Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
በደቡብ ምዕራብ ሸገር ዞን በርካታ ወረዳዎች የአገዛዙ ወታደሮች በኦሮሞ ህዝብ ላይ የሚያደርሰው ስቃይ ተባብሷል።
ታህሳስ 5 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፋሽስቱ ቡድን ጦሩን በመላው ኦሮሚያ በማሰማራት የኦሮሞን ማህበረሰብን በአሰቃቂ ሁኔታ እያሰቃየ ነው።
በዚህም መሰረት በደቡብ ምዕራብ ሸገር ዞን ሰደን ሶዶ፣ ቀርሳ ማሊማ፣ ቶሌ እና ዳዎን ጨምሮ በብልፅግና የተሰማሩ ወታደሮች በብዛት በወረዳው በሚገኙ የገጠር መንደሮች እየዞሩ የጅምላ እስራት ፥ ግድያ እና ንብረት እያወደሙ መሆኑን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግሮዋል።
ወታደሮቹ በአሁኑ ወቅት ህዝቡን በነዚህ የገጠር መንደሮች ስብሰባ እንዲያካሂዱ በማስገደድ ከመሬት ላይ እናጠፋችኋለን በማለት እያስፈራሩ እና ልጆቻችሁ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አባል ናችሁ በሚል ስም ከ18 አመት በላይ ለሆናችው ልጆቻችው ሀላፊነት እንዳልባችው ተናግሮዋል።
አብዛኛው ህዝብ ምርቱን መሰብሰብ በነበረበት ወቅት የፋሽስቱ ጦር ተኩስ በመክፈት ምርታችውን እንዳይሰበስቡ እያደረጉ ይገኛል።
በዚህ ሳምንት ብቻ በሰደን ሶዶ ወረዳ በገጠር መንደሮች ከ5 በላይ ሰዎች መሞታቸውንና አስከሬናቸው በህብረተሰቡ እየተሰበሰበና እየተቀበረ መሆኑንም አክለዋል።
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa fi Booraatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana faashistii PP'n raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 5,2024 Murni Bilxiginnaa uummatni akka quba wal qabaatee, wal irratti amantaa horatee bilisummaa isaaf hin sochoone gochuuf ykn "soogidda soogiddaan cabsu" akkuma jedhamu falli ittiin uummata Oromoo cabsan wal irratti ijaaruu abdii jedhu qabatee gariin namootaa maallaqaan bituu, kaan ammoo sodaachisuu fi ajjeechaan jilbeenfachiisuuf ifaajjii taasisan cimsanii jiru.
Akkuma kanaanis Karoorri murna Bilxiginnaa Haala akkasii keessatti uummatni dadhabaa ta'a, of irratti amantii dhaba, diddaa agarsiisuu hin danda’uu fi bilisummaa gonfatee jiraachuuf tattaaffii hin taasisu kan jedhuun waraanni garboomfataan Bilxiginnaa ajandaa kaadiroonni isaanii kennaniif qabatanii gadi itti bahuun jiraattota godina Baha Shaggar onoota Dugdaa fi Booraa maqaa maatii qabsaa'otaa fi seelii WBO'ti jedhuun hiraarsuu irratti fuulleffatanii jiru
Dhiibbaan aanolee armaan olitti caqafaman keessatti maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhuun raawwatu daranuu doorsisaan kan guute ogguu ta'u, akeekaa fi tarsiimoo paartii Bilxiginnaa kan uummatni fudhachuuf fedhii guutuu hin qabne dirqiin fudhachiisuuf, abbootii warraa dirqamaan milishaa taatee biyyaaf hojjetta maqaa jedhuun guuruu fi maatii qabsaa'otaa ammoo ilmaan keessan hin galchitan taanaan ni ajjeefamtu jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Aanaa Dugdaa keessaa kanneen caalmaatti dararaan keessatti jabaate gandoota akka Burqaa Dambal, Dararaa Daallachaa fi aanaa Booraa keessaa ammoo Jirimee Booraa, Soorii laangannoo, Baartaa Saamii fi kanneen maqaan isaanii hafan biroo keessatti akka ta'e jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratii fi Ada'aa Bargaa keessatti loltoonni PP jiraattota saamuu fi hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Impaayera jiguuf raafamarra jirtu baraaruuf kan bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa, kaffaltii ji'aa Bilxiginnaan isaaniif kaffaltu garaa isaanii guutuu dadhabuun uummata Oromoo saamaa kan jiran ta'uu fi hidhaatti guuruun maallaqa guddaa irraa guuraa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Abuunaa Gindabaratitti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha hammeessuun, ganda Doggomaa Yeebot jedhamu keessaa Muddee 03,2024 jiraattota maqaan isaanii:
• Taammanaa Palamaa jalaa loon 18,
• Bochee Abbaa Irree jalaa loon 14 fi
• Tabbasaa Anumaa jalaa loon 4 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana keessaa Sadaasa 27,2024 ammoo ilmaan keessantu miseensa WBO'ti jechuun dubartoota maqaan isaanii:
• Urgee Qaanquree,
• Obsee Shuumii,
• Shurree Gaddafaa,
• Birqii Talammaa,
• Xajjii Toleeraa,
• Alamii Gaddafaa,
• Shukkaaree Araarsaa fi
• Baatiruu Obsaa jedhaman badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Haaluma wal fakkaatuun Sadaasa 28,2024 godinuma kana aanaa Ada'aa Bargaa ganda Iluu Daansee fi Iluu Muuxee keessaa namoota maqaan isaanii:
• Takiluu Dibaabaa fi
• Solomoon Birbirsaa jedhaman jalaa loon 5 fi farda 1 sababa tokko malee saamuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti loltoota sirnichaan raawwatu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 5,2024 Uummata nagaa hiraarsuu akka furmaataatti kan ilaalu murni garboomfataan PP, goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa bobbaasuun sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu kan dur barameen olitti cimsee itti fufee jira.
