Lixa Wallaggaa Aanaalee adda addaatti saamichi fi dararaan waraana garboomfataa PP'n jabaate
ONM-ABO Muddee 10,2024 Murni fedhii mataa isaa malee kan uummataaf dursa hin laanne Bilxiginnaan Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti saamicha raawwatu cimsee itti fufuun maqaalee kaffaltii gibiraa, inshuraansii fayyaa fi kaffaltii buusaa gonofaatiin adeemsa saamichaa taasisan haalaan cimsanii itti fufaniiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa gandoota baadiyyaa fi magaalichaa hunda keessatti abbootii qabeenyaa, qonnaan bultoota, hojjattoota mootummaa fi kanneen biroon hiraarfamuun haalaan itti jabaatee kan jiru yoo ta'u, waraanni sirna dhablummaan keessatti dagaage kunneen bakkeewwan socho'an hundaatti maallaqa callaa hawaasa irraa guuruu, manneen maatii qabsaa'otaa fi namoota deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhamuun shakkaman cufa irratti manneen gubuu fi hidhuus cimsaniiru.
Muddee 9,2024 waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa gara ganda Buukee Akkachee, Baabboo Buundii fi Waandii Daalleetti sochii taasisan reebichaa fi saamicha qonnaan bultoota irratti taasisuun kan himamu yoo ta',u, dargaggoo maqaan isaa Israa'eel Margaa jedhamu jiraataa ganda Buukee Akkachee qabanii qarshii 3000 fi bilbila harkaa tokko saamuun isa irraanis miidhaa cimaa geessisuu jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Godina Baalee Lixaatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana faashistii PP'n raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 10,2024 Akkuma guutuu onoota Baalee Lixaa fi Bahaatti loltoonni murna faashistii PP murna Bilxiginnaan ijaaramuun meeshaalee waraanaa hidhatanii maqaa jaarmiyaa ABO-WBO balleessuuf rifeensa namtolcheen faayamuun namoota ajjeesuu fi saamuu cimsanii itti fufaniiru.
Waraanni garboomfataan PP kaadiroota PP'n bobbaafamuun WBO maqaa balleessuuf saamichaa fi dararaa taasisuun miidhaa erga qaqqabsiisanii, boodarra waraanni biroon kan ajajni waajjira paartii murna Bilxiginnaa irraa isaaniif kenname ammoo bakka sana deemuun hawaasa jalqaba saamame isintu Waraana Bilisummaa Oromoo seensisaa jira jechuunis saamichaa fi hidhaa irratti geggeessaa jiraachuu jiraattotni himan.
Taateen Jaarmiyaa ABO-WBO maqaa balleessuuf raawwachaa jiru: horii hawaasaa qaluu, jiraattota saamuu fi ajjeesuu akka ta'e kan himamu yoo ta'u, irra jireessaan halkan sochiin saamichaa bulchiinsa magaalaa Roobeetti jabaachuun halkan namnuu osoo hin ajjeefamin bulaa akka hin jirres ibsameera.
Magaalaa Roobee, aanaa Sinaanaa, Goobbaa, Haroo Duumaal ( aanaa Barbaree) fi kanneen birootti jabaatee jiraachuun kan ibsamu torban darbes hoteela bulchiinsa magaalaa Roobee kan ganda Caffee Doonsaa keessatti argamu maqaan hoteelichaa " Saambee" jedhamutti qarshii qabaan hoteelichaas shiftoota kanneeniin saanjaaan waraanamee ajjeefamuun ibsameera.
