Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti uummanni guyyaa irraa gara guyyaatti mana hidhaatti guuramuun jabaate jedhu jiraattonni
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Mootummaa tokko jalqaba mootummaa kan isa jechisiisu daangaa biyyaa fi nagaa lammiilee eeguun diina alaa fi keessaan uummaticha weeraru kamuu balaa irraa ittisuu yoo ta’u, garuu kan impaayera Itiyoophiyaa faallaa kanaa nageenya hawaasaa loltoota isaan booressaa boodarra ammoo maqaa seera cabsitan jedhuun namoota nagaa mana hidhaatti guuruu yoo ta'u, gocha badii isaa kana yeroo ammaa Oromiyaa keessatti jabeessee jira.
Qaama finxaaleessaa Amaaraa hidhatee uummata lubbuu fi qabeenyaa jalaa mancaasaa jiruuf gaddisa ta'uun gareen wal gurmeessee aangoo siyaasa impaayerattii qabatee jiru Bilxiginnaan uummata ofiifuu waa'ee siyaasaa quba hin qabne maqaa dharaan yakkee mana adabaatti guuruu aadaa godhachuun itti fufee jira.
Aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo jedhamu keessatti Sadaasa 22,2024 hawaasa oomisha isaa galfachaa jiru rasaasa itti roobsuun ooyiruu isaanii keessaa baqachiisuun kanneen qabatan ammoo mana hidhaatti guuruu dubbatu.
Huseen Tunnaa
Qadoo Tamii
Abdallaa Burqaa
Reduwaan Jamaal fi harmee Jamaal reebicha hamaa irratti raawwatamuun namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan argame ta'uu jiraattonni naannichaa ibsaniiru.
ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa! Walaaloo Midhaa Oromoota Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa Irratti Raawwate
Jaal Bilisee Sabaa WBO Zoonii Kaabaa Irraa
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Shaggar aanaa Laaloo Assaabii keessatti diina adabe
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuruu bakka Teelee jedhamutti Kamisa Sadaasa 21,2024 tarkaanfii fudhateen battalatti 13 ajjeesuun 17 madeessee olii fi gadi facaasee of duuba deebiseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jiraattota ukkaamsanii maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti quucarsan tooftaa garaa garaa kalaqachaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, tibba kana ammoo goleewwan Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasa nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti sababoota hedduu itti dhahuun uummata saamaa turuun ni beekama. Yeroo ammaa kana ammoo maqaa leenjii waraanaa jedhuun namoota nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa kan jiran yoo ta'u, ganda Kobiree Dhagaa Gurraa jedhamu irraa Sadaasa 20,2024 nama maqaan isaa Mizbaa Abdulkariim jedhamu osoo inni gara magaalaa deemaa jiruu milishoonni sirnichaa ukkaamsuun qarshii kuma dhibba tokko ( 100,000) gaafatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, Mizbaa dabalatee jiraattonni ukkaamfaman kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsaan kudhanii ol akka ta'anii fi hundi isaanii iyyuu kaffaltii maallaqa wal fakkaataa gaafatamanii jiraachuu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa uummata haala kanaan dararaa jiran milishoota sirnichaa kan ta'an namoota maqaan isaanii Abdusalaamii fi Muusaa kanneen jedhaman ta'uu dubbatu.
Kana malees maqaa kaffaltii buusaa gonofaa fi inshuraansii fayyaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 4000-5000 guuraa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti lukkeeleen Bilxiginnaa konkolaachiftoota doorsisaa jiraachuu ONM qulqulleeffate
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Namni kamuu waan qabutti dhimma ba'ee hojjetatee of jireessuuf mirga guutuu kan qabu ta'us, ergamtootni sirnichaa ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta'an irratti xiyyeeffachuun akka waan qabeenya qabaachuun yakka ta'eetti fudhatanii akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa'utti karoora baafachuun, yeroo adda addaatti abbootii qabeenyaa ukkaamsanii hidhuun maallaqa humnaa olii afaan qawwee itti garagalfachuun harkaa saamuu fi qarshii hanga jedhaniin yeroo irraa dhabanitti ammoo doorsisa garaa garaa irratti geggeessaa oolu.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni sirnichaa Sadaasa 19,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een namoota konkolaachiftoota baajaajii (miilla sadeen) magaalaa Sanbatee irraa gara baadiyyaatti, baadiyyaa irraa ammoo gara magaalaatti geejjibsiisuun jiraattota deddeebisanii of jiraachisaniin, kan baadiyyaatti baatan magaalaa nutti hin seeninaa, kan magaalaa keessa jiraattan ammoo gara baadiyyaatti hin ba'inaa yoo baatan ammoo adabbiin keessan maallaqa humnaa oliiti jechuun sodaachisanii hojii idilee isaanii akka dhaabaniif doorsisaa jiraachuu konkolaachiftoonni kunneen ONM'tti himan.