Muddee 03,2024 waraanni shiftaan PP aanaa Anfilloo ganda Suddii keessatti Aadde Addunyee Taaddasaa jalaa loon 1 fi hoolota 4,
Geetaachoo Daaqaa jalaa loon 9 fi harree 1,
Taadiyoos Haayilee jalaa loon 2 fi hoolota 6 akkasumas,
Dassaaleny Ittafaa jalaa loon 2 fi hoolota 4 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees jiraattota maqaan isaanii:
• Bulii Raggaasaa,
• Amaanu'eel Raggaasaa fi
• Geetaachoo Daaqaa jedhaman ammoo badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa dargaggoota rasaasaan ajjeesuu fi madeessuun himame
ONM-ABO Muddee 5,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaatti deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Saqqaa Coqorsaa magaalaa Saqqaa Coqorsaa irraa Muddee 02,2024 loltoonni kaayyoo bobbaafamaniif hubatanii hin beeknee fi hawaasa irratti gochaa gara jabinaa raawwachuu kaayyoo godhatan loltootni PP dargaggoo maqaan isaa Seefii Abbaa Tamaam jedhamu battalatti rasaasaan dhahanii ajjeesuun, kan ammaaf maqaan isaa hin baramin tokko immoo madoo ulfaataan madeessuun yeroo ammaa hospitaalatti kan argamu ta'uu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen doqdoqqeen kan deemaa turan yoo ta'u, maqaa ''nama sadii oofuun dhorkaadha" jedhuun itti dhukaasanii madoo fi ajjeechaa raawwachuu dubbatu.
WBOn godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo Keessatti tarkaanfii waraana diina irratti fudhachuu beeksise
ONM-ABO Muddee 5,2024 Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Oromiyaa guutuu keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhatu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan dheengadda Muddee 3,2024 leencichi abdii sabaa WBOn Zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Sooddoo Liiban jedhamu keessatti ergamtoota waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen du'aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis waraana diina irraa afur ajjeesuun kaan madooftee gara hospitaalaatti akka geeffamtu gochuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
ታህሳስ 5-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Irree fi gaachanni Oromoo WBOn Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar fi Zoonii Bahaa tarkaanfii waloon fudhateen Bireenii irraa hiikuu dabalatee injifannoo cululuqaa galmeesse
ONM-ABO Muddee 5,2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo qarriffaa murna abbaa irree kan jaarraa tokkoo oliif saba isaa irratti jabaate l fi maqaa jijjiirrate dhufe buqqisee biiftuu bilisummaa saba Oromoof ibsuuf tarkaanfii jajjabduu waraana diina irratti fudhatu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan leenconni abdiin sabaa ,korommiiwwan zoonii Harsadee fi zoonii bahaa har'a Muddee 5,2024 ganama barii godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee iddoo addaa ganda Kaniifaa jedhamu keessatti tarkaanfii laaleessaa waloon waraana faashistii caasaa haaraa lafa qabsiisuu jedhuun bobba'uun humnaan uummata walitti qabuun leenjii kennaa turte irratti fudhachuu ajajaan zoonichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Tarkaanfii ganama kana fudhatame kanaan waraana faashistii PP irraa 15 ajjeesuun 12 madeessee loltoota afur booji'eera. Gama meeshaatiin bireena 1, kilaashii raashiyaa 8, jororoo bireena tokko fi hidhannoo 8 irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.
Ittuma fufuun jajjabeen zoonii Harsadee Cibraan Leencaa kaleessa Muddee 4,2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat fi godina Kibba Bahaa aanaa Jajuu giddutti kan argamtu iddoo addaa ganda Hurutaa Dooree jedhamu keessatti waraana weerartuu diinaa mana barumsaa Tiblaa Dooree qabattee jirtutti seenuun hedduu du'aa fi madoon adabee jiraachuun ibsameera.
Tarkaanfii fudhatame kanaan bireena tokko, kilaashii tokko, nyoroorroo bireena lama, rasaasa bireena 332, rasaasa kilaashii 90 ,boombii 3 fi gumbii kilaashii 2 dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisaniiru.
