ogafaanoromoo | Unsorted

Telegram-ะบะฐะฝะฐะป ogafaanoromoo - ๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

7796

Maqaan chaanalichaa โžฑ Soora Og-Barruu Afaan Oromoo ๐ŸŒŸ๐ŸŒŸ๐ŸŒŸ โœAbdulsemed D.โœ (Abu Asim) โญโญ๐ŸŒŸ โœ” available Links โžฑ @OgAfaanOromoo โžฑ @AbuAs9m โžฑ @OgBarruuOromoo_bot

Subscribe to a channel

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Jaarsa Hayyuu"

Jaarsa tokkoto Konkolaataa yaabbachuudhaaf qophaahanii turan. Akkuma konkolaatichi buufata konkolaataa qaqqabeen, manguddoon kun yemmuu seenuuf miila isaanii kan mirgaaย  erga galchanii booda kopheen miila bitaa isaanii mucucaatee lafatti kufe. Namootni hedduun naannawa balbla konkolaatichaa waan turaniif kophee mucucaatee kufe salphatti argachuu waan hin dandeenyeef konkolaatichis sochii imalaa eegale.

Yemmuu kana Manguddoon kun miiraa aarii tokkos osoo hin agarsiisin kophee miila mirgaa irratti hafe sana fooddaa konkolaatichaa sanaan gadi darban. Daraggeessi Raawwii manguddoon kun raawwachaa turan konkolaaticha keessa taa'uun ilaalaa ture dinqisiifachuun akkanaย  jechuun eegale,

"Manguddoo koo kabajamoo wantoota isin raawwachaa turtan jalqaba irraa eegalee ilaalaan ture. Maalif kophee miila keessan irratti hafe sana fooddaadhan gadi darbitan? jedhe seeqachaa gaafate.

Jaarsi hayyuun kunis akkana jedhanii deebisaniif,
"Ilaamee ilma koo, kophee miila koo irraa bu'ee bade sana namni kan itti fayyadamuu danda'u yoo fuggisoon kophee sanaa jiraate qofadha. Namni kophee sana argate faayidaa guutuu kophee koo irraa akka argatuufan foddaadhan darbe jedhanii deebisaniif.

"wanti ati itti fayyadamaa jirtu hundi keetii miti isa fayyadamtee xumurte sana malee"

Halkan Gaarii!!

@nibras_tube
@nibras_tube

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Abidda, Bishaan, Dhugaafi Soba"
ย 
------------------------------------------------

Abidda, Bishaan, Dhugaafi Sobni hiriyyoota turan. Haa ta'u malee sonbni gamtaa kanatti gammachuu waan hin qabneefย  tokkummaa kana diiguufย  akkan jedhe "maaf iddoo ta'e wahii deemnee, hundi keenya bulchiinsa dhuunfaa keenya kophaa kophaatti hin qabaannu" jedhe.

Hunduu yaada kanaan walii galuun utuu deemanuu sobni bishaanitti siquudhaan "abiddi muka, citaafi waan hundumaa kan gubu diina keenya cimaadha. Maaf diina akkanaa wajjiin bobbaana jedheen.

Bishaanis kanaafu maal wayya maal haa goonu? jedheen.

Sobnis "ajjeesuu qabna. Kana kan gochuu danda'u ammoo suma qofa waan ta'eef yemmuu inni taa'u itti dhangala'ii balleessi jedheen.

Bishaanis "yoon ani bishaan kuni lafatti dhangala'e bishaanumatti deebi'uu hin danda'u jedhe.

Sobni "Rakkoon hin jiru. Yeroo dhangalaatu akka hin yaane dhagaadhan si marsa" jedheen.

Yeroo kana shakkii hin qabaanne. Abiddi yemmuu dhufee gadi taa'u, bishaan dhufee itti dhangala'ee Abidda balleesse. Sobnis yemmuu kana bishaan dhakaan marseeย  walitti sassaabudhaan Injifannoo kana booda wal faana imalaa itti fufan. Yeroo xiqqoo booda Sobni bishaanin " Maaf afaan qilee yknย  laga kanarra teessee bareedina uumaa gadi laalaa of hin boharsine? jedheen.

