onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ሸገር ዞን ዲሬ ኢንጪኒ ወረዳ የፒፒ ጦር አንድን ሰላማዊ ሰው በአሰቃቂ ሁኔታ ገድሏል።


ህዳር 21 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የፒፒ የማፍያ ጦር በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት በኦሮሞ ህዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻውን አጠናክሮ ቀጥሏል።


ህዳር 18 ፥ 2024 ዓ.ም በዲሬ ኢንጪኒ ወረዳ በከራ ቀበሌ ገርጄዳ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ወርቁ Dhaabaa የተባለ የ28 አመት ወጣትን የብልፅግና ጦር በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልፆዋል።

እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ግለሰቡ ምንም አይነት የፖለቲካ ተሳትፎ ስላልነበረው የተገደለው ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለው በሚል የሀሰት ሰበብ ነው።

በተጨማሪም የፒፒ ወታደሮች ስማቸው ያልተገለፀ ከ20 በላይ ሰዎችን በማሰር ወደ እስር ቤት መወርወራችው ተገልፆዋል።


በተመሳሳይ በምዕራብ ሽገር ዞን ግንደበረት ወረዳ የፒፒ የማፍያ ጦር 2 ወጣቶችን ተኩሶ አቁስሏል።

የንጉሠ ነገሥቱ አምባገነን መንግሥት የኦሮሞን ሕዝብ በኃይል እየገዛ በአንድ በኩል እያሰረ ፥ እያፈናቀለና እያሰቃየ ነው።

ህዳር 18 ቀን 2024 ዓ.ም ባዬ ተስፉ ጉታ እና ማጂሬ ከተማ ሺፈራ የተባሉ ወጣቶች በኦሮሞነታቸው ምክንያት በስርአቱ ተላላኪዎች በጥይት መቁሰላችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ወጣቶቹ ከማንኛውም ፖለቲካ ነፃ ናቸው ነገር ግን የፒፒ የማፍያ ጦር “የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በማለት በውሸት ወንጅለው እየደበደቡ የአካል ጉዳት እንዲደርስባችው እያደረጉ ይገኛል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ወለጋ ዞን ጉቱ ጊዳ ወረዳ በፒፒ ወታደሮች ግድያ፣ እስራት፣ ዘረፋ እና የቤት ቃጠሎ ተፈፅሞዋል።

ህዳር 21 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የኢትዮጵያ ኢምፓየር አምባገነን የሆነው ብልፅግና ሀገሪቱን እገዛለሁ እያለ በኦሮሞ ህዝብ ላይ የዘር ማጥፋት ዘመቻ በማወጅ ወታደሮቹ በሰላማዊ ዜጎች ላይ ግድያ፣ እስራት፣ ዘረፋ እና ቤት ማቃጠልን አጠናክረው ቀጥለዋል።


ተጎጂው አቶ ገመቹ ደበላ በጉቶ ጊዳ ወረዳ በዳጋርባ መንደር በጂሬንያ መንደር ገደርባ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ህዳር 19 ቀን 2024 ዓ.ም በጥይት ተደብድቦ መሞቱን ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ተጎጂው የሁለት ልጆች አባት ነው ከገደሉት በኋላ የአገዛዙ ወኪሎች አስከሬኑ ወደ ቤተክርስትያን እንዳይወሰድ በመከልከላቸው እና አስክሬኑን በአከባቢው እንዲቀብሩት አድርገዋል።

በተጨማሪም በዚያው መንደር ጋርጆ በተባለው መንደር ህዳር 18 ቀን 2024 ዓ.ም የገዥው ቡድን አባላት ቦንሳ ጉርሜሳ የተባለ ግለሰብን ቤት በማቃጠል ንብረቶቹ ሙሉ በሙሉ ተዘርፈው ቤቱን ማውደማችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል። .

