onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti hidhaan uummata irratti jabaate

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Waraanni faashistii PP Sadaasaa 25,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa iddoo addaa Zoonii Gurraachaa jedhamu keessaa namoota nagaa 15 ol maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan jedhuun hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromootti himanii jiru.

Namoota hidhaman kanneen keessaa kan maqaa arganne:
1. Dukkoo Bunoo Ganamoo
2. Qaalloo Goobana Fuudhaboo
3. Shoree Daankiraa
4. Buzunaa Barii Ansulloo fi kanneen biroo maqaan isaanii nu hin ga'in akka jiran barameera.

Ona Bulee Horaa kana keessatti waraanni faashistii kun manneen qonnaan bultootaa qabeenya waliin gubuun loonis ooffatanii deemuu isiniif gabaasnee turre.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Harargee Aanaa Gooroo Guutuu keessatti dararaa fi saamichi maqaa garaa garaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Akkuma Haayile Sillaaseen "Oromoo waggaa dhibba duubatti hambifnee bituu qabna" jedhe Koloneel Abiy Ahimedis akkuma abboota isaa "yoo Oromoon na jalatti buluu dide waggaa dhibba tokkoo oliif akka hin kaanetti isinan cabsa" jedhee akkuma dhaadataa ture, abjuu isaa milkeessuuf uummata Oromoo gaaga'ama dinagdee fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan Bilxiginnaan gocha diinummaa hamaa uummata Oromoo godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu magaaalaa Qobboo ganda Baadiyyaa Gurjoo keessatti maqaa garaa garaa kanneen akka Buusaa Gonofaa, Nyaata Barattootaa, Gibiraa fi uffata milishaa jedhuun uummata homaa hin qabne nyaatee buluu illee hin dandeenye dirqiin gidirsuun maallaqa baasaa jechaanii jiraachuun dhagaa'ame.

Namoota qaama hir'uu ta'anii fi abbaan manaa irraa du'ee kophaa ijoollee guddisan haadha hiyyeessaa dalagachuu hin dandeenyee fi homaa tokkollee hin qabne osoo hin hambisin dirqisiisuun fidaa! yoo dhabdanis fira irraa barbaadaa fidaa! diddan ni hidhamtu, ni reebamtu jechuun doorsisaa turuun beekameera.

Kana malees erga abbaan lafa tokkotti gibira baasee booda ilmaanis lafuma kanatti atis gibira baasi namni walga'ii hin deemnee fi balbala qabu dirqama gibira baasuu qaba ittiin jechaa kan jiran yoo ta'u, nama dides mana hidhaa work shop keessatti hidhuun hiraarsuun booda maallaqa kaffalchiisanii baasaa akka jiran himu.

Namoonni uummata walga'ii waamuun dararaa jiran kunneen bulchaa gandaa kan maqaan isaa Shanuu jedhamu fi Abbaa Afooshaa nama maqaan isaa Ibsaa Maammadee Xahaa jedhamu akka caasaa isaaniif ta'utti filachuun ittiin uummata dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.


Miseensonni waraana Bilxiginnaa 2 Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa keessaa gooticha WBO'tti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Sabboontonni ilmaan Oromoo fedhaanis ta'u, dirqiin waraana ta'uun impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran cunqursaa olaantummaa ilmaan nafxanyaatiin mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti isaan irra gahaa oolu balfuun goleewwan Oromiyaa cufaa guyyaa guyyaan Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Biitee Dhaabaa mooraa waraana Bilxiginnaa mana barumsaa Kamsaa jedhamu keessaa Sadaasa 24,2024 miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii tokko qabachuun mooraa Bilxiginnaa onsanii qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacha taasisanii jiru.

Miseensoonni waraana PP duraanii kunneen sabaan Oromoo kan ta'anii fi ilmaan Oromoo haalli mijachuufii didee mooraa Bilxiginnaatti hafanii dararamaa jiranis lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachuu dhiisanii akka isaan dafanii yeroon meeshaa baatan qabatanii qabsoo saba isaaniitti makamaniif carraa argatan kanaan dhaamaniifii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Irree fi gaachanni sabaa WBO'n godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti humna diinaa irraa 35 ajjeesuun 22 madeessee meeshaalee waraanaa irraa hiikuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti diina dhukkee nyaachisuun ergamtuuwwan sirna dulluumaatti dhukkubbii mataa guddaa uumee jira.

Sadaasa 16,2024 aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubboo keessatti gugurraaleen Gaara Cilaaloo diina mana barumsaa keessaa barataa ari'uun mooraa godhattee uummata hiraarsaa jirtu itti marsuun rasaasaan akaa'ee loltoota Bilxiginnaa 35 irraa ajjeesuun 22 madeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10, isnaayippera 1 , gumbii 46, raadiyoo quunnamtii 1 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun mooraa ishees abiddaan barbadeesseera.

Humna reebuuf magaalaa Qarsaa irraa kaate ganda Gujichaa keessatti haxxee itti hidhuun loltoota 11 ajjeesee 7 madeessuun konkolaataa isheen ittiin dhufte lama hojiin ala gochuun baqachiisee gara magaalaa irraa kaateetti deebisee jira.

