nan_baradha | Unsorted

Telegram-канал nan_baradha - NAN BARADHA

10002

NAN BARADHA!! «Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!» ❏ Barnoota walii galaa ❏ Mul'ata ofii beekuu ❏ Seenaa Namootaa irraa Maal Baranna ❏ Xinsammuu fi Dubbii Hayyootaa Guyyaa Guyyaadhaan channel kanaan dhiyaata!

Subscribe to a channel

NAN BARADHA

PSYCHOLOGY TIPS☑️

☑️Miira miidhamuu kee didi, miidhaan sun mataan isaa ni bada.

☑️Namni tokko akka si miidhe ykn si mufachiise yoo fudhachuu didde, miidhaan sun mataan isaa jiraachuu ni dhabaata(tarii sammuu namoota biroo keessatti malee).

☑️Yeroo dheeraa keessatti wantoota baay'ee waa'ee hin baafne dhiisuu filachuuf humna qabaatta.

☑️Akkasumas nama tokko gama isaa gaarii sitti hin hin agarsiifnellee waan gaarii arguuf dandeettii qabda.

Yeroo gaarii qabaadha🙏

Читать полностью…

NAN BARADHA

GORSA XIINSAMMUU!
➖➖➖➖➖➖➖➖

🤙Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

☑️Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

☑️Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

☑️Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

☑️Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

☑️Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.
Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

☑️Yaadni namootaa garaagara.
Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

☑️Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.
☑️Nyaata madaalamaa fi gahaa ta'e filachuun soorachuu!

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

ITTI BOHAARA😁
➖➖➖➖➖➖

Namicha tokkotu mana bineensotaa ijaaree bineensota akka Leenca, Saree, Waraabessaa fi kkf akka daawwataniif ummataaf banaa taasise .

Namoota paarkicha daawwachuuf dhufaniif seensa Birrii 300 gaafate. Nama seene daawwatu dhabe.

Kaffaltii seensaa gara birrii 200tti hir'ise: ammas namni seenu hin jiru

Abbaan paarkii kanaa abdii hin kutanne seensaaf Birrii 50tti hir'ise namni kafalee daawwachuu hin dandeenye.

Dhumarratti seensa bilisaa yeroo godhu namoonni daawwachuu fedhii hin qabne hundi daawwachuuf paarkii guutan.

👇🏾

Namichi kana argee, bineensota saanduqa isaan walitti qabaman keessaa gadi lakkisee, ba'iinsa paarkii birrii 500 godhe.😁😁

Читать полностью…

NAN BARADHA

GORSA JIREENYAA❗
➖➖➖➖➖➖➖

☞Jireenya kee keessatti yoo dandeesse namuu miidhuu hin yaadin, sababnis gochaan kee deebisee simiidhu mala waan ta'eef.

☞Yoomiyyuu taanaan gorsa nama kamiyyuu dhaggeeffadhu, irra caalaatti garuu waan sammuun kee itti amane raawwadhu.

☞Namni kamuu nama, namummaaf kabaji ilaalchaan garuu adda baasi. Eenyu badaa eenyu gaari akka ta'e ilaalcha isaatirraa hubattaa waan ta'eef.

☞Jireenyi addunyaa kanaa gufuu baay'ee qabdi, garuu jabina keetin hundaa dabarsuuf yaali.

☞Baay'ee garaa hin laafiin, baay'ees garaa hin jabaatiin, yoo gar-malee gara -laafeessa taatee gowwaa fakkaattaa, yoo gar malee gara jabeessa taate immoo hamaa fakkaatta, wanti baay'atee hin tolu waan ta'eef.

☞Yoo sammuun kee baay'ee cinqamu waan jaalattu raawwadhu. Fakkenyaaf kan kitaaba dubbisuu jaalattu yoo ta'e waayee dhimma sicinqisiise sana waliin walqabatu dubbisi akka deebii itti argattuuf!

☞Nama yeroo hunda quba sitti qabu duuba isaa dhaabbadhu, yoo quba sitti qabuuf of duuba garagagalu si qofa miti ofis akka arguuf, nama waan ofii hin beeknetu quba namatti qabaati!

