onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

-

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Hoogganaan paartii mormituu Siiriyaa namoota hidhamtoota dararuu keessatti hirmaatan dhiifama hin goonuuf jedhan

ONM-ABO Muddee 12,2024 Hoogganaan mormituu Siiriyaa Roobii kaleessaa akka jedhanitti, qondaaltonni hidhamtoota dararuu keessatti hirmaatan dhiifamni hin godhafamuuf jedhan. Kunis erga namootni kumaatamaan lakkaa’aman gadhiifamanii booda. Maatiin namoota biroo manneen hidhaa biyyattii maqaa gaarii hin qabne keessatti badan argachuuf abdii qaban ibsaa jiru.

Namoota hidhamtoota dararuu keessatti hirmaataniig dhiifama hin goonu,” kan jedhan hogganaan Bulchiinsa Hojii Waraanaa Abu Mohammed al-Jolani, kan amma maqaa isaa isa dhugaa Ahimad al-Sharaa fayyadamuun, “biyyoonni yakkamtootni kun itti baqatan kamiyyuu dabarsee akka isaanitti kennan dhaamaniiru.

Ministeerri fayyaa Libaanos akka jedhetti, haleellaan Israa’el Kibbaatti Roobii kaleessaa raawwatameen nama tokko ajjeeseera jedhe. Kunis Israa’elii fi Hizboollaan gidduutti waraana hunda galeessa ji’oota lamaa booda dhukaasa dhaabuu dadhaboo ta’an geggeessaa jiran gidduutti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaatti saamichi ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa Oromoo irratti geggeeffamu cimee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 12,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti saamicha geggeessan hammeessuun gama dinagdeen uummata Oromoo quucarsaa kan jiran yoo ta'u, yeroo ammaa immoo maqaa "gibira funaanuu" jedhuun guutummaa guutuutti ilmaan Oromoo cufa dararaa jiraachuun ni beekama.

Akka aanaa Noonnoo Beenjaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa dararaa kan jiran yoo ta'u, hektaara 1 namni qabu qarshii 5000 akka kaffaluuf dirqamsiifamaa kan jiruu fi namni fuudhee maatii isaa bira jiru osoo lafa oomisha tokkollee hin qabaatin waan fuudhee mana dhaabbate qofaaf dirqamaan qarshii kuma torba (7,000) akka kaffaluuf dirqisiifamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf iddoo kennan warra maatii qabuun alatti dargaggoota kanneen ta'an qarshii ammaaf irratti hin murtaa'in jiru akka kaffaluu qabaniif karoora qabatanii kan jiran ta'uu fi namoota qarshii jedhame hin kaffalle immoo "qe'ee irraa isin godaansisna" jechuun doorsisaa jiraachuun itti dabaluun eeramee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 12,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta'anii Uummata Oromoo qe'ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuun, ajjeesuun, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulquun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota adda addaa mandheeffachuun yeroo yerootti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran yoo ta'u, ganda Jaangir bakka addaa Dambaaroo jedhamu irraa Muddee 9,2024 namoota maqaan isaanii:
- Mucoo Adulaa,
- Darajjee Dhaabaa fi
- Baqqalaa Raggaasaa jedhaman haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuu jiraattonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni kunneen himanitti, ganda kana malees, ganda Qarsaa jedhamu irraa guyyuma kana nama maqaan isaa Obbo Irqa'un Naga'oo jedhamu haala suukkaneessaa fi ilmaan namaa kam irratti raawwatamee hin beekneen ajjeesanii gatuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ethiopian National Defense Force Members Defect to Oromo Liberation Army; OLA Conducts Successful Operations in Western Guji

ONM-ABO, December 11, 2024

5 Ethiopian National Defense Forces Defect to Oromo Liberation Army

On November 20, 2024, five Ethiopian National Defense Force (ENDF) members defected to the Oromo Liberation Army (OLA) in Western Shagar district of Abuna Gindabarat. The defectors, equipped with five automatic rifles and one sniper rifle, cited forced conscription and atrocities against civilians as reasons for their decision.

The defectors revealed they were kidnapped by Ethiopian security forces, sent to military training camps, and deployed to Oromia regions where they witnessed human rights violations. Refusing to participate in such acts, they chose to join the OLA.