Ittuma fufuun cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Sadaasa 26,2024 galgala sa'atii 2:00 keessa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Adaree Leephoo keessatti mooraa isheen irra qubattee hojii dabaan halkanii fi guyyaa harmee boochisaa jiraattu wardiyyaan sabaa WBO'n itti dhaquun mooraa keessa olii gadi gugsee loltoota 7 ajjeessuun 13 madoon adabee kan gadi hafte mooraa keessaa baqachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.


Irree fi gaachanni sabaa WBO'n Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Cibraan Hambaa Aanoolee waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate Sadaasa 26,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Waasee Waaqan Xeeraa jedhamu keessatti tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 4 battalatti irraa ajjeesuun 9 madoon adabee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni Bilxiginnaa Kaaba Shaggar Fiichee irraa gara Yaayyaa Guullalleetti Rookkeettii dhukaasaa jirti.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ህዳር 27-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የPP ታጣቂዎች በሰሜን ሸገር ዞን በኩዩ ወረዳ ከባድ መሳሪያዎችን በመተኮስ ህይወት እና ንብረት እያወደሙ ነው።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ተስፋ አስቆራጭ በሆነ መልኩ የፒፒ አምባገነን መንግስት በህብረተሰቡ ላይ እንዲተኮሱ ትዛዝ በመስጠት ነዋሪዎች ላይ የጦር መሳሪያ መጠቀሙን ቀጥሏል።

ጨቋኙ የፒ.ፒ. አገዛዝ በጦር ሜዳ ሳይቀር ከባድ መሳሪያዎችን በመጠቀም በሰሜን ሸገር ዞን ዱግዳ በርካታ አካባቢዎች በሰላማዊ ሰዎች ላይ በጥይት በመተኮስ ህይወት እና ንብረት እየወደመ መሆኑን ምንጮቻችን ገለጹ።

ህዳር 23 ቀን 2024 ዓ.ም የኩዩ ወረዳ ነዋሪዎች እንደተናገሩት ሁሉም የገጠር መንደሮች በተተኮሰው ተኩስ የህዝቡን ንብረት መውደሙን ተከትሎ ነው።

በኩዩ ወረዳ በገብረ ጉራቻ ከተማ የአሸባሪው አገዛዝ ተስፋ ቆርጦ በገብረ ጉራቻ ከተማ የሚገኘውን የውሃ ማጠራቀሚያ ላይ ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም በማጥቃት ህዝቡን ለማህበራዊ ችግሮች ማጋለጡን ነዋሪዎች ይናገራሉ።

ይህ ጨካኝ አገዛዝ በህይወት እያለ በኦሮሞ ላይ እየደረሰ ያለው ስቃይ እና ውድመት በቀላሉ የሚቆጠር አይደለም።

ከጊዜ ወደ ጊዜ ኦሮሞን እና ኦሮምማንን የማጥፋት ዘመቻ ከህፃናት እስከ አረጋውያን ፥ ከወጣት ሴቶች እስከ እናቶች ድረስ እየገደለና እየደፈረ ይገኛል።

የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት አገዛዙ አሁንም ስራውን እንደቀጠለ እና ኦሮሞን ባገኘው ቦታ እየገደለ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ የፋሽስቱ ጦር የህዝብ መኖሪያ ቤቶችን አቃጥሏል።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና ማፍያ ቡድን የህብረተሰቡን ልብ ለመስበር እና የስልጣን እድሜውን ለማራዘም የሚፈልገው በኦሮሞ ህዝብ እየገደለ፣ እያሰረ፣ እየዘረፈ እና ቤት እያቃጠለ ነው።


በዚህም መሰረት በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ ጨሪ ሰጰሊሳቲ ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የፒፒ ጦር የገበሬዎችን ቤት አቃጥሎ ንብረታቸው ወድሟል።


ቤታቸው ከተቃጠለባቸው ሰዎች መካከል፡-
1. ጉዬ ቲኮ ዎቲቻ
2. ገሮ አንሲሎ ኑኤ ናችው።

ቤቶችን ከማቃጠል በተጨማሪ የአርሷ አደር የቀንድ ከብቶችንም ዘርፈው መሄዳችው ተገልፆዋል።


እነዚህ ከብቶቻቸው ከተዘረፈባችው ሰዎች መካከል:-
1. ዳምጤ አንሲሎ ኑኤ
2.በሪ አንሲሎ ኑኤ እና ከሌሎችም ስር ከ40 በላይ የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ገልፀው በዛው መንደር ደግሞ ከ15 በላይ የሚሆኑ ሰዎች ያለ ምንም ጥፋት ተይዘው ታስረዋል።

የፒፒ ጦር በእነዚህ ወር ውስጥ በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ አውራጃ ውስጥ ከ300 በላይ ቤቶችን አቃጥለው አውድሞዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ወለጋ ዞን በቆንዳላ፣ ቤጊ እና ሰዮ ኖሌ ወረዳዎች እስሩ፣ ዘረፋ፣ ቤት ማቃጠል እና በሰላማዊ ሰዎች ላይ ግድያ ቀጥሏል።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኦሮሚያ የፋሺስት ጦር በህብረተሰቡ ላይ ዘረፋና ንብረቱን እይወደመ ባለበት በአሁኑ ወቅት ወታደሮቹ በገጠር መንደሮች በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አሰሳ ስም ንፁሀንን እያንገላቱ ይገኛል።