☞Waan keessikee yaadu dubbadhuu
baafadhu, tarii furmaata argachuu malaati,
dhibee himatan dawaas argatu.

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

10. Sammuu dammaqaa jalaa
Kutaan sammuu dammaqaa keetii "Think & Grow Rich" jedhu akka kuusaa/kuusaa ti: yaada fi hubannoo kee maalummaa isaanii osoo hin ilaalin fudhata fi kuusa. Yoo karaa sirrii deemne rakkoo keenya furuu danda'a.
Sammuun kee humna ajaa'ibaa, dinqii fi humna guddaa addunyaan beektudha.
Sammuun waan barbaaddu hunda si fiduuf akka si gargaaruuf qophaa'e. Waan yaadameef itti fayyadami.

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 26_27, 2024:

☑️ Security Audition (Pr&Team)
☑️X Network 10 million (Specials->New Card)
☑️USDT on TON(Specials)

🤙Take 5,000,000 coin

Today's hamster combat daily cipher june 26 is the keyword "FOMO"to enter daily cipher in Hamster Kombat.


F: ●● ▬ ●

O: ▬ ▬ ▬

M: ▬ ▬

O: ▬ ▬ ▬

Take prize 1,000,000 coin

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 25_26, 2024:

License Asia (Legal)
Consensus Piranha Pass (Specials)
License Turkey (Legal)

🤙Take 5,000,000 coin

Today's hamster combat daily cipher june 26 is the keyword "FOMO"to enter daily cipher in Hamster Kombat.


F: ●● ▬ ●

O: ▬ ▬ ▬

M: ▬ ▬

O: ▬ ▬ ▬

Take prize 1,000,000 coin

Читать полностью…

NAN BARADHA

FEDHI KEE GUDDAAN MAALI❓
➖➖➖➖➖➖➖➖➖

☑️Namni tokko waan tokko akka hojjetu gochuuf yookaan amansiisuuf tooftaa tokko qofatu jira. Akkamiin sitti fakkaata? Fedhii waan sana hojjechuu yookaan gochuu namoota keessatti uumuudha. Kana jechuun, namni tokko waan tokko akka rawwaatu amansiisuuf, waan sana rawwachuu akka fedhu gochuu qabda jechuudha. Kana malee tooftaa biraan kan hin jirre tahuu qalbifaadhu.
Nama tokko dirqisiistee moobayila akka siif kennu gochuu dandeessa. Hojjettootakee akka isaan ariitu isaanitti himtee sossodaachisuudhaan hojjechiifachuu dandeessa. Garuu ati xiqqoodhumaa bakka hojii sana deemnaan hojjechuu ni dhaabu. Daa'imakee reebuun yookaan dheekkamuun waan feetu akka hojjetu gochuu dandeessa. Garuu hojicha kan hojjetu yeroo ati mana jirtu qofaadha.
Tooftaa tokkichi waanan fedhe akka hojjettu ittin si gochuu danda'u waan ati feetu siif kennuu qofaadhaani.

Ati maal feetaa? Wantootni armaan gadii wantoota namoonni hedduun fedhaniidha:
1. Fayyaafi jireenyaa nageenya qabu
2 .Sooraata gahaa
3 .Maallaqaafi waantootni bitu
4 .Jireenya gaarii
5 .Fedhii quunnamtii saalaa guuttachuu
6. Irriba gaarii
7. Ijoolleen ofii nagaa qabaachuu
8. Fedhii bakka guddaa ga'uu yookaan milkaa'uu.

✍️Fakkeenyaaf beektoonni immoo yeroo waa'ee fedhi dhala nama yoo ibsaan, "
📢

Fedhiin dhala namaa guddaan fedhii wal quunnamtii saalaafi fedhii milkaa'inarraa maadda"

jedha Siigimandii Firuud.

📢Abraham Liinkan immoo akkas jedha,
"Namni hundumtu galata fedha".