Akka konkolaachiftoonni kun jedhanitti, baajaajii ( miilla sadeen ) kun magaalaa Caffaa Roobit fi magaalaa Haxaayyee irraa Sanbatee hin seenu, akkasumas ba'uu hin danda'u, baadiyyaa onichaa keessatti argaman cufa kanneen akka Dullaa, Gaanga'a, Warra Leencaa fi Riqicha Caffee keessa baajaajiin socho'aa turan marti magaalaa akka hin seenne dhorkamuun doorsifamaa akka jiran itti dabaluun addeessaniiru.
Gareen saamtotaa murna Bilxiginnaa kun aanaadhuma Jiillee Dhummuuggaatti Sadaasa 18,2024 hulaa namootaa irra deemuun waltajjii qaamota hunda hirmaachisu akka baatan jechuun dirqiin jiraattota erga baasaniin booda, konkolaachiftoota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota ilaallata jechuun kaffaltii waliin isaa hin beekamne namni tokko qarshii 5000-10,000 akka kaffalaniif dirqisiisanii yeroo jiraattotni amma harkaa hin qabnu jedhaniin, yoo hin qabaanne liqeeffatanii torbee dhuftu akka fidaniif dirqisiifamaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ህዳር 22-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Sadaasa 22-2024 Hiriira Sagalee Uummata Oromoof Ta'uuf Kan Barattoota Yuuniversitii Dambii Doolloo keessattis barattootni mormii isaanii dhageessifachaa jiran
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Sadaasa 22-2024 Hiriira Sagalee Uummata Oromoof Ta'uuf Kan Barattoota Yuuniversitii Dambii Doolloo keessattis barattootni mormii isaanii dhageessifachaa jiran
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Injifannoo WBO
Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii gandoota sadii
Makkanniisaa
Baddaa Goraa fi
Saaruu keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatameen injifannoo boonsaan galmaa'eera.
Waraana faashistii PP 70 ol ajjeeste 30 ol madeessee jira.
Qawwee AKM 15
Rasaasa PKM 2000 ol
Qophii waraanaa irraa hiikuun loltoota PP 2 harkaan qabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu mana barumsaa ganda Obborraa keessatti argamu sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan hiriira ba'uun sagalee uummata isaaniif ta'aniiru.
Galatoomaa🙏
Bulchiinsi waraanaa Maalii Jeneraal Abdoulaayyee Maggaa muummicha ministeeraa haaraa muude
ONM-ABO Sadaasa 22,2024 Jeneraal Abdoulaayyee Maaggaa Kamisa kaleessaa bulchiinsa waraanaatiin muummicha ministeeraa haaraa Maalii ta’uun muudaman.
Muudamni isaanii kun kan dhufe yeroo bulchaan waraanaa Jeneraal Assimi Goyita qeeqa bulchiinsa waraanaa irratti hin baramneef muummicha ministeeraa siiviilii Chogu'el Kokalla Mayiga hojiirraa ari’anitti.
Mayigaan mootummaa isa dhumaa aangoo irraa bu'e jalatti ministeera mootummaa fi bulchiinsa naannoo turan.
Maaliin erga fonqolcha mootummaa walduraa duubaan bara 2020 fi 2021 raawwatameen booda waraanaan bulaa turte.
Bulchiinsi waraanaa baatii Waxabajjii 2022 keessa filannoo gaggeessuu fi aangoo lammiilee nagaaf akka deebisu dhuma Amajjii 2024tti waadaa gale garuu sana booda sagalee kennuu yeroo hin murtoofneef dabarseera.
Sabni Afrikaa Dhihaa kun bara 2012 irraa eegalee rakkoo siyaasaa fi nageenyaa keessa kan seene yoo ta’u, haleellaa gareewwan hidhatee fi humnoota biraa kaabaa keessatti lolan irraa rakkoon nageenyaa isa mudateera jechuun Rooyiters gabaaseera.
