Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti hidhattootni PP nama nagaa tokko yoo ajjeesan, mana barumsaas mooraa taasifatan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Gara jabeenyi daangaa darbee fi duguugiinsi sanyii akkasumas macaatiin qabeenyaa hidhattoota garee faashistii PP'n waggoota jahan darbanii asitti Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru godaannisa jabaa yoomuu uummaticha keessaa hin baaneedha.
Impaayera diimokiraasiin afaaniin keessatti lallabamuu fi gochaan hin argamsiifamne keessatti faayidaa aangoo isaanii qofa ilaallachuun uummata gariin ajjeechaan yoo fixan irra guddeessa ammoo qabeenya harkaa saamuu fi gubuun akkasumas manneen barnootaa mooraa waraanaa taasifachuun dhaloota boodaan dhufan doofummaatti hambisaa jiru.
Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessatti Onkoloolessa 18,2024 uummata nagaa maqaa wal-tajjii baatu jedhuun erga yaasanii booda mana barumsaa Olonkomii sadarkaa 1'ffaa keessa boolla ciisanii ittiin WBO lolan qochisiisuu jiraattonni dubbatu.
Sababa kanaan barattoonni mana barumsaa isaan boolla keessatti qotatanii gara mooraa waraanaatti jijjiirratan kana dhaquu dhiisuun yeroo ammaa sirni baruu fi barsiisuu akka addaan citee jiru barameera.
Aanichuma ganda Birbirsa Guddaa Saaboleetti nama nagaa maqaan isaa Guutaa Badhoo jedhamu sababa tokko malee qabuun gara ganda Hafaa Qamaleetti fiduun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa illee maatiin akka hin awwaallanne dhorkuu jiraattonni himan.
Aanaa Dugdaa keessatti gochaawwan hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti waraana Bilxiginnaan raawwatamaa jiru jibbuun uummatni baadiyyaa irraa magaalaa aanichaa Maqii fi gara Adaamaatti baqachaa jiraachuun barameera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Waraanni ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobba'an Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun hawaasa meesha maleessatti deebi'anii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo irratti raawwachuun hiraarsaa jiru.
Bu'uuruma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojji Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ganda Innaangoo Koobbaraa jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee hawaasa nagaa yakkuun ukkaamsanii hidhaatti guuruu kan cimsan yoo ta'u, Onkoloolessa 17,2024 namoota maqaan isaanii:
- Dabalaa Geetahun,
- Takilee Barkeessaa,
- Tolaa Lammeessaa,
- Dirribaa Gurmeessaa fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduu hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeran.
Jiraattonni kunneen badii tokko malee maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun kan hidhaman ta'uun ibsameera.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Onkololessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Onkoloolessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii sagalee Bosonaa ONM-ABO Onkoloolessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon itti aanaa pirezidaantii haaraa ministeera biyyaa keessaa kaadhime
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon Jimaata kaleessaa Rigaatii Gaachaaguwaa aangoorraa kaafamuu hordofuun Ministira Biyya Keessaa Kituuree Kiindiikii itti aanaa pirezidaantii haaraa ta’uuf kaadhimaniiru.
Beeksisa kana af-yaa'ii mana maree biyyaalessaa Mooses Weetaangulaan paarlaamaaf kan dabarsan yoo ta'u, adeemsa waajjira olaanaa biyyattii sadarkaa lammaffaa guutuuf jalqabame.
Wetangulaan kaadhimamaa kana seera baastootatti kan beeksise yoo ta’u, falmii paarlaamaa fi guyyoota itti aanan keessatti mirkaneessa Kindiki irratti sagalee kennuudhaaf karaa saaqe.
“Kaleessa ganama, waajjira itti aanaa pirezidaantii Rippabiliika Keeniyaa keessatti bakka duwwaa uumame guutuuf Piroofeesar Kituuree Kindikiin kaadhimamuu isaanii ilaalchisee ergaan pirezidaanticha irraa naaf dhufe,” jedhan Weetangulaan.
Kaadhimamaan Kindiki kan dhiyaate Gaachaguwaan sagalee seena qabeessa Seenetii kennameen aangoo irraa erga kaafamee sa’aatii muraasa booda yoo ta’u, malaammaltummaa, aangoo seeraan ala fayyadamuu fi qoqqoodinsa sabaa kakaasuun yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
Michuu dhiyoo Ruutoo kan ta’an Kindikiin ministeera biyya keessaa ta’uun kan tajaajilaa turan yoo ta’u, Gachaaguwaan aangoorraa ari’amuu isaanii hordofuun bulchiinsa kanaaf tasgabbii ni fida jedhamee eegama jechuun BBC'n gabaaseera.
Sarbamiinsi mirga namoomaa daran jabaachuu hojjettotni Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel irraa dubbisne tokko tokko ONM'tti himan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Bilxiginnaan labsii haala yeroo irratti maqaa caasaa gandaa deebisnee ijaaruu jedhuun kaabinoota ijaaruuf jecha maatii hedduu irratti hiraarfama hammaataa taasisaa jiraachuun dhagaa'ame.
Muddama hammaataa Oromiyaa keessatti qaamolee Bilxiginnaa mudatee jiruun kasaaraa dinagdee fi siyaasaan kan kufe sirni maafi'aa PP dhaaba isaanii bayyannachiisuuf jecha hokkorri adda addaa isaan mudachaa jiraachuun kan himamu yoo ta'u, yeroo ammaas godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti hidhaan wal hiraarsuun jabaateera.
