nan_baradha | Unsorted

Telegram-канал nan_baradha - NAN BARADHA

10002

NAN BARADHA!! «Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!» ❏ Barnoota walii galaa ❏ Mul'ata ofii beekuu ❏ Seenaa Namootaa irraa Maal Baranna ❏ Xinsammuu fi Dubbii Hayyootaa Guyyaa Guyyaadhaan channel kanaan dhiyaata!

Subscribe to a channel

NAN BARADHA

Simbirroon muka irra teesse tokko dameen muka sanaa hin caba jettee hin sodaattu, sababni isaas amantiin ishee damee muka sanaa osoo hin taane koochoo isheeti.

Yeroo hundumaa ofitti amani.

Читать полностью…

NAN BARADHA

Everyone is another chance to change your life. Don't run away from your problem and mistake, accept as it is you will definitely find a way to move on...

Читать полностью…

NAN BARADHA

Yoo turtes raawwadhu!💪

Haati tokko ilmi ishee yeroo dheeraaf hin argine akka dhufu yoo itti hime, hanga dhufutti balbala balbala utuu ilaaltu hanga dhufutti hawwii guddaan isa eegdi . Barfatee yoo dhufes waan hunda dagattee jaalala ilma isheef qabduuf jecha guutummaatti itti gammaddi;

✍Umriin koo deemera, yeroo kootti hin hojjenne, ... jennee harka dachaasuun nu hin barbaachisu. guyyaan jijjiiramaaf barfatee hin jiru, gonkumaa gochuu dhiisuu irra barfachuu wayya! Kanaaf waan jijjiiruu qabduuf ammayyuu yeroon jira.

Yeroo gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha ✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

"Beekumsa jechuun kan yoo gaafatamte dubbattu utuu hin taane, kan rakkoo ittiin furuudha"

@Nan_Baradha✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

🐶Dogs $50+ ol naaf kafalee jira .kan itti aanu immoo 📱Cats Airdrop dha yoo hin eegalin ammuma eegala na galateeffattu🙏

Start here 👇👇
t.me/catsgang_bot/join?startapp=WC1BTqYUB0N_dRschFvQP
Meow, 🐈‍⬛

Читать полностью…

NAN BARADHA

THE BEST ADVICE

➡️Save money every week! It doesn't matter how much. Just save!

➡️Live within your means. It's one of the most difficult things to master.

➡️Choose your friends wisely as you are the product of your environment.

➡️Learn to be alone and independent, without being lonely. It's a skill few master.

➡️Educate yourself - read, read, read.

➡️Be healthy & look after your body. Cook & eat your own food, and exercise your body.

➡️Don't wait for someone to love you; learn to love YOURSELF first.

Have a good time
🙂
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

From Nothing to Something


💡 Seenaa Milkaa'inaa: "Howard Schultz"

Hawaard Shuultiiz naannoo hiyyeeyyii itti baayyatu Biruukiliin iddoo jedhamu, New York keessatti iddoo argamtutti dhalatee guddate. Guddinni isaa fedhii jijjiiramaaf kan kakaase yoo ta'u, Starbucks keessatti hojii jalqabuuf fedhii guddaa akka qabaatu isa taasiseera. Dhuma irrattis dhaabbaticha bitee mana bunaa xiqqoo irraa gara mana bunaa addunyaatti jijjiire.

☕Har'a Starbucks maqaa maatii isaatin kan moggaafame yoo ta'u, maqaawwan addunyaa irratti beekamtii guddaa qaban keessaa tokko ta'ee kan guddate yoo ta'u, biyyoota 80 ol keessattii fi bakkeewwan 30,000 ol keessatti mana bunaa qulqullinaa fi meeshalee sadarkaa olaanaa qaban gurguruun beekama.

📊 Maal irraa baranna: Duubni kee egeree kee hin ibsu. Yeroo hunda jireenya kee fooyyessuuf carraa barbaadi!

Milkaa'i🤙
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

🏆Ati kan yaaddu caalaa jabaadha!

