Oduu Waaree ONM-ABO Amajjii 7-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ammee
ONM-ABO Amajjii 7,2025
WBOn Kibba Lixa Shaggar aanaa Wallisoo mooraa waraana faashistii PP bulchiinsa magaalaa Gorboo maadheffattee jirtu irratti har'a ganama tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota hedduu du'aa fi madoon adabuun mooraa keessaa baasee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Guutuu isaan walitti deebina
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
WBOn Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessatti Waraana Faashistii PP Adabe
ONM-ABO Amajjii 7,2024 WBOn zoonii giddugala Oromiyaa Lixa Shaggaar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleessuu jedhamtu keessatti Dilbata darbe Amajjii 5,2025 tarkaanfii ergamtoota Bilxiginnaa irratti fudhateen 12 irraa ajjeesee 17 madeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti milishoota sirnichaan haadhi ilmaan shanii garmalee reebamuun yoo hidhamtu, Aanaa Dawwee Harawaa keessatti saamichi raawwatame
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Hidhattootni murna bilxiginnaa aangoo siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed qofa tiksuuf golee Oromiyaa mara keessatti murna faashistii PP'n bobbaafaman qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha haadhaa fi abbaa irraa dhalataniif illee kabaja dhabuun gochoota suukkanneessoo fi egeree hawaasichaaf yaaddessaa ta'an irratti raawwachaa oolu.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Jaloo keessatti Amajjii 3,2025 milishoonni sirnichaa haadha ilmaan 5 kan ta'an Aadde Haliimaa Aliyyii mana isheetti ol itti seenuun reebicha suukkanneessoo irratti raawwatanii qabeenyaa mana isaanii keessatti argaman cufas jalaa saamuun waajjira poolisii magaalaa Qallootti hidhaniiru.
Aadde Haliimaan nama ilmaan isaanii guddifachuu fi jireenya isaanii jijjiirachuuf carraaqan yoo ta'an, gartuun dhala namaaf naasuu tokko hin qabne milishoonni sirnichaa kun garuu maqaa qawween ilmaan keetii mana kana jiraa fidi jedhuun garmalee reebanii hidhuu maddeen ganda Jaloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif eeran.
Oduu saamichaatiin aammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Qarree Haroorensaa jedhamu keessatti hidhattootni sirnichaa Amajjii 2,2025 maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman nama maqaan isaa Ahimed Hasuu (Geroo Hasuu) jedhamuun beekamu hulaa isaa caccabsanii seenuun qarshii 200,000 jalaa saamanii namoota hedduus gandicha keessaa reebanii ari'anii jiraachuun jiraattotni onicha irraa dubbisne ifoomsaniiru.
Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchiinsa laga Xaafoo keessatti, Inisheetiivii Qonnaa fi Horsiisa Beelladaa irratti kanneen ijaaraman Baankiitti xalayaa tokko barreessuuf qarshii 120,000 hanga 500,000 gaafataman
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Murni Bilxiginnaa fedhii aangoo isaa tikfachuuf jecha impaayerattii keessatti, lola guyyaa irraa gara guyyaatti, uummata nagaa barbaadu irratti meeshaalee waraanaa fi maallaqa kadhaan argame ramaduun impaayerattii dirree waraanaa taasisuun sababa kanaan kufaatii dinagdee fi siyaasaa isa mudatee jiruuf lammiilee jireenya harkaa gara afaanii ta'e hunkurama jireenyaa keessa galchee jira.
Bineeyyonni Bilxiginnaa ija isaanii ashaboon miiccatanii sobaa oolan, kan waan jedhan guyyaa tokkoof illee hojiitti hiikanii hin beekne, hojii goyyomsaa qofaa irratti xiyyeeffachuun osoo lammiileen impaayerattii qaala'iinsa jireenyaa fi hiyyummaa hamaatti kufanii daabboo tokkollee nyaatanii buluun rakkoo ta'ee jiruu Abiy Ahimed Amajjii 3,2924 Somaalee Magaalaa Jijjigaatti "biyyi keenya guddina saffisaa irra jirti nutti hin fakkaatu malee akka xiyyaarri yeroo balaliitu gaafa daandii barbaachaaf gufattu qofa namatti dhagaamuuti" yeroo rakkoon jiru dhageenya turre, amma garuu rakkoon waan hin jirreef xiyyaara saffisaan daandii sirrii qabattee jirtu keessa waan jirruuf guddinni galmeessisaa jirru nutti osoo hin taane namoota birootti mul'ata jechuun hawaasa birmannaa dhabne malee rakkoo hamtuu keessa jirra jedhutti haasaa dhama hin qabneen uummata goyyomsuuf yeroo dhama'aa oolan argina.