Bifuma kanaanis namoota ogummaa garaa garaa baratanii hojii ogummaa isaaniitiin seekterota garaagaraa irraa hojjetan bulchitoota gandaa ta'uu qabdu jechuun lukkeeleen bilxiginnaa ofuma isaaniitiin mudama dirqamaa itti kennaa jiru. Sababa hojii dirqamaa kanaanis namoonni hedduunis hojii isaanii kana jibbuun qabamanii hidhaan hiraarfamaa jiraachuu hojjettotni dubbatu.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti namoonni ramaddii ijaarsa gandaa haaraa mormuun hidhaman danuu ogguu ta'an, kanneen keessaa kan maqaa isaanii arganne muraasni Amanuu Waaqjiraa Waajjira Carraa hojii uumuu fi ogummaa irraa yoo qabamu, Addunyaa Ayyaanaa ammoo Waajjira Qonnaa irraa hidhamuun ifoomeera.
Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuu fi Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3 gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Humnoonni maqaa nageenya eegsisuun bobbaafaman waraanni Bilxiginnaa sarbama mirga namoomaa raawwachuu itti fufanis ilmaan Oromoo gocha kanatti waliigaluu didan keessaa baduun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Mooraan dhiigni lammiilee nagaa keessatti dhangala'aa jiru mooraan garboomfataa PP sirnicha ganuu itti fufuun waraanni PP lama hidhannoo guutuu waliin Onkoloolessa 18,2024 mooraa waraanaa godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu irraa WBO kan dhaqqaban yoo ta'u, guyyuma kana Onkoloolessa 18,2024 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan uummata kibbaa ta'e tokkos Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa ba'uun beekameera.
Akka loltoonni mooraa sirnichaa irraa ba'an kunneen himanitti “sarbama mirga namoomaa akka raawwannuuf kan ajaja nuuf laatu warreen maqaa nuti mootummaadha hawaasaaf qabsoofna jechuun miidiyaa gubbaan holola oofaniidhas jechuun dubbatu.
Gama meeshaatiinis loltoonni ona Haroo Limmuu irraa ba'an kunneen qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, boombii harkaa 4, rasaasa 400 fi hidhannoo qabatanii yoo ba'aan kan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa ba'e ammoo AKM 1 qabatee ba'uun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolcheera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo simannaa hoo'aa nuuf taasisan kan jedhan loltoonni kunneen, gara jabinaan hawaasa irraa dhalannetti yakka raawwachuu keenyaaf hawaasa Oromoo dhiifama gaafanna jechuun, loltoonni biroon mooraa cubbuu Bilxiginnaa keessatti hafanis yeroon WBO'tti akka dabalamaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Defections to OLA Continue Amidst Rising Discontent in Prosperity Party Ranks
ONM-ABO October 19, 2024
As dissatisfaction, suspicion, and discontent among Prosperity Party military ranks continue to increase, the defections of their soldiers to the Oromo Liberation Army (OLA) have continued unabated. Recently, in the Western Guji zone of Oromiyaa, district of Dugda Dawwa, three Prosperity Party soldiers defected to OLA units in the area with their full military gear.
The soldiers of the Prosperity Party, who have been ordered by their superiors to carry out massacres, looting, abductions, burning down civilian homes, and mass arrests across Oromiyaa, continue to defect to OLA after realizing the barbaric and inhumane nature of the regime that deployed them to undertake such brutal acts.
According to the three soldiers who defected to OLA units in the area, they never consented to join the Prosperity Party regime’s military in the first place. The regime's security forces had forcefully kidnapped them and sent them to a military camp for training. This trend of involuntary military conscription is currently widespread across the empire, especially in Oromiyaa.
After completing their forced military training, they were given specific instructions on looting, extrajudicial killings, torture, abductions, and burning the homes of innocent civilians whom the regime leadership suspected of having links with OLA. Once they understood that the regime wanted them to commit crimes and atrocities against innocent civilians, these soldiers refused to carry out these orders and decided to defect to OLA instead.
The defectors stated that questioning their superiors about the need to burn down civilian homes or kill innocent civilians was unthinkable, as anyone who asked such questions would be automatically considered a supporter of OLA and subjected to torture or execution on the spot.
The soldiers added that there is no consensus among the military leaders or members in their camp, leading to widespread suspicion and defections. They also mentioned that the Prosperity Party does not represent the Oromo masses, as they have been carrying out massacres and inhumane treatment of innocent civilians across Oromiyaa.
Finally, the defectors called on Oromos who have either forcibly or voluntarily joined the Ethiopian military to reconsider their decision and abandon the barbaric and bloody camps of the regime. They urged them to join the Oromo Liberation Army (OLA) to stop the current atrocities being perpetrated by Abiy’s regime against innocent Oromo civilians. They emphasized that killing innocent civilians and looting the property of their own people to help the regime cling to power indefinitely is unacceptable. Those with Oromo blood should side with their people and join the Oromo national liberation movement spearheaded by OLA.
