onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Qellem Wallaggaa Aanaalee adda addaatti hiraarfamni ergamtoota sirnichaan hawaasa irratti jabaachuu ONM odeeffate

ONM-ABO Muddee 23,2024 Aanaa Gidaamii ganda Soyii irraa torban darbe keessa ergamtoonni bilxiginnaa sababa tokko malee jiraattota maqaan isaanii:
- Darajjee Margaa,
- Caalaa Takiluu,
- Tamasgeen Ayyaanaa,
- Shuwaal Raagaa,
- Aadde Ibsaabee Taammiruu fi kanneen biroo hedduu ta'an qe'ee isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduuma wal fakkaatuun Muddee 19,2024 waraanni sirnichaa, godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu jedhamu keessatti, nama nagaa tokko kan maqaan isaa Obbo Zarihuun Bineensaa jedhamu maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda" jedhu itti maxxansuudhaan, badii tokko malee dararaa ulfaataa irraan ga'uun mana hidhaatti darbachuu isaanii jiraataan gandichaa sababa nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.


Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Jimmaa Horroo ganda Kooyyanitti waraanni faashistii PP Muddee 20,2024 abbootii qabeenyaa maqaan isaanii; Hajii Abdulqaadiir qarshii 150,000, Ibraahim Sulxaan jalaa qarshii 40,000, Ibraahim Muktaar irraa qarshii 80,000 saamuun namoota biroo jalaas dukkaana caccabsuun barameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 23-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Injifannoo WBO Zoonii Harsadee Kibba Lixa Shaggar Keessatti 👇

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni goolessituun Bilxiginnaa, Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti uummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun beekame.

ONM-ABO Muddee 23,2024 Umurii aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaaf qabuuf jecha hawaasa nagaa dararaa kan oolu murni nama nyaataan PP golee Oromiyaa mara keessatti maqaa "sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo" jedhuun uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu jabeessee itti fufee jira.



Aanaa Liiban Jaawwii ganda Aggal Gobboo Basaallee jedhamu keessatti loltoonni impaayera jiguu geesse tiksuuf ifaajan obboleeyyan lamaan kanneen maqaan isaanii:
● Hinnuu Dajanee fi
● Hibbuu Dajanee jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu maddeen ONM'tti himaniiru.



Akka maddeen jedhanittii "obboleeyyan lamaan kun loltoota impaayerattiin badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii mana hidhaatti darbatamuun dararamaa jiru" jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed maanguddoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan

ONM-ABO Muddee 23,2024 Hanguma ilmoo saree uummata Oromoof kabaja kan hin qabne ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasanii saree fi bineensota kanneen biroo sooruu itti fufanii jiru.



Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Walqixxummaa bakka addaa Reeree jedhamu keessaa Muddee 20,2024 maanguddoo maqaan isaa Obbo Caalii Mirreessaa Shaanqoo jedhamu loltoonni sirna nama nyaataan PP badii tokko malee mana jireenyaa isaatii butuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.



Maddeen akka himanitti, Obbo Caaliin jaarsa biyyaa hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa fi kabaja guddaa qaban ta'uu eeruun, ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa homaallee hin beekne loltoonni Bilxiginnaa ammoo sababa "qawwee qabda" jedhuun mana isaatii gadi baasuun ajjeesanii reeffa isaallee maatii dhowwachuu himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 23-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa!
Goolama PP Oromiyaa, Miidhaa Uummata Oromoo Itti Fufe, Ga'umsa WBO, Impaayerattii fi Gaanfa Afrikaa Ilaalchisuum Turtii Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo Waliin Taasisan!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti guyyaa har'aa waraana faashistii PP du'aa fi madoon adabee 4 harkaan qabe

ONM-ABO Muddee 22,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Sarbaa Adii jedhamu keessatti har'a Muddee 22 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis humna diinaa irraa 9 ajjeesuun 7 madeessee 4 jiraa booji'ee jira. Dabalataanis qawwee AKM 6, galaa waraanaa, kophee fi uffata irraa booji'uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን በሙኔሳ ወረዳ አንዲት ነፍሰ ጡር ሴት በቁጥጥር ስር መዋሏ ተገለፀ።

ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የኢትዮጵያ ኢምፓየር ሰው በላ አገዛዝ ታህሣሥ 20 ቀን 20204 ዓ. ም በሙኔሳ ወረዳ በሄባን Dhuboo መንደር ለመውለድ የተቃረበቺውን ወ/ሮ ባሳ አዲሎ የተባለች ነፍሰ ጡር ሴት ለመያዝ ወታደራዊ ሃይሎችን አሰማርቷል።


ሴትየዋ ሙሉ እርጉዝ ሆና ሳለ፣ አብረዋት ያሉት ሴቶች፣ በአምባገነኑ ኮሎኔል አብይ አህመድ ጦር ቤት ውስጥ እየፀለዩ በነበሩበት ወቅትም ድብደባ እንደደረሰባቸው ተናግረዋል።


