Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Arsii bahaa Aanaa Sirkaa keessatti WBOn diina du'aa fi madoon adabuu beeksise
ONM-ABO Muddee 14,2024 Abdii fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Maddaa Walaabuu diinaa maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa kaleessaa Muddee 12,2024 Aanaa Sirkaa ganda Galabee Amajaa iddoo addaa Bal'aa jedhamutti itti marsuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessuun hedduu du'aa fi madoon adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguuddaa keessatti uummata dararuu itti fufan
ONM-ABO Muddee 14,2024 Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Galma, Qajimaa fi Sorooroo Malkaa Jawwee ykn Taabboo keessatti Muddee 12,2024'tti saamtotni Abiy Ahimed maqaa waraanaan bobbaase manneen dhugaatii keessatti wantoota gurguraman biiraa, haraqee, bookaa fi nyaata saamuun uummata irraanis miidhaa qaqqabsiisan.
Ergamtootni teessoo Abiy Ahimed tiksuuf bobba'an saamicha raawwataniin machaawuun ganda Qajimaa Haroo Booraa keessatti dubartoota 8 gudeeduun barameera.
Akka hawaasni gandichaa tokko tokko jedhanitti dubartoota gudeedaman keessaa 2 deessuu ta'uu himuun, dubartiin biraa "Bundee Onnee " jedhamtu erga deessee kaatee bultii 27 ta'uu Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.
Waraanni maafiyaan PP kan kabajaa fi safuu namummaa hin beekne kun dubartii maqaan ishii Aadde Shokoraa Hoxxeessaa jedhamtus, deessuu ji'a 3 kan taate erga dhuganii macha'aniin booda, abbaa manaatiin naaf hayyami jechuun abbaan manaa yeroo mormu dirqisiisuun fedhiin foonii isaa irratti raawwachuun barameera.
Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irraa midhaan saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 14,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif dandaa'ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti gocha suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti hawaasa jalaa midhaan saamanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa Mudde 8,2024 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne midhaan kubbaayyaa 40-40 akka kennaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun, gatii gibiraa humnaan olii irratti muruun namni duraan qarshii 200 kaffalu yeroo ammaa kana hanga qarshii 4,000'tti kaffalaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarattitti haleellaa qilleensarraa murni garboomfataan PP taasiseen lubbuu namaa fi qabeenyaa irra miidhaan ga'uun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 14,2024 Bulchiinsa abbaa irree koloneel Abiy Ahimed keessatti uummanni Oromoo lafoo fi qilleensa irraan haleelamuun uummanni nageenya dheebote faallaa isaa bakka tokkotti jumlaan ajjeefamuu, kumootaan ammoo wal cinatti madoon qaama hir'uu taasifamuunii fi manneen isaanii haleellaa diroonii fi meeshaalee gurguddaan gubachaa jira.
Muddee 12,2024 godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu bakka addaa Baayyee jedhamutti murni Bilxiginnaa humna qilleensaa fayyadamuun haleellaa taasiseen namoonni hedduun ajjeefamuu fi gariin ammoo mada'uu maddeen keenya onichaa ONM'f eeraniiru.
Gareen faashistii PP kun Muddee 12,2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Jamjam Meelaa fi Haroo Guullallee keessatti meeshaa akka Madfii, Taankii, Zu 23 fi Moortoraan dhukaasaa ooleen lubbuu uummata nagaa yoo xiqqaate 4 ajjeesuu fi namootni 9 ammoo madaa'uun barameera.
