onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

-

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ ሸገር ዞን በተለያዩ ስፍራዎች በጠላት ላይ የማያዳግም እርምጃ እየወሰደ ይገኛል።

ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ይህን በማስመልከት የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ ሸገር በሀርሰዴ ዞን በሊበን ጩቃላ ወረዳ በደግላ ገላ Dheeraa ውስጥ በታህሳስ 12 ፥ 2024 ዓ.ም በፋሽስቱ ጦር ላይ በወሰደው እርምጃ የጠላት ሀይላትን አርበድብዶታል። በዚህ ጥቃት ላይ 3 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 4 ቆስሎል።



እንድዚሁም የኦሮሞ ተስፋ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ ሸገር ዞን በዱግዳ ወረዳ ዶሌሳ በሚባልበት ቀበሌ ውስጥ በታህሳስ 13 ፥ 2024 ዓ.ም ከቀኑ 7፡30 ላይ በጠላት ሀይላት ላይ ደፈጣ በማድረግ በጥይቶች እሩምታ ጠላትን ከአፈር ቀላቅሎታል ። በዚህ ጥቃት ላይ ከ5 በላይ የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 7 ቆስሎል ። እናም የተለያዩ የጦር መሣሪያዎችን ከጠላት ጀርባ ላይ በመፍታት ለኦሮሞ ህዝብ ትግል ገቢ አርጎዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ሀረርጌ ዞን በደኖ አውራጃ የብአዴን ወኪሎች ከህብረተሰቡ እህል እየዘረፉ እንደሆነ ምንጮቻችን ገልጸዋል።

ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና አንጃ በተቻላችው መንገድ የኦሮሞን ህዝብ በኢኮናሚ በማዳከም እና በሌላ በኩል ደግሞ ከእስር እስከ ግድያ ድረስ መፈፀማችውን አጠናክረው ቀጥለዋል።

ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደገለፁት ከታህሳስ 8 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ የብልፅግና ተላላኪዎች ከእያንዳንዱ ህብረተሰብ እስከ 40 ኩባያ እህል እንዲሰጡ እያስገደዱ ነው።

በተጨማሪም የብልፅግና ወኪሎች በሲቪል ማህበረሰብ ላይ ስቃይን አጠናክሮ በመቀጠል ከ200 እስክ 4000 ብር ድረስ እንዲከፍሉ እያስገደዱ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በፊንፊኔ የተለያዩ አካባቢዎች በፍተሻ ስም የሚፈጸመው የሰብዓዊ መብት ጥሰት ተባብሷል።


ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የፒፒ የማፍያ ቡድን ፋሽስታዊ ሰራዊቱን በህዝብ ላይ በማሰማራት የሰብአዊ መብት ጥሰቱን አጠናክሮ ቀጥሏል።

በአገር ደህንነት ስም ከላይ የተሰጣቸውን ትዕዛዝ ለማስፈጸም የሚንቀሳቀሱ የግዛቱ እረኞች በማሰር፣በመግደል፣የሰውን ቤት በማቃጠልና ህዝቡን ሰላማዊ የመሆን መብቱን በመንፈግ የህዝቡን ደህንነት እያደፈረሱ መሆኑን ነዋሪዎቹ ተናግረዋል።

በዚህም መሰረት በፊንፊኔ  የሚገኙ የአገዛዙ ተላላኪዎች ጉለሌ፣ቡራዩ፣አስኩ፣አቶቢስ ተራ እና ሌሎችም በየቀኑ የአገዛዙ ፖሊሶች   መንገድ ላይ ወጥተው በአሰሳ ስም ከንፁሀን  ስልክ በመውሰድ እየደበደቧችው ይገኛል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ሸገር ዞን ውስጥ በአቡና ጊንደበረት ወረዳ የብልፅግና አንጃ ባደረገው የአየር ጥቃት በሰው ህይወት እና ንብረት ላይ ጉዳት አድርሶዋል።

ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በአምባገነኑ ኮሎኔል አብይ አህመድ የኦሮሞ ህዝብ በምድር እና ከአየር ጥቃት እየተፈፀመበት ነው ። በዚህም ጥቃት ንፁሀን ሰዎች በአንድ ቦታ በጅምላ እየተገደሉ በሺዎች የሚቆጠሩ የአካል ጉዳት እየደረሰባቸው ነው። እናም በድሮን ጥቃት እና በከባድ መሳሪያ ቤታቸው እየተቃጠለ ነው።

ይህን በማስመልከት ታህሣሥ 12 ቀን 2024 ዓ.ም በምዕራብ ሸገር ዞን አቡነ ጊንደበረት አውራጃ በሚገኘው በጎሮ dhooqonuu መንደር ብልዕግና ምሽት ላይ የአየር ሃይል ተጠቅሞ ጥቃት በመሰንዘር በርካቶች ሲገደሉ እና በርካቶች ቆስሎል።