እንዲሁም በሄባን Dhuboo እና ኦዳ ቶአ መንደር ሰዎችን በተመሳሳይ ቀን በቁጥጥር ስር አውለዋል።


የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-

- አቶ Dhiiboo ባቢሌ
-ሹፌር ኡሴ
-ተሾ ዲታ
-አማን ቢሻ
-አማን አብዲሳ
-አቢዬ ቱሎ
-ቱሎ ዲቺሳ
-በሺ ሮባ
-መኪያ ሮባ
- ገመቹ ያቆብ
-ከማል Badhaasoo
-ቲቤሶ ጃምቦ
-ኡሺ አርጎ የሚባል ሲሆኑ። ከኦዳ ቱአ መንደር ደግሞ:-

-ተሺቴ ሮባሌ
-ቁቦ ጠይቦ
-ሼኪ ዎንጂ
-ኢዳሶ ከዲሮ
-ቀዲ ከበሮ
-ገሜ ከድር
-ፈረንጆ ነጌሶ መሆናችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ወለጋ ዞን ጅማ አርጆ እና ጉቶ ጊዳ ወረዳዎች በፒፒ ወታደሮች እየተወሰደ ያለው እስር እና ዘረፋ ቀጥሏል።


ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በታህሳስ 18 ቀን 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ወታደሮች በጅማ አርጆ ወረዳ በመታ መንደር ለታ በቀለ የተባለውን ሰው በቁጥጥር ስር በማዋል አሰቃይተዉታል።


እንደ ምንጮችችን ገለፃ አቶ ለታ ከፖለቲካ ነፃ መሆናቸውን ገልጸው መከላከያ ሰራዊቱ ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በቁጥጥር ስር አውለዉታል።


ባለፈው አመት በጉቱ ጊዳ ወረዳ በአርጆ መንደር ዳሎ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ውስጥ "ልጅህ ጫካ ውስጥ ነው ያለው በሚል ስም አቶ ሾሮ አመንቴ ከተባለው ግለሰብ ስምንት የቀንድ ከብቶች መሰረቃቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።

በተመሳሳይ ቀን ከተመሳሳይ መንደር በርካቶች ከልማት ስፍራ በቁጥጥር ስር ውለዋል።


የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- ቄስ ምስጋነ ኤቢሳ
- ተስፋዬ ሂርጻ
- ታሜ አባተ
- ሾሮ አመንቴ ፣
- ልሳኑ አባተ
- ኢተፋ አዱኛ
- አይናለም ኢተፋ
- አቶ ግርማ አወቀ እና ሌሎች በርካቶች እየታሰሩና እየተሰቃዩ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን በመርቲ ወረዳ የብልፅግና ቡድን የህብረተሰቡን ንብረት በግብር ስም እያሸጡ ነው ።

ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በአስተዳደር ስም የግዛቱን ዙፋን የያዘው የብልፅግና በድን ከጊዜ ወደ ጊዜ የህብረተሰቡን ህይወት ለማጥፋት እያሰበ ነው።

በዚህም መሰረት በታህሳስ 20, 2024 ዓ.ም እራሱን የኢትዮጵያ ግዛት አምባገነን ነኝ ብሎ የሚጠራው ኮሎኔል አብይ አህመድ ውድቀቱን መሸከም አቅቶት ህዝቡን እያደነ፣ እያሰረ፣ እየገደለና ሃብቱን ሁሉ ለማዳከም በሚል ስም እየዘረፈ ይገኛል።

ሲቪል ህዝብ በሁሉም አቅጣጫ በመርቲ ወረዳ በሞለሜ አርጆ መንደር የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት ከህዝቡ ፍየሎች ፥ ዶሮች እና የቀንድ ከብቶችን ከመዝረፍ ባለፈ በየ ሶስት ወሩ ገንዘብ እየተቀበሉ እንደሆነና ህዝቡ በአሁኑ ስዓት ምንም የሚሰጠው ነገር ስለሌለ ቄ ንብረቱን ጥሎ እየሸሸ ይገኛል።


ህዝቡ ለምን በየጊዜዉ በግብር ስም ገንዘብ እንደሚሰበስቡ ሲጠይቅ አውራጃዉ ከጥቂት መንደሮች በቀር ግብር አይከፍልም ምክንያቱም በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ቁጥጥር ስር ስላለ ሲሉ ተናግረዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 22,2024 Uummata Oromoo qe'eef qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufuun, ganda Mukarbaa Diimaa jedhamu irraa Muddee 16,2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tarrafaa Baabuu,
- Obbo Asaffaa Abbabaa,
- Aadde Ayyaluu fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee maqaa "ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa waamaa galchaa" jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Aanichatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta'u, jiraattonni yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Yuuniversiitii Dirree Dhawaa irraa barattoonni Oromoo 5 balleessaa tokko malee waggoota sadiif barnoota irraa ari'amuun dhagaa'ame.

ONM-ABO Muddee 22,2024 Namoota Oromoof bu'aa buusuu danda'u jettu bara dhufaa darbaan adamsitee ukkaamsuu kan amaleeffatte Impaayerri Itiyoophiyaa akkuma kanaan dura hayyoota Oromoo dandeettiif ga'umsa isaanii sodaattu teessoo kiyya irraa na kuffisuu malu jedhanii shakkan adamsanii achi buutee dhamsiisuu, hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa godaansisuu adeeffatan, ammas egeree Oromoof Oromiyaa dhaloota bu'aa buusuu danda'an irratti xiyyeeffachuun miidhaa garaa garaaf saaxilaa jira.

