Oduu Waaree ONM-ABO Amajjii 6-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Lixa Shaggar Aanaalee Daannoo fi Liiban Jaawwii keessatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti waraana faashistii PP 'n raawwatu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Baabboo Gasasoo jedhamu keessaa maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun nama maqaan isaa Maammoo Gizaachoo jedhamu mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Amajjii 1,2025 jala deemtonni sirnichaa godinuma kana aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa namoota maqaan isaanii:
- Lachiisaa Dhaabasaa fi
- Abiroo Asheetuu jedhaman badii tokko malee qe'eef qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Aanota kanneen keessatti jaabinoonnii fi waraanni sirnichaa waliin bobba'anii dararaa hammeessuun, jiraattota gandoota baadiyyaa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin cufa isaanii irraa "WBO'f odeessa kennitu" jechuun bilbila harkaa irraa guuraa turuu fi namni kam iyyuu akka hin fayyadamnes ugguranii kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti murni Bilxiginnaa walii isaanii hidhuu fi uummata dararuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Murni Bilxiginnaa waliigaluun uummata irratti saamicha hamaa irratti erga raawwataniin booda fayyadama irratti wal dhabuun maqaa siyaasaan yeroo wal hidhanii fi aangoo irraa wal buusan argina.
Bifuma kanaanis caasaaleen murna Bilxiginnaa walitti deebi'uun hidhaatti wal guuraa kan jiran ogguu ta'u, namoota aanaa Muneessaa keessatti hidhaman keessaa kan maqaan nu ga'e:
• Huseen Diinsaa dhalataa ganda Gujiichaa hojjataa Waajjira Galii fi Hoogganaa BLTO akkasumas
• Bulchaa gandaa Chophaa Kadiir Baqataa maqaa hariiroo WBO waliin qabda jedhuun shakkanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees Amajjii 2,2024 aanaa Muneessaa ganda Qoomaa Oochaa keessatti namoota 2 maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun maanguddoo umuriin isaa 103 ta'e dabalatee namoota hedduu hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.
Namoonni badii tokko malee hidhamanii rakkachaa jiran;
• Obbo Bantaa Galatoo nama umrii 103
• Aadde Shumbaa Miidhagsoo
• Obbo Aabbuu Bantaa fi
• Urgeessaa Gadaa qabani gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararaa irratti raawwachaa jiraachuun ifoomeera.
Yeroo itti uummanni biyyattii kufaatii dinagdee fi misooma akkasumas balaa uumamaaf saaxilamaa jirtuun kufaatii hamaatti deemaa jirtu keessatti hooggantoonni Bilxiginnaa karaa miidiyaa isaaniin piroojektioota eebbisiisna jechuun uummatatti baacaa jiru
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Impaayerri Itiyoophiyaa sirna bittaa diriirsuun beekamtu toora ittiin uummattoota isaan jala jiran ittiin cunqursanii fi ittiin cafaqanii bulchan tarsiimoo baafachaa bulan malee rakkoo uummataa hundeen furuuf fedhii tokkollee kan hin qabne ta'uun beekamaadha.
Yeroo haalli yaaddessaan akkasii impaayerattii yaaddoo guddaa keessa galchee jirutti, pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaadhuma balaan kirkira lafaa uumame lammiilee impaayerattii yaaddoof saaxilee jiru kanatti, Amajjii 3,2025'tti Riizoortii Mandara Afrikaa Kurriftuu eebbisiifna jechuudhaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo aanaa Beeroo bakka addaa Ashawaa Meedaatti, kaadiroota Federaalaa irraa Abiy Ahimed bakka bu'insaan erge waliin misooma sobaan lammiilee impaayerattii yaaddoo keessa garatti goru wallalee jirutti gurra duuchaa oolanii jiru.
Hojiilee kabeebsii isaanii itti fufuun uummata rakkoo jireenyaa fi qaala'iinsi jireenyaa jireenya itti hadheessee jirutti achi galagaluun Abiy Ahimed Soomaalee magaalaa Jijjigaatti qajeeluun Inisheetiivii maaddiin biyyattiin hojiilee hojjetamaa jiraniin guddina biyyaa utubaa jiru jechuun kijibaan afaan mi'eeffachaa yoo oolu, balaa uumamaa uumameen kanneen qe'ee isaanii irraa sodaa nageenyaaf yaaddoo qaban daandiitti ba'anii rakkachaa jiraniif falli sirriin lafa irratti hojjetamaa jiru kan hin mul'anne ta'uu ragaan achii ba'u ni addeessa.
