onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

-

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Goleewwan Oromiyaa mara keessatti cunqursaan lammiilee nagaa irratti guyyuun ergamtoota sirnichaan raawwatu hammaachuu irraa kan ka'e, hawaasni ba'ee galuuf iyyuu yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta'uun ibsamee jira.

Aanaa Qondaalaa ganda Gemii Gaabbaa keessaa Muddee 10,2024 loltoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni PP nama maqaan isaa Hajii Eliyaas jedhamu jalaa qotiyyoo 2 qalatanii nyaachuu jiraattonni ganda Gemii Gaabbaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Godinuma kana aanaa Yuubdoo magaalaa Yuubdoo ganda 02 keessaa ammoo Muddee 10,2024 namoota maqaan isaanii:
- Gammachuu Daggafaa fi
- Mahaammad kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, Gammachuun hojjetaa mana rifeensaa yoo ta'u, Mahaammad ammoo ogeessa fayyaa ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 13-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ministeerri Muummee Israa’el Netaaniyaahuun ‘sochii shororkeessummaa’ Siiriyaa irraa dhufu ittisuun barbaachisaa ta’uu US'tti hime

ONM-ABO Muddee 13,2024 Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Kamisa kaleessaa gorsaa nageenya biyyoolessaa Ameerikaa Jake Sallivaanitti akka himanitti, Bashar al-Asad aangoo irraa buqqa'uu hordofuun “sochii shororkeessummaa” Siiriyaa irraa Israa’el irratti dhufu ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Walgahii Yerusaalemitti taa’ame irratti Netaaniyaahuun “dhimma barbaachisaa ta’e kaasuun, namoota xiqqaa Siiriyaa keessa jiran gargaaruu fi sochii shororkeessummaa Israa’el irratti dachee Siiriyaa irraa dhufu ittisuu” barbaachisummaa isaa dubbachuu isaanii waajjirri muummicha ministeeraa ibsa kenneen beeksiseera.

Israa’el guyyoota darban keessa haleellaa bal’aa meeshaalee waraanaa tarsiimoo biyyattii keessa jiran balleessuuf kaayyeffate Siiriyaa irratti raawwatteetti jechuun AFP'n gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti Kaabinoonni Bilxiginnaa matta'aa hawaasa irraa nyaatan wal saaxiluun dhagaa'ame.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa seeraa dahoo godhachuun hawaasa nagaa miidhaa oolan faayidaa dhuunfaa isaanii argannaan yakkoota garaa garaa kan raawwatan yoo ta'u, yeroo ammoo qilee bu'uu dinagdee impaayerattii hordofuun hanna cimaatti bobba'uun maallaqa gargar qooddannaa irratti wal dhabuun walsaaxilaa jiru.

Magaalaa Jimmaa waajjiraalee adda addaa keessatti rakkoon malaammaltummaa daran cimee itti fufuun Kaabinoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa yaadaa oolan hawaasa doorsisuu fi yakkoota adda addaa hojjechuuf qarshii hedduu matta'aa nyaataa kan jiran yoo ta'u, walii isaaniitii wal saaxilanii miidhaa ulfaataa wal irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Torbee darbe keessa Kaabinoonni Bilxiginnaa magaalichaa matta'aa wal nyaachisuu dhabuu isaanii irraan kan ka'e gidduu isaaniitti jeequmsa uumameen walii isaaniin wal saaxiluun miseensaa hanga kantiibaa magaalichaatti maqaa ''malaammaltummaa hojjettan" jedhuun wal himachuun wal hiisisuu fi aangoo irraa wal buusaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessaa waraanni maafiyaa PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Aanaalee adda addaa keessatti loltoonni Abiy Ahimed, haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa gidirsuu cimsanii itti fufuun, Muddee 9,2024 Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Sanyii Fiqaaduu,
- Abdii Haroo,
- Nugusee Guyyaasaa fi obboleessa isaa,
• Lammeessaa Guyyaasaa jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees ganduma kana irraa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Yaadataa Tasfaayee jedhamu ammoo mana isaa cabsanii seenuun, qabeenyaa mana keessaa kaan saamuun, kaan ammoo guutummaan jalaa caccabsanii mancaasuu maddeen eeranii jiru.

Aanichuma ganda Kuraa jedhamu keessaa ammoo nama maqaan isaa Asfawuu Bantii jedhamu jalaa tiksitoonni sirnichaa loon 7 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu ibsuun, murni afaaniin biyya bulchina ofiin jedhu Bilxiginnaan waraana isaa akka malee hawaasa meesha maleeyyiitti bobbaasuun dararaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Oobdii yaadaa ONM-ABO Muddee 12-2024 itti dhiyaadhaa!
Saamicha Maqaa Gibiraan Geggeeffamu, Tarkaanfii WBO, Haasaa Itti Aanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Ayyaana Sabaa fi Sablammootaa fi Kufaatii Bashar Al Asaad Ilaalchisuun Turtii J Niimoonaa Sabaa fi Daandii Elemoo Waliin Taasisan!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ታህሳስ 12-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በጅማ ዞን በቤንጃ ወረዳ የብልፅግና ተላላኪዎች በኦሮሞ ማህበረሰብ ላይ እያደረሱት ያለው ዘረፋ ቀጥሏል።


ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).

