Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Duula Waraana Bilisummaa Oromoo WBO balleessuuf guyyuu murni Bilxiginnaa waraana kuma dhibbootaan leenjisee Oromiyaatti bobbaasu abjuu mul'atni isaa dukkanaa'e kan itti ta'e loltoonni sirnichaa guyyuu mooricha keessaa miliquun WBO'tti dabalamuu cimsanii itti fufaniiru.
Sadaasa 24,2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaa mooraa gandichaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuun WBO'tti harka kennatee jira.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 1, rasaasa 150 fi gumbii 3 baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolche ogguu ta'u, osoon hin beekinis ta'e dogonggoraan miidhaan hawaasa koo irraan ga'eefis gamanumaan dhiifama gaafachuun fedha jechuunis yaada isaa ONM'f ibseera.
Ajaja sakattaa WBO fudhatanii kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP haleellaa uummata Oromoo irratti taasisuun namoota nagaa ajjeesanii waraana ajjeesne jechuun akka gabaafatanis kan dubbatu loltuun mooraa sirnichaa keessaa bahe kun, hojiilee waraanni faashistii PP fi kaadiroonni sirnichaa saba Oromoo irratti taasisan hadheeffatee dubbata.
Dabalataanis loltoonni sabaan Oromoo taatan kamuu maadhee diinaa taatanii saba keessan irratti daba seenaa fi seeraa raawwachuu irra gaachanaa fi irree uummatichaa kan ta'e gara WBO'tti yeroon kottaa dabalamaa balballi WBO banaadhaa jechuunis dhaamsa isaa dabarseera.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa qaama miidhamtoota irratti hidhaa fi saamicha raawwachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Manni amantaa Kaatolikii akkuma guutuu Oromiyaatti namoota qaama miidhamtoota ta'aniif yeroo yeroon deggersa meeshaalee adda addaa taasisuufiin beekama. Kanneen dhukkuba miillaa (dhiitoo) dhukkubsataniif kophee maqaan isaa "Koomaandoo" jedhamuun beekamu ji'a sadii sadiin galmeessee kennaafii jiraachuun kan beekamu yoo ta'u, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo WBO'tu waraana keenya ajjeesee irraa baasee isinitti gurgurata jechuun irraa baasanii fudhachuun qaama miidhamtoota hedduus hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan dargaggoo Caalaa Addaamuu jedhamu aanaa Baakkoo Tibbee keessaa jiraataa ganda Guddina Biyyaa kan ta'e kophee Koomaandoo jedhamu kana kan deggersa waldaa Kaatolikii irraa kennameef waliin qabuun waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti baatii torbaa oliif hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Dabalataan ganduma Guddina Biyyaa irraa nama maqaan isaa Obbo Katamaa Bakkashee jedhamu abbaa daa'ima 12 kan ta'e ammoo "WBO gargaarta" jechuun yakkanii isas gaaffii seeraa tokko malee baatii torbaa oliif waajjiruma poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhanii dararaa jiru.
Maddeen itti dabaluun akka himanitti, hidhamaa tokko yakka isaa manni murtii qoratee gadi lakkisa jechuun gara waajjira poolisiitti wayita ajaja dabarsu manni murtii aangoo nu irratti hin qabu jechuun poolisoonni waraqaa qulqullinaa manni murtii garasitti barreesseef jiraattota harkaa fuudhanii ciranii gatuun of irraa ari'aa kan jiranii fi yoo fedhan ammoo maallaqa guddaa gaafatanii itti qoosaa jiraachuu itti dabaluun dubbataniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Lammiin Israa'el 1 Libaanos irraa rookkeettii rukutameen miidhame
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti hammeenyi itti fufuun, Dilbata darbe Libaanos irraa rookkeettii haaraa Hizboollaan furguggiseen lammiin Israa’el tokko madaa’uu isaa miidiyaaleen Israa’el beeksisaniiru.
Ibsi waraanaa akka agarsiisutti, rookkeetonni 30 dachee Libaanos irraa gara naannoo Galiilaa kaaba Israa’elitti dhukaafamuun naannoo sanatti saayirenii haleellaa qilleensaa kaase.
