onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Injifannoon Uummata Oromoof ❗


Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf tarkaanfii fudhateen loltoota Bilxiginnaa Du'aa fi Madoon Adabuu beeksise jira

ONM-ABO Muddee 25,2024 Abdiin sabaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa Duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf babba'een Aanaa Sirkaa ganda Sojjii Saadee keessatti diina iddoo lolaa halkan edaatiif humna dabalataa deemtu haxxee itti hidhuun loltoota 9 irraa ajjeesee 13 madeessuun ofii boodaa deebisee injifannoo boonsaa galmeesee jira.


Duulii Cichoomina Kaayyoo itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

OLA Intensifies Offensive Operations Across Oromia

ONM-ABO December 25, 2024

The heroic Oromo Liberation Army (OLA) continues its decisive offensive operations against enemy forces across Oromia. These operations, aimed at combating atrocities committed against civilians, have resulted in significant victories in recent days.

Offensive Operations in Northern Shagar Zone
On December 21, 2024, OLA carried out a successful attack in Hidhabu Abote district, targeting local militia in the town of Ejere. During this operation, three militia members were neutralized, and three automatic rifles were captured.

In the Dagam district, OLA neutralized several enemy combatants, wounded many others, and seized 47 automatic rifles and one machine gun. Similarly, in Yaya Gulale district, OLA neutralized a Prosperity Party spy agent.

Engagement in Western Shagar Zone
On December 22, 2024, OLA conducted an offensive operation in the Abuna Gindabarat district. In this intense engagement, nine enemy combatants were neutralized, seven sustained injuries, and four surrendered to OLA forces. Additionally, six automatic rifles and various military gear were captured.

Joint Operation in Northern Wallo Zone
On December 23, 2024, the Biftu Bari Bilisumma unit and the Hasan Gule Brigade conducted a well-coordinated attack in the Dawe Harawa district, Northern Wallo zone, at 4:00 AM local time. The operation targeted enemy forces stationed in the Haro locality.

This intense battle resulted in the neutralization of nine enemy forces and left 16 others injured. The enemy forces, scattered in disarray, were seen transporting their wounded troops in two vehicles to local hospitals.

The Oromo Liberation Army remains steadfast in its mission to protect civilians and combat oppressive forces across Oromia.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraana bilxiginnaan hiraarfamni uummata nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufee jira

ONM ABO Muddee 25,2024 Murni abbaa irree bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahemediin durfamu loltoota isaa kanneen naamusaaf sansakkaa waraanummaa tokkollee hin qabnee fi hin beekne kutaalee Oromiyaa mara keessatti uummata Oromoo irratti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii raawwachaa jira.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Shaashii keessaa Muddee 19,2024 maanguddoo ganna 60 olii maqaan isaanii Obbo Hasan Abdullaahii jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaanii bakka addaa Habaacar jedhamu deemuun reebicha hamaa ta'e irratti raawwachuun uleedhaan osooma reebanii haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatuu maddeen ONM'tti himan.

Obbo Hasan Abdullaahii jaarsa biyyaa akka aadaa fi duudhaa Oromootti rakkoo uummata gandicha keessaa kan hiikanii fi jaarsa araaraa ta'uu isaanii himuun, hawaasa naannoo isaanii keessatti kabajaaf jaallatamummaa guddaa nama qabanii fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta'anis sobaan yakkamuun kan ajjeefaman ta'uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baalee Lixaa Aanaa Sinaanaatti waraanni maafiyaan PP waggootaaf murtii seeraa malee namoota hidhee hiraarsuun barame

ONM ABO Muddee 25,2024 Aanaa Sinaanaa ganda Kibxatee 01 keessa jiraachaa kan ture Obbo Baay'isaa Baacaa mana jireenyaa isaa keessaa qaamolee murna gabroomsaa PP'n butamee mana hidhaatti hiraarfamuu erga eegalee kan bubbule ta'uu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Rakkoo fi dararaan hedduun waggoota lamaa fi ji'a afurii oliif irratti raawwachaa kan jiru Obbo Baay'isaan hanga har'aatti maqaa ati seelii waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun murtii seeraa malee doorsisni ajjeechaa lubbuus irratti raawwatamuun beekameera.