Akkuma bara bulchiinsa wayyaanee barataaf barsiisota Oromoo dhabamsiisuun qaroo sabichaa jaamsuuf yaalaa turan bilxiginnaanis dabaree isaa gochoota fokkisoo abboota irree isaa irra dhaale barattoota Oromoo kan saboota biroo keessaa addatti irratti xiyyeeffachuun barnoota irraa ari'aa jira.

Bifuma kanaan Yuuniversiitii Dirree Dhawaa keessatti barattoota sabaan Oromoo ta'an kanneen godinaalee Oromiyaa garaa garaa irraa barnootaaf garas jiran namoota 5 waggoota sadiif Oromummaa qofaan yakkuun barnoota irraa ari'anii jiraachuu maddeen ifoomsan.

Barattoonni goolessitoota murna bilxiginnaan ari'aman kunneenis maqaan isaanii; Taarikuu dhalataa Godina Gujii, Gadaa dhalataa magaalaa Amboo, Sooressaa dhalataa Horroo Guduruu Wallaggaa, Galaanaa dhalataa Lixa Wallaggaa akkasumas, Damee dhalataa Lixa Wallaggaa kan ta'e balleessaa tokko malee barattoota kana barnoota irraa ari'uu isaanii maddeen ONM'tti himan.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti loltoonni faashistii PP daa'ima tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

ONM-ABO Muddee 22,2024 Akeekaa fi kaayyoo qawwee dhukaasaniif homaa tokkollee kan hin beeknee fi Abiy Ahimediin qofa gammachiisuuf kan hojjetan loltootni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan hawaasa nagaa irbaata rasaasaa taasisaa jiru.

Aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qallinaa jedhamu keessaa Muddee 17,2024 loltoonni sirna nama nyaataa PP daa'ima maqaan isaa adda hin baanee fi umuriin isaa 15 ta'e badii tokko malee bakka inni loon tiksutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, daa'imni kun dhalootaan uummattoota Kibbaa ta'uu himuun, nama maqaan isaa Xinnaa Gadaa jedhamu biratti miindeeffamee loon kan tiksu ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ilmaan Oromoo Godina Walloo irraa naannoo Affaariin gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deeman poolisoota Affaariin reebamuun qarshii humnaa oliis gaafatamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 22,2024 Haleellaa Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon daandiitti ba'uun yeroo adda addaatti imaltoota irratti raawwachaa turanii fi yeroo ammaas itti jiraniin sochiin konkolaataa Walloo irraa gara Finfinneetti deemu garmalee danqamee kan jiru yoo ta'u, sababa kanaanis konkolaataan naannoo Affaar keessaan imaltoota fe'ee waan deemuuf ilmaan Oromoo godina Walloo irraa gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deemanii fi Finfinnee irraa gara godina Wallootti deeman poolisoota naannoo Affaariin reebamaa fi saamamaa jiru.

Muddee 18,2024 ilmaan Oromoo Walloo handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa naannoo Affaar keessaan galaa jiran poolisoonni Affaar konkolaataa dhaabsisuun namoota 11 hawwan, daa'immanii fi abbootii warraa konkolaataa keessaa buusanii eessaa deemtu? maal barbaaddu naannoo keenya keessaa jedhanii reebaa turan.

Boodarra ammoo konkolaachisaa imaltoota fe'ee deemaa jiru kanaan namoota 11 buufne kana fe'attee deemuuf mataa nama tokkoof qarshii 300-400 nuuf kaffali jechuun kaffalchiisan. Maallaqa erga irraa fudhatanii gadi lakkisuu imaltootni dubbisne kun himuun, imaltoonni namoonni naannoo Affaariin gara Finfinneetti imalan kamuu konkolaachisaa dabalatee poolisoota kanaan reebamuu fi saamamaa jiraachuu ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa fi Daaboo Haannaatti dararaa, saamichaa fi hidhaan waraana impaayerattiin daran hammaate

ONM-ABO Muddee 23,2024 Waraanni maafiyaan impaayeera Itiyoophiyaa ilmaan Oromoof rifaatuu tokkollee hin qabne Oromiyaa bakkoota maratti maatii qabsaa'otaa irraan dararaa hamaa ga'aa jiraachuun ibsameera.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Hannaa ganda Ifabaas Coreetti Muddee 21,2024 namoota maqaan isaanii Caaltuu Adam, Fatiyaa Adamii fi haadha isaanii Haliimaa Aliyyii maanguddoo ganna 65 hidhuun waajjira poolisiitti hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Bifuma walfakkaatuun aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaattis Aadde Fooziyaa Yaayyaa kan jedhamtu daa'imman ishee lama waliin qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Irree fi gaachanni sabaa WBOn Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa fi Honqooloo Waabee keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Muddee 23,2024 Abdii fi wanteen sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa korommiiwwan Gaara Cilaaloo halkan edaa Muddee 22,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa mooraa waraana faashistii PP ganda Soolee Digaluu keessatti rasaasan akaa'ee baarudaan macheessuun loltootaa sirna dulloomaa tiksuuf uummata nagaa hiraarsaa turte 8 irraa ajjeessuun 15 madeessee mooricha keessaa baqachisee baasuun injifannoo boonsaa galmeesee jira.

