milkii_magazine | Unsorted

Telegram-канал milkii_magazine - Milkii magazine

745

Kayyon keenya Dhaloota maqaa yesuus keessatti bocuudha Kanaaf uumata oromoo biraa hamma dandeenyen wangeela geesisuf waantoota nuun fayyadamnu kessa barrun kun isa tokko Gaafif yaada qabdan kanan nu qunnamau dandeessu @KenaAT

Subscribe to a channel

Milkii magazine

https://www.youtube.com/watch?v=NiyBLVlIaW0

Читать полностью…

Milkii magazine

“Isin garuu michoota ko, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa!”
— Yih. 1:20
@milkii_magazine
Haa kadhannu obbolootako.

Читать полностью…

Milkii magazine

Hos. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Kanaafis kunoo, ani ishee tole nan jechisiifadha, gara lafa onaatti ishee geessee dubbii garaa ishee rukutu nan dubbadha.
¹⁷ Achi utuu jirruu iddoo dhaabaa waynii isheetii isheedhaaf nan deebisa, dachaa Aakor isa lixuuf abdii hin qabnes lafa abdiidhaan ol itti lixan nan godha; achitti immoo akkuma bara ijoollummaa isheetii akkuma yeroo biyya Gibxii baateettis anaaf in owwaatti.
¹⁸ "Ati gaafas 'Abbaa manaa koo' jettee na waamta malee, deebitee akka Ba'aal isa Waaqayyo tolfamaatti ana hin waamtu" jedhee dubbateera Waaqayyo.

@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

1Phe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁹ Namni Waaqayyoon yaadachaa miidhama sababii malee isa irra ga'u yoo baate, ayyaana in argata.
²⁰ Balleessaa keessaniif isa rukutamtan yommuu obsitan, galata maalii qabdu? Garuu gaarii gochuu keessaniif isa dhiphattan yommuu obsitan, Waaqayyo biraa ayyaana in argattu.
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

#Isa_qofaatu_furmaata.
Yihudaan namni biyya Isqoriyaat gatii Yesuus waan hin hubanneef meetii soddomaan Yesuusiin dabarsee kenne. Gocha sana booda abdii kutatee, Sana booda bahee of ajjeese. Gooftaa waan ganeef yakki isaas muka irratti of fannisuuf isa kakaase. Dhugaan jiru garuu, inni dirqama hin turre, sababiin isaas Yesus cubbuu isaatiif muka biraa irratti fannifamuuf ture.
Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen akkuma Yihudaa, cubbuu ofii isaaniitiif of adabaa jiran arguun nama gaddisiisa! Yakka bara baraa fi balaaleffannaa keessa jiraatu, of adabuu fi amala of balleessuu jalatti of galchu. Gooftaan keenya Yesus dhiifama, furii, bilisummaa isaaniif fannoo irratti akka aarsaa of godhe hunda hin beekan. Sagalee himannaa qalbii ofii isaanii keessatti argamu qoricha sammuu namaa hadoochu gochuuf, hedduun isaanii dhugaatii alkoolii, qoricha sammuu hadoochuu fi gosa qoricha sammuu namaa hadoochu hundumaa fayyadamuudhaan hidhamu. Dhumarratti sodaa yeroo hunda, yaaddoo, hirriba dhabuu fi dhukkuba saayikoosoomaatikii keessa jiraatu.
Jaallatamaa obboleessa/ttii koo , yoo dhoqqee kophummaa, abdii kutachuu fi of balleessuu keessatti liqimfamtee jirta yoo ta’e, bakka dukkanaa kana keessatti guyyaa kee hin qisaasessin. Inumaayyuu Tokkicha—Gooftaa fi Fayyisaa keenya, Yesuus Kiristoos—Isa waan hundumaa dhiisee fi furmaata keetiif jedhee fannoo irratti tuffatame, gara jabinaan reebame fi mismaara ulfaataadhaan akka bocamu of godhe waaqessi.
Fooliin jaalala isaa fi ayyaanni isaa naannoo jireenya kee hunda akka lola’u eeyyami. Foolii urgaa’aan aarsaa isaa akka keessa kee seenee miidhaa hundumaa, abdii kutannaa hundumaa fi tasgabbii dhabuu hundumaa akka fayyisu eeyyami. Guutuu taatee akka deebifamtuuf gatii siif kaffaleera. Inni duraan dursee akka ati ija jabinaan, bilisaan teessoo ayyaana isaa duratti dhuftu gatii kaffaleera. Yaa! akkam si jaallata! Inni si jaallata! Inni si jaallata!
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

