onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

-

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በመተከል ዞን ዲባጥ ወረዳ የብልፅግና አንጃ ሰላማዊ ዜጎችን ማሰሩን ቀጥለዋል።


ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ONM - ABO).

የፋሽስቱ ፒ.ፒ. ሰራዊት ከስድስት አመታት በላይ በኦሮሚያ እና ከኦሮሚያ ውጭ በሰላማዊ ዜጎች ላይ እየፈጸመ ያለውን የሰብአዊ መብት ረገጣ የቀጠለ ሲሆን አሁንም የኦሮሞ ህዝብ ምንም አይነት መፍትሄ ሳይሰጠው በቤቱ እየታፈሰ ይገኛል።

በመተከል ዞን ዲባጥ ወረዳ የጋሌሳ መንደር ነዋሪዎች ጥቅምት 12፣ 2024 ዓ.ም ኤሊያስ ሳልባኔ የሚባል ወጣት ያለ ምንም ወንጀል አስረው አሰቃይተዋል።

የመተከል ወረዳ ነዋሪዎች በሰጡት አስተያየት የብልፅግና  አገዛዝ ህብረተሰቡን በሀሰት ሰበብ እያሰረ፣ እየዘረፈ እና እየገደለ ነው ያለው፣ የዋጋ ንረት ህብረተሰቡን እያሰቃየ ባለበት በዚህ ወቅት የተለያዩ ውንጀላዎች ቀርበውበታል።


በተጨማሪም የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አመለካከት አላችሁ በሚል ስም የብልፅግና ጦር ብዙ ሰዎች ወደ እስር በመወርወር እያሰቃየ ይገኛል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo keessatti diina adabe

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Godina Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo bakka Gammoo Bareedaa jedhamu keessatti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Gaara Mul'ataa kaleessa Onkololeessa 17/2024 tarkaanfii waraana faashistii Bilxiginnaa irratti fudhateen battalatti 2 irraa ajjeesuun 5 madeessee diina sakattaa jechuun bobbaate gara irraa dhuftetti baqattee akka galtuu taasisuun reeffaa fi madoo kaleessa facaaftee galte guyyaa har'aa jechuun Onkololeessa 18 humna guddaan deebite fudhachuun beekameera.



Iinjifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Tarkaanfii ONM-ABO Onkololessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qondaaltonni Israa’el gaazaatti waraanni isaanii hogganaa Hamaas Sinwaar ajjeese jedhu


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Waraanni Israa’el Kamisa kaleessaa duula waraanaa Gaazaa keessatti geggeesseen hogganaa Hamaas Yayya Sinwar ajjeesuu beeksiseera.

Ibsa seeraa X irratti kenneen dubbi himaan waraana Israa’el Avikaye Adree Gaazaa keessatti Sinwaar “dhabamsiisuu” mirkaneessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Katzis ajjeechaa kana mirkaneessaniiru.

Waraanni kun naannoo Sinwaar itti ajjeefameetti namoonni booji'aman jiraachuu isaanii ragaan agarsiisu akka hin jirre amanee jira.


Ji’a Adoolessa kana keessas Israa’el ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haniyaa irratti raawwatteef komatamtee turte jechuun the gaardiyaan gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Beenishaangul Gumuz godina Kamashii irraa miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko gooticha WBO'tti harka kennate


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Waraanni faashistii PP fedhii isaanii malee dirqamanii aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaafaman dhalootaan Oromoo kan ta'an akkasumas sabaa fi sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, Beenishaangul Gumuz godina Kamashii irraa miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko WBO'tti harka kennatee jiraachuun ibsameera.


Mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Soogee jedhamu keessatti argamu irraa Onkoloolessa 15,2024 miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko qawwee AKM tokko, boombii F1 tokkoo fi rasaasa 90 hidhannoo guutuu waliin qabachuun WBO Zoonii Lixaa godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessa socho'u bira dhaqqabuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa hoo'aa taasiseefii kan jiru yoo ta'u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun "ilmaan Oromoo qawwee diinaa baattan qawwee keessan sabatti dhukaasuu irra gara WBO kottaa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa sabaaf dhukaasaa'' jechuun ergaa isaa dabarfatee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Uummanni Oromoo kutaalee biroo irraa magaalaa Finfinnee deemuun jiraatan miidhaan irratti adeemsifamaa jiraachuu ONM'tti himan


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Bulchitootaa fi lukkeeleen Bilxiginnaa akeeka isaanii ganamaatti cichanii Oromoo dhabamsiisuuf humna ittiin hojii hamoo raawwatan qindeeffachuun Oromiyaa guutuutti daba raawwatan gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti ceesisuun jiraattota sabaan Oromoo ta'an lagaan qooduun dararuu jiraattonni dubbatu.