Obbo Shimallis Abdisaas guyyuma kana hojii Dhaabbilee mooraa misoomaa akkasumas Sektara Turiizimii irratti namoota hojjechuu barbaadan ni jabeessina fi paakeejjiin bitamee jira jechuun faallaa isaa immoo Magaalaa Shaggar kutaa Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii keessatti Inisheetiivii qonnaa fi horsiisa beelladaa ilaalchisee iddoo ijaarsaa kenname irratti erga gurmaa'anii ijaarsa isaa xumuraniin booda deggarsa liqaa gara Baankii Siinqeetti akka isaaniif barreessamuuf kanneen gaafatan xalayaa barreessuuf qofa qarshii 120,000 hanga 500,000 gaafatamaa kan jiran yoo ta'u manni qopheessaa aanaa Eekkaa qarshii nuuf kennitan malee deggarsa isiniif barbaachisu hin barreessinu jedhan keessaa dursatti argamti.
Murni PP Oromiyaa Bakkoota garaa garaa keessatti maqaa investimeentii dahoo godhachuun saamicha grggeessaa kan jiran yoo ta'u, gareen hannaaf ijaarame afaaniin misooma lallabaa gochaan immoo uummata saamuu hojii idilee godhatee kaadiree fi kaabineen isaa saamichaan jiraattota gidirsaa jiru.
Warri maallaqa uummataan rivaayinii muraa oolu Itti aanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Tamasgeen Xuruneefaa ammoo xiyyaarri olka'iinsa Itiyoophiyaa lafaa ka'uuf jecha waan jiruuf dafaa seenaa jechuun barruun katabee kennameef yeroo dubbisan ni mul'ata.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee akka: Leeqaa Dullachaa, Sibuu Siree fi Nuunnuu Qumbaatti hidhaa fi reebichi Waraana PP'n hawaasa nagaa irratti geggeeffamu akkuma itti fufetti jira.
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu" jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruun ji'oota hedduuf murtii tokko malee hidhuu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Waamaa Sifaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti naqanii dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta'u, namoota maqaan isaanii: Birraatuu Dhangi'aa, Obbo Fiqaaduu, Obbo Zawudee fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun torban darbe keessa waajjira poolisiitti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM'f eeree jira.
Oduuma wal fakkaatuun, aanaa Sibuu Siree ganda Adda Buukee jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed Amajjii 2,2025 dargaggoota maqaan isaanii:
- Ayyaanaa Tafarii,
- Zalaalem Mitikkuu fi
- Fayisaa Qorichaa kanneen jedhaman qabanii harka duubatti hidhuun dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachuun uleedhaan reebicha hamaa irraan gahanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruu jedhamu irraa lukkeeleen faashistii PP "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jechuun torban tokko dura namoota:
- Tuuchoo Hordofaa,
- Malkaamuu Taarikuu,
- Mootii Yaadasaa,
- Taarikuu Gurmeessaa fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanichaatti geessuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataa gandichaa kan ta'e dargaggoon akka maqaan isaa xuqamu hin feene ONM'f eeree jira.
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa irraa WBO'tti harka kennatan
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Murni humnaan ilmaan haadha hiyyeessaa qe'ee irraa qabee leenjii kennuufiin lola barcuma nama tokkoo tiksuuf geggeeffamu irratti hirmaachisee lubbuu isaanii obbaasaa jiru Bilxiginnaan bakka irra deddeebiin dibbee lolaa dhaanaa jirutti loltootni isaa hojii badiisaa Abiy Ahimed hojjechaa jiruu fi wal dhibdee keessoo waraanaatti yeroo irraa gara yerootti uumamaa ooluun keessaa baduu itti fufanii jiru.