እናም የፒፒ ፋሺስት ቡድን ሐሙስ ዕለት በሰሜን ሸገር ዞን ውስጥ በወረ ጃርሶ ወረዳ ጃምጃም ሜላ እና ሃሮ ጉለሌ መንደሮች እንደ መዳፍ ፣ ታንክ ፣ ዙ 23 እና ሞርተር በመሳሰሉት መሳሪያዎች በተተኮሰ በትንሹ 4 ንፁሀን ዜጎችን ሲገደሉ እና 9 ቆስለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Makkootti tajaajilli Interneetii adda cituun beekame

ONM-ABO Muddee 14,2024 Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti murni Bilxiginnaa gama isaaf danda'ame hundaan uummata Oromoo dararuun afaan qabachiisuu kan bare ammallee haala duraan barameen olitti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran ta'uun ni beekama.

Aanaa Makkoo bakkeewwan cufa irraa Muddee 7,2024 irraa eegaluun tajaajilli interneetii adda citee kan jiru yoo ta'u, sababa kanaanis yeroo ammaa kana uummanni quunnamtii dhabee haala yeroo hordofuuf rakkachaa jiru ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, tajaajila Interneetiin firri wal dubbisuuf, qonnaan bulaan oomishaa fi oomishtummaa isaa beeksifachuuf akkasumas barattoonni toora Interneetii irraa waan barnoota isaaniif deggersa ta'u wabeeffachuuf rakkoo hamaa keessa kan jiran ta'uu dabaluun dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti ergamtoonni murni PP manneen uummata irratti diiguun gubanii, saamichas qabeenyaa jiraattotaa irratti hammeessanii jiru

ONM-ABO Muddee 14,2024 Dantaa Sabaa eegsisuu irra kan ergamtoota isaa kabachiisuuf uummata dararaa kan jiru murni badee balleessaan bilxiginnaa yakka tokko malee Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti hadheeffachuun goolessitoota waraana isaa saba irraa dhalataniif gara laafina tokko hin qabne hawaasa nagaan qe'ee isaa irra jiraatutti bobbaasuun gochoota suukkanneessoo irratti raawwachaa jira.


Guyyaa dhufee darbuun dhiiga namaa dhangalaasuu, lubbuu obbaasuu, hidhaatti naqanii dararuu fi qabeenya namootaa afaan qawween saamee kan isaa godhachuuf carraaqaa kan jiru bulchiinsi abbaa irree impaayerattii namoota nagaa Oromummaa isaanii qofaan yakkee Manneen jireenyaa irratti diiguun maatii hedduu rakkoo jabaaf saaxilaa jira.

Akkuma kanaan torbanoota darban keessa Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Boonii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii Kabbee Luuccoo fi Guddee Dibaabaa jedhaman jalaa mana isaanii irraa diiguun qorqorroo isaa irraa fudhatanii jala isaa diiguun yoo mancaasan, midhaan nyaataa dabalatee qabeenya manicha keessa jiru cufa ibiddaan gubanii barbadeessuu gariin ammoo saamanii kan deeman oggaa ta'u, Kabbee Luuccoo jalaa qorqorroo baallee 60 fi Guddee Dibaabaa jalaa ammoo baallee 65 manarraa diiggatanii deemuu maddeen keenya Onichaa ONM'f eeran.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Qophii Sagalee Bosonaa ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Lukkeeleen murna Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti dukkaana namootaa saamsuu itti fufan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Impaayera Itiyoophiyaa keessatti qabeenyaa qabaachuun qofti yakka ta'ee mul'achaa wayita jiru kanatti, ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta'an hattoota Koloneel Abiy Ahimediin qabeenyuma isaaniif jecha afaan qawweetiin doorsifamanii qabeenyaa isaaniin ala ta'uu fi reebamuun yeroo itti roorrifamantu argamaa jira.

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti Muddee 10,2024 hidhattootni sirnichaa magaalaa Harawaa keessa naanna'uun manneen shaayee fi dukkaana namoota hedduu saamsanii jiru.

Namoonni dukkaanni jalaa saamsame kunneenis muraasni Sayid Qurquroo, Ahimed Mahaammad Gobbee fi mana shaayee Mahaammad Sayid fi namoonni maqaan adda hin baane danuu ta'uun addeeffameera.

Abbootiin qabeenyaa hidhattoota sirnichaan manneen shaayee fi dukkaanonni jalaa saamsame kunneen deggartoota paartii dhaaba kamiiyyuu akka hin taane jiraattotni himuun, ergamtootni murna Bilxiginnaa kun garuu sababoota ga'aa hin taane itti tarreessuun akka saamichaaf isaanii mijaa'utti abbootii qabeenyaa kanaan maqaa gatii jiraattotatti qaalessitan jedhuun jalaa saamsuun boodarra ammoo qarshii guddaa kaffalanii akka banamuuf harka lafa jalaan itti himaa turuu maddeen magaalichaa ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee kutaalee addaa addaa keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa maqaa sakattaan jiraattota irratti jabaachuun dhagaa'ame

ONM-ABO Muddee 14,2024 Tooftaalee garaa garaa ittiin uummata Oromoo dararu guyyaa guyyaan baafachaa kan oolu murni maafi'aan PP faashistoota waraana isaa uummatatti bobbaasuun sarbamiinsa mirga namoomaa raawwatu jabeessee jira.