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota sirnichaan maatiin qabsaa'otaa ukkaamfamuu, reebamuu fi saamamuun daran jabaatee itti fufe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Uummanni Oromoo mirga ofiin of bulchuu erga sarbamee qaama impaayerattiin bara dhufaa darbaa adamfamee manneen hidhaatti guuramuu, saamamuu fi ajjeefamuun hiree isaa ta'eera.
Sabni Oromoo hanga ammaatti filannoo haqa qabeessa keessatti hirmaatee mootummaa diimokraatawaa filatee kan hin beekne yoo ta'u, waggoottan ja'an murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha'achuun gara aangoo impaayerattiitti dhufanis kan Sirnoota darbanii caalchisuun loltoota isaa gara jabeeyyii qe'ee hawaasa Oromootti bobbaasuun maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun uummata nagaa ajjeesanii awwaalcha dhorkachuu, ukkaamsanii hidhuu fi saamanii harka duwwaatti hambisuu, akkasumas qe'ee irraa buqqisuun bulchiinsa bilxiginnaa keessatti baratamaa ta'eera.
Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti Onkoloolessa 11,2024 waraanni faashistii PP fi milishoonni sirnichaa wal makuun ganda Misrataa, Doodhoo fi Qabballee keessatti bobba'anii namoota hedduu reebuun yoo hidhan saamicha qabeenyaas jiraattota irratti rawwataniiru.
Namoonni nagaan mindeeffamtoota Koloneel Abiy Ahimed garaa ishee qofaaf deemtu Onkoloolessa 11,2024 qabaman kunneenis muraasni maqaa arganne: ganda Misrataa irraa Kamaal Bashiir Siraaj, obboleessa isaa Umar Bashiir Siraaj abbaa isaanii fi obboleettii isaanii shamarree Fooziyaa jedhamtu dabalatee walumaa galatti maatii tokko keessaa namoota afur reebanii hidhuun ibsameera.
Onkoloolessa 11,2024 ganda Doodhoo keessaa dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Umar jedhamu qabanii reebuun yoo hidhan, guyyaadhuma sana hidhattootni murna bilxiginnaa kun ganda Qabballee keessaa Hasuu Umaree nama jedhamu jalaa qotiyyoo cimdii tokko saamanii qalatanii nyaachuun isas reebanii mana hidhaatti darbatanii gidirsaa jiraachuu maddeen ONM'f gabaasan.
Jiraattotni nagaan hidhattoota sirnichaan garmalee reebamuu, saamamuu fi ukkaamfamuun hidhaman kun qonnaan bultootaa fi abbaa maatii yoo ta'an, gartuun kaayyoo nam-tokkee tiksuuf ifaajju kun maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun sobaan yakkanii gochoota dabaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa akka jiran ibsameera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Sibuu Siree fi Saasiggaa keessatti hidhaa fi mancaatiin qabeenyaa waraana faashistii PP'n raawwatamu cimee itti fufe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu kan dadhabe waraanni faashistii PP, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa meesha-maleeyyii maqaa isaan hin beekne itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe'eef qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuu itti fufee jira.
Onkoloolessa 15,2024 aanaa Sibuu Siree ganda Sooyyee jedhamu keessaa nama maqaan isaa obbo Bantii Wadaajoo jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.
Aanichuma ganda Baddeessaa jedhamu irraa Onkoloolessa 7,2024 ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun namoota maqaan isaanii:
- Baay'isaa Dhugaasaa fi
- Baacaa Alamaayyoo kanneen jedhaman akkasumas ganda Burqaa Xaaloo jedhamu irraa ammoo nama maqaan isaa Tarreessaa Taakkalaa jedhamu obboleessa keetu miseensa WBO'ti jechuun sababa tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM'tti himanii jiru.
Godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu irraa Onkoloolessa 15,2024 waraanni sirnichaa nama saddeet ta'uun Doqdoqqee yaabanii dhaqanii nama maqaan isaa Darajjee Tasfaa Raggaasaa jedhamu "Piistoo qabda" jechuun badii tokko malee hidhanii kan jiran yoo ta'u, aanichuma ganda Hora Waataa jedhamu irraa Onkoloolessa 17,2024 mucaa keetu miseensa WBO'ti jechuun dubartii maqaan ishee Aadde Alamiituu Amantee jedhamtu jalaa qabeenya mana keessa jiru guutummaa bakkeetti gadi baasanii mana ishee ibiddaan barbadeessanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Ethiopia: Civilians Accuse Regime Forces of Harassment After Battlefield Defeat by OLA Forces
Wallo Zone - Jillee Dhumuga District
ONM-ABO October 19, 2024
The momentum of OLA resistance against the state has spiked in recent years. Reports from Wallo Zone confirm the battlefield annihilation of Ethiopian forces by the OLA Platoon (Biftuu Barii Bilisuma). The OLA carried out two successful operations against regime forces in Wallo Zone.
The first encounter was reported around the Arjao area in the Yaatu location of Jille Dhumuga District. The aftermath of the engagement was termed a total success, with 10 regime forces eliminated and 16 others sustaining gunshot injuries.
Determined to drive Abiy's forces from the area, the OLA contingent followed up with a second attack on regime forces' positions at Mata Hora location in the same district. It is believed that the government forces received a second beating of the day, with reports from the area indicating unknown casualties on the government side.
Frustrated by the battlefield losses, the regime forces resumed their old-fashioned civilian harassment exercise. Residents of Yatu and Dhadacha were the most affected, with reported cases of burned-down houses. The government's unethical style of blanket punishment of non-combatant civilians showcases the hopelessness on the government side.