📢Wiiliyaam Jeemsis akkas jedha,
"Fedhiin guddaan dhala namaa jaallatamuudha"

jedha.
☑️Jechi beektoota oli kun fedhi nama hundumaa keessa jiran ibsu. Garuu siif fedhin kee guddaan maalii? Namni kamu fedhii mataasatin guutamee jira. Moo'amees keessaa jiraataa jira.

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today
Hamster Kombat Daily Combo Today for June 23, 2024:

Security team (PR&Team)
Prediction markets (Markets)
License Vietnamx (Legal)

🤙Take Prize 5 million

If you are not working, do it
/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

ATI OFIIKEEF GAHAADHA❗
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖

Ati ofiikeef gahaadha! Namni jireenyakee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenyakee gidduu galuufis namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenyakeef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha!

Qal'aa taatu furdaa, gabaabaa taatu dheeraa, adiis taatu gurraacha, ati ofiikeef gahaadha. Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofiikeef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji!

Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireenyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti. Namni filannoo dhuunfaasaa jireenyakee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenyakeef, ofiikeef gahaa miti jechuu miti. Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu  fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun!

Nama keessaas namni dalagaakeetti amanu, jabinakee beekuufi filannookee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uukee hubatu, kan naannoosaa jiraachuunkee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu!

Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofiikeef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuun miirri ofiikeef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu isaaniin hin dhagahiin. Akka oduun isaanii oduu waa'ee hin baafneetti, dhiisiis bira darbi. Akka nama biraatti osoo hin taane akka dhuunfaakeetti jiraachuuf uumamte. Dhugaadha! Seenaa nama biraatiinis osoo hin taane, kanumakeen goota taata. Mana kankee keessa jiraatta, deemsa dhuunfaakeerra deemta, bareecha kankeen faayamta, fakkaattii dhuunfaakeen argamta, beekamtiima keetinis mul'atta. Eeyyeen kanumakeen! Yoo namni biraan si jibbes dhimmasaati. Ati nama biraa garaa gahuuf qofa miti kan jiraattu! Garuu ofiikeef gahaa ta'uun siif gahaadha. Sababni isaas ofiif kan ati kaa'amte. Ati nama biraa, namni biraanis si ta'uu hin danda'u; ati nama addaati! Nama ofiif maludhas! Sababa namni sitti gammaduu dhiiseefis hin jijjiiramiin. Kun homaa tokko rakkoo hin qabu. Rakkoo kan qabu sababa ofii jijjiiramuu qabduuf jijjiiramuu yoo baattedha. Eeyyeen, deemsakeetu siif murteessa. Gammachuu keetus siif caala. Atumtuu ofiif gahaadhaatii, ofumakee ta'i! Be yourself; that's enough!

Atumtuu ofiif gahaadha❗


Sanbata Gaarii‼️

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today
Hamster Kombat Daily Combo Today for June 21, 2024:

YouTube Gold Button (Specials)
Staking (Markets)
Licence Bangladesh(Legal)

🤙Take Prize 5 million

If you are not working, do it
/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

Bakka Guddaa Ga'uuf Waan Guddaa Irraa Eegaluu Hin Qabdu! |

Wantoota 3 (sadi) jireenya namaa keessa jiranii fi ciminaan irratti hojjechuu qabdu.

✍️kaleessa
✍️Har'a
✍️Bori

✪ Namoonni baay'een kaleessa miidhamaniiru ta'uu danda'a.
Har'a irra dhaabatanii waa'ee kaleessaaf dhiphachuun, abdii fuulduratti adeemuuf namni qabu gadi buusa.

⌲ Har'i kaleessa irra ni caala.
⌲ Har'i boruuf murteessaa dha.
⌲ Kaleessi gaariis ta'u gadhees darbeera.
⌲ Guyyaan har'aa milkaa'ina boriitiif si qopheessa.
⌲ Boriif jennee obsina.

Namoonni baay'een kan dhiphataniif, kan jeeqamanii fi of ajjeesaniif haalli jireenyaa ta'uufii didee miti. Waan barbaadan dhabaniifis miti.