በአሁኑ ወቅት በተለያዩ የኦሮሚያ አካባቢዎች ዘረፋቸውን በማጠናከር በ"ግብር ሰብሰባ ስም መላውን የኦሮሞ ህዝብ እያሰቃዩ ይገኛሉ።


እንደ ኖኖ ቤንጃ ወረዳ የብልፅግና ወኪሎች የሲቪል ማህበረሰብን እያሰቃዩ ነው እና 1 ሄክታር ካለው ግለሰብ 5000 ብር እንዲከፍል እየተገደዱ እና ትዳር የመሰረተ ሰው 7,000 ሺ ብር እንዲከፍል እየተገደደ መሆኑን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልፆዋል።

በተጨማሪም ራስ ወዳድ ወኪሎች ቤተሰብ ካላቸው በስተቀር ሌሎች ወጣቶች ያልተወሰነ ገንዘብ እንዲከፍሉ ለማድረግ አቅደው የተጠቀሰውን ገንዘብ የማይከፍሉ ደግሞ "ከቤታቸው እንባረራለን" ሲሉም አክለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ከሰሜን ሸገር ዞን ከደጋም ወረዳ ሁለት የብልፅግና ጦር አባላት አገዛዙን ውድቅ በማድረግ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ተቀላቀሉ።



ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).


የኦሮሞን ህዝብ ለማሰቃየት በኮሎኔል ዓብይ አህመድ ወታደሮች የተሰማሩት የአሮጌው ስርአት ጠባቂዎች በየቀኑ የአገዛዙን ካምፕ ውድቅ በማድረግ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን እየተቀላቀሉ ነው።

በዚህም መሰረት ከሰሜን ሸገር ዞን ከደጋም ወረዳ 2 የኢምፔሪያል መከላከያ ሰራዊት አባላት የኦሮሞ ህዝብ ትግልን ተቀላቅሎል።

2ቱ የኢምፔሪያል መከላከያ ሰራዊት አባላት ኦሮሞ የሆኑ 2የኤኬም መሳሪያ ከነሙሉ ትጥቅ በመያዝ ቱፋ ሙና ብርጌድን ተቀላቅሎል።

የቀድሞ የብልፅግና ሰራዊት አባላት በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት የተደረገላቸው አቀባበል በመደሰታቸው በጠላት ካምፕ የቀሩ ጓዶቻቸው እንደኛ መሳሪያ አንስተው ወደ ህዝባቸው ትግል እንዲቀላቀሉ ሲሉ አሳስበዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በዳዊ ሀራዋ ወረዳ አንድ አዛውንት በአገዛዙ ታጣቂዎች ተይዘው ክፉኛ ተደብድበው በሞትና በህይወት መካከል እንደሚገኙ ተገለጸ።

ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).

የኦሮሞ የሀገር ሽማግሌዎችን ለማዋረድ እና ክብራቸውን ለመንፈግ እና የማህበረሰቡን ስነ ምግባርና ወግ ሙሉ በሙሉ ለማፍረስ እየሞከረ ያለው አገዛዙ አሁንም በአካባቢው ማህበረሰብ ዘንድ ከፍተኛ ክብርና ሞገስ ያላቸውን የሀገር አዛውንቶች ላይ ኢላማ አድርጓል።

ታህሳስ 3 ቀን 2024 ዓ.ም በወሎ ዞን በዳዊ ሀረዋ ወረዳ የጀጅባ መንደር ነዋሪ የሆኑት መሀመድ አሊ ማህሙድ የተባሉ አዛውንት ወደ ኋላ ሁለት እጆቹ ታስረው ዘመዶቻቸው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አባል ናቸው በሚል ስም በአገዛዙ ታጣቂዎች ክፉኛ መደብደባችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።


እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ በአሁኑ ወቅት አዛውንቱ በእስር ቤቶ ውስጥ በደረሰባቸው ድብደባ በሞት እና በሂወት መካከል እንደሚገኙ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ አክለው ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti hidhaan lammiilee nagaa irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu akkaan jabaatee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 12,2024 Uummata Oromoo akka looniitti itti galchanii dararuu qofaaf mana hidhaa kan ijaaran ergamtoonni Bilxiginnaa, ammas goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti naquu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Gidaamii ganda Soyii jedhamu keessaa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii Maatiwoos Mokonnon fi Geetahuu Mokonnon jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo kan ta'anii fi siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu" jedhu itti maxxansuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa saamuu fi hidhuu hammeessan.

ONM-ABO Muddee 12,2024 Ergamtoonni kaayyoof akeeka hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii guuttachuu qofaaf jecha uummata Oromoo miidhaa kan jiran ta'uun ni beekama.

Aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa keessaa Muddee 9,2024 waraanni sirnichaa nama maqaan isaa Maammad Jamaal jedhamu jalaa bakka dheedicha loon isaa dhaquun qotiyyoo 1 kan tilmaamaan qarshii kuma torbaatama (70,000) baasu saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.

Kana malees guyyaadhuma kana Muddee 9,2024 gandichuma keessaa nama maqaan isaa Abbaa Diittaa jedhamuun beekamu jalaa ammoo loozii ( oncholoonii) ardaba 10 konkolaataa FSR'tti fe'achuun, haadha warraa fi intala isaas yerooma sana fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni himan.

Akka maddeen himanitti, Kaabinee bulchiinsa magaalaa Baloo kan ta'e namni maqaan isaa Caaltee jedhamu hidhattoota humna addaa Beenishaangul Gumuz gara gandichaa geessee uummata dararsiisaa jiraachuu himuun, innis oomishni qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irra jiru kun kan uummata Gumuziitti malee kan Oromoo miti jechuun itti dhaadachaa turuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Baatee keessaa loltoonni sirnichaa leenjii deemuu didde jechuun dargaggoo tokko ukkaamsanii hidhan

ONM-ABO Muddee 12,2024 Qabsoon Waraanni Bilisummaa Oromoo jaarmiyaa guddichaa fi haqa qabeessa ABO-WBO'tiin taliigamee geggeeffamaa jiru hanga Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti homtuu of booda deebisuu kan hin dandeenye ta'uu gaafa baru murni Bilxiginnaa raafama cimaa keessa seenuun golee Oromiyaa mara keessaa dargaggoota dirqiin dirree waraanaatti yeroo guurantu irra deddeebiin mul'achaa jira.



Dargaggoon Sayid Mahaammad dhalataa aanaa Baatee ganda Gabaabaati. Dargaggoon kunis garee shubbistoota aadaa Oromoo Walloo magaalaa Kamisee keessaa isa tokko yoo ta'u, tibbana maatii isaa dubbisuuf aanaa Baatee yeroo deemutti hidhattootni sirnichaa magaalaa Baatee keessaa qabuun leenjii waraanummaa deemta jedhanii wayita inni hojiin magaalaa Kamiseetii qaba dhimmaafin addana dhufe jedhee itti himatutti, ilaalcha biraa of keessaa qabda kanaaf leenjii deemuu didde ittiin jechuun ukkaamsanii aanichumatti hidhanii jiru.



Akka hiriyootni dargaggoo kanaa dubbisne tokko tokko jedhanitti, dargaggoon kun shubbistoota garee aadaa Oromoo Walloo magaalaa Kamisee kanneen waliin ta'uun aadaa uummatichaa daran dagaagsuun dhaloota barsiisuu malee hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba ta'uu isaa ibsan.



Ergamtootni murna bilxiginnaa kun garuu sababoota irra barbaadanii karaa ittiin dargaggoo kana ukkaamsan yeroo hedduu yaalaa turuu fi yeroo ammaas maqaa leenjii jedhu sababeeffachuun ukkaamsanii akka hidhan hiriyootni isaa kun dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Miseensonni waraana murna Bilxiginnaa 2 Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dagam irraa gooticha WBO'tti harka kennatan

ONM-ABO Muddee 12,2024 Tiksitoonni sirna moofaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo akka dararaniif kanneen bobbaafaman keessaa sabboontonni ilmaan Oromoo quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qabanii fi qabsoon Bilisummaa Oromoo kan keenya jechuun amanan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan obboloota isaanii kan ta'an "Waraana Bilisummaa Oromootti" harka kennachuu itti fufanii jiru.



Haaluma kanaan, miseensonni Raayyaa Ittisa impaayeratti 2 godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam irraa gooticha WBO'tti harka kennachuun beekamee jira.



Aanaa Dagam mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Haroo Yaayyaatti argamu keessaa torban darbe keessa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayeratti 2 kan sabaan Oromoo ta'an qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin qabachuun qe'ee Bilxiginnaa ganuun gooticha WBO Zoonii Giddu Galeessaa Birgeedii Tufaa Munaa bira nagaan gahanii jiraachuun ibsameera.



Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen, simannaa WBO'n isaaniif taasisetti gammaduun hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin illee dafaa akka keenya meeshaa baattan qabadhaatii gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 12-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Lukkeeleen garaa isaanii qofa guuttachuuf jiraatan loltoonni Abiy Ahimed yeroo ammaa bifa adda ta'een qe'ee uummata Oromootti akkuma fedhan bobba'uun saamicha hamaa raawwachuu irratti argamu.