Godinuma Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqaalaa keessatti WBOn zoonii Harsadee gaafa muddee 4,2024 waraana faashisti PP sakkattaaf bobbaate iddoo addaa ganda Daglaa Galaa Jiddaa jedhamutti saddeet ajjeeseera.
Ganda Ilmoo Jiddaattis guyyuma kana haxxee itti hidhuun barudaan raateessee 4 irraa ajjeesuun 6 madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuun barameera.
Bilisummaan Dhugaa Afaan Qawwee Jira❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Ministirri fayyaa Libaanos lakkoofsi namoota waraana Israa’el fi Hizboollaa du’anii 4,047 ta’uu himan
ONM-ABO Muddee 5,2024 Lola waggaa tokkoo oliif Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti geggeeffameen Libaanos keessatti lakkoofsi namoota du’anii 4,047 kan ga’e yoo ta’u, irra caalaan isaanii erga lolli guutuun Fulbaana keessa mudateen booda akka ta’e aanga’oonni Kibxata ibsaniiru.
Dhukaasa dhaabuun erga hojiirra oole torban tokko booda, Ministirri Fayyaa Libaanos Firaas Abiyaad gaazexeessitootaaf akka himanitti, “hanga ammaatti... namoonni 4,047 du’anii, 16,638 madaa’uu galmeessineerra” jedhan.
Duuti irra caalaan isaa Fulbaana 15 booda kan mudate ta’uu ibsuun, sababa du’a galmee hin qabneen “lakkoofsi dhugaa caalu ta’uu mala jennee amanna” jedhan. Abiyaad namoota du'an keessaa daa'imman 316 fi dubartoonni 790 akka ta'an himaniiru.
Maddi Hizboollaatti dhihoo ta’e tokko lakkoofsa sirrii osoo hin kenniin, qabsaa’onni garee kanaa dhibbaan lakkaa’aman akka ajjeefaman AFPtti himee ture.
Israa’el gareen haleellaa gareen Falasxiin Onkoloolessa 7, 2023 kibba Israa’el irratti raawwate hordofee gara waggaa tokkoof jijjiirraa daangaa qaxxaamuraa Hizboollaa michuu isaa Hamas deggaruuf jalqabee booda dhuma baatii Fulbaanaa keessa duula ishee cimsite.
Dhukaasa dhaabuun dadhabaan torban darbe hojiirra kan oole yoo ta’u, akka waliigalaatti itti fufee kan jiru ta’us, gama lachuutiin irra deddeebiin sarbama jiraachuu AFPn gabaaseera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Agamsaa keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa oomisha qonnaan bultootaa saamuu fi qonnaan bultootas hidhuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee isaa maseensuuf jecha bifa adda ta'een qonnaan bulaa Oromoo irratti xiyyeeffachuun saamicha daangaa darbee fi miidhaa garaa garaa raawwachuu daran hammeessanii jiru.
Aanaa Agamsaa iddoo addaa warshaa sukkaaraa jedhamutti Mudde 01,2024 qonnaa bulaa maqaan isaa Obbo Kaasahuun Margaa jedhamu waraanni fi Kaabinoonni aanichaa waliin ta'uun midhaan nyaataa konkolaataa lamaa ol jalaa fe'achuun, nama kanas hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Obbo Kaasahuun siyaasa kam irraa walaba kan ta'ee fi sababa Oromumummaa isaa qofaaf yakkamuun miidhaan hangana hin jedhamne irratti raawwatamee jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee hedduu keessatti gidiraan uummata Oromoo irratti raawwatamu loltoota sirnichaan jabaachuun beekame.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Jiruuf jireenya hawaasa Oromoo kan deegse waraanni gara jabeeyyiin hammeenyummaan leenji'an lafa socho'an cufatti waan hawaasicha gadadootti rukutu akkasumas qorqalbii isaa jeequ dalaguu qofa irratti bobba'anii gidiraa hamtuu raawwachaa jiru.
Aanaalee godina Kibba Lixa Shaggar kanneen akka Sadeen Sooddoo, Qarsaa Maallimaa, Tolee fi Daawootti loltoonni Bilxiginnaa baay'inaan bobbaafaman gara gandoota baadiyyaa onichaa keessa naanna'uun namootuma argan cufa ati deggaraa WBO'ti akkasumas maatiidha maqaa jedhuun qabeenya isaanii gubanii balleessuu, hidhaa jumlaa fi ajjeechaa raawwachaa jiraachuu ONM Jiraattota irraa qulqulleeffateera.
Loltoonni kunneenis yeroo ammaa gandoota baadiyyaa kanneen keessatti uummata dirqamaan walga'ii baasuun akkeekkachiisa lafa irraa isin balleessina jedhuun doorsisuu fi maatii keessan WBO keessa jiran galchaa jechuun nama waggaa 18 ol darbee jirutti gaafatamaa gochuun gidirsaa jiraachuu himu.
Akkasumas namoonni irra gudeessi waqtii silaa itti oomisha bakkee irraa qabu itti sassaabatutti waraanni kunneen callisanii dhukaasaa deemuun hawaasichi akka oomisha isaa illee hin sassaabanne gochaa jirus jedhu.
