
barbaade,hammates,adda isheerra dhungate,nyaara qal'atee walxuquuf jedhe sana gidduu darbee
boquu ishee koshammii bilchaate diimate fakkatu sana dhungate. Yeroo haalli kun hundi
raawwatu Biliseen aangoo Olaanadhaaf dhiiftee waan garaa isaa yaa godhu waan jettuu
fakkaatti, bishaanuma gabateerra taate waan inni godhuuf jedhu asif achi jechuun haala
mijeessufii malee ni ta'a hin ta'us hin jettu. Olaanatti garuu haalli kun bitaa itti gale, "akkuman
gaaf duraa shakke intalli kun durba qaama ishee gurgurattee bultuuyii?"jedhee,har'uma of
gammachiisee deemuf boquu isheetirra gara hidhii isheetti jedhe. Gaafa kana Biliseen itti
baannantee,"lakkii Olii galuu naaf wayya natti qorreera atis gali baay'ee sitti dhiheeraa"jetteenii,
Olaanaa karra gadi baaftee ofiis gara hoteelatti ol deebitee sa'aatin galuumsa ishee gaheetuu
darbeera uffata jijjiirratteetiniin gara mana isheetti sokkite. Qaaman adda bahan malee halkan
san yaadan walfaanaa bulan,Biliseen hirriiba ishee,Olaananis qo'annaa isa dhaabee yaadan
walgaadaa bulan.
Olaanan erga makiinaa karra isaanii fuldurattii yaabbachuu dhiisee karra warra Atinaaf irratti
yaabachuu jalqabee guyyaan bubbuleera. Olaanan kan durii caalaa sababa isaatin Bilisee
argachuuf jecha Atinaafif hiriyaa cimaa ta'eera,ganama yeroo hunda Atinaaf osoo hin yaamin hin
dabru,gaafa Biliseen daftee hoteelicha galtee boquun ishee hanga qunca'utti dhungoodhan waan
ishee dhabsiisa,isheenis ni dhungattin hanga inni ishee xuuxu ta'uu baatus. Haalli isaanii kun
guyyootaf itti fufeera. Atinaafif haalli Olaanaa itti bitaacha'aa jira,Olaanaan kan yeroo biraa bilbileefitumarree ka'i hin
jenneen,har'ammoo hanga qe'eetti, dhufee yaamun isaa,qe'ee dhufuu qofa osoo hin taane hanga
kutaa hoteelatti ol deddeebi'uun isaa daraan shakkii keessa isa galche. Osoo haala kanaan jiruu,
gaaf tokko olaanaa keenyaa manaatitti hirkatee kutaa hoteelaa keessatti Bilisee faana haasa'u
arge....ITTI FUFA
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!!
👇👇👇👇👇👇
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
yaadaaf👇👇👇
@Imalajaalalaabot
qunnamuuf👇👇
@shaa1heed
̶m ̶i ̶s ̶s ̶ ̶h ̶u ̶s 🌹̰̃ m̰̃ã̰ñ̰:
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA 5⃣ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@imala_jaalalaa
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIII
..isheenis ni ajajamteef. Erga lamaan isaa walfaanaa aleelen booda ijji itti birrisuu qabde,osoo
inni hin barbaadin hidhiin isaa ilkaan isaa dheessiti,miira gammachuu tokko malee kokkolfa.
Amma onneen duraan Bilisee sodaatte har'a dubbii Baacaa dubbachuufuu kakaaftee jirti. Yenna
kana ka'ee iddoo Biliseen dhaabattee dhiyeessitutti dhiyaatee Bil8seetti odeessutti ka'e.
Olaanaa: Bilisee la lallll lamuman dhugee baha?
Bilisee:kanaanuu rakkatte
Olaanaa:ma maa maammmm machoofte jecha jirta natti fakkataa jira.