Haaluma wal fakkaatun halkanuma edaa Muddee 22 cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa Honqooloo Waabee magaalaa Maccituu jedhamtu keessatti mooraa waraana Abiy Ahimeditti marsuun rasaasaan waadee baarudaan macheessuun harcaatuwwan bilxigginnaa 10 irraa ajjeesuun 7 madoo dandammii hin qabneen adabuun rifatuu guddaa itti uumee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 17 galaafachuun barame

ONM-ABO Muddee 23,2024 Haleellaa waraana Israa’el guutuu Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinotaa 17 kan ajjeese yoo ta’u, isaan keessaa saddeet mana barumsaa maatii buqqa’an magaalaa Gaazaa keessatti gaaddisa kennu keessatti akka ta’e ogeeyyiin fayyaa himan.



Ogeeyyiin fayyaa Falasxiin akka jedhanitti, mana barumsaa Muusaa Bin Nusayir kan maatii buqqaatota magaalaa Gaazaa keessatti gaaddisa godhate keessatti daa’imman dabalatee namoonni saddeet ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa’el ibsa kenneen haleellaan kun hidhattoota Hamas kanneen wiirtuu ajaja mana barumsichaa keessatti maxxananii socho’an irratti xiyyeeffate jedheera. Hidhattoonni Hamaas bakka sanatti fayyadamuun humnoota Israa’el irratti haleellaa karoorfachuu fi raawwachuu ibseera.



Magaalaa Gaazaatti haleellaan xiyyaaraa konkolaataa rukuteen lammiileen Falasxiin afur du’uu isaanii ogeeyyiin fayyaa himaniiru.



Yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota biroo shan haleellaa xiyyaaraa adda addaa lama Raafaa fi Kaan Yuunis kibba keessatti raawwatameen ajjeefamaniiru.

Giddu seentotni Israa’elii fi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuu hanga ammaatti hin mirkaneessine.



Aanga’oonni Gaazaa akka jedhanitti duulli Israa’el lammiilee Falasxiinota 45,000 ol ajjeesuu fi ummata miliyoona 2.3 ta’u keessaa harki caalaan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ibsaniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota leenjii waraanaatti guuruu fi hidhuu jabeessan

ONM-ABO Muddee 23,2024 Koloneel Abiy Ahimed akka waan kufaatiin isaa hin oollee, ergamtoonni isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa akkuma mootummoota abbootii irree darbaniitti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin fo'iin gara leenjii waraanaa fi hidhaatti guuraa jiru.



Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Dabbasee jedhamu keessaa Muddee 19,2924 namoota maqaan isaanii:

- Waaqtolee Tarfaasaa,

- Addunyaa Tarfaasaa,

- Camadaa Tarfaasaa,

- Haayiluu Dhaabaa,

- Tarreessaa Bulchaa,

- Taakkalaa Hiikaa,

- Asfawuu Fiqaaduu,

- Gammachiis Mulaatuu,

- Oliiqaa Eebbaa fi kanneen biroo lakkoofsaan 30 ol ta'an loltoonni sirnichaa fedhii isaanii malee qe'ee fi bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



Oduu hidhaatiin ammoo ganduma kana iddoo addaa Asbooroo jedhamu keessaa Muddee 21,2024 ilma keetu miseensa WBO'ti jechuun nama maqaan isaa Obbo Mokonnon Gannatii jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.



Kana malees ganduma Jireenyaa iddoo addaa Dachaa Ukkee jedhamu irraas guyyuma kana nama maqaan isaa Hindhibuu jedhamu ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee qabuun hidhaatti darbatanii kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Milishoota sirnichaan Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhaa, reebicha, saamichaa fi buqqaatiin jiraattota nagaa irratti raawwatamu jabaachuu maddeen ONM'tti himan

ONM-ABO Muddee 23,2024 Hidhattootni sirnichaa dandeettii waraanummaa tokkollee hin qabne yeroo adda addaatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bakkoota garaa garaatti bobbaafaman WBO dura dhaabbachuu dadhabuun of booda deebi'anii hawaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu, reebuu, saamuu fi qe'ee irraa buqqisuu bartee taasifatanii hojjechaa oolu.



Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 20,2024 milishoonni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun heddumminaan qe'ee hawaasaa ganda Sanqallee, Haroorantii, Callee fi kanneen biroo keessatti bobbaafaman ganda Haroorantii irraa daa'ima ganna 13 hin guunne Mahaammad Umar Qashii, Hasanoo Mahammad Yasufee, Usmaan Mahaammud Qaallichaa fi shamarree Aanshaa Abdallaa jedhaman garmalee reebuun bilbiloota isaanii harkaa saamuun hidhaatti darbataniiru.



Ilmaan Oromoo milishoota sirnichaan reebamuun hidhaman kunneen namoota umuriin isaanii 13-16 hin caalle yoo ta'an, hiikkaan siyaasaa illee maal akka ta'e kan hin beekne ta'anis, milishoonni sirnichaa sobaan yakkanii deggartoota WBO'ti fi hojii loojistikii WBO'f hojjettu jechuun kan hidhanii fi shamarree Aanshaa ammoo garmalee reebanii haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta'uu irraan kan ka'e bilbila harkaa saamuun gadi lakkisaniiru.