Obbo Baay'isaan jaarsa biyyaa umuriin isaa ganna 57 ogguu ta'u, nama qaama hir'uu, abbaa maatii kan ta'ee fi nama rakkatee jiraataa tureedha. Mana hidhaa keessattis dubbii dharaan yeroo qabamee hidhame irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaayetti dhukkubsatee baay'ee rakkachaa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

#DuulaCichoominaKaayyoo

ONM-ABO Muddee 25,2024 Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa ganda Heemmaa Kishoo seenuun halkan keessa sa'atii 2:00tti tarkaanfii fudhateen tika aanichaa kan maqaan Damboobii Walaabuu jedhu dabalatee loltoota 4 battalatti yommuu ajjeesu 3 immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

# Duula Cichoomina Kaayyoo

Irree fi gaachanni sabaa WBOn Arsii bahaa fi Lixaa keessatti waraana faashistii PP watwaachisaa bule


ONM-ABO Muddee 25,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf bobba'een Cibraan Maddaa Walaabuu fi Jaal Nadhii Gammadaa waliin ta'un halkan edaa Muddee 24,2024 aanaa Sirkaa ganda Eleellee Welaana keessatti mooraa diinaatti marsuun loltoota impaayara dulloomaa suphuuf dhamaatu akka baala mukaatti harcaasuun loltoota 16 ajjeesuun 11 madeessee jira.

Qawwee AKM 4, hidhaannoo 7, qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhe jira.

Haaluma wal fakkaatuun halkanuma Muddee 24,2024tti jajjabeen mudhii sinnaaraa WBOn Cibraan Madda Walaabuu Arsii Bahaa Aanaa Roobee Dida'aa ganda Walta'ii jedhamu keessattii mooraa diinaatti marsuun rasaasaan hiddee lotoota 7 ajjeesee 11 madeessuun mooraa keessaa mana hawaasaatti baqachiisee qophiilee waraanaa hedduu irraa booji'uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhe jira.

Ittuma fufun irree fi gaachanni sabaa WBOn Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Shaayaa jedhamu keessattii loltootaa Bilxiginnaa yeroo dheeraaf gandicha keessa qubachuun uummata hiraarsaa turte rasaasaan akaa'ee 5 irraa ajjeese 7 madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeesee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

US fi UK'n murtii manni murtii waraanaa Paakistaan ​​deeggartoota siiviilii Imraan Kaan irratti murteessite qeeqan

ONM-ABO Muddee 25,2024 Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam dhiheenya kana manneen murtii waraanaa Paakistaan ​​deeggartoota siiviilii Muummicha Ministeeraa duraanii Imraan Kaan 25 irratti murtii balleessaa bara darbe jeequmsa keessatti hirmaatan jedhaman irratti murteessuu isaaniif yaaddoo guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Murtiin kun kanaan duras Gamtaa Awurooppaa fi falmitoota mirga namoomaa biyya keessaatiin qeeqamaa ture.

“Ameerikaan lammiileen nagaa Paakistaan ​​mormii Caamsaa 9, 2023 gaggeeffame keessatti hirmaachuu isaaniitiin mana murtii waraanaatiin murtiin itti murtaa’uun baay’ee yaaddessaa ta'uu ibsite. Manneen murtii waraanaa kun walabummaa abbaa seerummaa, iftoominaa fi wabii adeemsa sirrii hin qaban,” jedha ibsichi. Paakistaan ​​mirga murtii haqa qabeessaa fi adeemsa sirrii akka kabajju gaafate.

Landanitti Waajjirri Dhimma Alaa akka jedhetti “U.K.n adeemsa seeraa mataa ishee irratti abbaa biyyummaa Paakistaan ​​kan kabajju yoo ta’u, namoota nagaa mana murtii waraanaa keessatti murtii kennuun iftoomina, qorannoo walabaa kan hin qabnee fi mirga murtii haqa qabeessa ta’e argachuu kan miidhudha jette.

Mootummaan Paakistaan ​​dirqama Waliigaltee Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa jalatti qabu akka kabaju gaafanna.” Ibsi kun kan eeruun hookkara Kaan Caamsaa bara 2023 Islaamaabaaditti hidhamee booda ka'eedha. Muummichi ministeeraa duraanii kun bara 2022 paarlaamaa keessatti sagalee amantaa dhabuutiin aangoo irraa kan kaafaman yoo ta'u, malaammaltummaan Hagayya 2023tti murtiin hidhaa itti murtaa'e.

Ergasii, Kaan mana hidhaa keessa jira. Paartiin mormituu beekamaan Kaan gadhiifamuu isaa mirkaneessuuf mootummaa waliin mari’achaa jira jechuun Asoosheetid Pirees wabeeffachuun Arab News gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Finca'aa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 25,2024 Uummata Oromoo dararuu hojii idilee kan taasifate waraanni koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kana ammoo akkuma guutuu Oromiyaatti kan dur barameen olitti jiraattota irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu jabeessanii itti fufanii kan jiran ta'uun ni beekama.