The defectors expressed gratitude for the warm reception by OLA members and encouraged remaining government soldiers to abandon the "barbaric regime" and join the Oromo liberation struggle.

OLA Conducts Successful Operation in Western

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሄይቲ የአንድ የወሮበላ ቡድን ልጅ ታሞ በመሞቱ 'ጠንቋይ' የተባሉ 110 ሰዎች ተገደሉ።

ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


ሄይቲ ውስጥ ቢያንስ 110 የሚጠጉ ሰዎች 'ጠንቋይ' ናቸው ተብለው አገሪቱን እያመሷት ባሉት የወሮበላ ቡድን አባላት በአሰቃቂ ሁኔታ መገደላቸው ተገለጸ።


በሄይቲ ዋና ከተማ ፖርት አው ፕሪንስ ከተገደሉት ሰዎች አብዛኞቹ አዛውንቶች እንደሆኑ የሰብአዊ መብቶች ተከራካሪ ድርጅቶች አስታውቀዋል።

'ናሽናል ሂውማን ራይትስ ዲፌንስ ኔትወርክ' የተባለ የሰብአዊ መብቶች ተሟጋች ተቋም እንዳለው ግለሰቦቹ ላይ ጥቃቱ የተከፈተው የአንድ ወሮበላ ቡድን መሪ ልጅ ታሞ ከሞተ በኋላ ነው መሆኑን አመልክተዋል።

የወሮበላ ቡድን መሪው ስለ ልጁ ህመም የዘልማድ ሕክምና አማካሪ እንደጠየቀ እና ልጁ በማይታወቅ ሁኔታ የታመመው 'በጠንቋዮች ምክንያት' መሆኑ እንደተነገው ተገልጿል።

የተባበሩት መንግሥታት እንደሚለው፣ በአመጸኞቹ የወሮበላ ቡድኖች እየታመሰች ባለችው ሄይቲ በአውሮፓውያኑ 2024 የተገደሉ ሰዎች ቁጥር ወደ 5,000 ይጠጋል።


የመንግሥታቱ ድርጅት የሰብአዊ መብት ኃላፊ ቮልከር ቱርክ እንዳሉት አደገኛ በሚባለው የወሮበላ ቡድን በተቀነባበረው ጥቃት 'ጠንቋይ' ተብለው የተገደሉ ሰዎች ቁጥር 184 ይደርሳል።

ግድያዎቹ የተፈጸሙት በመዲናዋ ውስጥ በሚገኝ ሲቴ ሶለሊ በሚባል መንደር ነው። የወሮበላው ቡድን አባላት በበቀል ተነሳስተው ከ60 ዓመት በላይ የሆናቸውን የአካባቢውን ነዋሪዎች ከቤታቸው በመውሰድ በቢላ እና በጨንቆራ ወግተው እና ቆራርጠው ገድለዋቸዋል።

የአካባቢው ነዋሪዎች እንደተናገሩት ይህንን ክስተት ተከትሎም በርካታ አስክሬኖች ሲቃጠሉ ታይቷል።


በሄይቲ ያለው መንግሥት በወሮበሎች ጥቃት የተዳከመ በመሆኑ ዜጎቹን ቀርቶ የራሱን ባለሥልጣናት ደኅንነት ለመጠበቅ ሲቸገር ቆይቷል።

በአገሪቱ ውስጥ በተለይም የዋና ከተማዋ አብዛኛው ክፍል በታጠቁ የወሮበላ ቡድኖች ቁጥጥር ስር ሲሆን፣ የምግበ እና የነዳጅ ማከማቻዎች እንዲሁም ዋና ዋና መንገዶች በእንዲሁ የወንጀለኛ ቡድኖች እጅ ውስጥ ነው የሚገኙት።

በተለያዩ የአገሪቱ ክፍሎች ውስጥ ተሰማርተው የሚገኙት የወሮበላ ቡድኖች በከፍተኛ ሁኔታ የታጠቁ ሲሆን፣ በሕዝቡ የዕለት ከዕለት ሕይወት ላይ ከፍተኛ ተጽእኖ አላቸው።