Hiriira mormii Yunvarsiitii Finfinnee siddist kiiloo irratti gaaffii barattoonni Oromoo kaasan irratti qondaalli murna Bilxiginnaa Oromiyaa bakka bu'uun deeme qoosaan deebisuun ibsame
ONM-ABO Sadaasa 22,2024 Barattoonni fi beektonni Oromoo gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa akka ta’e kan mul’isuu eegalan baroota hedduu darban irraa kaasee ogguu ta'u, barattoonni Oromoo yuniversiitii adda addaa keessa jiranis miidhaa saba isaanii irratti qaqqabuuf mormii agarsiisaa turan hanga har'aatti itti fufaniiru.
Dhumaatii uummata Oromoo irratti garee mootummaa abbaa irree Bilxiginnaan tumsaman humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin godina Kaaba Shaggar ona Salaalee fi Dharraatti taasifamaa jiru ilaalchisee barattoonni Oromoo mooraa yuunvarsiitii adda addaa irraa Sadaasa 21,2024 mormii agarsiisaa turuun beekameera.
Fincila barattootaa ilaalchisisees qondaalli mootummaa naannoo Oromiyaa bakka bu'uun garas imale tokko gaaffiin keessan maaliidha? jechuun akka eegales barattoonni ONM'f yaada isaanii qoodan kan himan, gaaffiileen barattootaas daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba, uummanni Oromoo Salaalee fi Dharraa akkasumas godinaalee Oromiyaa osoo isin jirtanii akkamiin humnoota finxaaleeyyii Amaaraatiin dhuma jechuun gaafachuus kan himuun, bu'uuruma barattoonni gaaffii isaanii eegalaniin isin rakkoo uumuuf malee gaaffiin mormiin deebi'u hin jiru akka jedhes itti dabaluun eeraniiru
Gaaffiileen keessan akka deebi'u yoo feetan barattoota bakka buufadhaa, dursa sagantaa mormii kana kan isin eegalchiise eenyu akka ta'es nuuf himaa jechuun mooraa yuunvarsiitii Finfinnee Siddist kiilootti barattootatti qoosaa akka turanis ibsameera
Barattoonni Oromoo yeroo sana turan gaaffii sabummaa kaasuudhaan deebiin isaanii kana ta'uun mataa dhukubbii akka isaaniitti ta'es himuun gaaffiin keenya hanga deebi'utti daree barnootaas seenne hin barannu jechuun irratti akka waliif galanis Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa ifoomseera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi mana irratti gubuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Sadaasa 22,2024 Galgalli bara aangoo isaa itti dukkanaa'uun waanti inni qabee gadi dhiisu jalaa badee burjaaja'aa kan jiruu fi harka kennachuun alatti furmaata biroo kan dhabe Koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kanas abdii kutannaa hamaa keessa seenuun balleessee baduu filannoo isa dhumaa taasifachuun loltoota isaa kan durii caalaa heedduminaan goleewwan Oromiyaa cufatti raabsuun duula duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Sibuu Siree ganda Jaarsoo Waamaa bakka addaa Qunnii jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 18,2024 namoota maqaan isaanii:
- Abdataa Toliinaa,
- Lalisaa Fiqaaduu,
- Abittii Shifarraa fi
- Daanee Badhaasaa kanneen jedhaman "Waraana Bilisummaa Oromoo daandii agarsiistan" sababa jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen cunqursaa isaanii ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Qoraattii jedhamu irraa Sadaasa 20,2024 nama maqaan isaa Obbo Addunyaa Lammii jedhamu "WBO'tu keessa jiraata" jechuun mana jireenyaa isaa ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin gubanii barbadeessuun, yerooma mana gubaa turan sana dhukaasaan illee jiraattota naannoo shororkeessaa kan turan ta'uu maddeen himan.
Kana malees aanaa Billoo Boshee ganda Qarree Guddinaa jedhamu irraa torban darbe namoota maqaan isaanii barsiisaa Dirribaa Odaa fi Obbo Warqinaa Amantee kanneen jedhaman badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu fi barsiisaa Dirribaan badii tokko malee osoo inni dukkaana isaa keessaa mi'a gurguraa jiruu ergamtoonni Bilxiginnaa qabeenya WBO gurguraa jirta jechuun hidhaatti darbachuu himuun, Obbo Warqinaan ammoo osoo inni ijoollee isaaf bakka isaan loon tiksaa jiranitti laaqana geessaafii jiruu WBO'f nyaata geessaa jirta jechuun qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 23-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee irraa
Kun ibsa ejjennoo barattoota Oromoo Mooraa Yuuniversiitii Finfinnee haala yeroo ammaa uummatni keenya Ummatni Oromoo keessa jiru irratti hundaa'uun kan kennameedha. Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga jaarraa 19ffaa keessa Minikii 2ffaan humnaan cabee kaasee roorroo, hacuuccaa, dararamnii fi gidiraan Itoophiyaa mataa Oromoo irratti erga kufee hanga ammaa uummatni Oromoo osoo aara hin galfatin guyyaa har'aa ga'ee jira. Innumaayyuu bara Oromoon biyya bulchaa jira jedhan keessatti mirgootni Namoomaa fi Dimookiraasii uummatichaa cabuun ajjeechawwan suukkanneessaa ija namaaf hin tolle raawwachuun akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun qe'ee isaa irratti akka looniitti qalamaa jira.