Bishaan yaada kanatti baayyee gammadeeย  Afaan qilee ykn laga taa'u osoo ilaalaa jiru, Sobni suuta jedhee dhagaa bishaan marsee jiru sana jalaa kaasudhaan qilee sanatti akka dhangala'ee badu taasise.

Dhuma irratti Sobni Dhugaa dhabamsiisuun waan irra jiruuf yemmuu gaara isa guddaa bira gahan Sobni dhugaa gaara jala teessise. Erga gaara gubbaa baheen booda dhakaa itti gadi lakkise. Dhakaan gaara gubbaa yemmuu gadi fiigu sagalee uumaa waan tureef dhugaan jalaa uttaallaan, dhakaan gubbaa darbame dhakaatti bu'uun addaan baba'ee warqee fi albuudoonni kan biroos baayyen keessaa gadi dhangala'an.

Sobni yemmuu reeffa dhugaa ilaaluuf dhufu albuudota qaqqaalii kana argee rifatee "kuni hundi eessaa dhufe?" jedhee gaafate.

Dhugaanis "dhakaan narratti kufnaan albuudonni yaa'an" jedhee deebiseef.
Yeroo kana sobni anatu gaara kana jala taa'aaย  ati gaara gubbaa dhakaa natti gadi lakkisi" jedhee dhugaa gaafate.
Dhugaanis yemmuu gaara gubbaa bahee dhakaa guddaa itt gadi lakkisu sobni bakkumatti (battalumatti)ย  buruqee du'e.

Kuni kan agarsiisu dabni inni fedhe jiraate hangam baayyatus, turus dhuma(xumura) irratti kan mo'atu Dhugaa ta'uu isaati.

Waan dubbiftaniif Galatoomaa.
ย ย ย ย ย ย ย  โœ @nibras_tube
ย ย ย ย ย ย ย  โœ @nibras_tube
ย ย ย ย ย ย ย  โœ @nibras_tube

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Sabboontota Dhugaa
~~~~~
ilmi namaa cufti
hangamuu jabaatu
miidhama dhandhamee
Onnee hin qabaatu
takkaa lubbuu ofiif
yookan maatiif yaada
kaayyoo irraanfatee
nagaha barbaada (*2)

