onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በጅማ ዞን ጉማ ወረዳ መምህራን በፒፒ ካቢኔዎች እያስቃዩ ይገኛል።


ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

እንደ ኢትዮጵያ ኢምፓየር ከላይ እስከታች ያሉ መምህራን ከፍተኛ ደሞዝ ሊከፈላቸው ይገባል በተቃራኒው በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች የፒ.ፒ ወኪሎች በተለያየ ስም እያሰቃዩዋቸው ነው።

በጅማ ዞን የጉማ ወረዳ መምህራን "የመምህራንን ክምችት እናስተካክላለን ወይም የመምህራን ኮሪደሮችን መተግበር" በሚል ስም ስቃይ እየደረሰባቸው ሲሆን በርካታ መምህራንን ከቤተሰቦቻቸው እና ከኑሮአቸው በግዳጅ ከመኖሪያ ቤታቸው ተፈናቅለው ወደ ሌላ ቦታ መላካችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል። .

በተጨማሪም የጉማ ወረዳ ስራ አስፈፃሚ ኮሚቴ ከሌሎች የኦሮሚያ አካባቢዎች የመጡ መምህራንን በጥርጣሬ እያየ ህይወታቸው የተመቻቸ መምህራንን በመበተን ላይ ይገኛል።

የተደበቀው ሚስጥር የወጣው መምህራን ፖለቲካ ሊከተሉ ይችላሉ ብለው በማሰቃየት እና ዝውውሩን ከተቃወሙ በአንድ ወር ጊዜ ውስጥ ሊባረሩ እንደሚችሉ በማሰብ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Haati gaaga'amte obbolaa fi daa'imman sirna Asaad jalatti mana hidhaa Siiriyaa keessatti dhabaniif haqa gaafatan

ONM-ABO Muddee 18,2024 Dubartiin lammii Sooriyaa ganna 48 Nikaa Dibesh jedhamtu kan ijoolleen ishee lamaa fi obbolaan ishee lama mana hidhaa Sednaya Damaasqoo keessatti dararamaa turan haqa gaafatte.

Dibesh waggaa 3 dura sababa waraana biyya keessaa Siiriyaa keessatti mudateen ilma ilma ishee fi ilma ishee waliin bulchiinsa Turkii kibba baha Sanlurfa keessatti kooluu galte.

Sirni Bashar Asaad biyya ishee kuffifamuu isaatti kan gammadde dubartiin kun gara fuulduraatti gara Sooriyaatti deebitee ilmaan ishee Fehmii fi Mustafaa Dibesh akkasumas obboleeyyan ishee Mohaammad fi Omer Alkatan kan Sednayaatti dhabdeef qabsoo seeraa eegaluu barbaaddi.

Obboleeyyan ishee bara 2012 sirna Asaad mormuun jalqaba obbolaan ishee fi sana booda ilmaan ishee lamaan gara mana hidhaa Sednayaatti akka geeffaman Anadolutti himteetti.

Dibesh akka jettetti mana hidhaa Sednayaatti ijoollee fi obbolaa ishee ilaaluuf yeroo deemtu arrabsamtee, achiis mana ishee irraa fuudhanii ji'a 3 achitti tursiifamte.

''Anallee dararaa turan. Eegdonni achi jiran hundi dhiirota waan ta'aniif na reeban. Ammallee dugda koo irratti mallattoo dararaan qaba. Harka koo dugda duubaan hidhanii qilleensa keessa ol na kaasan. Ammallee naafa hin fayyineen qaba,'' jechuun dabalteetti.

Gaafa haalli Siiriyaa fooyya'u mirga gosa hundaaf qabsoo kiyya ittiin fufa. Dubartii, obboleettii, haadha ta'ee haqa nan barbaada. Akkamitti akka dararamaa fi ajjeefaman bakka hundatti nan hima. Biyyoota addunyaa hunda keessatti bu’uura seera addunyaatiin qabsoo koo ittin fufa jechuu ishee Anaadooluun gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta'een ajjeesuun jiraattota irratti reebicha raawwatan

ONM-ABO Muddee 18,2024 Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa'ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee dhabuun, qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchineen hawaasa nagaatti afaan qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa geggeessaa jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Igguu bakka addaa Daallee jedhamu irraa loltoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobbaafaman qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Namee Goobanaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan iddoo 5 rukutuun haala suukkaneessaa ta'een ajjeesuu jiraataan gandichaa tokko ONM'f gabaasee jira.