Dabalataan torban kana qofa keessa aanaa Sadeen Sooddoo gandoota baadiyyaa keessatti namoonni baayinaan shanii ol ta'an ajjeefamuun reeffi isaanii hawaasaan funanamee awwalamaa akka jiru illee dabaluun ibsaniiru.
Qophii Caayaa Dubartoota Oromoo ONM-ABO Muddee 4-2024 itti dhiyaadhaa! Holola Bilxiginnaa, calaluu Moonaa Qabsoo Oromoo,Miidhaa Uummata Oromoo irraatti Murnaa finxaaleyyii Faannoo fi Murnaa Bilxiginnaan gaha jiru,Barbaachisummaa dubarti Oromoo damaqsuu fi hidhaachisu akkasumas Dubaroota Oromoo sirnaa Maafiyaa PPn sobamani yookiin dantaa dhuunfan bitamanii maqaa haadha siinqeentin Uummata Oromoo dogongorsaa jiran irraatti maree Jaal Haadha Qabsoo fi Jaal Urjii Dhaaba Waliin turtii taasifna
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በከሚሴ ከተማ ከ48 በላይ የነዋሪዎች ሱቅ መታሸጋችውን እና ለመክፈት ትልቅ ገንዘብ እንዲከፍሉ እየተጠየቁ ነው።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የዘረፋ እቅዶቹ በየእለቱ በፒፒ ወኪሎች እና ፕሮፓጋንዳዎች እየተነደፉ ነው።
በቂ ምክንያት የሌላቸውን ሰዎች ዘርዝረው ከሱቃችው ስር እየዘረፉ ሱቃችውን ለመክፈት ከፍተኛ ገንዘብ መጠየቃቸውም ታውቋል።
ይህን በማስመልከት በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በከሚሴ ከተማ ከህዳር 1 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ የብልፅግና ተላላኪዎች በሱቆች ባለቤቶች ላይ እየሄዱ የተለያዩ ምክንያታዊ ያልሆኑ ነገሮችን በማንሳት ለሰዎች እያከራያችሁ ነው ፣ስለዚህ ይህ ወንጀል ነው በማለት ከእያንዳንዱ ሰው ከ 5000-10,000 ብር ክፈሉ እና ሱቃችሁን እንከፍትላችኋለን እያሉ መሆኑን የከተማዋ ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
በከሚሴ ከተማ ከ42 በላይ ሱቆች 02 ቀበሌ እና ከ01 ቀበሌ ኬላ ሰፈር ደግሞ 6 ሱቆች ተዘርፈው ታሽጎዋል። የከተማው ነዋሪዎች በተለይም የሱቅ ባለቤቶች ከፍተኛ ስቃይ እየደረሰባቸውመሆኑንም አክለዋል።
ዘራፊዎቹ በዚሁ ከተማ ሻይ ቤትና ሱቅ የነበረው አኑዋር ኢንድሪስ የተባለውን ሰው ዘርፈው ሻይ ቤቱን እና ሱቁን 5000 ብር አስከፍለዉት መክፈታችውን እና ገንዘብ የለንም ያሉትን ደግሞ ከፍተኛ ድብደባ ፈፅመውባቸዋል።
የአብይ አህመድ ጦር በምስራቅ ሃረርጌ ዞን በደኖ አውራጃ ሰላማዊ ዜጎችን መደብደባችውን እና መዝረፋችውን ቀጥሏል።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና የፋሽስት ጦር በኦሮሞ ህዝብ ላይ ያለምክንያት የዘር ማጥፋት ዘመቻ በማድረግ የኦሮሞን ኢኮኖሚ ለመጨፍለቅ በተለያዩ ምክንያቶች ሰላማዊ ዜጎችን እየዘረፈ፣ እያወደመ፣ እየደበደበ እና እየፈጸመ ነው።
ዚያድ አህመድ የተባለ ሚሊሻ በበደኖ ወረዳ የጎሮ ዋዱ መንደር ነዋሪዎችን ያለምንም ጥፋት በኦሮሞነታቸው ብቻ መደብደቡን ለጉዳዩ ቅርበት ያላቸው ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ የመንደሩ ታጣቂዎች በማንኛውም የፖለቲካ ስም በህብረተሰቡ ላይ ዘረፋና ድብደባ እየፈጸሙ መሆኑን ነዋሪዎቹ አክለው ገልጸዋል።
የፒፒ የማፍያ ጦር በቄለም ወለጋ ዞን በጊዳሚ እና በሰደን ጨንቃ ወረዳ ሰላማዊ ዜጎችን መዝረፋችውን ቀጥሏል።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ሰላማዊ ማህበረሰብን ያለ ምንም ምክንያት እያሰቃየ የሚገኘው የፒፒ የማፍያ ሰራዊት በአሁኑ ሰአት በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች ከመጠን ያለፈ ዘረፋ እየፈፀመ ነው።
የገዥው ቡድን አባላት ሸምሱ ሙሳ ከሚባል ወጣት ንብረቱን ዘርፈው እንደወሰዱ ተገልፆዋል። ከዘረፉት መካከል ሚዛን ፣ ጀነሬተር እና ከአቶ ጉርሙ ማሳዲ ቡና የሚገዛበትን ሚዛን መዝረፋችውን ተናግሮዋል።
በተጨማሪም ባለፈው ሳምንት በዚሁ መንደር ከቢሊሱማ ፍቃዱ የተባለ ወጣት ጀነሬተር እና በርካታ ንብረቶችን ዘርፎዋል።
- ደቻስ ፍቃዱ
- አማኑኤል ፍቃዱ
- ሳሙኤል ፍቃዱ እና
- ዮሴፍ ፊቃዱን ያለ አንዳች ጥፋት ወደ እስር ቤት ወርውረው ማሰቃየታችውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
በተጨማሪም በሰደን ጨንቃ ወረዳ በጨንቃ ከተማ በ01 እና 02 ቀበሌ ውስጥ በአገዛዙ ካቢኔ እና ወታደሮች በተለያዩ የክፍያ አይነቶች ስም እየተፈጸመ ያለው ያልተገደበ ዘረፋ ከመስከረም ወር መጀመሪያ ጀምሮ በአዲስ መልክ እየተጠናከረ መምጣቱን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ድሃው ህብረተሰብ በክፍያ እጦት እየተሰቃየ ነው ሲሉም አክለዋል።
Baha Koongoo keessatti yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuun, kudhanootaan madaa’an