Akkuma beekamu murni Bilxiginnaa qoqqooddii cimsuun uummata Oromoo Finfinnee fi naannawwaa Finfinnee jiraatan warra finxaaleeyyii fi lukkeelee isaaniitti fayyadamuun uummata Lixa Oromiyaa, kaaba Shaggar fi Kibba Oromiyaa irraa deemuun Finfinnee jiraatan of keessaa baasaa jechuun doorsisa geggeessaa akka jiran beekameera.


Keessattuu hawaasa bakkeewwan armaan olitti eeramanii deeman mana kiraa akka itti hin kireessine ykn gatii kiraa manaa garmalee itti dabalaa magaalaa keessaa baasaa isaan WBO'dhaaf, dawoo fi loojistikii ta'uun biyya jeeqaa jiruu jechuun summii facaasaa akka jiran yoo himamu, hawaasni Oromoo kutaan qoqqooddiin irratti raawwatameen yaaddoo keessa jiraachuu ONM'tti himan.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Pirezidaantiin Masrii dippilomaatii olaanaa Iraan waliin wal argan

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi Kamisa kaleessaa walga’ii Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araagaki waliin Kaayirootti taasisaniin haalli naannoo akka hin hammaanne gaafataniiru.

Ibsi preezdaantii Masrii baase akka beeksisetti, walgahichi haala yeroo naannoo Baha Giddu Galeessaa keessatti mul’atu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Gaazaa fi Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu fi haleellaa Israa’el West Baankii dhuunfatame irratti raawwattu dhaabuuf tattaaffiin idil-addunyaa akka hordofamu gaafataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gama isaatiin marii Aragaki pirezidaantii Masrii waliin taasisan “faayidaa qaba” jedheera.

Aragakiin Kibxata galgala Joordaan irraa gara Kaayiroo kan dhufan yoo ta’u, waldhabdee itti fufee jiru keessatti haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwattu kamiyyuu ittisuuf tattaaffii dippilomaasii taasisaa jira.

Iraan haleellaa misaa’elaa Onkoloolessa 1 Teehiraan raawwatteef deebii waraanni Israa’el akka kennitu eeguun of eeggannoo olaanaa irra jirti, haleellaan kun ajjeechaa dhiheenya kana hoggantoota Hizbullaah fi Hamas irratti raawwatameef haaloo ba’uuf akka ta’e ibsiteetti.

Israa'el haleellaa haaloo ba'uu "ajjeechaa, keessumaa kan nama ajaa'ibu" Iraan irratti raawwachuuf doorsifteetti jechuun Arabs news gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Ergamtoonni bilxiginnaa ajaja qaama olii irraa itti kennameen afaan qawwee uummata Oromootti garagalfachuun dararaa ulfaataa irraan geessisaa kan jiran yommuu ta'u, hawaasni meesha maleessi lubbuu isaaf sodaachuun dirqamee waanuma isaan jedhan gochuun garmalee hiraarfama guddaa keessa jiraachuun ni beekama.


Gandoota magaalichaa hunda keessatti ergamtoonni sirnichaa saamicha raawwachuu cimsanii kan itti fufan yoo ta'u, yeroo ammaa maqaa "deggersa milishaa" jedhuun manneen daldala dhuunfaa hunda irraa qarshii kuma lama lama saamaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Naqamtee irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas, kufaatii dinagdee hamaa bilxiginnaa mudatee jiruun impaayerattiin raafama hamaa keessa seenuun ergamtoonni ishee waan qabanii fi gadi lakkisan wallaaluun uummata nagaa irratti xiyyeeffatanii gama maraan saamicha irratti bobba'anii kan jiran ta'uun barameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himame.

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Impaayera gama maraan kufte tiksuuf maqaa duula sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun Oromiyaa kutaalee garaa garaatti kan bobbaafaman waraanni maafiyaa PP, uummata nagaa hiika siyaasaa hin beekne maqaa garaa garaa itti moggaasuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu cimsanii itti fufanii jiru.


Aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 15,2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Goobanaa Malkaa jedhamu jalaa badii tokko malee loon 7 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dabalataan, aanaadhuma kana ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamu keessaa Onkoloolessa 16,2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Biraanuu Duumessaa jedhamu maanguddoo ganna 80 loltoonni sirnichaa badii tokko malee Saanjaadhaan mataa isaa jigsanii maallaqa Afoosha uummataa isa bira jiru qarshii 25,000 ol saamanii kan jiran yoo ta'u, mucaama isaa kan ta'e nama maqaan isaa Lammii Biraanuu jedhamu jalaa ammoo loon 5 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Yeroo ammaa kana aanicha keessatti Qawwee bitaa WBO lolaa jechuun uummata dararaa kan jiran yoo ta'u, nama tokko irraa dirqamaan qarshii kuma saddeettamaa hanga kuma dhibba lamaatti guuruun Qawwee caccabaa fi boodatti hafaa kennaafii jiru, namoota qarshii kana kaffalanii bitachuu hin dandeenye ammoo hidhaatti guuraa, ajjeesaa akkasumas dararaa ulfaataa irraan ga'aa kan jiran ta'uun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Murni garboomfataa PP ilmaan Oromoo irratti daba raawwachuuf karoorsanii jiraachuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2924 Yeroo yerootti murni nama nyaataan impaayerattii rakkoo keessoo isaatti dhalachaa bulu furuuf jecha kaabinoota isaa hunda waamee walga'ii taa'uun haala ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo, uummata Oromoo, abbootii qabeenyaa fi kanneen kana fakkaatan irratti miidhaa geessisaniif marii geggeessaa jira.


Uwwisa miidiyaaf akka isaaniif tolutti maqaa "dandeettii raawwachistummaa hooggantoota Paartii Badhaadhinaa" jedhuun torbee tokko dura bilxiginnaan lukkeelee isaa magaalota adda addaatti leenjisaa tureera. Dhimmi marii isaanii immoo, haala ittiin caasaa WBO magaalaa keessaa dhabamsiisuu danda'an, maatii qabsaa'otaa godaansisuu, lafa qotee bulaa saamuu, ganda tokkorraa milishaa 105 leenjisuu kan jedhu icciitiin keessoo isaaniitii ba'e ni mul'isa.

Walga'iin kun jalqaba Adaamaatti taa'amaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa kana immoo Lixa Oromiyaa fi Lixa Shaggar magaalaa Ambootti ta'amaa jira. Mata duree "abbootii qabeenyaa saamuu" jedhu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti namoonni lama waraana garboomfataa PP'n ajjeefamuun kanneen biroon hidhaman

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2924 Murni Bilxiginnaa walitti bu'iinsa meeshaa waraanaa gurguddaan deggeramee waraana Bilisummaa Oromoo waliin lola taasisaa jirutti injifatamaa jiraachuu hubachuun hawaasa nagaatti deebi'ee ajjeechaa raawwataa jiru cimsee itti fufeera.

Lolli Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi murna garboomfataa Bilxiginnaa gidduutti adeemsifamaa jiru waggoottaniif itti fufee kan jiru yoo ta’u, hawaasni nagaan maqaa WBO ni deggertaa fi maatii keessan keessaas miseensi WBO jiraan ajjeechaan irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta'u, Onkoloolessa 16,2024 namoonni nagaan lama godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti yakka osoo hin raawwatin ajjeefamuun himame.

Aanaa Begii ganda Eegoo Girmoosh irraa namoonni baay'inni isaanii 10 ta'an waraana garboomfataa PP'n jumlaan qabamuu jiraattonni himuun, namoota kanneen keessaa nama maqaan isaa Taajaddiin Mohaammad jedhamu kan ganna 15 ta'e hojii loon tiksuun maatii isaa kan deggeruu fi dargaggoo maqaan isaa Ziyaad Axxaayir jedhamu kan ganna 20 ta'e yakka tokko malee waraanni garboomfataa PP kunneen rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Taajaddiin waraana maafi'aa PP'n erga qabamee iddoo addaa Taajaa jedhamutti geeffamuun kan ajjeefame ogguu ta'u, Ziyaad ammoo magaalaa Foogoo jedhamu marfata irratti ajjeefamuun reeffi maatii isaanii akka dhorkatames himameera.

Dargaggoon Ziyaad sirna gaa'elaa raawwachuuf shamarree naqatee jiraachuus jiraattoonni himuun, hojiilee hamoo waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediinis badii malee ajjeefamuus itti dabaluun miira gaddaan ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba- Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti diina adabe


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa keessa socho'u waraana maafiyaa Abiy Ahimed konkolaataan magaalaa Qarsaa irraa gara magaalaa Laaqichaatti kaleessa Onkoloolessa 17 deemaa turte haxxee itti hidhuun 8 ajjeesuun 5 madoo yoo taasisu mi'oota waraanaa hedduu irraa dhuunfachuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii taasisee jira.