ከእስር ዜናው በተያያዘ በዚው መንደር ህዳር 18,2024 ዓ.ም የሚከተሉት ሰዎች በቁጥጥር ስር ውሎዋል።


- ወይዘሮ ሺብሬ ተሰማ
- አቢሻ ጥላሁን
- ሙላቱ ዶሻ
- ከበደ ዶሻ ፣
- አሞ ሙላቱ እና ሌሎች ብዙ ሰዎች ያለ ምንም ጥፋት እየተሰቃዩ መሆኑን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arjentiinaan waldhabdee dabalaa dhufe keessatti humna nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Libaanos keessaa baate

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka gabaasetti Arjentiinaan Humnoota Yeroo Mootummoota Gamtoomanii Libaanos (UNIFIL) keessaa baate

Waajjira muummee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, gargaaraan barreessaa olaanaa UN keessatti hojii nagaa Arjentiinaa UNIFIL kan Libaanos keessatti haleellaan irra gahe keessaa akka baate gabaasan.

Gama biraatiin ammoo dubbi himaan UNIFIL Andiree Teeneetiin ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kennaniin, "Sun sirrii dha. Arjentiinaa qondaaltonni ishee akka deebi'an gaafattee jirti" jedhan.

"UNIFIL keessatti qondaalli Arjentiinaa sadii jiru. Kanaafuu dandeettiin hojii keenyaa hin jijjiiramne," jedhan Teeneetiin.

Biyyoonni biroo hundinuu turuuf waadaa akka ibsan jala sararanii, "Biyyoonni biroo nagaa eegdota isaanii UNIFIL keessaa akka baafatan hin gaafanne" jedhan.

Sababa isaan deemaniif ilaalchisee dubbi himaan kun gaaffii ofirraa baasuu keessatti maaliif akka bahan biyyattiin hin ibsine jedhan.

UNIFIL kanaan dura haleellaa adda addaa sadii Israa’el loltoota, hojjettootaa fi dhaabbilee ishee kibba Libaanos irratti xiyyeeffate irratti raawwatte kan gabaase yoo ta’u, haleellaa kana keessaa tokko loltoota nagaa eegsisan afur irratti miidhaa geessiseera.

Israa’el Libaanos waliin lola daangaa qaxxaamuraa irratti bobbaatee kan jirti yoo ta’u, dhuma baatii Fulbaana keessa garee Hizboollaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun ishee ni yaadatama.

Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwateen namoonni 3,500 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, Onkoloolessa darbe irraa eegalee namoonni 15, 000tti dhiyaatan madaa’uu fi miliyoona tokkoo ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru jechuun BBC'n gabaaseera.

.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtoota maafiyaa PP'n hidhaa fi doorsisni namoota nagaa irratti geggeeffamu hammaachuu maddeen ONM'f eeran

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo keessatti Sadaasa 18,2024 hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayerattii fi milishoota jechuun of waamtu qonnaan bultoota 2 jiraattota gandichaa kan ta'an namoota maqaan isaanii Hasan Ibraahim Muhee fi Ahimed Adam Darasee jedhaman fuula maatii duratti akka daa'imaatti kabaluun jechoota safuu hawaasichaa ta'aniin namoota kanneen arrabsaa magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii jiru.

ONM jiraattota ganda Coqorsoo dubbise irraa akka qulqulleeffatetti, namoonni hidhattoota sirnichaan reebamuun hidhaman kun qonnaan bultoota hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatan, akkasumas hawaasa naannichaa waliin hariiroo gaarii uummachuun kan jiraachaa turan ta'uu fi namoonni kunneen hawaasa gandichaa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban ta'anis gareen goolessituu PP Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii hidhuu itti dabaluun ifoomsaniiru.

Akka jiraataan kan biroon dubbisne tokko jedhutti ammoo, godina Walloo aanaalee garaa garaa keessatti ergamtoota murna Bilxiginnaan jiraattota irratti dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun namoota siyaasa kam keessaa qooda hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu ibse.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi saamicha raawwachuu cimsee itti fufe.

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Dargaggoonni Oromoo biyya abbaa isaanii keessatti yeroo ammaa akka lammii lammaffaatti ilaalamuun loltoota sirnichi leenjisee bobbaaseen akka bosonuu adamfamanii gochoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwatamaa jira.

Jiraataa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo kan ta'e namni maqaan isaa Umaree Ganna Gumbii jedhamu torban darbe keessa ergamtoota sirnichaan ukkaamfamuun yeroo ammaa achi buuteen isaa dhabamee jiraachuu maddeen ONM'tti himan.

