በምዕራብ ወለጋ ዞን በባቦ ጋምቤል ወረዳ የፋሽስቱ ጦር አንድ አርሷ አደርን መግደላችው ተገለፀ።
ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በምዕራብ ወለጋ ዞን ባቦ ጋምቤል ወረዳ የብአዴን አምባገነን መንግስት ህዝቡን እየገደለ፣ እያሰረ እና እየዘረፈ ባለበት ወቅት አንድ አርሶ አደር በ PP የማፍያ ጦር ተገደለ።
በታህሳስ 9 ቀን 2024 ዓ.ም የዳሞት መነ ጃርቴ መንደር ነዋሪ የሆኑት አቶ ሙስጠፋ ር ሲሜሶ የስድስት ልጆች አባት በፒፒ ሰራዊት ተይዘው በቤተሰቦቹ ፊት ለፊት ተገድሎ መጣሉን የመንደሩ ነዋሪዎች ገልፀዋል።
በኦሮሚያ ውስጥ ተመሳሳይ ክስተቶች እየታዩ ሲሆን ሁሉም ነዋሪ በተመሳሳይ ጊዜ በግብር ክፍያ፣ በጎኖፋ ልገሳ እና ለብአዴን ግንባታ እንዲሁም ለወታደራዊ ሃይሎች ድጋፍ በሚል ስም ገንዘብ እየተዘረፈ ነው።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን የዳዊ ሀረዋ ወረዳ ነዋሪዎች በግብር እና በጤና መድህን ስም ዝርፊያ እየተፈፀመባችው ነው።
ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ራሳቸውን ለዝርፊያ ያቋቋሙት የፋሽስቱ ፒፒ ታጣቂዎች በየእለቱ በነዋሪው ላይ ያልተገደበ ዘረፋ እየፈጸሙ ይገኛሉ።
ይህን በማስመልከት በ70ዎቹ የዕድሜ ክልል ውስጥ የሚገኙ አዛውንት አቶ ቲያም አወል በታህሳስ 8 ቀን 2024 ዓ.ም ግብር በመሰብሰብ ስም እና ልጅህ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አባል ነው በሚል ስም 15ሺ ብር በአገዛዙ ታጣቂዎች ተዘርፈዋል ሲሉ ነዋሪዎች አክለዋል።
በወረዳው እንደነበረው ሁሉ በአገዛዙ ታጣቂ ሃይሎች በግብርና በጤና መድህን ስም ዘረፋው ተባብሶ ከ1,000-2,000 ብር ግብር እና ከ400-600 ብር ለጤና መድህን በግዳጅ እየዘረፉ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም እየተደበደቡ ነው ሲሉ የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
በምስራቅ አርሲ ዞን ጀጁ ወረዳ አንድ ወጣት በፒፒ ወታደሮች በተተኮሰ ጥይት ተገደለ።
ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በቃላት ‹አገሪቷን እየመራን ነው› የሚለው የፒፒ አምባገነን መንግሥት የታጠቁ ኃይሎችን በሙሉ ወደ ሲቪል ማኅበረሰብ በማሰማራት በጥይት እየገደለ ይገኛል።
በታህሳስ 6 ቀን 2024 ዓ.ም አማን ሱልሀን የተባለ ወጣት በጀጁ ወረዳ ጉሬ መንደር በብልፅግና ወታደሮች ያለምንም ጥፋት ተገድሎ መንገድ ላይ የተጣለው በኦሮሞነቱ ምክንያት ብቻ መሆኑን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ወጣቱ በህዝቡ ዘንድ ተወዳጅ የነበረ እና ቤተሰቡን ይረዳ ነበር ፥ እናም በኦሮሞነቱ ምክንያት መገየሉን አክሎል።
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti namoota konkolaataan deemaa jiran irratti dhukaasa bananiin nama tokko ajjeesuun lama ammoo madeessan
ONM-ABO Muddee 11,2024 Murna Bilxiginnaan deggaramuun goleewwan Oromiyaa keessatti ijaarsa isaanii cimsatan hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman ilmaan Oromoo haala suukkaneessaan ajjeesuu fi madeessuu godina Wallootti jabeessanii itti fufan.
Muddee 10,2024 aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Maganxaa Karra Qorii jedhamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii cina riphanii eeguun dhukaasa namoota konkolaataa miil-sadee (baajaajiin ) magaalaa Caffaa Roobit irraa gara ganda Shaashoo imalaa turan irratti bananiin nama maqaan isaa Sayid Aliyyii Hamzaa jedhamu haala suukkaneessaan yoo ajjeesan, namoota lama ammoo kan maqaan isaanii Mahaammad Hasan Umar fi Adam Aliyyii jedhaman madeessaniiru.
