Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa ibiddaan barbadeessuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Yakkoota gara jabinaa fi suukkanneessoo ta'an garaa garaa uummata Oromoo irratti raawwachuu hojii idilee isaanii kan taasifatan ergamtoonni maafiyaan PP goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkanii hidhuu, ajjeesuu, saamuu, qe'ee fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessuu cimsanii itti fufanii kan jiran ta'uun ni beekama.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qawoo iddoo addaa Qawoo jedhamu irraa Sadaasa 19,2024 waraanni maafiyaan impaayerattii namoota maqaan isaanii:
- Indaganaa Gammachuu,
- Kabbabaa Kabbee,
- Xiiqii Agidoo fi
- Kabaa Agidoo kanneen jedhaman jalaa oomisha isaan walitti qabatan tuullaa xaafiitti ibidda shiduun barbadeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo sobaan yakkuun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun oomisha isaanii jalaa barbadeessuun beelaaf saaxilanii jiraachuu dubbatu.
ONM-ABO Sadaasa 24-2024 Haala Uummatni Oromoo Salaalee keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በሀርጡማ ፉርሴ ወረዳ የአገዛዙ ወታደሮች በሰላማዊ ዜጎች ላይ እያደረሱት ያለው እስር እና ድብደባ ተጠናክሮ ቀጥሏል።
ህዳር 24፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኢትዮጵያ አምባገነን መንግስት እረኞች ኮሎኔል አብይ አህመድ ንፁሀንን በማሰር፣በመግደል፣በዝርፊያ፣በቤት በማቃጠልና በማስፈራራት እየወሰዱት ያለው የወንጀል ተግባራቸውን አጠናክረው ቀጥለዋል።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በሀርጡማ ፉርሴ ወረዳ ጨቆርሳ ፉንኛን ሱሌ በሚባልበት መንደር ውስጥ ህዳር 14 ፥ 2024 ዓ.ም 6 ንፁሀን በቁጥጥር ስር መዋላችው ተገለፀ። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
አህመድ አደም
ሙሴ አሊ፣
አህመድ ሁሴን
ሀሰን አሊ፣
ሀሰን ኢብራሂም እና
ኡሱማን አሊ ከፍተኛ ድብደባ ደርሶባችው በጨፋ ሮቢት ከተማ እስር ቤት ተወርውሮዋል።
የመንደሩ ነዋሪዎች እንደተናገሩት በብልፅግና ቡድን ተላላኪዎች ከመኖሪያ ቤታቸውና ከእርሻ ቦታቸው የተደበደቡት አርሶ አደሮች ናቸው። እንዚህ ንፁሀን ስራቸውን የሚሰሩት እራሳቸውን እና ቤተሰባቸውን ለማስተዳደር እንጂ ምንም አይነት ፖለቲካ የማይከተሉ መሆናችውን ነዋሪዎች ገልፆዋል።
የፋሺስቱ ፒ.ፒ.ጦር ማህበረሰቡን መውጫና መግቢያ በማሳጣት እያሰቃየ መሆናችውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
በኢሉ አባ ቦራ ዞን በቡሬ ወረዳ በመዓድን ስም የብልፅግና መንግስት ህብረተሰቡን ከቄ ንብረቱ እያፈናቀለ ይገኛል።
ህዳር 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በኦሮሞ ስቃይ የሚኖረው የአብይ አህመድ አምባገነን መንግስት ኦሮሞን ለማጥፋት እንደወሰነ በተግባር እያሳየ ይገኛል።
በዚሁ መሰረት በኢሉአባ ቦራ ዞን ቡሬ ወረዳ ከዚህ ቀደም እየደረሰ ያለው ዝርፊያ መቀጠሉንና በርካታ አርሶ አደሮችን የወርቅ ማምረቻ ቦታ ነው በማለት ከቀያቸው ማፈናቀላችውን ምንጮቻችን አረጋግጠዋል።
ህዳር 20 ቀን 2024 ዓ.ም መሬታቸውን ያለ ምንም ካሳ የተወሰደባቸውን 11 ሰዎች በቁጥጥር ስር ማዋላቸውን እና አሁንም እያሰቃይዋችው መሆኑን ገልጸዋል።
የአብይ አህመድ ፋሽስታዊ አገዛዝ በመላው ኦሮሚያ ህብረተሰቡን ለድህነት እየዳረገ ይገኛል ከነዚህ ከታሰሩት ሰዎች በተጨማሪ በዚህ መንደር ብቻ ከ200 በላይ አባ ወራዎች መፈናቀላቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በምስራቅ አርሲ ዞን በሙኔሳ ወረዳ በሰላማዊ ሰዎች ላይ እስር፣ ዘረፋ፣ድብደባ፣ንብረት መዝረፍ እና ግድያ እንደቀጠለ ነው።