Kana callisanii ilaaluun waan biroo maaltu uummatichaaf godhama. Uummatni Oromoo uummata adda isaa rasaasaaf kennee sirna nama nyaataa waggaa 27 biyya kana akka garaa isaatti uummata Oromoo daa'imaa hanga beekaa isaa, abbaa hanga haadhaa fi ilmaan Oromoo duguugaa ture aangoo irraa kaasuun murni amma jiru aangoo irra jiru qaxxaamuraan aangootti akka ba'u taasise. Bu'aan isaa kan amma argaa jirru ta'e. Kan durii seenaan baranne, har'a garuu gocha isa irra caalu ijaan argaa jirra. Kanaaf nuti barattoonni Oromoo uummatni keenya furmaata haarawaa akka argatu cimisinee gaafanna. Dabalataan qaamni har'a daangaa Oromiyaa cabsuun uummata Oromoo qe'ee isaa irraa buqqisuun gocha farra namoomaa irratti raawwachaa jiru Faannoo dha.Humni kun dursa irratti Bilxiginnaa irraa hidhannoo argachuun wal tumsaa turan. Ajjeechaan kun kan yeroo Bilxiginnaa fi Faannoon hidhata waliin qabanii jalqabe hanga ammaaatti dhiigni uummata qulqulluu uummata Oromoo akka galaanaa lolaa jira. Kanaaf Bilxiginnaan gaaffii keenya rakkoo uummatni keenya keessa jiru kanaaf dhiheesine furmaata hin laatu taanaan qabsoon barattoota Oromoo itti fufa. Nuti baratoonni oromoo Yunivarsiitii Finfinnee dhimma Oromoo fi oromiyaan keessa jirtu irratti ibsa ejjennoo kan armaan gadii baafnee jirra.
1. Mirgi yaada keenya bilisaan ibsachuu nuuf haa eegamu.
2. Barattoota Oromoo adamsuuf yaaluun hattatamaan haa dhaabbattu
3. Lolli uummata Oromoo irratti labsame dhaabbachuu qaba.
4. Mirgi hiree murteeffanaa uummata oromoo haa kabajamu.
5. Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
6. Ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa haa dhaabbatu.
7. Bilxiginnaan rakkoo Oromiyaa keesssa jiru karaa nagaan furuuf kutannoo dhugaa qabaachuu qaba.
8. Saba biroo uummata Oromoo keessa jiran maqaa Miliishaan hidhachiisuun uummata Oromoo ajjeesisuun haa dhaabbatu. Isaan erga dachee Oromiyaa irra jiraatanii uummata Oromoo irraa adda baasanii qofaatti hidhachiisuun hatattamaan dhaabbatee isa hidhatan haa hiikkatan.
9. Dirreen Dimookiraasii bal'achuu qaba.
10. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
11. Gaaffiin Oromoo deebifamuu dhabuun lafa irra harkifachaa as ga'e nuuf deebi'uu qaba.
12. Hidhaa fi dararri daangaa darbe uummata keenya irraa haa dhaabbatu.
13. Hayyoonni fi Aartistoonni Oromoo saba Oromoo akka ogummaa isaaniitti saba isaaniif sagalee haa ta'an.
14. Qeerroo fi Qarreen Oromoo har'a hiriira ba'uun kan galan qofa osoo hin taane qabsoo fininsuun dararama amma jiru goolabsiisuu qabu.