ONM-ABO Muddee 5,2024 Baha Koongoo Oyicha-Tenambo keessatti haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate namootni 10 ajjeefamuu miseensi sochii hawaasa siivikii Lucha Beniitti argamu Anadolutti himaniiru.
Yeroof lakkoofsi namoota, madaa’anii kudhanoota ta'uu fi jiraattonni hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen himaniiru.
Manneen hedduun gubachuu fi manni barumsaa tokko ibiddaan gubachuu ibsan.
"Jiraattonni rifachuu keessa jiru, jeequmsa miira hin qabne kana jalaa miliquuf yaaliin abdii kutannaa taasisaa jiran jumlaan gara naannoo nageenya qabuutti baqachaa jiru," jechuun Hernest dabalaniiru.
Sochiin baha Koongoo keessatti waggoota dhiyoo asitti cimee jira. Jalqaba Yugaandaa keessatti kan ijaarame gareen hidhate kun tasgabbii dhabuu siyaasaa fi waldhabdee naannootti fayyadamuun naannoo Kiivuu keessatti bakka miila isaa dhaabuuf daangaa qaxxaamuree jira.
Gareen hidhate kun haleellaa lubbuu namaa galaafatu humnoota nageenyaa fi namoota nagaa irratti xiyyeeffate, yeroo baayyee baadiyyaa keessatti raawwatameef itti gaafatamummaa qaba.
Gareen kun gara jabummaa, tooftaa shororkeessummaa fayyadamuun aangoo isaa mirkaneessuu fi miseensota haaraa bobbaasuun beekama.
Haleellaan yeroo baayyee jeequmsa saalaa, saamichaa fi qabeenya barbadeessuun kan walqabatu yoo ta’u, kunis rakkoo namoomaa naannicha keessatti mul’atu hammeessa jechuun Anaadooluun gabaaseera.
Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota sirnichaan dubartiin ulfaa fi abbaan maatii 5 tokko haala suukkaneessaan yoo ajjeefaman, namni tokkos madaa'e
ONM-ABO Muddee 5,2024 Hidhattootni murna bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimed irraa dirqama ajjeesuu qofa fudhachuun qe'ee hawaasa Oromootti bobbaafaman biyya abbaa isaa irratti uummata Oromoo mirga lubbuun jiraachuu isaa irraa mulquun akka bineensaatti adamsanii ajjeesaa kan jiran yoo ta'u, gochaa badii isaanii kana itti fufuun har'as haadha Oromoo fi abbaa Oromoo silaa kabajni maluuf haala suukkaneessaan ajjeesuu fi madeessuu itti fufaniiru.
Muddee 3,2024 waraanni faashistii Abiy Ahimed Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Siidaa, Masaleetaa, Haraa fi Wadaddar keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun qe'ee hawaasaatti bobba'anii meeshaalee gurguddaa dabalatee dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin jiraattuu ganda Masaleetaa kan taate dubartii ulfa ji'a 7, haadha ilmaan 4 kan maqaan ishee Kadijjaa Ahimed Hasanuu jedhamamtu rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatuu jiraattotni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Guyyuma kaleessaa kana Muddee 4,2024 loltootni sirnichaa aanichuma ganda Siidaa keessatti dhukaasa namoota nagaa irratti bananiin jiraataa gandichaa abbaa ijoollee 5 kan ta'e nama maqaan isaa Hasan Adam Abbagaar jedhamu haala suukkaneessaa dubbachuuf namatti hin tolleen rasaasa ija hedduu itti roobsanii yoo ajjeesan nama maqaan isaa ammaaf adda hin baane tokkos madeessanii yeroo ammaa du'aa fi jireenya gidduu kan jiru ta'uus jiraattotni dubbifne kun dabaluun dubbatan.