Aanaa Suluula Finca'aa ganda Hawwii Guddinaa jedhamu keessaa Muddee 22,2024 ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Akkawaaq Kabbadaa jalaa midhaan ardaba 10,
- Asmaraa Addunyaa jalaa ardaba 15,
- Abdii Zalaalem jalaa ardaba 25,
- Hundee Barsiisaa jalaas ardaba 30
- Maammush Biraanuu jalaa ammoo boqqolloo osoo hin calleeffamin Ooyiruu irra jiru guutummaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, isaan keessaa Hundee Barsiisaa nama jedhamu ammoo baatii tokko dura maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun hidhanii dararaa kan jiranii fi yeroo ammaas bakka inni hin jirretti qabeenya isaa saamuun jiruu gadadoof saaxiluu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Aanaa Siraarootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 25,2024 Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe'ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jiraachuun ibsamee jira.


Aanaa Siraaroo ganda Biixxannaa Kubiiraa jedhamu irraa torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta'u, jiraattonni horii tokkotti qarshii 65 akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun horii akka: kotte duudaa fi loon hunda irratti qarshii 65 kaffalaa kan jiran yoo ta'u, jiraattonni kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsanii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ሐረርጌ ዞን የብልፅግና ጦር በግብር ስም ዘረፋውን አጠናክሮ ቀጥሏል ።

ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኮሎኔል አብይ አህመድ የሚመራው የብልፅግና ፋሽስታዊ አምባገነን መንግስት በህዝቡ ላይ ከመጠን ያለፈ ግብር በመጣል ሰላማዊ ዜጎችን ማሸበሩን ቀጥሏል።

ይህን በማስመልከት በኮምቦልቻ ወረዳ የቡርቃ ዲን መንደር ነዋሪዎች ስቃዩ ተባብሷል ብለዋል። የፒፒ ማፍያ ሰራዊት ከነዋሪው ላይ በግዳጅ ከመጠን በላይ ግብር እየጠየቀ ሲሆን የተጠየቀውን ገንዘብ መክፈል ያልቻሉትን እያሰረና ቤት እያፈረሰ ነው።


በንብረታቸው ላይ ጉዳት ከደረሰባቸው ሰዎች መካከል;
- ኑሬ መሀመድ ሼዳ ከቤተሰቦቹ እና ልጆቹ ጋር ይኖር የነበረ የአእምሮ በሽተኛ ሲሆን። በሩን ከቤቱ በማንሳት መውሰዳችውን ገልፅዋል።

በተጨማሪም የቤት በሮች ከተወሰዱባችው መካከል:-

- ሻምሰዲን መሀመድ ጁንዲ
- መሐመድ አብዱረሀማን ርዕሰ መምህር
- መሀመድ ዩያ ጎዲ የአእምሮ በሽተኛ ።
- አብዱራማን ዩሱፍ ኢዲሪስ ይህ ሰው ዓይነ ስውር ነው እና
- እንዲሁም የልጆቹ እናት በሆነችው ከጠይባ ዩዮ ስር አንድ በሬ መውሰዳችው ተገልፆዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በሀርጡማ ፉርሴ ወረዳ የአማራ ፋኖ ታጣቂዎች በህብረተሰቡ ላይ ተኩስ በመክፈት አንድ ሰው ሲገደል ሌላኛው ደግሞ መቁሰሉ ታውቆዋል።

ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የአሮጌው ስርአት ደጋፊዎች በኦሮሞ ህዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻ ለማካሄድ የተለያዩ መሳሪያዎችን ታጥቀዋል።


በዚህም መሰረት በወሎ ዞን በጨፋ ጋርቦታ ሃርጡማ ፉርሴ ወረዳ ታህሳስ 23 ቀን 2024 ዓ.ም አመሻሽ 9 ስዓት ላይ መሀመድ ዳዌ የተባለውን ገድለው ፥ መሀመድ ኡስማን አሊሻን ማቁሰላችው ተገልፆዋል።


በጋርቦታ መንደር የሚገኘው ምንጮቻችን እንደገለፁት በአማራ አማፂ ሃይሎች የተገደለው የመሀመድ ዳዌ አስከሬን እስካሁን ድረስ ያልተገኘ ሲሆን የቆሰለው ደግሞ ማምለጡ ተገልፆዋል።

የሃርጡማ ፉርሴ ወረዳ ነዋሪዎች በሰጡት አስተያየት የአማራ አማፂ ሃይሎች ከ5-10 በቡድን ተደራጅተው በመንገድ ላይ እየዘረፉ፣የሰዎች እርሻና የከብት እገዳ ስፍራ በመሄድ ሰላማዊ ዜጎችን መግደል ፥ ምስል እና መዝረፋችው ተገልፆዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ሸገር ዞን በባኮ ቲቤ ወረዳ የአብይ አህመድ ወታደሮች አንድ ሰው በእሳት ማቃጠላችው ተገለፀ።


ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ ማፍያ ጨካኝ ወኪሎች ህብረተሰቡን እንደ እሾህ በማቃጠል ለማስፈራራት እየሰሩ ነው።

በባኮ ቲቤ ወረዳ በሰደን ቂጤ መንደር ባለፉት ሁለት ሳምንታት ውስጥ የአብይ አህመድ የፋሽስት ወታደሮች ተመስጌን ቀጫ ቀጨ የተባለውን ሰው ያለ ምንም ጥፋት ልብሱን ሙሉ በሙሉ ገፈው ራቁቱን አስቀምጠው በላስቲክ አቃጥለው የሰውንቱን ቆዳ በመግፈፍ በሰውነቱ ላይ ከባድ የአካል ጉዳት አድርሰዋል። .