Aanaa Martii bakkeewwan adda addaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed hawaasa nagaa saamuu jabeessanii ittuma fufuun, jiraattota ganda Dambaqaa Iftuun akkuma WBO gargaartan nuunis nu gargaaraa jechuun afaan qawwee itti qabuun nama tokko irraa qarshii dhibba shan (500) saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamtoonni PP kunneen saamicha isaanii kana ittuma hammeessuun, aanichuma ganda Dambaqaa Garjallee jedhamu keessaa ammoo maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii kuma torba (7,000) saamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudatee jiru wabeefachuun jaleewwan Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran saamicha dangaa darbe irratti bobba'anii kan jiran ta'uun ni beekama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Regime Forces Target Civilians in Qellam Walaga Coffee Farm Attack


ONM-ABO: December 13, 2024

Qelem Wallaga, Oromia:
The Prosperity Party regime has continued its violent campaign across Oromia. On November 19, 2024, regime forces opened fire on civilians harvesting coffee beans in Yetti Yadanno, Anfilo district, Qellam Walaga zone. The attack resulted in the death of one individual and serious injuries to two others, including the farm owner, Faxane.

Human rights groups have documented systematic and widespread abuses under Abiy Ahmed’s regime, which appears to be engaging in a calculated campaign of repression, targeting civilians during routine activities like farming and harvesting.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoota sirnichaan saamichi jiraattota irratti raawwatu jabaate.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Mootummaan gabroomfataan impaayerattii ergamtoota isaa hunda bobbaasuun hawaasa nagaa roga isaaf mijate maraan humnaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta'u, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti loltoota sirnichaan saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Torban darbe keessa aanaa Daarimuu ganda Effarsii keessatti kaabinoonni yeroo ammaa kanatti mootummaan ramadamanii jiran waantota adda addaa dawoo taasifachuun qabeenya uummataa irratti saamicha geggeessuun, uummata gandichaa irraa dirqamaan boqqolloo ykn midhaan callaa ardaba 800 gara maallaqaatti hoggaa shallagamu qarshii kuma jaatamii afur (64000) guurrachuun, qonnaan bulaa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa saamuun beelaaf saaxilaa kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanicha guutummaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata irraa qarshii hedduu saamaa kan jiran lukkeeleen bilxiginnaa ganda Jaarsoo jedhamuun beekamu keessaas gatii gibiraa humnaan olii jiraattotatti fe'uun hanga qarshii 5,000'tti qonnaan bultoota waan nyaatanii bulan hin qabne irraa guuraa kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata waltajjii waamuun holola facaasaa turuun himame.

ONM-ABO Muddee 13,2024 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti Muddee 11,2024 ergamtoonni sirna bilxiginnaa impaayera ekeraa Minilikiin hargantu suphuuf kufanii ka'an, uummata waltajjii baasuun waraqaa barreeffamoota garaa garaa qabu itti hiruun sirba dirqii sirbisiisuun diraamaa hojjechaa turuu hirmaattonni waltajjichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, waltajjiin kun kan adeemsifame magaalaa Meettaa mana barnootaa qophaa'inaa magaalichaa keessatti ta'uu fi hirmaattonni ammoo jiraattota bulchiinsa magaalaa Minaaree, Gooroo fi jiraattota magaalaa Meettaa akkasumas abbootii gadaaf haadholiin siinqee irratti kan argaman ta'uu himuun, bulchaan aanaa haasawaa erga taasiseen booda hirmaattotaaf waraqaan barreeffamoota akka: "abbaa keetu si waamaa galii, haadha keetu si waamaa galii" fi kkf jedhu qabu jiraattotaaf erga hirameen booda hundumtuu wal jalaa qabuun sagalee dhageessisaa turuun ibsameera.

Kaayyoon waltajjii kanaas miseensota ABO-WBO'f waamicha karaa nagaa taasisuu akka ta'e kan himan maddeen, uummannis waltajjii hololaa ta'uu hoggaa irratti baree didu, qaamuma isaaniif durgoo kaffaluun baasanii diraamaa dirqii hojjechaa kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Hirmaattonnis holola tibba kana Bilxiginnaan hooggana WBO waliin walii galtee nageenyaa mallatteessinee karaa nagaa galaa jiru jedhu sun soba ta'uu fi gantummaa Saanyii Nagaasaa fi fakkaattota isaa Bilxiginnaatti galaniis dursee bareechee waan beekuuf, akkasumas cichoominaa fi murannoo jaarmiyaa ABO-WBO dinqisiifachaa gara fuulduraattis jaarmiyaa ulfina qabeessa kana waliin hiriiruun qabsoo bilisummaa Oromootti gudunfaa gochuuf qophii ta'uu mirkaneessanii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 13-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

https://www.facebook.com/Arraatabiyyolessa/videos/800950572147364/?app=fbl

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሶሪያ የኬሚካል ጦር መሳሪያዎች እና ሚሳዔሎች ላይ ጥቃቶች መፈጸሟን እስራኤል አረጋገጠች።


ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
እስራኤል በሶሪያ ያሉ የኬሚካል ጦር መሳሪያዎች እና ሚሳኤሎች 'ጽንፈኞች' እጅ እንዳይገቡ በሚል በአየር ጥቃት እያወደመች መሆኗን አረጋገጠች።