ህዳር 24፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ፋሽስታዊው የብልፅግና ቡድን አገራዊ ችግሮችን በሰላማዊ መንገድ እና የህዝብን ጥቅም ከማስከበር ይልቅ ወታደራዊ ሃይል በማሰማራት ሰላማዊ ማህበረሰብን እያዋከበ ነው።
የሙኔሳ ወረዳ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት የአገዛዙ አምባገነን መንግስት በየወረዳው በሚገኙ መንደሮች ከመጠን ያለፈ ሃይል በማሰማራቱ ህብረተሰቡን እየዘረፈ፣ እያሰረ፣ ተኩሶ ከመኖሪያ ቤታቸው እያፈናቀሉ ነው።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ከጉጂቻ መንደር አቶ ፈቶ ዋዩ እና ታሺቴ ሃሪሲሶ እና አቶ ሁሴን ሮባ ከቆማ ኦቻ መንደር ልጃችሁ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ውስጥ ነው ያለው ወደቤት አስገቡት ያለበለዚያ እንገድላችኋለን በማለት ሌት ተቀን ከፍተኛ ድብደባ ተፈጽሞባቸው በእስር ላይ ይገኛሉ።
ማንነቱ ያልታወቀ የከብት ነጋዴም ከብቶችን እየነዳ እያለ መንገድ ላይ በጥይት ተመትቶ መሞቱን ነዋሪዎች ተናግረዋል።
በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊዎች ናችሁ በሚል እና በልጆቻቸው ስም የበርካታ ሰዎችን ቤት ሰብረው ባዶ እጃቸውን እንዳስቀሩም አክለዋል።
በምዕራብ ወለጋ ዞን በደበሶ ወረዳ የፒፒ ታጣቂዎች ሲቪሎችን መግደላቸውን ነዋሪዎች ዘግቦዋል።
ህዳር 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በሰላማዊ ዜጎች ኃጢያትና ደም የተገነባው የኢትዮጵያ ኢምፓየር አሁንም የኦሮሞን ህዝብ ለህይወት መስዋዕትነት እና ለንብረት ውድመት ግዛቱን እንገዛለን በሚሉ አምባገነን ቡድኖች ኢሰባዊ ድርጊቶች እየተፈፀመ ነው።
ህዳር 17፣ 2024 ዓ.ም የኮሎኔል አብይ አህመድ ታጣቂዎች የራሳቸውን ንግድ ሲመሩ የነበሩ ሶስት ሰላማዊ ዜጎችን በቁጥጥር ስር አውለው ማሰቃየታቸውን ነዋሪዎች ገለጹ።
ህዳር 18 ቀን 2024 ዓ.ም እነዚህን ሰዎች ካሰቃዩ በኋላ ታሪኩ አሰፋ የተባለውን የሁለት ልጆች አባት በጥይት ሲገድሉ ፥ ሽጉጥ ተመስጌን እና ማሰራ ተካ የተባሉትን በአሳዛኝ ሁኔታ በሳንጃ በመወጋጋት ገድለው መጣላቸሁን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
እነዚህ ሰዎች የተገደሉት ወንጀለኛ በመሆናቸው ሳይሆን ኦሮሞ በመሆናቸው ብቻ አሰቃቂ በሆነ መንገድ ነው ሲሉም አክለዋል።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ዘንድሮ ኦሮሞ በመሆናቸው ብቻ እየተገደሉ ንብረታቸውም እየወደመ መሆኑን ተናግሮዋል።
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Galgala ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Tarkaanfii Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Sababa Networkf bubbulee dhufe
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Irree fi Gaachanni Uummata Oromoo WBO Zoonii Kibbaa Cibraan Baddaa Daraar godina Booranaa Aanaa Taltallee ganda Hoboq Bidiruu bakka addaa Aanolee jedhamutti tarkaanfii gaafa Sadaasa 19/2024 mooraa diinaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis loltoota waraana faashistii PP 27 ajjeesuun 13 madeesseera.
Qawwee AKM 21, SKS 1, gumbii 12 jorooroo 1 fi hidhannoo 1 galii moonaa qabsoof taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti ajjeechaan yoo geggeeffamu Aanaa Begiitti ammoo qabeenyi jiraattotaa saamame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Qabsoo Bilisummaa Oromoo falmaa karaa nagaa bira darbee, falmaa hidhannootiin finiinaa jiru dhabamsiisuuf murni Bilxiginnaa humnoota waraanaa kumaatamaan leenjisee hawaasa nagaatti bobbaasaa jiruun namoonni hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda hin fudhanne ajjeefamuun cimee itti fufeera.