Guyyaa borii maaltu akka jiru,
maaltu akka ta'u jalaa dhokate.
Guyyaan "bori" jedhamu itti argamuu dhabuu irraan kan ka'ee dha.

❓Nama guddaa ta'uu ni barbaaddaaree?

❍ Har'a Karoora kee barreessi!
❍ Har'a irratti hojjedhu!
❍ Guddinaa fi Milkaa'ina ati itti of hin eegne irra geessa.

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 19, 2024:

Special Hamster Conference (Specials)
Marketing (PR&Team)
Trading Bots (Markets)

Читать полностью…

NAN BARADHA

Yaadni Ati Mataa Keetiif Qabdu...❗
▬▬▬▬▬▬▬▬
⫸ Filannoo fi ejjennoon ati ofiif qabdu maalidha?

Namoonni baay'een waa'ee namoota biraa beeku.
Waa'ee isaanii garuu ni dagatu.
⁃ "Akka isaatti (isheetti) utuun jiraadhee wanti hundinuu naaf salphaa ture" yommuu jedhan dhageenya.
⁃ Akka mataa ofiitti jiraachuu dagatanii jireenya nama kan biraa jiraatu.

༄ Akkuma jireenya namoota kan biraa jiraachuu hawwitu, adeemsa keetis namoonni kanneen biraa akka adeemuu jaalatan gochuu ni dandeessa.

༄ Filannoo fi ejjennoon yookiin ilaalchi ati ofiif qabdu murteessaa dha.

QABXIILEE GURGUDDOO EJJENNOO MATAA OFII ITTIIN GUDDIFATAN:

❍ Jaalannus, jibbinus jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti murtoo ittiin gara fuulduraatti ittiin adeemnu ni murteessina.

Qabxiilee armaan gadii beekuun murtoo fudhannu irratti cimina dabala.

⓵. Waan ta'uu barbaaddu beeki!

⓶. Gorsa nama irraa fudhadhu, madaali, garuu murtoo mataa kee fudhadhu!

༄ Gorsa nama irraa fudhachuun karaan kee maal akka ta'e caalmaatti hubachuuf si gargaara.

⓷. Yaada kee dhaggeeffadhu!

⓸. Akka karaan kee sirrii ta'e sammuu keetiif mirkaneessi!

⓹. Ofitti amanuu of barsiisi!

༄ Namni hunduma dursitee itti amanuu qabdu mataa keeti. ("The person you need to trust first is yourself")

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Carraa kana of hin dabarsinaa

BBQCoin is a viral clicker game where you earn coins by tapping the screen, earn more coins, boost your ranking and get more airdrop rewards

BBQCoin kan adda isa taasisu
Trucks coin 0~ 10,000 = 1 Ton coin
10,000~30,000 = 2 Ton coin
30,000~60,000 = 3 Ton coin and more
Akkasumas guyyaa guyyaan randomly 10 Ton Coin reward argachuu dandeessu.
Start here:- /channel/BBQcoin_bot/BBQcoin?startapp=r_996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

TAPSWAP & HAMSTER KOMBAT DAILY BONUS

Tapswap daily code: Day 3

☑️ Learn what the TON Is Day 3 TapSwap Task Code July 1 2024

➡️ Write this code to given place " 548719" then Submit
.

🤙Claim 200,000 Coin

Hamster 🐹

Hamster Kombat Daily Combo Today for July 02, 2024:

1. Sports Integration (Specials)
2. YouTube Gold Button (Special)
3 . Hamster YouTube channel (Special)

🤙Take 5,000,000 coins

Hamster Kombat Daily Cipher Today for June 02, 2024:
"KYC"

k ➖•➖
Y ➖•➖➖
C ➖•➖•


🤙Take prize 1,000,000

Читать полностью…

NAN BARADHA

TAPSWAP & HAMSTER KOMBAT DAILY BONUS💰

Tapswap daily code:

1. TapSwap Special YouTube Video Task Code:June 28 2024

➡️ Start Mission ➡️ Write this code to given place "739002" then Submit

🤙Claim 200,000 Coin

2. TapSwap Special YouTube Video Task Code June 29 2024

➡️Start Mission ➡️ Write this code to given place " 5" then Submit
.