የ11 ዓመቷ ታዳጊ በሜዲትራኒያን ባሕር ላይ ለሦስት ቀናት ከተንሳፈፈች በኋላ በሕይወት ተገኘች።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የአስራ አንድ ዓመቷ ሴራሊዮናዊት ታዳጊ በሜዲትራኒያን ባሕር ላይ በአየር በተሞላ የጎማ የውጥ ክፍል (ከመነዳሪ) ላይ ተንጠልጥላ ለሦስት ቀን ስትንሳፈፍ ከቆየች በኋላ በነፍስ አድን ሠራተኞች ተገኘች።
ኮምፓስ ኮሌክቲቭ መንግሥታዊ ያልሆነ ድርጅት የነፍስ አድን ሠራተኞች በባሕሩ ላይ ወደ ደረሰ ሌላ ድንገተኛ አደጋ በማቅናት ላይ ሳሉ ነበር የታዳጊዋን የአድኑኝ ጥሪ ሰምተው የደረሱላት።
ስሟ ያልተገለጸው የሴራሊዮናዊቷ ታዳጊ ቱኒዚያ ውስጥ ከሚገኘው ስፋክስ ከተባለው የባሕር ዳርቻ ከ44 ሰዎች ጋር ጉዞ እንደጀመረች ተናግራለች።
እሷ እና ሌሎች ስደተኞችን አሳፍራ ስትጓዝ የነበረችው ጀልባ አደጋ ደርሶባት ከተገለበጠ በኋላ ስትሰጥም ሌሎቹ ስደተኞች በሙሉ ሳይሞቱ እንዳልቀረ ተገምቷል።
በአስቸጋሪው የሜዲትራኒያን ባሕር በኩል ወደ አውሮፓ ለመሻገር የሚሞክሩ በሺዎች የሚቆጠሩ አብዛኞቹ አፍሪካውያን የሆኑ ስደተኞች በየዓመቱ ለሞት ይዳረጋሉ።
የነፍስ አድን ቡድኑ ኮምፓስ ኮሌክቲቭ ቃል አቀባይ ካትያ ቴምፕል ለቢቢሲ እንደተናገሩት ትሮታማር 3 በተባለችው መካከለኛ መርከብ ላይ ሲጓዙ የነበሩት ነፍስ አድን ሠራተኞች ናቸው ታዳጊዋን ያገኗት።
ሴራሊዮናዊቷ ስደተኛ በወቅቱ እንደነገሩ የሚባል የነፍስ አድን ጃኬት ለብሳ እና ሁለት የጎማ የውስጠኛ ክፍል (ከመነዳሪ) ወገቧ ላይ አስራ ባሕሩ ላይ ስትንሳፈፍ የተገኘችው ረቡዕ ከሰዓት በኋላ ነው።
ታዳጊዋ እንደተናገረችው ከሌሎች ጋር የተሳፈረችባት ከብረት የተሠራችው ጀልባ 3.5 ሜትር ከፍታ ባለው ኃይለኛ ማዕበል በመመታቷ በሰከንዶች ውስጥ መስጠሟን እና እሷ እና ሌሎች ሁለት ሰዎች ለተወሰነ ጊዜ በውሃ ውስጥ አብረው ቆይተው ተጠፋፍተዋል።
ታዳጊዋን ከባሕር ላይ ያወጧት የነፍስ አድን ሠራተኞች በላምፔዱዛ ደሴት ለሚገኙ የጣሊያን ባለሥልጣናት አሳልፈው ሰጥተዋታል።
የዓለም አቀፉ የስደተኞች ድርጅት (አይኦኤም) ከ10 ዓመታት በፊት ጀምሮ በሜዲትራኒያን በኩል የሚያቋርጡ ስደተኞችን መመዝገብ ከጀመረ ወዲህ 30,955 ስደተኞች ባሕሩን ለማቋረጥ ሙከራ ሲያደርጉ ሕይወታቸውን አጥተዋል ወይም የደረሱበት አልታወቀም።
የተባበሩት መንግስታት የስደተኞች ድርጅት (ዩኤንኤችአር) ባወጣው መረጃ መሠረት እየተጠናቀቀ ባለው የአውሮፓውያን ዓመት ብቻ ከ63,000 የሚበልጡ ስደተኞችን ጣልያን ተቀብላለች።
ቢሆንም ግን ወደ ጣልያን ባሕር አቋርጠው የሚጓዙ ስደተኞች ቁጥር ቀንሷል። ለዚህም ምክንያት ከሆኑ ጉዳዮች መካከል በጠቅላይ ሚኒስትር ጆርጂያ ሜሎኒ የቀኝ ክንፍ መንግሥት በሚያራምደው ጠንካራ ስደተኞችን የተመለከተ ፖሊሲ አንዱ ነው።
የፒፒ ወኪሎች በቡኖ በደሌ ዞን ጨዋቃ አውራጃ ውስጥ የህዝብ ቤቶችን በጅምላ ማቃጠልን አጠናክረው ቀጥለዋል።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).