Milishoonni sirnichaa kun guyyuma kana ganda Haroorantii, Ciisaa Girjoo fi Sanqallee irraa namni tokko osoo hin hafne qe'ee irraa kan buqqisan yoo ta'u, gareen hattootaa milishoonni PP kun ammoo balbala namootaa caccabsanii ol seenuun qabeenyaa jiraattotaa hangana jedhanii tilmaamuuf nama rakkisu midhaan nyaataa fi warqeen dubartootaa osoo hin hafne saamanii deemuu jiraattotni saamaman kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Haaromsa Haala Yeroo Irratti WBO Zoonii Harsadeen Taasifame. Kan Kutannoo fi Cichominni Akkasumas Jaalaa Fi Jaal'ummaan Keessatti Mul'ate. Akeekaa fi Sagantaa Ganamaa Galmaan Ga'uuf Irratti Waliigalame!

#WBOn Haa Waaru!
#ABOWBO
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti kaampii diinaa tokko keessaa gugsee yaasuun meeshaalee waraanaa fi galaa irraa hiikkate.

ONM-ABO Muddee 22,2024 Gootichi hiree sabaa tolchuuf halkanii fi guyyaa boqotee hin beekne Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa zooniilee garaagaraatti humna diinaa du'aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa irraa hiikkachuun mooraa diinaas barbadeessaa jira.

Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti har'a Muddee 22,2024 ganama toora sa'atii 4:00tti humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa mooraa waraana faashistii PP iddoo Sanqallee jedhamutti ol itti seenuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessee du'aa fi madoon adabuun mooricha keessaa gugsee yaaseera.

Haleellaa jajjabduu humni Furgaatuu Biiftuu Barii Bilisummaa mooraa diinaatti ol itti seenuun taasisee du'aa fi madoon adabee, moonicha keessaa gugsee yaase kanaanis meeshaalee waraanaa hedduu fi galaa loltoota murna bilxiginnaa irraa hiikkachuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasiseera

Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️
Impaayerri bututaan afaan qawwee WBO'n ni kufa ❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የትራምፕ የዘመቻ አማካሪ በአሜሪካ የዩኬ አምባሳደር ተሿሚን 'ደደብ' ሲሉ ዘለፏቸው።


ታህሳስ 22 ፥ 2024 ዓ. አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የዶናልድ ትራምፕ ከፍተኛ የዘመቻ አማካሪ የሆኑት ግለሰብ በአሜሪካ የዩናይትድ ኪንግደም አምባሳደር ሆነው የተሾሙትን፣ሎርድ ፒተር ማንደልሰንን "ፍፁም ደደብ" ሲሉ ዘለፉ።

ክሪስ ላሲቪታ በማኅበራዊ ሚዲያ ገጻቸው ላይ ሎርድ ማንደልሰን " እዛው ቤቱ መቆየት አለበት" ሲሉ ጽፈዋል።

የትራምፕ ፕሬዚዳንታዊ ምርጫ ቅስቀሳ ስራ አስኪያጅ የነበሩት ሚስተር ላሲቪታ የብሪታንያ መንግሥት "በዓለም አቀፍ ደረጃ የተከበሩትን አምባሳደርን በፍፁም ደደብ" ሰው ሊተካ ነው ሲሉ ውሳኔውን ተችተዋል.


ሎርድ ማንደልሰን በቶኒ ብሌር እና በጎርደን ብራውን የስልጣን ዘመን በበርካታ የሚኒስትርነት ስልጣኖች ውስጥ ያገለገሉ እና በብሪታኒያ ፖለቲካ ውስጥ በጣም ታዋቂ የሆኑ ናቸው።

ሎርድ ማንደልሰን በአሜሪካ ቀጣይ የእንግሊዝ አምባሳደር ሆነው መሾማቸውን "ትልቅ ክብር" ሲሉ ነበር የገለጹት።

ዘ ታይምስ እንደዘገበው ሎርድ ማንደልሰን፣ በ2025 መጀመሪያ ላይ ትራምፕ ወደ ኋይት ሀውስ ሲገቡ የስልጣን ዘመናቸው ሊያበቃ የተቃረበውን አምባሳደር ዴም ካረን ፒርስን ይተካሉ።


የ71 ዓመቱ አዛውንት እና "የጨለማው ልዑል" የሚል ቅጽል ስም የተሰጣቸው የአዲሱ ሌበር ፓርቲ ወሳኝ ሰው፣ በጠቅላይ ሚኒስትሩ እና በትራምፕ መጪ አስተዳደር መካከል፣ በአሜሪካ እና ዩኬ መካከል ለሚኖረው ዲፕሎማሲ ቁልፍ ሰው ይሆናሉ።

ልክ እንደሌሎች የሌበር ከፍተኛ ባለስልጣኖች፣ ሎርድ ማንደልሰን ዶናልድ ትራምፕን በመተቸት ይታወቃሉ። በአንድ ወቅት "የነጭ ብሔርተኛ እና የዘረኝነት ርዝራዥ" በማለት ገልጸዋቸው ነበር።

ላሲቪታ በሎርድ ማንዴልሰን ላይ ለሰነዘሩት ትችት መነሻ የሆኑት እነዚያ አስተያየቶች ሲሆኑ፣ በኤክስ ገጻቸው ላይ በለጠፉት ጽሑፍ መጪው አምባሳደር "ትራምፕን የዓለም ስጋት እና የነጭ ብሔርተኛ ርዝራዥ" ሲሉ ገልፀውታል ብለዋል.