Oromia Shall Be Free
Victory to the Oromo People ❗
Oduu Ganama ONM-ABO Onkoloessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ፍርጣማው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምዕራብ ሸገር ዞን ጀልዱ አውራጃ ውስጥ በብልፅግና ጦር ላይ ጥቃት ፈፅሞዋል።
ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ህዝብን ለማሰቃየት በተሰማሩት የፒፒ ጦር ላይ ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ሙርቲ ጉቶ ብርጌድ በምዕራብ ሸገር ዞን በጀልዱ ወረዳ በኪልቤ ቀበሌ ውስጥ ጥቅምት 17 ፥ 2024 ዓ.ም ማለዳ ላይ የጠላት ካምፕን ሰርጎ በመግባት የጠላት ሀይላትን በጥይቶች ምዕበል አናውጦታል።
በዚህ ጥቃት ላይ በርካታ የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ በርካቶችም ቆስሎል። እናም 10 የጠላት ሀይላትን ማርኮዋል።
በመሳሪያ በኩል 10 የኤኬም ክላሽ ፥ በርካታ ጥይቶችና የተለያዩ ትጥቆችን ቅጥ
ጠላት ካምፕ ላይ በመፍታት ለኦሮሞ ህዝብ ትግል ገቢ አርጎዋል።
የብልፅግና ወኪሎች በደቡብ ምስራቅ ኦሮሚያ በምስራቅ አርሲ ዞን በጢዮ ወረዳ ሲቪሎችን እያሰሩ መሆኑን መረጃዎች እየወጡ ነው።
ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ .ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል እና ልጆቻችው ጫካ ውስጥ ነው ያሉት በሚል ስም በኦሮሚያ በሁሉም ማዕዘናት በሰላማዊ ዜጎች ላይ የሚደርሰው ሰቆቃ ቀጥሏል።
ጥቅምት 9፣ 2024 ዓ.ም ከሚከተሉት ሰዎች መካከል በXyyoo ወረዳ በቶርባን ኡንሹ መንደር በቁጥጥር ስር ውሎዋል።
• ሁሴን ገመቹ፣
• ሀጂ አሺም
• ኤዶ ጀዋሮ
• ቃሲም ዳቱ፣
• ከድር ኢብራሂም
• መሀመድ ቢራ፣
• መሐመድ ዳዊት፣
• መሀመድ ሹንፋ፣
• ሀሰን ከድር፣
• ሁሴን ቱሱ
• ከማል ሁሴን፣
• ሁሴን ዋቆ፣
• ባሻ ሁሴን
• ሸሪቴ ኢብራሂም
• አሰፋ ሆራ፣
• ሁሴን አብዱላህ
• ቃሲም አብዱላህ፣
• ሙዘይም አቡሼ
• ገብርኤል ጄይላን፣
• ከድር ቢራ፣
• ጸደይ አዳኝ እና
• ገመቹ ፋይሳ እና ሌሎች ስማቸው ያልተገለጸ ስምንት እናቶች በወረዳው ያለ ምንም ወንጀል እየተሰቃዩ መሆኑን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ በአሁኑ ወቅት በወረዳው የህዝቡን ሰላም እየነፈገ የሚገኘው የአገዛዙ ካቢኔ አባላት ጀማል አቢ እና ጁነዲ ፈይሶ ዋና ዋናዎቹ ናቸው።
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii milishummaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Murni kufaatii siyaasaa keessa galuun afaan Qawween uummata meesha maleeyyii cafaqee humnaan bulchuu barbaadu Bilxiginnaan Koloneel Abiy Ahimed umurii aangoo isaa dheereffachuu fi bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, gandoota 27 fi bulchiinsa magaalaa 5 aanaan Saasiggaa qabdu hunda keessaa Onkoloolessa 17,2024 irraa eegalee ergamtoonni sirnichaa tooftaa adda ta'e maqaa "duula misoomaa" jedhuun uummata goyyomsanii baasuun humna waraanaa qaban cufa bobbaasanii umurii fi saalaan osoo adda hin qoodin miseensota maatii keessaallee namoota lamaa fi isaa ol qabuun ganda tokko irraa yoo xiqqaate namoota shantama shantama dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuraa jiraachuu jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Ganda Tokkummaa Tsigee magaalaa Tsigee irraa Onkoloolessa 17,2024 kana namoota qabaman keessaa muraasni:
- Warqinaa Guddinaa,
- Iddoosaa Addunyaa,
- Ittaanaa Ittafaa,
- Margaa Tasfaa,
- Taganyee Tasammaa fi kanneen biroo hedduu ta'uun ibsameera.
Akkasumas, ganda Dangaallii Gonkee bakka addaa Abbaa Daalee jedhamu irraa guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Lalisee Taarraqeny,
- Kinfee Tarrafaa,
- Kamisoo Abdiisaa,
- Dabalaa Kabbadaa,
- Ayyalee Gannatii fi kanneen maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta'an qabanii deemaniiru.