Kana malees aanichuma ganda Dambaqaa Iftuu irraa yerooma wal fakkaatutti namoota maqaan isaanii Gabii Abdallee fi Nuuruu Tafii jedhaman akkasumas ganda Ellaa Akkiyyaa jedhamu irraas Kadir Tunaa kan jedhamu ergamtoonni sirnichaa ukkaamsuun faana isaanii dhabamsiisanii kan jiran yoo ta'u, yeroo maatiin gaafachuuf gara waajjira poolisii deeman maal barbaacha dhuftan jechuun reebicha ulfaataa irraan ga'aa akka jiran maddeen itti dabaluun ONM'f himaniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo ganduma Wataroo Diinoo keessaa Sadaasa 18,2024 nama maqaan isaa Huseen Jaldoo jedhamu jalaa ergamtoonni sirnichaa re'oota 4 saamuu fi yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun yeroo hawaasni gandoota baadiyyaa kanneen irraa gara magaalaa deemu daandii gubbaa dhaabbachuun saamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 21-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Weelluu Arraataa Biyyoolessa Oromiyaaf yeroo dhiyootti 👇

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Hiriirri Mormii Guyyaa har'aa Bilxiginnaa irratti yuunivarsiitilee addaa keessatti geggeeffame.

Amboo
Arsii
Wallaggaa
Jimmaa
Salaalee
Mattuu
Bulee Horaa
Kotobee
Haromaayaa
Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Buraayyuu

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa hordofaa

Injifannoon Uummata Oromoo!

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ONM-ABO Sadaasa 21-2024 itti dhiyaadhaa!
Gubaatti Manneen Qonnaan Bultoota Marsaa 2 Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti torbee darbee waraana Faashistii PP'n Geggeeffame
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gochoonni gara jabummaa loltoota sirnichaan raawwatamu Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Egeree saba bal'aaf yaaddoo guddaa kan ta'e gareen faashistii PP loltoota isaanii gara- jabummaan guutamanii fi akkaataa uummata jiilchanii teessoo isaanii irra ittiin turan baafataniin gorfaman hawaasatti bobbaasaniin gochoonni seera waraanaa hin ibsinee fi naamusa waraanaa cabsu hawaasa nagaa irratti guyyuu dalagamaa jira.

Godina Lixa Wallaggaa ona Baabboo Gambeel ganda Daamota Mana Jaartee iddoo addaa Motorraa jedhamu keessatti hidhattootni PP akka Oromoo dararaniif bobbaafaman nama gaagura dammaa hidhachuuf deemu Obbo Amanuu Immiruu kan jedhamu saanjaadhaan wararaanuun dararaa erga turanii booda sadarkaa du’a irraan ga’uun gatanii deemuu jiraattonni himan.

Bakkuma sanatti Galaasaa Baacaa fi Gammachiis Shifarraa kan jedhamanis qabuun dararaa hammaataa irraan ga’aa turuun beekamee jira

Ganduma kanatti uummata nagaa irratti dhukaasa banuun rifatuu uumaniin hawaasni mana isaa dhiisee godaanuun yeroo amma bakkee jiraachuu maddeen bakkichaa ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatiin manneenii loltoota PP'n raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Murni abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa anatu bulchaa jira jechuun of dhaadu Bilxiginnaan, uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoonni isaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessuu raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Dhagarbaa jedhamu irraa Sadaasa 19,2024 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Dabalaa jedhamu gara qe'ee isaa dhaquun maatii fi firoottan isaa duratti naasuu tokko malee gara jabina hamaadhaan rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM'tti himan.

Akka jiraattotni himanitti, namni ajjeefame kun abbaa ijoollee 2 ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa kunneen erga ajjeesanii booda reeffi isaa gara mana amantaa geeffamee akka hin awwaalamne dhorkuun, maatiin reeffa isaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti awwaallachuu dubbatu.

Kana malees ganduma kana iddoo addaa Garjoo jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa dararuuf bobbaafaman Sadaasa 18,2024 nama maqaan isaa Boonsaa Gurmeessaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun yoo guban, nama Adimaasuu Duulaa jedhamu jalaa ammoo qabeenya mana isaa keessa jiru guutumaa guutuutti saamuun mana isaas caccabsanii deemuu maddeen eeran.