Qormaanni si mudatu hundi carraa dandamachuu kee kan mirkaneessuudha.
📌Yaadadhaa, mo’attoonni hin dhalatan – ciminaa fi kutannoodhaan kan uumamanidha.
🤔Mee kana yaadi: Fiigicha Maraatoonii atileetiin fiigu tokko Miilli isaanii utuu gubachaa jiruu, afuurri isaanii ciccitaa osoo jiruu. Garuu harka kennachuu diduun, tarkaanfii tokko tokkoon gara fuulduraatti dhiibu. Sun hafuura mo'ataa dhugaati.✊
🏅Atis humna wal fakkaatu sana of keessaa qabda. Gufuun har'a si mudate maal iyyuu yoo ta'e, humna kana mo'uuf akka qabdu beeki.🏆
❓Of gaafadhu: Yeroo ammaa kana galma keetti dhihaachuuf tarkaanfii xinnoo akkamii fudhachuu dandeessa?

Yeroo Gaarii Qabaadha🙏


@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

TIPS✔️

Akkaataa fi Haalli itti adeemaa jirtu kun dhuma kee hin Ibsu. Wanti boru ta'u kan biroodha. Waa'een kee haa odeeffamu ati garuu isa odeeffamuu miti. isa odeessanis miti . Namoonni Waan si gorsan hunda osoo hin taane waan naaf ta'a jettu fudhadhu!
Isa kaleessa turte irraa jijjiiiramtee ,gara jireenya fooyya'aatti geeddaramtee jirta taanan beekumsa argatte of keessaa baasi namoota biroos barsiisi.

Читать полностью…

NAN BARADHA

➡️Jireenya Moo'achuu Yoo Barbaadde?⏩

1️⃣ Namoota dureeyyii waliin hin taphatin,tapha qofa si waliin taphatu, akkamitti akka hojjettu si hin barsiisan.
2️⃣ Namoota abdii kutatan waliin hin taphatin, fedhii hojii kee hir'isu.
3️⃣ Fira ykn hiriyoota keessan bira deemu hin baay'isin ,manni namaa mana namaa ta'uu beeki.
4️⃣ Komii hojii irrati si muudatu hiriyoota kee ykn namoota wajjin hojjettu kamittuu hin himin.
5️⃣ Namni gad-aantummaan itti dhaga'amu yeroo hunda hojii kee qeeqa , akka si qeequuf bakka hin kenniniif.

Yeroo Gaarii isiniif Hawwina👍❤️

📱 @Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

BARADHU!

✔️Dogoggora kee irraa baradhu,
✔️Karaa kee irraa baradhu,
✔️Injifannoo kee irraa baradhu,
✔️Rakkinoota fi bu'aa bahii jireenya si muudatan irraa baradhu,
✔️Hawaasa fi Naannawa kee irraa baradhu,
📌Daandiin jireenyaa hundi kennaa mataa isaa qaba.
Hundumti keenya Gaafa Gaadamessa haadha keenya keessa baanu waan hunduma isaa hin beeknu yeroodha gara yerootti waa beekutti guddataa dhufneeti malee!

Guyyaa guyyaan waan haaraa barachuuf carraaqqii!

Barnoota Idilee Sadarkaa gad-aanaa irraa hanga Yuunivarsiititti barattan irra kan guyyaa guyyaan jireenya keessan irraa barattanitu caala. Guyyaa guyyaan waan haaraa baradhu!

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Haa Jijjiiramnu!

Eenyummaan nuti kaleessa qabnu seenaa nuti keessa darbineedha. Har'a wanti hundinuu guutumatti jijjiiramee seenaa biraa eegalla.Yeroo tokko tokko itti baruun hanga nutti ulfaatutti, maal qaba akka durii utuu ta'ee, gara duriitti utuu deebi'ee nu jechisiisa. Garuu filannoon biraa hin jiru Yeroo hundumaa kan haaraaf qophaa'uu qabna.
Hanga jijjiiramuu qabnu haa jijjiiramnu!

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti maaltu akka uumamu hin beeknu, waan baay'ee salphaadha jennee tuffanne yeroo bu'a-qabeessa ta'u ykn immoo miidhaa guddaa nutti fidutu jira. Akkasumas kan bu'aa guddaa qaba jennee eegnu yeroo itti gatii dhabutu jira. Kanaaf
"Waan hundumaa irratti of eeggannoo gochuu fi xiyyeeffannoodhaan hojjechuu haa barannu."