ፋሺስቶች በየቤቱ ንፁሀንን እየበተኑ፣ እያሰሩ፣ እየዘረፉ፣ በጠመንጃ በግዳጅ ወደ ጦር ሜዳ እየወሰዱና የሰላማዊውን ህዝብ ቤት እያቃጠሉ ።
የሰው በላ ቡድን በሰላማዊ ሰዎች ላይ እየፈጸመ ያለው የወንጀል ድርጊት በተለያዩ ቦታዎች ተጠናክሮ መቀጠሉን ነዋሪዎች ይናገራሉ።
በዚህም መሰረት በታህሳስ 12 ቀን 2024 ዓ.ም የግዛቱ እረኞች በቡኖ በደሌ ዞን ቡሊ መንደር ውስጥ ስማቸው ያልተገለፀ የሰባት ሰላማዊ ዜጎችን ቤት ከነ ሙሉ ንብረታችው ጋር አቃጥለዋል።
በምስራቅ ወለጋ ዞን በጅማ አርጆ ወረዳ የፒፒ የማፊያ ሰራዊት ሰላማዊ ዜጎችን ማሰር እና መዝረፍ ቀጥሏል።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).
በታህሳስ 3 ቀን 2024 ዓ.ም የአብይ አህመድ ወታደሮች በምስራቅ ወለጋ ዞን በጅማ አርጆ ወረዳ በተለያዩ ወረዳዎች ሰላማዊ ዜጎችን ማሰቃየት ቀጥለዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- ሰንኚ ፍቃዱ
- አብዲ ሀሮ
- ኑጉሴ ጉያሳ እና ወንድሙ
• ለሜሳ ጉዬሳ ያለ ምንም ጥፋት እየተሰቃዩ ነው ሲሉ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ከዚህ በተጨማሪም ያደታ ተስፋዬ የሚባል ሰው ቤት ሰብረው በመግባት ንብረቶቹን ዘርፈው ሌሎችን ሙሉ በሙሉ ማውደማቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
ምንጮቻችን አክለውም በዚሁ ወረዳ በኩራ መንደር የአገዛዙ እረኞች ሰባት የቀንድ ከብቶችን ከአቶ አስፋው በንቲ ከሚባል ግለሰብ ዘርፎዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ እነዚህ ሰዎች የየትኛውም ቡድን የፖለቲካ ግንኙነት የሌላቸው ሲሆን ሀገሪቱን እንመራለን የሚለው ፓርቲ ሰራዊቱን ወደ ላልታጠቀው ማህበረሰብ በማሰማራት እያሰቃያቸው ነው።
በጅማ ዞን በጅማ ከተማ አስተዳደር የብልፅግና ካቢኔዎች ከህዝቡ ገንዘብ መብላታችው ተሰማ።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).
የብአዴን ካቢኔዎች በህግ ሽፋን የተለያዩ ወንጀሎችን እየፈፀሙና በውሸት የግል ጥቅማጥቅማቸውን እያገኙ ሲሆን በተለይም በአሁኑ ወቅት የግዛቱን ኢኮኖሚያዊ ውድቀት ተከትሎ በገንዘብ ክፍፍል ምክንያት ከፍተኛ ሌብነት እና እርስ በርስ በመጋጨት ላይ ይገኛሉ።
የግል ጥቅማቸውን ብቻ የሚያስቡ የብአዴን የካቢኔ አባላት ብዙ ገንዘብ እየወሰዱ ህብረተሰቡን በማስፈራራት እና የተለያዩ ወንጀሎች እየፈፀሙ እርስ በርስ እየተጋጩ እርስ በእርሳቸው ላይ ከፍተኛ ጉዳት እያደረሱ መሆኑን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ባለፈው ሳምንት የከተማው የብልፅግና ካቢኔዎች ጉቦ መስጠት ተስኗቸው እርስ በእርሳቸው ለጥቃት መጋለጣቸውን የገለፁት ምንጮቻችን አንዱ አንዱን "በሙስና" በመክሰሳቸው አንዱ ሌላውን እየታሰረ ከስልጣን መነሳቱን ምንጮቻችን አክለዋል።
WBOn Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa Keessatti Diina Du'aa fi Madoon Adabe
ONM-ABO Muddee 13,2024 Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa Aanaa Galaana ganda Shoroo bakka adda Adammee jedhamutti kaleessa Muddee 12,2024 waraana faashisti Abiy Ahimed irratti tarkaanfii laalessaa bakka lamatti fudhateen waraana Abiy Ahimed irraa 10 ol yemmuu ajjeessu 14 madoon adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Eebantuutti loltoonni PP jiraattota hidhuu fi mana irratti gubuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 13,2024 Dandeettiin yaaduu isaanii hanga uraa lilmoo gaditti dhiphaa kan ta'e ergamtoonni sirna nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa maqaa inni hin qabneen yakkuun gochoota gara jabinaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Eebantuu ganda Beesee jedhamu keessaa Muddee 6,2024 ergamtoonni garaan isaanii ilmaan namootaaf naasuu tokkollee hin qabne waraanni faashistii PP nama maqaan isaa Obbo Dhugaasaa Qana'aa jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaa ibidda itti shidanii qabeenya hunda waliin barbadeessuun, isas haadha warraa isaa waliin qabanii deemuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, maatiin kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta'uu himuun, jaleewwan sirnichaa ammoo maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu" jedhu itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa kanneen irratti raawwachuu dubbataniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo butuun qarshii guddaa irraa saamuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 