Oduu hidhaan ammoo ganduma kana irraa guyyaama kana Sadaasa 18,2024 namootni maqaan isaanii:
- Aadde Shibiree Tasammaa,
- Abbushaa Xilahuun,
- Mulaatuu Doshaa,
- Kabbadee Doshaa,
- Amoo Mulaatuu fi kanneen biroo hedduu ta'an badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM'f eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Incinniitti waraanni garboomfataan PP nama nagaa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun himame.

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Waraanni maafiyaan PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii ittuma fufuun, godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinniitti nama nagaa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun himamee jira.

Aanaa Dirree Incinnii ganda Karraa bakka addaa Garjeeda jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa Sadaasa 18,2024 badii tokko malee nama maqaan isaa Dhaabaa Warquu jedhamu rasaasa itti roobsuun haala rifaasisaa ta'een ajjeesanii gatanii deemuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattotni himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa sobaa "hidhata WBO qabda" jedhuun ajjeefamuu himaniiru.
Kana malees loltoonni PP ajjeechaa kana erga raawwatanii booda namoota baay'inni isaanii digdamaa ol ta'an kanneen maqaan isaanii yeroof adda hin baane ammoo qabanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti maqaa maatii qabsaa'otaatiin hidhaa fi saamichi jabaate

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Akkuma sirni bulchiinsa Dargii uummata Oromoo magaalotaa fi gandoota baadiyyaa naannoo WBO'n keessa socho'aa ture keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuun hiraarsaa ture, guddisni mootummoota abbaa irree darbanii sirni Bilxiginnaas hojii hamaa hojjetu jabeessee itti fufeera.

Bifuma kanaanis jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii rakkoon maqaa maatii qabsaa'otaa fi hidhata WBO qabdu jedhuun irra ga'aa jiraachuu gabaasaa akkuma turre, cunqursaa fi hacuuccaan daranuu irratti jabaachuun hawwan hedduun maqaa abbaa warraa fi ilmaan isaaniitiif manneen hidhaa aaanichaatti guuramaa jiraachuu ONM ifoomseera.

Aanaa Jimmaa Gannaatii ganda Gammoo Nagarootti haadha warraa Obbo Misgaanuu Bookaa, haadha warraa Obbo Lataa Garramuu fi haadha warraa Obbo Dabaloo Darajjee dabalatee haadholii hedduu qabuun bulchiinsa magaalichaatti darbatanii hidhaan dararaa jiraachuun barameera.

Keessattuu mana Obbo Dabaloo deemuun erga haadha warraa isaa qabaniin booda horii gaanfaa baay'inni isaa 50 ol ta'u jalaa ooffachuun akka deemanis jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni faashistii PP godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti namoota 4 ajjeesuun 2 madeessan

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Waraanni goolessituun PP Sadaasa 19,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Dangoo bakka addaa Hurroo jedhamutti halkan keessaa sa'a 4:00'tti namoota nagaa 4 rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan, namoota 2 immoo madeessan.

Ilmaan Oromoo rasaasa waraana faashistii PP kanaan ajjeefaman;
1. Fayyisaa Mushuu
2. Xuggee Turee Odaa
3. Gissoo Mormaa fi
4. Eliyaas Bilbilii Boneyyaa ta'uun barameera.

Namoota ajjeefaman kana malees kanneen madaa'an lamaan maqaan isaanii;
1. Taammiruu Fayyisaa
2. Bashaaduu Kabbadaa akka ta'an jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himaniiru.