Yoo isinitti tole👍❤️

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

DHANGAA JIREENYAA ❤️
➖➖➖➖➖➖➖➖


✔Jireenya kee keessati nama kamiyyuu gad buustee hin ilaalin tarii cimaa ta'uu dandeessa garuu ,yeroon si caalaa jabina akka qabu beekii !
Nama hunduma akkataata mul'ata isaattin hubadhuu kabajii sababni isaa yeroon yeroo fida wan ta'eef.

✔ Jireenya kee keessatti gara itti tarkaafanttu ka'umsaa kee hin dagatin karaa dheera tokko yoo deemtu cal dhisteetuma hin tarkaanfatiin al tokko tokko of duubas ilaali garuu hin dhaabatii.

✔ Barbaadama ta'uudhaf barbaachisummaan kee baramuu qaba.
Maala naan jedhu utuu hin taane maalan jedhe jechuu irratti xiyyeeffadhu.

✔ Caallissuu kee keessatti wantoonnii ati hin dubbannee baay'ee akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.

✔ waan hunduma amanuudhaf hin ariifatin sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.

✔ Namni balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifatee hin banin sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef.

✔ namoonni yeroo si miidhan hammeenyi sittii hin dhaga'amin sababni isaas seera uumama keessatti mukaa firii mi'aawaa ofiirra qabutii dhagaan itti darbatamu ni hedduummaata waan ta'eef .

✔Addunyaa kan irratti karaa milkaa'aina kee irratti dhagaa sitti ni darbatama, garuu dhagaa san irra riqicha ykn gamoo ijaarrachuun filannoo fi ga'ee keeti!

✔ Yoo tulluuti ol bu'uu hin dandeenye lafa diriira arguu hin dandeessu , waan gaarii arguuf obsaan tulluu, rakkoo dhibdee bahuu dirqama.


Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hiyyeessaa fi Dureessaa
"Paradox"


Hiyyeessi yeroo hunda dureesssi qabeenya kan horatu carraadhaan jedhee yaada.

Dureessi immoo hiyyeessi kan hiyyoomeef dadhabaa waan ta’eef jedhee amana.


📌Osoo hiyyeessi gatii dureeyyiin sadarkaa olaanaa irra ga’uuf kaffalan beekee akkasumas osoo dureessi qormaata hiyyeessi keessa jiru beekee, isaan lachuu waa’ee walii yaada gaarii qabaatu. Yoo hiyyeessi milkaa'ina sooressaa hin dinqisiiffatu ta’e, akkuma inni itti yaadu kana osoo salphumatti kan milkaa’an ta’ee, silaa innis hiyyeessa hin ta'u ture.
📌Sooressi immoo hiyyeessi akka guddatu yoo gargaaruu baatellee, yoo xiqqaate nama lubbuun jiraachuuf carraaqqatu haamilee tuquu hin qabu ture.

Waa hundaafuu yoo ofii kee bakka namtichaa buutee ilaalte malee, rakkina inni keessa jiru hubachuu hin dandeessu.


@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

💪Bakka Humna/Anniisaa Kee Itti Qisaasessuu Hin Qabne Torba(7):⤵️

1️⃣ Humna kee namoota si hin deeggarre irratti hin qisaasessin.🔋
2️⃣ Waan namoonni biroo waa'ee kee yaadan irratti humna kee hin qisaasessin.🔋
3️⃣ Humna kee walitti dhufeenya hiriyummaa gama tokkoon qofaa irratti hin qisaasessin.🔋
4️⃣ Humna kee namoota darbee darbee qofa si barbaadan irratti hin qisaasessin.🔋
5️⃣ Humna kee Rakkoo kan kee hin taane irratti hin qisaasessin.🔋
6️⃣ Yaadni kee akka hin hiramneef qofa waan tokko hojjechuu irratti humna kee hin qisaasessin.🔋
7️⃣Nama kee fedhii hin qabne dinqisiifachuuf humna kee hin qisaasessin.🔋

Humnaa fi yeroo hangam akka gatii qabu caalaatti hubadhu.