Baha Shaggar Aanaalee hedduu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu hammeessan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Ajaja Abiy Ahimediin itti kenname hordofuun ergamtoonni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Baha Shaggar aanaalee adda addaa keessatti ergamtoonni maafiyaan impaayerattii saamicha daangaa darbe maqaa gosa kaffaltii garaa garaan raawwachuu ittuma fufuun, yeroo ammaa kanas aanaa Dugdaa gandoota hundaa keessaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa gadaanaan qarshii 5000, ol-aanaan ammoo hanga qarshii 40,000'tti naga'ee tokko malee afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees aanicha keessatti maqaa deggersa jedhuun midhaan ardaba lama lama jiraattota irraa guurrachaa kan jiranii fi wayita hawaasni baadiyyaa oomisha isaa gara magaalaa geeffatus daandii gubbaa dhaabbachuun saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta'u, sababa kanaanis hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Walaloo ONM-ABO Muddee 10-2024 dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Baankiin giddu galeessaa Siiriyaa, baankonni daldalaa Kibxata har'aa hojii isaanii akka jalqaban himame
ONM-ABO Muddee 10,2024 Baankiin giddugaleessaa fi baankonni daldalaa Siiriyaa Kibxata har'aa hojii isaanii kan jalqaban yoo ta’u, hojjettoonni hojiitti akka galan gaafatamaniiru jechuun maddi baankii giddugaleessaa fi baankota daldalaa lama Wiixata kaleessaa Rooyitarsiif kan himaniiru. Kunis erga humnoonni mormitootaa hidhatan prezidaant Bashar al-Asad kuffisanii booda.
Kuufamni lammiilee Siiriyaa baankota Siiriyaa hojiirra jiran keessatti qaban nageenya akka qabu Baankiin Giddugaleessaa Siiriyaa kanaan dura barreeffama Feesbuukii irratti baaseen ibseera.
Kun kanaan osoo jiru Waraanni Libaanos akka jedhetti Wiixata kaleessaa haleellaa Israa’el kibba biyyattii keessatti konkolaataa irratti raawwateen namni tokko du’uu fi loltoonni afur madaa’uu isaanii ibsuun, dhukaasa dhaabuu dadhabaan Hizbullaah fi Israa’el gidduutti Sadaasa 27 hojiirra ooleera.
Kun kanaan osoo jiru ergamaan Doonaald Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Wiixata kaleessaa daawwannaa naannichaa irratti taasisaniin, namoonni booji’amtoonni Gaazaatti qabaman osoo eebbi pirezidaantiin filatamoo Ameerikaa hin geggeeffamne hin gadhiifaman taanaan “guyyaa bareedaa hin ta’u” jechuun akeekkachiisaniiru.
Bulchiinsi Tiraamp yeroo jalqabu ejjennoo kana sirnaan kan fudhatan Isteev Witkoof, Traamp Amajjii 20 aangoo qabachuu isaanii dura garee hidhattoota Falasxiin Hamaas fi Israa’el gidduutti Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu abdachuu fi kadhachuu isaanii dubbataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.
Godinaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu" jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamichaan dararaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Facaasee Kooraa jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa Muddee 5,2024 nama maqaan isaa Tsaggaayee Caalii jedhamu "Qeerroo Bilisummaa Oromooti" jechuun loon 8 jalaa ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, ergamtoonni kunneen saamicha isaanii ittuma fufuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Babal'aa jedhamu irraa badii tokko malee nama