Akka jiraataan kun himetti, "Obbo Nameen ganama osoo iddoo ooyiruu isaa dhaabatuu 'ati Waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhufaa jirta' jechuun rasaasa itti kan roobsan yoo ta'u, namni kun harka qalleessaa fi abbaa maatii saddeetiidha" jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.

Ganduma kana keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa gara jabina hamaan dararaa ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta'u, namoota maqaan isaanii Obbo Margaa Tolanii fi Misgaanaa Tolanii jedhaman "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jechuun reebicha hamaa ta'e irraan gahuun jiraattonni kunneen miidhaa ulfaataan du'aa fi jireenya gidduu kan jiran ta'uus jiraataan gandichaa kan biraan ONM dubbise himee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee kutaalee addaa addaatti manneen jiraattotaa diigamuu fi uummanni nagaan ukkaamfamuun cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 18,2024 Goolessitoonni impaayera Itiyoophiyaa dararaa ilmaan Oromoof mataa nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimediin bobbaafan magaalaa Finfinnee dabalatee goleewwan Oromiyaa cufa keessatti gochoota badii isaanii uummata irratti jabeessuun jiruu fj jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jiraachuun kan beekamuudha.


Saamicha, ajjeechaa, gudeeddii, qabanii dhabamsiisuu fi gubaatii manneenii hameessuun akkasumas jiraatti maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen maatiin waggoottaniif keessa jiraataa turan irratti diiguun ilmaan Oromoo bakka jireenyaa dhabsiisanii maatii hedduun waan keessa jiraatu dhabee harka namaa eeggachuun gariin ammoo godaansaaf saaxilamaa jira.


Haaluma kanaan waggoottan lamaan darban irraa kaasee maqaa miidhagina magaalotaa jedhuun Finfinnee kutaalee addaa addaa keessatti manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee irratti diigamaa kan jiru yoo ta'u, maatii hedduun ilmaan isaanii qabatanii bakkee irratti bahuun haala hamaa keessatti argamu.

Kana malees bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti namoonni Oromiyaa godinaalee biroo irraa hojiif garas deeman maqaa hojiilee loojistii WBO'f hojjettuun guyyuu jumlaan guuramanii hidhamuun cimee itti fufeera jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti WBOn diinaa du'aa fi madoon adabe

ONM-ABO Muddee 18,2024 Irree fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Madda Walaabuu waraana faashistii PP maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaate guyyaa kaleessaa Muddee 17,2024 godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa ganda Bidduu-Baalaa jedhamu keessatti haxxee itti hidhuun loltootaa impaayeera dullomaa suphuuf dhamaatu rasaasaan goolee loltoota hedduu du'aa fi madoon adabuun kan irraa hafte baaraguun gara magaalaa irraa bobbaatetti akka deebitu taasisee jira.
Tarkaanfii biraatiin ganduma Bidduu-Baalaa keessatti tarkaanfii haxxee taakiyaan waraana Abiy Ahimed irratti fudhateen 1 irraa ajjeesuun 2 madeessee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Gabaasa Tarkaanfii Jalduu, Warra Jaarsoo fi Fantaallee
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Haleellaan xiyyaaraa Israa’el maatii bal’aa manneen Gaazaa lama keessatti ajjeesan

ONM-ABO Muddee 18,2024 Haleellaan xiyyaaraa guddaan Israa’el Kibxata kaleessaa maatii bal’aa mana jireenyaa kutaalee Kaaba Gaazaa lama keessatti argaman kan ajjeese yoo ta’u, taankiin kibbaa ammoo gara naannoo gargaarsa namoomaa qarqara galaanaa Meditiraaniyaanii jirutti dhiibuun maatiin buqqa’an ammas deebi'anii akka buqqa'an dirqisiiseera.

Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti, haleellaa xiyyaaraan mana Magaalaa Gaazaa naannoo Daraj jedhamutti raawwatameen gamoo kan barbadeessee fi manneen naannoo sana jiran miidhuun yoo xiqqaate namoonni 10 du’uun isaanii mirkanaa’eera.