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa nageenya biyyaa eegnaan ajaja qaama olii irraa itti kenname milkeessuuf kan deeman tiksitoonni impaayerattii faallaa kanaa nageenya uummataa jeequun hidhaa, ajjeechaa, gubaatii manneen uummataa fi mirga nagaan ba'anii galuu sabicha dhorkuun dararaa ulfaataa geggeessaa jiraachuu jiraattoonni rakkoon irra qaqqabaa jiru ni dubbatu.

Akkuma kanaan ergamtoonni sirnichaa Finfinnee magaalota kanneen akka Gullallee, Buraayyuu, Askoo, Atoobis Taraa fi kanneen biroo dabalatee guyyuu poolisoonni sirnichaa huccuu siivilii uffachuun daandiitti ba'anii maqaa sakatta'iinsa jedhuun namoota karaa deeman irraa bilbilootaa fi waan argan cufa irraa fudhatanii gadhiisuun, uummanni akka itti nagaan ba'ee galu dhabee dararaa argaa jiraachuu maddeen keenya ONM'f eeran.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Murni faashistii PP Kamisa darbe tarkaanfii qe'ee hawaasaa irratti meeshaalee gurguddaan fudhateen namootni du'anii fi midhaman adda ba'an

ONM-ABO Muddee 14,2024


Muddee 12,2024 waraanni impayeerrii Itoophiyaa Kaabaa Shaggaar aanaa Warraa Jaarsoo gandaa Janjam Meelaa keessattii meeshaa gurguddaa akka BM, Madfii, Taankii, Moorteeraa fi Zu 23 dhukaasuun uummata nagaa irraan midhaan guddaa qaqqabsiisuun barameera.
Hanga yoonaatti namoota lubbuun isaanii darbe keessaa kan maqaan adda ba'e
1. Sanbatuu Adinoo Suyyumee daa'ima waggaa 10
2. Haannaa Lammaa Nagaa daa'ima waggaa 2 ti. Daa'ima kana kana osoo Sanbatuun baattee jirtuu mana keessattii irraa bu'ee walumaan ajjeese. Daa'imni biraa meeshaa waraanaa PPn ajjeefame Dirribaa Botee Faayyisaa daa'ima waggaa 8 ta'uun barameera.

Ol adeemtota ilmaan Oromoo waraana faashistii PPn ajjeefaman malee kanneen madaa'an

1. Baaccuu Bojaa Sanbataa daa'ima waggaa 9
2. Ijaarree Sanbata Dabalaa ga'eessa waggaa 45
3. Ayyaluu Dabalaa Ayyaanee waggaa 47
4. Jaalannee Abboomaa Dhufeera shamarree waggaa 22
5. Shantamee Daanyee Biqilaa umriin waggaa 19
6. Diittaa Geetuu Abiyyii umriin waggaa 28 yoo mada'an warri kun hundii isaanii matii tokkoodha.

Sababa mana isaanii irraatti bu'eef firaa fi aanteen achi keessa ture guutuutti balaa kanaaf saaxilamee jira. Gandumaa kana keessatti Kaleessa Muddee 13/2024 Baqqalaa Katamaa nama waggaa 50 ooyiruu isaa keessaa osoo dalagachaa jiruu meeshaa gurguddaa akka feteen dhukaasan irra bu'ee ajjeesuun barameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arsii bahaa Aanaa Sirkaa keessatti WBOn diina du'aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Muddee 14,2024 Abdii fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Maddaa Walaabuu diinaa maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa kaleessaa Muddee 12,2024 Aanaa Sirkaa ganda Galabee Amajaa iddoo addaa Bal'aa jedhamutti itti marsuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessuun hedduu du'aa fi madoon adabee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguuddaa keessatti uummata dararuu itti fufan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Galma, Qajimaa fi Sorooroo Malkaa Jawwee ykn Taabboo keessatti Muddee 12,2024'tti saamtotni Abiy Ahimed maqaa waraanaan bobbaase manneen dhugaatii keessatti wantoota gurguraman biiraa, haraqee, bookaa fi nyaata saamuun uummata irraanis miidhaa qaqqabsiisan.
Ergamtootni teessoo Abiy Ahimed tiksuuf bobba'an saamicha raawwataniin machaawuun ganda Qajimaa Haroo Booraa keessatti dubartoota 8 gudeeduun barameera.