በዚህም መሰረት ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የአቶ ሸረፈዲን ጉተማን ቤት ከነ ሙሉ ንብረቱ አቃጥለው ከአቶ ወጋ ፍቃዱ ስር 2 በሬዎችን አርደው በልተው በካባቺ ዱሜ መንደር የአቶ ተረፈ ገለታ ስር ቤት ንብረቱን በእሳት አቃጥለዋል ሲሉ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግሯል።

በግድያው ዜና ራማታል ስይድ የተባለ አርሶ አደር ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም በቤጊ ወረዳ ሎጲ መንደር በጥይት ሲገደል ናነስረላ መሃመድ ደግሞ በቢላ ተወግቶ ከባድ የአካል ጉዳት ደርሶበት በቤቱ በር ላይ ተጥሎ ተገኝቶዋል።


ነዋሪዎቹ አክለውም ይህ ዘገባ እስከተጠናቀረበት ጊዜ ድረስ የነስረላ ህልውና በጣም አሳሳቢ ነው ብሎል።


የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ተላላኪዎች በመንደር ግንባታ ስም በአማካይ 1,500 ብር ከእያንዳንዱ እየሰበሰቡ መሆናቸውን በሰዮ ኖሊ ወረዳ ኦለማ አባ ገልሞ መንደር የሚኖሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ እንደ ወረዳው ሁሉ የሰው በላ ተኩላዎች በተለያዩ ጊዜያት በተለያዩ የክፍያ ዓይነቶች ህብረተሰቡን እያሰቃዩ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee Aanaa Aqaaqii Qaalittiitti waraanni garee goolessaa PP mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun dhaga'ame


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Sirni dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin teessoo impaayerattii bute bilxiginnaan, uummata Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa isaa erga deebisuu dadhabee afaan qawweetti amanee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.

Uummata Oromoo haamilee gaaffii mirgaa cabsuuf halkanii fi guyyaa kan hojjetu sirni maafiyaan PP dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun kan teessoo kiyyatti yaaddoo ta'u danda'u jedhu hidhaatti guuruu fi ajjeessanii waakachuun qaama biraa maqaa balleessuu fi dhugaa uummataa awwaaluun soba lafarra hin jirre jiraachiisuudhaan odeessaa oolu.

Bifuma kanaan Finfinnee aanaa Aqaaqii Qaalittii ganda Odaa Kattichaa jedhamu keessatti Sadaasa 24,2024 mana qonnaan bulaa maqaan isaa Urgeessaa jedhamu meeshaa mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin midhaan boqqolloo waliin ibiddaan gubuu jiraatonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti yaada isaanii ibsanitti Urgeessaan nama hojii qonnaa malee siyaasa kam keessaayyuu harka hin qabne ta'uu himuun, sirni bilxiginnaa uummata dirqamaan afaan qawweetiin bulchuuf doorsisa isaanii kan yeroo kamuu caalaa geggeessaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Gujii Bahaa Aanaa Aagaa Waayyuutti jiraattuu magalaa Daawwaa kan taate haadhi tokko maqaa ilmi kee miseensa WBO'ti jedhuun hidhaan waggaa jaha itti murtaa'ee dararamaa jiraachuun ibsameera


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Imala qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo hiree Oromiyaa fi bulchiinsa diimokiraasii Oromoo gonfachiisuuf falmaa mirgaa taasisaa jirutti gufuu itti ta'uuf murni Bilxiginnaa hawaasa Oromoon isin seelii WBO'ti maqaa jedhuun waggoota ja'an darbanii kaasee hiraarsuu irratti argama

Aadde Saadiyaa Ayyalaa jiraattuu godina Gujii Bahaa aanaa Aagaa Waayyuu bulchiinsa magaalaa Daawwaa akka taatetu himama.


Haadha ijoollee afurii kan taate Aadde Saadiyaan waggaa tokkoon dura aanaa Aagaa Waayyuutti maqaa ilmi kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun humnoota garee faashistii garboomfataa PP'n butamtee yeroo dheeraaf erga hidhamtee booda sababa ilma isheetiif himanni yakkaa irratti dhiyaachuun waggaan jaha itti murteeffamuun beekameera.


Murtiin seer-malee kunis godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Waayyuutti kan itti murame ogguu ta'u, mana hidhaa keessatti dhukkubsattee hiraarfamaa kan jirtuu fi daa'imman ishees beelaan dararamaa jiraachuu ONM jiraattota onichaa irraa qulqulleeffateera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar Aanaa Dagam Keessatti 85 ol ajjeesuun 100 ol madeesse


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Gala Oromiyaa godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Leemman Sillaasee fi aanaa Kuyyuu ganda Qarree Taa'aa keessatti kaleessa Sadaasa 26,2024 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 85 ol ajjeesuun 100 ol madeessee jira.

Ajajaan kutaa waraana 47 ffaa fi Shaalaqaan tokko ajjeefameera. Akkasumas gantoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaachuun uummata saama turuun Abiy Ahimeditti harka laattee Bilxiginnaa waliin Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta'uuf bobbaate 2 lola kana keessatti ajjeefamteetti.

Gama meeshaan qawwee AKM 70 ol fi jorooroo hedduu, rasaasa PKM fi AKM hedduu irraa dhuunfatee injifannoo gonfatee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kutaan Sudaan kan hongeen miidhamte Zamzam ‘ji’oota hedduu’ keessatti konkolaataa gargaarsaa jalqabaa argatte

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Kibxata kaleessaa akka jedhetti konkolaattonni isaa Jimaata darbe mooraa Zamzam Kaaba Daarfuur hongeen keessatti mirkanaa’e ga’uun yeroo dheeraa booda kan jalqabaa ta’uu ibseera.