Gara kaabaattis magaalaa Beyit Lahiya jedhamtu kan jalqaba Onkoloolessaa irraa eegalee goolama Israa’el jala turte keessatti yoo xiqqaate namoonni 15 caccabaa mana haleellaa qilleensaatiin naannoo galaanaatti rukutame jalatti du’uu ykn dhabamuu isaanii ogeeyyiin fayyaa himaniiru.

Namoonni baraarsaan lakkoofsa namoota du'an mirkaneessuuf bakka sana gahuu hin dandeenye.

Haleellaa adda addaa magaalaa Gaazaa fi Beet Lahiyaa bakka biraatti raawwatameen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin biroo 10 ajjeefamaniiru jedhan ogeeyyiin fayyaa.

Haleellaa Kibxata kaleessaa raawwate ilaalchisee yaadni waraana Israa’el irraa hatattamaan hin kennamne jechuun Arabs news gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Jimmaa Aanaa Gumaatti dararaan karaa Kaabinoota PP barsiisota irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 18,2024 Akka impaayerattiitti gubbaa hanga gadiitti qooda barsiisaaf kaffaltii olaanaan kaffalamuufii qabuu fi haalaan kunuunfamuu qabu faallaa isaa immoo gama isaaniif danda'ame maraan ergamtootni PP kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maqaa adda addaan yakkanii dararaa jiru.

Godina Jimmaa aanaa Gumaatti maqaa "kuufama barsiisaa sirreessina ykn kooridarii barsiisaa hojiirra oolchina" jedhuun barsiisonni dararamaa kan jiran yoo ta'u, barsiisonni hedduun maatii fi jireenya isaanii irraa dirqiin kaafamuun aanichuma keessaa gara bakka birootti ergamanii rakkoo hamaa keessa kan jiran ta'uu barsiisonni rakkoon kun irra ga'e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, akka aanichaatti barsiisota godinaalee Oromiyaa biroo irraa dhufan ija shakkiin ilaaluun barsiisota jireenya isaanii mijeeffatanii jiran gargar bittimsuun bakka isaan hin barbaanne qaamni koree hoji raawwachiistuu aanaa Gumaa maqaa jijjiirraa fi adabbiin kennaafii jiraachuunis himamee jira.

Iccitii dhokataan barsiisota aanichaa gargar bittinneessuu siyaasa hordofuu malu jedhanii waan yaadaniif ta'uu fi jijjiirraa isaaniif kennamu kana yoo morman ji'a tokko gidduutti hojii irraa ari'uun miidhaa irraan ga'uu waan danda'an barsiisotni lafa itti iyyatan dhabanii dararaa argaa jiraachuun barameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti namoota lama ajjeesuun tokko yoo madeessan, meeshaalee gurguddaa darbataniin miidhaa cimaan qaqqabuun himame

ONM-ABO Muddee 18,2024 Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 14,2024 iddoo addaa Maganxaa Fursee jedhamutti meeshaalee gurguddaa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon fageenya irraa dhukaasaa turaniin jiraattota aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Geeloo kan ta'an namni tokko kan maqaan isaa ammaaf nu hin geenye yoo ajjeefamu, namni maqaan isaa Adam Aliyyii jedhamu ammoo madaa'uu jiraattotni onicha irraa dubbisne ONM'tti himaniiru.

Akka maddeen kun dabaluun dubbatanitti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kunniin galgalaa fi ganama meeshaalee gurguddaa gaara irra dhaabbachuun guyyuu qe'ee hawaasaatti furguggisaa kan jiran yoo ta'u, sababa kanaan miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyaa jiraattotaa irra ga'u guyyaa guyyaan dabalaa dhufeera jechuun itti dabaluun ifoomsaniiru.

Kana malees Nuuruu Ammee kan jedhamu ol adeemaa umuriin isaa 15 kan ta'e dhalataa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Luugoo kan ta'e Muddee 14,2024 magaalaa Haxaayyee irraa osoo gara ganda isaa Luugootti galaa jiruu hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon riphanii daandii gubbaatti eeguun qabanii reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda iddoo addaa Allaala Imulahaa jedhamutti qalanii ajjeesuun bakkeetti gatanii biraa deeman jedhu jiraattotni.