Raayyaan ittisa biyyaa akka jedhetti rookkeetonni kunneen tokko tokko kan cufaman yoo ta’u, kaan ammoo bakka banaa irratti dhiibbaa geessisaniiru.
Gaazexaan Israa'eel Hayom akka jedhetti rookkeetiin Lixa Galiilaa Ma'alot Tarshihaatti warshaa rukutee miidhaa qaqqabsiise. Dubartiin tokkos naannoo sanatti haleellaa rookkeettii irraan kan ka'e miidhaan salphaan irra gaheera.
Gareen Libaanos Hizboollaan haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun, Ma'alot Tarshihaatti rookkeettii hedduun irratti xiyyeeffachuu ibse.
Israa’el Libaanos waliin lola daangaa qaxxaamuraa irratti bobba'uun dhuma baatii Fulbaanaa keessa duula qilleensaa kan Hizboollaa irratti xiyyeeffate jette irratti banuun ishee ni yaadatama.
Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwateen namoonni 3,600 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, Onkoloolessa darbe irraa eegalee namoonni 15,300 ol madaa’uu fi miliyoona 1 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru.
Tel Aviv Onkoloolessa 1 haleellaa lafaa kibba Libaanos irratti banuun waldhabdee kana babal’isteetti jechuun miidiyaalee Baha Gidddu Galeessaa ibsaniiru.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti bulchitoota sirnichaan maatiin qabsaa'otaa doorsifamaa fi qabeenyaan isaanii saamamaa jiraachuun ibsame
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Sadaasa 23,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirree keessatti bulchaa bilxiginnaa ganda Dirree kan ta'e namni maqaan isaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu maatii qabsa'aa kan ta'e nama maqaan isaa Huseen Mohaammad jedhamu jalaa xaafii ardaba 4 harkaa fudhachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni ganda Dirree dubbisne jedhanitti, qonnaan bulaan Huseen Mohaammad jedhamu bulchaa bilxiginnaan doorsifamuun qabeenyaan isaa harkaa saamame kun siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin hordofne ta'uu himuun, namni kun ooyiruu namootaa qixxee fuudhuun qotee ofii fi maatii isaa kan jiraachisu yoo ta'u, bulchaan PP kun garuu maqaa maatii qabsaa'otaati kanaaf kun ammoo adabbii keessan jedhuun irraa saamee harka duwwaatti hambisuu dubbatan.
Bulchaan Bilxiginnaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu kun gochaa badii isaa kana ittuma fufuun, guyyaadhuma kana Sadaasa 23,2024 kana ganduma Dirree keessaa nama maqaan isaa Yusufee Abbaa Abduu jedhamuun qotiyyoo maatii qabsaa'otaa maaliif irraa bitte? ittiin jechuun reebicha cimaa irratti yoo raawwatu, qotiyyoo Yusufeen qarshii isaan bitate nama na gaafatuun arga jechuun bulchaan sirnichaa kun ooffatee mana isaatti galfachuu jiraattotni ifoomsaniiru.
Bulchaan ganda Dirree kun maatii qabsaa'otaa doorsisuu jabeessuun, torbee darbe Sadaasa 16,2024 ganduma Dirree irraa konkolaachisaa baajaajii kan ta'e dargaggoo maqaan isaa Nuuruu Huseen Indirroo jedhamu reebee yeroo inni harkaa miliqu dhukaasa irratti kan bane yoo ta'u, dargaggoon guyyaa sana baqate hanga ammaatti bakka inni bu'e hin baramin jira.
Gochoonni gara-jabummaa uummata Oromoo irratti loltoota PP'n raawwatamu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Duula jabaa uummata Oromoo irratti karaalee akka hidhaa, saamicha qabeenyaa, buqqaatii fi ajjeechaa gareen faashistii adeemsiisaa jiruun uummatichi dararaa hamaa keessa galuun qe'ee isaa irratti jireenya yaaddoon guutame jiraachaa jira.