maqaan isaa Misgaanuu Bonnoqaa jedhamu maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun horii 20 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Baha Shaggar Magaalaa Adaamaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruun qarshii hedduu irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 10,2024 Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo sobaan yakkuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafataa kan jiranii fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Magaalaa Adaamaa keessaa dargaggoo maqaan isaa Ibraahim Mahaammad jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun yakkanii "si ajjeefna" jedhanii doorsisuun qarshii 50,000 irraa fudhatanii gargar qooddatanii jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun jiraataa godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa kan ta'ee fi guyyoota 21'f waajjira poolisii magaalaa Adaamaatti dararamaa turuun torban darbe keessa qarshii 50,000 kaffalee mana hidhaa keessaa kan gadi lakkifame ta'uun barameera.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 9-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የብልፅግና ተላላኪዎች በምስራቅ ወለጋ ዞን ሳሲጋ ወረዳ ሰላማዊ ዜጎችን መዝረፍ እና መደብደብ ቀጥለዋል።
ታህሳስ 9፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አባላትን እና አዛዦችን በሰላማዊ መንገድ ለመታገል አስገብቻለሁ በማለት ሰላም እያወጀና ህዝቡን እያሳሳተ የሚገኘው ብልፅግና ማህበራዊ ስነ-ምግባርን በማያውቁ እና በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት ወታደሮቹን ማሰማራቱን ቀጥሏል።
በታህሳስ 6 ቀን 2024 ዓ.ም በምስራቅ ወለጋ ዞን በሳሲጋ ወረዳ በበሎ በሬዳ ቀበሌ ፥ አራተኛ በሬዳ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ከአቶ ኡካሻ አብዲ ስር የአገዛዙ ወታደሮች 2 ኩንታል እህል ፣ 1 ሚዛን እና 1 የእህል ወፍጮ መዝረፋችውን ገልፀው። ጀማል ጂብሮ በሚባለው ደግሞ ድብደባ በመፈፀም ክፉኛ እንደጎዱት ተገልፆዋል።
እነዚህ ሰዎች ከየትኛውም ፖለቲካ ነፃ መሆናቸውን እና የስርዓቱ ተላላኪዎች በኦሮሞነታቸው ምክንያት ብቻ እየከሰሷቸው መሆኑን ምንጮቻችን አክለው ተናግረዋል።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በአማራ ታጣቂዎች ቆስሎ በአዳማ ህክምና ላይ የሚገኙት የ4 ልጆች አባት በብልፅግና ጦር በቁጥጥር ስር ውሎዋል።
ታህሳስ 9፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በሀርጡማ ፉርሴ ወረዳ የሀሩቄ መንደር ነዋሪ የሆኑት አቶ ኡመር የ4 ልጆች አባት ሲሆኑ የአማራ ፋኖ ታጣቂዎች በጮቆርሶ አካባቢ በሰላማዊ ሰዎች ላይ በከፈቱት ጦርነት ከሩቅ ከባድ መሳሪያ በመወርወር ገሪ እግራችው መቁሰሉ ነዋሪዎች ገልፀዋል።
የግራ እግራቸው ሙሉ በሙሉ የተሰበረ እና ሽባ የሆነበት አቶ ኡመር ለህክምና ወደ አዳማ ከተማ ሄዶ ከአንድ ወር በላይ በአዳማ ህክምና ሲደረግለት ከቆየ በኋላ ወደ ወሎ ዞን ልጆቹ ጋር ተመልሶ በክራንች እየተጓዘ ነበር። ነገር ግን ዳግመኛ እግሩን ስለታመመ ወደ አዳማ በመሄድ ላይ ሳለ በፋሽስቱ ጦር በቁጥጥር ስር ውሎል።
የት እንደቆሰለ ሲናገር በፋኖ ታጣቂዎች በጨቆርሶ ጦርነት ከሩቅ በተወረወረ ከባድ መሳሪያ መቁሰሉን እና አሁን እንደምታዩት ቁስሌን ለማከም ወደ አዳማ እየሄድኩ ነው ሲለ ተናግሯል።
ኢ-ሰብአዊው ታጣቂዎች ለህክምና ሲሄዱ የነበሩትን አቶ ኡመርን በጦር ኃይላቸው መኪና ውስጥ አስገብተው ወደ ካሚሴ ከተማ መልሰዋቸው ያለ ምንም አይነት የህግ ጥያቄ እያሰቃይዋችው መሆኑን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
Hoogganaan paartii mormituu Israa’el erga Asaad kufee booda tumsi naannoo akka ta’u gaafate
ONM-ABO Muddee 9,2024 Hogganaan mormituu Israa’el Yayir Lapid kufaatii sirna Bashar al-Asad Siiriyaa keessatti hordofee tasgabbii dhabuu naannoo sanaa furuuf tumsi naannoo akka uumamu Dilbata kaleessaa gaafate.
Asaad gareewwan farra sirnichaa Dilbata ganama magaalaa guddoo Damaasqoo erga to’atanii booda gara bakka hin beekamnetti kan baqate yoo ta’u, kunis kufaatii sirna Paartii Baath kan bara 1963 irraa eegalee Siiriyaa keessatti aangoo irra ture agarsiisa.
Gareen farra sirnichaa magaalaa guddittii kaaba Siiriyaa Aleeppoo erga to’atanii torban tokko booda jechuun ni danda’ama.