Namoonni waraana goolessituu PP'n gochoonni cigaasisoon argaa fi dhageettii namaatti hin tolle irratti raawwataman kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane, waanti yakka ta'e yoo jiraate Oromoo ta'uu isaanii qofaadha kan jedhan jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa ONM dubbiseedha.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti namoonni hedduun yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa jiraachuun himame.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Waraanni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun yoo itti tole ajjeesaa akkasumas hidhaatti darbachuun hiraarsaa kan jiru ta'uun ni beekama.
Aanaa Jimmaa Gannatii waajjira poolisii magaalaa Haratoo keessatti waraanni Bilxiginnaa namoota hedduu gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf hidhanii dararaa kan jiran yoo ta'u, ganda Guddattuu Jimmaa keessaa jiraattotni maqaan isaanii:
- Geetaachoo Dheeressaa,
- Yaaddessaa Dhugaasaa,
- Nagaroo jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta'an baatii lamaa oliif hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganda Kalaalaa Diddiimtuu jedhamu irraa ammoo namni maqaan isaa Immiruu Kibiret jedhamu baatii shanii oliif hidhamee gidirfamaa kan jiru ta'uu maddeen itti dabaluun himan.
Yeroo ammaa kanas gandoota kanneen keessatti bulchitoonni gandaa fi waraanni sirnichaa waliin ta'uun qonnaan bultoota saamuu fi hidhaatti guuraa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Ajjeechaa suukkanneessaan loltoota Abiy Ahimediin lammiilee nagaa irratti raawwatu Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 5,2024 Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa butuuttuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf kan ifaajan loltoonni Bilxiginnaa, ajjeechaa rifaasisaa guyyuun uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan waraanni goolessituun sirnichaa Muddee 03,2024 aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
• Dinqiisaa Bookaa fi
• Gaddafaa Waaqtolaa kanneen jedhaman "Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu" jechuun badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraataan gandichaa gocha kana ijaan arge tokko ONM'tti himeera.
Namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo birattillee jaallatamummaa guddaa kan qaban ta'uu himuun, waraanni sirna nama nyaataan PP ammoo naasuu tokko malee haala suukkanneessaan erga ajjeesaniin booda reeffa isaaniillee maatii dhorkachuun bineensi akka nyaatuuf bosonatti gatuun, akka namni hin fuuneef ammoo irratti eegaa turuu itti dabaluun dubbata.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 5,2024 Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayera Itiyoophiyaa mudate wabeefachuun kaffaltii gosa hedduu naga'ee hin qabneen uummata Oromoo dararuu itti fufanii jiru.
Aanaa Martii keessatti ergamtoonni maafiyaa PP garaa ofiif jiraatan saamicha daangaa darbe raawwachuu ittuma fufuun, wayita ammaa kanas ganda Kabiiroo Qatee jedhamu keessaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa qabatanii gadi ba'uun afaan qawwee itti qabanii nama tokko irraa qarshii 4,500 guuraa kan jiran ta'uu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.
Akka jiraattonni ONM'f yaada kennan himanitti, wayita hawaasni qaala'iinsa jireenyaan miidhamee beelaaf dheebuun waxalamuun rakkachaa jirutti ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa gosa kaffaltii garaa garaan dararaa jiraachuu himuun, hawaasni harka qalleessi waan kaffalu hin qabne hidhaatti guuramaa jiraachuu fi lafti isaas harkaa fuudhamuun harka abbaa qabeenyaa galaa jiraachuu dubbatu.
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 5-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 5-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti namoonni hedduun baay'inni isaanii 250 ol ta'an hidhamanii gidirfamaa jiraachuun beekame.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Uummata ofiifuu nyaatee hin quufne akkasumas qaala'iinsi jireenyaa bitaa itti gale, yeroo itti hojjetatee ofii fi maatii isaa biddeen furdaa nyaachisuu qabutti gareen faallaa uummataa deemanii fi dhimmi sabaa homaa itti hin fakkaanne aangoo isaanii qofaa ilaaluun gidiraa hanga kana hin jedhamne hawaasa dhandhamsiisaa jiru.
Jiraataan ona sanaa rakkoo nageenyaaf jecha maqaan isaa akka heeramu hin feene tokko akka jedhetti akka onichaatti gidiraa uummanni Oromoo argee hin beekne argaa jirra, gocha uummanni hin qabneen maqaa sobaan yakkanii hidhuu, walitti dhufeenya WBO waliin qabdu jechuun manneen irratti gubu, fedhanis lubbuu obbaasu jechuun taatee ta'aa jiru yoo dubbatu, garri magaalaa keessaa xinnoo fooyyee qaba, garuu uummata baadiyyaa ofiifuu waa'ee siyaasaa hin beekne maqaa sobaan yakkanii mana hidhaatti guuraa jiru jechuun dubbata.