የሪፐብሊካን ፖርቲ አንጋፋ ሰው ላሲቪታ በርካታ አሥርት ዓመታት ልምድ ያላቸው ሲሆኑ የትራምፕ የ2024 የምርጫ ዘመቻ ከፍተኛ አማካሪ ነበሩ። ነገር ግን በአሁኑ ጊዜ በአስተዳደሩ ውስጥ ምንም ዓይነት ይፋዊ ስልጣን የላቸውም።


ሎርድ ማንደልሰን ሹመቱን ተከትሎ በሰጡት መግለጫ "በብሪታንያ ፈተናዎች ብቻ ሳይሆን ትልልቅ እድሎችም ያጋጥሙናል፤ እናም እነዚያን እድሎች ለመጠቀም ከመንግሥት ጋር መስራት ትልቅ እድል ነው" ብለዋል።


ጠቅላይ ሚኒስትር ሰር ኪር ስታርመር፣ ሎርድ ማንደልሰንን በመሾማቸው "በጣም መደሰታቸውን" ተናግረዋል።


በመግለጫው " ወዳጅነታችን ወደ አዲስ ምዕራፍ ሲሸጋገር ዩናይትድ ስቴትስ በጣም አስፈላጊ አጋራችን ናት" ብለዋል።


"ፒተር በዚህ ሚናቸው ተወዳዳሪ የሌለው ልምድ ያስገኛሉ፤ አጋርነታችንንም ከጥንካሬ ወደ ጥንካሬ ያሻግሩታል።"

ሰር ኬር በተጨማሪም ዴም ካረንን "ላለፉት አራት ዓመታት በዋጋ ሊተመን ስለማይችለው አገልግሎቷ እና በተለይም ከሐምሌ ወር ጀምሮ በግል ለሰጠችኝ ጥበብ እና ጽናት" በማለት አመስግነዋቸዋል።


የእንግሊዝ አምባሳደሮች በመደበኛነት ልምድ ያላቸው ዲፕሎማቶች ወይም ሲቪል ሰርቫንቶች የነበሩ ቢሆንም፣ አሁን ግን የሌበር ፓርቲ አንጋፋ ፖለቲከኛ በመምረጣቸው "ከትራምፕ አስተዳደር ጋር ያለን ግንኙነት ምን ያህል አስፈላጊ እንደሆነ ያሳያል" ብለዋል .


ከፍተኛ የወግ አጥባቂ የፓርላማ አባል ሰር አይን ዱንካን ስሚዝ ውሳኔውን አምርመረው ተቃውመዋል።

የሎርድ ማንደልሰንን ሹመት፣ የኋላ ታሪክ "አስተማማኝ ነው ወይስ በአሜሪካ በኩል ቅሬታ ሊፈጥር ይችላል" የሚለውን ለማጣራት ምርመራ እንዲደረግ ጠይቀዋል።

ሰር ኢይን አክለውም "የዲፕሎማሲው ተሿሚ አይደሉም፣ እርሳቸው የፖለቲካ ተሿሚ ናቸው፤ እና የፖለቲካ ተሿሚዎች ብዙውን ጊዜ በተለይ ለተወሰነ ጊዜ ከፓርላማ እና ከመንግሥት ስራ ውጭ ከሆኑ ጣጣ አያጣቸውም" ሲሉ አክለዋል

እ.ኤ.አ. በ2019 ሎርድ ማንደልሰን ከጣሊያን ጋዜጠኛ ጋር ባደረጉት ቃለ ምልልስ ትራምፕን "ግዴለሽ እና ለዓለም አደገኛ" ሲሉ ገልፀዋቸው ነበር።

እ.ኤ.አ. በ2018 ከኢቪኒንግ ስታንዳርድ ጋር ባደረጉት ቃለ ምልልስ ትራምፕን "ተሳዳቢ" ሲል ጠርተዋቸዋል።

በዩናይትድ ኪንግደም መንግሥት ውስጥ በጣም ወሳኝ በሆነው በዚህ የዲፕሎማቲክ ሹመት ዕጩ መሆናቸው ከታወቀ ጀምሮ፣ ሎርድ ማንደልሰን በትራምፕ ላይ ተለሳልሰዋል።



በተጨማሪም ለሌሎች መገናኛ ብዙኃን "ከፕሬዚዳንት ትራምፕ ጋር የሚያደርጉትን ለመረዳት እና ለመተርጎም ብቻ ሳይሆን ተጽዕኖ ለማሳረፍ የሚያስችለንን ግንኙነት መመስረት በጣም አስፈላጊ ነው" ብለዋል።

አክለውም የሌበር መንግሥት ከትራምፕ አጋር እና ቢሊየነሩ ኤሎን መስክ ጋር "ግንኙነቱን ለማደስ" መሞከር አለበት ብለዋል ።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ የፋሺስት ፒ.ፒ. ጦር አንድ ወጣትን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላቸው ተገለፀ።



ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ስለ መሳሪያ አላማ ምንም የማያውቁት እና አብይ አህመድን ለማስደሰት ብቻ የሚሰሩት የፋሽስቱ ጦር በተለያዩ የኦሮሚያ አካባቢዎች ሰላማዊ ዜጎች ላይ ግድያ ፥ እስራትና ዘረፋ መፈፀማችውን ቀጥሎል።።