Koloneel Abiy Ahimed waggoottan ja'an aangoo irra jiru keessatti ilmaan Oromoo rasaasaan duguugaa, gama biraan ammoo nagaa buusaa jechuun ofii qulqulluu of taasisee mul'achuu barbaadus har'as dacheen Oromoo loltoota inni bobbaaseen dhiigaa jirti.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Lixa Shaggar aanaa Miidaaqeny keessatti tarkaanfii fudhateen PKM 4 fi isnaayippera 1 hiikuun loltoota Bilxiginnaas booji'ee


ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti giddu galeessa Oromiyaa keessatti fudhatuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Haaluma kanaan tarkaanfii laalessaa har'a Sadaasa 21,2024 godina Lixa Shaggar aanaa Miidaaqeny ganda Gaadullaa keessatti waraana maafiyaa PP irratti jajjabeen WBO Birgeedii Soonsaa fudhateen loltoota Abiy Ahimed irraa hanga gabaasni kun qindaa'etti 35 ol ajjeesee 45 ol madeessuun 15 irraa booji'ee jira.

Tarkaanfii kanaanis meeshaa garee PKM 4, isnaayippera 1, hidhannoo 21, rasaasa kumootaan, boombii 15 fi qophii waraanaa irraa hiikuun galii mooraa qabsoo Oromoof taasisee jira.

Murni Bilxiginnaa Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf duula waraanaa fi diigumsaa geggeessuu akkasumas baatii 3 gidduuttin balleessinaan dhaadatus WBOn loltoota PP dhibbootaan ajjeesee dhibbootaan madeessaa hedduus harkaan qabee dhibbootaan booji'uun karoora Bilxiginnaa manseensaa jiraachuun ni beekama.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ጉጂ ዞን በገላን ወረዳ ውስጥ የፋሽስት ፒ.ፒ. ጦር 4 ሰዎችን ገድሎ ፥ 2 ማቁሰሉ ተገለፀ።

ህዳር 21 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና አንጃ በተለያዩ የኦሮሚያ ስፍራዎች ንፁሀን ዜጎችን ከአላንዳች ጥፋት እየገደለ ፥ እያቆሰለና እያንገላታ ይገኛል።

ይህን በማስመልከት በምዕራብ ጉጂ ዞን በገላና ወረዳ ዳንጎ መንደር ህዳር 19 ቀን 2024 ዓ.ም ከምሽቱ 4፡00 ስዓት ላይ የፒፒ ጦር 4 ንፁሀን ዜጎችን በጥይት ገድሎ 2 ሰዎችን አቁስሏል።

ከተገደሉት ሰዎች መካከል:-
1. ፈይሳ ሙሹ
2. ጡጌ ቱሬ ኦዳ
3.ጊሶ ሞርማ እና
4. ኤልያስ ቦነያ ቢልቢሊ መሆናችው ታውቆዋል።


ከሟቾች በተጨማሪ ሁለቱ ጉዳት የደረሰባቸው ሰዎች:-
1. ታምሩ ፈዪሳ
2 በሻዱ ከበደ መሆናችውን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

ኮሎኔል አብይ አህመድ በ6 አመት የስልጣን ዘመናቸው የኦሮሞ ልጆችን እየረሸኑ ሲሆን በሌላ በኩል ደግሞ ሰላም እያመጣሁ ነው በማለት ንፁህ መስሎ መታየት ይፈልጋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

አምስት የብአዴን ሰራዊት አባላት አገዛዙን ውድቅ በማድረግ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ተቀላቅሎል።

ህዳር 21 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የፒፒ ማፍያ ቡድን የድሆች እናቶችን ልጆች በግዳጅ እና በማታለል በማሰር ስልጣኑን ለማራዘም ወደ ማሰልጠኛ ካምፖች በመላክ ለግድያ ፣ለዝርፊያ እና ለተለያዩ ወንጀሎች ሴራ ተልእኮ አሰልጥኗል።

በዚህም መሰረት ህዳር 20 ቀን 2024 ዓ.ም በምዕራብ ሸገር ዞን አቡነ ግንደበረት አውራጃ 4 የኤኬም ክላሽ እና 1 ስናይፐር ጠመንጃ ይዘው አብይ አህመድን ሲያገለግሉ የነበሩ 5 አባላት የብአዴንን ካምፕ ጥለው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ተቀላቅሎል።