https://youtu.be/Dc4C6Gwo0U8

Читать полностью…

Milkii magazine

Isa. 50
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Ani warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise; ganama ganama na dammaqsa, akka warra isa irraa baraniis isa inni jedhu akkan dhaggeeffadhuuf gurra koo anaaf in bana;
⁵ Waaqayyo gooftaan gurra koo in bane, anis isaaf abboomamuu hin didne, isa irraas gara hin galle;
⁶ ani dugda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga'isan jalaa hin dhoksine;
⁷ Waaqayyo gooftaan waan na gargaaruuf ani hin yeella'u; ani akkan hin yeellaane beeka, kanaafan ija jabaadhe.
⁸ Inni dhugaa anaaf baasu dhi'aateera'o, eenyu anatti falmuu danda'a ree? Kottaa walii wajjin in dhi'aannaa! Abbaan na hadheessuu barbaadu mee as haa dhi'aatu!
⁹ Kunoo, Waaqayyo gooftaan ana in gargaara'o, eenyutu anatti farada ree? Kunoo, biliin isaan in nyaatti, hundumti isaaniis akka uffataa in dhumu.
¹⁰ Isin keessaa eenyutu dukkana keessa, iddoo ifa hin qabne keessas deddeebi'aa utuu jiruu, sagalee garbicha isaa dhaga'ee Waaqayyoon sodaata? Namni akkasii Waaqayyoon haa abdatu, isattis haa hirkatu!
¹¹ Kunoo, isin warri ibidda qabsiiftan hundinuu, warri guca boba'aa adeemu ofitti naannessitanis, ifa ibidda qabsiiftanii, qaanqee guca bobeessitanii keessas deddeebi'aa! Booddee garuu isin iddoo rakkinaa keessa bu'uuf jirtu; kunis harka koo keessaa isinitti in dhufa.

Читать полностью…

Milkii magazine

si dhiiifne eenyu bira dhaqnare? dubbii waaa’e jireenya bara bara nama barsiisu
sittu qaba’o. Yoh 6:68
@milkii_magazine
#join us
#share

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegra

Читать полностью…

Milkii magazine

Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;

Читать полностью…

Milkii magazine

#Muldhata_qabaachuu
Muldhata qabaachuu jechuun dandeetti waan gara fulduraatti ta’uuf yaadan tokko bifa ogummaa of keessaa qabuun karoorsuu danda’uu jechuudha. Waanti addunyaa kana irratti qabatamaan argaman hedduun isaani kanneen dhala namaaf bu’aa buusan yeroo tokko addunyaa yaadaa namoota waan sana kalaqanii keessa ture. Waanti adeemsa malee uumame gara addunyaa qabatamaa kana dhufuun dhala nama fayyade in jiru. Adeemsi jalqaba immoo waan uumuuf yookin ta’uf jedhan sana addunyaa yaadaa ofii keessatti kaasuun(imagine) gara karooratti jijjiirun hojii irra oolchudha. Kanaaf bu’aa jireenyaa gaari fi dhiibbaa uumuu kan fidu inni jalqabaan muldhata qabaachu dandahuudha. Bor waanti ati taatu harra sammuukee keessatti eenyummaa keef waanta ati keesse jirtudha. Kanaaf dhalli nama bor jireenya gaari jirachuufis ta’e hawwaasa isaa fayyaduuf nama muldhataa ta’uutu irra jira.
Nama Muldhataa ta'aa😍😍
🖌KenaAT
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