Kana malees, ganda Gaalloo Jaanjaa jedhamu irraa:
- Abiraam Ayyaanaa,
- Mitikkuu Beekumaa,
- Alamuu Qajeelaa,
- Dabalaa Gammadaa,
- Nagaraa Bantii fi kanneen biroo hedduu yoo qaba, ganda Odaa jedhamu irraa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Hindhibuu Hambisaa,
-Takiluu Kidaanuu,
- Hindhibuu Amsaaluu,
- Amsaaluu Tafarii,
- Yoonaas Dabalaa fi kanneen biroo hedduu ta'uu maddeen itti dabaluun ONM'f eeranii jiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Mootummaan garboomfataa PP loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe'eef qabeenyaa irraa buqqisuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuun gabaafame.
Aanaa Abaaboo Guduruu bakka addaa Qaawoo jedhamutti Onkoloolessa 15,2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Garramaa Mootummaa jedhamu "ilma keetu bosona jira" jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun hirmaannaa siyaasaa keessaa kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa hojjetee kan jiraatu yoo ta'u, ergamtoonni sirnichaa immoo badii tokko malee ajjeesanii gatuu dabaluun himan.
ጥቅምት 19፣ 2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Abdii fi gaachanni saba Oromoo jajjabeen WBOn zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti diina adabe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Irreen saba Oromoo leencichi abdii uummatichaa Waraanni Bilisummaa Oromoo sirna cunqursaa abbaa irree buqqisee saba isaa bilisummaa gonfachiisuuf tarkaanfii jajjabduu waraana weerartuu Bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen WBO korommiiwwan zoonii Harsadee godina Kibba lLxa Shaggar aanaa Tolee keessatti kaleessa galgala, Onkoloolessa 18,2024 waraana impaayeera Itoophiyaa mooraa ishee irraa bobba'uun uummata dararaa jirtu iddoo addaa magaalaa Baantuu jedhamtu keessatti tarkaanfii guggubduu irratti fudhachuun mooraa isaanii keessaa baqachiisee jiraachuu hogganaan WBOn zoonichaa himeera.
Ittuma fufuun aanuma Tolee keessatti kan argamtu ganda Abeebee jedhamuun beekamtu keessatti gaafuma Onkoloolessa 18 kana halkan tarkaanfii jajjabduu waraana maafiyaa PP irratti fudhachuun du'aa fi madoon adabee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof !
WBOn Zoonii Kibba Bahaa fi Zoonii Bahaa waliin ta'un waraana faashistii Bilxiginnaa du'aa fi madoon adabuu beeksisan
ONM-ABO Onkololeessa 19,2024 Irree fi gaachanni sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu keessaatti diina sakattaa WBO jedhuun humna guddaan godina Lixa Harargee aanaa Hancaar fi aanaa Daaroo Labuu akkasumas aanaa Shanan Kooluu irraa bobbaate guyyaa kaleessaa Onkolooleessa 18,2024 fi guyyaa har’aa Onkoloolessa 19,2024 ganama sa'atii tokko hanga guyyaa sa'atii 6:23 haleellaa geggeesseen injifanno boonsaa galmeesee jira.
Haaluma kanan Onkolooleessa 18,2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn humna waloo Zoonii Kibba Bahaa fi Zoonii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Caphii Qammee iddoo addaa Qorii jedhamu irratti haleellaa taasiseen hedduu du'aa fi madoon adabuun galaa isheen fe'attee deemaa turte harka yoo buusu, lolaa guyyaa har’aa Onkolooleessa 19,2024 haaluma wal-fakkaatuun aanuma Shanan Kooluu ganda Campii Qammee iddoo addaa Qorii jedhamtutti haleellaa geggeesseen loltootaa Bilxiginnaa 20 ajjeesuun 50 madeesseera.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin irraa hikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Akka gabaasni dirree lolaa ibsutti loltoonni faashistii PP lolaa kana irraa hafte gara aanaa Hancaar irraa hanga magaalaa Machaaraatti ganda aanaa Shanan Kooluu ganda Qorii irraa hanga magaalaa aanichaatti akkasumas Gaara Dindin irraa hanga magaalaa Hancaaritti osoo wal hin dhuunfanne akkuma baqattetti harca’aa osoo reeffa ishee hin guurrattin dachaatee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof !
Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti hawaasa nagaa mana hidhaatti guuruun cimee itti fufe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Umurii aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaa qabu eeggachuuf jecha uummata Oromoo garbummaa jalatti cafaqee bulchuu kan barbaadu murni koloneel Abiy Ahimediin durfamu bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaasuun uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii keessatti hawaasa nagaa mana hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsamee jira.
Onkolooleessa 15,2024 waraanni maafi'aa impaayerattii aanaa Liiban Jaawwii ganda Agal Gobboo Basaallee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
• Shamarree Galaanee Sassaabaa,
• Caalittii Sassaabaa,
• Dargaggoo Mizgee Baqqalaa,
• Caalaa Nagaasaa fi
• Daloo Dajanee kanneen jedhaman badii tokko malee qabanii mana hiraarsaatti darbachuun dararaa hamaa irraan ga'aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddeen itti dabaluun, tibba kana murni nama nyaataan PP kun maqaa duula sakattaa WBO jedhuun godina Lixa Shaggar aanota adda addaa irraa quunnamtii addaan kutuun sagaleen hawaasaa akka hin dhaga'amneef dhoksaatti uummata nagaa irratti gochoota dabaa garaa garaa raawwachaa jiraachuus dubbataniiru.