Akka hawaasni gandichaa tokko tokko jedhanitti dubartoota gudeedaman keessaa 2 deessuu ta'uu himuun, dubartiin biraa "Bundee Onnee " jedhamtu erga deessee kaatee bultii 27 ta'uu Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.
Waraanni maafiyaan PP kan kabajaa fi safuu namummaa hin beekne kun dubartii maqaan ishii Aadde Shokoraa Hoxxeessaa jedhamtus, deessuu ji'a 3 kan taate erga dhuganii macha'aniin booda, abbaa manaatiin naaf hayyami jechuun abbaan manaa yeroo mormu dirqisiisuun fedhiin foonii isaa irratti raawwachuun barameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irraa midhaan saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 14,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif dandaa'ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti gocha suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti hawaasa jalaa midhaan saamanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa Mudde 8,2024 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne midhaan kubbaayyaa 40-40 akka kennaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun, gatii gibiraa humnaan olii irratti muruun namni duraan qarshii 200 kaffalu yeroo ammaa kana hanga qarshii 4,000'tti kaffalaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በኒው ጀርዚ ሰማይ ላይ የታዩት ምስጢራዊ ድሮኖች የኢራን እንዳልሆኑ ፔንታገን አስታወቀ።

ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


ፔንታገን በአሜሪካዋ ኒው ጀርዚ ግዛት አካባቢ የታዩት ድሮኖች ከኢራን የጦር መርከብ የተነሱ እንዳልሆኑ አስታውቋል።

በቅርብ ሳምንታት በኒው ጀርዚ ሰማይ ላይ በርካታ ድሮኖች የታዩ ሲሆን አንዳንድ ድሮኖች ወታደራዊ ካምፖች እና የተመራጩ ፕሬዝደንት ዶናልድ ትራምፕ ጎልፍ መጫወቻ አካባቢ ታይተዋል.


የአሜሪካ ኮንግረስ አባል የሆኑት ጄፍ ዳን ድሩ "ከፍተኛ አመኔታ ካላቸው" ምንጮቼ ሰማሁ ብለው ድሮኖቹ ከኢራን ጋር ግንኘነት እንዳላቸው ተናግረው ነበር።

የኒው ጀርዚው ሪፐብሊካን ለፎክስ ኒውስ በሰጡት ቃለ-ምልልስ ድሮኖች አትላንቲክ ውቅያኖስ ላይ ከሚገኝ የኢራን የጦር አውሮፕላን የተነሱ ናቸው ብለዋል።


"መርከቧ የምትገኘው በዩናይትድ ስቴትስ ምስራቃዊ ጠረፍ አካባቢ ነው። ወደ ምናየው እና የምንሰማው ነገር ሁሉ ድሮኖች ለቀዋል" ሲሉ የኮንግረስ አባሉ ረቡዕ ተናግረው እንደነበር ይታወሳል።

"ከፍተኛ አመኔታ ካላቸው ምንጮቼ ያገኘሁት መረጃ ነው። በቀላሉ የምወስደው ጉዳይ አይደለም።"

አክለው አሜሪካ ድሮኖቹ ተኩሳ እንድትጥላቸው ምክረ ሐሳብ ሰጥተዋል።


ነገር ግን የፔንታገን ምክትል ፕሬስ ሴክሬታሪ ሳብሪና ሲንግ የሰውየው አስተያየት ውሀ የሚያነሳ አይደለም ሲሉ አጣጥለውታል።


ረቡዕ ጋዜጣዊ መግለጫ የሰጡት ሳብሪና "በዩናይትድ ስቴትስ ምስራቃዊ ጠረፍ ምንም ዓይነት የኢራን የጦር መርከብ የለም። ወደ ዩናይትድ ስቴትስ ድሮኖችን እየተኮሰ ያለ መርከብም የለም" ብለዋል።

አክለው ፔንታገን በመጀመሪያ ዙር ምርመራ ድሮኖቹ "ከውጭ ሀገር አሊያም ከሌላ ቦታ የመጡ አለመሆናቸውን" ማወቅ ችሏል ይላሉ።

ቫን ድሩ ከፔንታገን ምላሽ በኋላ በቀጣዩ ቀን ፎክስ ኒውስ ላይ ድጋሚ ቀርበው "እውነታው እየተነገረን አይደለም" ብለዋል።

ፔንታገን "የአሜሪካ ሕዝብ እንደ ሞኝ ነው የሚመለከተው" ሲሉ የመከላከያ ሚኒስቴር መሥሪያ ቤቱን ወርፈዋል.