የበሻር አል አሳድ መንግሥት መውደቁን ተከትሎ በተለያዩ በሶሪያ ክፍሎች የሚገኙ ስትራቴጂያዊ የጦር መሳሪያዎችን ለማውደም በመቶወች የሚቆጠሩ የአየር ጥቃቶችን እስራኤል ፈጽማለች።


በተጨማሪም በአገሪቱ የባሕር ኃይል መርከቦች እና ይዞታዎች ላይ ጥቃት በመፈጸም ውድመት ማድረሷ ተገልጿል።

ከእስራኤል መከላከያ ሚኒስቴር የወጣው መግለጫ እንደሚያመለክተው 15 የጦር መርከቦች ቆመው የነበሩባቸውን አል ባይዳ እና ላታኪያ በተባሉ የሶሪያ ወደቦች ላይ የሚገኙ የባሕር ኃይል ትጥቆች ላይ ጥቃት ፈጽሟል።

ቢቢሲ ባደረገው ማጣራት ላታኪያ በተባለችው ወደብ በተፈጸመው ከፍተኛ ጥቃት የመርከቦች ቃጠሎን እና ወደቡ ላይ የደረሰውን ጉዳት የሚያሳይ ቪዲዮ ተመልክቷል።

በመላው ሶሪያ ከ350 በላይ የአየር ጥቃቶችን መፈጸሙን የገለጸው የእስራኤል መከላከያ ከወታደራዊ እንቅስቃሴ ነጻ ወደ ሆነው ቀጣና ኃይሎቹን ያስገባ ሲሆን፣ የጎላን ተራራ አካባቢዎችን ተቆጣጥሯል።


ዩናይትድ ኪንግደም ውስጥ የሚገኝ አንድ በሶርያ ዙሪያ የሚሠራ የሰብዓዊ መብት ተቋም ባሰባሰበው መረጃ መሠረት ባለፈው እሁድ የሶሪያ አማጽያን ወደ መዲናዋ ደማስቆ መግባታቸውን ተከትሎ የእስራኤል መከላከያ በተለያዩ የአገሪቱ አካባቢዎች 310 የአየር ጥቃቶችን ፈጽሟል ብሏል።

የእስራኤል መከላከያ ሚንስትር ኢዝራኤል ካትዝ ጥቃቶቹ ለአገራቸው ስጋት የሆኑ ስትራቴጂክ የጦር መሣሪያዎችን ለማውደም መሆኑን ገልጸው፣ የሶሪያን የባሕር ኃይል ለማውደም የተካሄደው ዘመቻን "ትልቅ ስኬት ነው" ብለውታል።

የእስራኤል መከላከያ ኃይል እንዳስታወቀው በጥቃቶቹ የአየር ኃይል ሰፈሮች፣ ወታደራዊ ተሽከርካሪዎች፣ ፀረ አውሮፕላን መሳሪያዎች እና የጦር መሳሪያ ማምረቻ ስፍራዎችን ጨምሮ በርካታ በዋና ከተማዋ ደማስቆ፣ ሆምስ፣ ታርቱስ እና ፓልሜራ ውስጥ የሚገኙ ዒላማዎች ጥቃት ተፈጽሞባቸዋል።

በተጨማሪም ጥቃቱ የጦር መሳሪያ ማከማቻ መጋዘኖች፣ የተተኳሽ ማከማቻዎች እና "በርካታ" ከባሕር ላይ የሚወነጨፉ ሚሳዔሎች ተመትተዋል ተብሏል።


እስራኤል በሶሪያ ላይ ይህንን ጥቃት የምትፈጽመው "መሳሪያዎቹ በጽንፈኞች እጅ እንዳይወድቁ" ለመከላከል ነው ብላለች።


የእስራኤሉ ጠቅላይ ሚንስትር ቤንያሚን ኔታንያሁ የበሻር አል አሳድን መንግሥት ለገረሰሰው ሃያት ታህሪር አል ሻም ቡድን በቪዲዮ ባስተላለፉት መልዕክት "ኢራን ሶሪያ ውስጥ ድጋሚ ለመቋቋም የምትሞክር ከሆነ ምላሽ ለመስጠት እንገደዳለን" ብለዋል።


ጠቅላይ ሚንስትሩ አገራቸው የምትፈጽመው ጥቃት ራስን ለመከላከል መሆኑን በማስረዳት፣ ነገር ግን ከአዲሱ የሶሪያ ኃይል ጋር ሰላማዊ ግንኙነት ለመፍጠር እንደሚፈልጉም ቀደም ሲል ገልጸው ነበር።

የሶሪያ ሰብአዊ መብቶች ተካታታይ ቡድኑ መሥራች ራሚ አብዱል ራህማን የእስራኤል ጥቃት ዓላማ "ሁሉንም የሶሪያን ሠራዊት አቅም" ማውደም ነው፤ በማለት "የሶሪያ ግዛት ተጥሷል" ሲሉ ከሰዋል።