Amajjii 6,2025 miseensotni waraana PP 2 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa qawwee fi hidhannoo waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Miseensotni waraana PP duraanii kun akkaataa itti gara WBO dhufan yeroo dubbatan, mooraan waraana Bilxiginnaa jibbiinsa sanyummaa, tuffii, ilaalchaa fi loogii guddinaan wal qabatu akkasumas boqonnaa dhabuu waraanichaa irraan kan ka'e yeroo baay'ee waltajjiin wal amansiisuu fi wal hubachuu dadhabuun qawwee walitti dhukaasuun wal ajjeesuu, wal madeessuu fi wal hidhuun baratamaa ta'uu irraan adeemsa isaanii jibbinee gara qabsoo dhugaatti dhufne jechuun ibsan.
Oromoo taatee gaaffii mirgaa yoo gaafatte ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoon yakkamtee hidhamta. Yeroo ati itti ajjeefamtus ni jira kan jedhan miseensotni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen, siyaasaa fi waraana Oromummaa jibbee Itiyoophiyummaa leellisu qofa tole jettee akka fudhattu afaan qawween si dirqisiisu jedhan.
Uummatni keenya maqaa mootummaa Oromooti jedhuun gidiraa argee hin beekne keessummeessaa jira kan jedhan waraanni Bilxiginnaa duraanii kunneen, karoora Oromoo cabsuuf karaa Bilxiginnaa hojjetamaa jiru dinnee gara qabsoo saba keenyaatti waan dhufneef, ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baattanii achi keessa jirtan akkuma keenya yeroon qawwee fi hidhannoo keessan waliin gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti akka makamtan jechuun dhaamsa isaanii dabarsuu gabaasa ajajaan WBO Zoonii Kibbaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisan irraa beekuun danda'ameera.
Oduu Ganama ONM-ABO Amajjii 7-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni Bilxiginnaa shamarree ganna 14 irratti gudeeddii raawwachuun, ajjeechaas raawwatan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Murni Bilxiginnaa tuffii uummata Oromoo irraa qabu agarsiisuu fi uummaticha qorqalbii cabsuuf gochoota suukkanneessoo seeraa fi seenaan isaan gaafachiisu hojjechaa jiru.
Teessoo abbaa irree tiksuuf waraanni goolessituun Bilxiginnaa nageenya hawaasaa tiksuu dhiisee uummata harka duwwaa waanta barbaade irraa saamee yookiin immoo maqaa namoonni quba hin qabne itti maxxansee hidhaa fi dararaa hanga ajjeechaa lubbuu irratti raawwachaa jira.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal'inaa iddoo addaa Odaa-Dagaagaa jedhamutti Muddee 31,2024 waraanni goolessaan Bilxiginnaa shamarree maqaan ishee nageenya isheetiif jecha akka eeramtu hin feesisne daa'ima ganna 14 tokko irratti ajajaan waraanaa tokkoo fi miseensi waraanaa wal itti darbarsuun gudeedan.
Akka jiraattonni jedhanitti gochoonni akka saamichaa, gudeeddii fi ajjechaa suukkanneessaa uummata nagaa irratti kan duraanii caalaa hammaatee jiraachuun nama eenyummaan isaa hin beekamne waraanni Bilxiginnaa waajjira poolisii magaalaa Maqii keessaa Amajjii 2,2025 baasuun gara ganda Waldaa Qal'inaa geessuun ajjeesanii gatuus Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif danda'ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaatii hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irraa maqaa adda addaan saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.