Abiy Ahimed misooma jal'isii naannoo Godeetti Dargiin eegalamee Mootummaa EPRDF'n xumurame akka waan ofii isaatii eegaleetti qaanii malee yeroo rivaayinii muru, Laggasee Tulluufaa ammoo ibsa balaa kirkira lafaa xalayaa qofaan baasuun obbaafatan.
Mootummaan biyya bulchu tokko lammiilee biyya isaatiif silaa sababa kallattii fi alkallattiidhaan balaa biyyichaatti dhufe qolachuun dirqama isaa ta'us, garuu Bilxiginnaan impaayerattii harkaa qabu furmaataaf carraaquun haa hafuutii sadarkaa haasaatti illee rakkoo saba irra ga'uuf gaddanii hin beekan.
Sababni isaan pirojektii sobaa maqaa misoomaan tolfatanii as bahan kun immoo biyyoota garaa garaa impaayerattiin saffisa misoomaan dabalaa jirti jechuudhaan maallaqa liqeeffachuun achii as deebi'uun ammoo lammiilee rakkoolee siyaasaa isaa Bilxiginnaan furuu didee lola labsee dararaa jirutti dabalataan qawwee butuun duguggaa sanyii jabeessuuf akka ta'e ni beekama.
Kabaja Ayyaana Amajjii 1 ONM-ABO Amajjii 6-2025itti dhiyaadhaa!
Kabaja Amajjii 1 Guyyaa WBO fi Jijjiirraa Bara Haaraa Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Biratti!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Kaabinoonni Bilxiginnaa Godinaalee Oromiyaa addaa addaa irraa walitti dhufuun bulchiinsa magaalaa Naqamteetti waltajjii irra turan wal dhibdee keessoo isaaniitti uumameen xumura malee adda ba'uun dhagaa'ame
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Kufaatii hamaa impaayera Itiyoophiyaa mudatee jiruun raafama hamaa keessa kan galan ergamtoonni Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran yeroo addaa addaatti ajaja humnaa olii walitti kennan haalaan raawwachuu hoggaa dadhaban walitti deebi'uun wal hidhaa, wal doorsisaa, wal reebaa fi wal ajjeesaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Kaabinoonni Bilxiginnaa Seektaroota garaa garaa irra jiran godinaalee Oromiyaa addaa addaa irraa walitti dhufuun bulchiinsa magaalaa Naqamteetti torban tokkoof waltajjii irra turan wal dhibdee fi mufannaa gidduu isaaniitti dhalateen Amajjii 2,2025 xumura malee waltajjii diiganii ba'uu Kaabineen Bilxiginnaa hirmaataa waltajjichaa ture tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka namni kun himetti, wal dhibdeen isaanii dhimma WBO irratti ta'uu himuun, innis Kaabinoonni godina Wallagga Bahaa godinni keenya qaxanaa magariisa yookaan WBO'n godina keenya keessa hin jiru balleessineerra jechuun hoggaa sobuuf yaalan, kanneen godinaalee biroo irraa dhufan ammoo; "osoo ijaan argaa; gurraanis dhaga'aa jirruu maaliif nu sobdu" jechuun walitti dhaadachuun miira lolaatiin adda ba'uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti murni Bilxiginnaa ummata nagaa hiraarsuu jabeessee itti fufe
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Waraanni murna Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa iddoo hundatti duguggaa sanyii sabicha irratti rawwaachaa jiru aanaa Jajuu gandoota hedduu irratti reebicha, hidhaa, saamicha qabeenyaa fi maqaa gibira jedhuun maallaqa dachaa dachaan kaffalchiisuun hawaasicha karaa hundaan dadhabsiisaa kan jiran yoo ta'u, ganda Gurree, Igguu- Ceeqqaa, Simpitee Fincoo, Habulee fi Fincoo keessatti qabeenyaa isaan qaban hundaa irratti maallaqa humnaa olii kaffalchiisaa jiru.