Lola guyyaa kaleessaa sa'atii 12:00 galgala keessaa taasiseenis humna dabalataa dhufte irraa loltoota 4 battalumatti yoo ajjeesu 4 madoo fuudhanii baajaajiin osoo hospitaala geessuuf fiigaa jiranii adabamuun baramee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ethiopia: Summary Execution and War Crime in Oromia

ONM-ABO
16th October 2024
East Arsi Zone, Robe District

Disturbing updates reaching the ONM-ABO news desk indicate that the dark era of the Prosperity Party (PP) continues to haunt Oromo civilians. Reliable sources from Robe District in East Arsi Zone confirm unimaginable crimes perpetrated by rogue PP officers. Seven civilians from the Amallamaa location of Robe District were massacred in cold blood by PP authorities. These senseless killings and human rights violations have been the hallmark of the administration since it took power. The following civilians met their fateful end at the hands of PP terror gangs in uniform:

1. Hussein Haji
2. Maammaa Gullee
3. Asaaba Hajjii Urjii
4. Sh. Abdul Jalil Alliyyi
5. Idismawuu H/Mohammed
6. Amaanaa Hajjii
7. Bayaan Massuu

No one can explain the puzzle behind these mass extrajudicial killings by the state, but the government's trend of eliminating perceived opposition elements is the suspected motive. Locals are traumatized and terrified by the magnitude of the loss of innocent lives at the hands of PP's cruel forces. The scale of ethnic cleansing against Oromos by state machinery is taking a dangerous trajectory. This calls for unity of purpose among Oromos from all spheres of life to protect our communities.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraana Blisummaa Oromoo ONM-ABO Onkololessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Oobdii Yaadaa ONM-ABO Onkololessa 17-2024 itti dhiyaadhaa!
Sarbamiinsa Mirga Namoomaa Oromiyaa Keessatti itti fufee jiru, Tarkaanfii WBO, Maree Biyyaalessaa, Leenjii PP, Rakkoo Impaayerattii fi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun turtii Jaal Niimoonaa Sabaa fi Daandii Elemoo waliin taasisan
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምእራብ ወለጋ ዞን ቤጊ ወረዳ ሁለት ሰዎች በፒፒ አምባገነን መንግስት ተገድለዋል እናም ሌሎችም ታስረዋል።

ጥቅምት 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ONM - ABO).

የብልፅግና ቡድን ከኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ጋር በከባድ መሳሪያ በመታገዝ እየተሸነፈ መሆኑን ተረድቶ ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመመለስ ግድያውን አጠናክሮ ቀጥሏል።

በኦሮሚያ በኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት እና በብልፅግና አምባገነን መንግስት መካከል የተደረገው ጦርነት ለዓመታት ሲካሄድ የቆየ ሲሆን ሰላማዊው ህብረተሰብም የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በመደገፍ ስም እየተገደለ ሲሆን በጥቅምት 16 ፥ 2024 ዓ.ም በምዕራብ ወለጋ ዞን ቤጊ ወረዳ ሁለት ንፁሀን ዜጎች መገደላችው ተገልፆዋል።

ነዋሪዎቹ እንዳሉት በቤጊ ወረዳ ከኤጎ ጊርሞሽ መንደር 10 ሰዎች በጅምላ በፒፒ አምባገነን ሰራዊት በጅምላ ታስረዋል ከነዚህ መካከል የ20 አመት ወጣት በእነዚህ የ PP አምባገነን ወታደሮች ያለ ምንም ወንጀል በጥይት ተገድሏል።

ታጁዲን መሀመድ የ15 አመት ልጅ የቀንድ ከብቶችን በመጠበቅ ቤተሰቡን የሚረዳ እና ዚያድ አጣዬር የ20 አመት ወጣት በብልፅግና ጦር በአሰቃቂ ሁኔታ ተገድሎል።


ወጣቱ ዚያድ ለሠርጉ ሥነ ሥርዓት አንዲት ሴት ልጅን ለማግባት በዝግጅት ላይ ሳለ ነው በኮሎኔል አብይ አህመድ ጦር የተገደለው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Onkololessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ጥቅምት 18፣ 2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti waraanni sirna PP mana barnootaa daannoo godhachuun keessa buufatanii turan dhumarra caccabsanii yoo deeman, Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti hidhaan hammaate


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Sirni diiguu malee ijaaruu hin feene, ajjeesuu malee lubbuu nama tokkollee baraaruuf hin yaalle, hojii isaa badii kana dhokfachuuf karaa miidiyaa of harkaa qabuun uummataa fi addunyaa sobuuf maqaa WBO hadheessuu irratti yeroo isaa balleessaa oola.