Dabalataan namoota kanneen ji'ootaaf maatii isaanii irraa erga hidhanii booda qarshii 20,000 hanga kuma 50,000 gaafachuun mirga wabii waammadhuu ba'i jedhu, guyyoota muraasa booda ammoo ammas maqaa biraan yakkuun waraanni marsaa biraaf deeme ammoo yeroo lammaffaaf mana hidhaatti naqu jechuun ibsa.
Akka aanichaatti namuu yeroo lamaa fi isaa ol waggaa tokko keessatti hidhamaa jira jechuun, ofii mana ta'ee hojii isaa hin hojjetanne mana hidhaas jiraatee maallaqa isaatti hin hafne jechuun miira gaddaan ibsa.
Namoonni hidhamanii jiran kunneenis bakki bultii kan isaan hin geenyee fi qorraa fi aduun bakkkee keessatti dararamaa jiru jechuun, namni achi keessatti dhukkubasatee yaala dhabuun du'e illee akka jiru itti dabaluun ibsa.
Akkasumas qabeenyi namootaa guyyaa guyyaan gubachuu fi saamamaa jiraachuu himee, kanneen baajata xinnoo of harkaa qaban ammoo gara magaalaa fi firoottan isaanii bakka biraa jiranitti godaanaa akka jiranis jiraataan kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsee jira.
Godina Lixa Wallaggaa Ona Qondaalaa keessatti hidhattoonni PP nama nagaa rasaasa itti roobsuun ajjeesuun dhagaa'ame.
ONM-ABO Muddee 5,2024 Abbaan Irree murni PP Oromiyaa mara dirree dhiigaa gochuun hawaasa nagaa lafa irraa duguuguu jabeessee jira.
Godina Lixa Wallaggaa Ona Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa jedhamutti Muddee 03,2024 badii tokko nama hin qabne Dargaggoo Usmaan Tasfaayee jedhamu bakkee keessatti rasaasa itti roobsuun akka bineensaatti ajjeesanii gatanii deemuu maddeen keenya bakkichaa nuuf gabaasan.
Akka jiraattotni onichaa jedhanitti sirni abdii kutataan murni PP yeroo gara yerootti ilmaan Oromoo adamsee akka bosonuutti ajjeesuun kan qabe ammoo achi buutee dhabamsiisuun dorgomaa kan hin qabne ta'uu fi addatti immoo ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee duguuggaa sanyii raawwachuu erga egalee waggoottan 6 lakkaa'amuu himuun, akka sabaatti dhiibbaan nurra gahaa jiru dubbatamee hin dhumu, waan himannuuf dhiisnu wallaalleerra jechuun jiraattonni naannichaa ONM'tti himan.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 5-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ደቡብ ኮሪያ በወታደራዊ እዝ ስር እንድትሆን የታወጀው የፕሬዚዳንቱ ትዕዛዝ በፓርላማው ተቀለበሰ።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ደቡብ ኮሪያ በወታደራዊ ህግ (ማርሻል ሎው) ስር እንድትሆን የታወጀው የፕሬዚዳንቱ ትዕዛዝ በፓርላማ አባላት ታገደ።ህጉ መታገዱን ተከትሎ ፕሬዚዳንቱ አወዛጋቢ የተባለውን ህግ ለማንሳት ተገደዋል።
የደቡብ ኮሪያ ፕሬዚዳንት ዲሞክራሲ በሰፈነባት አገራቸው በወታደራዊ ህግ (ማርሻል ሎው) ስር እንድትሆን በድንገት ማክሰኞ ታህሳስ 3፥ 2024 ዓ.ም ማወጃቸው አገሪቱን ያስደነገጠ ክስተት ሆኗል።