Sabni keenya waanjoo garboomfattootaa of irraa kaasuuf, qabsoon bilisummaa karaa hidhannoo ta’uu akka qabu tolchee hubatee jiraachuun mataa bowwuu kan itti ta'e Bilxiginnaan, ajjeesanii amansiisuu tarsiimoo jedhu baafachuun guutuu Oromiyaatti ajjeechaa jabeessuun Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaatti jiraattota nagaa lama yakka tokko malee ajjeesanii gatuun ibsameera.
Aanaa Qondaalaa ganda Biiftuu Sechii keessaa abbaa ilmaan 4 kan ta'e Obbo Daawwit Lammeessaa Sadaasa 21,2024 ganama sa'a 4:00 keessa yakka tokko malee ajjeesanii gatuun himameera. Aanaadhuma Qondaalaa ganda Zeebee keessaa ammooTawwakkal Nagarii nama jedhamu guyyuma kana toora sa'a 5:00'tti ajjeesuun ifoomeera.
Kana malees aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatii Obbo Yaasin nama jedhamu hidhata WBO qabda jechuun mana isaa jalaa yoo guban, Obbo Bokkojjoo nama jedhamu jalaa ammoo dukkaana gubanii barbadeessuun ibsameera.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Begiitti Sadaasa 22,2024 ganda Lophii keessaa Obbo Bushuraa Roorroo jalaa loon 3, Obbo Duulaa jalaa loon 6 saamuun, mana yaalaa dhuunfaa gandicha keessaa kan ogeessa fayyaa maqaan isaa Beekumaa jedhamuu qabeenya isaa hunda jalaa fudhachuun barameera.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti uummanni guyyaa irraa gara guyyaatti mana hidhaatti guuramuun jabaate jedhu jiraattonni
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Mootummaa tokko jalqaba mootummaa kan isa jechisiisu daangaa biyyaa fi nagaa lammiilee eeguun diina alaa fi keessaan uummaticha weeraru kamuu balaa irraa ittisuu yoo ta’u, garuu kan impaayera Itiyoophiyaa faallaa kanaa nageenya hawaasaa loltoota isaan booressaa boodarra ammoo maqaa seera cabsitan jedhuun namoota nagaa mana hidhaatti guuruu yoo ta'u, gocha badii isaa kana yeroo ammaa Oromiyaa keessatti jabeessee jira.
Qaama finxaaleessaa Amaaraa hidhatee uummata lubbuu fi qabeenyaa jalaa mancaasaa jiruuf gaddisa ta'uun gareen wal gurmeessee aangoo siyaasa impaayerattii qabatee jiru Bilxiginnaan uummata ofiifuu waa'ee siyaasaa quba hin qabne maqaa dharaan yakkee mana adabaatti guuruu aadaa godhachuun itti fufee jira.
Aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo jedhamu keessatti Sadaasa 22,2024 hawaasa oomisha isaa galfachaa jiru rasaasa itti roobsuun ooyiruu isaanii keessaa baqachiisuun kanneen qabatan ammoo mana hidhaatti guuruu dubbatu.
Huseen Tunnaa
Qadoo Tamii
Abdallaa Burqaa
Reduwaan Jamaal fi harmee Jamaal reebicha hamaa irratti raawwatamuun namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan argame ta'uu jiraattonni naannichaa ibsaniiru.
ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa! Walaaloo Midhaa Oromoota Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa Irratti Raawwate
Jaal Bilisee Sabaa WBO Zoonii Kaabaa Irraa
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Shaggar aanaa Laaloo Assaabii keessatti diina adabe
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuruu bakka Teelee jedhamutti Kamisa Sadaasa 21,2024 tarkaanfii fudhateen battalatti 13 ajjeesuun 17 madeessee olii fi gadi facaasee of duuba deebiseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jiraattota ukkaamsanii maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti quucarsan tooftaa garaa garaa kalaqachaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, tibba kana ammoo goleewwan Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasa nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti sababoota hedduu itti dhahuun uummata saamaa turuun ni beekama. Yeroo ammaa kana ammoo maqaa leenjii waraanaa jedhuun namoota nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa kan jiran yoo ta'u, ganda Kobiree Dhagaa Gurraa jedhamu irraa Sadaasa 20,2024 nama maqaan isaa Mizbaa Abdulkariim jedhamu osoo inni gara magaalaa deemaa jiruu milishoonni sirnichaa ukkaamsuun qarshii kuma dhibba tokko ( 100,000) gaafatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, Mizbaa dabalatee jiraattonni ukkaamfaman kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsaan kudhanii ol akka ta'anii fi hundi isaanii iyyuu kaffaltii maallaqa wal fakkaataa gaafatamanii jiraachuu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa uummata haala kanaan dararaa jiran milishoota sirnichaa kan ta'an namoota maqaan isaanii Abdusalaamii fi Muusaa kanneen jedhaman ta'uu dubbatu.
