#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Muddee 24,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa ganda Sorooroo Malkaa Jawwee ykn Taabboo irratti har"a Muddee 24 tarkaanfii Duula Cichoomina Kaayyoon mooraa waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana PP 2 ajjeesuun lukkeelee PP 3 madeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haleellaaa duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf fudhateen lukkeelee bilxiginnaa du'aaf madoon adabuun kaan ammoo harkaan qabuu beeksise.
ONM-ABO Mudde 24, 2024 Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa har'aa ganamaan korommiiwwan abdii sabaa duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf fudhataa jiruun injifannoo cululuqaa galmeessaa kan jirudha.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa irreefi gaachanni sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyaa har'aa ganamaan itti seenuun Barbuda itti ulee macheessuun lukkeelee diinaa hawaasa nagaa dararuuf bobbaafamte irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun beekamee jira.
Gootichi abdii sabaa gandicha keessaa loltoota Abiyyi Ahimad lolee irra aanuun, kanneen lakkoofsaan 5 ta'an rasaasaan waadee ajjeesuun, kanneen baay'inaan 4 ta'an immoo madoo damdammii hinqabneen adabuun, loltoota 2 immoo harkaan qabee humna isaa diinatti agarsiisee jiraachuun, qawwee AKM 11 hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo godhee jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira.
Injifannoon uummata Oromoof!
Duulli Cichoomina Kaayyoo Oromiyaa bakkoota hedduutti waraana faashistii PP irratti geggeeffamaa jira.
ONM-ABO Muddee 24,2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lootee seentota dirree qabsootti bobbaatee fi gantoota of keessaa erga qulqulleesseen booda haaromsa siyaasaa fi waraanaa miseensota WBOf kennuun guyyaa har'aa ganama Muddee 24,2024 irraa qabee Duula Cichoomina Kaayyoo labsuun tarkaanfii laalessaa mooraa waraana faashistii PP Oromiyaa bakkoota adda addaa jiran irratti fudhachaa jira.
Haala kanaanis tarkaanfii boonsaa ganama barii WBOn Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaaraa godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo irratti fudhatee jira.
Aanaa Gullisoo keessatti tarkaanfii magaalaa aanichaa Gullisoo, bulchiinsa magaalaa Calliyaa, Waayyuu Mannii, Laga Uwwaa fi bakka addaa Suuqii Fodee jedhamtu keessatti fudhateen waraana maafiyaa Abiy Ahimed hedduu du'aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkatee qabeenya Bilxiginnaa hedduus barbadeessee jira.
Jajjabeen WBO Duula Cichoomina Kaayyoon Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Jaalallee keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Birgeediin Soonsaa waraana faashistii PP adabee jira.
Bahuma Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessattis irre fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii boonsaa fudhatee jira.
Abdii fi gaaddisni Oromoo WBOn Zoonii Harsadee keessatti tarkaanfii laaleessa fudhachuun injifannoo cululuqaa waraana Abiy Ahimed irratti galmeessee jira.
Keessayuu tarkaanfii laalessaa Baha Shaggar aanaa Boosat magaalota akka Doonii, Boolee fi Bofaa keessatti tarkaanfii laalessaa tiksitoota impaayera Itoophiyaa irratti fudhateen magaalaattii keessaa faashistoota PP ari'uun yeroof dhuunfatee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
WBOn Zoonii Kibbaa Korommiiwwan Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Sorooroo Malkaa Jawwee keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii jabduu fudhateen diina du'aa fi madoon adabee jira.
WBOn Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Cibraan Hasan Ammee lola jabaa geggeesseen diina du'aa fi madoon adabee jira.
WBOn godina Walloo keessatti jalbultii Duula Cichoomina Kaayyoo Dilbata eegaleen hanga guyyaa har'aa walitti fufiinsaan ergamtoota Abiy Ahimeditti adaba tolchaa jiraachuun barameera.
Murni Bilxiginnaa WBO balleessineerra fi galaniiruun of jajjabeessuu sobaa hololus jabaan abbaa kaayyoo cichaan toora qabsoo baataan imaanaa goototaa har'as irree isaa jabaa irratti agarsiisaa jira.