“Taateewwan Siiriyaa keessatti mudatan keessatti, tasgabbii dhabuu naannoo waliin wal’aansoo qabuuf, Sa’uudii Arabiyaa fi biyyoota waliigaltee Abrahaam waliin, gamtaa naannoo cimaa uumuun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa dha,” jechuun Lapid akkaawuntii X isaa irratti dubbateera.
Waliigaltee Abrahaam kan Ameerikaan gidduu galeessa godhate yoo ta’u, biyyoonni Arabaa afur Emireetota Arabaa Gamtoomanii (UAE), Baahireen, Sudaan fi Morookoo bara 2020tti Israa’el waliin hariiroo dippilomaasii uumuun isaanii ni yaadatama.
Qondaaltonni Israa’el yeroo dheeraaf hariiroo Sa’uudii waliin qaban idileessuuf yaalaa kan turan yoo ta’u, Riyaad garuu hariiroo kan uumtu erga Israa’el waggoota kurnaniif lafa Falasxiin qabattee turte xumurtee booda qofa jetteetti.
“Gareen Iraan haalaan laafaa dhufeera, Israa’el bu’aa siyaasaa bal’aa kan Gaazaa,Yihudaa fi Samaariyaa (West Bank) keessattis ishee gargaaru argachuuf carraaquu qabdi,” jedhan Lapid jechuun associated Press gabaaseera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 9,2024 Impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu suphuuf ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti fedhii tokko malee dirqamaan ilmaan hiyyeessaa ukkaamsanii gara adda waraanaatti geessuun irbaata rasaasaa taasisuu itti fufanii jiru.
Muddee 5,2024 waraanni faashistii sirnichaa aanaa Begii ganda Oofaa Koobbaree jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
• Takiluu Kaasee,
• Nasirallaa Ittaanaa,
• Burruusee Abdiisaa,
• Abdullaayi Carraquu,
• Faqqadaa Bookaa fi
• Taarikuu Ejjetaa jedhaman maqaa leenjii waraanaa jedhuun ukkaamsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Haaluma walfakkaatuun guyyaadhuma kana Muddee 5,2024 ganda Billee Biqiltuu jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
• Mohaammad Idiriis,
• Jaafar Bashir,
• Mirallaa Muusaa,
• Tamaam Bashir,
• Baacaa Asaffaa,
• Raamatallaa Shaanqoo,
• Raamatallaa Abbabee,
• Tabirii Bashir,
• Miizanaa Bookaa,
• Abiraahim Shaambaa,
• Amuumee Ittaanaa fi
• Saadiq Ahimad jedhaman reebicha hamaa erga irraan ga'anii booda waajjira poolisii aanaa Begiitti walitti qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguuf qophii irra jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Godina Baalee Lixaa Aanaalee adda addaatti saamichi humnoota waraanaa kan murni garboomfataan PP qindeesseen jiraattota irratti jabaachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 9,2024 Jibba Waraana Bilisummaa Oromoof qabu agarsiisuuf murni garboomfataan PP, akkaataa ittiin waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo addaan fageessan guyyuu bocanii gadi baasuun uummata hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaanis godinaalee Oromiyaa hundaatti sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo taasisuun humnoota waraanaa impaayerattii irratti haleellaa geggeessuun du'aa fi madoon adabuun injifannoo galmeessutti baaraaganii kan jiran murni gabroomfataan PP maqaa sochiileen WBO godinaalee Baalee lamaanitti mul'achaa jira kan jedhuun akkaataa ittiin maqaa WBO xureessan qabatanii saamicha hawaasa irratti jabeessuun himameera.
Sochiilee waraanichaatti danqaa uumuuf ajandaa dabaa qabatanii guyyuu gadi kan bahan murnoonni faashistii PP sochiilee isaanii hamoo jabeessanii itti fufuun, waraana isaanii rifeensa namtolcheen faayanii godina Baalee Lixaa bulchiinsota magaalaa fi aanaalee godinichaa kan akka Sinaanaa, Gaasaraa, Agarfaa fi kanneen birootti ajaja murna PP'n saamichi jiraattota irratti jabaachuun beekameera.