Kana malees maqaa kaffaltii buusaa gonofaa fi inshuraansii fayyaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 4000-5000 guuraa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti lukkeeleen Bilxiginnaa konkolaachiftoota doorsisaa jiraachuu ONM qulqulleeffate
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Namni kamuu waan qabutti dhimma ba'ee hojjetatee of jireessuuf mirga guutuu kan qabu ta'us, ergamtootni sirnichaa ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta'an irratti xiyyeeffachuun akka waan qabeenya qabaachuun yakka ta'eetti fudhatanii akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa'utti karoora baafachuun, yeroo adda addaatti abbootii qabeenyaa ukkaamsanii hidhuun maallaqa humnaa olii afaan qawwee itti garagalfachuun harkaa saamuu fi qarshii hanga jedhaniin yeroo irraa dhabanitti ammoo doorsisa garaa garaa irratti geggeessaa oolu.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni sirnichaa Sadaasa 19,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een namoota konkolaachiftoota baajaajii (miilla sadeen) magaalaa Sanbatee irraa gara baadiyyaatti, baadiyyaa irraa ammoo gara magaalaatti geejjibsiisuun jiraattota deddeebisanii of jiraachisaniin, kan baadiyyaatti baatan magaalaa nutti hin seeninaa, kan magaalaa keessa jiraattan ammoo gara baadiyyaatti hin ba'inaa yoo baatan ammoo adabbiin keessan maallaqa humnaa oliiti jechuun sodaachisanii hojii idilee isaanii akka dhaabaniif doorsisaa jiraachuu konkolaachiftoonni kunneen ONM'tti himan.
Akka konkolaachiftoonni kun jedhanitti, baajaajii ( miilla sadeen ) kun magaalaa Caffaa Roobit fi magaalaa Haxaayyee irraa Sanbatee hin seenu, akkasumas ba'uu hin danda'u, baadiyyaa onichaa keessatti argaman cufa kanneen akka Dullaa, Gaanga'a, Warra Leencaa fi Riqicha Caffee keessa baajaajiin socho'aa turan marti magaalaa akka hin seenne dhorkamuun doorsifamaa akka jiran itti dabaluun addeessaniiru.
Gareen saamtotaa murna Bilxiginnaa kun aanaadhuma Jiillee Dhummuuggaatti Sadaasa 18,2024 hulaa namootaa irra deemuun waltajjii qaamota hunda hirmaachisu akka baatan jechuun dirqiin jiraattota erga baasaniin booda, konkolaachiftoota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota ilaallata jechuun kaffaltii waliin isaa hin beekamne namni tokko qarshii 5000-10,000 akka kaffalaniif dirqisiisanii yeroo jiraattotni amma harkaa hin qabnu jedhaniin, yoo hin qabaanne liqeeffatanii torbee dhuftu akka fidaniif dirqisiifamaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti reebicha hamaa ta'e raawwachuun hidhaatti darbatan
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Uummanni Oromoo sabni bal'aan utubaa impaayerattii ta'e murna Bilxiginnaa aangoo impaayerattii irra jiruun tirgaa siyaasa isaanii ta'uun tuffatamanii guyyuu maqaa siyaasa keenyatti buutan jedhuun sobaan yakkanii miidhaa gurguddaa keessummeessaa jira.