Tibba kana Zoonii Giddu-Galeessaatti gaaga'amni hamaan uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru itti fufuun Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Migiraa keessatti dargaggoo Caalaa Tolasaa hidhattootni sirnichaa mana isaa keessaa qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Ejereetti hidhanii jiraachuun beekamee jira.
Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee ganda Qundee Garasuu jedhamu keessaas Araarsaa Gaashee jalaa horii 7, Hirkoo Bokii jalaa horii 1, Dheeressaa Araarsaa jalaa horii 1 yoo fudhatan, aanichuma ganda Qobboo keessaa Obbo Baqqalaa Wadaajoo jalaa mana 2 qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin midhaan dabalatee tokko osoo hin hafin jalaa gubanii barbaadeessanii jiru.
Obbo Garramuu kan jedhamu ammoo gandichuma keessatti abbaa maatii kan ta'e haala suukkanneessaa fi gaddisiisaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatanii jiru.
Ganda Qaqxoo Jijjigaa keessattis Sabboonaa Naggasaa jalaa mana 1 qabeenya mana keessaa guutuu waliin gubanii barbadeessaniiru. Girmaa Adaanaa jalaa mana 1 qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin, Wayyeessaa Araarsaa jalaa mana 1 qabeenya mana keessaa guutuu waliin, Naggasaa ammaaf maqaa abbaa adda kan hin baane jalaas mana tokko qabeenyaa mana keessaa waliin gubanii jiru.
Ittuma fufuun, Geeraraa nama jedhamu jalaas mana 1 qabeenyaa mana guutuu walii, Urrisaa Ajjamaa jalaa horii 7, Qajeelaa Gurmeessaa jalaa horii 1, Warquu Dhugoo jalaa re'ee 3 yoo saaman, Aadde Baqqaluu Badhaasaa ammoo reebicha hamaa irratti raawwachuun harka lamaanuu cabsan, Aadde Miixxuu Bayeessaa, Aadde Amuu Malkaa, Dharraa Baayechaa fi Burtukee Gaddaffaa, kanneen jedhaman irrattis reebicha hamaa raawwatanii jiru.
Godinichuma aanaa Meettaa-Roobii ganda Suphaa Sirbaa jedhamu keessaas Amaaraa Hulluqqaa jalaa horii 5, Dabalaa Gammachuu jalaa horii 4, Tuujjoo Kallachaa jalaa horii 1 saamanii jiru.
Ganda Amuumaa Dadinoo keessaas Tasammaa Girmaa jalaa mana qorqorroo lama qabeenyaa mana keessaa waliin yoo guban, Magarsaa Abarraa jalaa horii 1, Urgaa Didhaa jalaa horii 1 saamuun namoota kanneen manaaf qabeenyaa isaaniin ala gochuun cinaatti qaama isaanii caccabsuun reebicha hamaan miidhaa jabaa irraan ga'anii jiru.
Akkasumas, godinichuma aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessaas Sadaasa 13,2024 nama maqaan isaa Tashoomaa Tolaa jedhamu jalaa mana isaa diiguun gara mooraa isaaniitti mukaa fi qorqorroo isaa guurrachuus jiraattonni himanii jiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Sadaasa 24 2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 24-2024 itti dhiyadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti diina adabe
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn humna uummata Oromoo hiraarsuuf Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii irra gara Karra Wayyuutti konkolaataa 6n deemaa turte bakka addaa Ombishaa Yesuusii jedhamtutti har'a Sadaasa 24 ganama haxxee keessa galfachuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessuun hedduu du'aa fi madoon adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Haleellaan Israa’el giddugala Beerut keessatti raawwatte yoo xiqqaate namoota 15 galaafate
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Haleellaa qilleensaa cimaa Israa'el Sanbata kaleessaa giddugala Beerut keessatti raawwatteen namoota 15 galaafatte jechuun ittisi siiviilii Libaanos ibse.
Haleellaan kun gamoo abbaa darbii saddeetii kan barbadeesse yoo ta’u, namootni hedduus madaa’uu Dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa Libaanos beeksiseera.