Jiraattotni nagaan humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin osoo imala irra jiranii haleellaan irratti raawwatameen madaa'an lamaan yeroo ammaa magaalaa Caffaa Roobititti yaalamaa kan jiranii fi madoon isaanii illee cimaa ta'uu jiraattotni dabaluun ONM'tti himaniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 11,2024 Murni garboomfataan PP Koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa kan jiru ta'uun ni beekama.
Aanaa Begii ganda Lalistuu Lophii keessaa Muddee 5,2024 loltoonnii fi ergamtoonni garee maafiyaa PP yakka tokko malee mana Obbo Beekumaa Addunyaa cabsanii seenuun qabeenyaa mana isaa keessa jiru guutummaa guutuutti saamuun, loon 18 fi harree lamas jalaa fudhatanii mana isaas ibiddaan gubanii yoo barbadeessan, Obbo Abrahaam Maammoo nama jedhamu jalaas loon 7 akkasumas, Obbo Lammii nama jedhamu immoo bara darbe keessas loltoota sirnichaan loon 8 jalaa saamamee kan turee fi ammas irra deebiin loon 2 maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo" qabda jedhuun jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Kana malees aanaadhuma kana ganda Abshaala Diinqaa jedhamu keessaa ammoo nama Obbo Bantii Imaanaa jedhamu jalaa Muddee 5,2024 loon afur saamuu fi kanaan duras maqaa sobaa itti maxxansuun loon 18 jalaa saamanii kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
ታህሳስ 11-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Yaada Miseensota WBO Haala Yeroo irraatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti waraanni garboomfataan PP qonnaan bulaa tokko ajjeese
ONM-ABO Muddee 11,2024 Miidhaa fi hacuuccaan osoo irra gahaa jiruu sagalee uummataa ukkaamsuun murni garboomfataan Bilxiginnaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti qonnaan bulaan tokko waraana maafi'aa PP'n ajjeefamuun dhaga'ameera.
Muddee 9,2024 jiraataa ganda Daamota-Mana Jaartee kan ta'e nama maqaan isaa Obbo Musxafaa Siimessoo jedhamu abbaan ilmaan ja'aa maatii fi ijoollee isaa waliin osoo qe'ee isaa irra jiruu qabanii waraanni garboomfataan PP ganda Ambaalloo Diillaatti geessuun bakka addaa Laga Qulii jedhamutti ajjeesanii gatan.
Taateewwan walfakkaataa godinaalee Oromiyaatti uummata Oromoo irratti taasifamaa jiruun yeroo ammaa saamichi maqaa kaffaltii gibiraa, buusaa gonofaa fi deggersa ijaarsa paartii Bilxiginnaa akkasumas humnoota waraanaaf jedhuun xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne jiraattonni cufti yeroo walfakkaataatti qarshii saamamaa akka jiranis itti dabaluun ONM'tti himaniiru.
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti namni lama waraana PP'n ajjeefamuun himame
ONM-ABO Muddee 11,2024 Murni garboomsaan impaayerattii of harkaa qabu daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudatee jiru irraa dandamachuu dadhabuun uummata nagaa maqaa garaa garaa itti moggaasee adamsuun duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwatu cimsee itti fufeera.
Muddee 10,2024 aanaa Dugdaa ganda Burqaa Dambalii fi Daraaraa Daalachaa keessatti namoota lama rasaasa itti roobsuun lubbuu isaanii galaafatanii kan jiran yoo ta'u, namootni ajjeefaman kunneen ganda Burqaa Dambal irraa nama maqaan isaa Tonkoluu Daadhii jedhamu yoo ta'u, ganda Daraaraa Daalachaa irraa ammoo nama maqaan isaa Waarii Ergatoo jedhamu ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees akka aanaa Dugdaatti jiraattonni erga qabeenya keenya irraa nu buqqaasanii jiruu fi jireenya dhabnee ji'oota lakkoofsisaa jirra jechuun, waraanni garboomfataan PP nutti bobbaafamuun ajjeechaa fi saamichaa qabeenyaa nurraatti raawwachuun dararaa geggeessaa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Garee hidhattootaa Bashir Al Asaadiin aangoo irraa buqqise HTS hanga ammaatti ‘ergaa gaarii’ lammiilee Sooriyaaf erguu Ergamaan UN ibse
ONM-ABO Muddee 11,2024 “Hayaat Taayrir al-Sham” fi gareewwan hidhatan biroo kanneen Bashar al-Assad aangoo Siiriyaa irraa haxaa’an lammiilee Sooriyaaf “ergaa gaarii” erganiiru jechuun ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Siiriyaa Kibxata kaleessaa ibseera.