15. Qeerroo Oromoo fi Abbootii warraa maqaa raayyaa ittisa impaayerattiitti guuruu fi maqaa gachaana sirnaan uummata Oromoo jumlaan duulsisuun haa dhabbatu
16. Eenyummaan kaabinoota fi hooggantoota waraana Itoophiyaa fi sadarkaa Oromiyaatti haa hordofamu.
Sadaasa 23,2024
Finfinnee, Oromiyaa
Kooriyaa Kaabaa Kiim dippilomaasiin darbe diinummaa Ameerikaa qofa mirkaneesse jedhu
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un tattaaffiin dippilomaasii Piyoongiyaang kanaan dura Waashingitan waliin taasisaa turte diinummaa “hin jijjiiramne” biyya isaaniif qabdu qofa kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru jechuun miidiyaaleen mootummaa Jimaata kaleessaa kan gabaasan yoo ta'u, kunis Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu isaanii ji’oota dura.
Yeroo pirezidaantummaa isaaniitti pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Tiraamp Kiim waliin yeroo sadii wal argan, mariin kun garuu Kooriyaa Kaabaa niwukilarii irraa bilisa gochuu irratti guddina xiqqaa argamsiiseera.
Erga walgahiin isaanii inni lammaffaan bara 2019 Haanoyitti geggeeffame kufee as Kooriyaan Kaabaa dippilomaasii dhiistee, misooma meeshaa waraanaa daran jabeessuun marii Ameerikaan hariiroo haaromsuuf dhiyeessite kuffifteetti.
Kamisa darbe agarsiisa ittisaa sirnoota meeshaa waraanaa Kooriyaa Kaabaa sadarkaa olaanaa qaban tokko tokko agarsiisu irratti kan dubbatan Kiim, maqaa Tiraamp kaasuun irraa of qusachuun garuu marii sadarkaa olaanaa bulchiinsa isaanii jalatti dhiheenya kana gaggeeffame eeraniiru.
“Ameerikaa waliin akka mariisistootaatti hanga dandeenyutti deemneerra, wanti mirkaneeffanne ammoo fedhii humni guddaan tokko waliin jiraachuu miti,” jedhan Kiim, akka Dhaabbata Oduu Giddugaleessa Kooriyaa (KCNA) ibseetti jechuun AFPn gabaaseera .
Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoonni impaayerattii abbootii warraa 2 ajjeesanii gatuun bineensa nyaachisan
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Ujummoo qawwee isaanii namoota nagaatti naanneffachuun dararaa ulfaataa geessisaa kan oolan waraanni maafiyaan PP kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi quba hin qabne maqaa garaa garaa itti maxxansuun sobaan yakkanii duguuggaa sanyii raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa jedhamu keessaa Sadaasa 16,2024 ergamtoonni sirnichaa balleessaa tokko malee namoota maqaan isaanii Obbo Araarsoo Salbaanaa fi Obbo Beenyaa Foollee jedhaman rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii bakkeetti gatuun reeffa isaanii illee maatii dhorkachuun bineensa nyaachisanii kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii qofatti bobba'uun kan jiraatanii fi ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata kennitan" jedhuun naasuu tokko malee iddoo addaa Meedaa Baqalee jedhamutti ajjeesuu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Dabbasoo keessatti hidhattoonni PP namoota nagaa ajjeesuun dhagaa'ame
ONM-ABO Sadaasa 23,2024 Impaayera Itiyoophiyaa cubbuu fi dhiiga lammiilee nagaan ijaaramte keessatti har'allee garee abbaa irree imphaayerattii bulchaa jirra jedhaniin uummanni Oromoo aarsaa lubbuu fi mancaatii qabeenyaa kaffalaa jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Dabbasoo Bulchiinsa Magaalaa Qoree keessatti hidhattoonni koloneel Abiy Ahmed Sadaasaa 17,2024 namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii mana bulchan nama sadii (3) qabuun dararaa turuu jiraattotni himan.
Sadaasa 18,2024 namoota kanneen erga dararaa turanii booda Taarikuu Asaffaa abbaa ijoollee lamaa kan ta'e rasaasa itti roobsuudhaan yoo ajjeesan, Shuggux Tamasgeen fi Masaraa Takkaa kanneen jedhaman ammoo haala gaddisiisaa fi dubbachuuf nama saalfachiisuun saanjaan wawwaraanaa turuu fi boodarra ajjeesanii dirree irratti gatanii deemuun beekamee jira.