~~~
isin lameen garuu
kaayyoo keessan sana
kan itti hidhamtan
dhabdanii boqonnaa
baananis ni yaaddan
dhaabdan galma abdii
kaleessis keessanii
homaa hin qabdan badii
kan dheengaddaa argee
eenyumatu mugaa
hardha isiniif jirraa
sabboontota Dhugaa (*2)

~~~~~~

โœ๏ธ Nibras Tube
ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย  ย (Abu Asim)

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Waantoota Addunyaa kana irra jiran hunda akka yaadaniifii bakka yaadanitti argachuun rakkisaadha. Hardha irraa qoodanii booruuf kaahuun beekuudha. Wanti abdii boruutif kaawatan hardhatti hin dhumu garuu, akkaatuma nuti taaneen nuuf ta'uuf deema.

"Ol Kaayaniif Malee, Olka'aniif hin fuudhan"


โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)



@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Akkam Jirtu Jaalattootafi Maatiin Soora Og-Barruu Afaan Oromoo!

Nuti Jirra Hunda baachaaโค

Hardha Walaloo Addaa takka mata dureen isii " Boru Ni Bariiti" jettu sagaleen waraabee isiniif dhiheessee jira dhageeffadhaa share godhaa!

Barreessaa fi Dhiheessaan
โœ Abdulsemed Dawudโœ
(Abu Asim)


yaada keessaniif๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Amalli fi barmaatileen kalaqama ilma namaa mil'uu takka qofaan waan hubatamuu danda'antu jira.
Hunda caalaa maqaan nuti qabnu nu ibsuuf ragaa baayyee hin barbaachisu.
Fakkeeffamni keenya ibsaa keenya waan irratti nu beekan aadeeffatani ittin nu jaju ykn nu faalu.



"ILKAAN WARAABEESSAA LAFEE IRRATTI SODAATU"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)




@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"FOON LAFA JIRUUF ALLATTIIN MUKA IRRATTI WAL LOLTI"


โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Duuni Biyya Wajjiini Hirriba jette Jaartin"



โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)




@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

namootni tokko tokko dalagaan isaanii cufti si dinqisiisa! Bakka oolan hundatti haasawni isaanii hik dhumu!
waanuma faayidaas hin qabne hafarsaa Oolu!
Oromoonis jara kanaaf kan armaan gadii kana jedheera.

"WAAN ODEESSANIIFI WAAN BOBEESSAN HIN DHABAN"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Hanga Addunyaa tana irra jirtu Toltuu dalaguun ofumaafi. Nama birattis tahe Rabbi biratti nama jaalachiisa. Kanaafuu
"WAANUMA FACAASAN HAAMATAN"
jedhee gorsee biraa deemee jedhama.


NB : Asoosamichi kalaqa sammuu kooti.
-> Maqaan Biyyaafi Magaalotaa akkasumas Moggaasni Ayyaanaas kanuma kooti malee maqaafi biyyi akkasii hinjiru.
-> Akkaataa Baruumsa irraa argachuu danddeenyu fooyyeessuuf haala kanaan dhiheesse.




โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


ยฉ Copyright
18-01-2021
11:00am

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Farda Kophaa fiiguufi Nama Kophaa Himatu hin Amanin"

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Hamattuu Arrabni Lama"

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

โค๐Ÿ’šโค SAB-LAMMII๐Ÿšซ๐Ÿšซ๐Ÿšซ

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)

Uumama ilma Namaa