“Hanga ammaatti dhugaan jiru HTS fi gareewwan hidhatan biroon uummata Sooriyaaf ergaa gaarii dabarsaa turan. Ergaa tokkummaa, kan hunda hammate ergaa turaniiru,'' jechuun Geer Pedersen Jenevaatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.
Ergamaan UN Pedersen maqaa shororkeessummaa HTS xiqqeessee kan mul’isee yoo ta’u, al-Asaad aangoo irraa ari’amuu booda qophiin ce’umsaa hanga danda’ametti hunda hammate ta’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
“Murteen sun (kan HTS dura ture garee shororkeessummaa labsuu) erga fudhatamee waggaa sagal ta’eera,” jedhan.
Pedersen baqattoota hedduu waggoota 13 darban keessatti Siiriyaa baqatan gara biyyaatti deebisuu akka jalqaban waamicha akka hin godhamne akeekkachiisuun, haalli kun “dhangala’aa” ta’ee akka jiru cimsanii ibsuun, kaaba bahaatti waldhabdeen itti fufee jiraachuu fi weerarri Israa’el mul'achuun ibsameera.
Israa’el sochii waraanaa fi boombii Siiriyaa keessaa akka dhaabdu gaafataniiru. ''Sochii fi boombii Israa'el dachee Sooriyaa irratti raawwattu arguu itti fufnee jirra. Kun dhaabbachuu qaba. Kun garmalee barbaachisaa dha” jechuu Ergamaa UN miidiyaaleen Baha Giddu Galeessaa ibsaniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuutti waraanni Bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeessan.
ONM-ABO Muddee 11,2024 Mootummaan abbaa irree PP afaaniin "biyya bulchaan jira'' ofiin jedhu hawaasa nagaatti humna waraanaa qabu hunda bobbaasee rasaasaan ficcisiisaa kan jiru yoo ta'u, godina Arsii Bahaa aanaa Jajuutti waraanni bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuun ibsameera.
Mudde 6,2024 aanaa Jajuu ganda Guree jedhamu keessatti loltoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa eeggachuuf bobba'an dargaggoo maqaan isaa Amaan Sulxaan jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf mana jireenyaa isaa keessaa gadi baasanii ajjeesuun karaa gubbaatti gatanii akka uummanni reeffa isaa hin kaasne dhowwaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun nama uummata keessatti jaallatamummaa qabu, maatii isaa akkaan gargaaree jiraachisu ta'uu fi badii tokko malee sababuma Oromummaa isaaf rasaasa itti roobsuun kan ajjeesanii gatan ta'uus itti dabaluun addeessaniiru.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota saamuu jabeessan
ONM-ABO Muddee 11,2024 Gareen saamichaaf of ijaaree guutuu Oromiyaatti bobba'e hidhattootni murna faashistii PP, guyyuu maqaalee adda addaa moggaafachuun saamicha daangaa hin qabne jiraattota irratti raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.
Obbo Tiyaam Awwal kan jedhaman maanguddoo ganna 70 olii jiraataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaati, Muddee 8,2024 hidhattootni sirnichaa maqaa gibira funaanuu jedhuun manneen isaaniitti ol seenuun ilma keetu bosona jira jedhanii qarshii 15,000 afaan qawween sodaachisanii dirqiin harkaa saamanii deemuu jiraattotni dabaluun dubbatu.