Akka jiraattotni reeffa ol adeemaa kanaa bakkeedhaa kaasan jedhanitti, humnoonni badii Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen dargaggoo kana qaama isaa guutummaa saanjaadhaan wawwaraanuun haala suukkaneessaan ajjeesanii biraa kan deeman ta'uu himuun, reeffi isaas halkan tokko osoo namoonni hin argin bulee bineensaan irraa nyaatamuun guyyaa lammaffaatti namoonni loon tiksan arganii jiraattota naannichaa waliin kaasanii awwaaluu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oromo Liberation Army Launches Successful Operations in Western and Northern Shagar Zones

ONM-ABO, December 18, 2024

The Oromo Liberation Army (OLA) has carried out two significant offensive operations in the Shagar zones, targeting enemy forces responsible for terrorizing civilians.

On December 15, 2024, OLA conducted an operation in Western Shagar, specifically in the district of Jaldu, at a locality called Goro. In this intense engagement, OLA neutralized 13 enemy combatants, injured 13 others, and captured 4 alive. Additionally, the operation resulted in the seizure of 6 automatic rifles and a large quantity of ammunition.

Following this, on December 16, 2024, OLA launched another decisive offensive in Northern Shagar, targeting enemy forces stationed in the district of Wara Jarso at a locality known as Bobe Liban. This engagement led to the neutralization of 34 enemy combatants, with 42 others sustaining severe injuries.

The Oromo Liberation Army remains steadfast in its commitment to protecting civilians and intensifying operations against forces perpetrating violence and atrocities in Oromia.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

UN akka jedhetti lammiileen Sooriyaa miiliyoona tokko walakkaa bara 2025 jalqabaatti deebi’uu malu

ONM-ABO Muddee 18,2024 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Kibxata kaleessaa akka jedhetti, walakkaa bara 2025 jalqabaa keessa namoonni gara miliyoona tokkoo gara Siiriyaa akka deebi’an ni eega. Kunis kufaatii bulchiinsa prezidaant Bashar al-Asad hordofee akka ta'e dubbatameera.


“Waggaa dhufu baatii Amajjii fi Waxaabajjii gidduutti lammiileen Sooriyaa miliyoona tokkoo ta’an bakka tokkotti akka deebi’an abdii qabna jennee tilmaamneerra,” jechuun dhaabbata baqattootaa UNHCR keessatti daayreektarri Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa Rema Jamous Imseyis ibsa gaazexeessitootaaf Jeeneevaatti kennaniin dubbataniiru jechuun AFPn gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsootti meeshaalee gurguddaa dhukaafameen namni tokko ajjeefamuun, qabeenyi saamamuu fi ibiddaan gubachuun dhagaa'ame

ONM-ABO Muddee 18,2024 Sammuu dhalli namaa ittiin yaadu kan hin qabnee fi lammiilee bulchaa jirra jedhaniif waanuma gaarii tokkollee kan hin yaadne ergamtoonni murna maafiyaa PP, kutaalee Oromiyaa hunda keessaa sabboontota ilmaan Oromoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun adamsanii hidhaatti darbachuun gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf hidhanii sarbamiinsa mirgoota namoomaa hedduu irratti raawwachaa jiru.

Waraanni faashistii PP kun qe'ee hawaasa nagaa irratti haleellaa qilleensa irraa fi lafoon lubbuu namootaa fi beeyladootaa irraan gaaga'ama geessisan cimsanii itti fufaniiru.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra jaarsoo ganda Haroo Gullallee keessatti Muddee 15,2024 meeshaalee gurguddaa magaalaa Qarree Gohaatti waraanni faashistii PP dhukaaseen hanga gabaasni kun qindaa'ettis loon 6 fi harree 1 ajjeesuun miidhaa qabeenya irratti qaqqabsiisuun himameera.