አባላቱም ወደ ኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ከደረሱ በኋላ ለተደረገላቸው አቀባበል ደስተኛ ሆነው በጠላት ካምፕ የቀሩት የኦሮሞ ልጆች ካምፑን ለቀው ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን እንዲቀላቀሉ ሲሉ አሳስበዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti gubaatiin manneenii, hidhaa fi saamichi loltoota sirnichaan raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen fedhii dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf maggalan aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa Sadaasa 14,2024 nama maqaan isaa Obbo Waamii Bulbulaa jedhamu jalaa badii tokko malee "ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jechuun mana isaa meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda waliin gubuun barbadeessanii deemuu fi nama Obbo Darajjee Doobootii jedhamu jalaa immoo qabeenya mana keessaa, bilbilootaa fi qarshii hedduu saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanichatti dararaan qaamolee mootummaa garboomfataa impaayerattiin hawaasa nagaa meesha maleessa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, ganda Rifeentii Caabir jedhamu keessaas nama maqaan isaa Obbo Raggaasaa Soorii jedhamu jalaa sangoota cimdii 2 jalaa fudhatanii qalachuu jiraattonni kunneen itti dabaluun ibsanii jiru.

Kana malees godinichuma aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessaa Sadaasa 18,2024 nama maqaan isaa Lammeessaa Gaaddisaa jedhamuun miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jechuun ergamtoonni sirnichaa haadha warraa isaa ijoollee ishee 4 waliin hidhaatti darbachuun, qotiyyoo lamas jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa himan.

Ganduma kana keessaa torban darbe keessa ijoollee keessantu bosona jiru jechuun Obbo Duulaa Oliiqsaa fi Taarikuu Garramuu kanneen jedhaman badii tokko malee qabanii waajjira Poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Qellem Wallaggaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu loltoota sirnichaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Murni abbaa irree Bilxiginnaan bu'aa warraaqsa qeerroo fi qarree Oromoo argame butuun gara aangootti dhufee goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun namoota nagaa hedduu humna misoomaa ta'uun ofii fi biyya isaanii jijjiiruu danda'an sobaan yakkee maqaa adda addaa itti maxxansuun jumlaan hidhaatti guuruun waggoota dheeraaf dararaa jira.

Namoota hedduu waajjira poolisii aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti waggaa lamaa oliif hidhamuun dararaa ulfaataan irra gahaa jiru keessaa muraasa maqaa isaanii arganne:
- Obbo Ittaanaa Tasfaa nama umurii 46,
- Obbo Girmaa Dhiinsaa maanguddoo ganna 53,
- Obbo Faqqadaa Baqqalaa maanguddoo ganna 60,
- Daa'ima ol adeemaa umuriin isaa 12 ta'e kan maqaan isaa adda hin baanee fi kanneen biroon lakkoofsaan hedduu ta'an gaaffii seeraa tokko malee hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta'anii fi maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun hidhamanii dararamaa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

Aanaa Sayyoo ganda Ifa Galaanoo bakka addaa Waaccuu jedhamu keessaa Sadaasa 17,2024 waraanni sirna dhableessi impaayerattii badii tokko malee nama maqaan isaa Obbo Yooseef Mul'ataa jedhamu haadha warraa isaa waliin qe'ee fi qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Sayyootti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, maatiin kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ilma keessantu bosona jira jedhuun Obbo Yoseefiin yeroo adda addaatti hidhanii dararaa turuu itti dabaluun dubbataniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Sadaasa 21-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Sadaasa 21-2024 ONM-ABO Hiriiraa Mormii Geggeeffame itti dhiyaadhaa!
Hiriira Sagalee Uummata Oromoo Kaaba Shaggar Dharraaf Ta’uu fi Balaaleffannaa Murna Bilxiginnaa Irratti Barattoota Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Keessatti Har’a Geggeeffame!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Hiriirri Guyyaa har'aa

1. Arsi university ✅
2. Ambo university ✅
3. Wallaga University ✅
4. Salaale University ✅
5. Jimma University ✅
6. Madda Walaabu University ✅
7. Haramayaa University ✅
8. Kotabe University ✅
9. Mattuu University ✅️
10. Bulee Horaa✅️
11. Assosa University✅
12. Finfinnee University✅
fi barattoonni sadarkaa 2ffaa Buraayyuu fi Sadarkaa 2ffaa Goommanee Amboo uummata keessaniif sagalee taatan
Galatoomaa!