ይህ በእንዲህ እንዳለ የእስራኤል ጦር በወረራ ከያዛቸው የጎላን ተራራ አካባቢዎች በተጨማሪ በሶሪያ ግዛት ውስጥ ዘልቀው የገቡ ወታደሮች እንዳሉት ይፋ አድርጓል።

ነገር ግን ጦሩ ወታደሮቹ ወደ ሶሪያ ድንበር ዘልቀው መግባታቸውን ቢያምንም ታንኮቹ ወደ ዋና ከተማዋ ደማስቆ እየተጠጉ ነው መባሉን ግን "ሐሰት" በማለት የእስራኤል መከላከያ ለቢቢሲ ምላሽ ሰጥቷል።

የእስራኤል መከላከያ ቃል አቀባይ ናዳቭ ሾሻኒ ሁለቱን አገራት ከሚያዋስነው ድንበር የተወሰነ ርቀት ገባ ብለው ሠራዊታቸው መስፈሩን አረጋግጠዋል።

ቢቢሲ ባደረገው ማጣራት ከወታደራዊ እንቅስቃሴ ነጻ ቀጣና ከነበረው የጎላን ተራራ አካባቢ ባሻገር፣ ግማሽ ኪሎ ሜትር ርቀት ላይ በሚገኝ የሶሪያ ግዛት ውስጥ የእስራኤል ሠራዊት መግባቱን እና ክዋዳና የምትባል መንደር አካባቢ መስፈሩን አረጋግጧል።

ባለፈው ሰኞ የእስራኤል ጦር ወታደራዊ ነጻ ቀጠናውን አልፎ ወደ ሶሪያ ድንበር ሲገባ የሚያሳይ ፎቶ የአገሪቱ መከላከያ ሠራዊት አጋርቶ ነበር።

ጠቅላይ ሚንስትር ቤንያሚን ኔታንያሁ እስራኤል ይህንን ርምጃ የወሰደችው ራስን ለመካለከል እና በጊዜያዊነት በሶሪያ ማዕከላዊ መንግሥት እስኪቋቋም ድረስ መሆኑን ገልጸዋል።

የቱርክ የውጭ ጉዳይ ሚኒስቴር የእስራኤል ጦር ከወታደራዊ እንቅስቃሴ ነጻ ወደሆነው የሶሪያ ግዛት መግባቱን አጥብቆ ተቃውሟል።


"ከአዲሱ የሶሪያ ኃይል ጋር ሰላማዊ ግንኙነት እንዲኖረን እንፈልጋለን፣ ያ የማይሆን ከሆነ ግን የእስራኤልን እና እስራኤላውያንን ደኅንነት ለመጠበቅ ሲባል አስፈላጊውን ሁሉ እናደርጋለን" ብለዋል ጠቅላይ ሚንስትር ኔታንያሁ።

እስራኤል በሶርያ ላይ ስለምትፈጸማቸው ጥቃቶች የተጠየቁት የእስራኤል የውጭ ጉዳይ ሚንስትር ጌዲዮን ሳር፣ እስራኤል እያደረገች ያለችው ዜጎቿን መከላከል ነው ብለዋል።

"ለዚያም ነው የኬሚካል መሳሪያ እና ረጅም ርቀት ተወንጫፊ ሚሳኤሎችን በአክራሪዎች እጅ እንዳይወድቁ ለይተን እያወደምን ያለነው" ብለዋል ውጭ ጉዳይ ሚንስትሩ።

ባለፈው ሰኞ የተባበሩት መንግሥታት በሶሪያ የሚገኙ የኬሚካል ጦር መሳሪያዎች ጥንቃቄ ሊደረግባቸው እንደሚገባ አስጠንቅቆ ነበር።


በሶሪያ ምን ያህል እና የት የኬሚካል መሳሪያዎች እንዳለ በይፋ የሚታወቅ ነገር የለም። ነገር ግን የቀድሞው የሶሪያ ፕሬዝዳንት በሻር አል አሳድ የኬሚካል መሳሪያ ክምችት እንደነበራቸው ይታመናል.

እስራኤል በሁሉም የሶሪያ አካባቢዎች ጥቃት መፈጸም የጀመረችው የአገሪቱ አማጽያን የአሳድን መንግሥት ገርስሰው ወደ ዋና ከተማዋ ደማስቆ ከገቡ በኋላ ነው።

በሻር አል አሳድ እና አባታቸው ሐፊዝ አል አሳድ ከአውሮፓውያኑ 1971 ጀምሮ ሶሪያን ከግማሽ ምዕተ ዓመት በላይ መርተዋል።

ነገር ግን በ2011 (እአአ) ተቀሰቀሰው የአረብ አብዮትን ተከትሎ ሶሪያ ወደ እርስ በእርስ ጦርነት ውስጥ ገብታለች።

ከ13 ዓመታት አስከፊ ጦርነት በኋላ ሃያት ታህሪር አል ሻም የተባለው እስላማዊ አማጺ ቡድን የአሳድን መንግሥት ገርስሶ ደማስቆን ጨምሮ አብዛኛውን የሶሪያ አካባቢዎች ተቆጣጥሯል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በቄለም ወለጋ ዞን ሰዮ አውራጃ አንድ አዛውንት 100,000 ብር በፋሽስት ፒፒ ጦር ተዘረፈ።


ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).