Araddaa Jaajaa Furdaa jedhamu irraa Amajjii 4,2025 loltoonni nama nyaataan impaayerattii torban darbe irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne yeroo yeroon saamaa kan turan ammas dinagdee hawaasaa dadhabsisuu ittuma fufuun maqaa "maallaqa nageenyaa" jedhuun dirqamsiisanii qarshii 2,000-2,000 irraa guuraa jiraachuu jiraattonni akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii kan itti fufan yoo ta'u, gatii gibiraa humnaan olii irratti muruun namoonni duraan qarshii 200 kaffalan yeroo ammaa kana hanga qarshii 4,000'tti kaffalaa kan jiranii fi kaffaltii gosa adda addaa waliin isaa hin beekamnee fi naga'ee hin qabneen saamamaa jiraachuun isaanii itti dabaluun ibsameera.
WBOn Zoonii Lixaa Qellem Wallaggaa keessatti tarkaanfii diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Qaqqaaliwwan gootota Oromoo dirree qabsoo keessatti ergamtoota murna gabroomfataa haleelaa oolan Waraanni Bilisummaa Oromoo duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf tarkaanfii keessa deebii hin qabne lukkeelee Bilxiginnaa irratti fudhatan zooniilee Oromiyaa cufa keessatti jabeessuun injifannoo boonsaa galmeessaa jiru.
Bufuma kanaan har'a Amajjii 6,2025 abdii fi gaaddisni ilmaan Oromoo WBOn Zoonii Lixaa Qellem Wallaggaa Aanaa Sadan Canqaa Ganda Miidhagaa Birbir keessatti poolisii humnaa addaa jechuun kan of waaman ergamtoota Bilxiginnaa irratti haleellaa raawwateen du'aa fi madoon adabee tika PP tokkos fayyaa booji'uu beeksise.
Gama meeshaan ammoo qawwee AKM 1 , hidhannoo1 , rasaasa 150 fi doqdoqqee lama kan isheen ittiin joortu irraa buufachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii oggaa godhu, mooricha keessaa ari'ee balleessuun ijifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hamma Walabummaa fi Bilisummaa Oromootti cimee itti fufa❗
Injifannoon dhiigaan nii dhufa❗
Injifannoon Uummata Oromoof❗
ጥር 6-2025 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Walaloo ONM-ABO Amajjii 6-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti ergamtoonni Abiy Ahimed qabeenya hawaasaa lakkaa'anii galmeessuun maallaqa guddaas irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti murni Bilxiginnaa loltootaa fi ogeessota misoomaa isaa bobbaasuun biqiloota bakkee dabalatee qabeenya jiraattotaa tokko tokkoon irra deemanii lakkaawuun maallaqa humnaa olii itti tilmaamuun saamaa kan jiran yoo ta'u, ganda Odaa Aannanii jedhamu keessaa Amajjii tokko irraa eegaluun:
- Hundee bunaa tokkotti qarshii 50,
- Baargamoo tokkottis qarshii 50 fi
- Loon tokkotti ammoo qarshii 300 dirqamaan afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran ta'uu jiraattonni nuti dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees kanneen mana baaburaa midhaan nyaataa qaban irraa qarshii 10,000 fi isaa ol guuraa kan jiran yoo ta'u, nama Kadir Alii jedhamu irraa humnaan qarshii 12,000 fudhatanii kan jiran ta'uus maddeen himan.
Kanumaan walqabatee yeroo ammaa kanas hawaasni waan kaffalu dhabuun gara itti deebi'u dhabee qe'ee fi qabeenya gadi dhiisee baqachaa kan jiru ta'uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaa saamuu jabeessee itti fufe
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Ergamtoonni Abiy Ahimed kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudate sababeeffachuun uummata Oromoo ofiifuu qaala'iinsa jireenyaatiin rakkoo ulfaataa keessa jiru irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Amajjii 2,2025 waraanni maafiyaan PP aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee bakka addaa Looyyaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Taayyee Guutamaa jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun loon 40 jalaa saamuu jiraataan gandichaa nuti dubbisne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.
Akka jiraataan kun himetti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu eeruun, armaan duras haaluma wal fakkaatuun loon 7 jalaa saamanii jiraachuu dubbate.