Buuruma kanaan Onkolooleessa 7,2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa irraa gara ganda Geemii Gaabbaa mana barumsaa sadarkaa 1'ffaa keessa waraanni sirna PP buufachuun barattoota barnoota irraa dhaabuun WBO'tu mana barumsaa kana dhaabe jechuun gabatee gurraachaa fi teessoo barattoonni irra taa'anii baratan caccabsuun hojii alaa gochuun beekameera.


Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa taatee naannoo kanatti waraana Bilxiginnaa raawwate odeeffatetti WBO'n bakka deemutti uummata isaa kakaasuun yaadaa fi haamileen tumsee manneen barnootaa akka dhaabbatanii fi dhaloonni boodaa doofummaa keessaa akka ba'u, keellaa fayyaa fi dhaabbilee hawaasaa tajaajilan jajjabeessaa akka deemu dubbatu.



Aanaa Qondaalaa kana keessatti tumsa yaada WBO'n hawaasni ganda Geemii Gaabbaa bakka lafa gabaa jedhamu, Dhaatii Yabaloo fi Kaazaa bakkoota jedhaman sadan kanatti mana barumsaa uummanni Bilxiginnaa irraa eegee dadhabuun abdii irraa kutatee ilmaan isaa doofummaatti hambisuu irra jechuun ofiif kan ijaarrate ta'us, waraanni sirnichaa kun guyyaa saafaa ibidda itti kaa'uun gubanii akka deeman dubbatu.

Akkasumas yeroo ammaa barattoonni teessuma irra taa'anii baratan dhabanii rakkachaa jiraachuus jiraattonni aanaa Qondaalaa keessattuu gandoota kanneenii rakkoo keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.


Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo Lixuma Wallaggaa aanaa Begii ganda Gaara Kormaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 15,2024 namoota maqaan isaanii Mu'awiyyaa Alii, Raayyaa Alii, Kennasaa Amanaa, Adabaa Geeta'uu, Shamarree Doftoree Muluu fi Zakkiyoos Darajjee kanneen jedhaman namoota nagaa jiruu idilee isaanii geggeeffatan deggartoota WBO'ti jechuun jumlaan guuranii mana hidhaatti naquun achittis reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhattoota murna Bilxiginnaan manneen jiraattotaa gandi lama guutummaatti manneen amantaa 4 dabalatee gubachuun yoo barbadaa'u, jiraattotni hedduunis qe'ee irraa buqqifaman.


ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Seenaadhuma impaayerattii keessatti uummanni Oromoo akka bara murna Bilxiginnaa ta'ee kan hin beekne yoo ta'u, maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun jiraattotni hedduun qe'ee irraa buqqifamuu fi manni isaanii waraana garboomfataa PP'n irratti gubachuun manaa ala ta'anii maatiin isaanii bakkeetti faca'uun jiruu gadadoof saaxilamaniiru.


Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti Onkoloolessa 16,2024 waraanni faashistii PP ganda Yaatuu fi Dhaddachaa jedhamu guutummaan guutuutti ibidda itti shiduun mi'a mana keessaa tokko osoo hin baafatin gubanii barbadeessaniiru.


Qonnaan bultootni manni isaanii waraana weerartuu Abiy Ahimediin Onkoloolessa 16,2024 jalaa gubate kunneenis muraasni maqaan nu ga'e ganda Dhaddachaa fi Yaatuu keessaa Ahimed Jaarraa,
Risee fi ilma isaa Umar Risee,
Mohammad Umar Qaasim,
Heeydar Mahaammaduu,
Adamee Aliyyii Hasanee,
Hasanee Aliyyii Hasanee,
Adam Ahimed Usmaan,
Hasan Ahimed Usmaan,
Mohaammad Ahimed Usmaan,
Usmaan Booree,
Adam Usmaan Booree,
Ammuu Usmaan Hasee,
Mahaammad Ammuu,
Mahaammad Karroo,
Adamee Umarshaa,
Hasanee Umar Muchoo,
Dooyyoo Umar Muchoo,
Abduu Dawwee fi Ahimed Risee fi akkasumas manneen amantaa 4 gubachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Namoonni manni isaanii ergamtoota maafiyaa PP'n jalaa gubate kunneenis qonnaan bultoota yoo ta'an, hidhattootni sirnichaa kun tarkaanfii keessa deebii hin qabne WBO'n gandichuma bakka addaa Arja'oo fi Mata Horaa jedhamutti irratti fudhatee du'aa fi madoon adabeen baaragdee of booda deebi'uun qe'ee hawaasa nagaa maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun ganda lama guutummaan guutuutti ibidda itti shiduun gubanii barbadeessaniiru.