Kan nama dhibu ammoo Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ajaja tokko jalatti tokkummaan zoonii hunda irraa itti dhukaasuun sabaaf haamilee diinaaf yaaddoo ta'uu yeroo agarsiisettii dha.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa Zooniilee cufa keessatti waraana faashistii PP adabaa waan jiruuf gabaasa guutuu fi ragaalee isaa akkaataa nu qaqqabeen kan isin biraan geenyu ta'a.
Tarkaanfiin WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufu!
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni bilisoomti
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti ergamtoonni bilxiginnaa hiriira deggersa PP hawaasa dirqamsiisaa turuun ibsame
ONM-ABO Muddee 24,2024 Yeroo adda addaatti lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa "deggersa hiriiraa" jedhuun rakkoo hamaa geggeessaa kan jiran yoo ta'u, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa hawaasni siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne dirqamaan hiriira deggersa mootummaa garboomfataa impaayerattii akka ba'aniif dirqisiifamaa jiraachuun barameera.
Aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota adda addaa irraa lukkeeleen bilxiginnaa qotee bultoota Oromoo dirqamaan maqaa "deggersa hiriiraa" jedhuun Muddee 23,2024 mootummaa nama nyaataa impaayerattiif akka ba'aniif doorsifamaa turuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Namoota hiriira deggersa mootummaa garboomfataa impaayerattii kanaaf ba'uu didan irratti tarkaanfii laalessaa akka fudhatan walga'ii hawaasaa irratti kan doorsisan lukkeeleen bilxiginnaa, yaaddoo hamaa keessa isaan galchuu itti dabaluun ibsanii jiru.
Ajjeechaa, hidhaa fi saamichi loltoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 24,2024 Ilmaan Oromoo irratti sababa Oromumummaa isaanii qofaaf duulli duguuggaa sanyii loltoota Bilxiginnaan raawwatu jabaatee itti fufee jira.
Muddee 22,2024 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa aanaa Qondaalaa ganda Kollii Carphaa jedhamu keessaa dargaggeessa umurii 25 kan ta'e nama maqaan isaa Atuuchee Dhaabaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta'uu himuun, sababa Oromummaa isaa qofaaf ergamtoota sirnichaan akka bineensaatti ajjeefamuu dubbatu.
Aanichuma ganda 02 keessaa ammoo guyyaadhuma kana Tizaazuu Malaakuu nama jedhamu jalaa loon 5 yoo saaman, Haajii Baacaa Sadii jalaa ammoo mana jireenyaa isaa irraa qorqorroo baallee 70 diiggachuun korma cimdii tokkos saamuun, isas badii tokko malee fuudhanii deemuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun ONM'f eeraniiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa iddoo Gaanga'a jedhamutti ganama har'aa Muddee 24,2024 sa,a 3:00 irraa eegaluun tumaa jira.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Gabaasa guutuu isaan kan walitti deebinu ta'a❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 24-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hidhattoonni Faannoo hawaasa saamuu yoo itti fufan, loltoonni bilxiginnaa ammoo bosona Goodaa Kokor irratti gubaatii raawwatan
ONM-ABO Muddee 24,2024 Aanaa Horroo ganda Rifeentii Gabar bakka addaa Kattaa Quuxee jedhamutti hidhattoonni Amaaraa maqaa 'Faannoo' jedhuun socho'anii fi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf ergama fudhachuun bobba'an torban kana keessa immoo haala ittiin ilmaan Oromoo dararan irratti ibsa kan baafatan, Muddee 17,2024 nama maqaan isaa Jiraa Hulluuqaa jedhamu jalaa saawwan 3 saamuun fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daaddoo jedhamutti bakka seenaa gooticha Abiishee Garbaa sirna nafxanyaan qabame lafa dirree Kokor jedhamu irratti gubaatii raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni himanitti "Goodaan Kokor bineensota hedduu kan qabu yoo ta'u, bosonni baay'inaan bineensota hedduu qabu gubachuu irraa kan ka'e bineensonni kunneen gara bakka birootti baqataa kan jiran ta'uu dubbatu.