Biliseen Olaanaa sirritti beekuu baattus garuu akka inni dhugduu hin taane ni beekti,baratas akka
ta'e gaafa inni Baacadhaaf birmannaa dhufe argiteerti. Wanti ta'aa jiru garuu itti bitaacha'aa
jira,sa'aatinis galgalaa'uurra darbee dimimmiseera tarii wanti ta'e jeeqas jiraatinna jettees
shakkiteerti. Sagal isa mil'achaa hidhii ishee xuxxi,Olaananis ija isaa hirribni mukeeche saniin
mil'achaatiniin sagal uuf jedha. Osoodhuma haala kanaan jiruu bakkuma jirutti galaana yaada
daakutti gad taa'e bakkuma jiruuyyuu irraanfate murma conqolaasetiniin 'wayyoo Bilookoo'jedha
irra deddeebi'ee.
Biliseen rakkoo isaa baruudhaf itti siqxee haasofsiisuu barbaaddi yenna inni galaana jaalala
ishee kophaa isaa keessa bahuu dadhabee miixachaa jirus isheen quba hin qabdu. Garuu iddoon
kun isaaf akka hin mallee itti himuuf itti siqaa jirti. Yennaa bira gad teessee asoofsiisuf jettuttis
Olaanadhaa 'Bilookoo' jedhu dhageesse;
Bilisee:Biloon maalidha maal si godhe jetteen,Olaanan garuu homaa hin dubbannee akkuma ija
ishee ilaaletti hafe, machiinis amma fooya'aafii jira. Garmalee rifate wanta ta'aa jiru amanuu
dadhabeet Bilisee qaama ishee susukkuumaa,Biloo jedheen Biliseenis rifaatudhaan gogde(kan
inni jalqaba Biloo jechaa turee ishee ta'uu hubattee), Olaanan daddabalee yaamus owwaachuuf
humna dhabde dhumarra garuu oyyee maal jetteen. Bilookoo jedhee isaa imimmaan coccoobsuu
agarte. Tarii namoonni tokko tokko gaafa machaa'an ni boochisaa machiin irraa hin galle ta'ina
jettee shakkite. Olaanan garuu waan jaalatuu fi waan marartuuf booyaf. Haallii isaa yaa galuufii
dhabuu malee ishees marareenii jira.
Bilisee: gali maaloo sitti dhiyee maatin sin loluu,yoo garmalees turti waan badee afoo buuta
jetteen
Olaanaa: ammas imimmaan lolaasatuma ija ishee keessa ilaala, haasa'uuf humna hin qabu akka
diinni tabbatti hari'aa ooletti onneen isaa dhahachaa jira. Biliseen harganuu isaa yeroo hubattutti hirriban abjuu hin taane agarteeyii jettenit jajjabeessudhaaf fuula isaa susukkuumaa jabaadhu
homaan taatuu jetteen. Olaanan carra kana of dabarsuu hin barbaanne garuummoo yaada
torbeewwaniif itti dhimmamaa ture sekondi tokkoon na jalaa golabaminnaa jedhee waan sodate
fakkaata. Yaadni isaa tokko obbaafadhu jedhu,yaada biraatin ammoo erga hanga kana kan
namatti dhiyaattu ta'ee maalifan sagantaa bal'aa qabeefii sirnaan amansiisuu hin yaalu jedha.
Osoo taa'anii Biliseen sossobaa Olaanan boo'aa jiranii sa'atiin galgalaa'e dimimmisuutti jira.
Biliseen maqaan kee eenyu garuu jettee,Olaanan jedhama Bilookoo jedheeni deebiseef,maaloo
sitti dukkanaa'ee ka'ikaa balaarra buutaa jettee harkan bobaa jala seentee ol harkisaa jirti.
"Bilookooo hin machoofneem yaada keen raata'aa jira jedhee harka ishee bobaa isaa jala seene
Beela'eef sin jaaladhuu
Yoon buleyyuu Agabuu
Buddeenan firoomuudhaaf
Laphee tortoraa hin qabu
Maal naaf godha gamoon kee?
Kan cirrachaaf simmintoo
Maal naaf godha biftikee
Kan bulee ta'u cittoo....
Bu'aaf fayidaan hunduu
Kan lafarra tuulame
Gaaf tokko darbuuf jira
Harca'ee duguugamee
Eenyummaa keen jaaladha
Kan si waliin uumame!