Godina Lixa Harargee Aanaa Doobbaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa ibiddaan barbadeessuu hojii idilee isaanii kan godhatan waraanni maafiyaa impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan ga'uu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu akkuma itti fufanitti jiru.
Aanaa Doobbaa araddaa Ifaa Gooluu jedhamu keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratu waraanni saamtuu impaayerichaa, yeroo ammaa kana immoo maqaa buusaa gonofaa, ispoortii fi kanneen biroo itti dhahuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 1000 fi isaa ol guuruu fi isa guuran sanaan immoo bu'aa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Onkoloessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
UNIFIL Israa'el 'itti yaaddee' haleellaa hedduu raawwattus Libaanos keessa turuuf dhaadateera
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Dubbi himaan ergama nagaa eegsisuu UNIFIL Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessa akka jedhanitti, guyyoota darban keessa humnoonni Israa’el kallattiin haleellaa hedduu raawwatamanis, ergamni namoota 10,000 of keessaa qabu kun Libaanos keessa akka turu himaniiru.
“Hafuu qabna, akka sochoonu nu gaafatan,” jedhan dubbi himaan UNIFIL Andiree Teeneetiin Beerut irraa viidiyoo liinkiitiin.
“Gandoota hedduu Sarara Biluu irratti, fi sanaa ol illee, barbadaa’uun nama rifachiisa,” jechuun sarara kaartaan UN irratti kaa’amee Libaanosiin Israa’el irraa adda baasuu fi Gaarri Golaan Israa’eliin qabamuu eeruun dubbataniiru.
Waa’ee Kamisa darbe qarqara galaanaa Libaanositti naannoo doonii isheetti dirooniin kuffifamuu isaa gaafatamanii, “Dirooniin kun kibba irraa dhufaa ture garuu doonii sana keessa naanna’aa turee fi baay’ee baay’ee itti dhihaachaa ture, akkasumas doonii irraa meetira muraasa fagaachaa ture” jechuun Rooyiters gabaaseera.
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Saachiitti waraanni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota ukkaamsuun mana hidhaatti guuruu cimsee itti fufe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Ergamtoonni bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin beekne, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda sababa Oromummaa qofaaf hadheeffatanii kan mormanii fi waan ittiin hawaasa hojii dhuunfaa isaa hojjetatee jiraatu yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun dararaa hamaa irraan ga'aa jiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Saachiitti waraanni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota ukkaamsuun mana hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Ganda Gabaa Kamisaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 9,2024 maqaa "leenjii waraanaa fudhattu" jedhuun qonnaan bultoota maqaa isaanii:
- Ammiruu Waaqtolee,
-Tolasaa Tarrafaa,
- Bacarraa Tarrafaa,
- Alamuu Atoomsaa,
- Kindee Xilaahun,
- Arraggaa Ayyaanaa,
- Waaqtolee Fayisaa,
- Wandimmuu Jiraataa,
- Malkaamuu Jiraataa,
- Kennasaa Tiijjaanii fi kanneen biroo hedduu yakkuun sababa Oromummaa isaanii qofaaf ukkaamsuun mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Saachiitti darbatanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.
Kana malees, ergamtoonni sirnichaa gara jabummaa malee ilaalcha Oromummaa tokko illee ilmaan Oromoof hin yaanne namoota maqaan isaanii:
- Caalii Oljirraa,
- Caalii Shuumaa,
- Gaaddisaa Yaadataa fi
- Gazzaany jedhaman mana isaanii irraa ari'uun buqqisanii jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba- Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti diina adabe
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa keessa socho'u waraana maafiyaa Abiy Ahimed konkolaataan magaalaa Qarsaa irraa gara magaalaa Laaqichaatti dheengadda Onkoloolessa 17,2024 deemaa turte haxxee itti hidhuun 8 ajjeesuun 5 madoo yoo taasisu mi'oota waraanaa hedduu irraa dhuunfachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lola guyyaa kaleessaa galgala sa'atii 12:00 keessa taasiseenis humna dabalataa dhufte irraa loltoota 4 battalumatti yoo ajjeesu 4 madoo fuudhanii baajaajiin osoo hospitaala geessuuf fiigaa jiranii adabamuun baramee jira.
Lola guyyaa dheengaddaa Lixa Shaggar aanaa Jalduu bakka Kilbee jedhamtutti geggeeffameenis loltoota faashistii PP irraa qawwee AKM 32 irraa hiikuun barameera.
Baha Oromiyaa Aanaa Baddannootti barattoonni maallaqa Buusaa Gonofaa hin kaffalle akka hin baranne barnoota dhorkamuun dhagaa'ame
ONM-ABO Onkoloolessa 19,2024 Kallattii fi akkaataa isaaniif danda'ame maraan uummata Oromoo cabsuuf kan carraaqan ergamtoonni bilxiginnaa, yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti dhahuun akka uummanni Oromoo dinagdeen quucaree boquu ol hin qabanneef saamicha hamaa ta'e irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Baddannoo araddoota hunda keessatti ergamtoonni sirnichaa yeroo ammaa kana manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa barattoota baratan irraa maqaa kaffaltii "Buusaa Gonofaa" jedhuun maallaqa guuraa kan jiran yoo ta'u, kanneen kaffaluu hin dandeenye ilmaan harka qalleeyyii ta'an ammoo barnoota irraa ari'aa jiraachuun ifoomeera.