Kana malees aanaa Sulula Fincaa'aa ganda Hawwii Guddinaa keessaa ergamtoonni sirnichaa hawaasa saamuun jireenya isaanii mijeeffatan Muddee 17,2024 nama Obbo Fiqaaduu Hambisaa jedhamu jalaa boqqolloo ardaba 480, Saalixii ardaba 20 fi xaafii ardaba 8 yoo saaman, Obbo Masgabuu Abarraa jalaa immoo boqqolloo ardaba 200, Obbo Magarsaa Booree jalaas boqqolloo ardaba 300 saamanii fe'achuu jiraattotni ONM dubbise addeessaniiru.
Kana malees, ganda kana keessaa nama Obbo Yoseef Qannoo jedhaman baatii darbe keessa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda yeroo ammaa immoo mana maatii isaa deemuun boqqolloo ardaba 350 jalaa saamaanii deemanii jiraachuun eeramee jira.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee bakka addaa Shomboqqoo jedhamu irraa Muddee 16,2024 nama maqaan isaa Obbo Shimee Amantee jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya isaa hunda waliin guutummaa guutuutti ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa fi godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti loltoonni Bilxiginnaa jiraatotta saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 24,2024 Saayinsii waraanaa kan hin kabajnee fi naasuu tokkollee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa adda addaatti bakka naamusni waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa jedhamu keessaa loltoonni Bilxiginnaa Mudde 18,2024 namoota maqaan isaanii:
- Gaaromaa Xilaahun,
- Taaddalee Adinoo,
- Taarikuu Adinoo,
- Baacaa Alamaayyoo fi
- Qidistee Ittaanaa kanneen jedhaman jalaa dukkaana isaanii cabsanii yoo saaman, nama Baacaa Eebbisaa jedhamu immoo dukkaana qorichaa jalaa cabsanii seenuun guutummaan guutuutti qabeenya isaa jalaa saamaanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Oduudhuma walfakkaatuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaatti loltoonni kaayyoo bobbaafamaniif hubatanii hin beekne ganda Oofaa Fargashii keessaa Muddee 19,2024 namoota maqaan isaanii:
● Kaalid Nagaasaa,
● Nuuraddiin Imaanaa,
● Raamatallaa Haarunii fi
● Hannaa Rasiimoo jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan ga'aa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lukkeelee diinaa du'aaf madoon adabuu beeksise.
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Mudde 24, 2024 Irreefi gaachanni sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf bobba'uun, loltoota faashistii bilxiginnaa ajaja Kolonel Abiyyi Ahimadiin hawaasa meesha maleessa dararuuf bobbaafaman wawwaachiisuun baruudaan macheessee harkaan qabuun, du'aaf madoon adabee kaanimmoo harkaan qabuun meeshaalee hedduu dugda ishee irraa hiikuun galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo gochaa jira.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu keessaa Korommiiwwan jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo lukkeelee diinaa ganamaan itti seenee wawwaachiisuun du'aaf madoon adabuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira.
Injifannoof boodarra kan walitti deebinu ta'a!
Injifannoon uummata Oromoof!
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Hasan Ammee Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti ganama har'aa Muddee 24,2024 iddoo addaa Hadhoo jedhamuun beekamutti ari'ee tumaa jira.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Gabaasa guutuun walitti deebina ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
#DuulaCichoominaKaayyoo
Baha Shaggar Boosat
ONM-ABO Muddee 24,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii keessatti #Duula Cichoomina Kaayyoon lola waraana faashistii PP irratti taasiseen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Guutuu gabaasa kanaan walitti deebina ❗
Duula Cichoomina Kaayyoo
ONM-ABO Muddee 24,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haaromsa siyaasaa fi waraanaa taasisuun har'a ganama irraa eegalee Duula Cichoomina Kaayyoo waraana faashistii PP geggeessaa jira.
Duula kanaanis ganama Lixa Wallaggaa mooraa waraana faashistii magaalaa Gullisoo, magaalaa Calliyaa fi Waayyuu Mannii irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun hurgufaa jira.