Akkuma guutuu Oromiyaatti taatee wal fakkaataan uummata nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun, Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa irraa Sadaasa 22,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Tasammaa Alamuu,
- Tamasgeen Xuurii,
- Suufee Bookaa,
- Gannatii Mootii,
- Yaadasaa Taaddasaa,
- Indaalee Dhaabaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta'an waraanni maafiyaan impaayerattii badii tokko malee harka duubatti hidhuun garaan ciibsanii reebicha qaama laalessu irratti raawwachuun konkolaataa Ooraaliitti fe'anii gara waajjira poolisii aanaa Baakkoo Tibbee geessuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraataan ganda Guddina Biyyaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ''qabeenya WBO'tu isin bira jira" jedhuun yakkanii dararaa ulfaataa tilmaama hin qabne irraan gahuun, loon isaanii illee jalaa qalatanii nyaatanii jiraachuu dubbataniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በምስራቅ አርሲ ዞን መርቲ ወረዳ ህዝቡ ከቀን ወደ ቀን ወደ እስር ቤት እየተወሰደ መሆኑን ነዋሪዎች ተናገሩ
ህዳር 24፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
መንግስት በዋነኛነት የዜጎችን ዳር ድንበርና ሰላም በመጠበቅ ህዝቡን ከውጪም ከውስጥም ከሚመጣ ጠላት መጠበቅ ግዴታው ነው ። ነገር ግን የተገላቢጦሽ የሆነው የኢትዮጵያ ኢምፓየር በአሁኑ ጊዜ በኦሮሞ ህዝብ ላይ ዘግናናኝ ድርጊት እንዲፈፀም እያደረገ ይገኛል።
በጣም የሚያሳዝነው የአማራ ታጣቂዎች የህዝቡን ህይወትና ንብረት እያወደመ የግዛቱን የፖለቲካ ስልጣን የተቆጣጠረው የብልፅግና ቡድን ንፁሀንን የማያውቁ ሰዎች ማሰር ባህል እያደረገ ነው።
በመርቲ ወረዳ በሞለሜ ቀበሌ ህዳር 22 ቀን 2024 ዓ.ም የፋሽስቱ ጦር ምርታቸውን በሚያስገቡ ህብረተሰብ ላይ ጥይት በመተኮስ ከእርሻ ቦታቸው አፈናቅለዋል ። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
ሁሴን ቱና
ቀዶ ተሚ
አብደላህ ቡርቃ
ሬድዋን ጀማል እና የጀማል እናት በደረሰባቸው ከፍተኛ ድብደባ ስማቸው ከተጠቀሱት መካከል ይገኙበታል።
በፊንፊኔ ስድስት ኪሎ ዩንቨርስቲ በተካሄደው የተቃውሞ ሰልፍ ላይ የኦሮሞ ተማሪዎች ያነሷቸውን ጥያቄዎች የኦሮሚያ ብልፅግናን ወክለው የሄዱት ባለስልጣን በቀልድ መልክ ምላሽ ሰጥተዋል።
ህዳር 24፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ተማሪዎች እና ምሁራን ከበርካታ አመታት በፊት ጀምሮ የኦሮሞ ጥያቄ የፍትህ ጥያቄ መሆኑን ሲገልጹ በተለያዩ ዩኒቨርሲቲዎች የሚገኙ የኦሮሞ ተማሪዎች በብሄራቸው ላይ እየደረሰ ያለውን ጉዳት በመቃወም ተቃውሞአቸውን ቀጥለዋል።
በሰሜን ሸገር ዞን ሰላሌ እና ደራ ወረዳ የአማራ ፋኖ ታጣቂ ሃይሎች በኦሮሞ ተወላጆች ላይ የፈፀሙትን ግድያ በመቃወም ከተለያዩ የዩንቨርስቲ ካምፓሶች የተውጣጡ የኦሮሞ ተወላጆች ህዳር 21 ቀን 2024 ዓ.ም ተቃውሞ አሰምቶዋል።
ተማሪዎቹ ለኦኤንኤም እንደተናገሩት የኦሮሚያ ዳር ድንበር ይከበር፣ እናንተ እያላችሁ የሰላሌ እና የደራ እንዲሁም የኦሮሞ ተወላጆች በአማራ ታጣቂ ሃይሎች እንዴት ይገደላሉ የሚል ጥያቄ ማንሳታችውን ገልፆዋል።
የቅጥር ግቢ ሀላፊዎችም ጥያቄዎቻችሁ እንዲመለሱ ከፈለጋችሁ ሰልፉን አቁሙ ተወካዬቻችሁን ምረጡ እና ላነሳችሁት ጥያቄ መልስ ይሰጣችኋል በመጀመሪያ ሰልፉን ማን እንደጀመረ ንገሩን ሲሉ ተደምጦዋል።
እናም በተቃራኒው ተማሪዎቹ ጥያቄያችን እስካልተመለሰ ድረስ ወደ ክፍል አንገባም ብለዋል ።
በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ የንጉሠ ነገሥቱ ወታደሮች 2 ባሎችን ገድለው ለአውሬ መመገባችው ተገለፀ።
ህዳር 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ የማፍያ ጦር መሳሪያቸውን ወደ ንፁሀን ዜጎች እያዞሩ ከፍተኛ ስቃይ እየፈፀሙ ነው ።በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች በሰላማዊ ዜጎች ላይ የሀሰት ውንጀላ እና የዘር ማጥፋት ወንጀል እየፈፀሙ ነው።
ህዳር 16፣ 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ወኪሎች በዱግዳ ወረዳ በቀለ ጊሪሳ መንደር ውስጥ አቶ አራርሶ ሳልባና እና አቶ ቤንኛ ፉሌ የተባሉ ንፁሃን ሰዎችን በጥይት ገደሉዋቸዋል።
እነዚህ ሰዎች በራሳቸው ንግድ ላይ ብቻ የተሰማሩ ሲሆን የብአዴን ወኪሎች ሜዳ በቀለ በሚባል ልዩ ቦታ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን መግባችኋል በሚል ስም መግደላችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ህዳር 23-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Sagalee Bosonaa ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi maqaa misoomaan dararuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Murni garboomfataan PP kufaatii dinagdee roga maraan isa mudate irraa damdammachuuf jecha tooftaa ittiin deebisee of utubu tolfatee lukkeelee isaa amanamoo ta'aniif caasaa olii irraa qabee hanga gadiitti qe'ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha qabeenyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.
Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Horroo Alaltuu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun saamaa kan jiran ta'uu fi maqaa kaffaltii gibira manaa jedhuun mana tokkotti dirqamaan qarshii 3000 Guuraa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees kaffaltii gibira lafaa, buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, kaffaltii milishaa fi k.k.f jechuun walumaa galatti qarshii 10,000 ol itti murteessuun hanga dhuma baatii Sadaasaatti kaffaltanii xumuruu qabdu jechuun jiraattonni dararaa hamaa keessa jiraachuu dabaluun eeraniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen wayita hawaasni oomisha roobni jalaa balleessaa jiru sassaabbachaa jiranitti maqaa misooma jedhuun dhagaa konkolaataan fe'amuu malu illee uummata harkaan guursisuun dararaa kan jiranii fi namoota misooma hin baane ammoo qarshii dhibba shan shan adabaa jiraachuu jiraattoonni kunneen dabaluun himaniiru.
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun maallaqa humnaa olii jiraattota harkaa saamaa jiraachuun barame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Hawaasa qaala'iinsi jireenyaa waxalaa jiru kaffaltii gosa garaa garaa itti dha'uun saamicha daangaa hin qabne irratti gaggeessaa kan oolan hidhattootni sirnichaa gochaa badii isaanii kana itti fufuun, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti maqaa jijjiirama inshuraansii fayyaa jedhuun sobanii maallaqa humnaa olii jiraattota harkaa funaannachaa jiraachuun dhagaa'ame.
Godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanichaa mara keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Sadaasa 20,2024 balbala namootaa irra deemanii waltajjii dirqiin jiraattota baasuun inshuraansiin fayyaa yeroo ammaa bifa jijjiirateera, qarshii guddaa kaffaltu, quba qabaadhaa! jijjiirrama maallaqa guuran kanaanis jijjiirrama inshuraansii fayyaa jechuunii dandeenya jechuun tooftaa ittiin jiraattota saaman addatti uummatanii jirus jedhan.
Akka jiraattotni aanichaa dubbisne jedhanitti, lukkeeleen Bilxiginnaa kun maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun waggaa tokko keessatti yeroo 3 fi isaa ol maallaqa keenya nu harkaa saamaa jiru, yeroo ammaa ammoo kan duriirraa adda, bifa jijjiirateera jedhanii nu doorsisuun saamicha nu irratti geggeessaa jiruu fi bara 2024 kana keessa marsaa ammaa waliin si'a 3'ffaa kaffalaa jirra jedhan jiraattotni nuti dubbifne.