Kan filmaata hinqabne
Kennaan hiree Rabbii
Ofiif hin qoodamne
Mararfata sobaan
Aduwwiin marfamtee
Qabeenya kee hunda
Guyyumaan saamamtee
---------------------
Komii kee himachuuf
Jaarsa bira deemtus
Daboo walitti qabdee
Jabessitee iyyitus
Dhageettiin kee laafaa
Fudhatama hin qabdu
Kan siif gaddu hinjiru
Hunduu sitti aadu
----------------------
Sabaa miti jechuuf
Afaan kee dubbata
Nyaata kees hin ceemmu
Aadaa kees uffata
Afaan miโ€™eeffatee
Afaanin si sobaa
Dhugaa isa wallalyus
Sobni isaa saba
----------------------
Xiqeeffata Aduwwii
Sammuu si hadooche
Ufuu sitti taโ€™a
Guddinaa si oolchee
Afaan keen haasawaa
Nama kee hin fedhu
Faayidaa isaaf jecha
Kan duubaan si miidhu
----------------------
Waamicha sobaa kee
Eenumaan dhokatus
Lammiin dhugaaf sobaa
Ni baha fagaatus
Yoo jabina sabaaf
Ciniine dhaabbate
Saba Lammii taha
Dhugaadhan jiraate
--------------------
Yoo sobaaf birmatee
saba isaa ganee
Kun Sab-Lammii taha
Sabaaf iddoo hin laanne
Ormaan jaalatamanii
sabaan jibbamuurra
Wareegamuu wayya
jiruun bitamuurra!!

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


15-01-2021
10:00am

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

โคโคโคAmma Akka Lakkoofsa Oromootti 2021 tahee jira Habashaa ammas dursine galanni kan Rabbiitiโคโคโคโค

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Barreessaa fi qopheessaan

AbdulsemedDawud โœ
(Abu Asim)


@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

แ‰ณแ‹ตแ‹ซ แˆˆแˆแŠ• แ‰ตแŒจแŠแ‰ƒแˆˆแˆ…?ย 

ย ย  แŠแ‰ฑ แˆ‹แ‹ญ แˆ€แ‹˜แŠ•แŠ“ แŒญแŠ•แ‰€แ‰ตแŠ• แ‰ แ‰ฐแˆธแŠจแˆ˜ แˆฐแ‹ แŠ แŒ แŒˆแ‰ฅ แŠขแˆ›แˆ แŠขแ‰ฅแˆซแˆ‚แˆ แŠขแ‰ฅแŠ‘แˆ แŠ แ‹ตแˆ€แˆ แŠฅแ‹ซแˆˆแ‰ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แŠ แˆ‰แ‰ต ..
" แŠ แŠ•แ‰ฐ แˆฐแ‹ แˆถแˆตแ‰ต แŒฅแ‹ซแ‰„แ‹Žแ‰ฝแŠ• แŒ แ‹ญแ‰…แŠธแˆˆแ‹ แˆ˜แˆแˆตแˆแŠ! " แข

" แŠฅแˆบ! " แŠ แˆˆ แˆฐแ‹แ‹ฌแ‹แˆ แข

" แ‰ แ‹šแˆ… แแŒฅแˆจแ‰ฐแ‹“แˆˆแˆ แ‹แˆตแŒฅ แŠ แˆ‹แˆ… แˆ›แ‹ญแˆแˆแŒˆแ‹ แŠแŒˆแˆญ แ‹ญแŠจแˆฐแ‰ณแˆแŠ•? "

" แ‰ แŒญแˆซแˆฝ!ย  แŠ แ‹ญแŠจแˆฐแ‰ฐแˆ! " แŠ แˆ‹แ‰ธแ‹ แข

" แŠ แˆ‹แˆ… แŠจแ‹ˆแˆฐแŠแˆแˆ… แˆญแ‹แ‰… แˆšแ‰€แŠ•แˆฐแ‹ แˆ€แ‹ญแˆ แŠ แˆˆแŠ•? "

" แ‰ แŒญแˆซแˆฝ แ‹จแˆˆแˆ! " แŠ แˆˆ แข

"ย  แŠ แˆ‹แˆ… แŠฅแŠ•แ‹ตแ‰ตแŠ–แˆญ แŠจแˆแ‰€แ‹ฐแˆแˆ… แ‹•แ‹ตแˆœ แˆ‹แ‹ญ แˆšแ‰€แŠ•แˆตแ‰ฅแˆ… แŠ แŠ•แ‹ณแ‰ฝ แŠแŒˆแˆญ แŠ แˆˆแŠ•? "

" แŠงแˆจ แ‰ แŒญแˆซแˆฝ แ‹จแˆˆแˆ! " แŠ แˆˆ แข

" แ‰ณแ‹ตแ‹ซ แ‹ญแˆ„ แˆแˆ‰ แˆแ‹˜แŠ•แŠ“ แŒญแŠ•แ‰€แ‰ต แˆแŠแ‹! "ย  แŠ แˆ‰แ‰ตแข

@nibras_tube
@nibras_tube

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Abdiin qaba"

โœ Abu Asim โœ
ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย 
golgolaawun kaleef
ulfaatinni hardhaa
dukkanaawuu isaatif
uumateera hadhaa
madaan inni durii
Onnee koorra jiru
atis hubatteertaa
ni beekta yaa tiruu
~~

halkan inni dheeraa
tilmaamni ulfaatu
dubbiinis badeeraa
kan akkaan jabaatu
bariisaan kaloofnaan
duruu dukkanaayaa
firiin bilchuu duraa
Inuma hadhaayaa
~
hardhaaf gurraachawus
mo'achuuย  dhagahee
ifni aduu lixnaan
hin bariine sehee
qorichi dukkanaa
ifaa bariisaati
Abdiin qaba Yoomuu
dhiitus ni bariiti ๐ŸŒ…๐ŸŒ…
~~~
ย ย ย ย ย ย ย  โœ Abu Asim โœ
ย ย ย ย ย ย ย ย ย  @nibras_tube