Dubbi himtuun dhaabbata nyaata Mootummoota Gamtoomanii Leni Kinzili ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti kennaniin, “Kun meeshaalee nyaataa WFP ji’oota hedduu keessatti gara mooraa kanaatti geejjibsiisuu kan dandeenye isa jalqabaa yoo ta’u, gargaarsa nyaataa hatattamaa namoota 12,500f geejjibsiisudha,” jedhan.

Hangi gargaarsaa namoota waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqoo yoo ta'u, konkolaattonni fe'umsaa kun namoota Zamzam keessa jiran kanneen ji'oota dheeraaf gargaarsa irraa addaan citaniif ofuma isaaniitiin beela waliin wal'aansoo qabaniif abdii geessisaa jiruudha," jedhan Kinziliin. .

Konkolaattonni fe’umsaa gargaarsa nyaataa WFP fe’an 700 ol yeroo ammaa gara hawaasa guutuu Sudaan karaa irra akka jiran hubachiifteetti.

"Walumaagalatti konkolaattonni fe'umsaa kunneen gargaarsa nyaataa gara toonii 17,500 kan fe'an yoo ta'u, kunis ji'a tokkoof namoota miiliyoona 1.5 nyaachisuuf gahaadha."

Qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi, milishoonni fi gareewwan ykn gosoonni hidhatan hundi, konkolaattonni kun nagaan akka darban hayyamuun, barbaachisummaa nageenyaan darbuu fi danqaa tokko malee dhaqqabuun Zamzam keessatti hongee dhaabuu fi naannoo birootti akka hin babal’anne gochuun akka danda'amu ibsiteetti jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Loltoonni Bilxiginnaa gama isaaniif dandaa'ame maraan uummata Oromoo hacuucuu ittuma fufuun, godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Suudee gandoota hunda keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa torban darbe keessa maqaa kaffaltii Buusaa Gonofaa jedhuun qarshii hanga humni isaanii danda'e saamaa kan turanii fi wayita ammaa kana immoo Sadaasa 25,2024 irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii kan biroo Fannoo Diimaa fi ispoortii jedhuun gadi ba'uun nama tokko irraa qarshii 1,070 afaan qawween saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hawaasni ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne waan kaffalu dhabuun dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen himuun, namni qarshii jedhame kana hin kaffalle qarshii 5,000 adabama jechuun ergamtoonni sirnichaa doorsisa cimaa raawwachaa kan jiran ta'uu dubbatu.

Kana malees akkuma aanichaatti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa keessatti manneen uummataa gubuun barame

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 murni Bilxiginnaa hojii dabaa hawaasa irratti hojjechuun qorqalbii hawaasaa cabsee gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu qe'ee isaanii irratti ilmaan Oromoo ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi manneen irratti gubaa jira.

Sadaasa 25,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaatti waraanni goolessaan PP manneen qonnaan bultootaa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:
1. Guyyee Tikoo Wooticha
2. Garroo Ansilloo Nu'ee ta'uun barameera.

Manneen gubaniin alattis qabeenya qonnaan bultootaa kanneen akka loonii oolfatanii deemanii jiru.

Namootni loon isaanii jalaa oofame kunneenis
1. Daamxee Ansilloo Nu'ee
2. Barii Ansilloo Nu'ee fi kan biroo jalaa loon 40 ol yoo oofan, gandichuma keessaa namoota 15 ol badii tokko malee qabuun mana hidhaatti galchanii jiru.

Akkasumas waraanni goolessaan PP kun godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti baatii kana keessa manneen 300 ol gubanii barbadeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Dararmni hamaan jiraattota godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti humnoota finxaaleeyyii Amaaraa fi Bilxiginnaan raawwatamu yaaddoo ta'e

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gara jabeeyyiin ilmaan Minilik finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru.

Konkolaataa uummataa Sadaasa 24,2024 aanaa Haroo Limmuu irraa gara magaalaa Naqamtee deemaa ture aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo bakka addaa laga bishaan Gonfaa jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho'an dhukaasa konkolaataa uummataa irratti bananiin namoonni hedduun madaa'uun, dargaggoon Oromoo tokko lubbuun darbee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen itti dhiheenyaan beekan himanitti, haleellaa gara jabeeyyiin Amaaraa kunneen yeroo yeroon aanichatti geggeessaa jiraniin hawaasni Oromoo garmalee miidhamaa kan jiru ta'uu himuun, guyyaa dheengaddaa immoo dhukaasa finxaaleeyyii kanaan konkolaataan rukutamuun gargaarsa waaqaa fi ga'umsa konkolaachisaa sanaan lubbuun namoota hedduu bararamuu dubbatu.


Dabalataan Aanaa Billoo Boshee ganda Caffee Konchii jedhamu irraa Sadaasa 23,2024 namoota maqaan isaanii:
- Jaallataa,
- Toleeraa,
- Misgaanuu Irranaa,
- Baatiree,
- Ayyaanaa fi
- Lachisaa Waaqjiraa kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira ganda Bonayyaa Soskootti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaadhuma kana ganda Bonayyaa Soskoo jedhamu irraa ammoo guyyuma kana nama maqaan isaa Maammudee Raggaasaa jedhamu hidhanii dararaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Boolloo jedhamu irraa Sadaasa 26,2024 maanguddoo maqaan isaanii Aadde Caaltuu Hiikaa jedhaman hidhaatti darbachuun, Obbo Eebbisaa Taaffasaa jalaa ammoo meeshaalee mana keessaa caccabsanii mancaasuun qarshii 800 saamanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun Gammachuu Fayisaa kan jedhamus mana jireenyaa isaa cabsanii seenuun meeshaalee mana keessaa tokko osoo hin hambisin mancaasuun kaan ammoo saamanii jiraachuun ibsameera.

Gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii kan turan namoota baay'inaan 45 ol ta'an waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun humnaan waraqaa fi kobbee itti kennuun leenjisaa kan jiran ta'uu maddeen itti dhiheenyaan beekan himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaa fi Horroo Bulluqitti waraanni PP dararaa uummata irraan ga'u hammeessuun loon uummataa hidhan

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gara jabeeyyiin akka bineensaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii hidhaatti guuraa kan oolan itti xiqqaannaan yeroo ammaa ammoo waanuma takkaa ta'ee hin beekne kalaquun "horii isaanii qabnaan ni dhufu" yaada jedhuun horii hawaasaa qabanii mana hidhaatti naqanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa Sadaasa 20,2024 akkasumas ganda Abbillee Igguu irraa ammoo sadaasa 21,2024 horii 70-80 kan ta'u oofuun Waajjira Poolisii bulchiinsa magaalaa Saqalaatti mana onaa keessatti itti cufanii achitti bishaanii fi marga dhabuun mar'achaa kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti, magaalaa Saqalaa keessatti hanga gabaasni kun qindaa'etti horiin 70-80 ta'an bishaanii fi marga malee akka jiran dubbatu.

Godinichuma aanaa Kombolchaa ganda Illaammuu Xaraqoo keessaa nama maqaan isaa Naggasaa Waaqtolee jedhamu ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 24,2024 badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, Naggasaan nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa waliin jiraatu faana illee kabajaa fi jaalalaan kan jiraatu ta'uu himuun, loltoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun bakka ooyiruu isaa irraa oomisha walitti qabachaa osoo jiruu ukkaamsuun hidhuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise


ONM -ABO Sadaasa 27, 2024 Abdii fi wanteen sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tiksitoota impaayera Itiyoophiyaa maqaa sakattaa WBO jedhuun ajaja dabaa qaama isaanii olii irraa fudhatanii bobbaafaman golee Oromiyaa mara keessatti adaba isaaniif malu kennuufiin injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.

Akkuma kanaanis WBOn Zoonii Kaabaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa bakkoota garaagaraatti har'a Sadaasa 27,2024 ganama sa'a 4:00 irraa eegaluun lola humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa ergamtoota maafiyaa PP waliin bakkoota akka Mudhii Hadhoo, Arja'oo fi Baddannoo jedhamutti taasisaa tureen humna diinaa irraa 14 ol ajjeesuun madoo hangi isaa adda hin baaneen adabeera.


Tarkaanfii keessa deebii hin qabne Humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa waraana weerartuu Abiy Ahimed kan maqaa sakattaa WBO jechuun magaalaa Sanbatee, magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit irraa ba'uun bobbaate kana irratti fudhateen humni faashistii PP kun baaragdee bibttinnaa'uun of booda deebitee bifa haaloo ba'annaatiin hawaasa nagaa reebaa turuun addeeffameera.


Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️


Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ትራምፕ በመጀመሪያ ቀናቸው ቻይና፣ ካናዳ እና ሜክሲኮ ላይ ታሪፍ ለመጫን ቃል ገቡ።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


ተመራጩ የአሜሪካ ፕሬዝደንት ዶናልድ ትራምፕ ሥልጣን በጨበጡ በመጀመሪያ ቀናቸው ቻይና፣ ካናዳ እና ሜክሲ ላይ ታሪፍ እንደሚጥሉ ቃል ገብተዋል።

ትራምፕ ይህን የሚያደርጉት በሕገ-ወጥ መልኩ ወደ አሜሪካ የሚገቡ ሰዎችን ለመግታት እና የአደገኛ ዕፅ ዝውውርን ለመከላከል እንደሆነ ተናግረዋል።



በአውሮፓውያኑ ጥር 20 ሥራቸውን የሚጀምሩት ትራምፕ በመጀመሪያው ቀናቸው ከካናዳ እና ሜክሲኮ የሚገቡ ምርቶች ላይ የ25 በመቶ ታሪፍ የሚጭን ትዕዛዝ እንደሚፈርሙ አስታውቋል።


የተሰናባቹ ፕሬዝደንት ባይደን አስተዳደር ፌንታኒል የተባለውን ዕፅ ለመሥራት የሚሆኑ ምርቶችን ማምረት እንድታቆም ቻይናን መማፀኑ ይታወሳል።


ዋሺንግተን እንደምትለው ባለፈው የአውሮፓውያኑ ዓመት ብቻ በፌንታኒል ምክንያት 75 ሺህ አሜሪካዊያን ሞተዋል።



ካናዳ እና ሜክሲኮ በሕገ-ወጥ መልኩ ወደ አሜሪካ የሚመጡ ስደተኞችን እስኪያስቆሙ እንዲሁም ፌንታኒል የተባለው ዕፅ ወደ አሜሪካ እንዳይገባ እስኪያግዱ ድረስ ታሪፍ ተጥሎባቸው ይቆያል።


ትራምፕ ትሩዝ ሶሻል በተሰኘው ማኅበራዊ ሚድያቸው ነው ይህን ያስታወቁት።ነ “ሜክሲኮ እና ካናዳ ይህን ሥር የሰደደ ችግር የመቅረፍ ኃይል አላቸው” ብለዋል።


“አሁን ጊዜው እነሱ ከባድ ዋጋ የሚከፍሉበት ነው!”