ባለፉት 6 አመታት በምዕራብ ኦሮሚያ የኦሮሞ ተወላጆች በፖለቲካ ተሳትፎ ስም በአምባገነኑ የብልፅግና ሰራዊት ተገድለዋል፣ ተዘርፈዋል፣ ታስረዋልና ቤታቸው ተቃጥሏል።


ይህን በማስመልከት ታህሳስ 9 ቀን 2024 ዓ.ም የፒፒ ፋሺስት ጦር ከአንፊሎ አውራጃ ጋርጂዳ ከተማ አስተዳደር ወደ አላኩ ሰንጋ በሰዮ ወረዳ ሳሲ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በማሰማራት አቶ ቀኖ ኦሊቃ የተባሉ አዛውንትን ዘርፈዋል።

አቶ ቀኖ ከ70 አመት በላይ የሆናቸው የልጆች አባትና ታላቅ ማህበራዊ ፍቅር ያላቸው የተከበሩ አዛውንት ናቸው።


እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ፣ በህብረተሰቡ መካከል ግጭት በተፈጠረበት ቦታ በመገኘት፣ እርቅ እና ከፍተኛ ችግር ያለባቸውን ሰዎች በአንድ ጣሪያ ስር የሚሰበስብ የሀገር ሽማግሌው ባለፈው እሁድ በቁጥጥር ስር ከዋሉ በኋላ ደብዛችው መጥፋቱን ምንጮቻችን ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ እና በምስራቅ ባሌ ዞን አርሶ አደሮች ለሚሊሻ ስልጠና በግዳጅ መመልመላችው ተገለፀ።


ታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ(ONM - ABO).

ምንጮቻችን ለኦኤንኤም እንደገለፁት ባሎች ከቤተሰቦቻቸው እየታሰሩ በግዳጅ ሚሊሻ ስልጠና እንዲወስዱ እየተደረገ ሲሆን ወጣቶችም ወደ ጦር ሰራዊት እየተመለመሉ ነው።

ከወረዳዎች መካከል እንደ ሲናና፣ ጎባ፣ ጋሳራ፣ ጃራ፣ ዳዌ ሳራር፣ ዳዌ ካቻን፣ ራይቱ ልባሊ፣ ጎሮ እና የከተማ አስተዳደሮች ንፁሀንን በጅምላ እያሰሩ ይገኛል።

ከተመለመሉት መካከል የሚሊሻ ፣ ፀረ-ሽብር እና የፖሊስ ሃይል አባላት፣ በጤና እጦት ላይ ያሉትን ጨምሮ እንዲሁም በወታደራዊ ዕድሜ ላይ ያሉ ህጻናትን እንደሚያካትት ይናገራሉ።

በተጨማሪም በእነዚህ ወረዳዎች የሚኖሩ ነዋሪዎች እየታሰሩ፣ በተለያዩ ክፍያዎች ስም እየተዘረፉና የሰብዓዊ መብት ጥሰት እየተባባሰ መምጣቱን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti waraanni Bilxiginnaa qabeenya hawaasa nagaa saamuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 12,2024 Afaan qawweetiin uummata Oromoo garboomsee bulchuu kan bare murni nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaa bobbaafachuun saamicha daangaa darbe hawaasa nagaa irratti raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.

Muddee 9,2024 waraanni sirnichaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
- Araarsaa Nagarii fi
- Biqilaa Likkiisaa jedhaman jalaa sa'a dorrobaa 1 fi re'oota 2 qalatanii nyaachuu maddeen ONM'tti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraayyuu walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa sababa "Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu" jedhuun armaan duras abbaa Biqilaa, Obbo Likkiisaa hidhanii dararaa jiraachuus dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee kutaalee adda addaatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana maafi'aa PP'n jabaate

ONM-ABO Muddee 12,2024 Godinaalee Oromiyaa mara keessatti waraanni akka feeteen kabajaa fi jaalala ilma namaaf hin qabne jiraattota nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi gubaatii manneenii raawwachaa kan jiran yoo ta'u, gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti hojiilee dabaa taasisan babaldhisuun miidhaa jajjaboo jiraattota irraan ga'uu cimsanii itti fufaniiru.