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Qisaasa Moo Siyaasaa"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


Yeroo bara durii
Sirni Gadaa Guute
Yeroo mirgi kabajamu
yeroo hundi nuuf taate
Seeraaf heera Abbaa Gadaa
kan sirnaan kabajame
hundi ni ajajamaa
kan didetu dhabame (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Sirna keenya awwaaluuf
Goota keenya ukkaamsaa
mirga namummaa hubuun
Qisaasa moo Siyaasaa?
seera ofii isaaniif uuman
ofii isaaniif cabsaa
tolcha sobaan guutame
bulchiinsa gaariin moggaasaa (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
tokko ida'uu tokkoo
Sadii moo afur laataa
lama tahuu hubannee
sanaa oliin dubbattaa
kan nu jaalanne jibbaa
Kan jibbine jaalattaa
tokko sadiifii afur
mee maalin wal fakkaataa? (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
ilmoo ishee badee buluuf
haati agabuu bulaa
takkaan yoom adda bahee
dhugaan duruu bubbulaa
Ni turti malee hin haftu
injifannoon ummataa
hidhaaf ajeechaan sabaa
yoomu hin ta'u furmaataa (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
ati qaaman hidhamtee
Yaa Goota saba baldhaa
yool lakkoofnee xumurraa
kan sammuun isaa hidhaa
dhugaa jiru dubbachuuf
arrabni isaa wal xaxaa
anjaba sabaa uumaa
saba qulqulluu fixaa (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~
Xaafii facaasuuf jecha
asheeta baaqelaa ciruun
dhugaa sobaan marfame
daaraa daakuun jijjiiruun
Inuma hin taaneef malee
cirriin cooma barbaaddi
hin taanee hubachuu isheef
dhiiguma xuuxxee fiigdi (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~
Gaafii takkan qaba anii
naar hin galle maal waansaa
Yoo Rabbiin naaf aanj'e
waan qabu isaaf badhaasaa
dhugaa dharaan jijjiiruun
Tola hammeenyaan hiikun
Qisaasa moo Siyaasaa? (*2)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)



01-02-2021
12:00 am

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Bareedina Uumaa Rabbiin Oromiyaa badhaase keessaa, Paarkii Biyyooleessa Baalee Haara Garba Gurraachaa โคโคโค

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Nuti hundu hanguma nuuf barraayefi waanuma Rabbiin nuuf heeyyame qofa qooda fudhachuuf teenya. Hammam akka ta'eefi mal akka ta'e beekkumsi sammuu nuti qabnuu Oli. Kana hunda garuu kan argachuu dandeenyu yoo obsine qofadha. Kan nuuf barreeffame keenyuma eenyumtuu fudhachuu hin danda'u. Obsa haa qabaannu taa'etuma nu eeggata.

"WAAN RABBIIN QOCAAF KAA'EE ILLEETTIIN HIN FUDHATTU"


โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)




@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Namootni tokko tokko waan dhiisuu qaban moggaatti dhiisani waan barbaachisummaan isaa faayida tokko ille kan hin qabne ammoo afoollaa wajjiin tahu. Wanti dhiifamuu hin qabne hundi hundee jiruu keenyaati!

"Yoo ala dhiisan mana seenan yoo mana dhiisan eessa seenan?"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)



@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Suphee Dhooftuun fayyaa gurgurtee
Cabaatti nyaatti"




โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)



@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Jiruun Addunyaa Tanaa baayyee gabaabduufi gaddas gammachus kan makatteedha. Namni kamuu hangam akka jiraatuufi yoom akka du'u hin beeku Rabbii samiif dachii Uume male.
Yeroo Lubbuun jiranitti waan nama gammachiisu dalaguun Ofuma keenyaaf nu fayyada. Wanti dalagnu hundi waan lamaan nu madaala.
1ffaa Seenaan galatoomfamuu. Waangaarii dalagdee dabarraan dhaloonni dhufu si galateeffata. Seenaanis barraahee siif taa'a.