@Nan_Baradha ✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

Arbaa fi Funyoo 🐘
〰〰〰〰〰〰

✍Seenaa Kun Nama hundumaa Akka kakaasu fi barsiisu abdiin qaba hamma dhumaatti dubbisaa!

🚶‍➡️Namichi tokko kaampii Arboonni keessa jiraatan keessa osoo deemuu, 🦣Arboonni kun kaampii kana keessatti akka hin hidhamne ykn sansalataan 🔗akka hin qabamne hubate. Kaampii keessaa akka hin miliqne kan isaan dhorke funyoo〰 xiqqoo miila isaanii tokkotti hidhame qofa ture.
Namichi Arboota sana osoo ilaaluun, Arbi kun maaliif humna isaaniitti hin fayyadamuu? funyoo kan kutee maaliif buufata keessaa hin miliquu? jedhee of gaafachuun, guutummaatti burjaaja’e.
Silaa salphaatti funyoo kana kutuu danda’u turan, garuu tasumaa kutuuf hin yaalle. Maaliif jechuun gaafii keessa gale🤔.

Deebii isaa beekuu waan barbaadeef, leenjisaa naannoo sana jiru tokko bira deemee maaliif akka Arboonni sun achi qofa dhaabbatanii fi miliquuf yaalanii hin beekanii jedhee gaafate.
Leenjisaan sun akkas jedhee deebiseef, “Yeroo isaan baay’ee xiqqaa 🐘turanitti funyoo gosa walfakkaatu fayyadamnee hidhuun, umurii sanatti immoo isaan qabachuun gahaadha. Yeroo guddatan addaan bahuu akka hin dandeenye amananiiru. ➰Funyoon sun ammallee isaan qabachuu akka danda’u waan amananiif, gonkumaa bilisa ba’uuf hin yaalan.”

🔁Arboonni seenaa kana keessatti argaman akkuma baay’ee keenyaa, waan tokko gochuu Akka hin dandeenye amanuun jireenya keenya keessatti jijjiirama Akka hin fidne kan nu taasisuudha. kanaan dura al tokko waan kufneef qofa, waan tokko hojjechuu hin dandeenyu jedhanii amantaa irratti of fannifnee jireenya keessa darbuu hin qabnu.
Kufaatiin qaama barumsaati; jireenya keessatti qabsoo gonkumaa dhiisuu hin qabnu.

💪Seenaan kun amantii keenya isa daangeffame mormuu fi gufuuwwan hammam iyyuu kan hin mo’amne yoo fakkaate iyyuu mo’uuf humna akka qabnu hubachuu nu yaadachiisa.
Yoo irraa barattan react👍 gochuun miira keessan nuuf ibsaa.

Yeroon gaarii isiniif hawwina🙏

@Nan_Baradha ✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

Reality of Life

Life is the most difficult exam.many people fail because they try to copy others- not realizing that everyone has a different question paper.

@Nan_Baradha ✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

Kufaatiin qaama jireenyaati. Yoo hin kufne hin barattu. Yoo hin baranne yoomiyyuu hin jijjiiramtu.

@Nan_Baradha ✅️

Читать полностью…

NAN BARADHA

⭐️Yeroo tokko tokko jireenya keessatti wanti hundi haala gaariin deema

🔴Yeroo tokko tokko immoo wanta hin beeknetu si mudata.

✅Wanti guddaan rakkoo gara carraatti jijjiiruu beekuudha.

@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

KARAALEE MILKAA'INA JIREENYAA NAMA HUNDAAF❗

🔑Milkaa'inni imala malee bakka gahumsaa miti, hunda keenyaaf dhaqqabamaa dha.

📌Jalqaba irratti, milkaa’inni dhuunfaa siif maal jechuu akka ta’e ibsi; milkaa'inni nama dhuunfaa tokko irraa gara nama birootti garaagarummaa guddaa qabaachuu danda’a.

📌Itti aansuudhaan galmoota ifa ta’anii fi galma ga’uu danda’an kanneen mul’ata milkaa’ina keessanii wajjin walsimu kaa’aa.