ONM-ABO Amajjii 7,2025
WBOn Zoonii Harsadee Kibba Lixa Shaggar Aanaa Wallisoo keessatti Birgeediin Caffee Tumaa Cibraan Malkaa Hawaas ganama kana mooraa waraana faashistii PP mooraa bulchiinsa magaalaa Gorboo keessa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen mooraa keessaa ari'ee baasuun magaalattii to'atee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Qophii Walaloo ONM-ABO Amajjii 7-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Kaaba Shaggar Aanaa Dagam Keessatti Diina Adabe
ONM-ABO Amajjii 7,2025
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii giddugala Oromiyaa Kaaba Shaggaar aanaa Dagam ganda Dagamaayyee jedhamu keessattii tarkaanfii waraana faashistii PP irratti Amajjii 4,2025 fudhateen loltoota Abiy irraa 18 ajjeesuun 15 madeesse jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Godina Kaaba Shaggar keessatti hidhattoonni PP qawwee harkaa qabanitti dhimma ba'uudhaan yakkamtuu fakkeessanii shamarree tokko butanii jiraachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Sirni impaayera bututtuu suphuuf halkanii fi guyyaa ifaaju Bilxiginnaaan ajjeesuu, hidhuu fi saamuu akka gootummaatti ilaaluun gochoota badii abbootii irree darban irraa dhaales daran babal'isuun uummata Oromoo ba'aa fi gala dhorkuu cimsee itti fufeera.
.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu magaalaa Birriitii, keessatti hidhattoonni milishaa PP Amajjii 4,2025 Shamarree maqaan ishee Caaltuu Damee Beeggii jedhamtu qawwee harkaa qabanitti dhimma ba'uudhaan yakkamtuu fakkeessanii butanii jiraachuun ibsameera.
Milishoonni badii PP hojii aadaa fi safuu uummataa cabsu hojjetan kunneen:-
• Shuumii Taaddasaa fi
• Biraanuu Gaarradaa yoo ta'an, jarri kun waliin ta'uun shamarree ganda Darroo Willincoo irraa kaatee gabaa deemte irratti yakka safuu cabsuu fi hojii uummata keessatti ciiggaassisaa ta'e raawwachuun milishaan Shuumii Taaddasaa jedhamu kun dirqiidhaan qawweetti fayyadamee obboleessa kiyyatti heerumuu qabda jechuun akka doorsisaa ture maddeen keenya eeraniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee akka: Leeqaa Dullachaa, Sibuu Siree fi Nuunnuu Qumbaatti hidhaa fi reebichi Waraana PP'n hawaasa nagaa irratti geggeeffamu akkuma itti fufetti jira.
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu" jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruun ji'oota hedduuf murtii tokko malee hidhuu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Waamaa Sifaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti naqanii dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta'u, namoota maqaan isaanii: Birraatuu Dhangi'aa, Obbo Fiqaaduu, Obbo Zawudee fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun torban darbe keessa waajjira poolisiitti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM'f eeree jira.
Oduuma wal fakkaatuun, aanaa Sibuu Siree ganda Adda Buukee jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed Amajjii 2,2025 dargaggoota maqaan isaanii:
- Ayyaanaa Tafarii,
- Zalaalem Mitikkuu fi
- Fayisaa Qorichaa kanneen jedhaman qabanii harka duubatti hidhuun dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachuun uleedhaan reebicha hamaa irraan gahanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruu jedhamu irraa lukkeeleen faashistii PP "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jechuun torban tokko dura namoota:
- Tuuchoo Hordofaa,
- Malkaamuu Taarikuu,
- Mootii Yaadasaa,
- Taarikuu Gurmeessaa fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanichaatti geessuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataa gandichaa kan ta'e dargaggoon akka maqaan isaa xuqamu hin feene ONM'f eeree jira.
Itiyoophiyaan bara 2024 sababa uggura intarneetiin doolaara miiliyoona 211 ol dhabde
ONM-ABO Amajjii 7,2025 Itiyoophiyaan bara 2024'tti intarneetii cufuu fi uggura miidiyaa hawaasaa mootummaan kaa’een kasaaraa diinagdee Doolaara miiliyoona 211.2 irra gahuu marsariitiin taateewwan uggura intarneetii biyyoota addunyaa gamaaggamu Top10VPN beeksiseera.