2ffaa Seenaan si gaafata. Jiruu gabaabduu tanaaf jecha yoo ati faayidaa dhuunfaa keetif jettee Seenaa kee balleessite Waan ati dalagde hundaanu ati dhaloota kamuu keessatti itti gaafatamummaa jalaa bahuu hin danddeessu.

"QOONQOON DARBU, MAQAA HIN DABARRE NAMA IRRA KAA'A"


โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

"Waan Namaa Kaballaa Malee Hin quufan"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)


@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

" WAANUMA FACAASAN HAAMATAN"

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)
Biyya maqaan Helkovaa jedhemtu keessatti namootni jiraatan haalli jiruu isaanii hedduu walfakkaataadha. Keessumaayyuu namoota Ganda baadiyyaa Hinpar keessa jiraatan haala jiruufii jireenya isaanii addaan fooyuun baayyee nama dhiba. Afaan fi aadaa tokko waan calaqqisiisaniif dabalataan inni kunis walfakkeenya isaanii cimsa.

Harki caalaan namoota ganda kana keessa jiraatuu qonnaa fi horsiisa beeyladaatin baayyee beekkamoodha. Ganduma kana keessatti Namoota lama maatii isaanii faana walcinaa jiraataa jirantu turan. Lamaan isaanitu horii horsiisu. Keessumaayyuu Sangoota furdisuuf jecha waan qaban hunda isa irratti fixu.

Namtichi gara baha Aduutin jiru Sangoonni isaa baayyee furdhachuu eegalan. Furdina qaamaa qofa osoo hin taane bifti isaajiis baayyee hawwataa ta'aa deeme. Akkasuma namtichi gara dhiha aduutin jirus Sangoonni isaa jijjiirama guddaa agarsiisaa dhufan. Haa taโ€™u malee jijjiiramni fi furdinni sangoota isaa hanaga Namticha ollaa isaa sanaa miti.

Namtichi gara dhiha aduutin jiruu gaafa tokko osomaa adeemaa jiru namoota waa'ee sangoota namticha gara baha Aduutin jiruu sana osoo haasawaa jiran dhageeffachaa bira darbe. Furdisiisa Sangoota isaa baayyee dinqisifachaafi tilmaama mallaqa isaas haasawaa turan. Baayyee aaruu eegale. Keessa isaatti kiyya akkamitti kan isaa gadii tahe jedhee ofitti aaree.

Dhimma isaa erga geeffatee booda mana isaatti deebi'e. Haadha manaa isaa faana waayee kana itti hime. Isheenis duruma irraa kaase waanyoo garaa keessaa waan qabduuf baayyee dallantte. Osoma mari'achaa jiranuu waan tokko irratti walii galan. Maqaa balleessuuf cimsanii waliif galan. Akkuma walii galtee isaaniitin haati manaa isaa bakka Shanggoon haawwootaa jirutti maqaa fi sangoota Ollaa isaanii xureessuu eegalte.

Abbaan manaa ishees gabaa keessa deemaa Sangoota namticha Ollaa isaa maqaa balleessuuf waan hedduu haasawuu eegale. Hunda caalaa namtichi horii isaa kan Gabbisaa jiru qoricha mana Raagatii fudhateen akka tq'e yemmuu haasawu namni sana dhagahe hundi haasawicha xiiqeeffatee erga dhageeffatee booda, namootni lamaa wal qabatanii bira deemanii gaafatan. Waanicha erga qalbeeffatee dhageeffatee booda dhiisaa dhugaa jiru Rabbiin tokkichi ni argaa jedhee geggeesse.