📌Itti fufiinsi furtuudha; guyyaa tokko tokkoon galma kee galmaan ga’uuf hojjechuu amala godhadhu.

📌Barachuuf qophaaha ta'i; muuxannoon hundi, gaariis ta’e hamaa, barumsa gatii guddaa qabu kenna.

📌Dhiibbaa gaariin of marsi; milkaa'inni ati qabattu yaada kee irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a.

📌Dandeettii dandamachuu shaakalu; duubatti deebi’iinsi qaama imala sanaa yoo ta’u, injifannoon irra aanuun immoo amala imala sanaati.

📌Madaallii hojii fi jireenya fayya qabeessa ta’e eeguu; milkaa’ina itti fufiinsa qabuuf fayyaa kee kunuunsuun murteessaadha.

📌Yaada barbaaduu fi qeeqa ijaarsaaf banaa ta’uu; guddachuu fi fooyya’uuf si gargaaruu danda’a.

📌Dhumarratti, bu’aa ba’ii kee hammam xiqqaa ta’us milkaa'ina kee kabaji; guddina kee beekuun kaka’umsa guddaadha. kan itti aanufis humna siif ta'a.

📌Milkaaʼinni fiigicha akka hin taane yaadadhu; yeroo keessan fudhadhaa adeemsa keessa itti gammadaa itti fufaa.

👉Qajeeltoowwan kana hordofuudhaan jireenya kee keessatti daandii milkaa’inaaf si geessu uumuu dandeessa.

Waan dubbiftanii fi hubattaniif galatoomaa, hubannoowwan kun imala keessan irratti akka isin kakaasan abdiin qaba.

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

If you want a better life

You have to be willing to pay the “true cost” of a better life

. Late nights
. Waking up early
. Investing money
. Being sore from the gym
. Learning new information
. Leaving behind old friends
. Being turned down & rejected
. Dropping bad habits, Learning new ones

@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

🎉BAGA GAMMANNE🏆

Olompikii Paaris 33ffaa irratti Itoophiyaan meedaaliyaa warqee jalqabaa argatteetti

👉🏼 Waggoota 24 booda Itoophiyaan dorgommii maaraatoonii dhiiraan Olompikii irratti warqee injifatte .Maraatoonii dhiiraa har'aa irratti atileet Taammiraat Tolaa dursee biyya isaaf meedaaliyaa warqee injifate.

Irra Deebiin Baga Gammaddan Baga Gammanne.

Читать полностью…

NAN BARADHA

Hiriyaan dhugaa kan gaafa rakkinaati❗

Namicha tokkotu "namni maaliif gar-malee na jaalata?" "Anoo waansaa hin beeku?" Jedhee jaarsa beekaa tokkotti himata.
Jaarsichis akkas jedhee gaafate.
✔️Iyyitee birmannaa argattee
✔️Hidhamtee namni si gaafatee?
✔️Dhabdee nama irraa waa argattee?

Namichis guyyaa tokko iyyee ,nama Afur qofatu birmateef.
Ammas guyyaa lammaffaa akka nama dhukkubsatee maramee ciisee, nama lama qofatu dhaqee gaafate.
Ahaa jedhee of bare! sana booda jecha Jaarsichaa erga mirkaneeffateen booda, ani nama Jaha qofan qaba jedhee abdii kutate.
Elaamee Obboloota koo Har'a
📌Fayyummaa kee,
📌Maallaqa kee,
📌Beekamtii kee fi
📌Miidhagina kee ilaalee namni waan si marseef fira hedduu waan qabdu sitti fakkaachuu danda'a. Garuu akkas miti namoota 50 si marsanii jiraatan keessa namni dhugaatti si jaallatu fi gaarii siif yaadu namoota 5 hin caalan kanas bari.

Yeroo Gaarii Qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

It’s a new day.

You woke up today, you are infinitely blessed. Try again today, you were granted another opportunity, push yourself. Leave yesterday’s troubles behind, start over today. The only limits and barriers you have, are the ones you placed in your mind release them.