Gabaasni marsariitiin kun baase akka ibsutti Itiyoophiyaa keessatti bara 2024 intarneetiin sa’atii 4,680'f kan cufame yoo ta’u, kanaanis fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 3.3 ol ta’an miidhamaniiru.
Itiyoophiyaan dhiibbaa uggura intarneetii kun geessiseen biyyoota addunyaa irraa sadarkaa 8'ffaa, Afrikaa irraa ammoo lammaffaa irra taa’uu ishee gabaasichi dabalee ibseera.
Sadarkaa idil addunyaatti biyyoonni 28 sababa uggura intarneetii fi miidiyaalee hawaasaa akka X, Feesbuukii, Tiiktookii fi kanneen biroon kan miidhaman yoo ta’u, waliigalaan Doolaara biiliyoona 7.69 dhabaniiru. Kanaan walqabatees lammiileen miiliyoona 648 ol miidhamuu gabaasni kun ni addeessa.
Gabaasni Top10VPN kun dabalataan akka ibsutti, biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii jiran keessatti uggurri intarneetii sa’atii 32,938 tureen kasaaraa dinagdee waliigalaa doolaara biiliyoona 1.56 kan geessise yoo ta’u, fayyadamtoota intarneetii miiliyoona 111.2 irratti dhiibbaa uumeera.
Kunis naannichi Eeshiyaa (kasaaraa doolaara biiliyoona 4.64) hordofuun akka addunyaatti sadarkaa lammaffaa irratti kan miidhame ta'uu isaatu ifoome.
Gabaasichi sababoota addaan cituu interneetii kan qorannoon adda baase yeroo ibsu; inni ijoon waraana bal’aa fi walitti bu’iinsa yoo ta’u, sababoonni kanneen biroo mormii fi hokkora siyaasaa to’achuuf kan taasifame ta’uu ibseera.
Kasaaraan diinagdee Itiyoophiyaarra gahe kan bara darbeen Top10VPN gabaasa walfakkaataa waggaa tokko dura maxxanseen, sababa cufamuu intarneetiin Itiyoophiyaan bara 2023 keessatti doolaara biiliyoona 1. 9 akka dhabde beeksisuu ni yaadatama
Murni abbaa irree bilxiginnaa galiin biyyaa dabalaa jira jechuun holola sobaa afarsanitti galiin biyyaa kufaa jiraachuun mul'ataa jira.
In the Dugda district, Eastern Shagar zone, the Ethiopian regime forces sexually assaulted a 14 years old girl and murdered another.
ONM-ABO January 7, 2025. The Prosperity party regime has continued its relentless campaign of humiliation against the Oromo people in an effort to keep the Oromo mass in a state of fear and terror. The regime forces that are supposed to ensure the safety and security of the mass are engaged in terrorizing civilians in order to keep the current barbaric regime in power indefinitely.
In a country where the situation of law and order has been deteriorating for the past 6 years, the armed forces that were massively deployed across Oromia are committing various human rights violations with impunity. Sexual violence against women and children, robberies, arbitrary detention, kidnapping, and extrajudicial executions are all becoming daily occurrences across Oromia.
On December 31, 2024 in the Dugda district, Eastern Shagar zone in a village called Walda Qalina in a local place called Oda-Dagaga the barbaric Abiy Ahmed forces committed brutal sexual assault on a 14 years old girl whose name is being withheld for her safety. According to our sources, this brutal gang rape was committed by a senior commander of the Ethiopian army and several other regular soldiers.
According to the residents of this area, the Ethiopian military has recently intensified various violent activities against civilians. The regime soldiers are committing robberies, sexual violence against women such as rape and brutal execution of innocent civilians.
On January 2, 2025 unidentified political prisoner was removed from his jail cell in Maqi town by regime forces, and then taken to a village called Walda Qalina where they brutally executed him and threw away his body. These types of heinous crimes are being carried out across Oromia on a daily basis. As the regime desperately seeks to cling onto power, the crimes against humanity by regime forces and its leadership are becoming increasingly brutal and frequent.