ይህ ግለሰብ በአሁኑ ሰአት በናቀምቴ ሪፈራል ሆስፒታል ህክምና እየተደረገለት ይገኛል።


ግለሰቡ ከፖለቲካ ወገንተኝነት የጸዳ መሆኑን የገለጹት ምንጮቻችን የስርዓቱ ተላላኪዎች ወንጀሉን የፈፀሙት “የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት የቆሰሉ አባለት ቤታችው ውስጥ እየታከሙ ነው” በሚል ስም ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti saamichi lafaa murna gabroomsaa PP'n raawwatame

ONM-ABO Muddee 24,2024 Murni Bilxiginnaa akkuma kanaan dura lafa hawaasaa saamaa ture bifa adda ta'een kan duraanii caalaa of qindeessuun Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti saamicha cimsee itti fufee jiraachuu ONM odeeffateera.

Muddee 23,2024 godina Booranaa aanaa Yaaballoo ganda Ardaa Yaa'aatti kaabinoonni murna garboomfataa PP lafa mana gandaa kan hawaasni tuutaan itti tajaajilamu nama dhuunfaatti gurguruun qabeenya hawaasaa galii dhuunfaa isaaniif oolfachuu jiraattonni saaxilaniiru.

Namoonni qabeenyaa hawaasaa adda durummaadhaan jalaa gurguratan maqaan isaanii:
- Hoogganaa waajjira lafaa magaalaa Yaaballoo Jaarsoo Shamee
- itti aanaa Biiroo lafaa magaalaa Yaaballoo Dheengee Diimaa Kateeloo
- Ogeessa waajjira lafaa magaalaa Yaaballoo kan taate Maartaa Baqqalee fi
- kantiibaa magaalaa Yaaballoo Boruu Diidaa Obdaa kan jedhamuun dabarfamee gurguramuu jiraattonni itti dabaluun ONM'f ibsaniiru

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

#DuulaCichoominaKaayyoo

ONM-ABO Muddee 25,2024 Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa ganda Surroo Baadiyaa iddoo addaa Maaliqa jedhamtutti Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf har'a Muddee 25 sa'atii 7:00 tti gootichi WBO Zoonii Kibbaa tarkaanfii fudhachuun hedduu du'aa fi madoon adabuun kan hafte gara magaalaa aanaatti baqattee jirti.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa keessatti Dabbaloonni fi waraanni faashistii PP uummata Oromoon gargaarsi NGO dhufeef maallaqa Bilxiginnaaf kaffaltan malee fudhachuu hin dandeessan jechuun dhagaa'ame

ONM ABO Muddee 25,2024 Bara dhufaa darbaa murni garboomfataan uummata Oromoo saamuu, dararuu, hidhuu fi ajjeesuu amaleeffate sabicha jireenya gadadoof saaxileera.

Murni goolessaan Abiy Ahimediin hoogganamu akkuma abbootii isaa garee TPLF irraa bare uummata Oromoo irratti of ijaaaruun yeroo ammaa maqaa garaa garaa itti moggasuun saamuu fi hiraaarsuu daran cimsee itti fufuu jiraattonni dubbatu.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqa'ee jiru gargarsaa NGO fi qaamoleen hawaasaa garaa garaa tumsa namoota buqqa'aniif taasisan Muddee 15,2024 irraa eegaltanii qarshii 5000-6000'tti kaffaltan malee deggarsi kamuu isiniif taasifamu hin jiru jechuun uummata wanta nyaatee bulu hin qabne saamaa jiraachuun ibsameera.


Akkasumas biqiltuu adda addaatti fi horiiwwan manaa hanga lukkuutti qarshii kaffaltan malee deggarsa dhufe kana qorqorroo mana jireenyaaf dhufe dabalatee, fudhachuu akka hin dandeenye waraanni fi Dabbaloonni garee PP akeekkachiisuun ifoomeera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa keessaa waraanni maafiyaan PP walii isaaniitii wal hidhaa jiraachuun himame

ONM ABO Muddee 25,2024 Qaamoleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa hamaa raawwachaa oolan cimsuun dabalatatti walii isaaniitii illee walitti deebi'uun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne wal irratti raawwachaa jiru.