ሌላኛው የኒው ጀርዚ ሴናተር ዲሞክራቱ ሪቻርድ ብሉሜንታል "አስፈላጊ ከሆነ" ድሮኖች ተመትተው ይጣሉ ማለታቸውን አሶሲየትድ ፕሬስ ዘግቧል።

የብሔራዊ ደኅንነት ቃል አቀባይ የሆኑት ጆን ኪርቢ "የተባሉት ድሮኖች ብሔራዊ አደጋ ስለማድረሳችው ምንም ማስረጃ የለም" ሲሉ ከዋይት ሐውስ መግለጫ ሰጥተዋል።


አክለው አብዛኛዎቹ ድሮን እየተባሉ ሪፖርት የሚደረጉ በራሪዎች ሰዎች የሚያበሯቸው አነስተኛ አውሮፕላኖች ናቸው ብለዋል።


መብረር በማይፈቅድባቸው ቦታዎች እስካሁን ምንም የድሮን በረራዎች አልታዩም።


ኪርቢ ጨምረው ኮንግረሱ የድሮን ቁጥጥርን በተለመከተ ጠበቅ ያለ ሕግ እንዲያወጣ አሳስበዋል።

በሌላ በኩል በኒው ዮርክ ከተማ ብሮንክስ በተባለው ሥፍራ በርካታ ድሮኖች ሐሙስ ዕለት ሲበሩ መታየታቸውን አንድ የፖሊስ መኮንን በአሜሪካ የቢቢሲ አጋር ለሆነው ሲቢኤስ ተናግረዋል።


በቅርቡ ዩናይትድ ኪንግደም በሚገኙ የዩናይትድ ስቴትስ አየር ኃይል ጣቢያዎች አካባቢ ድሮኖች ምንነታቸው ያልታወቁ ድሮኖች መታየታቸው አይዘነጋም።


ኤፍቢአይ ኒው ጀርዚ አካባቢ ፒካቲኒ አርሰናል በተበላው ወታደራዊ የምርምር ጣቢያ እና ቤድሚኒስተር በተባለችው ከተማ አቅራቢያ በሚገኘው የትራምፕ ጎልፍ መጫወቻ አካባቢ የታዩትን ድሮኖች እየመረመረ እንደሆነ አስታውቋል።


የዩኤስ ፌዴራል አቪየሽን አስተዳደር ደግሞ በቤድሚኒስተር እና በፒካቲኒ አካባቢ ለጊዜው ድሮን ማብረር የሚከለከል እግድ አውጥቷል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሌላ በኩል በቄለም ወለጋ ዞን ጊዳሚ ወረዳ አንድ ወጣት በአገዛዙ ወታደሮች ተገደለ።

ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የኦሮሚያ የወደፊት ተስፋ የሆኑትን ወጣቶች እያደኑ በእነሱ ላይ ከማሰር እስከ ግድያ የሚደርስ እርምጃ እየወሰዱ ነው።

በታህሳስ 11 ቀን 2024 ዓ.ም የፋሺስቱ የፒ.ፒ. ጦር በጊዳሚ ወረዳ አፍቴር ሳምቦ መንደር ያለ ምንም ምክንያት አማኒ ተስፋ የተባለውን ወጣት ተኩሰው መግደላችውን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

እንደ ምንጮቻችን  ገለጻ ወጣቱ የተገደለው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ትረዳለህ በሚል  የሀሰት ሰበብ ሲሆን በወረዳው በሰላማዊ ዜጎች ላይ የሚደርሰው ጸረ ሰብአዊ ወንጀሎች ተጠናክረው ቀጥለዋል።

በሌላ ዜና ታህሳስ 12 ቀን 2024 በጋኦ ቄቤ ወረዳ ጉደቱ ዲላ መንደር የብልፅግና  ክፍል ወታደሮች የአቶ አያና ቦቶ የተባለ ሰው መኖሪያ ቤትን አቃጥሎል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ጉጂ ዞን ሱሮ ባርጉዳ አውራጃ የፋሺስቱ ጦር ህዝቡን ማሰቃየቱን ቀጥሏል።


ታህሳስ 14 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


በዚህም መሰረት ታህሳስ 12፣ 2024 ዓ.ም በምዕራብ ጉጂ ዞን ሱሮ ባርጉዳ አውራጃ ውስጥ በገልመ ፣ ቃጂማ እና ሶሮ በርጉዳ መንደሮች በአብይ አህመድ የተሰማሩ ዘራፊዎች ቢራ ፣አረቄ እና ምግብ ዘርፈዋል።

የአብይ አህመድን ዙፋን ለመጠበቅ የተሰማሩት ልኡካን በሃሮ ቦራ ቀጂማ መንደር ሰክረው 8 ሴቶችን መድፈራችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።

አንዳንድ የመንደሩ ነዋሪዎች እንደሚሉት ከሆነ ከተደፈሩት ሴቶች መካከል 2ቱ ነፍሰ ጡር ሲሆኑ፣ ቡንዴ ኦኔ" የምትባል እንስት ደግሞ ከወለደች 27 ቀን መሆኑን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።


የፒፒ የማፍያ ጦር የሰውን ክብርና ስነምግባር የማያውቀው ወ/ሮ ሾኮራ ሆጤሳ የምትባል ከወለደች የ3 ወር እናት የሆነች ሴት ከሰከሩ በኋላ መድፈራችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል ።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Haleellaa dirooniin RSF'n lixa Sudaan hospitaala irratti raawwatameen namoonni 9 ajjeefamuun, 20 ammoo madaa'aniiru

ONM-ABO Muddee 14,2024 Lixa Sudaan keessatti haleellaa dirooniin Jimaata kaleessaa hospitaala kaaba Daarfuur keessatti raawwatameen lubbuun namoota 9 du’uu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan.