ቡድኖቹ አንዳቸው በሌላኛቸው ላይ የበላይነት ለመያዝ እርስ በርስ ደም አፋሳሽ የሆነ ግጭት ውስጥ የሚገቡ ሲሆን፣ በዚህም የአገሪቱ ነዋሪ ዋነኛ ሰለባ ነው ሲል ቢቢሲ አስነብቦዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ወለጋ ዞን በባቦ ጋምቤል ወረዳ የፋሽስቱ ጦር አንድ አርሷ አደርን መግደላችው ተገለፀ።


ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በምዕራብ ወለጋ ዞን ባቦ ጋምቤል ወረዳ የብአዴን አምባገነን መንግስት ህዝቡን እየገደለ፣ እያሰረ እና እየዘረፈ ባለበት ወቅት አንድ አርሶ አደር በ PP የማፍያ ጦር ተገደለ።

በታህሳስ 9 ቀን 2024 ዓ.ም የዳሞት መነ ጃርቴ መንደር ነዋሪ የሆኑት አቶ ሙስጠፋ ር ሲሜሶ የስድስት ልጆች አባት በፒፒ ሰራዊት ተይዘው በቤተሰቦቹ ፊት ለፊት ተገድሎ መጣሉን የመንደሩ ነዋሪዎች ገልፀዋል።

በኦሮሚያ ውስጥ ተመሳሳይ ክስተቶች እየታዩ ሲሆን ሁሉም ነዋሪ በተመሳሳይ ጊዜ በግብር ክፍያ፣ በጎኖፋ ልገሳ እና ለብአዴን ግንባታ እንዲሁም ለወታደራዊ ሃይሎች ድጋፍ በሚል ስም ገንዘብ እየተዘረፈ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን የዳዊ ሀረዋ ወረዳ ነዋሪዎች በግብር እና በጤና መድህን ስም ዝርፊያ እየተፈፀመባችው ነው።


ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ራሳቸውን ለዝርፊያ ያቋቋሙት የፋሽስቱ ፒፒ ታጣቂዎች በየእለቱ በነዋሪው ላይ ያልተገደበ ዘረፋ እየፈጸሙ ይገኛሉ።

ይህን በማስመልከት በ70ዎቹ የዕድሜ ክልል ውስጥ የሚገኙ አዛውንት አቶ ቲያም አወል በታህሳስ 8 ቀን 2024 ዓ.ም ግብር በመሰብሰብ ስም እና ልጅህ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አባል ነው በሚል ስም 15ሺ ብር በአገዛዙ ታጣቂዎች ተዘርፈዋል ሲሉ ነዋሪዎች አክለዋል።


በወረዳው እንደነበረው ሁሉ በአገዛዙ ታጣቂ ሃይሎች በግብርና በጤና መድህን ስም ዘረፋው ተባብሶ ከ1,000-2,000 ብር ግብር እና ከ400-600 ብር ለጤና መድህን በግዳጅ እየዘረፉ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም እየተደበደቡ ነው ሲሉ የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን ጀጁ ወረዳ አንድ ወጣት በፒፒ ወታደሮች በተተኮሰ ጥይት ተገደለ።

ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በቃላት ‹አገሪቷን እየመራን ነው› የሚለው የፒፒ አምባገነን መንግሥት የታጠቁ ኃይሎችን በሙሉ ወደ ሲቪል ማኅበረሰብ በማሰማራት በጥይት እየገደለ ይገኛል።

በታህሳስ 6 ቀን 2024 ዓ.ም አማን ሱልሀን የተባለ ወጣት በጀጁ ወረዳ ጉሬ መንደር በብልፅግና ወታደሮች ያለምንም ጥፋት ተገድሎ መንገድ ላይ የተጣለው በኦሮሞነቱ ምክንያት ብቻ መሆኑን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

ወጣቱ በህዝቡ ዘንድ ተወዳጅ የነበረ እና ቤተሰቡን ይረዳ ነበር ፥ እናም በኦሮሞነቱ ምክንያት መገየሉን አክሎል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti namoota konkolaataan deemaa jiran irratti dhukaasa bananiin nama tokko ajjeesuun lama ammoo madeessan

ONM-ABO Muddee 11,2024 Murna Bilxiginnaan deggaramuun goleewwan Oromiyaa keessatti ijaarsa isaanii cimsatan hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman ilmaan Oromoo haala suukkaneessaan ajjeesuu fi madeessuu godina Wallootti jabeessanii itti fufan.