Guyyuma kana Onkoloolessa 16,2024 aanichuma gandoota Marar, Yaatuu, Dhaddachaa fi Mataa Horaa jedhamutti dhukaasa uummata nagaa irratti banuun namoota hedduu qe'ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuun, yeroo ammaa hawaasni bosonatti baqatee daa'imman beela, dheebuu, aduu fi qorraan mukeen jalatti waadamaa jiraachuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffachuu danda'eera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Onkololessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Barsiisonni qaroo sabaa yeroo ammaa qaala'iinsa jireenyaa dadhabuun rakkoo hamtuuf saaxilamuu himatu.

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Impaayera Itiyoophiyaa keessatti waraanni babal'achuun diinagdee ishee hunkuteessee qaala'iinsa jireenyaa hammeessuu irraan kan ka'e, barsiisonni yeroo amma kana jireenyi qananiin haa hafuu harkaa gara afaanii dadhabuun rakkoo beelaa hammataa keessa jirra jedhu.

"Beelli immoo beellama siif hin laatu" kan jedhan barsiisonni, "Mindaan nuuf kennamaa jiruu fi qaala'iinsi jireenyaa amma keessa jirru wal gituu dadhabee samii fi lafa ta'uun haala hamaaf saaxilamnus, Bilxiginnaa biraa xiyyeeffannoo dhabnee garaa duwwaa ijoollee dura dhaabbachuuf dirqamneerra" jedhu.

Baarsiisaan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko akka jedhutti, mindaan naaf kennamu qarshii Itiyoophiyaa 4,200 yoo ta'u, yeroo ammaa kana gatiin xaafii ardabni tokko qarshii 15,000, Qamadiin ardabni tokko qarshii 7,000 fi kopheen tokko immoo qarshii 5,000 dha jechuun miindaan koo hunduu kophee tokko naaf bituu hin dandeenye; ani kophee tokko kanan bitadhe waggaa sadiin dura hanga ammatti isheedhuma suphee kaawwachaan jira jechuun dubbata.

Maatiin kiyya waanti uffatanii fi jijjiirratan haa hafuutii guyyaatti si'a tokko nyaachuu hin dandeenye waan ta'eef rakkoo baay'ee hamtuu kana keessatti uffachuuf mitii jiraachuufuu lubbuun daa'imman koo akka baraaramtuuf qaamni hunduu sagalee nuuf ta'aa jedha barsiisaan kun.

Barsiisaan kun maatii nama 4 kan qabu yoo ta'u, miindaa argatu 4,200 keessaa qarshii 2,000 mana kiraaf, qarshii 2,000 ammas harkatti haadha manaa kootti kennee baasii mana keessaa kanneen akka:-Zayitii, Qullubbii, Ashaboo fi Qoraanii ittiin bituuf kuniyyuu ishee waan hin geenyeef na abaaraa gara manaatti deebiti jedha.

Qarshiin kun osoo midhaan nyaataa maatii kanaaf hin bitin dhume jechuudha; Ijoolleen keenya osoo midhaan hin nyaatin mana barumsaa deemaa jiru; uffata ciccitaa uffatanii mana barumsaa deemu; nuti osoo hin nyaatin mudhii hidhannee daree seenaa jirra; waa'ee garaa yaadaa akkamitti barnootaa qulqullina qabu barattootaaf kennina? jechuun haala keessa jiru ibsata.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Xiyyoo keessatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2024 Golee Oromiyaa cufa keessatti maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun yeroo adda addaatti dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jira.


Aanaa Xiyyoo ganda Torban Unshoo jedhamu keessaa Onkoloolessa 9,2024 namoota maqaan isaanii:
• Huseen Gammachuu,
• Hajii Ashiim,
• Edoo Jawaaroo,
• Qaasim Daatuu,
• Kadir Ibraahim,
• Mohaammad Birraa,
• Mohaammad Daawud,
• Mohaammad Shunfaa,
• Hasan Kadir,
• Huseen Tusuu,
• Kamaal Huseen,
• Huseen Waaqoo,
• Bashaa Huseen,
• Shoritee Ibraahim,
• Asaffaa Horaa,
• Huseen Abdullaah,
• Qaasim Abdallaa,
• Muzaayim Abbushee,
• Jibiriil Jeeyilaan,
• Kadir Birraa,
• Birraa Fayisaa fi
• Gammachuu Fayisaa jedhamanii fi kanneen biroo haadholii baay'inni isaanii 8 ta'an kan ammaaf maqaan isaanii adda hin baane yakka tokko malee aanichatti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, yeroo ammaa kana aanicha keessatti adda durummaan uummata nagaa dhorkachaa kan jiran Kaabinoota sirnichaa kanneen maqaan isaanii Jamaal Abbee fi Jundii Fayyisoo jedhaman ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Namoonni biliyoona 1.1 hiyyummaa cimaa keessa jiru jedha gabaasni Mootummoota Gamtoomanii