🤙Claim 200,000 Coin

Hamster 🐹

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 30, 2024:

1. Compliance officer (PR&Team)
2. Blocking suspicious account(PR&Team)
3 . YouTube 25 Million (Specials)

🤙Take 5,000,000 coins

Hamster Kombat Daily Cipher Today for June 30, 2024:
"PROOF"

P •➖➖•
R •➖•
O ➖➖➖
O ➖➖➖
F ••➖•


🤙Take prize 1,000,000

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 28, 2024:

License Ethiopia (Legal)
Premarket Launch (Specials)
NFT Collection Launch (Specials)

🤙Take 5,000,000 coins

Hamster Kombat Daily Cipher Today for June 28, 2024:
Word "STABLE"

S •••
T ➖
A • ➖
B ➖ •••
L • ➖ ••
E •

🤙Take prize 1,000,000

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 27_28, 2024:

1. Short squeeze (Specials)
2. Long squeeze (Specials)
3. License Philippines (Legal)

Читать полностью…

NAN BARADHA

Think and Grow Rich
"Napoleon Hill"

➖➖➖➖➖➖➖➖

"Think and Grow Rich" hojiilee Napoleon Hill addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha. Salphaatti yoo dubbanne, waan sammuun kee ni danda’ama jedhee amanu hunda ta’uu dandeessa.Kanarraa kan ka’e sammuun kee waan tokko si dhaabuu danda’u ykn of caalaa akka taatu si dhiibuu danda’u ta’a. Namni kamiyyuu hiree argachuu fi milkaa'ina dhugaa argachuuf "Think & Grow Rich" irraa barumsa 10 argata.

1. Fedhii
Napoleon Hill kitaaba isaa "Think & Grow Rich" jedhu keessatti wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha. Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.

Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a.

Kana duras yeroo meeqa kufteetta.

2. Amantii
Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha. Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda.
Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.


3. Duub-deebii ofumaan kennuu
Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i.

4. Beekumsa addaa
Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda.

5. Yaada
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Kana duras yeroo meeqa kufteetta.
Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna.

6. Karoora qindaa’aa
Yeroo hundumaa milkaa’uuf karoora qindaa’aa akkamitti akka barbaachisu nan dubbadha. Kitaabni "Think & Grow Rich" jedhamu kaayyoo kee galmaan ga'uuf gurmaa'uu fi hojiiwwan kee karaa milkaa'inaaf nama geessuun karoorfachuu akka qabdu eereera.

7. Murtee
Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati.
Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru. Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a.
Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa.

8. Itti cichuu
Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa.

9. Humna sammuu
Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha. Garee namoota fedhii keessaniif mararfataniidha. Yaada haaraadhaaf sammuu kee kakaasuu fi dhiibuu akka itti fuftu si gargaaruu danda’u.

Читать полностью…

NAN BARADHA

OGEESSA TA'UF WAAN BARACHU QABDU IRRA BARADHU!
➖➖➖➖➖➖➖➖➖

Yeroo hundumaayyun waa beekuuf waa barachuuf ofii keenya banaa gochuu qabna. Jireenyi si'uma tokkon wanta nuti barannee fiixnu miti. Yeroo hundumaa wantootaaf muudannowaan haaraa kan guutamteedha. Kanaafuu yeroo hundumaa barachuuf qorachuu nu barbaachiisa. Ani baradheera, beekera na gaha jechuun yeroo barumsaa kee kanan dura fi hamma dookumeenti mana qabdu lakkoofte boonaa jirta yoo ta'e goowwomte jirta. Of goowwomsa jirtas. Ogummaan yeroo hundumaa barachuuf hubachuu irra argama. Haalaa jireenyaa keenya fuulduraa moo'achuf haalaa jireenya keenyaa amma irra waa barachuu qabna. Wantootaa naanno at jirtu sanatti argaman irra of barsiisi. Baalli muka tokko ciite yoo lafa bu'e iyyuun maaliif? Jechuun itti yaadi! Yoos, yaada haaraa tokko ni hubatta.