Kana malees ganda Janjam Meelaa keessatti meeshaalee gurguddaa Madfii fi kanneen biroo magaalaa Qacammee gubbaa dhaabuun dhukaasaniin abbaa maatii kan ta'e Obbo Lammii Taayyee ajjeesuun midhaan bakka tokkotti tuulamee jiru Xaafiin Obbo Adaree Tolaa jalaa dhukaasa meesha guddaa kanaan gubachuun ifoomeera

Itti dabaluun Obbo Shifarraa Joobiraa jalaa midhaan ardaba 16, Obbo Wandimmuu Shifarrawu jalaa midhaan ardaba 8 jalaa yoo saaman aanaadhuma kana ganda Faajjii Ejersaa keessaa ammoo Obbo Alamaayyoo Margaa jalaa midhaan ardaba 6 saamuun beekameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtoota maafiyaa PP'n dubartiiin tokko gareen gudeedamuun boodarra ammoo ajjeefamuun bineensaan nyaatamte

ONM-ABO Muddee 18,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne yeroo adda addaatti fedhii isaanii to'achuu dadhabuun dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne namoota irratti gochoota safuu hawaasichaa hin ibsinee fi ciiggaasisoo ta'an raawwachuu irra darbanii ajjeesanii bineensa nyaachisuu itti fufaniiru.

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 14,2024 hidhattootni sirnichaa dubartiii maqaan ishee Halimee jedhamtu jiraattuu ganda Qurqurootaa haadha daa'ima tokkoo kan taate osoo isheen gabaa magalaa Qiciicoo irraa gara mana isheetti galaa jirtuu daandii gubbaatti eeguun qabanii gareen erga gudeedaniin booda ajjeesanii bakkeetti yoo gatan Muddee 15,2024 galgala bineensi nyaatee rifeensaa fi huccuun ishee mul'achuun maatiin gadda taa'anii jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti Halimeen haadha daa'ima tokkoo ta'uu himuun, abbaa warraa isheen wal dhabanii wal hiikuun mana maatii isheetti galtee daa'ima ishee ittiin guddifachuuf jecha jimaa fi wantoota tokko tokko magaalaa Qiciicootti geessuun gurgurtee kan ofii fi daa'ima ishee jiraachiftuudha.

Yeroo magaalaa Qiciicoo baatu mara ammoo ergamaa Bilxiginnaa kan ta'e namni maqaan isaa Adam Wadaddar jedhamu dubartiiin kun baay'ee bareeddi nan fuudha jedhee gaaffii jaalalaa yoo dhiyeessuuf ani daa'ima kiyyan guddifadha heerumaaf fedhii hin qabu yeroo isheen jettuun akka ajjeesus itti dhaadachaa turuun ibsameera.


Muddee 14,2024 magaalaa Caffaa Roobit waan tureef namni Adam jedhamu kun yeroo achii gara magaalaa Qiciicoo dhufu milishoota sirnichaa waliin ta'uun gudeeddii gareen erga irratti raawwataniin booda haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuun bineensa akka nyaachisan ragaan jiraattota magaalaa Qiciicoo fi ganda Qurqurootaa irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oromo Liberation Army Intensifies Operations Across Oromia

ONM-ABO, December 18, 2024 – The Oromo Liberation Army (OLA) has continued its operations against enemy forces in central Oromia, targeting positions in both Eastern and Western Shagar zones. On December 14, 2024, OLA’s Harsade Brigade and Eastern Shagar Zone units launched a coordinated assault on enemy positions in the Fantale district, specifically in the locality of Sala.

In this meticulously planned attack, OLA neutralized 25 enemy combatants and inflicted severe injuries on 16 others.

On the same day, the Harsade Brigade carried out a separate ambush in the Liban Cuqula district of Eastern Shagar, targeting enemy forces in the locality of Ilmo Cuqala. This operation resulted in 10 enemy combatants being neutralized and 11 others seriously injured.

The OLA also seized an assortment of weapons during these actions, including:

● 3 automatic rifles

● 1 sniper rifle

● 4 hand grenades

● 300 rounds of ammunition


Operations in Northern Shagar Zone

December 16, 2024 – The Oromo Liberation Army has continued its strategic actions in the Northern Shagar zone. At 9:00 PM local time on December 16, 2024, the Mulata Shinniga and Simbirtu Brigades coordinated an operation targeting enemy forces in the Wara Jarso district, specifically in the locality of Liban.

The operation inflicted significant casualties on enemy forces. Further details of this engagement will be released at a later date.