Akka waliigalaatti nama tokko irraa hiyyeessas ta'e dureessa qarshii kuma shanii gadi irraa fudhuun hin danda’amu jechuun ummaticha qabeenya inni qabu gurgursiisanii harka duwwatti hambisuuf namoota waan kaffalan dhaban ammoo mana hidhatti guuruuf maati isaanii mana keessaa baqachiisaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ibsaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun aanaadhuma kana keessatti namoota Jumlaan mana hidhatti guuraa kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa;
- ganda Gurree irraa Waabee Musxafaa kan jedhamu yoo ta'u,
- ganda Simbitee Fincoo irraa Ahmad Huseen Hasan, Abiruu Tamam, Qaasim Mammad, Foziyaa Birxee fi Baamud Abisee mana isaanii keessa baasuun reebicha hamaa irraan gahuun ibsameera.
ጥር 5-2025 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa!
Tarkaanfii WBOn Zoonii Lixaa Birgeedii Faana Eebbisaa Addunyaa Kaleessa Amajjii 4,2024 Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuuutti Fudhateen Injifannoo Argame!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti reebicha hamaa raawwatan
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa siyaasa kam keessaa hin qabne maqaa dharaa itti maxxansuun dararaa hamaa irraan gahuun akkuma itti fufetti jira.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daadoo bakka addaa Sholokoo jedhamu irraa Amajjii 2,2025 waraanni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Malkaamuu Amsaaluu,
- Waggaarii Daanyee,
- Dheeressaa Tolasaa,
- Fiqaaduu Namoomsaa,
- Urgeessaa Garbaabaa,
- Aaree Lataa,
- Tasfaayee Amsaaluu,
- Badhaasaa Dhugaasaa,
- Gammachuu Tolasaa,
- Fufaa Gaddafaa,
- Obsaa Balaayii fi
- Dureessaa Gaaromaa kannen jedhaman irratti badii tokko malee reebicha cimaa qaama laalessu raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni reebaman kunneen lafa qonnaa isaanii irratti hojii hojjechaa jiraachuu kan himan maddeen, ergamtoonni sirnichaa ammoo "WBO'n asiin darbeera; nutti himaa" jechuun yeroo isaan hin argine jedhan reebanii deemuu dubbatu.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti hidhaan loltoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti jabaate
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta'anii dhalachuu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo guyyuun akka bineensa bosonaatti adamfamuun har'allee yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.
Aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankii keessaa Muddee 30,2024 dargaggoo Maatii Damusee jedhamu loltoonni sirnichaa balleessaa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, innis dhalataa aanaa Najjoo ganda Somboo Dooraa yoo ta'u, hojii guyyaa hojjetee of jireessuuf jecha gara aanaa Lataa Sibuu kan deeme ta'uu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoota murna Bilxiginnaan Godina Walloo magaalaa Kamisee keessaa namoonni nagaan 14 ukkaamfamuun yoo hidhaman, saamichis raawwate
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Kibxata darbe Muddee 3,2024 fi Amajjii 1,2025 hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed magaalaa Kamisee keessatti maqaa sakattaa manneen jiraattotaa jedhuun magaalichuma ganda 06 Migiraatti bobba'anii namoota 14 badii tokko malee mana isaanii keessaa qabuun qabeenyaa isaaniis guutummaatti saamanii deemaniiru.
Maqaan namoota kunneenii muraasni, Aliyyii Sheekichaa jalaa meeshaalee qarshii 200,000tti tilmaamamu,
Mohammad Amiin Hasan,
Ahmed Xoyib Indiris,
Jamaal fi Ibraahim Waanjoo obboleessa isaa fi ilma obboleettii isaa waliin qabuun hidhaniiru.
Jiraattotni nagaan garee maafiyaa PP'n saamamuun hidhaman kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaaf kan yakkaman ta'uu fi namni adda durummaan gochoota dabaa hawaasa magaalaa Kamisee irratti raawwachiisaa jiru itti gaafatamaa milishaa ganda 06 kan ta'e Obbo Ahimed Hasan Minoo nama jedhamuu fi milishaa maqaan isaa Huseen jedhamu ta'uu jiraattotni magaalichaa ONM'tti himaniiru.
WBOn tarkaanfii Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuuu Keessatti Fudhateen Injifannoo Cululuqaa Galmeesse
ONM-ABO Amajjii 5,2024 Imalli Duula Cichoomina Kaayyoo Zooniilee cufa keessatti jabaatee ittuma fufuun, Amajjii 4,2025 gootichi sabaa WBO'n Zoonii Lixaa biirgeediin Faana Eebbisaa Addunyaa fi urjiilee lolaa waliin ta'uun godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti galgala sa'atii 11:00 keessa mooraa waraana pp'tti seenuun mooricha burkuteessuun loltoota pp irraa ajjeesuun, kaan ammoo madoo guddaan lafa naqeera.