Akkaataa kanaanis, barattoota daree gadaanaa baratan kutaa 1-3 baratan irraa qarshii 30, kutaa 4-8 kanneen baratan irrraa qarshii 50 fi kanneen sadarkaa lammaffaa baratan ammoo qarshii 100 yoo kaffaltan malee hin barattan jechuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa kanas, dinagdeen bilxiginnaa qilee bu'uun, manneen barnootaa keessattillee maqaa kaffaltii jedhuun ilmaan hiyyeessaa baratanii akka hin jijjiiramneef barnoota irraa dhorkuun akka isaan waraana ta'anii impaayera jiguu geesse suphaniif jecha ergamtoonni bilxiginnaa shira xaxaa jiraachuun beekameera.
Oduu Tarkaanfii ONM-ABO Onkololessa 19-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የኬንያው ምክትል ፕሬዝደንት ሆስፒታል ተኝተው ሳለ ከሥራቸው ተሰናበቱ።
ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM- - ABO).
የኬንያ ሴናተሮች ምክትል ፕሬዝደንቱ ሪጋቲ ጋሻጉዋን ለሕክምና ሆስፒታል ሳሉ ከሥልጣን አሰናብተዋቸዋል።
የምክትል ፕሬዝደንቱ ጠበቃ እንዳሉት ጋሻግዋ ሕግ መወሰኛው ምክር ቤት ተገኝተው ከሥልጣን የተነሱበትን ምክንያት ማዳመጥ ያልቻሉት ሆስፒታል በመግባታቸው ነው።
በድራማ የታጀበ በተባለለት ቀን ነው ጋሻግዋ ባልተገኙበት ከመንበራቸው የተነሱት። ምክትል ፕሬዝደንቱ ከሰዓት በኋላ በሴኔቱ ተገኝተው ራሳቸውን ይከላከላሉ ተብሎ ተጠብቆ ነበር።
ጋሻግዋ የቀረቡባቸውን 11 ክሶች በፍፁም አልፈፀምኩም ሲሉ ያስተባብላሉ።
በኬንያዊያን ዘንድ ሪጊ ጂ በተሰኘ ቅፅል ስማቸው የሚታወቁት ምክትሉ ደረታቸው ላይ በተሰማቸው ሕመም ምክንያት ካረን በተባለው ሆስፒታል ሕክምና እያገኙ ስለሆነ ቀኑ ይራዘም ሲሉ ጠበቃቸው ጠይቀው ነበር።
ነገር ግን ሴናተሮቹ የፍርድ ሒደታቸው እሳቸው ባልተገኙበት እንዲካሄድ ወስነዋል። የጋሻግዋ ጠበቆች ይህን ውሳኔ በመቃወም ምክር ቤቱን ለቀው ወጥተዋል።
ጋሻግዋ ከፕሬዝደንት ዊሊያም ሩቶ ጋር ያላቸው ግንኙነት መሻከር ከጀመረ ሰንበትበት ብሏል።
የሕግ መወሰኛው ምክር ቤት አባላት እስከ ቅዳሜ ድረስ አንታገስም ማለታቸው ምክትል ፕሬዝደንቱን ከሥልጣን ለማባረር ምን ያህል ቆርጠው እንደተነሱ ያመላከተ ሆኗል።
ባለፈው ሳምንት አብላጫው የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባላት እና ብሔራዊው ምክር ቤት ምክትል ፕሬዝደንቱን ለማባረር ድምፃቸውን ሰጥተዋል። ከዚህ ሒደት ቀጥሎ ነው ለሁለት ቀናት የሚቆይ ክርክር በሕግ መወሰኛው ምክር ቤት ማድረግ የነበረባቸው።
ማውንት ኬንያ ከተባለው ማዕከላዊው የሀገሪቱ ክፍል የመጡት ምክትል ፕሬዝደንቱ በሀብት የናጠጡ ነጋዴ ናቸው። ጋሻግዋ ከሥልጣን መባረራቸውን በተመለከተ በሰጡት አስተያየት ይህ “ፖለቲካዊ ግድያ” ነው ብለዋል።
ሐሙስ ምሽት ከ67 የሕግ መወሰኛው ምክር ቤት አባላት ሁለት ሶስተኛው ምክትል ፕሬዝደንቱ በቀረበባቸው ክስ ምክንያት ከሥልጣን መወገድ አለባቸው ሲሉ ድምፃቸውን ሰጥተዋል።
ምክር ቤቱ እንደሚለው ምክትል ፕሬዝደንቱ ከቀረቡባቸው ክሶች መካከል በአምስቱ ጥፋተኛ ናቸው። በብሔር መካከል ክፍፍል መፍጠር እና ሲሾሙ የገቡት ቃል አለማክበር ከቀረቡባቸው ክሶች መካከል ናቸው።
ጋሻግዋ ሙስናን ጨምሮ ሕገ-ወጥ የገንዘብ ዝውውር ማድረግ የሚሉ ክሶች ቀርበውባቸው የነበረ ቢሆንም ነፃ ወጥተዋል።
ዊሊያም ሩቶ እና ጋሻግዋ ወደ ሥልጣን ከመጡ ሁለት ዓመታት አስቆጥረዋል። ነገር ግን ከወራት በፊት ነው አለመግባባት ውስጥ መግባታቸው የተሰማው።
ባለፈው ሰኔ ጋሻግዋ የደኅንነት መሥሪያ ቤቱ ኃላፊ በኬንያ ግብርን ምክንያት በማድረግ ተነስቶ ስለነበረው ተቃውሞ ለፕሬዝደንቱ ተገቢ መግለጫ አልሰጡም ሲሉ መውቀሳቸው ይታወሳል። ይህ ድርጊታቸው ፕሬዝደንቱን እንደመናቅ ተደርጎ ተቆጥሮባቸዋል።