ትራምፕ የቤይጂንግ ባለሥልጣናትንም ወርፈዋል። እሳቸው እንደሚሉት የቻይና ባለሥልጣናት ፌንታኒል የተባለውን ዕፅ የሚያመርቱ ሰዎች በሞት ለመቅጣት ቃል ገብተው ነበር።



በዋሺንግተን የቻይና ኤምባሲ ቃል አቀባይ “ቻይና ሆን ብላ ፌንታኒል ወደ ዩናይትድ ስቴትስ እንዲገባ እያስደረገች ነው የሚለው ሐሳብ በፍፁም ውሀ የሚያነሳ አይደለም” ሲሉ ለኒዮርክ ታይምስ
ተናግረዋል።


“ቻይና የምታምነው የቻይና-አሜሪካ ምጣኔ ሀብታዊ እና የንግድ ግንኙነት ለሁለቱም ሀገራት ጠቃሚ እንደሆነ ነው። በንግድ ጦርነት አሊያም በታሪፍ ጦርነት ማንም አያተርፍም” ብለዋል።


ትራምፕ በምርጫ ዘመቻቸው ወቅት ሜክሲኮ እና ቻይና ላይ እስከ 100 በመቶ የሚደርስ ታሪፍ እጥላለሁ በማለት ሲያስፈራሩ ተሰምተዋል።


አክለው ቻይና ከእንግዲህ በኋላ በንግዱ ዘርፍ ከአሜሪካ ልዩ ስፍራ የሚሰጣት ሀገር አትሆንም ሲሉ ለቻይና የሚሰጠው ቦታ እንደሚቀንስ ጠቆም አድርገው ነበር።



የቻይና ምጣኔ ሀብት በተለያዩ ምክንያቶች እየተንገዳገደ ባለበት ወቅት ነው አዲሱ የትራምፕ አስተዳደር ታሪክ ለመጫን ቃል የገባው።


የንብረት ገበያ መዳከም፣ የሀገር ውስጥ የመግዛት አቅም መቀነስ እና መንግሥት ከሀገር ውስጥ የወሰደው ብድር መጨመር የቻይናን ምጣኔ ሀብት እየተፈታተኑት ይገኛሉ።


አዲሱ የትራምፕ የታሪፍ ጭማሪ ዩኤስ-ሜክሲኮ-ካናዳ የገቡትን ዩኤስኤምሲኤ የተባለ ስምምነት የሚሽር ነው።

ይህ ትራምፕ የፈረሙት ስምምነት ወደ ተግባር የገባው በአውሮፓውያኑ 2020 ሲሆን ሶስቱ ሀገራት በመካከላቸው ነፃ የሆነ ንግድ እንዲያደርጉ የሚያግዝ ነው።


ትራምፕ የታሪፍ ጭማሪ ለማድረግ ቃል ከገቡ በኋላ ከካናዳው ጠቅላይ ሚኒስትር ጀስቲን ትሩዶ ጋር በንግድ እና የድንበር ጉዳዮች በስልክ ማውራታቸውን ኒዮርክ ታይምስ የዜና ወኪል ዘግቧል።


ትራምፕ ሶስቱ ሀገራት ላይ ታሪፍ ጨመሩ ማለት ወደ አሜሪካ የሚገቡ ዕቃዎች ላይ የዋጋ ጭማሪ ይደረጋል ማለት ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን ሱዲ ወረዳ የብልፅግና ተላላኪዎች ነዋሪዎችን እየዘረፉና እያሰሩ ለውትድርና ማሰልጠኛ ቀጥለዋል።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በምስራቅ አርሲ ዞን የሱዲ ወረዳ ነዋሪዎች እየተዘረፉ እና እየታሰሩ ለወታደራዊ ስልጠና እየተመለመሉ ነው።


ባሳለፍነው ሳምንት የቻሉትን ያህል ገንዘብ በቡሳ ጎኖፋ ስም ሲዘርፉ ቆይተዋል። ከህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ እንደ ቀይ መስቀል እና ስፖርት ባሉ ሌሎች የክፍያ ዓይነቶች ስም ከእያንዳንዱ ሰው 1070 ብር በግዳጅ እያስከፈሉ እንደሚገኝ።

ህብረተሰቡ የሚበላው አጥቶ በክፍያ እጦት እየተሰቃየ መሆኑን የገለጹት ምንጮቻችን የተጠቀሰውን ገንዘብ የማይከፍል ሰው 5000ብር እንደሚቀጣ የአገዛዙ ወኪሎች ከፍተኛ ዛቻ እየሰነዘሩ መሆኑን ገልጸዋል።


በተጨማሪም በወረዳው በነዋሪዎች ላይ እየደረሰ ያለው አፈናና የውትድርና ስልጠና ቀጥሏል ሲሉም አክለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምእራብ ሸገር ዞን የጅባት ወረዳ ነዋሪዎች በብልፅግና አንጃዎች መዝረፍ፣ድብደባ እና እስራት ገጥሟቸዋል።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኮሎኔል አብይ አህመድ የሚመራው ፋሽስታዊ ቡድን ህገ መንግስቱንና ህግጋቱን ​​እንዲሁም ህዝብን በኢኮኖሚ ለማዳከም ዝርፊያውን አጠናክሮ ቀጥሏል.