Waanti ati addunyaa kana irratti argitu bayyeen isaa yeroo tokko addunyaa yaadaa keessa turen sanatu gara mullataatti jijjiiramee harrammoo dhugoomee argaa jirta. waanti hundumtii yaada irraa eegala.
👉Bu'aan yaadaa sirriimmoo beekkumsa dhugaa fi jireenyakeef fayyadu horachuufi gabbifachuu akkasumas ilaalcha sirrii ofiif qabaachuu dha.
👉kanaaf yaada garaa keef of eegadhu. waan ati yaaddu hundumtuu borii jireenyakeef murteessa waan tahaniif yaada garaakef of eegadhu. ilaalcha jireenya ofiif qabdu haala keerratti osoon taane muldhatafi eenyummaa kee irratti hidhi.
Eebbifama😍
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

“Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!”
— Rom. 12:18
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

Gaarummaan waaqayyoo inni daangaan qabne harras nufaana jiratu.
Isatu fedhee guyyaa kana jireenya keenya irratti dabale. Yeroo hundumaa waanti na dhibu isa kanadha. Namoota yaadakeenyan of kuffisa gaaridha jennee waan ofiif yaadnuun of hidhaa jirannu harras garuu waaqayyo abbaan jireenya keenyaan ulfaachuu waan barbaaduuf guyyaa kana nuuf kenne. Nurratti hundaa’e osoon taane hojii ilmi isa qarani’o irratti nuuf hojjete nuuf ilaale harra jireenya keenyan ulfachu fedheera. Nuuf guyyaan harra rafnema waan kaanef waan arganne nutti fakkachuu dandaha, garuu guyyaan kun akka tasa osoon taane Waaqayyo abbaan nuuf karoorse waan nuun hojjechuufi jireenya keenyan ulfaachu waan fedheef nuuf kenneera. Guyyonni jireenya keenya hundumtuu fuula waaqayyoo duratti kan lakkaawamandha.
Tarii nuti jireenya keenya haala naannoo keenya irratti hiine ofitti abdii kutachuu dandeenya taha. Garuu waaqayyo nutti abdii kutatee in beeku. Kanaafdha yeroo kufnu nu kaasa yeroo dogoggorutti nu sirreessa, walallumma keenya keesa nu baasa qodaa balleeffamu qabnu ayyaana isaa kan inni nuuf baayyise nu jiraachisa jiruf. Inni haala keenya harra nuti ittin rakkanurra kan darbe waan itti yaade kara kiristoos nu uume waan beekuf nutti abdiin kutatu.
#Waaqa_Abdii_sittin_kutanne_qabde
@milkii_magazine
Guyyaa gaarii😍😍

Читать полностью…

Milkii magazine

tarii namni nama waan gaarii godhe tokkof du'uuf fedha qaba ta'a male, nama qajeelaadhaaf waan du'u in fakkaatu. waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taane jirruu, kiristoos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in agarsiisa. kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala'een qajeelota erga taanee, hammam caalatti isumaan immoo dheekkamsa waaqayyoo jala ooluuf jirra. nuyi amma illee diinota utuma jirruu du'a ilma isaaatin waaqayyotti erga araaramne amma immo nuyi warri isatti amanne jireenya isaatiin hammam caalatti ooluuf jirra. kana duwwaas miti gooftaa keenya yesuus kiristoosin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya in himanna malee.
Rom 5:7-11
@milkii_magazine

Читать полностью…

Milkii magazine

https://youtu.be/t5cPr7xJRT4

Читать полностью…

Milkii magazine

Yoh. 15
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹² "Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa!
¹³ Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.
¹⁴ Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.
¹⁵ Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundunaas isin beeksiseera.
¹⁶ Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.
¹⁷ Kana hundumaa akka isin wal jaallattaniifan isin abbooma" jedhe.

Читать полностью…

Milkii magazine

“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
— Yoh. 17:3
“እውነተኛ አምላክ የሆንኸውን አንተንና የላክኸውንም ኢየሱስ ክርስቶስን ያውቁ ዘንድ ይህች የዘላለም ሕይወት ናት።”
— ዮሐንስ 17:3 (አዲሱ መ.ት)
@milkii_magazine
#join us
#share

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

Farsa 34:10
Leenci saafelli iyyuu in dhaba, in beela'as, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban.
@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

Nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchuu irra, nama of abboomu wayya Fakkeenya 16:32
@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegram

Читать полностью…

Milkii magazine

@milkii_magazine
#share #join_us on telegra

Читать полностью…
Subscribe to a channel