Guutuu gabaasa isaan walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Qophii Addaa ONM-ABO Mudde 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Amajjii 1 Kabajaa guyyaa WBO fi simannaa bara haraa ilaalchisee hawaasni Oromoo Kanaadaa Edmenton fi naannoo ishee qophii qaban ilaalchisee turtii Jaal Biqilaa Dheeressaa fi Jaal Gammachiftu Jiloo waliin taasifna
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ANO Muddee 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Cuunfaa Tarkaanfii WBO Birgeedii Odaa Kaarraa
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Muddee 24,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaarraa tarkaanfii har'a Muddee 24,2024 ganama irraa qabuun aanaa Gullisoo magaalaa aanaa dabalatee bakkoota adda addaatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haala kanaanis waraana Abiy Ahimed irraa hedduu du'aa fi madoon adabuun
Qawwee AKM 45
Rasaasa 4000
Jorooroo Bireenii 400 irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
#DuulaCichoominaKaayyoo
WBO'n Birgeedii Eebbisaa Addunyaa Bahaa Wallaggaa aanaa Galiilaa seenuun rukutee baheera.
Aanaa Eebantuu fi bulchiinsa magaalaa Qeelloo gidduuttis rukutanii jiru .
Gabaasa guutuuf booda walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti ergamtoonni murna PP dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan tokko ammoo madeessuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 24,2024 Uummata nagaan mana isaa jiraatu ajjeesuun gootummaa kan itti fakkaatu mootummaan gabroomsaan impaayerattii bilxiginnaan, bakka fedhee fi yeroo fedhetti humna isaatti fayyadamuun goolessitoota waraana isaa saba nagaatti bobbaasuun guyyuu qe'ee Oromoota maraatti gadda uwwisaa oola.
Gochoonni badii murna balfamaa kanaan uummata irratti raawwatu ittuma fufuun Oromiyaa cufa keessatti dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle faashistoota bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira.
Muddee 22,2024 aanaa Jajuu ganda Qaxxee jedhamu keessatti dargaggoo Hassan Nuuree jedhamu ganama wal gahii bahi jedhanii waamanii inni mana keessaa waa fudhaachuuf ol seennaan maal fuudhuuf mana seente jechuun faana mana seenanii rasaasa sagal itti roobsuun lubbuu isaa kan galaafatan yoo ta'u, nama tokko immoo kan maqaan adda nuuf hin baane rasaasaan rukkutanii madeessuun yaala dhowwanii rakkachaa jiraaachuu jiraataan aanicha irraa ONM dubbise tokko ifoomsee jira.
Guyyaadhuma sana onichuma magaalaa Abboomsaa keessatti fedha isaanii malee uummata doorsisuun hiriira ba'aa jedhanii dararaa kan turan oggaa ta'u sababa kanaanis uummata manatti galuu dhorkanii rakkisaa turuu jiraattoonni magaalichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed nama tokko fayyaatti ibiddaan gubuun himame
ONM-ABO Muddee 24,2024 Gara jabeeyyiin ergamtoonni maafiyaan PP kan isaan ilmaan Oromoo rasaasaan waadanii guban hanqannaan, akka qoraaniittis ibidda itti shidanii gubuun hawaasicha ittiin sodaachisuuf hojjechaa jiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Sadan Qixxee jedhamu keessaa torban lamaan darbe keessa ergamtoonni ilma namaaf naasuu namummaa tokkollee hin qabne loltoonni faashistii Abiy Ahimed nama maqaan isaa Tamasgeen Qechee jedhamu badii tokko malee uffata hunda irraa baasuun qullaa isaa ciibsuun pilaastikiitti ibidda qabsiisuun qaama isaatti naasuu tokko malee coccobsuun gogaa qaama isaa irratti miidhaa qaamaa hamaa ta'e raawwataniiru.
Yeroo ammaa kanas gara godina Baha Wallaggaa deemuun Hospitaala Riferaala magaalaa Naqamteetti yaalamaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Namni kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu maddeen himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "madoo Waraana Bilisummaa Oromootu mana keetti yaalamaa ture" jedhuun yakka farra namoomaa kana gara jabina hammeenyaan guutameen irratti raawwachuu dubbatu.
Godina Baha Harargee Aanaa Jaarsootti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun barattoota ukkaamsuun maallaqa hedduu irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 24,2024 Balleessee baduu kan filate murni Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni isaa sababa garaa garaa wabeeffachuun hawaasa nagaa dararaa jiru.