Namootni lamaan kuni Obsaa fi cimina sammuu isaa baayyee ajaa'ibsiifatan. Keessumaayuu irkannaa inni Rabbii Oltahe irratti qabu baayyee dinqisiifachaa biraa deeman.
Ji'oota lama booda Ayyaanni "Eytagii" jeedhamu kan biyya helkovan keessatti hedduumminaan kabajamu gahe. Namootni Lamaanuu Sangoota isaanii gabaa baasanii gurguruuf asiif achi jechuu eegalan.
Sangootni namticha Gara Baha Aduutiin jiruu walakkaa guyyaatti gurguramanii dhuman. Kan isa kaanii garuu osoo hin gurguramin waan galgalaayef gara mana isaa oofee galche.

Gabaa lammaffaa oofee deemus Sangoota isaa namni dhufee ilaalus dhabame. Dhuma irratti waan tokko yaadate. Daba namticha sana irratti dalagetu cubbuu natti ta'e jedhee yaaddoo keessa seenus hardhas osoo hin gurgurin gara mana isaa gale. Waan tahaa jiru kana Haadha manaa isaaf qoode. Lamaan isaanitu namticha dhiifama gaafachuuf waliigaltee uumanii gara mana isaa dhaqan.

Erga seenanii booda haala ta'aa jiru sana erga ibsaniif booda garaa isaanii keessaa waanyoon akka itti taphate ibsanii gaabbu isaanii himaniif. Namtichis fayyaaleessaafi namatti hamtuu kan hin yaadne ta'uun offiif akka fayyadu sirritti himeef. Isaaniis dhugaa dubbii isaa erga fudhatanii booda, dhiifama gaafachuuf jilba isaa irratti kufan. Innis olkaasee dhiifama akka godheef erga himeefii booda guyyaa itti aanuu waliin gabaa adeemuuf waadaa seenef.

Guyyaan gabaa Ayyaanicha dhumaa hardha waan taโ€™eef Olloonni lamaanuu Wal faana Sangoota namticha hin gurguramneefii sana qabatanii bahan. Erga gabaa seenanii booda namtichi dura gurgurate sun anatu siif gurguraa ati taa'ii mallaqa funaani jedheenii teessise. Osoo hin turin sangoota hundaa gurguree fixee mallaqa namtichaaf kennee akkana jedheen.

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

" Gaafa akkaataa nama tokko tokkoo ilaaltuufi haala raawwii ilmaan namaa agartu akkana si jechisiisa.
" Gaafa akkaataa nama tokko tokkoo ilaaltuufi haala raawwii ilmaan namaa agartu akkana si jechisiisa.
" Gaafa akkaataa nama tokko tokkoo ilaaltuufi haala raawwii ilmaan namaa agartu akkana si jechisiisa.

''DUGDA HIN DHUNGATAN,
HUNDA HIN DUBBATAN''


Wayiifan Jedhe jajjabee!

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Warra Goowwaa Sareen Torba!

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Akkam jirtu Hordoftoonni Soora Og-Barryu Afaan Oromoo!
Bakka jirtan Hundatti Nageenyi Rabbii Samiif Dachii uumee isin irra haa jiraatu๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™


Hardha Walalaoo takka ammaaf isin affeera.!
Galgala ammoo Asoosamicha Kutaa itti aa'anu isiniif qopheessa.

Na faana turuu keessaaniif galatoomaa!!

โœAbdulsemed Dawud.โœ
(Abu Asim)

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

Mee walalichaaf maaltu isinitti dhagahame??