Itti dabaluun akka jedhanitti, armaan dura baay'ina ijoollee keenyaa tilmaamuun qarshii 200-500 kaffalaa turre, amma garuu kan nama 1fi 2 qabus qixxeedhuma warra namoota baay'ee qabaniitti ilaalamuun qarshii 1350 hanga 3000 maqaa inshuraansiin kan duriirraa jijjiirameera (jijjiirrama inshuraansii fayyaa jedhuun) nu kaffalchiisaa jiru jechuun kaffaltii gosti itti baay'atee jireenya itti haadheessaa jiru kana miira abdii kutannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee irraa
Kun ibsa ejjennoo barattoota Oromoo Mooraa Yuuniversiitii Finfinnee haala yeroo ammaa uummatni keenya Ummatni Oromoo keessa jiru irratti hundaa'uun kan kennameedha. Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga jaarraa 19ffaa keessa Minikii 2ffaan humnaan cabee kaasee roorroo, hacuuccaa, dararamnii fi gidiraan Itoophiyaa mataa Oromoo irratti erga kufee hanga ammaa uummatni Oromoo osoo aara hin galfatin guyyaa har'aa ga'ee jira. Innumaayyuu bara Oromoon biyya bulchaa jira jedhan keessatti mirgootni Namoomaa fi Dimookiraasii uummatichaa cabuun ajjeechawwan suukkanneessaa ija namaaf hin tolle raawwachuun akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun qe'ee isaa irratti akka looniitti qalamaa jira.
Kana callisanii ilaaluun waan biroo maaltu uummatichaaf godhama. Uummatni Oromoo uummata adda isaa rasaasaaf kennee sirna nama nyaataa waggaa 27 biyya kana akka garaa isaatti uummata Oromoo daa'imaa hanga beekaa isaa, abbaa hanga haadhaa fi ilmaan Oromoo duguugaa ture aangoo irraa kaasuun murni amma jiru aangoo irra jiru qaxxaamuraan aangootti akka ba'u taasise. Bu'aan isaa kan amma argaa jirru ta'e. Kan durii seenaan baranne, har'a garuu gocha isa irra caalu ijaan argaa jirra. Kanaaf nuti barattoonni Oromoo uummatni keenya furmaata haarawaa akka argatu cimisinee gaafanna. Dabalataan qaamni har'a daangaa Oromiyaa cabsuun uummata Oromoo qe'ee isaa irraa buqqisuun gocha farra namoomaa irratti raawwachaa jiru Faannoo dha.Humni kun dursa irratti Bilxiginnaa irraa hidhannoo argachuun wal tumsaa turan. Ajjeechaan kun kan yeroo Bilxiginnaa fi Faannoon hidhata waliin qabanii jalqabe hanga ammaaatti dhiigni uummata qulqulluu uummata Oromoo akka galaanaa lolaa jira. Kanaaf Bilxiginnaan gaaffii keenya rakkoo uummatni keenya keessa jiru kanaaf dhiheesine furmaata hin laatu taanaan qabsoon barattoota Oromoo itti fufa. Nuti baratoonni oromoo Yunivarsiitii Finfinnee dhimma Oromoo fi oromiyaan keessa jirtu irratti ibsa ejjennoo kan armaan gadii baafnee jirra.
1. Mirgi yaada keenya bilisaan ibsachuu nuuf haa eegamu.
2. Barattoota Oromoo adamsuuf yaaluun hattatamaan haa dhaabbattu
3. Lolli uummata Oromoo irratti labsame dhaabbachuu qaba.
4. Mirgi hiree murteeffanaa uummata oromoo haa kabajamu.
5. Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
6. Ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa haa dhaabbatu.
7. Bilxiginnaan rakkoo Oromiyaa keesssa jiru karaa nagaan furuuf kutannoo dhugaa qabaachuu qaba.
8. Saba biroo uummata Oromoo keessa jiran maqaa Miliishaan hidhachiisuun uummata Oromoo ajjeesisuun haa dhaabbatu. Isaan erga dachee Oromiyaa irra jiraatanii uummata Oromoo irraa adda baasanii qofaatti hidhachiisuun hatattamaan dhaabbatee isa hidhatan haa hiikkatan.
9. Dirreen Dimookiraasii bal'achuu qaba.
10. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
11. Gaaffiin Oromoo deebifamuu dhabuun lafa irra harkifachaa as ga'e nuuf deebi'uu qaba.
12. Hidhaa fi dararri daangaa darbe uummata keenya irraa haa dhaabbatu.
13. Hayyoonni fi Aartistoonni Oromoo saba Oromoo akka ogummaa isaaniitti saba isaaniif sagalee haa ta'an.
14. Qeerroo fi Qarreen Oromoo har'a hiriira ba'uun kan galan qofa osoo hin taane qabsoo fininsuun dararama amma jiru goolabsiisuu qabu.