Muddee 10,2024 aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Maganxaa Karra Qorii jedhamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii cina riphanii eeguun dhukaasa namoota konkolaataa miil-sadee (baajaajiin ) magaalaa Caffaa Roobit irraa gara ganda Shaashoo imalaa turan irratti bananiin nama maqaan isaa Sayid Aliyyii Hamzaa jedhamu haala suukkaneessaan yoo ajjeesan, namoota lama ammoo kan maqaan isaanii Mahaammad Hasan Umar fi Adam Aliyyii jedhaman madeessaniiru.

Jiraattotni nagaan humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin osoo imala irra jiranii haleellaan irratti raawwatameen madaa'an lamaan yeroo ammaa magaalaa Caffaa Roobititti yaalamaa kan jiranii fi madoon isaanii illee cimaa ta'uu jiraattotni dabaluun ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 11,2024 Murni garboomfataan PP Koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa kan jiru ta'uun ni beekama.

Aanaa Begii ganda Lalistuu Lophii keessaa Muddee 5,2024 loltoonnii fi ergamtoonni garee maafiyaa PP yakka tokko malee mana Obbo Beekumaa Addunyaa cabsanii seenuun qabeenyaa mana isaa keessa jiru guutummaa guutuutti saamuun, loon 18 fi harree lamas jalaa fudhatanii mana isaas ibiddaan gubanii yoo barbadeessan, Obbo Abrahaam Maammoo nama jedhamu jalaas loon 7 akkasumas, Obbo Lammii nama jedhamu immoo bara darbe keessas loltoota sirnichaan loon 8 jalaa saamamee kan turee fi ammas irra deebiin loon 2 maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo" qabda jedhuun jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.

Kana malees aanaadhuma kana ganda Abshaala Diinqaa jedhamu keessaa ammoo nama Obbo Bantii Imaanaa jedhamu jalaa Muddee 5,2024 loon afur saamuu fi kanaan duras maqaa sobaa itti maxxansuun loon 18 jalaa saamanii kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ታህሳስ 11-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Yaada Miseensota WBO Haala Yeroo irraatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti waraanni garboomfataan PP qonnaan bulaa tokko ajjeese

ONM-ABO Muddee 11,2024 Miidhaa fi hacuuccaan osoo irra gahaa jiruu sagalee uummataa ukkaamsuun murni garboomfataan Bilxiginnaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti qonnaan bulaan tokko waraana maafi'aa PP'n ajjeefamuun dhaga'ameera.

Muddee 9,2024 jiraataa ganda Daamota-Mana Jaartee kan ta'e nama maqaan isaa Obbo Musxafaa Siimessoo jedhamu abbaan ilmaan ja'aa maatii fi ijoollee isaa waliin osoo qe'ee isaa irra jiruu qabanii waraanni garboomfataan PP ganda Ambaalloo Diillaatti geessuun bakka addaa Laga Qulii jedhamutti ajjeesanii gatan.

Taateewwan walfakkaataa godinaalee Oromiyaatti uummata Oromoo irratti taasifamaa jiruun yeroo ammaa saamichi maqaa kaffaltii gibiraa, buusaa gonofaa fi deggersa ijaarsa paartii Bilxiginnaa akkasumas humnoota waraanaaf jedhuun xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne jiraattonni cufti yeroo walfakkaataatti qarshii saamamaa akka jiranis itti dabaluun ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti namni lama waraana PP'n ajjeefamuun himame

ONM-ABO Muddee 11,2024 Murni garboomsaan impaayerattii of harkaa qabu daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudatee jiru irraa dandamachuu dadhabuun uummata nagaa maqaa garaa garaa itti moggaasee adamsuun duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwatu cimsee itti fufeera.