Loltoonni Bilxiginnaa hojiilee hamminaa taasisaa jiran kunneenis maqaa namoota gosaan addaan qooduu, lola amantii kaasuu fi kanneen biroo hojjechuun daba irratti xiyyeeffatanii uummata miidhaa jiru jechuunis jiraattonni godinaalee Baalee ONM dubbise yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Oduu Galgala ONM=ABO Muddee 9-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Bosheetti loltoonni Abiy Ahimed nama tokko irratti ajjeechaa raawwatan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Waraabessichi aduu saafaa dhiiga ilmaan Oromoo dhuguuf hamuummatu waraanni faashistii PP, sabboontota ilmaan Oromoo sababa tokko malee adamsee ajjeesuun soora bineensaa taasisaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Billoo Bosheetti jiraataa ganda Gala-Gurree kan ta'e nama maqaan isaa Asaffaa Aangessaa Haroo jedhamu loltoonni faashistii PP Muddee 7,2024 badii tokko malee haala suukkanneessaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun sababa tokko malee torban lamaa oliif waajjira poolisii aanaa Billoo Bosheetti hidhamee dararamaa turuu himuun, ergamtoonni sirnichaa mana hidhaatii baasanii konkolaataa paatirooliitti fe'uun aanichuma ganda Boshee Timbaakkoo magaalaa Doonoo jedhamu geessuun ajjeesanii gatuu dubbatu.
Kana malees armaan dura abbaa isaa Obbo Aangessaa Haroo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun reebicha qaama laalessu reebuun du'aaf jireenya gidduutti kan argamu ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa raawwatan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti duula duguuggaa sanyii raawwatan ittuma fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatanii jiraachuun himamee jira.
Gara jabeeyyiin ilmaan namootaaf gara laafina tokko illee hin qabne finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa 'Faannoo' jedhuun of waaman Muddee 8,2024 aanaa Amuruu ganda Waallii jedhamu irraa nama maqaan isaa Malkaamuu Dassee jedhamu haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, yeroo adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa hanga funyaaniitti hidhachuun aanicha keessaa ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran ta'uu fi yeroo ammaa kanas naannoo Amaaraa irraa gara naannoo Oromiyaatti baay'inaan seenuun dararaa geggeessaniin hawaasni Oromoo aanaa Amuruu keessa jiru rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Haala yeroo irraatti miseensonni waraana Bilisummaa Oromoo Mal jedhuu? itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Drone Strikes and Extrajudicial Killings in Oromia Under Abiy Ahmed's Regime
Drone Attacks in Northern Shagar
ONM-ABO, December 10, 2024
The Prosperity Party regime led by Abiy Ahmed continues its use of drone strikes and heavy weapons against civilian populations in Oromia. On November 7, 2024, drone attacks were ordered in the districts of Kuyu and Hidhabu Abote. In Kuyu, schools were targeted, while in Hidhabu Abote, the strikes destroyed local plantations.
These actions are part of an ongoing campaign of repression aimed at impoverishing and subjugating the Oromo people. Despite widespread hunger and economic instability, the regime has invested heavily in acquiring advanced drones such as the TB2 and Akinci from Turkey. The attacks on civilians and public property, including livestock, are an attempt to crush dissent and enforce control over Oromia.
Districts like Dhara and others have faced frequent bombardments, making drone and heavy weapon usage a daily reality in Oromia. These actions reflect a broader strategy of repression by a regime determined to suppress opposition and cement Abiy Ahmed's power.
Extrajudicial Killing in Western Shagar
ONM-ABO, November 8, 2024
The regime's forces in Oromia have also escalated their campaign of extrajudicial killings. On November 5, 2024, in the Western Shagar district of Danoo, a young man named Gamachis Takala was executed without cause. According to sources, Takala had no political affiliations and was falsely accused of having ties to the Oromo Liberation Army (OLA).
This extrajudicial execution is part of a growing pattern in Oromia, where civilians are targeted under the pretext of supporting the OLA or other opposition groups. Regime forces often resort to such acts after suffering defeats at the hands of the OLA. These heinous crimes underscore the regime’s increasing reliance on violence to maintain its hold over Oromia.