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…

๐’๐จ๐จ๐ซ๐š ๐Ž๐ -๐๐š๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

๐Ÿ’”๐Ÿ’”JAALALA BARFATE๐Ÿ’”๐Ÿ’”

KUTAA 16FFAA

โœAbdulsemed Dawudโœ
(Abu Asim)

Xiyyitiin namicha rukutte sun harka isaa keessan bahuu ishee poolisoonni hunduu arganiiru. Obboo Ibsaanis "ahh Ahhh jechaa iyyaa kufan. Poolisoonni martuu baayyee rifatanii waan turaniif fiigaa gara Abbaa Leelliseetti siqanii ol qaban.
"Ani nagaan Jira homaa hin taane" tasgabbaaโ€™aa jedhe Obboo Ibsaan.
Inispeektarichis "Rasaasni waan isin bira geette seenee turree gata waaqaa wanti hunduu gaaridha jedhe. Haati Leellisee akkuma duraa taa'anii jiranitti hollachuu eegalan kufaatii abbaa warraa isaanii faana yeroo tokko sagalee olkaasuudhaan iyyanii turan. Poolisoota achiti argaman keessaa inni tokko itti siqee "Mother isinis nagaadhumaami? jedhee gaafate.
"Ani nagaadha Abbaan Leelluu tiyyaa akkam ta'an jettee gaafatte.
Isaanis naguma jedhee deebiseef.

Namoota Hannaaf baajaajii fayyadamanii isaan burjaajjeessan sana kaateenaadhaan erga hidhanii booda Abbaa fi Haadha Leellisees konkolaataa biraan fe'anii gara Waajjira Poolisii Kutaa magaala Booleetti imalanii erga seenanii booda namoota sadan yakka dalagan gara kutaa qorannootti galchuun isaan ammoo gara biiroo Inispeektarichaatti seenanii taa'an.
Leelliseen ammas Hoo'i ishee hin hirdhanne.
Hargansuun ishees badaa deemaa jira.
Sistaroonni ishee kunuunsaa turan irra deebi'uun Doktaricha waamanii yaalii dabalataaf akka gargaaran gaafatan.

Inispeektarichi erga tasgabbeessee teessisee booda gaaffii tokko tokko gaafachuuf yaadannoo isaa baasee
"tasgabbooftanii... jedhee gaafate.
"eeyywni inispektar amma gara intala keenyaa akka deemnu nuuf heeyyamaa maal irra akka jirtu quba hin qabnu gara Hospitaalaa deemuu qabna jedhee Abbaan Leellisee osoo deebisaa jiru,
Haati Leellisee "Yaa Rabbii Samiif dachii Uumte intala koo adaraa atumti naaf eegi namni eeguu hin dandda'u jette mararfachuu eegalte. Inispeektarichi maaltu akka uumame waan hin beekneef isaan tasgabbeessaa gaafate. Isaanis waan ilmoo ishee irratti uumame hunda itti himan. Baayye gaddee gadda isaa erga ibseef booda wanti hunduu fedha Rabbiitin qofa akka ta'uu itti himaa tasgabbeessuuf yaale.

Inispeektarichi Namoota yakka kana dalagan qorannaaf akkuma seenanii wal duraa duubaan osoo qorataa jiranuu yakka dalagaan Lammaffaan as duras haaluma kanaan yakka dalagee waan tureef galmee yakkaa irra maqaan isaa waan jiruuf xiinxxalliin akka qorataman erga ajajee booda Abbaa fi haadha Leelliisee hanga Hospitaalaa gagheessuuf konkolaachisaa waamee seenanii imala isaanii eegalan. Akkuma Hospitaalicha qaqqabaniin iddoo Leelliseen itti yaalamaa turte gaafatanii Inispeektaricha faana olseenan.
Kutaa yaalii tasaa erga seenanii booda Leellisee gaafachuu eegalan.
Leeliseen garuu kutaa sana keessa hin jirtu
Abbaan Leellisee fi Haati Leellisee iyyaan Hospitaalicha jeeqan. Inispeektarichi isaan lamaanuu tasgabbeessuuf yaalus hin milkoofne Haati Leellisee kufanii...


Itti fufaa ....

โœAbdulsemed Dawudโœ
(Abu Asim)

@OgAfaanOromoo
@AbuAs9m
@OgBarruuOromoo_bot

ะงะธั‚ะฐั‚ัŒ ะฟะพะปะฝะพัั‚ัŒัŽ…
Subscribe to a channel