Beekaa ta'u yoo feete yeroo hundumaa baradhu! Jireenyi hamma dookumeenti utuu hin taane, hammam ogeessa akka taane nu gaafatti. Nurras barbaaddi! Guddachu, adeemu, galmaa gahuf nama milkaa'ina ta'u yoo feete, yeroo hundumaa iddoo barnoota keettis ta'u mana barumsaan ala waantoota jiraan irra ofii kee barsiisi. Sammuu ofii yeroo hundumaa barsiisu ogeessa taasifachuudha. Of ogeessu yoo feete of barsiisi. 
         Yeroo Gaarii qabadha!

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat Daily Combo Today for June 24, 2024:

VC Labs (PR&Team)
Hamster Kombat merch (Specials)
Hamster Green energy (Specials)

Читать полностью…

NAN BARADHA

OBSA !!

👉Iddoo yaaddu ga'uuf obsa guddaa qabaadhu; hojii kamiyyuu keessatti obsa inni si gaafatu yommuu obsite eessayyuu ni geessa.
Obsi obsaan aannan goromsaa dhuga!

Obsa qabaadhaa!

Читать полностью…

NAN BARADHA

JUNE, 22

Today’s Hamster Kombat Daily Combo 5 million

Specials tab ➡️ TOP 10 Global Ranking
Legal tab ➡️ Anti-money laundering
Legal tab ➡️ Licence Indonesia

🤙Take 5 million

Hamster Today Cipher Code⚡️(22/6/24) 1 million

[FARM]

F ● ● ━ ●
A ● ━
R ● ━ ●
M ━ ━

🤙Take 1 million

If you are not working, do it
/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

🐱Hamster 1m Daily cipher🔺Jun 21

P: •--• (dot dash dash dot)
U: ••- (dot dot dash)
M: -- (dash dash)
P: •--• (dot dash dash dot)


If you are not working, do it
/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hamster Kombat 5 million Daily Combo Today for June 20, 2024:

1. GameFi tokens (Markets)
2. Villa for the DEV team must invite 5 people (Specials)- New card

3. P2P Trading (Markets)

🤙Take Prize 5 million

If you are not working, do it
/channel/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId996967948

Читать полностью…

NAN BARADHA

Yeroon rakkisaan furtuu ciminaati.

✍️Yeroo hojiin kee addaan cite,
✍️Yeroo hariiroo jaalalaa keessatti rakkoon si mudatu,
✍️yeroo wanti adda addaa sitti dhufu,
👉yeroo sanatti akka gaariitti fayyadami, borii kee fooyyessuuf furtuu kee isa guddaadha, of ilaali!

Читать полностью…

NAN BARADHA

ABDII HIN KUTINAA❗
➖➖➖➖➖➖➖➖

Namichi tokko rakkoon xiin-sammuu isa mudatee doktora tokko bira dhaqe. Doktarichattis rakkoo ofii akkana jechuun himate "doktor ani duraan nama gammaachuu qabu ture, amma garuu jireenyi natti hadhaa'ee jira. Qalbiin du'a haawwiti. gara du'aa naan fiigdi. Doktor maaloo na gargaaraa🙏." Jechuu dhaan gaafate. Doktarichis akkana jechuu dhaan "personal advice" ykn gorsa dhuunfaa kenneef. "Anis bara dargaggummaa carraan kee kun na mudatee ture. Garuu miirri kun gaafa na weeraru iddoo tokko dhaqee bashannanuu of barsiise. Iddoon sunis, iddoo namichi tokko uffannaa nama kolfisiisuun qaama isaa uwwisee wantoota nama kolfiisiisaniin nama bohaarsuu dha. iddoo san amma hojii dhaa yoo bahe wojjin deemnee bashananna....." jedhee doktarichi osoo haasaa isaa hin xumurin mucichi yaalamu sun akkana jedheen. "Doktor namichi uffannaa nama kolfisiisu fayyadamee hanga har'aa si bashannansiisaa ture sun anaa bar..........😮😮😮😮😮 doktarichis baay'ee rifate.