Hidhattoota murna Bilxiginnaan Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti hidhaa, reebichaa fi saamichi ulfaataan jiraattota nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Mahaammad -Nuur kan jedhamu abbaa qabeenyaa magaalaa Kamisee ganda 06 Migiraa yoo ta'u, Muddee 27,2024 galgala halkan keessaa gara bariitti milishoonni sirnichaa fi raayyaa ittisa Impaayerattii jedhaman waliin ta'uun balbala dirqiin bansiisanii Televijiin isaa tokko caccabsanii tokko ammoo yoo saaman, dukkaana isaas caccabsuun meeshaalee dukkaanicha keessaa hedduu jalaa saamaniiru.
Oduuma saamichaan magaaluma Kamisee ganda 06 Migiraatti hidhattootni sirnichaa kun Amajjii 1,2025 dukkaana Aliyyii Sheekichaa caccabsanii ol itti seenuun qarshii hedduu fi boba'aa jaarkaanii 3 jalaa saamuun isas garmalee reebanii gaaffii seeraa tokko malee hidhaatti darbataniiru.
Guyyaadhuma kana Amajjjii 1,2025 magaalaa Kamisee irraa sa'atii walakkaa kan nama deemsiftu iddoo addaa Misrataa jedhamutti milishoonni murna PP kun namoota magaalaa Kamiseetti jimaa gurgurachuuf Boondaa 9-9 fi kurtuu 20 ol kan qarshii baay'eetti shallagamu ooyruu isaanii irraa muranii deemaa jiran qabanii garmalee reebuun jimaa jalaa saamanii abboota jimaa magaalaa Kamisee buufata waraanaatti yoo hidhan, jimaa saaman kanniin ammoo ooraalii 2'tti fe'achuun magaalaa Kamiseetti galfataniiru jedhu maddeen keenya magaalicha irraa ONM dubbise.
Godina Arsii Aanaa Roobeetti dargaggoota irratti reebichaa fi hidhaan raawwatamu jabaate
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Ergamtoonni Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii morman hawaasa nagaa waan isaan hin qabneen yakkuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan.
Aanaa Roobee ganda Jeenaa Ulul jedhamu irraa Amajjii 3,2025 dargaggoota gara magaalaa Karrayyuu jedhamu gabaaf deeman kanneen maqaan isaanii:
- Dinkuree Unsuraa,
- Jibril Shaggaa fi
- Qaasim Unsuraa jedhaman badii tokko malee "isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jechuun reebicha hamaa qaama laalessu irraan gahuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen keenya himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta'uu fi gabaaf gara aanaa Xannaa magaalaa Karrayyuu deemanii kan turan ta'uu himuu, achitti sobaan yakkanii maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun hidhaatti darbachuu dubbatan.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee garaa garaatti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa'otaa hidhaatti darbatanii dararuu itti fufan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Murni Bilxiginnaa yaaddoo fi sodaa guddaa teessoo siyaasaa isaaniif waan qabaniif yeroo adda addaatti maqaa "ilmaan keessantu bosona jira" jedhuun uummata Oromoo doorsisaa, hidhaa akkasumas saamaa jiru.
Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gosaanii Baabboo jedhamu irraa Amajji 1,2024 maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuu fi ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jedhuun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Taammiruu Nagaraa,
- Gammachuu Mootii,
- Dassaalee Tashoomaa,
- Gaaromsaa Abarraa,
- Fedhasaa Boshaa,
- Rabbumaa Taaddasaa,
- Firoomsaa Taarikuu fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanaadhuma kana magaalaa Qassoo ganda 01 irraa immoo lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa "ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa galchaa!" jedhuun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Barsiisaa Tuulam Surraa,
- Caalaa Surraa,
- Boontuu Alamaayyoo,
- Daadhii Qana'aa,
- Surraa Ittaanaa,
- Xuruu Iddoosaa,
- Maartaa Surraa,
- Milkeessaa Yaadasaa fi namoota hedduu sobaan yakkanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Oduudhuma walfakkaatuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa amala maqaa sobaa hawaasatti maxxansuun gidirsuu qaban, "Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu" jechuun dubartoota maqaan isaanii Tigistee Taaddasaa fi Yaadashee Raggaasaa jedhaman torban darbe keessa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun reebicha hamaa irraan ga'anii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Aanadhuma kana ganda Boonayyaa Moloo jedhamu irraa ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobbaafaman qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Gabayyoo Geechoo jedhamu maatii isaa guutuu waliin sababa tokko malee mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Amajjii 6-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Amajjii 6-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratitti ergamtoonni Bilxiginnaa gibira humnaan olii hawaasatti murteessuun dhagaa'ame
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Yeroo hundumaa gama isaaf dandaa'ame maraan ilmaan Oromoo mataa gadi qabuun kan itti tolu murni garboomfataan PP, wayita ammaas gibira da'oo godhachuun saamicha hamaa geggeessaa jira.