✍️ (Bariisaa)
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
ASOOSAMA GABAABAA
❣ONNEE❣ DHUGAA ❣
KUTAA 3⃣FFAA.
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@jalalafasosama
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIIII
...Osoo hidhii ishii koshommii quncisan fakkaatu sana eeguu,kan isa dhungate garuu qaruuraa
wayinii awaashin guutameedha. Baacanis osoo xannachi adreenalinii ofi hin qopheessin gatii
haleelameef jabeenya tokko malee akkuma galgala gaaf gaaf machaa'ee diriirfatee ala bulu
sanattii,har'as diinqa hoteelicha keessa diriirfatee hafe. Biliseen yeroo rukuttuttii sagaleen
futtaafannaa qaruurichaatin baye taankii yeroo waraana dargii dhukaafamu caala kanaanis ollaan
baayee nahanii,kawwaanis waa shakkuu kaawwan ammoo tarii goommaa konkolaataa ta'uu mala
jechuun tasgabbaa'an,yennaa butcherichi kutaa Biliseen itti Baacaa diriirsite seenee shakkii
namoota keessa jiru iyyichaan ittuu hammeessee,ollaan garagalee kutaa fi oddoo hoteelichaa
guute. Biliseen baay'ee naate kan dura maalifan as galee quba of nyaachaa jirtu,ammaa ittuu
gaabbiin ishii ittii caalee maalifan addunyaa kanatti quba ofirraa kaastee foonitti
dabartee(baay'ee gaabbite). Gaarummaan gocha isheen raawwattee garuu Baacan gara iddoo
keessummeessitootaa darbee rukutamuun isaa ummatni akkaa Bilisee caalaa Baacaa yakkamaa
taasisuu godhera. Ummatni garri tokko inni tolaaf as dhufee ni tolchiteen jedhu,kaawwan ammoo
hanga dhooftu hin iyyituu jechuun ishee qeequ. Namoota birmannaa dhufan keessatti Atinaaf
mucaan abbaa hoteelichaa fi Olaana Tarreessa hiriyaan Atinaaf ni argamu.
Olaanaa:Atinaaf obboleettii bareeda akkanaa nii qabda turteeyii? Sanirraatti ammoo cimtuudha
jedhee Atinaagitti qoose Olaanan.
Atinaaf:maal obboleettin koo ishee safuu hin beekne tanaa, duruma garaan koo ishee hin jaalatu
amma ittuu idaa nu galchite,mana hidhaatti tortorti malee balaa isheetif dumbulloon takka hin
baatu jedhee baay'ee cincinnaawee.
Olaananis baay'ee nahee, baasii abban Atinaaf ta'uuf deemuf osoo hin taanee,garaa isaatti
dhuguma intallii kun hojjeettuudhaa, sugar dadii ol guddaattoota barattoota shamarranii meeqa
qarshiidhan laphee fuudhanii karraa irraa maqsan sana jalaa akkamitti baate,garuu masltu beeka
jireenyi akkasii ifachiifnan as galte ta'aa jedhees yaade,lakki osoo akkas taatee har'a gocha
akkanaa Baaca irratti hin raawwattuu jedhee yaada ofiitin morme,garuu maaltu beekaa tarii
hojatanii gatii isheen barte dhowwachuu danda'a jedhee yaada isaa jalqabaa deeggare,lakki kun
ammoo akka wayinii uffata isaa obaaftuf sababa hin ta'u jedhee,ani waan tokko kanan hin
beeknee maalif mataan na hadoodaa jedhee galaana yaada isaa keessaa dammaqee,amma Bilisee
xiyyeeffannoon ilaaluu eegale. Tuni macaa'aa kana mitii molaksee dogongorsiisuu
dandeessi,lakki ani Baacattii tokkoyyuu hin murteessuu jedhe,kan na dhibe darggaggoo mana
kana oolu itoo onnee baqaqsanii ilaalanii suurri intala kanaa keessaa hin dhabamu,garuu Atinaaf
akkamumaan intala kana waliin dogongoree hin dhageenyee an,maaltu beeka isas awaashin osoo
hin taane millaashin(deebin) mataa adoochite ta'aa,ykn ammoo tarii waliin dogongoreet garaatti
hafinnaa jedhee akka qe'ee gadlakkiiftuus akkanaan abaaraa jedhee osoo hin beekin deebi'ee yaadan liqimfame,deebi'ee yoo of yaadatu anuu fayyaa hin qabu ishii wajjira poolisii anas
tsabalii na haa geessan jedhee yeroo dhumaaf yaada isaa keessaa wareere.