Ammalleen itti fufa dammaqiinsi uummata keenyaa caalaatti waliin ka'uu qaba sanatu fala❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

The Ethiopian government forces intensify violence against civilians in Oromia

ONM-ABO November 21, 2024, Guji, Oromia- The criminal forces of the Ethiopian empire have murdered four innocent civilians and wounded two others in the Galan district of Guji zone.

The barbaric military forces of the current Ethiopian regime continue their grave human rights violations across Oromia. Extrajudicial executions, rape, and looting of civilian property have become daily occurrences.

On November 19, 2024, in the Western Guji zone district of Galan, in a local town called Dango, the callous forces of Abiy Ahmed executed four innocent civilians in cold blood at 4:00 AM local time and wounded two more. The names of those mercilessly executed by regime forces are:
1. Fayisa Mushu
2. Xuge Ture Oda
3. Giso Morma
4. Eliyas Bilbili Bonaya

These four innocent Oromo civilians were targeted and executed in their own homes while they were asleep, without any reason or justification.

Additionally, the regime forces shot and wounded the following two individuals without any wrongdoing:
1. Tamiru Fayisa
2. Bashadu Kabada

The military forces deployed by Abiy Ahmed across Oromia, in an effort to suppress the Oromo masses militarily, are committing hidden atrocities throughout the region. Despite Abiy Ahmed's claims of peace and justice, the reality on the ground starkly contrasts his routine propaganda, as Oromo civilians are hunted down and massacred daily.

The inhumane brutality of the current Ethiopian regime, led by the self-appointed prime minister Abiy Ahmed, is becoming increasingly unbearable for Oromo citizens. Abiy has ordered his military and militia to commit atrocities with impunity in every zone of Oromia, and these callous and barbaric military units are implementing his orders without any reservations or concern for innocent human lives.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

#Yuuniversitii Bulee Horaa

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti duulli qindaa'aan duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Duula qindaa'aa duguuggaa sanyii walta'iinsa murna Bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan uummata Oromoo Kaaba Shaggar aanaalee garaa garaa irratti raawwatamu kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Dharraa ganda Iluu Goda Caffee jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa tumsuun uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun yakkoota suukkanneessoo adda addaa irratti raawwachaa jiran loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 17,2024 namoota sadii kanneen maqaan isaanii:
- Abbuu Boggaalee,
- Abbuu Hajii Ahimed fi
- Kadir Nugee jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees torbeema darbe keessa aanichuma ganda Jirruu Daadaa jedhamu irraa abbaan tokko ilma isaa waliin qe'ee isaa irratti harka dubatti hidhamuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen duula duguuggaa isaanii ittuma fufuun haleellaa guyyaa dheengaddaa ganda Bayyoo Noonnootti geggeeffameen dargaggoo tokkoo fi loon irra miidhaan qaqqabee jiraachuu maddeen himan.

Yeroo ammaa kanas haalli aanicha keessatti deemaa jiru ulfaataa ta'uun, uummanni birmannaa dhabuun maatiin daa'ima isaa waliin qe'ee irraa buqqa'uun bakkeetti hoongeef beelaan dhaanamee lubbuu isaa dhabaa jiraachuun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Miseensotni waraana Bilxiginnaa 5 qawwee AKM 4 fi Sniper 1 fudhachuun WBO Zoonii Giddu Galeessaatti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Murni maafiyaan PP gadaa aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan haadha hiyyeessaa humnaa fi goyyomsaan qabee mooraa leenjiitti erguun leenjii kenneefii ergama dabaa ajjeechaa, saamichaa fi yakkoota adda addaaf bobbaasus, ilmaan Oromoo miidhaa saba isaanii irra ga'aa jiru quuqaman mooraa Bilxiginnaa gananii WBO'tti harka kennachaa jiru.

Sadaasa 20,2024 loltootni Abiy Ahimediin tajaajilaa turan 5 godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessaa qawwee AKM 4 fi isnaayippera 1 qabachuun mooraa waraana Bilxiginnaa gananii WBO bira ga'anii jiru.

Waraanni mooraa Bilxiginnaa gananii ba'an kun humnaan qabamanii leenjii fudhachuun bobbaafamuu ibsuun, gocha loltootni Abiy Ahimed raawwachaa jiru jibbuun keessaa ba'uu ibsan.