በታህሳስ 17 ቀን 2024 ዓ.ም በዱግዳ ወረዳ ወልዳ ቀሊና መንደር ውስጥ ከብቶችን ሲጠብቅ የነበረው የ15 አመት እድሜ ያለው ህጻን ሰው በላ የገዢው ቡድን ወታደሮች በጥይት ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

ህጻኑ የደቡብ ህዝቦች ተወላጅ እንደሆነ እና ጢና ገዳ የሚባል ግለሰብ ጋር ተቀጥሮ የቀንድ ከብቶች እየጠበቀ እንደንበረ ምንጮቻችን ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የብልፅግና ቡድን በምስራቅ ቦረና ግዛት በህዝቡ ላይ የቤት ቃጠሎ፣ ዘረፋ፣ እስራት እና ግድያ እንዲባባስ እያደረገ ይገኛል።


ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በብአዴን ዘመን የልጆቹን ደም ለአንድም ቀን አፍስሶ የማያውቅ የኦሮሞ ህዝብ ዛሬም በግዛቱ ቡድን እየደረሰበት ያለው ስቃይ ተጣናክሮ ቀጥሎል።


የብልፅግና ሰው በላ ቡድን ተላላኪዎች ሄደው የኦሮሞን ህዝብ በሙሉ ቤት አቃጥለው ከከፍተኛ ባለስልጣናት የተሰጡትን ትእዛዝ ለማስፈጸም መወሰናቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።

በምስራቅ ቦራና ዞን ሊበን ወረዳ አልጌ ቀርሳ መንደር በDhadacha ጎላ መንደር በደረሰው ቃጠሎ በርካታ ቤቶች መውደማቸውን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ገልጸዋል።

የፋሺስቱ ጦር በታህሳስ 20 ፥ 2024 ዓ. ም በተመሳሳይ መንደር ከ10 በላይ ሰላማዊ ዜጎችን እና የቀንድ ከብቶችን መውሰዳችው ተገለፀ።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa namoota ukkaamsanii dirqiin mooraa leenjiitti guuruu jabeessanii itti fufaniiru

ONM-ABO Muddee 22,2024 Impaayera Itiyoophiyaa gama maraan jiguuf qarree irra marmaaraa jirtu deebisanii suphuuf afaan qawween sodaachisanii qabeenyaa jiraattotaa saamuu fi namoota dirqiin ukkaamsanii dirree waraanaatti guuruu tarsiimoo godhatanii hojjechaa kan jiran ergamtootni murna Bilxiginnaa fedhii namootaa malee dirqamsiisuun mooraa leenjiitti guuruu hammessaniiru.

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessaa namoota dirqiin ukkaamsanii mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaas bifa adda ta'een Muddee 21,2024 hidhattootni sirnichaa manneenii fi bakka hojii namootaa bira deemuun abbootii warraa fi dargaggoota hedduu ukkaamsanii moonaa leenjiitti fe'aniiru.

Namoota hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin dirqisiifamuun dirree waraanaatti geeffaman keessaa fira tokkicha kan ta'an dhalattoota aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa jiraattota magaalaa Kamisee ganda 01 namoota 3 dargaggoo Abraahim Nuuruu, dargaggoo Mahammad Arabuu fi dargaggoo Shaafii kanneen jedhamaniidha.

Dargaggoota dirree waraanaatti fe'aman kanneen keessaa dargaggoo Abraahim Nuuruu fi Mahaammad Arabuu kan jedhaman dukkaana isaanii gurgurachaa osoo jiranii dukkaanichuma keessaa kan qabamanii fi dargaggoo Shaafiin ammoo abbaan isaa waan dhukkubsataniif yaala geeffachuuf osoo deemuu abbaa isaanii dhukkubsatan qofaatti hambisuun osoo isaan watwaatanii dhiisanii biraa oofuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu cimsanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 22,2024 Ergamtoonni PP goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qalaa'iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu cimsanii itti fufuun ibsame.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa Muddee 17,2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Taayyee Guutamaa jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, akkuma aanichaatti saamichi ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu garmalee jabaatee jiraachuu himuun, nama kana jalaa ammoo "Qeerroo Bilisummaa Oromooti" jechuun saamuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa keessatti haadha ulfaa tokko murni Bilxiginnaa hidhuun dhagaa'ame

ONM-ABO Muddee 22,2024 Murni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru mirga dhala namaa afaan qawween ukkaamsee abbaa irrummaan bulchuu jabeessuun aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubbootti Muddee 20,2024 haadha ulfaa da'uu geesse maqaan ishee Aadde Bassaa Adiloo jedhamtu humnoota waraanaa itti bobbaasuun qabanii hidhuun beekameera.


Dubartoonni dubartii ulfa guutuu kana waliin turan, mana sana keessatti waaqa kadhachaa osoo jiranii waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin reebamuun ibsameera.