The OLA remains steadfast in its commitment to resisting enemy forces and safeguarding the Oromia region through organized and effective operations.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Caayaa Dubartoota Oromoo ONM-ABO Muddee 17-2024 itti dhiyaadhaa! Injifannoolee WBO, rakasuu holola biltsiginnaa fi Amajjii 1 guyyaa WBOJedhuu irraatti Keessummoota lama Jaal Harmee Oromoo fi Jaal Tamiimaa Ahimed waliin turtii taasifna
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በተለያዩ የኦሮሚያ ስፍራዎች ጠላት ላይ የማያዳግም እርምጃ እየወሰደ ነው።


ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በብልፅግና አንጃ ተሰማርቶ የኦሮሞን ህዝብ እያሰቃየ ፥ እየገደለ ፥ እየዘረፍና ቤት ንብረቱን እያወደመ የሚገኙው የፋሽስቱ ጦር በፈርጣማው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጥቃት መደናበሩን ቀጥሎል ።

ይህን በማስመልከት በምስራቅ ሸገር በሀርሰዴ ዞን በፈንታሌ ወረዳ በከኒፋ ቀበሌ ፌድራል ጮሬ ካምፕ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በታህሳስ 16 ፥ 2024 ዓ.ም ከለሊቱ 8 ስዓት ላይ አይደክሜው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት የጠላት ካምፕን ሰርጎ በመግባት በጠላት ሀይላት ላይ በወሰደው እርምጃ በጥይቶች ውርጅብኝ ጠላትን የውሀ ሽታ አርጎታል።

በዚህ ጥቃት ላይ 2 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 1 ቆስሎል። እናም በስልጠና ሰም ታፍነው የተወሰዱት 5 ሰዎችን ነፃ አውጥቶዋል።

እንድዚሁም የነፃነት ሞተር የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምዕራብ ሸገር ዞን ጀልዱ ወረዳ ውስጥ ጠላት ላይ ጥቃት መፈጸሙን አጠናክሮ ቀጥሏል።

በዚህም መሰረት በታህሳስ 15 ፥ 2024 ዓ.ም በምዕራብ ሸገር ዞን በጀልዱ ወረዳ በጎሮ ቀበሌ ውስጥ ጠላት ላይ ጥቃት ሰንዝሮዋል።

በዚህ ጥቃት ላይ 19 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 13 ቆስሎል። እናም 4 የጠላት ሀይላትን ማርኮዋል። በመሳሪያ በኩል 6 የኤኬም ክላሽ ከነ ሙሉ የወገብ ትጥቅ ከጠላት ጀርባ ላይ ፈቶዋል።

በተመሳሳይ ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በሰሜን ሽገር ዞን በወረ ጃርሶ ወረዳ ውስጥ ጠላት ላይ ጥቃት ፈፅሞዋል።

ይህን በማስመልከት ታህሳስ 16 ፥ 2024 ዓ.ም በሰሜን ሸገር ዞን በወረ ጃርሶ ወረዳ በቦቤ ሊበን ቀበሌ ውስጥ የኦሮሞ ተስፋ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት የኦሮሞ ህዝብን ለማሰቃየት በተሰማሩት የፋሽስቱ ጦር ላይ በወሰደው እርምጃ በጥይቶች እሩምታ ጠላትን ድባቅ አርጎታል።

በዚህ ጥቃት ላይ 34 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 42 ቆስሎል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Magaalaa Kamiseetti caasaaleen Bilxiginnaa uffata milishaaf jechuun qarshii humnaa olii jiraattota harkaa yoo saaman, lukkuu fi mukeen osoo hin hafne mana namootaa irra deemanii lakkaa'uun gibira gaafachaa jiru

ONM-ABO Muddee 18,2024 Uummanni Oromoo afaan qawween fedhii isaanii malee murna Bilxiginnaan dirqisiifamuun Impaayera Itiyoophiyaa humna namaa fi dinagdeen akka utuban taasifamanii roorrifama daangaa darbe guyyuu keessummeessaa oolu.

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti bifa adda ta'een Muddee 1,2024 irraa eegaluun hanga Muddee 17,2024 caasaaleen Bilxiginnaa galgalaa fi ganama balbala namootaa irra deemanii maqaa uffata milishaaf jedhuun nama tokko irraa qarshii 1000 -2,000 dirqiin saamaa jiraachuu fi namoota didan ammoo hidhata WBO qabda ittiin jechuun hidhaa jiraachuun ibsameera.