Good Day🙂❤️

Join

Читать полностью…

NAN BARADHA

Filannoon keenya harka keenya jira!
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>


"Jalqaba dadhabinaafi cimina kee adda baasi beeki; sana booda of jaalladhu; dhumarratti, yeroo hunda gara fuulduraatti tarkaanfadhu! Balali'uu yoo barbaadde, waan gadi si harkisu hunda ofirraa hanbisuu qabda," jedha barreessaan Roy T. Bennett.

Addunyaa kana irratti wanti baay'ee nama hawwatu hiree keenya ofii keenyaa murteessuu dandeenya. Uumaan bifa isaatiin nu uumee fedhii bilisaa uumama biraatiif hin kennine nuuf kenne. Filannoon keenya harka keenya jira!

Yeroo Gaarii Qabaadha🙏

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

MORNING AFFIRMATIONS

1. TODAY IS MY DAY.
2. I HAVE AN ABUNDANCE OF ENERGY.
3. I AM FREE OF PAIN.
4.TODAY I WILL CHANGE MY LIFE.
5. I AM STRONG.
6. I AM BEAUTIFUL.
7. I AM LOVED.
8. UNLIMITED ENERGY WILL FIND ME TODAY.
9. TODAY I AM A MAGNET FOR IDEAS.
10. I WILL BE A GIVER OF LOVE TODAY.
11.THE SUNRISE FILLS ME WITH CONFIDENCE.
12. WHATEVER CHALLENGES COME MY WAY, I CAN OVERCOME THEM.
13. TODAY, I WILL LEARN AND GROW.
14. I WILL BE A BETTER PERSON TODAY.
15. I WILL HELP SOMEONE TODAY.
16. I LOVE WHO I SEE IN THE MIRROR.
17. SUCCESS WILL FIND ME TODAY.
18. I AM GRATEFUL FOR ANOTHER DAY TO SHINE.
19. TODAY IS FULL OF POSSIBILITIES.
20. I WILL BE FEARLESS TODAY.

Читать полностью…

NAN BARADHA

Jireenyi Barsiisee Waraqaa Ragaa siif hin kennu, Garuu beekumsa dhugaa siif kenna.
Jireenya kee guyyaa guyyaa irraa baradhu.



@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Ilaalcha Gaarii‼️

📌Jireenya keessatti of jibbiinsi kan eegalu, gaafa nuti Ilaalcha gaarii hin taane ofiif qabaannudha.
🧠Sammuun kee waan ati itti fufiinsaan ofiin jettutti amana.Kanaafuu akka ati nama cimaa taate, ogeessa taate, hawwii guddaa qabdu, sodaa hin qabne, fi waan barbaachisu hunda akka qabdu ofitti himi.

Ilaacha gaarii ofiif qabaadha. 🙏


@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…

NAN BARADHA

Yeroon Maallaqa Caalaa Gatii Qaba!
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖

Yeroo qisaasessuun maallaqa arganna, tasuma yeroo hin argannu.
💰Maallaqa dhuma hin qabne argachuu fi hoogganuun kan danda’amu ta’us, ⏱️Yeroon garuu qabeenya keenya isa dhuma qabu, isa hunda caalaa qaaliidha.
💵Qabeenya addunyaa kanarra jiru hundaan yeroon bitamuu hin danda'u.
Yeroof maallaqa caalaa iddoo guddaa kennuun waan barbaachiseef keessaa – fayyaa, maatii fi fedhii keenya irratti akka xiyyeeffachuu dandeenyu nu taasisa.
⏰ Sa’aatii fi guyyoota kee akkamitti akka dabarsitu adda baasi beeki. Yeroo kee jireenya gaabbii hin qabneef itti fayyadamuuf of-eeggannoon murtoo kenni.
⚖️Isa malee homaa gochuu kan hin dandeenye qarshii argachaa ykn Nama jaallattanii fi fayyaa keessaniif yeroo kennaa. Sa'aatii dabalataaf hojjedhu. Isa Lammaffaa ofuma filadhaa❗

Yoo isinitti tole
#React 👍

@Nan_Baradha
@Nan_Baradha

Читать полностью…
Subscribe to a channel