Gama meeshaatiin kilaashii 16,
Rasaasa 2000,
Uffata waraana 6,
Hidhannoo 7,
Gumbii rasaasaa 10,
Qophii waraana 5 irraa booji'uun galii qabsoo Bilisummaa Oromoof taasiseera.
Tarkaanfii Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf WBO'n Lukkeelee diinaa irratti fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifnnoon uummata Oromoof!!!
Xiyyaarri Masrii gargaarsa fe'ee Damaasqoo gahe
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Xiyyaarri kan xiyyaara biyyaalessaa Masrii EgyptAir ta’e Sanbata kaleessaa gargaarsa namoomaa fe’ee magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoo akka gahe Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa kenneen beeksiseera.
“Kaleessa Amajjii 4, 2024 xiyyaarri fe’umsaa siiviilii kan EgyptAir ta’ee fi gargaarsa , yaalaa fi nyaataa ji’a diimaa Masriitiin Ji’a Diimaa Arabaa Siiriyaaf kenne toonii 15 fe’ee dhufe,” jedha ibsichi. Gargaarsi kun qaama Masriin “ummata obbolaa ishee Siiriyaa deggaruuf qabdu” ta’uun kan kenname ta’uu ibsuun, Masriin isaan cinaa akka jirtuu fi hariiroo seenaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan walitti isaan hidhe cimsee ibseera.
Kanas, Masriin “waggoota darban” malee ummata Siiriyaa cinaa akka turtee fi lammiilee Siiriyaa hedduu akka keessummeessite cimsee ibseera.
Muddee 2024 humnoonni mormitoota Siiriyaatanii bulchaa ammaa Siiriyaa Ahmed al-Sharaa’n durfamu fincila ummataa bara 2011 booda Bashar al-Asad kuffisan jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramte tiksuuf jecha saba Oromoo dachee Oromiyaa irraa balleessuuf kan carraaqu murni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa safuu hawaasaa fi saayinsii waraanummaa tokko illee hin beekne bobbaasuun uummata nagaa dararaa jira.
Muddee 31,2024 waraanni sirnichaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Guddataa Doobbii jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Tamasgeen Abbabaa,
- Geetawuu Waggaarii,
- Dassaalee Caalaa jedhamanii fi kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran ta'uu maddeen ONM'tti himan.
Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu kan himan maddeen, ergamtoonni sirna moofaa ammoo sababa "leenjii miliishummaa leenji'uu qabdu" jedhuun qe'ee fi qabeenya isaanii irraa hidhanii jiraachuu dabaluun gabaasan.
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti jiraattota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Kutaalee impaayerattii cufa keessaa maqaa garaa garaa isaan hin qabne itti maxxanfamuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti guyyuun hidhaan raawwatu har'as kan durii caalaatti jabaatee itti fufee jira.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessaa Amajjii 3,2025 ergamtoonni sirnichaa dargaggoo Daawwit Fiqaaduu Shoonee jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, innis abbaan isaa dhukkubsatee Hospitaalatti osoo nyaata geessaafii jiruu milishaa maqaan ishee Amsaaluu Tasgaraa jedhamu "WBO'f geessaa jirta" jechuun qabdee hidhaatti darbattee jiraachuu fi "miseensa WBO Jaal Gumaa jedhamuufis armaan dura nyaata geessaafiin ture jedhii amani" jechuun reebicha ulfaataa irraan gahaa turuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessaa milishoota sirnichaan dargaggoonni lama garmalee reebamuun hidhaman
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Milishoonni sirnichaa dandeettii loltummaa fi sammuu namni ittiin yaadu hin qabne Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa nageenya hawaasaa kabachiisuu jedhuun qe'ee uummata Oromootti bobbaafaman waan hawaasni keessa hin beekneen yakkanii dararuu cimsanii itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti Amajjii 4,2025 ganama toora sa'atii 1:00'tti ganda Molloo jedhamutti marsuun dargaggoota lama kan maqaan isaanii Abdallaa Heeydar fi Abdurahamaan Aliyyii jedhaman dhukaasa irratti bananii qabuun garmalee reebanii magaalaa Sanbateetti geessuun waraana Bilisummaa Oromoo qabnne jedhanii dargaggoota kanneen reebicha hamaa irraan ga'uun miidhama isaaniitti qoosaa turan.