ፕሬዚዳንት ዩን ሱክ የዎል አገሪቱ በአምስት አስርት ዓመታት አይታው የማታውቀውን ይህንን አስደንጋጭ ውሳኔ ለመወሰን ምክንያታቸው “ጸረ መንግሥት ኃይሎች” እና የሰሜን ኮሪያን ስጋት በመጥቀስ ነው።
ፕሬዚዳንቱ ከሰሜን ኮሪያ የኮሚኒስት ኃይሎች አገራቸውን ለመጠበቅ ወታደራዊ ህጉ አስፈላጊ ነው ሲሉ ተናገሩ።
ነገር ግን ወታደራዊ ህጉ በታወጀ ሁለት ሰዓት ባልሞላ ጊዜ ውስጥ የፓርላማ አባላቱ ፕሬዚዳንቱን ተቃውመው በምክር ቤት ከተሰበሰቡ በኋላ አስቸኳይ የድምጽ ምርጫ በማድረግ ውሳኔውን አግደዋል።
ፕሬዚዳንቱ ይህንን ህግ እንዲያውጁ ምክንያት የሆናቸው እሳቸው እንዳሉት የውጭ ኃይሎች ስጋት ሳይሆን ውስጣዊ የፖለቲካ ችግሮች እንደሆኑ ግልጽ የሆነው ብዙም ሳይቆይ ነበር።
በሺዎች የሚቆጠሩ ደቡብ ኮሪያውያን ውሳኔውን በጽኑ ተቃውመው ወደ ፓርላማ አምርተው ነበር። አንዳንዶች የህንጻውን ግቢ አጥር ጥሰው በመግባት እንዲሁም በአጥሮች ላይ ተንጠላጥለው ወደ ፓርላማው ለመግባት ሲሞክሩ ታይተዋል። በተቃዋሚዎች እና በፖሊሶች መካከል ግጭት መፈጠሩ ተዘግቧል።
ውሳኔያቸው በፓርላማ አባላት የታገደባቸው ፕሬዚዳንት ዩን የምክር ቤቱን ድምጽ ተቀብያለሁ እንዲሁም ህጉን አንስቻለሁ ለማለት ከጥቂት ሰዓታት በኋላ ብቅ ብለዋል።
በአገሪቱ ወታደራዊ አገዛዝ በድንገት መጀመሩን ተቃውመው ከፓርላማ ውጭ ተሰባስበው የነበሩ ሰልፈኞች ህጉ እንደገና በአጭር ጊዜ መቀልበሱን በማስመልከት ደስታቸውን ሲገልጹ ታይተዋል።
ይህንንም ተከትሎ ፕሬዚዳንቱ ከስልጣን እንዲነሱ ተቃዋሚዎች እና የፓርላማ አባላት እየገለጹ ይገኛሉ።
በአሁኑ ወቅት ከስልጣናቸው ሊነሱ አልፎ ተርፎም ከፓርቲያቸው ሊባረሩ የሚችሉበት እድል እንዳለ ተነግሯል።
ወታደራዊ ህግ (ማርሻል ሎው) የሲቪል ባለስልጣናት ስራቸውን በአግባቡ ማከናወን እንደማይችሉ በሚቆጠርበት ጊዜ ወታደራዊ ባለስልጣናት እንዲመሩ የሚደረግበት ጊዜያዊ አገዛዝ ነው። አንዲት አገር በወታደራዊ ህግ ስር በምትሆንበት ወቅት የሲቪል መብቶች መታደግ እንዲሁም ወታደራዊ ህጉ ሊራዘም የሚችልበት ሁኔታ ይፈጠራል።
በደቡብ ኮሪያ ለመጨረሻ ጊዜ ወታደራዊ ህግ የታወጀው በአውሮፓውያኑ 1979 ሲሆን ወቅቱም አገሪቱን ለበርካታ ዘመናት የገዙት አምባገነኑ ፖርከ ቹንግ ሂ በመፈንቅለ መንግሥት መገደላቸውን ተከትሎ ነው።
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 4-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በአርሲ ዞን በሲራሮ ወረዳ የብልፅግና ጦር ንፁሀንን እየዘረፈ ነው።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ አምባገነን መንግስት ወታደሮቹን በማሰማራት እና ሰላማዊ ዜጎች ላይ በመተኮስ የዘር ማጥፋት ወንጀል እያወጀ ነው። እናም ከኦሮሚያ አከባቢዎች ሁሉ ነዋሪዎችን እያደነ፣ እያሰረ፣ እየዘረፈ፣ እየገደለ እና እያፈናቀለ ነው።
በዚህም መሰረት በሲራሮ ወረዳ የቶርባን አሳውዌ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደተናገሩት የአገዛዙ ተላላኪዎች ወደ ጎዳና ወጥተው ባቲ ገመዲ እና ሹኔ ፋንታ በሚባሉ ሰዎች ላይ ከፍተኛ ዘረፋ ፈጽመዋል።
ከዚህ ቀደም በየወረዳው ካሉ መንደሮች በተለያየ ክፍያ ስም ህዝቡን ሲዘርፉ የነበሩ ሲሆን አሁን ግን በተመሳሳይ መልኩ እየቀጠሉ ነው የተባለውን ገንዘብ አንከፍልም ያሉም እየተደበደቡና እየታሰሩ ነው።
የፋሺስት ፒ.ፒ. ወታደሮች በምዕራብ ወለጋ ዞን በቆንዳላ ወረዳ አንድን ወጣት በአሰቃቂ ሁኔታ ገድለው ጥለውታል።
ታህሳስ 4 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ህዝብ በኦሮሞነቱ ብቻ በዚህ ምድር ላይ በነጻነት መኖር አልቻለም እና አገዛዙ ባሰማራቸው ተላላኪዎች በየቀኑ እየተገደለ ነው።
ታህሳስ 2፣ 2024 ዓ.ም የኮሎኔል አብይ አህመድ ወታደሮች በቆንዳላ ወረዳ ጌሚ ገባ መንደር ሲራጅ አድኖ የተባለውን ንፁህ ወጣት በጥይት ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ የዓይን እማኞች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ወጣቱ ምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ እንዳልገባ እና ያለ ምንም ምክንያት ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አልህ በሚል ስም መገደሉን ምንጮቻችን ገልጸዋል።