Kanaaf maatii koo yeroo tokko tokko nu namaaf gatii hin qabnu jennee yaaduu dandeenna. Biyya bu'aa buusaa hin jirru jennee yaaduu dandeenna. Garuu wonti beekuu qabnu doktarris dhibamaan yoo hin jirree faayidaa hin qabu. Beekaan wollaalaa irraa beekumsa argate.

Walumaa galatti shaamaan ofii gubataa namaaf ifaa taati waan ta'eef. Akka shaamaa sana gubaa dadhabdanii baqxanii abdii hin kutinaa.

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

"Balbala Ati Ofitti Cufte Eenyuyyuu Sirraa hin Banu!"

➱ Jireenya barbaadde jiraachuuf wal'aansoon injifachuu si barbaachisu inni jalqabaa sammuu kee jecha "nan danda'a, humna guutuun qaba" jettee ofii kee moo'achuu danda'uu dha. Humni keessa keetii bahu dhiibbaa gama alaatiin sitti dhufuu malu kamiyyuu injifachuu si dandeessisa. Balbala ati ofitti cufte eenyuyyuu sirraa hin banu. Furtuun isaa harka kee keessa jira.

➘ Haala keessa jirtu jijjiiruu barbaaddaa?
➘ Rakkoo si mudate injifachuu barbaaddaa? Yoos qorichi yookiin falli ati barbaaddu kan biraan akkasumas namni ati eegdu kan biraan tasa hin jiru.
➘ Na amani! Falli yookiin furmaatni isaa siifi si qofa. Ati jechuudha; innumti barreeffama kana dubbisaa jirtu kun suma dha.
➘ Barbaadii of argadhu!

Yeroo Gaarii

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Wanta Darbe Dhiisi!┃Once it's past, Let Go. |
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

༄ Wanta darbe deebisuu hin dandeessu! Tokkicha darbe taanan, dhiisii adeemi! Wanti darbe jiruu fi jireenya kee har'aa akka hin miine eeggannoo godhi! "Wanta darbe hin darbatan" jedha Oromoon. Waan darbe hin haasa'in! Dhiisi! Waa'ee fuuldura kee haasa'i! Waa'ee mul'ata keetii ofirratti dubbadhu! Wanti darbe maaliif dhiibbaa hamaa sirratti uumaa? Maaliif si jeeqa?

❍ Namoonni baay'een mudannoo isaanii darbe sababeeffachuun jireenya jiraachuu danda'an akka jiraachuu hin dandeenyetti, naaf dhumeera jedhanii abdii kutannaa cimaa keessa seenu! Lakki dhiisi! Baga ta'e, "once it is past let go!"

❍ Yeroo baay'ee namoonni mudannoo isaanii darbeen dhiphachuun, akkasumas sammuu isaanii keessatti waan darbe irra deddeebi'anii ofitti hasaasuun, fuuldura isaanitti tarkaanfachuurraa duubatti of gototu! Namoonni akkasii milkaa'inaaf yookiin waan haaraa gochuuf ni rakkatu.

Maal irraa baranna:
➊. Miidhama kaleessaa dagadhu!
➋. Guyyaan dhufu kamiyyuu haaraa dha. Waan haaraa qabatee dhufa. Hojiidhaaf of qopheessi!
➌. Yeroon ati qabdu muraasa. Itti hojjedhu!
➍. Waan gochuu dandeessu of amansiisii hojjedhu! Itti hin gaabbin!
➎. Gaarii godhi! Gaarummaan gara jireenya kee dhufa.
➏. Dogoggora sirreessi! Ariifadhuu dhiifama godhi!
➐. Namoota hundumaa waliin nagaadhan jiraadhu!
➑. Ciminaa fi hanqina kee adda baasii beeki!
➒. Gorsa namoota gurguddoo irraa fudhadhu!

Yeroo Gaarii

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…
Subscribe to a channel