The continued use of drones, heavy weapons, and extrajudicial killings highlights the brutal measures employed by the Prosperity Party to suppress the aspirations of the Oromo people. These acts of violence against civilians further expose the oppressive nature of the regime under Abiy Ahmed.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo tokko haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Godinaalee Oromiyaa cufa keessaa waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Kolonel Abiy Ahimaed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Muddee 7,2024 aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Lataa Lammeessaa jedhamu osoo inni gabaadhaa galuu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka namoonni kun jedhanitti, dargaggoo Lataan nama nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta'uu himuun, dargaggoo kana kan ajjeese itti gaafatamaa dhimma nageenyaa gandichaa kan ta'e nama maqaan isaa Tirfeessaa Aagaa jedhamu ta'uu dubbataniiru.
Godina Baalee Magaalaa Roobee irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 10,2024 Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatanii sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Magaalaa Baalee Roobee irraa torban darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Arabuu Abdillaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, loltoonni Bilxiginnaa naamusa hin qabne kunneen dargaggoo kana badii tokko malee kan hidhan ta'uu himuun, dargaggoon kun siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaa irraa maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun dubbataniiru.
Qophii Bakkalcha Oromiyaa ONM-ABO Muddee 9-2024 itti dhiyaadhaa!
ABO Keessatti Hennaa Adda Addaa Gantummaan Maaliif Mataa Irraa Jaqaba? Maree Hayyoota Oromoo Jaal Karoorsaa Bosonaa fi Jaal Jamaal Miidhagaa waliin Turtii taasifna!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ከስልጣን የተወገዱት የሶሪያው ፕሬዚዳንት በሻር አል አሳድ ወደ ሞስኮ አቀኑ።
ታህሳስ 9 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ከስልጣን በኃይል የተወገዱት የሶሪያው ፕሬዚዳንት በሻር አል አሳድ እና ቤተሰባቸው በሩሲያ ባለስልጣናት ጥገኝነት ከተሰጣቸው በኋላ ሩሲያ መግባታቸውን የክሬምሊን ምንጭን ዋቢ አደርገው የሩሲያ መገናኛ ብዙኃን ዘግበዋል።
ሩሲያ ለአሳድ እና ለቤተሰባቸው "በሰብዓዊነት" በመመርኮዝ ጥገኝነት ሰጥታለች ሲሉ የሩሲያዎቹ የዜና ወኪሎች ኢንተርፋክስ፣ ቲኤስኤስ እና ሪያ ኖቮስቲ ስማቸው ያልጠቁሱትን ምንጭ በመጥቀስ ዘግበዋል።
እሁድ ማለዳ የሩሲያ ታጣቂዎች መዲናዋን ደማስቆን ተቆጣጥረው የአሳድ መንግሥት መገርሰሱን ከገለጹ በኋላም የቀድሞው ፕሬዚዳንት ያሉበት ለማወቅ አልተቻለም ነበር። ታጣቂዎቹ ከሁለት ሳምንት ባነሰ ጊዜ ውስጥ ነው ባልተጠበቀ ሁኔታ ግስጋሴያቸውን ጨምረው መብረቃዊ በሆነ ሁኔታ ሶሪያን የተቆጣጠሯት።