በኬንያ የተነሳውን ሕዝባዊ ተቃውሞ ተከትሎ ፕሬዝደንት ሩቶ ሊተገብሩት የነበረውን ግብር ማንሳታቸው አይዘነጋም። አልፎም የካቢኔ አባላቱን ሙሉ በሙሉ አባረው አዳዲስ ሚኒስትሮች ቀጥረዋል።
ሩቶ የምክትላቸውን ከሥልጣን መነሳት በተመለከተ እስካሁን ያሉት ነገር የለም ሲል ሮይተርስ አስነብቧል።
በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ ወረዳ የብልጽግና ወኪሎች አንድን ሴትን በማሰር ባሏን እንድትፈታው በማስገደድ እና ብዙ ሰዎችንም እያሰሩ እንደሆነ ተሰምቷል::
ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ .ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ያልታጠቁ ሰላማዊ ዜጎችን ማሰቃየትን የዘወትር ተግባር ያደረገው የፒፒ የማፍያ ሰራዊት በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት በሰላማዊ ዜጎች ላይ እስራት፣ ግድያ፣ ዝርፊያና የተለያዩ ወንጀሎች እየፈፀመ ድርጊቱን አጠናክሮ ቀጥሏል::
በዚህም መሰረት በቡኑ በደሌ ዞን በጨዋቃ ወረዳ የብልጽግና ወኪሎች አንዲት ሴትን በማሰር ባሏን እንድትፈታ ሲያስገድዷት እና በርካታ ሰዎችን ማሰራችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በጥቅምት 6,2024 ዓ.ም የአገዛዙ ጦር ወ/ሮ ኡሉፋ መሀመድ ሀሰን የምትባለች የኦሮሞ ሴት በጨዋቃ ወረዳ በዳበና መንደር ውስጥ ያለ አንዳች ጥፋት በቁጥጥር ስር በማዋል ባለቤቷ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት አባል ነው በማለት መፍታት አለብሽ ብሏት የፍቺ ወረቀት እንድትፈርም አስገድዷት እንደነበር ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግሯል::
ከዚህም በላይ ጀማል አህመድ የሚባል የዚሁ መንደር ሰው ከእኛ ላይ 100,000 ብር ተበድሮ ከለከለን በማለት በውሸት እንዲታሰር የተደረገ ስሆን, በተጨማሪም አቶ አሊ ጁንዲ የተባሉ ግለሰብን ያለምንም ጥፋት አስረው እያሰቃዩ መሆናቸውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
ከዚህ መንደር ብዙ ስማቸው ያልተገለጸ ሰዎች ያለምንም የህግ ጥያቄ እየታሰሩና እየተንገላቱ እንዳሉም ለማወቅ ተችሏል::
የብልፅግና ወኪሎች በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ ነዋሪዎችን መዝረፋቸውን ቀጥለዋል።
ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ .ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ስም የወደቀውን ኢምፓየር ለመጠበቅ በሚል በኦሮሚያ የተለያዩ አካባቢዎች ተሰማርቶ የሚገኘው የፒፒ የማፍያ ሰራዊት በተለያዩ ስሞች ሰላማዊ ዜጎችን እያሰረ፣ እየዘረፈ እና እየገደለ ይገኛል።
በዱግዳ ወረዳ የባይሞ ጉሳ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደገለፁት በጥቅምት 15 ቀን 2024 ዓ.ም የኦሮሞን ህዝብ ንብረት በመዝረፍ መተዳደሪያቸውን የቀጠሉት መልዕክተኞች አቶ ጎበና መላኩ ከተባለ ገበሬ 7 የቀንድ ከብቶችን ያለምንም ጥፋት ወስደዋል።
በተጨማሪም በዚሁ ወረዳ ጥቅምት 16 ቀን 2024 ዓ.ም አቶ ብርሃኑ ኑ ዱሜሳ የተባሉ የ80 አመት አዛውንት በአገዛዙ ወታደሮች አንገታቸውን በጩቤ የተቀሉት ያለምንም ጥፋት እና አብረውት ከነበሩት ሰዎች የእድር ገንዘብ 25,000ሺ ብር ዘርፈው ከልጃችው ለሚ ብርሀኑ ስር ደግሞ አምስት የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በአሁኑ ሰአት ከኦርሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር እየተዋጋን ነው በማለት ህዝቡን እያሰቃዩት ነው ከእያንዳንዱ ሰው ከ80,000ሺ እስከ 200,000ብር እየሰበሰቡ የተሰባበረ መሳሪያ እየገዙ እየሰጥዋችው እንደሆነና ይህን ገንዘብ መክፈል ያልቻሉትን ደግሞ ወደ እስር ቤት በመወርወር እያሰቃይዋችው እንደሆነ አክለው ገልጸዋል።