Godina Lixa Shaggar aanaa Caaliyyaa ganda Walqixxummaa Tulluu Maraa jedhamu keessaa Muddee 21,2024 waraanni maafiyaan PP maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun kaabinoota ishee hoogganaa waajjira misooma naannoo fi manaajera gandichaa kan ta'an namoota maqaan isaanii Kumaa Yaaddessaa fi Xaasoo Dhaabaa jedhaman yakkuun mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa fi rakkoo keessoo isaaniitti uumamu dandamachuu dadhabuun yeroo adda addaatti rakkoo cimaa walii isaaniitiin wal irratti raawwachaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

# Duula Cichoomina Kaayyoo

Mudee 25,2024 Abdii fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti waraana faashistii kaleessa galgala Muddee 24 bakka lolli itti geggeeffamaa jirutti humma dabalataaf deemtuu haxxee itti hidhuun waraana bilxigginna rasaasaan waaduun iddoo lolichaa hanqisee miidhaa irraan ga'ee jira.


Guutuu gabaasa kanaaf walitti deebina!

Injifannoo Uummata Oromoof❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo haleellaaa duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf fudhateen loltoota PP du'aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Muddee 25, 2024 Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa kaleessaa Muddee 24,2024 korommiiwwan abdii sabaa WBOn Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf tarkaanfii fudhata turaniin injifannoo cululuqaa galmeessanii jiru.


Haaluma kanaan guyyaa kaleessa Muddee 24 WBOn Zoonii Kibba Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Adaree Leephoo jedhamu keessatti sa'atii 10:20 hanga 12:52 mooraatti itti marsuun rasaasaan waadee baarudaan macheessuun ergamtoota Abiy Ahimed 21 ajjeesee 29 madoon adabuun mooricha keessaas baqachiise baaseera. Tarkaanfii kanaanis qophilee waraana hedduu dhuunfachuun qabeenya isheen itti fayyadamtu barbadeessee jira.


#DuulaCichoominaKaayyoo


Injifannoon Uummata Oromoof❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessaa loltoonni PP ammas jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 25,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa kufaatii irraa oolchuuf, tibba kana goleewwan Oromiyaa cufa keessaa akkuma mootummoota abbootii irree darbaniitti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qixxeessaa jedhamu keessaa Muddee 23,2024 namoota maqaan isaanii:
- Mul'ataa Mitikkuu,
- Gammachuu Badhaasaa,
- Nagarii Leencoo,
- Abdii Eebbaa,
- Taabotee Leencoo,
- Caaltuu Geetahuunii fi kanneen biroo hedduu ta'an milishoonni sirnichaa fedhii isaanii malee leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaa jumlaan loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 25,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaatti deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Cawwaaqaa araddaa Caffee Magartuu jedhamu irraa loltoonni naamusa waraanummaa hin kabajne Muddee 21,2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Alishuu Mahaammad,
- Ahimad Muhaammadee,
- Siraajoo Muusee,
- Abraahim Mahaammadee,
- Muummee Huseen,
- Ibraahim Dahaa,
- Nuuree Mahaammad,
- Abdishuu Qaashiraa fi kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta'an ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, jiraattonni lakkoofsaan hedduu ta'an kunneen badii tokko malee hidhaatti darbatamanii dararaa hamaa argaa kan jiraniif maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo galchuu diddan" jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ammee
#DuulaCichoominaKaayyoo
WBOn Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa Keessatti PKM fi Isnaayippera waraana faashistii PP Irraa Hiike

ONM-ABO Muddee 25,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa afaan qawwee jiraachuu hubatee hubachiisuun falmaan jiru WBOn kaleessa Muddee 24,2024 irraa eegalee #Duula Cichoomina Kaayyoo jedhuun tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Tarkaanfii guyyaa lammaaffaaf har'a Muddee 25 itti fufuun WBOn Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti barii barraaqaan mooraa waraana faashistii Bilxiginnaatti seenuun wawwachiisee du'aa fi madoon adabuun hanga gabaasni kun qindaa'etti meeshaa waraanaa PKM 2 fi isnaayippera 1 irraa hiikuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Godinuma Gujii Lixaa aanaa Qarcaa keessattis tarkaanfii ganama kana jajjabeen WBO fudhateen humna diinaa irraa 2 ajjeesee 1 madeessee jira.

#DuulaCichoominaKaayyoo

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ONM-ABO Muddee 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Injifannoo Gootichi Waraana Bilisummaa Zoonii Lixaa Birgeedii Odaa Kaarraa Duula Cichoomina Kaayyootiin Aanaa Gullisoo Keessatti Waraana Faashistii PP Irratti Galmeesse! Muddee 24,2024
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ግብፅ ወታደሮቿ በሶማሊያ ሰላም ለማስከበር እንደሚሰማሩ አስታወቀች።


ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ( ONM - ABO).