Torban kana keessa haleellaa xiyyaaraa Israa’el naannoo giddu galeessa Beerut irratti xiyyeeffate isa 4ffaa ta’uu fi haleellaa Israa’el naannoo magaalaa guddoo irratti raawwatte keessaa harka caalu kan naannoo magaalaa kibbaa Hizbullaah to’atame rukute irraa faallaadha.
Hizboollaa fi mootummaan Libaanos Israa’el boombii dhoostee lammiilee nagaa ajjeesuu itti fuftee jirti jechuun himatu.
Israa’el himannaa kana kan haaltu yoo ta’u, du’a lammiilee nagaa hambisuuf tarkaanfiiwwan hedduu akka fudhattu dubbatti.
Haleellaan Hizboollaa yeroo walfakkaatutti raawwateen kaaba Israa’elii fi Gaara Golaan Israa’eliin dhuunfatame keessatti lubbuu namoota 100 ol galaafateera.
Isaan keessaa loltoota 70 ol haleellaa kaaba Israa’elii fi Gaara Golaan keessatti raawwatameen akkasumas lola kibba Libaanos keessatti raawwatameen ajjeefaman of keessatti qabata jette Israa’el jechuun Anaadooluun gabaaseera.
Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti hawaasa nagaa hidhaatti darbachuun cimee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii akka bineensaatti adamsuun jumlaan hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Dharraa ganda Bayyoo Noonnoo keessaa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 21 fi 22,2024 namoota maqaan isaanii:
- Arabuu Shifaaw abbaa isaa Obbo Shifaaw Dammaqee waliin,
- Abdalmannaan Hasan abbaa isaa Obbo Hasan Sayid waliin,
- Jamaal Abduu,
- Muhee Ayyaaleew,
- Mohaammad Amiin,
- Ahimed Sheek Muusaa,
- Ajjibeew Asheetuu kanneen jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta'an badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababuma Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu fi yeroo ammaa kanas sarbamiinsi mirga namoomaa aanicha keessatti murnoota lamaan uummata Oromoo irratti raawwataa jirus daran jabaatee itti fufee jiraachuu dubbatu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruutti loltoonni faashistii PP ajjeechaa suukkanneessaa dargaggoota irratti yoo raawwatan, Aanaa Horroo Bulluqitti ammoo saamicha, hidhaa fi reebicha cimaa raawwachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duulli Oromiyaa fi Oromummaa dhabamsiisuu gar-malee jabaatee itti fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruutti loltoonni PP ajjeechaa suukkanneessaa dargaggoota irratti raawwatanii jiraachuun himamee jira.
Sadaasa 17,2024 aanaa Amuuruu ganda Goobuu jedhamu irraa waraanni Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii:
- Mootii Girmaa,
- Gaddafaa Mokonnonii fi
- Soorii Yaadataa jedhaman badii tokko malee haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan bulanii fi siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo sababa tokko malee halkan bakka isaan rafaa jiranitti itti seenuun cuupheedhaan morma muranii ajjeesuu dubbatu.
Oduu biraatiin ammoo murni dheebuu aangoo qabu bilxiginnaan umurii isaa dheereffachuuf jecha waraana isaa amala gadhummaa qaban uummata nagaatti bobbaasuun hawaasa ba'uu fi galuu dhorkachuu itti fufuun Sadaasa 20,2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir keessaa waraanni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
1, Soorii Gissaa jalaa horii 30,
2, Iddoosaa Furii jalaa horii 16 akkasumas,
3, Di'aa Galaalchaa jalaa horii 15 saamuun gara waajjira poolisii magaalaa Saqalaatti geeffatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, jiraattonni kunneen siyaasa kam waliin walitti dhufeenya tokkollee kan hin qabne ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "isin miseensa WBO'ti" jedhuun dararaa ulfaataa irraan gahanii jiraachuu ibsaniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu, madeessuu, achi buutee dhabamsiisuu fi qarshii guddaa saamuu jabeessan.