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2924 Guutummaa addunyaatti namoonni biliyoona tokkoo ol hiyyummaa cimaa keessa jiraachaa akka jiran gabaasni Sagantaa Misooma Mootummoota Gamtoomanii Kamisa kaleessa kan ibse yoo ta’u, namoota rakkoo kanaan miidhaman keessaa walakkaa ol daa’imman ta’u.

Barreeffamni Inishiyeetiivii Hiyyummaa fi Misooma Namaa Oksifoord (OPHI) waliin maxxanfame kun, bara 2023tti erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda walitti bu’iinsi addunyaa irratti baay’inaan waan mul’ateef, biyyoota waraana keessa jiran keessatti hiyyummaan dachaa sadii akka caalu ibseera.


UNDP fi OPHIn bara 2010 irraa eegalee waggaa waggaan Indeeksii Hiyyummaa Dimshaashaa isaanii kan maxxansan yoo ta’u, biyyoota 112 baay’ina ummataa waliigalaa namoota biiliyoona 6.3 ta’an irraa ragaa sassaabaniiru.

Agarsiistota akka hanqina mana jireenyaa gahaa, qulqullina, ibsaa, boba’aa nyaata bilcheessuu, soorataa fi mana barumsaa dhaquu fayyadama.

“MPI bara 2024 suuraa nama yaaddessu agarsiisa: namoonni biiliyoona 1.1 hiyyummaa kallattii hedduu dandamatu, kana keessaa miiliyoona 455 gaaddidduu waldhabdee keessa jiraatu,” jedhan ogeessi istaatistiksii olaanaa UNDP Yanchun Zaang.

Gabaasni kun argannoo bara darbe biyyoota 110 keessatti namoota biiliyoona 6.1 keessaa biiliyoona 1.1 hiyyummaa hamaa kallattii hedduu qabu akka mudate kan agarsiisudha.

Barruun Kamisa kaleessaa akka agarsiisutti namoonni umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e gara miliyoona 584 ta’an hiyyummaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u, kunis daa’imman addunyaa irratti dhibbeentaa 27.9 yoo ta’u, ga’eessota keessaa dhibbeentaa 13.5 ta’u.

Akkasumas namoota hiyyeeyyii addunyaa keessaa dhibbeentaan 83.2 Afrikaa Sahaaraa gadii fi Eeshiyaa Kibbaa keessa akka jiraatan agarsiiseera.

Daarektarri OPHI Sabina Alkire AFP'tti akka himanitti, walitti bu'iinsi tattaaffii hiyyummaa hir'isuuf taasifamaa jiru gufachiisaa jira.


''Sadarka tokkotti argannoowwan kunniin kan hubatamaniidha. Garuu wanti nu rifachiise guddina namoota jireenya madaalawaa jiraachuuf rakkachaa jiranii fi yeroo walfakkaatutti nageenya isaaniif sodaatan –- miiliyoona 455 ture,” jette.

“Kun hawaasni addunyaa hiyyummaa hir’isuu fi nagaa guddisuu zeeroo gochuuf qormaata cimaa garuu kan hin oolle agarsiisa jetti.

Hindiin biyya hiyyummaa hamaa keessa jiran keessaa baay’inaan kan turte yoo ta’u, kunis ummata ishee biiliyoona 1.4 keessaa miiliyoona 234 irratti dhiibbaa qaba.

Itti aansee Paakistaan, Itiyoophiyaa, Naayijeeriyaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo turan. Biyyoonni shanan kun namoota harka qalleeyyii biiliyoona 1.1 ta’an keessaa gara walakkaa ta’uu gabaasa UN, AFP'n gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa dubartii tokko hidhuun abbaa warraa ishee akka hiiktu yoo dirqamsiisan, namoota hedduus hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa'ame

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2924 Uummata nagaa meesha maleeyyii dararuu hojii idilee kan taasifate waraanni maafiyaa PP, golee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa guyyaan hawaasa nagaa irratti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi yakkoota garaa garaa raawwachuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa dubartii tokko hidhuun abbaa warraa ishee akka hiiktu yoo dirqamsiisan, namoota hedduus hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen eeran.