13,2024 Nafxanyaan ilmaan Minilik Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti deggersaa fi tumsa murna Bilxiginnaa dawoo godhachuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa suukkanneessoo ta'an garaa garaa raawwachaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Muddee 9,2024 aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Lagootti gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho'an nama maqaan isaa Obbo Tamee Tolasaa jedhamu halkan mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun qarshii kuma dhibba jaha (600,000) irraa saamuun gadi dhiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessatti irra deddeebiin ilmaan Oromoo butuun achi buutee dhabamsiisuu, qarshii hedduu gaafataa jiraachuu fi haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatuu cimsanii itti fufanii waan jiraniif addatti immoo aanaa Abee Dongoroo, Amuruu, Jaardagaa Jaartee fi kanneen biroo hedduu keessatti miidhaa ciccimaa geessisaa kan jiranii fi hawaasni naannawaa kanneenii yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta'uu dubbatu.
ታህሳስ 13-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu itti fufanii jiraachuun himame.
ONM-ABO Muddee 13,2024 Loltoonni Bilxiginnaa akkuma fedhan bobba'uun hawaasa meesha maleessa dararuu jabeessanii itti fufanii kan jiran ta'uun ni beekama.
Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Guutee bakka addaa gabaa Sanbataa jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed namoota maqaan isaanii Obbo Daadhii Gaaddisaa fi Darajjee jedhaman Muddee 8,2024 horii isaan qaban hunda saamanii gara godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Shooxii geessuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.
Gandicha keessatti loltoonni impaayera bututtuu suphuuf ifaajan hawaasa meesha maleessa irratti dhukaasa banuun shororkeessaa jiraachuus maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti tarkaanfii laalessaa fudhatee jira.
ONM-ABO Muddee 14,2024
Har'a Muddee 14 ganama barii barraaqa irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa WBOn Birgeediin Murtoo Guutoo, Birgeedii Badhoo Dachaas, Odaa Kormaa fi Risaa Laga Mogor irraa waraanni qindaa'uun Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabaratitti fudhachaa jiruun humnoota diinaa du'aa fi madoon adabuun hedduus harkaan qabaa jira.
Tarkaanfii kunis Gandaa Gagoo Biitee iddoo addaa Dhoksaa, Kototaa, Leencaa fi Biitee jedhamutti akka geggeeffame barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Poolisiin Hindii balaa boombii baankii giddugaleessaa Mumbaayitti mudate qorachaan jira jedhe
ONM-ABO Muddee 14,2024 Poolisiin magaalaa guddoo giddu galeessa daldalaa Hindii Mumbaayitti Jimaata kaleessa akka jedhetti, balaa boombii Baankii Riizarvii Hindii (RBI) irratti ergaa iimeelii Raashiyaan haleellaa dhoo’aa akeekkachiisu erga argateen booda qorachaa akka jiran ibseera.
Akeekkachiisni kun teessoo imeelii seeraa bulchaa RBI haaraa muudame Sanjay Malhotraaf ergame jedha poolisiin olaanaan Mumbaayi. ''Dhimma kana galmeessineerra, qorannoon itti fufee jira,'' jedhan qondaalli kun.
Manneen barnootaa, buufatni baaburaa, buufatni xiyyaaraa fi daandiiwwan qilleensaa Hindii bara kana doorsisni boombii dhibbaan lakkaa’amu kan soba ta’ee argameef saaxilamaniiru.