Aanaa Gindabarat ganda Winee Roggee jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbe irraa eegaluun hawaasatti afaan qawwee qabuun saamicha geggeessaa kan jiran yoo ta'u, dirqamaan qarshii 4,000 irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganda kana malees, gandoota aanichaa hundaa fi akkuma impaayerattiitti daballiin gibiraa humnaan ol hawaasatti ta'uun, murni abbaa irree PP afaan qofaan "impaayerattii natu harkaa qaba" jedhu kufaatiin dinagdee waan isa mudateef uummata ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatu hiraarsuun dinagdee isaa utubataa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti waraanni Bilxiginnaa Sheekii tokko irratti reebicha hamaa raawwatan
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne loltoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii hiraarsaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta'u, sababa kanaaf hawaasni akka itti ba'ee galu dhabaa jira.
Aanaa Cawwaaqaa araddoota garaa garaatti lukkeeleen PP abbootii amantaa salphisaa kan jiran yoo ta'u, ganda Daabanaa bakka addaa Googoo jedhamutti ergamtoonni kunneen maqaa "Miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa gabaasta" jedhuun yakkanii Sheekii maqaan isaa Abdallaa Bushraa jedhamu irratti reebicha hamaa geggeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni kun himanitti, Sheekiin kun abbaa amantaa kan ta'ee fi ijoollee 80 Qur'aana kan qaraasisu ta'uu himuun, "ati Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa laatta" jechuun yakkanii badii tokko malee garmalee reebuun miidhanii kan jiran ta'uu dubbatu.
Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Aanaalee garaa garaatti lukkeelee PP'n sarbamiinsi mirgoota namoomaa hawaasa irratti raawwatu jabaate.
ONM-ABO Amajjii 6,2025 Lukkeeleen PP afaan qofaan nagaa labsaa faallaa isaa immoo gara jabina guddaan hawaasa meesha maleessatti garagaluun saamichaa hanga ajjeechaatti miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Aanaa Siraaroo ganda Kallaa Laalimaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Muddee 31,2024 maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo" qabdu jedhuun yakkanii badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Guufaa,
- Duubee,
- Nageessoo Muggaa fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane danuu irraa loltoonni Bilxiginnaa bilbila gurguddaa baay'inaan 23 ta'u saamuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees, ganduma kana irraa guyyaadhuma kana dukkana da'oo godhachuun nama Obbo Fayisaa Adeemaa jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsuun bilbila gurguddaa 10 ol saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti hawaasa jumlaan guuranii mana hidhatti dararuun cimee itti fufuun dargaggoota 79 leenjii waraanummaaf isin barbaanna jedhanii fedhii isaanii malee humnaan mana hidhaa irraa konkolaataan fe’anii aanicha irraa baasanii jiraachuus dabalataan maddeen ifoomsanii jiru.
Kana malees mootummaan impaayera Itiyoophiyaa uummata nagaatti waraana bobbaasuun duguuggaa sanyii irratti raawwaachaa jiru Amajjii 4,2025 aanaa Sirkaa ganda Soolee Nageelleetti Kariimaa Kadir Daa’ima ganna lamaa kan taate mana hidhatti geessanii halkanii fi guyyaa boo’ichaan saammuu ofii hadoochuun miidhama hamaa keessa jirti jedhuun maddeen eeraniiru.