Onkoloolessa 6,2024 waraanni goolessaan sirnichaa aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa jedhamu keessaa dubartii Oromoo maqaan ishee Aadde Uluufaa Mohaammad Hasan jedhamtu badii tokko malee hidhuun abbaan warraa kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo waan ta'eef hiikuu qabda jechuun dirqamaan mallatteessisuun mana hidhaatii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, nama maqaan isaa Obbo Jamaal Ahimed jedhamu ganduma kana irraa qarshii kuma dhibba tokko (100,000) nurraa liqeeffattee nu dhowwatte jechuun sobaan shira itti xaxanii mana hidhaatti yoo darbatan, nama maqaan isaa obbo Alii Jundii jedhamus badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Ganda kana irraa namoonni ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduun gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuun beekameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Matakkal Aana Dibaax keessatti jiraattonni nagaan waraana garboomfataa PP'n hidhamuun jabaate.

ONM-ABO Onkoloolessa 18,2924 Oromiyaa fi Oromiyaan ala bakkeewwan garaa garaa keessatti waggoota ja'aa oliif sarbama mirga namoomaa waraanni faashistii PP lammiilee nagaa irratti taasisaa jiru itti fufuun hanga har'aas uummanni Oromoo furmaata tokko malee qe'ee isaa irratti hiraarfamuu irratti argama.



Murni garboomfataan Bilxiginnaa maqaa shakkamtoota irra deddeebiin hidhuun furmaata waaraa argamsiisuu qabna jedhuun yaadu godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Gaallessaatti Onkoloolessa 12,2024 dargaggoo maqaan isaa Eliyaas Salbaanee jedhamu yakka tokko malee bulchiinsaa magaalichaa keessaa qabuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM'tti himaniiru.

Akka jiraattonni godina Matakkal himanitti yeroo itti qaala'iinsi jireenyaa hawaasa hiraarsaa jirutti murni Bilxiginnaa hawaasa ilaalcha sobaan yakkuun hidhuu, saamuu fi ajjeechaa irratti raawwachaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, waggoota ja'aa oliifis sabicha irratti xiyyeeffatamuun yakki waraanaa fi sarbamni mirgoota namoomaa bifa garaa garaan irratti taasifamu dubbatan.

Kana malees maqaa ilaalcha waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun namoonni hedduun baatii dheeraaf waraana garboomfataa PP'n qabamuun jumlaan manneen hiraarsaa keessatti dararamaa jiraachuunis ifoomeera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Onkoloessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

OLA Conducts Successful Operation in Western Wallaga

ONM-ABO October 18, 2024

The Oromo Liberation Army (OLA), specifically the Oda Kara Brigade, has successfully executed a surprise attack on enemy forces in the Western Wallaga zone, district of Sayo Noole. This operation, which took place in the town of Qoree on October 13, 2024, inflicted significant casualties and resulted in the capture of enemy weapons.

The attack commenced at 12:30 AM local time, with OLA forces sealing off the enemy encampment. Local sources confirmed that the enemy troops, who had been using the camp to terrorize and harass civilians, were completely dislodged. Following the initial assault, enemy forces called for reinforcements from Dabaso, only to be ambushed and dispersed by OLA units en route to the frontline. The remaining enemy forces fled the area in disarray.

In this engagement, OLA neutralized eight enemy combatants, inflicted severe injuries on ten others, and captured two alive. Additionally, OLA seized three automatic rifles, military uniforms, and various meals ready to eat.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Onkoloessa 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn godina Gujii Bahaa keessatti diina du'aa fi madoon adabuun qawwee irraa hiike

ONM-ABO Onkoloolessa 17,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa godina Gujii Bahaa Aanaa Wadaraatti guyyaa kaleesaa jechuun Onkoloolessa 16/2024 mooraa waraana faashistii PP lama irratti tarkaanfii fudhateen qulqulleessee keessa baase jira.

Mooraa waraana maafiyaa PP aanaa Waadaraa ganda Handooyaa Haroo fi Handooyaa Bokkoo jedhamu irratti leencichi barii barraaqaan lola guddaa taasiseen baarudaan macheessee rasaasaan akaa'ee hedduu du'aa fi madoon adabuun mooraa keessaa baasee jira.

Tarkaanfii jajjabeen WBO Zoonii Kibbaa fudhate kanaanis loltoota Bilxiginnaa irraa qawwee AKM 13, rasaasaa PKM 800 fi raashina dugda diina irraa guutumaan guutuutti guurrachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…
Subscribe to a channel