Yoo xiqqaate manneen barnootaa Delihii 40 Wiixata darbe karaa iimeelii doorsisa boombii kan argatan yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa fi buufataaleen xiyyaaraa Hindii ammoo hanga Hagayya bara kanaatti doorsisa sobaa gara 1,000 kan argatan yoo ta’u, kunis bara 2023 guutuu dachaa kudhaniin caala jechuun Rooyitars gabaaseera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi manneen gubuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 14,2024 Kabaja namummaa hanguma xurii qeensallee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin loltoota PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yakkoota gara jabinaa walfakkaataa irra deddeebiin uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo keessaa Muddee 8,2024 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Alqaadii Lamuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Mahaammad abbaa ijoollee 2 yoo ta'u, siyaasa kam irraa walaba kan ta'ee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "ilma keetu bosona jira" jedhuun naasuu tokko malee ajjeesanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Ergamtoonni garaa isaaniif bulan kunneen ganduma Shuuraa Maaramoo keessaa torban darbe nama maqaan isaa Yaasinuu Wanaagaa jedhamu ammoo mana jireenyaa isaa ibidda itti shidanii qabeenyaa hunda waliin jalaa barbadeessuun, horii inni qabu hundaa fi lukkuu soddomas (30) jalaa saamanii deemuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, Obbo Yaasinuu irratti yakkoonni kunneen hundi sababa Oromummaa isaa qofaaf kan irratti raawwataman ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammallee halkanii fi guyyaa maatii isaa irraan reebicha hamaa gahuun dararaa jiraachuus dubbatu.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni maafiyaan PP jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu ittuma fufan
ONM-ABO Muddee 14,2024 Impaayera afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween suphuuf halkanii fi guyyaa kan ifaajan gareen maafiyaan Bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin jumlaan ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan hawaasa nagaa maqaa leenjii milishummaa jedhuun ukkaamsuu ittuma fufuun, ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa Muddee 11,2024 namoota maqaan isaanii:
- Waaqwayyaa Guddinaa,
- Dassaalee Dhufeeraa,
- Tarreessaa Waggaarii,
- Biraanuu Amantee,
- Daawwit Bulii,
- Yaadasaa Qajeelaa,
- Caalaa Xiixaa,
- Gaarummaa Waldaa,
- Badhaasaa Waldaa fi kanneen biroo hafan lakkoofsaan 70 ol ta'an ukkaamsuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni leenjii waraanaaf ukkaamfaman kunneen irra jireessaan abbootii warraa ta'uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የፋሽስቱ ተላላኪዎች በምስራቅ ወለጋ ዞን ጉዳያ ቢላ ወረዳ በሲቪል ማህበረሰብ ላይ እየዘረፉ እንደሚገኝ ተነግሮዋል።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).
የፋሽስቱ ወታደሮች እንደፈለጉት ተሰማርተው ያልታጠቁትን ማህበረሰብ ማሰቃየት ቀጥለዋል።
የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች በታህሳስ 8 ቀን 2024 ዓ.ም አቶ Daadhii ጋዲሳ እና ደረጄ ከተባሉት የቀንድ ከብቶቻችውን ዘርፈው የመንደሩ ነዋሪዎች ወደ ሆሮ ቡሉቅ ወረዳ ሃሮ ሾጢ መንደር ወሰዷቸው ሲሉ። ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
የንጉሠ ነገሥቱ ወታደሮች ኢምፓዬርን ለመጠገን ሲሞክሩ የነበሩት ወታደሮች በመንደሩ ውስጥ ያልታጠቁትን ማህበረሰብ እያሸበሩ መሆናቸውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
በምስራቅ አርሲ ዞን በመርቲ ወረዳ የብልፅግና አንጃ ቡድን ነ ነዋሪዎችን መዝረፋቸውን ቀጥለዋል።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO)
ሆዳቸውን ለማርካት ብቻ የሚኖሩ ተላላኪዎች በአሁኑ ጊዜ በኦሮሞ ህዝብ ቤት እንደፈለጉት ልዩ የሆነ ዘረፋ ላይ ተጠምደዋል።
የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ጦር በመርቲ ወረዳ በተለያዩ ቦታዎች ሰላማዊውን ማህበረሰብ እየዘረፈ ሲሆን በአሁኑ በደምበቃ ኢፍቱ መንደር ከእያንዳንዱ ሰው 500 ብር እየዘረፈ ይገኛል።
የፒፒ ወኪሎች በተመሳሳይ ወረዳ በደምበቃ ጋርጃሌ መንደር በተለያዩ የክፍያ ዓይነቶች ስም ከእያንዳንዱ ሰው 7,000 ብር በግዳጅ እየዘረፉ መሆኑን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
ከላይ እስከ ታች ያሉት የብልፅግና አንጃ ቡድን በግዛቱ ከፍተኛ የኢኮኖሚ ውድቀት ምክንያት ከመጠን ያለፈ ዘረፋ ላይ እንደሚገኙ ይታወቃል።
በኢሉ አባ ቦራ ዞን ዳሪሙ ወረዳ በነዋሪዎች ላይ የአገዛዙ ወታደሮች የሚፈጸሙት ዘረፋ ተባብሷል።
ታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).