WBO bira erga ga'aniis simannaa isaaniif taasifametti gammaduun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafan yeroon keessaa ba'anii akka gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa, yeroo ammaa kana akkuma guutuu Oromiyaatti jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufuun, Baha Shaggar aanaa Dugdaatti namoonni hedduun jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuun ibsameera.

Yeroo ammaa kana aanaa Dugdaatti ergamtoonni sirnichaa humnaa ol bobbaafamuun hawaasa nagaa dararaa kan jiranii fi jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta'u, Sadaasa 19,2024 gandoota akka Shubii Gamoo fi Tuchii Sumayaan jedhaman keessaa namootni maqaan isaanii:
- Odaa Foollee,
- Ashuu Bulaa,
- Shugguxaa Miidhaksoo,
- Fayisaa Kirkaboo,
- Baatee Abataa,
- Biraanuu Borii,
- Ayyaanoo Garjoo,
- Buloo Damisee,
- Guutaa Gammadaa fi kanneen biroo hedduun fedhii isaanii malee milishoota sirnichaan leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattotni himanitti, yeroo ammaa kanas akkuma aanichaatti maqaa caasaa gandaa deebisuu jedhuun milishoonni sirnichaa humnaa ol gara gandoota baadiyyaatti bobbaafamuun hawaasa ba'uu fi galuu dhorkachaa jiraachuu himuun, gandoota kanneen irraa abbootiin warraa fi qeerroon leenjii waraanaaf ukkaamfaman hanga ammaatti baay'inni isaanii 80 ol ta'uu dubbataniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa keessatti hidhattoonni PP qabeenya uummataa saamuu fi adabbii maallaqaas hammeessuun dhagaa'ame

ONM-ABO Sadaasa 21,2024 Oromiyaa keessatti seer-dhablummaan hidhattoota garee maafiyaa PP'n raawwatamu jabaatee itti fufuun namoonni danuun gochaa isaanii malee maqaan madaala hin kaasne itti maxxanfamuun qabeenyaa isaaniin ala ta'uun itti fufee jira.


Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooree keessatti Sadaasa 14,2024 namoota hedduu jalaa qabeenya isaanii saamuuf tooftaa qopheeffachuun “isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, isin ajjeesuu dandeenya jechuun doorsisa garaa garaa erga irratti raawwataniin booda bitamtoonni sirnichaa saamicha irratti geggeessanii jiraachuu jiraattonni gochaan kun irratti rawwwatame dubbatu.

Nama maqaan isaa Obbo Warquu jedhamu jalaa kilinika dhuunfaa isaa tokko qabeenya keessa jiru waliin guutummatti saamuun harka duwwaatti yoo hambisan, namoota uummata keessatti dammaqina qabu jedhaman ammoo rifaasisuuf jecha tokko tokkoo isaanii irraa qarshii 4000 irraa guuruun ilma namaa qaala’iinsi jireenyaa dararaa jirutti daran jireenya hadheessanii jiru.

Namootni isaan hidhata WBO qabdu jechuun humnaan maallaqa irra saaman keessaa muraasni:
Bayyanaa Abdurhamaan
Abdurahamaanee Ibraahim
Saalii Mahaammad kan jedhaman yoo ta'an, Abdurhamaan Yaasin kan jedhamu irraa ammoo ati abbaa afooshaati maqaa jedhuun qarshii 25,000 irraa fuudhuun ifatti saamicha ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiran jabeessuu jiraattonni himu.

Sirni bara dhufaa darbaa Oromoo dararuun biyyaa fi qe’ee isaa irratti akka horiitti Oromoo qalee fixaa jiru kun Oromiyaa fuula cufaan waraana isaa fi finxaaleeyyii itti bobbaasuun lubbuus balleessaa qabeenyaas barbadeessaa jiraachuun ni beekama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Barattoota Oromoo Yuuniversitii Buraayyuu 👇

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ONM-ABO Sadaasa 21-2024 itti dhiyaadhaa!
Mormii Baratotaa Oromoo yuuniversittillee adda addaa
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…
Subscribe to a channel