Ministeerri Fayyaa Sudaan haleellaa Al-Fashiritti raawwatame balaaleffachuun, humna dafee qaqqabaa (RSF) kan komate yoo ta’u, humnoota rookkeettiidhaan socho’an afur diroonii irraa dhukaase jedheera.

Koreen diddaa Al-Faashir keessatti hojii gargaarsaa irratti hirmaate akka jedhetti haleellaan kun hospitaala Sa’udii irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Koreen kun itti dabaluudhaan haleellaan kun dhaabbatichi tajaajila yaalaa kennuu akka dhaabu kan dirqisiise yoo ta’u, Al-Fashir keessatti Caamsaa 10 irraa eegalee waraana Sudaan fi RSF gidduutti walitti bu’iinsi cimaan mul’ateera.

Magaalattii UN fi dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa akka wiirtuu hojii namoomaa naannoo Daarfuritti itti fayyadamaa jiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun jiraattota irraa lafaa fi maallaqa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 14,2024 Dirqiin caasaa ijaarrannaan ji'oottan lamaan sadan darban kana akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa caasaa gandaa diigamee ture deebisanii ijaaruu jedhuun gandoota baadiyyaa cufa keessatti uummata dararaa jiru.

Aanaa Saasiggaa bakkeewwan adda addaatti maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhu kanaan jaleewwan Abiy Ahimed jiraattota humnaa ol dararaa kan jiran yoo ta'u, haaluma kanaan ganda Haroo Folaa jedhamu keessaa yeroo ammaa maqaa waajjira gandaa ijaaruu jedhuun Darajjee Tasfaa fi Misgaanuu Waaqtolee namoota jedhaman, lafaa fi qabeenyaa isaanii beenyaa tokko osoo hin kaffaliiniif daangaa itti darbuun irratti ijaaraa jiraachuu maddeen keenya Haroo Folaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees humnaa fi qabeenya keessaniin nu cina dhaabbadhaa jechuun wayita hawaasni oomisha rooba jalaa guurrachuuf jarjaraa jirutti milishoonni fi poolisioonni sirnichaa jiraattota gandichaa irratti dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun gandoota aanichaa kanneen akka: Bareeda Sooromaa, Dangaallii Goongoo fi kkf keessattis maqaadhuma caasaa gandaa ijaaruu jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 500 saamaa kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti warannii PP walitti fufiinsaan jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ergamtoonni impaayera dulloomtuu Itiyoophiyaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan, uummata Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta'uu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

Aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa keessaa Muddee 10,2024 namoota maqaan isaanii:
- Saamu'eel Mikaa'el,
- Amdee Shifarraa,
- Zalaalem Saddeetaa,
- Maatiwoos Margaa,
- Maatiwoos Dingataa,
- Aminallaa Herregaa,
- Shabbir Yaadataa,
- Duulaa Sanbatoo,
- Abduramaan Qoomsil,
- Jamaal Raggaasaa,
- Gizawuu Addunyaa,
- Siraaj Gaaddisaa fi kanneen biroo hedduu ta'an ergamtoonni sirnichaa fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.

Aanicha keessaa jiraattonni hedduun leenjii waraanaaf ukkaamfamaa akka jiran yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuu fi tibba kanas gandoota aanichaa cufa keessatti kan durii caalaa jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti Bireenaa fi isnaayippera irraa hiike

ONM-ABO Muddee 14,2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti giddu galeessaa Oromiyaa keessatti fudhatu jabeessuun godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat Gandaa Gagoo Biitee iddoo addaa Dhoksaa, Kototaa, Leencaa fi Biitee jedhamtutti har'a Muddee 14,2024 ganama barii barraaqa irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa WBOn Birgeediin Murtoo Guutoo, Birgeediin Magarsaa Barii fi Risaa Laga Mogor irraa waraanni qindaa'uun waraana faashistii PP irratti fudhateen battalatti 70 irraa ajjeesee 82 madeessuun 10n jiraatti booji'ee jira.

Dugda diinaa irraa hiikee kan hidhata abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Jabduu fudhate kanaanis humna diinaa irraa bireena 4, isnaayippera 3, qawwee AKM 51, miila Dishqaa, boombii, rasaasota gosa adda addaa fi hidhannoo irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.