Olaanaa:Atinaaf intalti kun hojjettuma keessanii jedheen maal uuman akkasi maa akkas toltii
jedheen. Atinaaf garuu hiyyuummaan ishii bareedina ishii dhoksee jira. Isaan abban isaanii abbaa . isaa faana ooluu,isaan gogaa mi'aawaa osoo hin taane dibaata mi'aawaa gogaa isaanitirraa qabaniiti filannoon Atinaaf. Kanaafis gaafum tokkoyyuu bareedina ishee mitii fuuluma isheeyyuu hubatee hin beeku. Atinaaf poolisoota achi jiraniin intala fuutanii wajjiran hin
deemtanii yakkama ragaa faana qabanii mamuun maal jechuudha jecheen. Olaananis Atnaaf
maal taate mee akka hojjettuu keessan taate xiqqoo irraanfadhuutii akka obboleettii keetittiu
ilaali jedheen.yenna kana ijjii Bilisee bakkalcha barii fakkatu @imala_jaalalaa
ASOOSAMA GABAABAA
❤️ONNEE❣ DHUGAA❤️
KUTAA 2⃣ffaa
Namooni chaanalii kanaaf haaraaa taatan 👉@imala_jaalalaa
jela seenuun dubbisi
DUBBISA GAARIII
...Gaaf tokko mucaan baay'ee ishee waliin qoosaa oolu tokko ganamaan gara hoteelichaattii dhufe.
Yeroo inni dhufettis barraaqa gatii ta'eef hojjettoota hoteelicha hunda osoo hin taane Biliseedha
fi hojjetaa kutaa foonii qofatu ture. Baacanis erga butchericha nagaa gaafateen booda yena kutaa
galgala keessa bahee galettii deebi'uu Biliseen qofaa ishee kutaa keessa saaxina dayeeffattee
ejjatti,Baacanis erga teesso galgala nagaa itti dhaamee biraa bayetti turtii sa'aatii 6n booda nagaa
bultee jedheenii gad taa'een booda garaa isaatti har'a Biloon nyaatamuun jechaa ishes nagaa
gaafate.
Baacaa: meettaa biiraa naaf fidi mee refregetera keessa jedheen .
Bilisee:garaa isheettii qorraa gubaa kanaan kan cabbii nama obaasu maali laata jechaa
ajajamteef.
Baacaa:erga qoruuraa tokkicha fixeen booda nyaatni refrigretara keessa jiraa jedhee gaafateen.
Bilisee:maal Baacaa har'a ibbiddaa keessa raftee bulteeyii jetteen.
Baacaa:keessan bulee osaa hin taane keessa jiraachufan deema jedheen.
Bilisee:lakki aboo ibbidda nurra yaa qabu jetten.
Baacaa:nurraa yaa qabu,garuu biloo itoo hunda keessan kuussaa filatee anumaan na gubee narraa
dhaamsitaa? Jedheen.
Bilisee:maaliree dhala namaa taatee akkamittaan sitti jabaadha jetteen
Baacaa:kanumaa jedheen.
Bilisee:tarii maamila koo gatii taatef caalattiin si gargaara jetteen.
Baacaa:ammas kanumaa jedheen.
Bilisee:silaa maal barbaadderee jetteen.
Baacaa:Biloo hangan si jaalluu ilaalchan siif qabu silaa beekta ta'eetii na gargaaruu qofa mitii na
waliinuu gubattaa turtee,Biloo ibbiddaan jedhe malee gubaan koo kan keessa koo laboobsee
barraqan cabbii na obaasus dharraa keeti,garuu maal si rakkisa silaa gaaf tokkoo hawwikoo kana
dhugoomsitee jedheen.
Bilisee:maal jetteen.