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota Bilxiginnaan hanga funyaaniitti meeshaa waraanaa hidhachuun ilmaan Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran yoo ta'u, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo ajjeesuu, madeessuu fi achi buutee dhabamsiisuun qarshii guddaa saamuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun beekameera.
Aanaa Limmuu gara gammoojjii keessa mandheeffachuun finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu, achi buutee dhabamsiisuu, ukkaamsuun qarshii guddaa gaafachuu cimsanii itti fufuun, magaalaa Fiixee Baqqoo jedhamutti torban darbe keessa ijoolleen 4 gabaadhaa osoo galanii finxaaleeyyii maqaa Faannoo jedhamu moggaafatanii socho'aniin kanneen maqaan isaanii:
- Iyyo'eel Gaarradoo,
- Tolasaa Gaarradoo,
- Eeliyaas Dhaabaa fi
- Soorumaa Raggaasaa jedhaman ukkaamsuun achi buutee erga dhabamsiisanii booda maatii isaaniitti bilbiluun qarshii miiliyoona 1.5 gaafatanii galfachuun ijoollee sanas achi buutee dhabamsiisuu isaanii maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, finxaaleeyyiin kunneen magaaluma kanarraa namoota maqaan isaanii adda hin baane sadii morma muruun, namni tokko miliqee lubbuun ba'uu fi reeffi namoota sadanii kan hin argamne ta'uun himamee jira.
Aanaadhuma kana ganda Lalii Guddinaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin kunneen haala suukkanneessaan namoota maqaan isaanii:
- Moosisaa Gammadaa,
- Shittaayee Fayyisaa,
- Jiraataa Moosisaa fi
- Xuruu Moosisaa kanneen jedhaman ajjeesuun namoota:
- Ayyalaa Duuressaa,
- Kaabbabuu Dhufeeraa fi
- Dhugaasaa Qana’ii jedhaman rasaasaan madeessuun ibsameera.
Godina Booranaa Aanaa Miyootti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota irratti jabaachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Haalli mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti daranuu yaaddessaa ta'ee itti fufuun, humnoonni waraanaa, milishoonnii fi lukkeeleen sirnichi bobbaasaa jiru jiraattota irraan miidhaa jabaa ga'aa jiraachuun ni himama.
Godina Booranaa aanaa Miyootti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaachuun barattoonni hedduun mooraa mana barnootaa irraa dirqiin guuramuun adda waraanaatti ergamuu, hidhamuu akkasumas jiraattota nagaan qe'ee isaanii irra jiraatan dirqiin waltajjii qabnaan gidirsuu fi namoota waltajjii irratti hirmaachuu hafanis maallaqa guddaa adabaa akka jiran jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Abbaa irrummaa jabaan adeemaa kan jiru onichatti hawaasa horsiisee bulaa homaa hojii qonnaa irratti hin hirmaanne, haalli balaa hongee jireenya sabichaa booressee jiru, kan gargaarsi namoomaa isaaniif malu, maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun halkanii fi guyyaa teessuma jireenyaa isaaniitti danqaa uumuun abdii kutannaa guddaa keessa sabicha galchee akka jirus addeeffameera.
Osoo sabni kun haala qaala'iinsa jireenyaan wal qabaa jiruus kaffaltii gibiraa humna isaanii ol gaafachaa kan jiran yoo ta'u, barattoota mooraa barnootaatti gargaarsi karaa dhaabbata gargaarsaa kennamuufiin daa'imman manneen barnootaatti nyaatni duratti kan qophaa'afii tures murni bilxiginnaa irraa kutee akka jirus ibsameera.
Gammachuun Badhaanee Diidoo kan waraanni PP Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa Ganda Meexxarriitti ajjeestee bishaan buuste. Gaafa Sadaasa 22/2024 Arraata Biyyoolessa Oromiyaan dhiyaate. 👇
Читать полностью…#Buraayyuu
Mana Barumsaa Gafarsaatti argamu sadarkaa 2ffaa Haacaaluu jedhamu irraa Bilxiginnaan haala nageenyaaf jecha barnootni torban lamaaf dhaabbatee null jechuun barattoota galchan.