የግብፅ ወታደሮች በሶማሊያ በሚሰማራው የአፍሪካ ሕብረት የሰላም ሚሽን ልዑካን ውስጥ እንደሚካተቱ የግብፅ ውጭ ጉዳይ ሚኒስትር መናገራቸውን ሮይተርስ ዘግቧል።


"ከሶማሊያ መንግሥት በቀረበ ጥያቄ መሠረት ግብፅ በሰላም አስከባሪ ሚሽን ውስጥ ለመካተት ወስናለች" ሲሉ የውጭ ገዳይ ሚኒስትሩ ባድር አብድላቲ በጋዜጣዊ መግለጫ ተናግረዋል ይላል የሮይተርስ ዘገባ።

የሶማሊያው ውጭ ጉዳይ ሚኒስትር በግብፅ ጉብኝት ካደረጉ በኋላ በጋራ በሰጡት ጋዜጣዊ መግለጫ ነው ይህ የተጠቀሰው።

የአፍሪካ ሕብረት ስታቢላይዜሽን ኤንድ ሰፖርት ሚሽን (አውሶም) የተባለው የሰላም አስከባሪ ኃይል በሚመጣው የአውሮፓውያኑ አዲስ ዓመት በሶማሊያ ይሰማራል ተብሎ ይጠበቃል።

"በሶማሊያ ስላለው ጉዳይ ውይይት አድርገናል። ሶማሊያ የግዛት አንድነቷን እና ሉዓላዊነቷን ለማስከበር የምታደርገውን ጥረት ግብፅ ትደግፋለች" ሲሉ የግብፁ ውጭ ጉዳይ ሚኒስትር ተናግረዋል።


ባለፈው ዓመት ታኅሣሥ የኢትዮጵያው ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ እና የራስ ገዟ ሶማሊላንድ የቀድሞ ፕሬዝደንት ሙሴ ቢሂ የመግባቢያ ሰነድ መፈረማቸው አይዘነጋም። ስምምነቱ ኢትዮጵያ ለሶማሊላንድ ዕውቅና እንደምትሰጥ በምትኩ ሶማሊላንድ ለኢትዮጵያ የባሕር በር እንደምትከፍት ያትታል።

ይህን ሰነድ ተከትሎ በኢትዮጵያ እና በሶማሊያ መካከል ያለው ውጥረት የከረረ ሆኖ ቆይቷል። የሶማሊያው ፕሬዝደንት ሐሰን ሼኽ ሞሐመድ ከግብፁ አቻቸው አል ሲሲ እና ከኤርትራው መሪ ኢሳያስ አፈወርቂ ጋር ያላቸውን ግንኙነት አጠናክረዋል።


በኢትዮጵያ እና በሶማሊያ መካከል ያለው ውጥረት አሳስቦኛል ያለችው ቱርክ ሁለቱን ሀገራት ስታደራድር ቆይታ ታኅሣሥ 11/2024 ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድና እና የሶማሊያው ፕሬዝደንት ሐሰን ሼኽ ሞሐመድ በተገኙበት የአንካራ ስምምነት ተፈርሟል።


ፕሬዝዳንት ረሲፕ ታይብ ኤርዶጋን ስምምነቱን "ታሪካዊ" በማለት በሁለቱ አገራት መካከል "ሰላም እና ትብብር ለማምጣት የመጀመሪያ እርምጃ" እንደሚሆን ተስፋቸውን ገልፀዋል።


የኢትዮጵያ ወታደሮች አውሶም በተሰኘው በአዲሱ የአውሮፓውያኑ ዓመት በሶማሊያ ይሰማራል ተብሎ በሚጠበቀው ሰላም አስከባሪ ሚሽን ውስጥ ስለመካተታቸው የተባለ ነገር የለም።

በተያያዘ ዜና በሶማሊያ የውጭ ጉዳይና ዓለም አቀፍ ትብብር ሚኒስትር ዓሊ ኦማር የሚመራ የልዑካን ቡድን ለይፋዊ የሥራ ጉብኝት ሰኞ ታኅሣሥ 23/ 2024 ዓ. ም. ወደ ፊንፊኔ ማቅናቱ ተገልጿል።


የሶማሊያ የውጭ ጉዳይ ሚኒስቴር በኤክስ ገጹ ባወጣው መግለጫ፣ ልዑካኑ ወደ ፊንፊኔ ያቀኑት "በአንካራ ስምምነት የተገባውን ቃል ለማጠናከር" ነው ብሏል።