Baacaa:Biloo an nama baay'ee si jaalatuum, bocni qaama keetis erga bitee na gabroomfatee
torban waldabalee ji'a ji'oonnis wal dabalanii waggaa ta'uuf deemu,Biloo gaafum tokkoo osoo
guntuta kee na ammaachiiftee morma kee saatawwa fakkaatu kana jala bulee jennata addunyaa
kanaa daqiiqawwaniif abbuureehoo,sanaan achi narreen ajjeessi waan koo hundas dhaali
dhuunfadhu jedheen.
Bilisee:homaa hin dubbaannee garuu iddoodhuma dhaabatteetti akka handaaqqoo dhukkubsattee
mataa buustee jirti, bidiruu yaadatin qe'ee warra ishee geesse,obboleessa ishee Olaansaadhaa fi
harmee ishee waliin jirti,iddoo kana galuu isheettii har'aa reefuu gaabbiin ishee seenaa jira, iddoo
gadhaa'aa akkasi iddoo ittii namumti ta'ee akka garbitti nama ilaalee, akkuma meeshaa gabeyaatti
maallaqaan iddoo itti nama bitu ta’uu isaa har’a reefu barte.
Baacaa: yennaa isheen ulee gaabbitiin keessa ishee dhaanaa jirtutti iddoo taa’uu gara isheen
dhaabbattee jirtutti siquun , “hoomtuu sin dhibin kaffaltiin hanga ati barbaadde, waan iccitii
eegus anatti hin imamu , waan hundaafuu har’a hujii hin galin galgala kutaa qabeen si eega”
jedhee yerootti ofirra garagalutti deebii inni tolee afaan isheerraa eeggatuuf jechi salphataa
jedhuu fi akka yaada isaatti gammachiiseera na dhungadhittii jedhee osoo hidhii ishee
koshommii qunca’e fakkaatu sana eeguu kan isa dhungate garuu qaruuraa wayinii awwaashin
guutameedha…… ITTI FUFA.
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyada kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share godhaa!!
👇👇👇👇👇👇
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
👇👇👇
@imala_jaalalaa
qunnamuuf👇👇
@Imalajaalalaa
Akkam jirtan warri chaanaalii IMALA JAALALAA hundi keessan maatiin keenya asoosama akkumaa fedhii keessaniitti ISINIIF dhiheessuuf jirra share GOCHUUN NU DEEGGARAA ITTI dhihaadhaa
@imala_jaalalaa
@imala_jaalalaa
Walitti fufiinsaan waan deemuuf Akka isin jala hin dabarre
Kutaa 3ffaa.
.
Akkamiin akka inni ishee jaallate hin beektu, maalif akka ishee jaallate tilmaamuu hin dandeessu; garuu inni ishee jaallata, “dhiirri akkasii jiraayi?” jetti, “kan homaa osoo hin ilaalin akkas nama jaallatu, uff akkaman carroomee?” jettee ofitti dubbatti. Garuu isa kununsuu hin dandeessu, isa kadhachisuun ishee qophaatti isheef jaalala ta’ee itti mul’ata. Kun egaa amala maal yaa gootu.
.
Ergaan barreeffama ishee “Haalan si haasofsiisuu hin dandeenye keessan jira, bor bakka dur wal agarrutti na eegi sa’a 10:00tti” jettee ergiteef. Ergaan kun waa danuu qabatee sammuutti isa dhufe. “Maal taate? Ergaan kun ishee biraa ta’uu akkamiinan beeka?” jedhee sammuun haga isa dhiita’utti yaade, asiif achi wirriiqqate, akka dubartii cininfattuu ilkaan walitti rigee gadameessaan osoo hin taane onneen miixate. Dubartiin miixattee deessi; yoo baay’ee cime ittiin duuti,,,,,,,,kan isaa garuu du’as jireenyas waan hin taane, ciniinsuu ofii ciniinee keessa madeessu, dhiiga dhiigsee dhiiga xuuxu; ciniinsuu hamaa. Inni garuu kana hundatti gammadaa dha. “Maaliif intala Iboolaa kana natti qabde yaa Waaq?! Kun nan ajjeesiin na biraa hin deebitu” jedhee uumaa isaatti hin gungumne, jaalala irraa waan hunda dhandhamatu waan ta’eef, har’aa kaasee intala kana irraa nan fagaadhaa hin jenne; onneen isaa akka jibbuunii hin dandeenyetti ishee jaallateerahootii.