Dargaggoonni milishoota sirnichaan manneen isaanii keessaa qabaman kunneen hojii qonnaa hojjetanii maatii isaanii gargaaruu malee siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta'uu maddeen himuun, hidhattootni murna Bilxiginnaa kun garuu dargaggoota kanneen dur maqaa deggartoota WBO'ti jedhuun reebaa kan turanii fi yeroo ammaa ammoo qabanii WBO boojine ittiin jechuun hololaa akka jiran jiraattotni ONM'tti himaniiru.
Indiscriminate Shelling by the Ethiopian government forces in Dhara District, North Shawa, Oromia: Civilians Killed and Injured
ONM-ABO January 6, 2025
In Dhara district, Northern Shagar zone of Oromia, Abiy Ahmed's regime forces used heavy artillery to shell residential areas, killing four farmers and injuring several others. This attack highlights the regime's ongoing use of military-grade weaponry against civilians, causing widespread destruction and loss of life.
Details of the Attack
On November 28, 2024, in the town of Bacho, regime forces deployed ZU-23 anti-aircraft guns to shell residential neighborhoods. The assault resulted in the death of four civilians, including
1. Fire Zallaqu Alamu
2. Damaqa Baqala
3. Gaze Solomon
4. Mushurashe Mo’ee
All four victims were farmers engaged in harvest activities at the time of the attack. Several other residents sustained critical injuries, with fears of additional fatalities due to inadequate medical care. Property damage in the area was also significant.
A Pattern of Genocidal Violence
The regime's indiscriminate use of heavy weaponry, designed for conventional warfare, has become normalized across Oromia over the past six years. While government-controlled media promotes a façade of peace, the reality on the ground reveals escalating massacres and genocidal acts. This latest attack in Dhara exemplifies the regime's disregard for civilian lives and human rights, leaving communities devastated and vulnerable.
Oduu Ganama ONM-ABO Amajjii 6-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa!
Haala Oromiyaa Keessa Jiru, Tarkaanfii Eebba WBO, Karoora Bilxiginnaa Fashalaa Jiruu fi Raafama Impaayerattii Irratti Maree Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo waliin taasisan! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti ergamtoonni maafiyaa PP jiraattota saamuu hammeessan
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayerattii mudate wabeeffachuun duula saamichaa hamaa ta'e irratti bobba'anii kan jiran ta'uun ni beekama.
Aanaa Laaloo Qilee ganda Boonsaa Kuyyuu jedhamu irraa Amajjii 2,2025 hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 1200 dirqamaan hoggaa gaafatan hawaasni kaffaluu didnaan, Amajjii 3,2025 ammoo qarshii 250'tti gadi buusuun afaan qawwee itti qabuun irraa guuraa kan turan ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha keessatti maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkoonni farra namoomaa tilmaama hin qabne jiraattota irratti raawwatu daran jabaatee jiraachuunis dabalataan ibsameera.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo keessatti bilxiginnaan dargaggoota ukkaamsuu, saamuu fi reebuu hammeessan
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Caasalee isaa kabajaaf namuusni namummaa irraa hin calaqqisne uummatatti bobbaasuun guyyuu imimmaaniif dhiiga ilmaan Oromoo dhangaasaa kan oolu bulchiinsi abbaa irree impaayerattii bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun sababa tokko malee jiruuf jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.
Baha Harargee aanaa Malkaa Balloo araddaa Caffee Wal ta'aa keessatti dargaggoota umuriin isaanii 10-20 ta'an jumlaan ukkaamsuun yoo dhabamsiisan gama tokkoon ammoo maanguddoota umurii isaanii 60 ol ta'an maallaqa humnaa olii irraa fudhachuun reebicha hamaa irratti raawwatanii miidhaaf saaxilaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Biyya bulchuu irra gara qileetti oofaa kan jiran bilxiginnaa fi eegdonni dantaa isaaniif jecha Saba irraa dhalatanitti afaan qawwee qabuun hidhuu, ajjeesuu saamuu fi dirqiin ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun uummatatti yaaddoo ta'anii jiraachuu maddeen keenya garaa garaa ONM'f eeraniiru.