"በአንካራ በሁለቱም አገራት መሪዎች አማካይነት የተደረሰውን ስምምነት መሠረት በማድረግ ጉብኝቱ ሶማሊያ ከኢትዮጵያ ጋር ያላትን የሁለትዮሽ ግንኙነት ለማጠናከር ያላትን ቁርጠኛነት ያጠናክራል" ይላል መግለጫው።

አክሎ "የልዑካን ቡድኑ ጉብኝት፣ በመከባበርና በጋራ ፍላጎት ላይ የተመሠረተ ትብብር የሚጎለብትባቸውን ዕድሎች" ትኩረት ያደርጋል ብሏል።

"የሶማሊያ ፌደራል መንግሥት በሉዓላዊነትና የግዛት አንድነትን ላይ ተመርኩዞ ከአጎራባች አገራት ጋር ያለውን ትስስር ለማጠናከር ቁርጠኛ ነው።"

የኢትዮጵያው ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ እና የሶማሊያው ፕሬዝዳንት ሐሰን ሼክ ሞሐመድ አንካራ ላይ ተገኝተው ውይይት ካደረጉ በኋላ ነው ከስምምነት የደረሱት።


የአገራቱ መሪዎች ከስምምነት ላይ ከደረሱ በኋላ በጋራ በሰጡት ጋዜጣዊ መግለጫ ላይ የቱርኩ ፕሬዝዳንት ስምምነቱ ለወደብ አልባዋ ኢትዮጵያ የባሕር መተላላፊ በር እንድታገኝ የሚያደርግ ነው ማለታቸው ይታወሳል።



ከሁለት ቀናት በፊት የፈረንሳዩ ፕሬዝደንት ኢማኑዔል ማክሮን በኢትዮጵያ የአንድ ቀን ይፋዊ ጉብኝት ባደረጉበት ወቅትም፣ ኢትዮጵያ ከጎረቤት አገራት ጋር በውይይት እና ዓለም አቀፍ ሕግን ባከበረ መልኩ የባሕር በር ለማግኘት የምታደርገውን ጥረት እንደሚደግፉ መናገራቸው አይዘነጋም።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን የፋኖ ታጣቂዎች ማህበረሰቡን መዝረፋቸውን ቀጥለዋል እና የብልፅግና ወታደሮች የጉዳ ኮኮርን ደኖች ማቃጠላችው ተገልፀ።

ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በሆሮ ወረዳ በሪፈንቲ ገበር መንደር ከታ ቁጤ በሚባልበት ልዩ ስፍራ የአማራ ፋኖ የሚባሉት የኦሮሞን ልጆች ከምድረ ገፅ ለማጥፋት ተልኮ በመውሰድ እና በዚህ ሳምንት ውስጥ ደግሞ የኦሮሞን ህዝብ ለማሰቃየት መግለጫ በማውጣት በታህሳስ 17 ፥ 2024 ዓ.ም ከጂራ ሁሉቃ ስር ሶስት የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

በሆሮ ቡሉቅ ወረዳ አሻያ ዳዱ መንደር ድሬ ኮከር በሚባልበት አከባቢ የአርበኛው አቢሼ ገርባ ታሪካዊ ቦታ ማቃጠልችውን ነዋሪዎች አክሎል።



እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ "ኮኮር ጎዳና ብዙ እንስሳት እንዳሉት እና እነዚህ እንስሳት በጫካው ቃጠሎ ምክንያት ወደ ሌላ ቦታ እየሸሹ ነው።

በተጨማሪም በታህሳስ 17 ቀን 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ወኪሎች 480 ኩንታል ድንች ፣ 20 ኩንታል ሳሊክስ እና 8 ኩንታል አኩሪ አተር ከአቶ ፊቃዱ ሀምቢሳ እና 1 ኩንታል አኩሪ አተር ከአቶ መዝገቡ አበራ 200 ኩምታል ቦቆሎ እና 300 ኩንታል ድንች ከአቶ መገርሳ ቦሬ ስር ዘርፎዋል።


በተጨማሪም ባለፈው ወር አቶ ዮሴፍ ቀኖ የተባለውን ግለሰብ ያለምንም ጥፋት ተኩሰው ገድለውታል አሁን ወደ ቤተሰቡ ቤት በመሄድ 350 ኩንታል ድንች ዘርፈዋል።


በአባቦ ጉዱሩ አውራጃ የኮቲቻ ማሎሌ መንደር ሸንበቆ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት በታህሳስ 16 ቀን 2024 ዓ.ም አቶ ሺሜ አማንቴ የተባለ ሰው ያለ ምንም ጥፋት ሙሉ በሙሉ ቤት ንብረቱን አቃጥሎል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን ጀጁ ወረዳ አንድ ወጣት በፒፒ ወኪሎች በጥይት ተመትቶ ሲገደል አንድ ደግሞ መቁሰሉ ተገልፆዋል።

ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


በቤቱ የሚኖረውን ሰላማዊ ህዝብ መግደል ጀግንነት ነው ብሎ የሚያስብ አምባገነናዊ አገዛዝ በየቦታው ጦሩን በሰላማዊው ህዝብ ላይ በማሰማራት ጊዜ እና ሀይሉን እየተጠቀመ ይገኛል።


ይህ ቆሻሻ ቡድን በሕዝብ ላይ እየፈጸመ ያለው እኩይ ተግባር አሁንም እንደቀጠለ ሲሆን በመላው ኦሮሚያ በየብልፅግና ፋሽስቶች በኦሮሞ ሕዝብ ላይ ኢሰብዓዊ ሰቆቃ እየተፈጸመ ነው።

በታህሳስ 22 ቀን 2024 ዓ.ም በጀጁ ወረዳ በቀጤ መንደር የሚኖረው ወጣት ሀሰን ኑሬን የብልፅግና ወኪሎች ስብሰባ ውጣ እና ተሳተፍ ሲሉት እርሱ የሆነ ነገር ለመውሰድ ወደ ቤቱ ሲገባ ዘጠኝ ጊዜ በጥይት ተኩሰው ሲገድሉት እና ስማቸው ለጊዜው የማናውቃቸው ደግሞ በጥይት ተመተው ቆስለዋል። እና ህክምና በመከልከላችው እየተሰቃዩ እንደሆነ የወረዳው ነዋሪ ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

በዚያው በአቦምሳ ከተማ ህዝቡን ከፍላጎታቸው ውጪ ሰልፍ እንዲወጡ በማስፈራራት ማሰቃየታቸውን ቀጥለውበታል ። በዚህም ምክንያት ህዝቡ ወደ ቤታቸው እንዳይገቡ እያደረጉ መሆኑን የከተማዋ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ አክለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ አርሲ ዞን ጠላት ላይ ጥቃት መሰንዘሩን አጠናክሮ ቀጥሏል።

ታህሳስ 24 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የኦሮሞ ተስፋ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በደቡብ ምስራቅ ዞን ጭብራ ጃል Nadhii ገመዳ በታህሳስ 22 ፥ 2024 ዓ.ም በምስራቅ አርሲ ዞን በሲርካ ወረዳ በሶሌ ዲጋሉ ቀበሌ ውስጥ በጠላት ካምፕ ውስጥ ሰርጎ በመግባት በጥይቶች እሩምታ ጠላትን አናውጦታል።

በዚህ ጥቃት ላይ 8 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 15 ቆስሎል።
በተመሳሳይ በታህሳስ 22 ፥ 2024 ዓ.ም አይድክሜው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጭብራ ጃል Nadhii ገመዳ በሆንቆሎ ዋቤ ወረዳ በመጪቱ ከተማ ውስጥ የአብይ አህመድ ወታደሮችን በመክበብ በጥይቶች መዕበል ጠላትን እንዳልነበረ አርጎታል።

በዚህ ጥቃት ላይ 10 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 7 ቆስሎል። እናም የተለያዩ የጦር መሣሪያዎችን ከጠላት ጀርባ ላይ በመፍታት ለኦሮሞ ህዝብ ትግል ገቢ አርጎዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hidhaa hammeessan.

ONM-ABO Muddee 24,2024 Haalli jiruu fi jireenyaa kan itti hadhaayee fi waan qabee gadi dhiisu kan wallaale murni Bilxiginnaa Muddee 21,2024 irraa kaasee hanga Muddee 23,2024'tti godina Gujii Lixaa keessatti uummata Oromoo sababaa fi badii tokko malee maqaa WBO deeggartu jedhuu fi maatii waraana bilisummaa Oromooti jedhuun Uummata burjaajjessee jumlaan hidhaatti Oofaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa ganda Cabbittii Magaadaa keessatti waraanni maafiyaan PP kan hiikkaan namoomaa isaaf hin galle, maatii abbaa tokkoo nama shan walitti qabee hidhuun Uummata jiruu itti hadheessaa jiraachuu Uummanni gandichaa dubbatu.

Akka Uummanni jedhanitti namoota ammaaf maqaan nu dhaqqabe 14'n kana keessaa gariin deessuu ta'uu namoonni keessa beekan ni dubbatu.

Namoonni hidhaman kunneenis maqaan isaanii:-Odaa Elemaa, Badhaanee Odaa, Buttullee Odaa,Warquu Odaa, Galchuu Elemaa, Bujjuree Elemaa, Hoxxeessaa Dambii, Yuuboo Arbaa, Nigaatuu Magaadaa, Shibbiruu Odaa, Lancaa Guyyee, Fedheshii Guyyee, Duubee Magaadaa fi Deshaa Soraa kan jedhaman ta'uun beekameera.

Читать полностью…
Subscribe to a channel