Namoonni kunneenis balleessaa qabaataniif osoo hin taane Oromoo ta'uu isaanii qofti yakka ta'uun haala suukkanneessaa ta'een kan ajjeefaman ta'uus dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattonni himanitti bara kana keessa Oromoo ta'uu keenya qofaan yakkamnee ajjeefamaa fi qabeenyi keenya nu harkaa manca'aa jira jechuun miira gaddaa fi aariin guutameen ONM'tti himanii jiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 22-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 22-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Sadaasa 22-2024 Iyya Oromoo Kaaba Shaggar Birmannaa Dhabee
#Oromogenocide
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Sadaasa 22-2024 Hiriira Sagalee Uummata Oromoof Ta'uuf Ba'ame Kan Yuuniversitii Booraanaa keessattis barattootni mormii isaanii dhageessifachaa jiran
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Sadaasa 22-2024 Hiriira Sagalee Uummata Oromoof Ta'uuf Ba'ame
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjii irraa hattoonni Bilxiginnaan maqaa WBO xureessuuf bobbaafate dirqama itti kenname xumurachuun galan
ONM-ABO Sadaasa 22,2024 Maqa-balleessiin bifa kamiin murna Bilxiginnaatiin maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dawoo godhachuun dhaabbata miidiyaalee mootummaa garboomfataa PP garaa garaa irratti deemaa jiru shiraa fi holola ta'uu isaa kabajamaan uummata Oromoo sirnaan osoo beekuu, murni Bilxiginnaa ofiin jettu garuu akka waan qabsoon Bilisummaa Oromoo badaa jiruutti uummata Oromoo gowwomsuu yaaluuf jecha wayita uummatichi kufuu impaayerattii beekee fuula isaa irraa naanneffatu shiftaa ofuma isheetii bobbaafatte sana akka waan WBO'n qabsoo dhiisee galeetti fakkeessuun diraamaa hojjechuu itti fuftee kan jirtu ta'uun ni beekama.
Aanaa Boojjii Birmajjiitti hattoonni shan maqaa WBO'n uummata Oromoo saamaa turuun yeroo uummanni hojii diinummaa isaanii irratti baru yookaan ergama diinaa ba'aa jiraachuu isaanii irratti baru Sadaasa 19,2024 akka waan gootichi WBO harka kennatee fakkeessuuf jecha dirqama murni Bilxiginnaa itti kenne xumurachuun gara magaalaa Biilaatti galanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa kanas fakkaattonni WBO kunneen maqaa qabsoo Bilisummaa Oromoo xureessuuf Bilxiginnaa irraa dirqama fudhatanii diraamaa hojjechuuf hedduminaan bobbaafamanii jiraachuun ibsameera.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti hidhaa, saamicha, reebichaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 22,2024 Gareen faashistii PP rakkoo sabaa karaa nagaa fi dantaa uummataa eegeen hundeerraa furuu irra humna waraanaa filachuun hawaasa nagaa boqonnaa dheebotee halkanii guyyaa birrachaa jiraatu irratti waraana humnaa olii leenjisuun gochoota haamilee isaa cabsanii fi mogolee buusan akkasumas abdii kutachiisan irratti dalagaa jira.
Sadaasa 20,2024 aanaa Muneessaa gandoota aanichaa keessatti murni garboomsaan sirnichaa waraana humnaa olii qe'ee hawaasichaa keessa bobbaasuun saamuu, hidhuu, qawwee irratti dhukaasuun manaa ari'uun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise dubbatu.
Akka jiraattonni kunneen dubbatanitti ganda Gujichaa keessaa namoota maqaan isaanii Obbo Fattoo Waayyuu, Tashitee Haarisiisoo ganda Qoomaa Oochaa irraa Obbo Huseen Roobaa kanneen jedhaman ilmaan keessantu miseensa WBO'ti galchaa yoo hin galchitan ta'e isin ajjeefna jechuun mana hidhaatti halkan guyyaa reebicha hamaa irratti raawwachaa jiraachuu dubbatu.
Akkasumas nama tokko kan ammaaf maqaan isaa adda hin baane daldalaa loonii kan ta'e tokko karaa irratti osoo inni horii oofee deemaa jiruu rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ijaan argan kunneen himuun, maqaa deggartoota WBO fi ilmaan keessantu keessa jira jedhuun namoota danuu jalaa qabeenya isaanii manneen isaanii cabsanii itti seenuun jalaa saamuu fi mi'oota mana keessa jiru jalaa caccabsanii seenuun harka duwwaatti hambisanii jiraachuus dabaluun dubbataniiru.
#Shaambuu
Yuuniversitii Wallaggaa Damee Shaambuu Keessatti goototni barattoota Oromoo sagalee uummata isaanii ta'uuf lagannaa nyaataa fi hiriira mormii dhageessisan.
Waan obboleeyyan keessanitti makamtaniif #Galatoomaa🙏