የንጉሠ ነገሥቱ አምባገነንነት ሁሉንም ወኪሎቹን በማሰማራት አምባገነናዊነቱን በሲቪል ማህበረሰብ ላይ በግልጽ በማወጅ ለህልውናው በሚስማማ መልኩ እየፈፀመ ይገኛል።
ባለፈው ሳምንት በዳሪሙ ወረዳ በኤፋርሲ መንደር በአሁኑ ወቅት በመንግስት የተሾሙት ካቢኔዎች የተለያዩ ነገሮችን እንደምክንያት በመጠቀም የህዝብ ንብረት በመዝረፍ 800 ኩምታል ቦቆሎ ወይም 2400,000 ብር ጥሬ ገንዘብ ከመንደሩ ነዋሪዎች መዝረፋችውን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልፆዋል።
በጃርሶ መንደር ነዋሪዎች ላይ የተጋነነ ግብር በመጣል የሚበሉት ከሌላቸው አርሶ አደሮች እስከ 5,000 ብር እየዘረፉ እንደሚገኙም አክለዋል።
WBOn zoonii Harsadee goodina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqaalaa fi Dugdaa keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhate
ONM-ABO Muddee 13,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqaalaa ganda Daglaa Galaa Dheeraa iddoo addaa Dheeraa jedhamu keessatti kaleessa Muddee 12,2024 waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii jajjabduu fudhateen loltoota 3 yommuu irraa ajjeesu 4 madoon adabe jira.
Abdiin saba Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii isaa itti fufuun ergamtoota waraana Bilxiginnaa irratti har'a Muddee 13 guyyaa sa'aa 7:30tti, godinuma Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Doolessaa keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed haxxee itti hidhuun battalumatti loltoota 5 ol irraa ajjeessuun 7 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa❗
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo keessatti loltoonni murna Bilxiginnaa meeshaalee waraanaa gurguddaa uummata irratti dhukaasuun qabeenyaa fi lubbuu namootaa irraan miidhaa yoo dhaqqabsiisan hidhaas jiraattota irratti hammeessan.
ONM-ABO Muddee 13,2024 Nagaaf tasgabbii waaraan Yeroo tokkoof mul'atee kan hin beekne impaayera Itiyoophiyaa keessatti, Yeroo ammaa kanas lola kallattii maraan irratti banamaa jiruun loltoota ishee du'aan gariin immoo fayyaatti dhabaa jirtu impaayerattiin miidhaa qaamota hidhatanii lolaa jiranii irraa fayyuu dadhabuun, faallaa kanaa uummata meesha maleeyyii qe'ee isaatti itti dhaquun meeshaalee waraanaa gurguddaa itti dhukaasuun lubbuu obbaasuu ,akkasumas hidhaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa hawaasa irratti geggeessaa jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo Ganda Jamjam Meelaa jedhamu keessatti Muddee 12,2024 ganama irraa loltoonni sirnichaa maatii Abboomaa qabuun namoota 2 kan keessaa ajjeesan oggaa ta'u, maatii qabsaa'otaa gandicha keessa jiran qabuun hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.