.
Yeroon beellamaa ga’ee bakka wal arganitti wal argan. Isheen addeessa samii gubbaa fakkaatte, inni ammoo baala raafuu gabaa keessatti aduun laabbesse fakkatee coolligee, isheen uffata keessa eenyummaa fi amala ishee dhoksitee inni ammoo ilkaan isaa hogguu kolfi irraa hin dhibamneen fuula ifee wal argan. Ishee ijaan arguun qofti gammachuudha isaaf; ishee waliin dubbachuun jireenya isaaf.
.
“Maaliif na jalaa badde lubbuu koo ?” jedheen mataa cabsatee. “Hin badne jira, kunoo dhufe mitii?” jettee dubbii afaanitti isa qadaadde,,,,,,,,Kana caalaa ishee gafaachuun caalaatti ishee aarsuu tahuu waan hubateef dafee haasaa jijjiiree “Walaloon sii barreesseem lubbuu koo” jedhee waraqaa wayii postaa keessa kaa’ee itti hiixate. “Walaleessaa naaf tahuufii?” jechaa itti qoosaa yoo isheen harkaa fuutee banuuf jettu “Manatti dubbifta” ittin jedhee dideen. Tole jettee korojoo ishee keessa kaawwatte.
.
Gidduutti ammas qoosaatu itti bareede, “waanan sitti himun qaba” jette fuula ishee walitti micciraa. “Maal ture mi’ooftuu koo” jedheen harka ishee hoossaa…isheen akkuma fuula micciirtetti itti fuftee, “anaafi ati kanarra itti fufuu hin dandeenyu; asitti dhaabuu qabna, nu haa ga’u” jetteen. Qoosaa itti fakkaate, liqimfamuufii hin dandeenye. Isheen garuu soba ishee jechoota halluu dibdee midhagsitee, nama biraa akka jaallatteefi isattis dhiyootti akka heerumtu itti himte. Onneen isaa garraamiin sun jechoota afaan ishee dhugaa godhee fudhate, jaalalleen isaa dhiifteenii deemuu yeroo baru, fuulli isaa diimaan sun dhiiga uffate; kolfi isaa battala fuula isaa irraa godaane; ijoonni isaa akka waan ekeraa arganii naasuun qaratti goganii hafan. Akkanatti osoo inni jiruu dhiifteenii deemte.
.
Onneen ishee nan mo’adhe jedhee ofittumman dhiita’ee tulluu ga’e, halkan sana bilbila ishee irratti ergaa kadhaa isa biraa dhufu yaaddee keessa isheetti gammaddee onneen ishee ni qabbaneeffate. Wamichi bilbilaa, ergaan barreeffama hundi garuu foolii bishaanii ta’e. Bilbila ishee si’a hedduu irra deddeebitee ilaalte, homtuu hin jiru. Sa’atiin hedduun ni darban… homaa waan tokko hin jiru.
.
Dhumarra walakeessa halkanii irra arrabsuudhaaf arraba ishee qarattee, ‘jaalalli kee duris ammuma kanatti’ jechuuf hidhii ishee ciniinnattee bilbila isaa irratti bilbilte. Waamicha dheeraa booda bilbilli isaa ka’e. Waan dhageessuu amanuu hin dandeenye; dabaree ishee lafti ittiin maree, ifaan mana ishee waan battala dhaame itti fakkaate, dukkanaan haguugamte. Bitintirtee saanduqa dhaabbii kutaa ishee keessa jirutti yoo rukutamtu,,,,,,,,,Korojoon ishee lafa bu’e, battala waraqaa inni barreesseef lafa buunaan lafaa kaafte dubbisuuf…….. …
Itti fufa
@sabaafsiin
@sabaafsiin
#Share please
Kutaa lammaffaaf
Duubaatti deebi'i