#Diddaan Uummata Itti Fufaa ❗
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessaa miseensi milishaa PP tokko gooticha WBO'tti harka kennate
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Tiksitoonni sirna moofaa waraanni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo akka dararaniif kanneen bobbaafaman keessaa sabboontonni ilmaan Oromoo quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qaban akkasumas qabsoon bilisummaa Oromoo kan keenya jechuun kan amanan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan obboloota isaanii kan ta'an "Waraana Bilisummaa Oromootti" harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessaa miseensi milishaa PP tokko gooticha WBO'tti harka kennachuun baramee jira.
Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Gaalloo irraa Sadaasa 22,2024 milishaan Bilxiginnaa tokko qawwee AKM dachaatuu tokko qabachuun mooraa waraana Bilxiginnaa ganee gooticha WBO bira nagaan qaqqabee jira.
Miseensi milishaa Bilxiginnaa duraanii kunis, simannaa WBO'n isaaf taasisetti gammaduun hiriyoota isaa mooraa diinaatti hafaniin illee dafaa akka kiyya qawwee keessan qabadhaa gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jechuun dhaameefii jira.
Godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti hidhaan jumlaa jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Namoota nagaa hidhaan gidirsuun rakkoo fi lola impaayerattii mudateef akka waaan furmaata fiduutti dhimma kan itti bahan tiksitoonni impaayerattii ilaa fi ilaameen gurra uummatatti qabanii dhaggeeffachuu irra abbaa irrummaa isaanii itti jabeessuun hawaasa dararaa jiru.
Aanaa Haaruu ganda Duuchii jedhamu keessaa waraanni maafiyaan Bilxiginnaa jiraattota maqaa adda addaan yakkuudhaan adamsee hidhuu hanga ajjeesuutti hiraarsaa kan jiru yoo ta'u, namoota maqaan isaanii:
- Dilee Fiqaaduu,
- Hawwii Girmaa,
- Taaddalee Sambatoo fi
- Boontuu Sambatoo jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akkuma aanichaatti loltoonni PP ilmaan Oromoo sobaan yakkuudhaan dararaa hamaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufuun, addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hiraarsaa hammeessanii jiraachuun itti dabaluun ibsamee jira.
Ittuma fufuun gareen olaantummaa saba tokkoo mul'isuuf aadaa, amantii fi biyya tokko taasisuun cunqursee bulchuuf ijjibaata gochaa jiru humni badii Bilxiginnaa duula maatii qabsaa'otaa ukkaamsuun hidhuu cimsee itti fufeera.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa bulchiinsa magaalaa Qaaqeetti abbootii warraa 42 olii fi hawwan hedduun maqaa ilmaan keessan miseensa WBO'tiin hidhamanii torban tokkoo oliif kutaa haalaan dhiphootti gatamuun doorsisni ulfaataan irratti raawwachuun ibsameera.
Hidhamtoonni kunneen dhukkuboota daddarboof saaxilamaa kan jiran ogguu ta'u, nyaanni dhorkatamuu, maatii fi firoottan deemanii dubbisuus kan hin dandeenye ta'uus himuun, gidirfamni manneen hidhaa keessatti irra ga'aa jirus haalaan kan isaan yaaddeessaa jiru akka ta'es maddeen itti siqeenyaan hordofaa jiran yaada isaanii ONM'f qoodaniiru.
Akka maddeen gamasii ONM'f yaada isaanii hiran nuuf himanitti, hanga ilmaan keessan dirree jiran galchitanitti goonkumaa manneen hidhaa keessaa hin baatan jechuun sodaachisaa akka jiran ibsuun, achi keessattis miidhaan irra ga'aa akka jiru himaniiru.