Oduu Galgala ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Amajjii 1,2025 Zoonii Madda Albuudaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Sabbaa Boruu Keessatti injifannoo boonsaa gonfate suuraan kan kanaa gadii fakkaata. 👇
Читать полностью…Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Abiy Ahimad dafqaan bultoota hojii guyyaa hojjechiisuun maallaqa gatii dafqa isaanii dhowwachuun dhaga'ame
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Meexxii Abbayyii jedhamu keessatti ergamtoonni sirna nama nyaataa PP namoota hedduu torban lamaa oliif hojii guyyaa oomisha biqilootaaf kan oolu pilaastikiitti biyyee naqsiisaa yookaan Poolii kan jedhamu hojjechiisuun, wayita isaan xumuranii gatii dafqa isaanii gaafatan "waanti isiniif kaffalamu hin jiru; gargaarsa nuuf gootan" jechuun hojii isaan torbee lama guutuu hojjetan gatii dafqa isaanii dhowwatanii jiraachuu namootni miidhaan kun irra ga'e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, guyyaa tokkotti qarshiin isaaniif herregamu 200 ta'uu himuun, Pooliin yookaan pilastiikii biyyeen itti guutame kunis kan hojjetame baay'inni isaas 10,000 ol kan ta'ee fi biqiltuu baala shaayii jedhamu keessatti oomishuuf kan qophaa'e ta'uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Namoota gatii dafqa isaanii dhaban keessaa muraasni:
- Rahimaa Gissaa,
- Aayishaa Gissaa,
- Nabiyaatee Kadir,
- Aayishaa Maammad Nuur,
- Maashuu Abbaa Biyyaa,
- Nasiriyyaa Abbaa Biyyaa,
- Diggittii Gaalii fi kanneen biroo hedduu ta'uu maddeen itti dabaluun addeessaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa hidhuu, saamuu, reebuu fi ajjeesuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Muddee 31,2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Lammeessaa Guyyaasaa,
- Gammachuu Bashaa fi
- Tsaggaayee Waaqumaa jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduu saamichaan walqabatuun ammoo yerooma wal fakkaataatti nama Guuttataa Nagaasaa jedhamu jalaa korma 1 fudhachuun, isas qabanii deemuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Kana malees guyyaadhuma kana gandichuma keessaa Waggaarii Geetaachoo nama jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du'aa fi jireenya gidduu kan jiru yoo ta'u, nama maqaan isaa Gammachuu Nagaasaa jedhamu ammoo badii tokko malee mana isaa keessaa baasuun haala suukkanneessaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkoota gara jabinaa irratti raawwachuu dubbatu.
Oduu Waaree ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
The Ethiopian Government Escalates Atrocities in Western Wallaga, Oromia: Youth Executions and Rampant Abuses
ONM-ABO January 5, 2025
In Western Wallaga, Abiy Ahmed's regime continues its systematic campaign of terror against Oromo communities. From executing youths in Yubdo district to arbitrary detention and torture in Qondala, the regime's forces have intensified their atrocities with impunity.
*Executions in Yubdo District*
On November 26, 2024, in the town of Cisaa Boori, three young Oromo men were brutally murdered by regime forces:
1. Daniel Waltaji Bajura – From the village of Alakuu Gutte
2. Eliyas Daraje Qixessa – From the village of Calleya Getano
3. Daniel Bacaa – From the village of Alakuu Gutte
These young men were targeted solely for their ethnic identity and baseless suspicions of links to the Oromo Liberation Army (OLA). The killings are part of a broader strategy to eliminate Oromia’s future leaders and resources, crippling the nation’s potential for growth.
*Robbery and Torture in Qondala District*
On November 25, 2024, in the town of Shura Maramo, local authorities and armed regime forces robbed 23 livestock from Abdala Musa. They also abducted his son, Yusuf Abdala, who is reportedly being tortured in detention. Residents report a rise in such abuses, with the regime targeting families of suspected OLA members and pressuring them to recall their children.
*A Worsening Crisis*
The Abiy Ahmed regime has escalated its campaign of extrajudicial killings, robberies, and village destruction across Oromia. Oromo youths are systematically treated as enemy combatants, facing arrest, torture, or execution without evidence or due process. These atrocities continue to destabilize the region, leaving communities in despair.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo ilmaan Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu itti fufan
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Finxaaleeyyiin Amaaraa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gargaarsa soddaa isaanii Abiy Ahimediin caasaa isaanii diriirfatanii of ijaaruun, uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irratti gochoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.
Muddee 30,2024 aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman halkan keessaa toora sa'a 9:00'tti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Lammeessaa Bal'is jedhamu butuun achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni Lammeessaa jedhamu kun bakka Dhukkee jedhamu irraa buna funaansaaf gara Bijjiit dhaqee akka ukkaamfame jiru dubbatu.