Aanaa Jaarsoo araddaa Odaa Mudaa jedhamu keessaa torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa barattoota hedduu maqaa leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa deemtu jedhuun ukkaamsuun, boodarra ammoo maallaqa hedduu maatii isaanii irraa fudhachuun gadi lakkisaa kan jiran ta'uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Barattoota ukkaamfamuun saamichi irratti raawwate keessaa muraasa kan maqaan isaanii nu ga'e:
- Taajuu Mahaammad Hasanoo barataa kutaa 7'ffaa qarshii 20,000,
- Mahaammad Rashiid Aliyyii barataa kutaa 7'ffaa qarshii 20,000 akkasumas,
- Adinaan Mahaammad Xaahir barataa kutaa 5'ffaa innis qarshii 20,000 kaffaluun gadi lakkifamee jiraachuu maddeen itti dabaluun eeran.
Akka maddeen himanitti, barattoonni kunneen Masjiida keessaa kan ukkaamfaman ta'uu himuun, araddicha keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun bobbaafaman jiraattota garmalee dararaa kan jiran ta'uu itti dabalaniiru.
Gabaasa tarkaanfii ONM-ABO Muddee 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Iraan keessatti otoobisii, konkolaataa boba'aa waliin walitti bu'uun namoonni sagal du'an jedhu miidiyaaleen mootummaa
ONM-ABO Muddee 24,2024 Wiixata kaleessaa kibba baha Iraan keessatti otoobisii konkolaataa boba’aa fe’u waliin walitti bu’uun yoo xiqqaate namoonni sagal du’uu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasan. Kunis balaa daandii irratti guyyoota muraasa keessatti lubbuun namoota hedduu darbarse isa lammaffaadha.
Bulchiinsa Sistan-Baluchestan keessatti itti gaafatamaan Waldaa Ji’a Diimaa Mohammad Mehdi Sajjadi dhaabbata oduu mootummaa IRNA tti akka himanitti, “balaa naannoo Zahedanitti otoobisii konkolaataa boba’aa fe’u waliin walitti bu’uun lubbuun namoota sagal darbuu fi namoonni 13 madaa’aniiru.”
Dilbata darbe bulchiinsa Iraan dhiha Loorestaan keessatti otoobisii boolla tokkotti kufeen namoonni 10 du’aniiru.
Iraan galmee nageenya daandii gaarii hin taane kan qabdu yoo ta’u, Bitootessa 2023 hanga Bitootessa 2024 gidduutti balaa kanaan namootni 20,000 ol du’uun isaanii lakkoofsi Dhaabbata Qoricha Fooransikii qaama haqaa miidiyaaleen biyya keessaa caqasan ni mul’isa.
Ji'a Hagayyaa keessa, hajootni Musliimaa Paakistaan 28 gara Iraaq deemaa turan, otoobisii isaanii giddugala Iraan keessatti kufee lubbuun isaanii darbeera jechuun miidiyaalee mootummaa wabeeffachuun AFPn gabaaseera.
Baha Oromiyaa Godina Harargeetti saamichi maqaa gibiraan jabaachuun ibsameera
ONM-ABO Muddee 24,2024 Murni faashistiin gabroomfataa PP koloneel Abiy Ahmediin durfamu gibira humnaa olii ummata irratti fe'uudhaan uummata nagaa shororkeessuu akkuma itti fufetti jira.
Aanaa Komboolchaa araddaa Burqaa Diin jedhamu keessatti dararaan garmalee hammaachuu jiraattonni himan. Waraanni maafiyaan PP jiraattota gibira humnaan olii gaafachuun namoota qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban irratti hidhaa fi manneen irratti diigaa akka jiranis ibsameera.
Namoota qabeenya isaanii irratti miidhaan ga'e keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga'e;
- Nuuree Mahaammad Sheedaa yoo ta'u, namni kun rakkina sammuu kan qabu maatii fi daa'imman isaa waliin osoo jiraatuu mana isaa irraa hulaa ( balbala) buqqifatanii deemuun himameera. Kana malees namootni mana isaanii irraa hulaan buqqifame kan biroon;
- Shamshaddiin Mahaammad Jundii,
- Mahammad Abdurhamaan Muummee,
- Mahaammad Yuuyyaa Godii nama dhukkuba sammuu dhukkubsatu,
- Abdurhamaan Yuusuf Idiris namni kun ammoo qaro dhabeessaa fi
- Xayibaa Yuuyyoo haadha ilmaanii jalaas sangaa tokko ooffatanii akka deeman ifoomeera.