የቢቢሲ የሩሲያ አገልግሎትን ጨምሮ በርካታ ምንጮች እንደዘገቡት አል አሳድ በሶሪያ ከሚገኘው ላታኪያ ከተባለው የሩሲያ የጦር ሰፈር በተነሳ የሩሲያ አውሮፕላን ከአገር ሳይወጡ እንዳልቀሩ መዘገባቸውን አልጀዚራ አስፍሯል።
የአሜሪካው ፕሬዚዳንት ጆ ባይደን አል አሳድ የት እንዳሉ እርግጠኛ እንዳልሆኑ ነገር ግን "ሞስኮ ውስጥ አለ ይባላል" ሲሉ በዋይት ሃውስ ንግግር ባደረጉበት ወቅት ገልጸዋል።
"የአገዛዙ ውድቀት መሰረታዊ የፍትህ እርምጃ ነው። ለረጅም ጊዜ በጭቆና ሲሰቃዩ ለነበሩ የሶሪያ ህዝቦች በሚኮሩበት አገራቸው የተሻለ የወደፊትን ለመገንባት ታሪካዊ እድል ነው" ብለዋል ባይደን።
የሩሲያ የውጭ ጉዳይ ሚኒስቴር እሁድ ዕለት ቀደም ብሎ አልአሳድ ስልጣን መልቀቃቸውን እና ከሶሪያ መውጣታቸውን አስታውቆ ነበር።
ታጣቂዎቹ አልአሳድ ፈርጥጠዋል ብለዋል ካወጁ በኋላ ህዝቡ የቀድሞውን መሪያቸውን ቤት ዘርፈዋል።
አማጺያኑ 'የደማስቆ ከተማ ነጻ ነች" ማለታቸውን ተከትሎም በርካቶች ደስታቸውን በጎዳናዎች ላይ ሲገልጹ እና ጭፈራም ሲያሰሙ ታይተዋል።
የሩሲያ የዜና ወኪሎች በተጨማሪም ስልጣን የተቆጣጠሩት የሶሪያ ታጣቂ አመራሮች በአገራቸው በሚገኙ የሩሲያ ጦር ሰፈሮች እና ዲፕሎማሲያዊ ሚሲዮኖች ደህንነት ዋስትና መስጠታቸውን ዘግበዋል።
"የሩሲያ ባለስልጣናት ከታጣቂዎቹ የሶሪያ ተወካዮች ጋር እየተነጋገሩ ነው። የታጣቂዎቹ አመራሮች በሶሪያ ግዛት በሚገኙ በሩሲያ ወታደራዊ ማዕከላት እና የዲፕሎማቲክ ተቋማት ደህንነት ዋስትና ሰጥተዋል" ሲል ታስ የተሰኘው የዜና ወኪል የክሬምሊንን ምንጭ ዋቢ አድርጎ ዘግቧል።
ሩሲያ በሶሪያ ጦርነት በንቃት የተሳተፈች ሲሆን ለአልሳድ ወግና በታጣቂዎቹ ይዞታዎች ላይ ተደጋጋሚ የቦምብ ጥቃቶችን ፈጽማለች እንዲሁም ለሰላማዊ ሰዎች ሞት ምክንያት ሆናለች።
ታጣቂዎቹ በአውሮፓውያኑ 2015 የአልአሳድን ስልጣን ስጋት በጣሉበት ወቅት የሩሲያ ድጋፍ የጦርነቱን አቅጣጫ ቀይሮታል። በፍጥነት እየገሰገሱ የነበሩትን ታጣቂዎችን በመግፋት በአገሪቱ ሰሜናዊ ክፍል እንዲወሰኑ አድርጓቸው ነበር።
እሁድ የተከሰተው ክስተት ከ13 ዓመታት የእርስ በርስ ጦርነት በኋላ ሲሆን ለአምሳ ዓመታት የቆየውን የአልአሳድ ቤተሰብ አገዛዝ እንዲያከትም አድርጎታል።
የሶሪያ ጦርነት በአውሮፓውያኑ 2011 ሲነሳ በአልአሳድ ላይ በአብዛኛው ያልታጠቀ ህዝባዊ አመጽ ሆኖ ነበር የጀመረው። ነገር ግን በመጨረሻም ከእርስ በርስ ጦርነት አልፎ የተለያዩ የውጭ አገራት ኃይሎች የተሳተፉበት እንዲሁም በመቶ ሺዎችን ህይወት የቀረጠፈ እና ሚሊዮኖችን ወደተለያዩ አገራት እንዲሰደዱ አድርጓል።
የፋሺስቱ ፒፒ ጦር በምዕራብ ወለጋ ዞን በቆንዳላ ወረዳ አንድ ወጣት መግደላችው ተገለፀ።
ታህሳስ 9፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኢትዮጵያ ጦር በተለያዩ የኦሮሚያ ማዕዘናት በኦሮሞ ህዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻውን ቀጥሏል።
ታህሳስ 7፣ 2024 ዓ.ም የፒፒ ገዳዮች ጂቦ ሼህ ከድር የተባለ ወጣት በቆንዳላ ወረዳ በጌሚ ገባ መንደር ንፁህ በጥይት ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ወጣቱ ከየትኛውም ፖለቲካ ገለልተኛ የሆነ ሲሆን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል የሀሰት ሰበብ በቤተሰቡ ቤት መገደሉን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በምዕራብ ጉጂ ዞን በቡሌ ሆራ ወረዳ ንፁሀን ዜጎች እየተሰቃዩ ይገኛል።
ታህሳስ 9፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ህዝብ በኢትዮጵያ ኢምፓየር ታይቶ በማይታወቅ ሁኔታ ስቃይ እየደረሰበት ሲሆን በህገ መንግስቱና በህግ ያልተደነገገው በህብረተሰቡ ዘንድ ያልተለመደ እና ባልተደነገገው ተግባር የአንድን ሰው ሃላፊነት ወደ ሌላ አካል በማዘዋወር በሰዎች ላይ የሚደርሰውን ስቃይ አጠናክሮ ቀጥሏል።
ተጎጂዎቹ በእስር ቤት ውስጥ እየተሰቃዩ የሚገኙት ቡኔ ጉዬ ፥ ሶርሳ ሀለኬ ፥ አሰፋ ባነታ ፥ አስቴሪ አዴማ እና ቁጤ አዱላ ይባላሉ።