Muddee 10,2024 aanaa Dugdaa ganda Burqaa Dambalii fi Daraaraa Daalachaa keessatti namoota lama rasaasa itti roobsuun lubbuu isaanii galaafatanii kan jiran yoo ta'u, namootni ajjeefaman kunneen ganda Burqaa Dambal irraa nama maqaan isaa Tonkoluu Daadhii jedhamu yoo ta'u, ganda Daraaraa Daalachaa irraa ammoo nama maqaan isaa Waarii Ergatoo jedhamu ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Kana malees akka aanaa Dugdaatti jiraattonni erga qabeenya keenya irraa nu buqqaasanii jiruu fi jireenya dhabnee ji'oota lakkoofsisaa jirra jechuun, waraanni garboomfataan PP nutti bobbaafamuun ajjeechaa fi saamichaa qabeenyaa nurraatti raawwachuun dararaa geggeessaa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni maafiyaa PP jiraattota gara leenjii waraanaatti guuruu fi saamuu cimsee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 12,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa gara leenjii waraanaatti guuruu fi saamuu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.

Muddee 9,2024 waraanni sirnichaa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa keessaa namoota maqaan isaanii:
• Jaabir Halkanoo,
• Nuuraddiin Abdulqaadir fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane namoota 20 ol qabuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise himaniiru.

Aanichuma ganda Gabaa Kamisaa jedhamu keessaa ammoo guyyuma kana Usmaan Dangalaa nama jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsanii saamuun isallee achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees ganda Gunfii jedhamu keessaa ammoo nama maqaan isaa Bushuraa Roorroo jedhamu jalaas loon 30 saamuu maddeen itti dabaluun ONM'f eeraniiru.

Namoonni kunneen badii tokkollee kan hin qabnee fi maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun dararamaa kan jiran ta'uun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota sirnichaan maanguddoon biyyaa tokko qabamanii garmalee reebamuun du'aa fi jireenya gidduu jiraachuun ibsame

ONM-ABO Muddee 12,2024 Sirni maanguddoota Oromoo salphisee kabajaa irraa mulquun safuu fi duudhaa hawaasichaas guutummaatti balleessuuf ifaaju Bilxiginnaan, jaarsolii biyyaa hawaasa naannichaa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa qaban irratti xiyyeeffachuun miidhaalee irraan geessisuu itti fufeera.

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 3,2024 jiraataa ganda Jajjabaa kan ta'an jaarsa biyyaa maanguddoo maqaan isaanii Obbo Mahaammad Aliyyii Maamud jedhaman hidhattootni sirnichaa maqaa firoottan keetu miseensa waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun harka dudduubatti hidhanii reebicha ulfaataa irratti raawwatanii magaalaa Booraatti hidhanii jiraachuu maddeen keenya onichaa ONM'tti himan.

Akka jiraattotni kun dabaluun himanitti maanguddoon kun yeroo ammaa reebicha manneen hidhichaa keessatti irratti raawwatameen iddoo ciisichaa irraa ka'uu kan hin dandeenyee fi nyaatallee soorachuu hanqatanii kan jiran ta'uu himuun, akkuma aanichaatti ergamtoota maafiyaa PP'n hiraarfamni daangaa darbe jiraattota irratti guyyuu geggeeffamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 12-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የአማራ ታጣቂዎች የኦሮሞ ልጆችን እያፈኑና እያጠፉ ብዙ ገንዘብ እየዘረፉ ይገኛል።


ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በፋኖ ስም የሚንቀሳቀሱ የአማራ ታጋዮች በኦሮሚያ የተለያዩ አካባቢዎች በኦሮሞ ህዝብ ላይ እየፈጸሙት ያለውን ግፍ ቀጥለዋል።

የአማራ ታጣቂዎች በአቤ ዶንጎሮ ወረዳ በሎሚጫ መንደር ዶዘሪ ጨባ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በኦሮሞ ተወላጆች ላይ ከፍተኛ ስቃይ እየፈጸሙ ነው።


የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-


- ረቢራ ኦብሳ
- አቢቲ ብርሀኑ
- ዳንኤል አኩማ እና
- ረቡማ የሚባሉትን ደብዛችውን በማጥፋት ከእያንዳንዳቸው 700,000 ብር ዘርፈው ከእስር እንደለቀቁላቸው የቅርብ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።


እንደ ምንጮቻችን ገለጻ እነዚህ ሰዎች የተያዙት በተሽከርካሪ ሲጓዙ ነው ። እናም የአማራ ታጣቂዎች የኦሮሞ ልጆችን ደብዛ ሲያጠፉ እና ብዙ ገንዘብ ሲጠይቁ ይህ የመጀመሪያው አይደለም።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ ሁለት ሰዎች በፒፒ ወታደሮች ተገድለዋል።


ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ግዛቱን የተቆጣጠረው አምባገነኑ ቡድን እየደረሰበት ያለውን የፖለቲካ ድካም መቋቋም ባለመቻሉ ሰላማዊ ዜጎችን በተለያየ ስም እያደነ በሕዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻውን አጠናክሮ ቀጥሏል።

ታህሳስ 10 ቀን 2024 ዓ.ም በዱግዳ ወረዳ ቡርቃ ዳምባሊ እና ደራራ ዳለቻ በተባሉ መንደሮች ሁለት ሰዎች በጥይት ተገድለዋል ። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል የቡርቃ ደምበሊ መንደር የሆነው ተንኮሉ Daadhii እና የደራራ ዳለቻ መንደር የሆነው ዋሪ ኤርገቶ መሆናችውን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

ከዚህም በላይ የዱግዳ ወረዳ ነዋሪዎች ከንብረታቸው ተፈናቅለው ለወራት ኑሯቸውን አጥተዋል ብለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የአብይ አህመድ የፋሽስት ወታደሮች በቡኖ በደሌ ዞን በዳቦ ሃና አውራጃ 2 ወጣቶችን በአሰቃቂ ሁኔታ ገድለው ጥለዋል።


ታህሳስ 11 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና አረመኔ ወታደሮች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ስለተሳናችው ወደ ሲቪል ማህበረሰብ በመሰማራት አሰቃቂ ስቃይ እየፈጸሙ ነው።


በዳቦ ሀና ወረዳ የኢፋ ባባስ ኩሬ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደተናገሩት የብልፅግና የፋሽስት ወታደሮች መገርሳ ያአቆቢ እና አቦምሳ የተባሉ ወጣቶችን ከቤታቸው አውጥተው በጥይት መግደላችው ታውቆዋል።

እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ ወጣቶቹ የየራሳቸውን ስራ እየሰሩ በምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ ምንም አይነት ተሳትፎ ያልነበራቸው ሲሆን የተገደሉት በሀገር መከላከያ ሰራዊት ተብዬው ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti qonnaan bultoonni dirqiin leenjii milishummaaf guuramuun jabaate

ONM-ABO Muddee 11,2024 Akka godinaalee Baalee lamaaniitti abbootiin warraa dirqiin leenjii milishummaa akka fudhataniif maatii irraa ukkaamfamuu fi dargaggoonni ammoo gara adda waraanaatti guyya guyyaan guuramuun cimee itti fufuu maddeen keenya ONM'tti himan.

Aanolee kanneen akka Sinaanaa, Gobbaa, Gaasaraa, Jaarraa, Daawwee Sarar, Daawwee Kaachan, Raayitoo Qalbii, Gooroo fi bulchiinsota magaalotaa irraa jumlaan kanneen ukkaafaman hedduu akka ta'anis dubbatu.

Namoonni miseensota raayyaa ittisa impaayerattiitti, milishaa, farra riphee lolaa fi humnoota poolisiitti guuramaa jiran kunneen kanneen fayyaa guutuu hin qabne dabalatee, daa'imman umriin isaanii hojii loltummaaf hin geenyes akka keessatti argaman dubbatu.