Ergamtoonni murna PP Kibba Lixa Shaggar gandoota Aanaa Wancii cufa keessatti namoota reebanii jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuraa jiru
ONM-ABO Muddee 24,2024 Gaaffii seeraa tokko malee mirga abbaa biyyummaa isaa mulqamuun qe'ee isaa keessatti ergamtoota sirna dabaa Bilxiginnaan hiraarfamaa kan oolu Uummanni Oromoo kan yeroo kamuu caalaatti ammas dararaa hamtuu keessummeessaa jira.
Labsii duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti banee kan jiru mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed eegdota barcuma aangoo isaa Oromiyaa bakkoota hedduutti bobbaasuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaattii hammeessuun jiruu fi jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.
Kibba Lixa Shaggar aanaa Wancii gandoota kanneen akka Dullee Eelee Qorii, Azeerii Qeeransaa, Damuu Dagalee, Shaggaagii Gafaree, Dha'ee Waan-Diimtuu keessatti uummata jumlaan ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irraan geessisanii booda konkolaataatti naquun mooraa waraana PP Duleellee jedhamutti naquun dararaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Birgeedii Soonsaa
Duula Cichoomina Kaayyoo
#Sibuu Siree
ONM-ABO Muddee 24,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haaromsa siyaasaa fi waraanaa taasisuun har'a ganama irraa eegalee Duula Cichoomina Kaayyoo waraana faashistii PP geggeessaa jira.
Duula kanaanis ganama kana Wallagga bahaa aanaa sibuu siree ganda jaalallee keessa birgeediin soonsaa harri'ee keessa baasee jira
Guutuu gabaasa isaan walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
#DuulaCichoominaKaayyoo
Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa mooraa waraana faashistii PP ganda Sorooroo Malkaa Jawweetti wawwachiisaa jira.
Guutuu gabaasaan walitti deebina ❗
Injifannoon Uummata Oromoof!
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 24-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Oromo Liberation Army Conducts Successful Operations in Eastern Arsi and Western Shagar Zones
ONM-ONM-ABO December 24, 2024
Eastern Arsi Zone
On December 22, 2024, the Oromo Liberation Army's (OLA) South Eastern Zone, Nadhi Gamada Brigade, executed a series of successful operations in the Eastern Arsi Zone, targeting enemy forces in Sirka District.
Sirka District (Sole Digalu):
OLA forces neutralized 8 enemy combatants and injured 15 others during an assault on an enemy encampment in the town of Sole Digalu. Following the operation, enemy forces abandoned their camp and fled the area.
Honqolo Wabe District (Macitu):
Another engagement occurred in the town of Macitu, where OLA neutralized 10 enemy combatants and wounded 7 others. This confrontation forced the remaining enemy forces to evacuate their encampment and withdraw from the town.
Western Shagar Zone
On December 21, 2024, OLA brigades Risa Laga Mogor and Murti Guto launched a coordinated offensive in the Western Shagar Zone's Abuna Gindabarat District.
Abuna Gindabarat District (Mana Bansa):
In a fierce battle at an enemy encampment in the town of Mana Bansa, OLA neutralized 21 enemy combatants and inflicted serious injuries on 12 others. During the operation, OLA forces seized significant weaponry, including 1 sniper rifle, 8 automatic rifles, 3 heavy machine guns, and additional ammunition.
The Oromo Liberation Army continues its strategic operations against enemy forces to reclaim and defend the Oromia region.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina adabe
ONM-ABO Muddee 23,2024 Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa zooniilee garaagaraatti diina du'aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 23,2024 iddoo addaa Tarree Awwaaraa jedhamutti Cibraan Hasan Ammee ganama sa'a 5:00tti lola waraana weerartuu PP waliin taasiseen battalatti humna diinaa 3 ajjeesuun 2 madooo dandammii hin qabneen geggeesseera.
Tarkaanfii laalessaa Cibraan Hasan Ammee ergamtoota maafiyaa PP irratti fudhate kanaanis humni faashistii Bilxiginnaa reeffaa fi madoo ishee harcaasuun magaalaa Qiciicootti deebi'uun ifoomeera.
Lolli WBO'n taasisu hanga hiree murteeffannaa uummata Oromootti jabaatee itti fufa❗️
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni Bilisoomti ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️