#Yuuniversitii Dambii Doolloo
Hanga ajjeechaan uummata keenya irraa dhaabbatutti
Hanga Haqni Oromoo Salaalee Dharraaf argamutti barnoota dhaabneerra jedhan
#JusticeForOromoo
#StopKillingOromoo
#StopGenocideInOromia
#OromoUnite
#OromoLivesMatter
Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Sadaasa 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Ajjeechaa Sukkanneessaa Oromiyaa, Hiriiraa Mormii Barattootaan, Ibsa ABO-WBO fi Rakkoo Impaayerattii Ilaalchisuun Maree Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo waliin taasisan
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ህዳር 24-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti diina adabe
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 WBOn Zoonii Gidduu Galaa Oromiyaa Lixaa Shaggar aanaa Meettaa Walqiixxee ganda Dhalataa Walqixxee jedhamtu keessatti har'a Sadaasa 24 tarkaanfii waraana impayeera Itoophiyaa irrattii fudhateen 8 irraa ajjeesuun 3 madeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis gamaa meeshaan qawwee AKM 5 hidhannoo guutun waliin irraa hiikeera.
Injiifaannoon Uummata Oromoof ❗️
Sadaasa 24-2024 ONM-ABO Walaoo Gadaa Oromootiin
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti loltoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa irratti gubatii raawwatan
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Murni afaan qawweetiin uummata Oromoo hacuucee bulchuuf dhama'u Bilxiginnaan, bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafamarra jirtu baraaruuf jecha loltoota isaa safuu fi safeeffannaa hawaasaa tokkollee hin beekne hawaasa nagaatti bobbaasuun miidhaa garaa garaa qaqqabsiisaa jira.
Sadaasa 22,2024 waraanni Bilxiginnaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Soyyomaa bakka addaa Shanqatee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Dhugumaa Shaafaa,
- Tasfaayee Jaallataa fi
- Shaandoo Alamaayyoo jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun jalaa barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattotni himanitti, namoonni qe'ee fi qabeenyi isaanii waraana faashistii Bilxiginnaan jalaa gubate kunneen siyaasa garee kamii irraayyuu walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii jiraachuu fi akka aanichaatti gochi farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru daran jabaatee jiraachuu dubbataniiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Buree keessatti maqaa albuudaan murni Bilxiginnaa uummata qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun dhagaa'ame
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Murni aantummaa sabaa hin qabne murni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofa leellisuun uummata irraan miidhaa gurguddaa geessisaa jiru.
Haaluma kanaan godina Iluu Abbaa Boor aanaa Bureetti bakkoota kanaan dura albuuda saamaa ture ammas itti fufuun bakka warqiin baafamuudha jechuun qotee bultoota hedduu lafa qabiyyee isaanii irraa beenyaa tokko malee buqqaasuun beekamee jira.
Lafa kana waggootaaf irra qotannee ilmaan keenya irraa sooraa fi jiruu fi jireenya keenya ittiin adeemsisaa turre har'a akkamiin irraa buqqaana jedhanii gaaffii gaafatanis kun waan biyyaati lafti keessan as miti jechuun qabiyyee hawaasaa kana irraa kan buqqisan yoo ta'u, namoota hedduu ammoo sababuma gaaffii kana gaafatan qofaaf mana hidhaatti naqanii jiraachuu dubbatu.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni qabeenya isaanii irraa beenyaa tokko malee buqqa'anii jiran gara 200 ol akka ta'anii fi namoonni kunneenis dararama hamaa keessa akka jiran ibsu.
Oromoo taanee dhalannee akka sabaatti jiraachuu hin dandeenye, lafa keenya irraa buqqifamnee gidiraa hamtuu keessummeessaa jirra, qaama itti iyyannus hin qabu, bara Oromoo ta'uun qofti yakka ta'ee fi Oromummaan balaaleeffatamuu keessa jirra jechuun rakkoo isaanii himatanii jiru.
Qophii Addaa ONM-ABO Sadaasa 24-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
IMF gamaaggama sadaffaan Siriilaankaaf gargaarsa doolaara biiliyoona 2.9 raggaasisuun balaa akka jirus akeekkachiise
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) gamaaggama sadaffaan Siriilaankaaf doolaara biiliyoona 2.9 raggaasisuun dinagdeen biyya odola Eeshiyaa Kibbaa ammallee balaaf saaxilamaadha jechuun akeekkachiiseera.