Lukkeeleen Bilxiginnaa maqaalee adda addaa itti dha'uun uummata saamuu malee guyyaa tokkoofillee gargaaranii hin beekne kunneen magaaluma Kamisee keessatti hulaa namootaa irra deemanii mukeen balbala namootaa irratti argamanii fi lukkuu jiraattotaa lakkaa'anii baay'ina galmeessuun boodarra ammoo gibira mukeenii fi lukkuu galmeessinee turree jechuun qarshii jiraattota harkaa saamaa jiraachuu maddeen magaalaa Kamisee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Loltoonni faashistii PP Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti uummata nagaa hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 18,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhu qofa itti maxxansuun hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Gidaamii ganda Baataa Mukarbaa jedhamu keessaa Muddee 11,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Obbo Fiqaaduu Hundeessaa,
- Obbo Bulii Baqqalaa fi
- Obbo Solomoon Dhugumaa jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen jaarsolii biyyaa hawaasa naannoo birattillee jaallatamummaa guddaa qabanii fi siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, jaleewwan sirnichaa ammoo maqaa "hidhata WBO qabdu" jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Baha Wallaggaa aanaa Diggaa keessatti waraana PP irraa meeshaalee adda addaa hiikuun loltootas booji'e

ONM-ABO Muddee 18,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Lixaa tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Haaluma kana har'a Muddee 18,2024 barii barraaqaan jajjabeen WBO godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Bareedaa Sooromaa keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii ergamtoota Abiy Ahimed irratti gootichi abdii sabaa taasiseen humnaa diinaa irraa 31 ajjeesuun 39 madeessee 9 jiraa harkaan qabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 20, hidhannoo 20, rasaasa PKM 1000 fi raadiyoo quunnamtii irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.

Mana hidhaa Bilxiginnaa gandicha keessa ture cabsuun hidhamtoota siyaasaas gadhiisiseera.

Loon uummataa waraanni faashistii PP saamtee mooraa keessee qalattee nyaachaa turtes harkaa baasuun uummataaf deebisuun mooraa diinaa waraana Abiy Ahimed gandicha keessa tures gubee barbadeessee jiraachuun barameera.


WBO baatii 2 fi 3 gidduutti xumurree nagaa buusne jechuun goolessitootni PP kanneen akka Leetinaant Koloneel Dirribaaa Mokonnonfaa dubbatanis abbaan haqaa WBOn imaanaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii baattatee diinaan kokkee qabee akka baalaa harcaasaa jiraachuun ni beekama.


Bilisummaan Dhugaa Afaan Qawwee Jira


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun itti fufe

ONM-ABO Muddee 18,2024 Loltoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa hin qabnee fi hin kabajne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti darbachaa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa Muddee 16,2024 dargaggoonni hedduun loltoota Abiy Ahimediin ukkaamfamuun hidhaatti darbatamaa kan jiran ta'u yoo ta'u, dargaggoota maqaan isaanii Jamaal Huseenii fi Ahimed Abdoo jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa kan jiranii fi maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii qarshii gurguddaa gaafachuun dararaa hamaa irraan gahuun cimee kan itti fufe ta'uu himu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee adda addaatti dararaan waraana garboomfataa PP'n jabaatee jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 18,2024 Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii hedduu naga'ee hin qabne itti dhahuun yeroo yeroon jiraattota saamaa kan jiran yoo ta'u, wayita ammaa kanas ganda Eegoo Girmoos keessaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun namoota harka qalleeyyii ta'an irraa qarshii 2,000 akkasumas, kanneen jireenya fooyya'aa jiraatan irraa ammoo qarshii 3,000 afaan qawwee itti qabuun dirqamaan saamaa kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, ganduma Eegoo Girmoos keessaa nama maqaan isaa Hasan Faradaa jedhamu badii tokko malee erga hidhanii booda halkan tokko bulchanii gadhiisuun, mana jireenya isaa deemuun maatii isaa erga mana keessa baasanii booda furtuu mana isaa harkaa fuudhuun bakka feetetti gali jechuun qe'ee fi qabeenyaa irraa buqqisanii jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, namni kun wayita mana jireenyaa isaa keessa akka hin jiraanneef ergamtoota sirnichaan uggurametti, "maaloo anaan akka feetan godhaa maatiin koo akka isaan keessa jiraatan qofa naaf heyyamaa" jedhee kadhatus, deemii warruma gargaartuu wajjin bosona keessa jiraadhu jechuun reebanii manuma isaa keessaa haala nama gaddisiisuun ariyuu dubbatu.