የኢትዮጵያ ኢምፓዬርን ለመጠገን እየሞከረ ያለው ቡድን ህዳር 19 ቀን 2024 ዓ.ም በምዕራብ ሸገር ዞን ጅባት ወረዳ ሙንዮ አባዪ መንደር ዋንጂ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ከደረጄ ኡርጌሳ ስር ሙሉ ንብረቱን መዝረፋችውን ተናግረው ከወይዘሮ ብርሀኔ ኪታባ ስር የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውንም ምንጮቻችን አክሎል።

ተወካዮቹ ማሰቃይታችውን በመቀጠል ብርሀኔ ለቺሳ እና ፋንቱ ለቺሳ የተባሉ ሴት ልጆችን በተመሳሳይ 30 በጎችን ዘርፈው መሄዳችውን ነዋሪዎች ገልፆዋል።


ህዳር 18፣ 2024 ዓ.ም በሙንዮ አባይ መንደር ኦሚ በሚባልበት ልዩ ስፍራ አቶ በቀለ ጨመዳእና ታፈሰ መገርሳ የተባሉ ንፁሃን ሰዎችን ወደ እስር ቤት መወርወራችው ተነግሮዋል።

ምንጮቻችን አክለውም በሚገኘው ጋሞ ጂባት መንደር ሉጮ በሚባልበት ልዩ ስፍራ የአገዛዙ ተላላኪዎች አቶ ዳንኜ ጋትራ እና አለማዮ ጋትራን ማሰራችውን እና ማሰቃየታችውን ቀጥሎል።



እንደ ምንጮቻችን ገለጻ ግፍ የተፈፀመባቸው ሰዎች በሙሉ ወንጀለኛ ሳይሆኑ፣ በኦሮሞነታቸው ብቻ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም ነው እየተሰቃዩ የሚገኙት።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Buqqaatiin Afrikaa waggoota 15 keessatti dachaa sadii dabaluun miiliyoona 35 ga'e


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota buqqanii waggoota 15 keessatti dachaa sadii dabaluudhaan miiliyoona 35 akka ga’e Giddu-galli Hordoffii Buqqa’iinsa Idil-addunyaa (IDMC) gabaasa Kibxata kaleessaa baaseen beeksiseera.

Gareen kun bara 2009 - 2023tti Afrikaa keessatti buqqa’iinsi sababa walitti bu'insaa fi jeequmsaan ka'uu akkasumas lakkoofsi namoota balaa baqachuuf dirqamaniis saffisaan dabalaa jira jedheera.

Buqqaatonni biyya keessaa (IDP) miiliyoona 32.5 walitti bu’iinsaa fi jeequmsaan kan buqqa’an yoo ta’u, %80 immoo biyyoota shan kanneen akka: Koongoo, Itiyoophiyaa, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Sudaan keessatti kan walitti qabaman ta’uu ibseera.

Waliigalteen Gamtaa Afrikaa Eegumsaa fi Gargaarsa Buqqaatota Biyya Keessaa Afrikaa, waliigaltee Kaampaalaa jedhamuun kan beekamu, bara 2009 mallattaa’en, Afriikaan buqqa’iinsa biyya keessaa furuuf guddina sadarkaa duraa irra kaa’eera jedhee ture.

Aleeksaandiraa Bilak, daayreektarri IDMC akka jedhanitti haalli Afrikaa “guutumaan guututti murteessaadha, garuu abdii kan hin qabne miti,” jedhan.

''Ardii kana irratti mootummoonni hundee isaa furuuf hojjetan fakkeenyota gaarii hedduutu jiru. Dhimma kana irratti abbummaa qabaachuun isaanii fi hawaasni addunyaa tattaaffii isaanii deeggaruun barbaachisaa dha”, jette.

Gabaasni IDMC qaama Mana Maree Baqattoota Noorweey (NRC) ta’e akka agarsiisutti, buqqa’iinsi Afrikaa jireenya, eenyummaa, aadaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa hawaasa guutuu jeequun, qormaata bal’aa irraa bu’aa badaa akka isaan mudatu taasisa.


IDMCn mootummoonni ijaarsa nagaa, tarkaanfii haala qilleensaa fi misooma itti fufiinsa qabuun konkolaachiftoota buqqa’iinsa bu’uuraa ta’an furuuf waadaa galan dachaa akka dabalan gaafateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Kaaba Shaggar Ona Kuyyuu keessatti hidhattoonni PP meeshaa gurguddaa dhukaasuun lubbuuf qabeenyaa uummataa irraan miidhaa geessisuu jabeessanii itti fufanii jiru


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Duula ijibbaataa jabaa uummata Oromoo irratti meeshaalee qabu cufaan tarkaanfii fudhachuu jabeessuun uummata nagaa qe'ee fi qabeenyaa isaanii irratti lubbuu fi qabeenyaa isaanii ala gochuu jabeessee itti fufee jira.