Bifuma kanaanis hawaasa Oromoo Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa kanneen rakkoo nageenyaa dheessanii hojiilee humnaa irratti hirmaachuuf imalan, kanneen waajjiraalee sirnichaa keessaa hojjetanii fi barnoota barachuuf deeman hundumaa jumlaan bakka hojiilee isaaniitti waraanni bulchiinsa magaalichaa keessa jiran poolisoota waliin ta'uun, kutaa fi lagaan qooduun qabanii hojiilee loojistii hojjechaa jirtu maqaa jedhuun ukkamsanii hidhuu fi mooraa leenjiittis ergaa jiraachuu ONM'tti himaniiru.


Kana malees manneen jiraattotaa maqaa miidhagina magaalotaa jedhuun beenyaa tokko malee irratti diigaa jiraachuun kan ibsame ogguu ta'u, maatiin ilmaan isaanii waliin daandii gubbaatti rakkachaa akka jiranis itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 12-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti maanguddoon tokko qarshii kuma dhibba tokko waraana faashistii PP'n saamamuun ofiis ukkaamfame

ONM-ABO Muddee 12,2024 Waggoota ja'an darban irraa kaasee Lixa Oromiyaatti uummanni Oromoo maqaa hirmaannaa siyaasaa taasisaa jirtu jedhuun waraana gabroomfataa PP'n ajjeefamuu, saamamuu, hidhamuu fi manneen isaanii irratti gubachuun jabaatee itti fufeera.



Muddee 9,2024 waraanni faashistiin PP aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Garjeedaa irraa gara aanaa Sayyoo ganda Alakuu Sanagaa bakka addaa Saasii jedhamutti bobbaafamuun maanguddoo maqaan isaanii Obbo Qannoo Oliiqaa jedhaman saamuun beekameera.



Obbo Qannoon jaarsa kabajamaa jaalalaa hawaasummaa guddaa kan qabu, kan umuriin isaanii 70 ol ta'uu fi abbaa daa'immanii kan ta'an ogguu ta'u maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun qarshii guddaa kuma dhibba tokkos saamamuun beekameera.


Akka Jiraattonni jedhanitti jaarsi biyyaa bakka wal dhabdeen hawaasa gidduu jirutti argamee, araaraa fi namoota dhibdee cimaa qaban caayaa tokko jalatti walitti qabuun araarsu kunis erga wiixata darbe ukkaamfamee achi buuteen isaa osoo hin baramin jiraachuun ifoomeera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti waraanni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Muddee 12,2024 Waraanni silaa lolee daangaa biyyaa kabachiisuu malu, waa'ee dantaa daangaa biyyaa dhiisee gara uummata isaatti deebi'uun dararaa ulfaataa geessisuu itti fufee jira.



Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa jedhamu keessaa Muddee 10,2024 namoota maqaan isaanii:
- Misgaanuu Rabbumaa,
- Mitikkuu Nagaraa fi
- Boodanaa kanneen jedhaman waraanni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu saamichaan ammoo aanaadhuma kana ganda Saqqaa irraa Muddee 9,2024 nama maqaan isaa Baacaa Dheeressaa jedhamu jalaa qotiyyoo 2 qalatanii nyaachuun maatii jiruu fi jireenya gadadoo keessatti hambisanii deemuu maddeen himan.

Ergamtoonni kunneen jiraattota hidhaatti guuruu ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruu jedhamu keessaa Muddee 10,2024 namoota maqaan isaanii:
- Ruusiyaa Kadirii fi
- Tasfaa Addunyaa jedhaman sababa tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Namoonni dararaan kun irra ga’e kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi maatii qabsaa'otaati jedhuun akka ta'e ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

It has been reported that in Northern Shagar district of Dhara well organized genocide against Oromo civilians by Abiy Ahmed forces and Fano militias is underway.

ONM-ABO December 12, 2024 well organized and coordinated ethnic violence against Oromo population in Southern Shagar district of Dhara and many other districts by Ethiopian regime forces and radical Fano militias has been reported to be intensifying more than ever before engulfing the whole region.

On November 17, 2024, in districts of Dhara town of Iluu a well coordinated attack against Oromo population in the area by the regime forces and Amhara Fano militia has left many innocent civilians dead and many others wounded, and forced them to flee from their homes. In this well coordinated brutal attack by regime forces and Amhara Fano militia, the following three Oromos were abducted and their whereabouts are still unknown.
-Abu Bogale
-Abu Haji Ahimad
-Kadir Nuge are among innocent Oromo civilians who were kidnapped by radical Amhara Fano and Abiy Ahmed regime’s forces.

Additionally, in recent weeks in district of Jiru Dada this criminal forces of Abiy Ahmed and his proxy Amhara Fano militia have brutally executed father and son after tying their hands behind their backs. This forces have continued their rampage against Oromo civilians in a village called Bayo Nono by indiscriminate areal firing against residents of the area which resulted in severe injuries against one individual and many livestocks.

The population of this area are said to be in dire danger as brutality and atrocities against them by Abiy Ahmed forces and Fano militia is highly intensified causing casualties and many people fleeing their homes. Those who have fled as a result of this sustained and persistent violence are without any food, water, or shelter, and in need of humanitarian assistance.

Читать полностью…
Subscribe to a channel