15. Qeerroo Oromoo fi Abbootii warraa maqaa raayyaa ittisa impaayerattiitti guuruu fi maqaa gachaana sirnaan uummata Oromoo jumlaan duulsisuun haa dhabbatu
16. Eenyummaan kaabinoota fi hooggantoota waraana Itoophiyaa fi sadarkaa Oromiyaatti haa hordofamu.
Sadaasa 23,2024
Finfinnee, Oromiyaa
Kooriyaa Kaabaa Kiim dippilomaasiin darbe diinummaa Ameerikaa qofa mirkaneesse jedhu
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un tattaaffiin dippilomaasii Piyoongiyaang kanaan dura Waashingitan waliin taasisaa turte diinummaa “hin jijjiiramne” biyya isaaniif qabdu qofa kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru jechuun miidiyaaleen mootummaa Jimaata kaleessaa kan gabaasan yoo ta'u, kunis Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu isaanii ji’oota dura.
Yeroo pirezidaantummaa isaaniitti pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Tiraamp Kiim waliin yeroo sadii wal argan, mariin kun garuu Kooriyaa Kaabaa niwukilarii irraa bilisa gochuu irratti guddina xiqqaa argamsiiseera.
Erga walgahiin isaanii inni lammaffaan bara 2019 Haanoyitti geggeeffame kufee as Kooriyaan Kaabaa dippilomaasii dhiistee, misooma meeshaa waraanaa daran jabeessuun marii Ameerikaan hariiroo haaromsuuf dhiyeessite kuffifteetti.
Kamisa darbe agarsiisa ittisaa sirnoota meeshaa waraanaa Kooriyaa Kaabaa sadarkaa olaanaa qaban tokko tokko agarsiisu irratti kan dubbatan Kiim, maqaa Tiraamp kaasuun irraa of qusachuun garuu marii sadarkaa olaanaa bulchiinsa isaanii jalatti dhiheenya kana gaggeeffame eeraniiru.
“Ameerikaa waliin akka mariisistootaatti hanga dandeenyutti deemneerra, wanti mirkaneeffanne ammoo fedhii humni guddaan tokko waliin jiraachuu miti,” jedhan Kiim, akka Dhaabbata Oduu Giddugaleessa Kooriyaa (KCNA) ibseetti jechuun AFPn gabaaseera .
Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoonni impaayerattii abbootii warraa 2 ajjeesanii gatuun bineensa nyaachisan
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Ujummoo qawwee isaanii namoota nagaatti naanneffachuun dararaa ulfaataa geessisaa kan oolan waraanni maafiyaan PP kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi quba hin qabne maqaa garaa garaa itti maxxansuun sobaan yakkanii duguuggaa sanyii raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa jedhamu keessaa Sadaasa 16,2024 ergamtoonni sirnichaa balleessaa tokko malee namoota maqaan isaanii Obbo Araarsoo Salbaanaa fi Obbo Beenyaa Foollee jedhaman rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii bakkeetti gatuun reeffa isaanii illee maatii dhorkachuun bineensa nyaachisanii kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii qofatti bobba'uun kan jiraatanii fi ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata kennitan" jedhuun naasuu tokko malee iddoo addaa Meedaa Baqalee jedhamutti ajjeesuu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Dabbasoo keessatti hidhattoonni PP namoota nagaa ajjeesuun dhagaa'ame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Impaayera Itiyoophiyaa cubbuu fi dhiiga lammiilee nagaan ijaaramte keessatti har'allee garee abbaa irree imphaayerattii bulchaa jirra jedhaniin uummanni Oromoo aarsaa lubbuu fi mancaatii qabeenyaa kaffalaa jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Dabbasoo Bulchiinsa Magaalaa Qoree keessatti hidhattoonni koloneel Abiy Ahmed Sadaasaa 17,2024 namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii mana bulchan nama sadii (3) qabuun dararaa turuu jiraattotni himan.
Sadaasa 18,2024 namoota kanneen erga dararaa turanii booda Taarikuu Asaffaa abbaa ijoollee lamaa kan ta'e rasaasa itti roobsuudhaan yoo ajjeesan, Shuggux Tamasgeen fi Masaraa Takkaa kanneen jedhaman ammoo haala gaddisiisaa fi dubbachuuf nama saalfachiisuun saanjaan wawwaraanaa turuu fi boodarra ajjeesanii dirree irratti gatanii deemuun beekamee jira.
Namoonni kunneenis balleessaa qabaataniif osoo hin taane Oromoo ta'uu isaanii qofti yakka ta'uun haala suukkanneessaa ta'een kan ajjeefaman ta'uus dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattonni himanitti bara kana keessa Oromoo ta'uu keenya qofaan yakkamnee ajjeefamaa fi qabeenyi keenya nu harkaa manca'aa jira jechuun miira gaddaa fi aariin guutameen ONM'tti himanii jiru.