Akkuma aanichaatti saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun hidhattoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaachuun gibiraaf qarshii 1000-2000'tti harkaa yoo saaman, inshuraansii fayyaaf ammoo 400-600'tti jiraattota irraa dirqiin saamaa jiraachuu fi namoonni maallaqa jedhame kana kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun hidhamaa fi reebamaa akka jiran jiraattotni onichaa ONM"tti himaniiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ ሁለት ሰዎች በፒፒ ወታደሮች ተገድለዋል።
ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ግዛቱን የተቆጣጠረው አምባገነኑ ቡድን እየደረሰበት ያለውን የፖለቲካ ድካም መቋቋም ባለመቻሉ ሰላማዊ ዜጎችን በተለያየ ስም እያደነ በሕዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻውን አጠናክሮ ቀጥሏል።
ታህሳስ 10 ቀን 2024 ዓ.ም በዱግዳ ወረዳ ቡርቃ ዳምባሊ እና ደራራ ዳለቻ በተባሉ መንደሮች ሁለት ሰዎች በጥይት ተገድለዋል ። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል የቡርቃ ደምበሊ መንደር የሆነው ተንኮሉ Daadhii እና የደራራ ዳለቻ መንደር የሆነው ዋሪ ኤርገቶ መሆናችውን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ከዚህም በላይ የዱግዳ ወረዳ ነዋሪዎች ከንብረታቸው ተፈናቅለው ለወራት ኑሯቸውን አጥተዋል ብለዋል።
የአብይ አህመድ የፋሽስት ወታደሮች በቡኖ በደሌ ዞን በዳቦ ሃና አውራጃ 2 ወጣቶችን በአሰቃቂ ሁኔታ ገድለው ጥለዋል።
ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና አረመኔ ወታደሮች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ስለተሳናችው ወደ ሲቪል ማህበረሰብ በመሰማራት አሰቃቂ ስቃይ እየፈጸሙ ነው።
በዳቦ ሀና ወረዳ የኢፋ ባባስ ኩሬ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደተናገሩት የብልፅግና የፋሽስት ወታደሮች መገርሳ ያአቆቢ እና አቦምሳ የተባሉ ወጣቶችን ከቤታቸው አውጥተው በጥይት መግደላችው ታውቆዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ ወጣቶቹ የየራሳቸውን ስራ እየሰሩ በምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ ምንም አይነት ተሳትፎ ያልነበራቸው ሲሆን የተገደሉት በሀገር መከላከያ ሰራዊት ተብዬው ነው።
Godina Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti qonnaan bultoonni dirqiin leenjii milishummaaf guuramuun jabaate
ONM-ABO Muddee 11,2024 Akka godinaalee Baalee lamaaniitti abbootiin warraa dirqiin leenjii milishummaa akka fudhataniif maatii irraa ukkaamfamuu fi dargaggoonni ammoo gara adda waraanaatti guyya guyyaan guuramuun cimee itti fufuu maddeen keenya ONM'tti himan.
Aanolee kanneen akka Sinaanaa, Gobbaa, Gaasaraa, Jaarraa, Daawwee Sarar, Daawwee Kaachan, Raayitoo Qalbii, Gooroo fi bulchiinsota magaalotaa irraa jumlaan kanneen ukkaafaman hedduu akka ta'anis dubbatu.
Namoonni miseensota raayyaa ittisa impaayerattiitti, milishaa, farra riphee lolaa fi humnoota poolisiitti guuramaa jiran kunneen kanneen fayyaa guutuu hin qabne dabalatee, daa'imman umriin isaanii hojii loltummaaf hin geenyes akka keessatti argaman dubbatu.
Kana malees jiraattonni godinaalee kanneenii ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun guuramanii hidhamuu, maqaa kaffaltii adda addaan saamamuu fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti jabaachuus dabaluun ONM'tti himaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti hidhaa fi gubaatiin manneenii loltoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 11,2024 Milishoonni fi poolisoonni sirnichaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa bakkeewwan adda addaa qabatanii jiran guyyuu qe'ee uummata Oromootti bobba'uun hawaasa nagaa hiraarsuu akkuma itti fufanitti jira.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Tiiphatoo jedhamu irraa Muddee 10,2024 loltoonni dhala namaaf naasuu tokkollee hin qabne namoota nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Amaanu'eel Waggaarii,
- Misgaanuu Sarbeessaa,
- Dinquu Abarraa,
- Dastaa Abarraa,
- Takilee Beekumaa,
- Biqiltuu Geetaachoo,
- Aadde Asteer haadha daa'ima tokkoo,
- Aadde Baaccuu haadha daa'ima shanii,
- Gammee Habtaamuu fi kanneen biroo hedduu ta'an badii tokko malee qe'ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees Obbo Solomoon Torbanii nama jedhamu ammoo "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jechuun haadha warraa isaa Aadde Asteeriin hidhanii, mana jireenyaa isaas ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Caayaa Dubartoota Oromo ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Barbaachisummaa ijaaramuu Dubartoota Oromoo,Qooda Dubartoonni Oromoo QBO keessatti qabanii fi shira Biltsiginnaa irraatti maree Jaal Yasriibaa Ahimed fi Jaal Haadha Aanaa waliin turtii taasifna!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Caasaaleen Bilxiginnaa Godina Wallootti jiraattota Aanaa Harxummaa Fursee irraa gara Aanaa Dawwee Harawaatti galan maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun hidhuu fi reebuu yoo jabeessan, lagaan qoodaniis jiraattota naannichaa irratti duulchisuun qe'ee irraa buqqisiisan
ONM-ABO Muddee 11,2024 Uummanni aanaa Harxummaa Fursee fi aanaa Dawwee Harawaa waggoota baay'eedhaaf uummata jaalalaa fi kabajaan gamaa fi gamanaa walitti ce'ee gaddaa fi gammachuu waliin qooddataa as ga'eedha.