Kana malees guyyaadhuma kana ganda Heeban Dhubboo fi Odaa Too'aatti uummata jumlaan ukkaamsuun kan hidhan ogguu ta'u, namoota ganda Heeban Dhubboo irraa qabamuun hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii:
-Obbo Dhiiboo Babilee
- Shufeer Usee
-Taashoo Dittaa
- Amaan Bishaa
- Amaan Abdiisaa
- Abbiyyee Tulloo
-Tulloo Duchiissoo
- Bashii Roobaa
- Makkiyaa Roobaa
- Gammachuu Yaqoob
- Kamaal Badhaasoo
- Tibbeessoo Jamboo
- Ushii Argoo kan jedhaman yoo ta'an, ganda Odaa Too'aa irraa ammoo
-Tashitee Roobalee
-Qab'oo Xayiboo
- Shekkii Wonjii
- Edaaso Kadiroo
-Qadii Kabaroo
-Gaamee Kadir
-Faranjjoo Nageessoo kanneen jedhaman akka ta'e jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo fi Guutoo Giddaatti hidhaa fi saamichi loltoota PP'n hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Muddee 22,2024 Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessaa Muddee 18,2024 nama maqaan isaa Lataa Baqqalaa jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Lataan siyaasa kam irraa bilisa ta'uu himuun, waraanni Bilxiginnaa ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbatu.

Godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Arjoo iddoo addaa Daaloo jedhamu keessaa maqaa "ilma keetu bosona jira" jedhuun nama maqaan isaa Obbo Shorroo Amantee jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen himan.

Ganduma kana irraa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Luba Misgaanaa Eebbisaa,
- Tasfaayee Hirphaa,
- Tamee Abaataa,
- Shorroo Amantee,
- Lissaanuu Abaataa,
-Addunyaa Ittafaa
- Ayinaalem Ittafaa
- Girmaa Awwaaqaa fi kanneen biroo hedduu ammoo bakka isaan misooma hojjechaa jiranii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kaaba Shaggar keessatti uummanni meeshaalee gurguddaa waraana faashistii irraa dhukaafamuun yeroo lubbuun darbaa jirutti loltoonni bilxiginnaa midhaan uummataa haamaa jirra jechuun goyyomsaa siyaasaa hojjechaa jiru

ONM-ABO Muddee 22,2024 Murni Faashistii PP jalqaba baatii Fulbaanaa irraa eegalee bifa addaan Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa irraa bilbilaa fi quunnamtii interneetii kutuun duula eegalee ture.
Duula waraanaa eegalan kanas loltoota lafoon milkaa'uu dadhabnaan meeshaalee gurguddaa Dishqaa hanga dirooniitti fayyadamuun miidhaa geessisaa turan.

Tarkaanfii murni akka feeteen bilxiginnaa walitti fufiinsaan Kaaba Shaggar aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Yaayyaa Gullallee fi Dharraa keessatti fudhate kanaan hawaasni hedduun du'ee gariin mada'uu fi aanaa Dharraa keessatti ammoo qe'ee irraa buqqifamuun bosonatti baqatus achitti meeshaaleen waraanaa gurguddaan ergamtoota Abiy Ahimediin itti dhukaafamuun miidhaa lubbuu fi qaamaa geessisaa ture.

Kana malees haleellaan dirooniin manneen barnootaa barbadeessaa, waraannis manneen barnootaa buufata godhachuun balleessaa fi Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ture jechuun gubaa ture.

Hawaasni aanaalee godinichaa keessumaa gandoota baadiyyaa keessa jiran miidhaa Bilxiginnaan marsee beelessuuf geggeessaa jiruuf saaxilamuun dhukaasa meeshaalee gurguddaa kanaaf jecha ooyiruu isaanii irraa midhaan haammachuu dadhabuu fi warreen ba'anii haammatan ammoo meeshaa akka feetee faashistootni Abiy dhukaasaniin qonnaa isaanii keessatti ajjeefamaa jiru.

Haa ta'u malee murni Bilxiginnaa ajajoota waraanaa isaa gara Kaaba Shaggaritti erguun loltoonni haammii midhaanii uummata gargaaraa jiru fi tajaajilli hawaasaa bakkatti deebi'e jechuun akka waan uummataaf hoo'anii hojjetanitti dubbataa jiru.

Hoogganaan Koorii Iizii 6'ffaa Birgeeder Jeneraal Mallas Gizawu of dursa uummataaf laanna jechuun aanaa Warra Jaarsoo keessatti suuraa ooyiruu namootaa keessatti osoo waraanni isaanii oomisha qamadii haamaa jiruu hojii fakkeessiin agarsiisan dhugaa jiru hin agarsiisu.

Loltoonni Iizii 6'ffaa jalatti koorii fi shaalaqaa adda addaan bobbaafaman Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo dabalatee aanaalee hedduu keessatti duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa raawwatee jira.

Muddee 12,2024 aanaa Warra Jaarsoo ganda Jamjam Meelaa keessatti daa'ima waggaa 10 fi waggaa 2 wal irratti meeshaalee gurguddaa akka feeteen dhukaasaniin namoota hedduu waliin ajjeesuun gariin madeessanii turuun ni beekama.

Birgaader Jeneraal Mallas waraanni isaanii namoota dadhaboo gargaara jedhan aanichaatti namoota waggaa 47 fi 50 ooyiruu isaanii keessatti ajjeesuun maatii hiyyummaaf saaxiluu isaa irratti osoo yaada hin kennine waraanni faashistiin isaanii akka waan hawaasaaf yaadutti diraamaa siyaasaa hojjechuun dhuguaa lafa jirtu hin agarsiisu.

Читать полностью…
Subscribe to a channel