Guyyuma kana bakka addaa magaalaa Qaaccamee jedhamuu keessa dhaabbachuun meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka Moorteraa, ZU 23 fi Madfii ganda Laantuu Wal Argii keessatti uummata daboo irra jiru irratti darbachuun namoota hedduu fi daa'imman lama oggaa madeessan galgaluma sana magaalaa Qarree Gu'aa dhaabbachuun ganda Haroo Mikaayeliitti dhukaasuun miidhaa namootaa fi qabeenyaa uummataa irraan geessisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Jiraattotni Aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galuun jiraachaa turan marsaa 2'ffaaf bulchitoota sirnichaan saamamuu, reebamuu fi qe'ee irraa buqqifamuun cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 13,2024 Bulchitoonni murna Bilxiginnaa aangoo of harkaa qabanitti dhimma ba'uun kan hawaasa nagaa hidhaa, ajjeesaa, saamaa, qe'ee irraa buqqisaa fi reebichaan doorsisaa jiraniin cinaatti, jiraattota waggoota baay'eedhaaf nagaan waliin jiraachaa turan kutaa fi lagaan gargar qoodanii wal irratti duulchisuu itti fufaniiru.
Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti bulchaan ganda Dirree maqaan isaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa gara aanaa Dawwee Harawaatti galanii waggoota 2'f aanicha keessa jiraachaa turan Sadaasa 28,2024 irraa eegaluun hawaasa naannichaa irratti kakaasee warreen aanota biraa irraa dhufan kun nurraa haa ka'an jedhaa xiqqaa fi guddaan osoo hin hafne ba'aatii balaleffadhaa jedhee dirqiin hawaasicha irratti baasee jiraattota danuu buqqisiisee jiraachuu ONM isiniif gabaasuun ni yaadatama.
Yeroo ammaas bulchaan ganda Dirree kun gochaa badii isaa kana itti fufuun, Muddee 9,2024 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa dhufanii ganda Manduubootti galanii jiran keessaa nama maqaan isaa Obbo Heeydar Umar Alii jedhamu kan cilee dha'uun ofii fi maatii isaa jiraachisu iddoo inni cilee ardaba 22 dha'ee magaalaa baafachuuf walitti qabatee jirutti bulchaan gandichaa kun fudhatee konkolaataatti fe'achuun mana isaatti galfateeras jedhan.
Obbo Heeydar abbaa maatii kan ta'ee fi yeroo ammaa dafqa isaa ji'oota hedduu saamameen cinaatti bulchaa gandaa kanaan reebamee qe'ee irraa maatii isaa waliin ari'amee kan jiru ta'uu fi jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee irraa aanichatti galan namoonni baay'inaan 10 ol ta'an qe'ee irraa buqqifamanii bosonatti baqatanii jiraachuu maddeen keenya nuuf eeraniiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 13-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 13-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Haleellaa Israa’el lammiilee Gaazaa dabalataa 30 galaafatteen, lakkoofsi namoota du’anii 44,835 ga'uun barame
ONM-ABO Muddee 13,2024 Haleellaan Israa’el sa’aatii 24 darban keessatti yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota dabalataa 30 kan galaana Gaazaa keessatti ajjeefte yoo ta’u, lakkoofsi namoota bara darbee as waliigalatti du’anii 44,835 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sana jiru Kamisa kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 106,356 madaa’uu ibseera.
“Humnoonni Israa’el ajjeechaa Falasxiinota irratti raawwataniin namoota 30 ajjeesuun, namoota 99 ammoo madeessaniiru” jedheera ministeerichi.
Itti dabaluudhaanis, ''Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,'' jedheera jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti ergamtoonni murni PP manneen uummataa jumlaan gubuu hammeessan.
ONM-ABO Muddee 13,2024 Faashistoonni murni Bilxiginnaa dantaa isaanii qofa eeggachuuf ummata nagaan qe'ee isaa irra jiraatu maqaalee garaa garaa itti maxxansuun guyyuu lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasuun, hidhuu, saamuu, afaan qawween ukkamsanii dirree waraanaatti guuruu fi manneen uummata nagaa gubanii barbadeessuun jiruuf jireenya Oromoota maraa balleessaa jiraachuun kan beekamuudha.
Gochoonni badii murna nama nyaataa kanaan uummata nagaa irratti raawwatu bakkeewwan addaa addaa keessatti daran jabaachuun hawaasichaaf yaaddoo hamaa ta'ee jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Mudde 12,2024 aanaa Buunnoo Beddellee ganda Boolee keessatti sababa tokko malee tiksitoonni impaayerattii manneen namoota nagaa 7 kan maqaan adda nuuf hin ba'in ibidda itti shiduun qabeenya keessa jiru waliin gubanii barbadeessuu maddeen keenya Onichaa ONM'f eeranii jiru.