Liqeessaan addunyaa kun Sanbata kaleessaa akka jedhetti gara doolaara miiliyoona 333 kan gadhiisu yoo ta’u, kunis maallaqa waliigalaa gara doolaara biiliyoona 1.3'tti ol guddisa. Biyya rakkoo keessa jirtu kanaaf yeroo gadhiisu mallattoon dinagdee dandamachuu mul'achaa akka ture ibseera.
Siriilaankaan ammallee saganticha fuulduratti tarkaanfachiisuuf gurmaa’insa liqaa abbootii boondii doolaara biiliyoona 12.5 fi Jaappaan, Chaayinaa fi Hindii dabalatee liqeessitoota biyyoota lamaanii waliin irra deebiin hojjechuu liqaa doolaara biiliyoona 10 xumuruu qabdi jedha IMF.
Biyyi maallaqaan rakkatte kun bara 2022'tti waggoota kurnan torbaa oliif rakkoo maallaqaa hamaa keessa erga seentee booda, bara darbe baatii Bitootessaa keessa IMF irraa gargaarsa argachuun haala dinagdee tasgabbeessuuf gargaareera.
Yeroo rakkoo Siriilaankaatti hanqinni doolaaraa hamaan qaala’iinsi jireenyaa gara dhibbeentaa 70'tti akka ol ka’u taasiseetti maallaqni ishee sadarkaa gadi aanaa galmeessisuun dinagdeen ishee yeroo kufaatii hamaa ta’etti dhibbeentaa 7.3 fi bara darbe dhibbeentaa 2.3'n gadi bu’eera.
Diinagdeen biyyattii bara kana dhibbeentaa 4.4 guddachuu akka danda’u kan eegamu yoo ta’u, kunis waggoota sadii keessatti kan jalqabaa ta’uu Baankiin Addunyaa beeksiseera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.
Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti loltoota sirnichaan hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamu daran jabaatee itti fufe
.
ONM-ABO Sadaasa 24,2024 Uummata meesha maleeyyii hidhata qaama siyaasaan yakkanii hidhuu, ajjeesuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi qe'ee isaa irratti doorsisuun akka waan nageenyi waaraan dhufuutti kan fudhatan tiksitoonni sirna bututtuu Itiyoophiyaa, Koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo akka goolaniif bobbaafaman gochoota badii isaanii hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo Funyaan Sullee keessaa torbee darbe Sadaasa 14,2024 hidhattootni sirnichaa jiraattota gandichaa kan ta'an namoota 6 kanneen maqaan isaanii
Ahimed Adam,
Muusaa Aliyyi,
Ahimed Huseen,
Hasan Alii,
Hasan Ibraahim fi
Usumaan Alii kanneen jedhaman reebicha cimaa ta'e irraan ga'uun magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii dararaa jiru.
Namoonni ergamtoota murna Bilxiginnaan manaa fi ooyiruu isaanii keessaa reebamuun hidhaman kunneen qonnaan bultoota hojii isaanii qofa dalagachuun ofii fi maatii isaanii jiraachifatan malee siyaasa kamuu kan hin hordofne ta'uu jiraattotni gandichaa himuun, hidhattootni sirnichaa garuu maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhuun reebicha suukkanneessaa irratti raawwachaa jiraachuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffachuu danda'eera.
Waraanni faashistii PP kun guyyaadhuma namoota kanneen reebanii hidhan gandichumatti shamarree maqaan ishee Faaxoo Ammee jedhamtu iddoo isheen loon tiksaa jirtutti itti dhaqanii reebicha suukkanneessaa irratti raawwachuun biraa deemuu fi shamarreen kunis yeroo ammaa garmalee waan reebamteef haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta'ee jira. Akkuma aanichaatti hidhattoota sirnichaan hawaasni hojii dhuunfaa isaanii dalagatanii jiraachuuf akkaataa itti ba'anii galan dhabuun gidiraa hamtuu keessummeessaa akka jiran barameera.