Godina Kaaba Shaggar onoota hedduu keessatti sirni cunqursaan abbaa irree PP meeshaalee gurguddaa dirree waraanaa irrattiyyuu fayyadamuun seera addunyaan dhorkamaa ta’e uummata nagaa irratti dhukaasee lubbuuf qabeenya namaa barbadeessaa jiraachuu jiraattonni himatu.



Sadaasa 23,2024 ona Kuyyuu gandoota Baadiyyaa hunda jechuun kan dandaa’amu dhukaasa meeshaalee gurguddaa kana itti dhukaasuun namoota oomisha ooyiruu irraa sassabachaa jiran meeshaa gurguddaa kana irratti dhukaasuun midhaan isaanii jalaa mancaasuu dubbatan.



Ona Kuyyuu magaalaa Garba-Gurraachaattis sirni shororkeessituun abdii ofirraa muratte kuusaa bishaanii magaalaa Garba-Gurraachaa keessa jiru Sadaasa 25,2024 rukutuun akka uummataaf tajaajila hin kennine gochuun rakkoof saaxilanii jiraachuus dabaluun himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Bosheetti waraanni faashistii PP namoota 4 rasaasa itti roobsuun ajjeesan


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Araada dhiiga nama nagaa dhangalaasuu kan qaban loltoonni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromootti maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhu itti maxxansuun ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan jabeessanii itti fufanii kan jiran ta'uun ibsameera.

Aanaa Billoo Boshee ganda Yaada Hundaa jedhamu keessaa waraanni maafiyaan sirnichaa namoota 2 kanneen maqaan isaanii:
- Baacaa Duulaa fi
- Indaaluu Geetaachoo jedhaman badii tokko malee Sadaasa 24,2024 ukkaamsuun guyyaa tokko erga hidhanii booda Sadaasa 25,2024 ammoo mana hidhaatii baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu maddeen eeruun, Baacaan abbaa maatii kan ta'e, hojii dhuunfaa isaa uffata daldaluun kan jiraatu yoo ta'u, Indaaluun ammoo dargaggeessa ta'uu fi maqaa "obboleessa keetu miseensa WBO'ti, suuraa isaatu bilbila kee keessa jira" jedhuun yakkanii ajjeesuu dubbataniiru.

Kana malees torban lamaan darbe keessa ganduma kana irraa namoonni maqaan isaanii
- Shallamaa Ciibsaa fi
- Addunyaa Arfaasaa kanneen jedhamanis loltootuma sirnichaan ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

https://www.facebook.com/Arraatabiyyolessa/videos/2214247522294576/?app=fbl

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa midhaan nyaata milishaa fi qarshii uffata milishaa jedhuun jiraattota doorsisanii saamuun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Afaan qawween doorsisanii saamichi daangaa hin qabnee fi dhiittaan mirgoota namoomaa hammaataan hidhattoota sirnichaan irratti geggeeffamaa kan jiru uummanni Oromoo aanaa Jiillee Dhummuuggaa, yeroo ammaa haala duraan barameen olitti saamichi maqaa nyaataa fi uffata milishaaf jedhuun hawaasicha irratti raawwatamu jabaatee itti fufeera.

Dinagdeen impaayerattii harkatti maseenuun waan qabee gadi dhiisu kan wallaale sirni bulguun faashistii Koloneel Abiyi Ahimed, afaaniin badhaadhina haa faarsu iyyuu malee, lafa irratti garuu loltoota isaaf miindaa kaffaluun hafee waanuma nyaachisuu fi uffisullee dhabuun loltoota isaa gara jabeeyyii hawaasatti bobbaasee uummata nagaa saamsisaa kan jiru ta'uu uummanni Oromoo doorsifamaa jiruu fi taateen Oromiyaa keessatti guyyuu raawwatamu ragaadha.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanichaa cufa keessatti labsii lukkeeleen Bilxiginnaa Sadaasa 24 fi 25,2024 baafataniin jiraattotaan maqaa nyaata milishaa jedhuun ganda tokko irraa midhaan ardaba 20 qopheessuu qabduu fi akkasumas uffata milishaaf jechuun ammoo akka hulaa banatuun tokko tokkoon namootaan qarshii 200 kaffalaa ittiin jechuun jiraattota harkaa saamuuf karoorsanii akka jiran maddeen keenya aanichaa ONM'f himaniiru.

Akka jiraattotni aanaa Jiillee dubbisne kun jedhanitti, namni midhaan nyaata milishaa fi qarshii uffata milishaa jedhame kana guyyaa 2 fi 3 gidduutti hin kaffalle hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, kanaaf WBO'n nuti deemnee barbaannus hin jiru, balaa booda isin irra ga'uuf ammoo itti gaafatamaan matuma keessani, kanaaf wal hin komannu ittiin jechuun hawaasa qaala'iinsi jireenyaa mataarra isaan ba'uun ijoollee isaanii jiraachifachuufuu rakkachaa jiran kanneen akeekkachiisanii deemuu dabaluun dubbataniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni sirnichaa nama nagaa tokko ajjeessuun himame

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaaniitti lolaasuu kan aadeffate waraanni Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii isaanii ittuma caalchisuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti nama nagaa tokko ajjeesanii gatuun himamee jira.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Andoodee bakka addaa Tabbattii jedhamu keessaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 17,2024 nama maqaan isaa Tamasgeen Abdiisaa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun sababa tokko malee mana hidhaa Quubsaa Qidaamee jedhamutti hidhamee dararamaa turuu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo murtii seeraa tokko malee mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…
Subscribe to a channel