Aanicha keessatti gochi gara jabinaa akkasii hawaasa nagaa irratti irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu kan himan maddeen, shamarranii fi hawwan Oromoo illee sodaa irraa kan ka'e laga bishaanii, qoraan cabsachuu fi gabaa akka itti dhaqan kan hin qabne ta'uu itti dabaluun dubbataniiru.

Oduu biraatiin ammoo Lixuma Wallaggaa Waajjira poolisii aanaa Yuubdootti sabboontotni ilmaan Oromoo sababoota garaa garaan yakkamuun gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni:
- Obbo Jiraa Fiixee,
- Abdii Tasfaa,
- Lalisaa Waggaarii,
- Gammachuu Daggafaa,
- Gadaa kan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta'an badii seeraa tokko malee hidhanii dararaa kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaarraa haaromsa geggeessuun waltajjii Gumii Sabaan murtii gumichi dabarse ofitti fudhatee hojiitti hiikuuf murteessee haaromsa haala yeroo irratti kennameef xumuruun ba'eera.

Guutuu Viidiyoo isaa qabannee isiniif dhiyeenna❗

ONM-ABO Muddee 18,2024

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 18,2024 Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qala'iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu hojii idilee taasifachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan cimsanii ittuma fufuun, ganda Abee Dullachaa jedhamu keessaa torban lamaan darbe namoota maqaan isaanii:
- Nugusee Lataa jalaa qarshii 11,000, Soolaarii 1 fi Bullukkoo 1,
- Fiixumaa Malkaamuu jalaa qarshii 8,000,
- Algee Mulaatuu jalaa qarshii 2,000, Soolaarii 1 fi Bullukkoo 1,
- Zawudituu Hundeessaa jalaa qarshii 2,000 fi Araqee liitira hedduu,
- Cimdeessaa Galataa jalaas qarshii 3,000 fi Soolaarii 1 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.

Namoonni kunneen badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf milishoota sirnichaan saamamanii jiraachuun ibsameera.

Milishoonni sirnichaa saamicha kana raawwatan maqaan isaanii:
- Gammachuu Gannatii,
- Mootummaa Gannatii,
- Dabaloo Gammachuu,
- Guutamaa Gaaromaa fi kanneen biroo hedduu ta'uun eeramee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi mana hidhaa irraas baasuun achi buutee dhabamsiisuu akkasumas manneen gubuu cimsanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 18,2024 Loltoonni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuraa, yoo fedhan ammoo mana hidhaatii baasuun achi buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa keessaa Muddee 15,2024 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Dungujee Dhufeeraa,
- Dirribaa Eebbaa,
- Yoonaas Abiraam barataa kutaa 7'ffaa,
- Buzee Qixxaataa fi kanneen biroo hedduu ta'an ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees godinuma kana bulchiinsa magaalaa Naqamtee waajjira poolisii magaalichaa adda addaa kessatti sabboontonni ilmaan Oromoo hidhamanii dararamaa turan kanneen lakkoofsaan 240 ta'an Muddee 15,2024 mana hidhaatii baafamuun konkolaataa deddeebisaa uummataa shanitti fe'amuun eessa akka geeffaman kan hin baramne ta'uu maatiin hidhamtoota kanneenii dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.


Oduu biraatiin ammoo Muddee 16,2024 aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii jedhamtu keessatti Obbo Siraaj Shifarraa nama jedhamu jalaa atara ardaba 2 fi nuugii ardaba 2 akkasumas qabeenya mana guutuu waliin ibiddaan gubanii yoo barbadeessan Obbo Bijiree kan jedhamu jalaa ammoo midhaanii fi atara ardaba 3 ati deggeraa ABO-WBO'ti ittiin jechuun jalaa saamanii deemuu maddeen keenya onichaa ONM'f eeran.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ONM-ABO Mudde 18,2024


WBO'n Zoonii Lixaa godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Jimaatee fi ganda Loomicaa keessatti har'a Mudde 18,2024 barii barraaqaan waraana faashistii PP ari'ee gobaa jira.

Guutuu gabaasa kanaa akkuma odeeffanneen isin biraan geenya.

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 17-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…
Subscribe to a channel