በተጨማሪም በዚሁ ወረዳ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ትደግፋላችሁ በሚል ስም የታሰሩ ሰዎች ይገኛሉ ። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:- ሸዋዬ ጂሎ ፥ አያንቱ ዋቆ ፥ ቦነያ በሪሶ ፥ ሚኤሳ ሶርሳ ፥ ከበደ ጀጎ ፥ አዱኛ ቱኩ ፥ ጃለኔ ገልማ እና ነገዮ ሸሪኮ በእስር ቤት ከፍተኛ ድብደባ ደርሶባቸዋል።
በዚያው አውራጃ ውስጥ ዱርሲቱ ሳሊ ፥ ጫልቱ በሪሶ ዱቤ ቴሮ ፥ ዱከሌ ኑጉሴ ፥ ቡሌ ቱኑ እና ዱከሌ ቱኑ የሚባሉ ንፁሀን እየተሰቃዩ ይገኛል።
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti loltoota Abiy Ahimediin ajjeechaa, reebichaa fi hidhaan dargaggoota irratti raawwatamu itti fufe
ONM-ABO Muddee 9,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun hawaasa nagaa sobaan yakkanii reebuu, saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi qe'ee irraa buqqisuu amaleeffachuun dararaa hamaa raawwachaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Waamaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Miidhagsaa Tashoomaa jedhamu Muddee 6, 2024 magaalaa Naqamtee keessaa qabuun gara bakka dhaloota isaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Waamaatti geessanii haala suukkaneessaa ta'een badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, guyyaadhuma kana ganda kana keessaa obboleessa isaa ammoo dargaggoo maqaan isaa Baacaa Tashoomaa jedhamu reebicha hamaa irraan gahuun maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen garee siyaasaa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii irraa kan qabaman ta'uu addeessu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 9,2024 Bara Oromoo ta'anii dhalachuu qofti yakka ta'etti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni sirna nama nyaataan mootummaa abbaa irree loltoonni Abiy Ahimed sabboontota ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan yakkuun mana hiraarsaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Horroo Bulluq bulchiinsa magaalaa Saqalaa ganda 01 irraa maqaa adda addaa itti maxxansuun jiraattota hidhaatti guuraa kan jiran loltoonni Bilxiginnaa Muddee 2,2024 namoota maqaan isaanii:
- Saalii Bashir,
- Dhaabaa Lammeessaa,
- Abdiisaa Birruu,
- Fayyeeraa Kabbadaa,
- Habtaamuu Tamasgeen,
- Taarikuu Tolasaa,
- Taayyee Tolasaa,
- Darguu Mararaa,
- Darajjee Abdiisaa fi Gonfaa Duuffisaa jedhaman badii tokko malee hidhuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni dirqamaan maqaa "milishaa taatu" jedhuun qabaman baay'inni isaanii kanneen 32 ol ta'an magaalichaa qabamanii hidhaman keessaa harki caalaan maanguddootaa fi dhukkubsattoota ta'uu dubbatu.
ታህሳስ 9-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 9-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️