Murni faashistii Bilxiginnaa gantoota qabsoo fi saamtota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon araara jedhee galchus diraamaa Bilxiginnaan qabsoo bilisummaa Oromoof dhabamsiisuuf hojjete WBOn gochaan fashaleessee qabsoo fi qabsaa'aa dhugaan dirree irraa diina waliin wal'aansoo qabaa jiraachuu agarsiisaa jira.

Tarkaanfii WBOn godina Lixa Shaggar keessatti har'a fudhate itti fufuun aanaa Meettaa Walqixxee keessatti diina du'aa fi madoon adabaa ooluu gabaasni zoonii giddu galeessaa irraa arganne ni addeessa.



Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa


injifannoon uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti qonnaan bultoonni 2 loltoota PP'n ajjeefaman

ONM-ABO Muddee 14,2024 Qonnaan bulaa Oromoo oomishtummaan dinagdee impaayerattii lafee dugdaa ta'uun utubee jiru, ergamtoonni murna bilxiginnaa ammoo goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamu keessaa Muddee 12,2024 qonnaan bultoota maqaan isaanii Jamaal Ahimadii fi Caalaa Abbaa Nasruu jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee sobaan yakkanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen garee siyaasaa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta'uu himuun, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun yakkanii ajjeesanii gatuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti dargaggoon tokko loltoota sirnichaan yoo ajjeefamu, Gaa'oo Qeebbeetti ammoo manneen jiraattotaa gubate

ONM-ABO Muddee 14,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo abdii biyyaa ta'an adamsanii tarkaanfii hidhaatii hanga ajjeechaatti irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Muddee 11,2024 waraanni faashistii PP aanaa Gidaamii ganda Afteer Samboo jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Amaanee Tasfaa jedhamu sababa tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesanii gatuu maddeen ONM'tti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, sababa sobaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta jedhuun ajjeefamuu fi aanicha keessatti yakkoonni farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee jiraachuu itti dabaluun dubbatu.


Oduu biraatiin ammoo Muddee 12,2024 aanaa Gaa'oo Qeebbee ganda Guddattuu Diillaa jedhamu keessatti mana jireenyaa nama tokkoo kan maqaan isaa Obbo Ayyaanaa Boottoo jedhamu balleessaa tokko malee Oromummaa isaan yakkuun loltoonni murna Bilxiginnaan gubanii barbadeessuu maddeen ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa'aatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuun, Guduruutti ammoo hidhaa hammeessan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Mootummaan Bilxiginnaa Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen walqabatee jaleewwan isaaf illee miindaa ji'aa waan kaffalu hoggaa dhabu taarsiimoo tolfachuun ajaja kenneefii qe'eef qabeenya uummata Oromootti bobbaasuun saamicha daangaa darbeen dinagdee uummatichaa balleessaa jira.

Muddee 11,2024 ganda Nashee 2'ffaa jedhamutti waraanni Bilxiginnaa daldalaa maqaan isaa Taarikuu Dhugaasaa Jandoo jedhamu qabeenya inni qabu hunda badii tokko malee jalaa saamuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.

Akka maddeen himanitti, qabeenyi jalaa saamame kunneen: Boqqolloo ardaba 150, Saalixii ardaba 57, Xaafii ardaba 4 fi harree tokko konkolaataatti fe'anii fudhatanii deemuu dubbatu.

Haluma walfakkaatuun, ganduma kana irraa waraanni faashistii Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa irratti geggeessan hammeessuun, nama maqaan isaa Fayyeeraa Filee jedhamu jalaa ammoo harroota 2 fudhatanii deemuu itti dabaluun ibsaniiru.


Oduu hidhaan ammoo aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee Waatiyoo jedhamu keessaa torban lamaan darbe keessa ergamtoonni Bilxiginnaa balleessaa tokko malee jiraattota maqaan isaanii:
- Nugusaa Addaamuu,
- Tirfii Dhaabaa,
- Nagaroo Raggaasaa,
- Shallamaa Qannoo,
- Shakoree Fufaa,
- Hawwii Darajjee fi
- Damee Bultoo kanneen jedhaman ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

The Amhara militia (Fano) trained and armed by Ethiopian forces have continued to intensify atrocities against the Oromo population in the Northern Shagar district of Dhara.

ONM-ABO December 14, 2024, all successive rulers of the Ethiopian regime have committed atrocities against the Oromos in an effort to control Oromia’s resources by imposing iron fist rule over the Oromo people. The current regime of Abiy Ahmed, who has strictly followed the footsteps of his predecessors, is using proxy militias from the Amhara regime, continuing the tradition of Ethiopian empire and committing crimes against humanity. This barbaric Amhara militias are instructed to commit heinous crimes such as decapitation and mutilation of living humans across Oromia as their ancestors have done in the past.

This Fano militia, who have full backing of the current empire’s prime minister Abiy Ahmed, has been emboldened by the support they are receiving from authorities and expanded their atrocities against the Oromos in Northern Shagar region. According to the residents who have spoken to ONM, the regime has used heavy weapons on civilians in this area for the past 3 years, causing heavy casualties both on humans, livestocks, and properties.