Kana malees jiraattonni godinaalee kanneenii ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun guuramanii hidhamuu, maqaa kaffaltii adda addaan saamamuu fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti jabaachuus dabaluun ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti hidhaa fi gubaatiin manneenii loltoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 11,2024 Milishoonni fi poolisoonni sirnichaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa bakkeewwan adda addaa qabatanii jiran guyyuu qe'ee uummata Oromootti bobba'uun hawaasa nagaa hiraarsuu akkuma itti fufanitti jira.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Tiiphatoo jedhamu irraa Muddee 10,2024 loltoonni dhala namaaf naasuu tokkollee hin qabne namoota nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Amaanu'eel Waggaarii,
- Misgaanuu Sarbeessaa,
- Dinquu Abarraa,
- Dastaa Abarraa,
- Takilee Beekumaa,
- Biqiltuu Geetaachoo,
- Aadde Asteer haadha daa'ima tokkoo,
- Aadde Baaccuu haadha daa'ima shanii,
- Gammee Habtaamuu fi kanneen biroo hedduu ta'an badii tokko malee qe'ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees Obbo Solomoon Torbanii nama jedhamu ammoo "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jechuun haadha warraa isaa Aadde Asteeriin hidhanii, mana jireenyaa isaas ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Caayaa Dubartoota Oromo ONM-ABO Muddee 11-2024 itti dhiyaadhaa!
Barbaachisummaa ijaaramuu Dubartoota Oromoo,Qooda Dubartoonni Oromoo QBO keessatti qabanii fi shira Biltsiginnaa irraatti maree Jaal Yasriibaa Ahimed fi Jaal Haadha Aanaa waliin turtii taasifna!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Caasaaleen Bilxiginnaa Godina Wallootti jiraattota Aanaa Harxummaa Fursee irraa gara Aanaa Dawwee Harawaatti galan maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun hidhuu fi reebuu yoo jabeessan, lagaan qoodaniis jiraattota naannichaa irratti duulchisuun qe'ee irraa buqqisiisan

ONM-ABO Muddee 11,2024 Uummanni aanaa Harxummaa Fursee fi aanaa Dawwee Harawaa waggoota baay'eedhaaf uummata jaalalaa fi kabajaan gamaa fi gamanaa walitti ce'ee gaddaa fi gammachuu waliin qooddataa as ga'eedha.

Haa ta'u malee sirni kutaa fi lagaan Oromoo qoqqoodee tokkummaan sabichaa akka hin jiraanneef ifaaju Bilxiginnaan, tibba kana Sadaasa 28,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galuun waggoota 2'f hawaasichaa waliin nagaan jiraachaa turan hawaasa naannichaa irratti kakaasuun yoo buqqisiisan, warroota hafan ammoo maatii qabsaa'otaati ittiin jechuun reebuu fi hidhuu itti fufan.

Muddee 9,2024 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan keessaa tokko kan ta'e abbaa ijoollee 5 Obbo Umar Qajjiisee nama jedhamu ganda Manduuboo kan jiraatu milishoonni sirnichaa iddoo ooyiruu isaa dhaquun itti marsanii maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun sobaan yakkanii reebicha ulfaataa irraan ga'uun konkolaataa keessa buusanii deemuu fi yeroo ammaa eessaan akka ga'anis hin baramin jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka jiraattotni gandichaa dabaluun himanitti, jiraattotni baay'inaan aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan kun ooyiruu namootaa qixxee fuudhuun kan qotanii fi cilee dha'uun maatii isaanii kan jireessan ta'uu himuun, murni PP ammoo dabballoota isaa gandichatti bobbaasuun jiraattota aanichaan warreen kun nuuf hin tolan nurraa haa ka'an jedhaa mormii kaasaa jedhanii dirqamsiisuun akka buqqisan yoo taasisan warroota hafan ammoo maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun hidhuu fi reebuu ifoomsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun qarshii hedduus irraa saamuu itti fufan

ONM-ABO Muddee 11,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa "Faannoo" jedhu moggaafachuun socho'an ammas godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa isaanii raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Doozerii Cabaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yoo ta'u, Mudde 07,2024 namoota maqaan isaanii;
- Rabbirraa Obsaa,
- Abbittii Biraanuu,
- Daani'eel Akkumaa fi
- Rabbumaa kanneen jedhaman butuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 700,000 irraa saamanii gadi dhiisuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen konkolaataan osoo deemanii kan ukkaamfaman ta'uu himuun, finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen ilmaan Oromoo ukkaamsuun qarshii guddaa gaafachuun kan yeroo jalqabaa kan hin taane ta'uu fi rakkoo ulfaataan jiraattota aanichaa irratti raawwachaa jiru hammaataa akka ta'e himu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

#Kuyyuu

Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti waraanni faashistii PP meeshaalee gurguddaa rokkeettii dabalatee raawwachaa jiruun miidhaa qaqqabsiisaa jiru keessatti dheengadda Muddee 9,2024 daa'imni tokko dhukaasa baqachaa osoo jiru miidhame.👇

Читать полностью…
Subscribe to a channel