Haa ta'u malee sirni kutaa fi lagaan Oromoo qoqqoodee tokkummaan sabichaa akka hin jiraanneef ifaaju Bilxiginnaan, tibba kana Sadaasa 28,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galuun waggoota 2'f hawaasichaa waliin nagaan jiraachaa turan hawaasa naannichaa irratti kakaasuun yoo buqqisiisan, warroota hafan ammoo maatii qabsaa'otaati ittiin jechuun reebuu fi hidhuu itti fufan.
Muddee 9,2024 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan keessaa tokko kan ta'e abbaa ijoollee 5 Obbo Umar Qajjiisee nama jedhamu ganda Manduuboo kan jiraatu milishoonni sirnichaa iddoo ooyiruu isaa dhaquun itti marsanii maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun sobaan yakkanii reebicha ulfaataa irraan ga'uun konkolaataa keessa buusanii deemuu fi yeroo ammaa eessaan akka ga'anis hin baramin jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Akka jiraattotni gandichaa dabaluun himanitti, jiraattotni baay'inaan aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan kun ooyiruu namootaa qixxee fuudhuun kan qotanii fi cilee dha'uun maatii isaanii kan jireessan ta'uu himuun, murni PP ammoo dabballoota isaa gandichatti bobbaasuun jiraattota aanichaan warreen kun nuuf hin tolan nurraa haa ka'an jedhaa mormii kaasaa jedhanii dirqamsiisuun akka buqqisan yoo taasisan warroota hafan ammoo maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun hidhuu fi reebuu ifoomsaniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun qarshii hedduus irraa saamuu itti fufan
ONM-ABO Muddee 11,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa "Faannoo" jedhu moggaafachuun socho'an ammas godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa isaanii raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Doozerii Cabaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yoo ta'u, Mudde 07,2024 namoota maqaan isaanii;
- Rabbirraa Obsaa,
- Abbittii Biraanuu,
- Daani'eel Akkumaa fi
- Rabbumaa kanneen jedhaman butuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 700,000 irraa saamanii gadi dhiisuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen konkolaataan osoo deemanii kan ukkaamfaman ta'uu himuun, finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen ilmaan Oromoo ukkaamsuun qarshii guddaa gaafachuun kan yeroo jalqabaa kan hin taane ta'uu fi rakkoo ulfaataan jiraattota aanichaa irratti raawwachaa jiru hammaataa akka ta'e himu.
#Kuyyuu
Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti waraanni faashistii PP meeshaalee gurguddaa rokkeettii dabalatee raawwachaa jiruun miidhaa qaqqabsiisaa jiru keessatti dheengadda Muddee 9,2024 daa'imni tokko dhukaasa baqachaa osoo jiru miidhame.👇
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota 2 haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatan.
ONM-ABO Muddee 11,2024 Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaatti deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran yoo ta'u, ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii Magarsaa Yaaqobii fi Abboomsaa jedhaman manaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii kan jiraatanii fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta'uu himuun, badii tokko malee kan isaan ajjeese waraana impaayerattii kanneen Raayyaa Ittisa biyyaa jedhaman ta'uu himaniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessaa waraanni faashistii PP jiraattota hidhuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 11,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun sobaan yakkuun adamsanii hidhaatti guuruun, yoo feedhan maallaqa guddaa irraa saamuun miidhaa hangana hin jedhamne dinagdee isaanii irratti geessisaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Aanaa Qondaalaa ganda Kollii Carphaa jedhamu keessaa Mudde 6,2024 loltoonni sirnichaa jiratootta maqaan isaanii:
- Ruuqiyaa Margaa,
- Zamzamuu Naggaa,
- Roomee Hasan jedhamanii fi kanneen saalaan dhiira ta'an maqaan isaanii adda hin baane hedduu reebicha ulfaataa irraan gahuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "hidhata WBO qabdu" jedhuun hidhanii jiraachuu fi akkuma aanichaatti gochoonni farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuunis ibsameera.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 10-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Humna Weelluu ONM-ABO Muddee 10-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️