As if the destruction that the regime had inflicted on the Oromos is not enough, now the regime has openly deployed Amhara militia (Fano) to commit even worse atrocities against the Oromos in Northern Shagar region. This barbaric Amhara militias have butchered a man whose name is Daraje and then performing ceremonial rituals with his blood by blotting their foreheads with his blood and dropping blood on the ground claiming that this land is now belong to them moving forward.

All these bold and callous acts are being carried out against Oromo people of the Northern Shagar region with supervision and blessing of the current regime. The people of this region are suffering greatly being attacked by both regime forces and proxy Amhara militias called Fano.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti tarkaanfii laalessaa fudhatee jira.

ONM-ABO Muddee 14,2024

Har'a Muddee 14 ganama barii barraaqa irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa WBOn Birgeediin Murtoo Guutoo, Birgeedii Badhoo Dachaas, Odaa Kormaa fi Risaa Laga Mogor irraa waraanni qindaa'uun Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabaratitti fudhachaa jiruun humnoota diinaa du'aa fi madoon adabuun hedduus harkaan qabaa jira.

Tarkaanfii kunis Gandaa Gagoo Biitee iddoo addaa Dhoksaa, Kototaa, Leencaa fi Biitee jedhamutti akka geggeeffame barameera.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Poolisiin Hindii balaa boombii baankii giddugaleessaa Mumbaayitti mudate qorachaan jira jedhe

ONM-ABO Muddee 14,2024 Poolisiin magaalaa guddoo giddu galeessa daldalaa Hindii Mumbaayitti Jimaata kaleessa akka jedhetti, balaa boombii Baankii Riizarvii Hindii (RBI) irratti ergaa iimeelii Raashiyaan haleellaa dhoo’aa akeekkachiisu erga argateen booda qorachaa akka jiran ibseera.

Akeekkachiisni kun teessoo imeelii seeraa bulchaa RBI haaraa muudame Sanjay Malhotraaf ergame jedha poolisiin olaanaan Mumbaayi. ''Dhimma kana galmeessineerra, qorannoon itti fufee jira,'' jedhan qondaalli kun.

Manneen barnootaa, buufatni baaburaa, buufatni xiyyaaraa fi daandiiwwan qilleensaa Hindii bara kana doorsisni boombii dhibbaan lakkaa’amu kan soba ta’ee argameef saaxilamaniiru.

Yoo xiqqaate manneen barnootaa Delihii 40 Wiixata darbe karaa iimeelii doorsisa boombii kan argatan yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa fi buufataaleen xiyyaaraa Hindii ammoo hanga Hagayya bara kanaatti doorsisa sobaa gara 1,000 kan argatan yoo ta’u, kunis bara 2023 guutuu dachaa kudhaniin caala jechuun Rooyitars gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi manneen gubuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Kabaja namummaa hanguma xurii qeensallee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin loltoota PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yakkoota gara jabinaa walfakkaataa irra deddeebiin uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo keessaa Muddee 8,2024 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Alqaadii Lamuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Mahaammad abbaa ijoollee 2 yoo ta'u, siyaasa kam irraa walaba kan ta'ee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "ilma keetu bosona jira" jedhuun naasuu tokko malee ajjeesanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Ergamtoonni garaa isaaniif bulan kunneen ganduma Shuuraa Maaramoo keessaa torban darbe nama maqaan isaa Yaasinuu Wanaagaa jedhamu ammoo mana jireenyaa isaa ibidda itti shidanii qabeenyaa hunda waliin jalaa barbadeessuun, horii inni qabu hundaa fi lukkuu soddomas (30) jalaa saamanii deemuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, Obbo Yaasinuu irratti yakkoonni kunneen hundi sababa Oromummaa isaa qofaaf kan irratti raawwataman ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammallee halkanii fi guyyaa maatii isaa irraan reebicha hamaa gahuun dararaa jiraachuus dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni maafiyaan PP jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu ittuma fufan

ONM-ABO Muddee 14,2024 Impaayera afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween suphuuf halkanii fi guyyaa kan ifaajan gareen maafiyaan Bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin jumlaan ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan hawaasa nagaa maqaa leenjii milishummaa jedhuun ukkaamsuu ittuma fufuun, ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa Muddee 11,2024 namoota maqaan isaanii:
- Waaqwayyaa Guddinaa,
- Dassaalee Dhufeeraa,
- Tarreessaa Waggaarii,
- Biraanuu Amantee,
- Daawwit Bulii,
- Yaadasaa Qajeelaa,
- Caalaa Xiixaa,
- Gaarummaa Waldaa,
- Badhaasaa Waldaa fi kanneen biroo hafan lakkoofsaan 70 ol ta'an ukkaamsuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni leenjii waraanaaf ukkaamfaman kunneen irra jireessaan abbootii warraa ta'uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…
Subscribe to a channel