Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti ergamtoonni Bilxiginnaa gubaatii manneenii fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo hiraarsuu irratti kan karoorfatan goolessitoonni murna Bilxiginnaa saamtota waraana isaanii uummatatti bobbaasuun guyyuu jiruuf jireenya Oromoota maraa goolaa kan oolan yoo ta'u, dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle uummata harka duwwaa irratti hameessuun hidhaa, buqqaatii, ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu, jumlaan ukkaamsuun dirree waraanaatti guuruu dabalatee saamicha qabeenyaa hawaasaa irratti jabeessuun jiruu hiyyummaaf sabicha saaxilaa jiru.
Sadaasa 24,2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatti nama maqaan isaa Waggaa Fiqaaduu Tarfaa jedhamu jalaa sangoota lama ooffatanii yoo deeman, hawaasa gandichaa jalaas lukkuu dabalatee soolaarii jalaa saamanii akka deeman maddeen ONM'tti himan.
Aanichuma ganda Shuraa Maaramoo keessaa Sadaasa 21,2024 ergamtoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Saadiq Tashoomaa mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, sa'a dhaltii 2 ammoo jaboota waliin jalaa saaman,
- Aburaayii Kabbadaa mana isaa qabeenya hunda waliin jalaa guban,
- Yaasin Wanagaa mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, loon 12 ammoo kan inni namoota irraa qixxee fuudhee tiksus jalaa saaman,
- Yaasii Mahaammad mana isaa qabeenya hunda waliin jalaa guban akkasumas,
- Sayid Eliyaas mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, boqolloo ardaba 8 ol ammoo jalaa fe'atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneenis tuttuqaa siyaasa kamirraayyuu walaba ta'uu himuun sirni badee balleessaan bilxiginnaa jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene Oromummaa isaanii qofa yakka gochuun akka saaman odeessi onicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni addeessa.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti loltoonni Bilxiginnaa dargaggeessa tokko haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatan
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran jiran yoo ta'u, afaaniin akka waan hawaasa fayyadanitti hololaan mirqaansuun lafa irratti hojiin gocha ilmaan namootaa irratti ta'ee hin beekne raawwachaa jiru.
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu jedhamu irraa Sadaasa 18,2024 loltoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Haata'uu Mitikkuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo" qabda jedhu itti maxxansuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuu dabaluun ibsan.
WBOn Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhate
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan har'a Sadaasa 26,2024 jajjabeen WBO Zoonii Lixaa aanaa Mana Sibuu waraana maafiyaa Abiy Ahimed magaalaa Mandii irraa gara Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Baambaasiitti 3F tokko, Siinoo 1 fi FSR tokkoon konkolaataa harkifamaa 2 dabaaltee deemaa turte irratti tarkaanfii haxxee fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii ganda Guyyoo Xayibaa daandii cirracha gurraacha irratti fudhate kanaanis waraana faashistii PP irraa hedduu du'aa fi madoon adabuun waraana PP baaragseera.
Madoo ambulaansii 1fi du'aa ishee ammoo konkolaataa 3Fn gara magaalaa Asoosaatti feetee jirti.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
The arrest of students and community members continues in the Shanan Dhuuggoo district of West Harargee Zone in Oromia.
ONM-ABO, November 26, 2024:
The regime of Abiy Ahmed has deployed troops throughout Oromia under the pretext of hunting those "helping the Oromo Liberation Army," leading to intensified torture of civilians.
Kamil Mahammad and Nadhi Mahammad from Baraka village in Shanan Dhuuggoo district were severely beaten and jailed by regime forces last week. Residents told ONM that these individuals are not politically active and are simply trying to support their families.
The regime's agents have intensified their torture against the community. On November 25, 2024, they attacked teenage students returning home from school in Rahaa village. The students:
- Misbah Mohammed
- Imam Abdi
- Jabir Jamal
- Ibsaa Mahammad
were arrested at the district police station with their hands tied behind their backs and are being severely beaten, according to residents.
Additionally, many youths and farmers in the district have been arrested. Many of those recruited for military training have escaped from the regime's agents, while a youth named Sultan Jamal and another unidentified youth were kidnapped and tortured a week ago, sources stated.
The Ethiopian army killed one person and burned a public motorcycle in the Mana-Sibu district of West Wallagga.
ONM-ABO, November 26, 2024:
The brutality of the Prosperity Party dictatorship army has not only broken the hearts of the residents but also caused the nation's economy to collapse, with civilians losing their lives both physically and mentally.
The killing of people is considered heroism by the dictatorship army and the regime's supporters. On October 24, 2024, Musxafaa Mahaammud Gammachuu was shot dead in Bilee Biqiltu village of Karra Waayyuu township in the Mana-Sibu district of West Wallagga region.
The Prosperity Party's actions are destroying the lives of poor children by targeting the peaceful community. It is common in Oromia to be killed simply for being Oromo, residents said.
In other news, residents of Maxxaari village near Karra Wayyuu town administration told ONM that the regime's army burned down a personal dock on the grounds that it contained OLA-affiliated weapons.
Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii wallaggaa damee Gimbii irraa
Kun ibsa ejjennoo barattoota Oromoo Mooraa Yuuniversiitii wallaggaa damee gimbii haala yeroo ammaa uummatni keenya Ummatni Oromoo keessa jiru irratti hundaa'uun kan kennameedha. Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga jaarraa 19ffaa keessa Minikii 2ffaan humnaan cabee kaasee roorroo, hacuuccaa, dararamnii fi gidiraan Itoophiyaa mataa Oromoo irratti erga kufee hanga ammaa uummatni Oromoo osoo aara hin galfatin guyyaa har'aa ga'ee jira. Innumaayyuu bara Oromoon biyya bulchaa jira jedhan keessatti mirgootni Namoomaa fi Dimookiraasii uummatichaa cabuun ajjeechawwan suukkanneessaa ija namaaf hin tolle raawwachuun akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun qe'ee isaa irratti akka looniitti qalamaa jira.
Kana callisanii ilaaluun waan biroo maaltu uummatichaaf godhama. Uummatni Oromoo uummata adda isaa rasaasaaf kennee sirna nama nyaataa waggaa 27 biyya kana akka garaa isaatti uummata Oromoo daa'imaa hanga beekaa isaa, abbaa hanga haadhaa fi ilmaan Oromoo duguugaa ture aangoo irraa kaasuun murni amma jiru aangoo irra jiru qaxxaamuraan aangootti akka ba'u taasise. Bu'aan isaa kan amma argaa jirru ta'e. Kan durii seenaan baranne, har'a garuu gocha isa irra caalu ijaan argaa jirra. Kanaaf nuti barattoonni Oromoo uummatni keenya furmaata haarawaa akka argatu cimisinee gaafanna. Dabalataan qaamni har'a daangaa Oromiyaa cabsuun uummata Oromoo qe'ee isaa irraa buqqisuun gocha farra namoomaa irratti raawwachaa jiru Faannoo dha.Humni kun dursa irratti Bilxiginnaa irraa hidhannoo argachuun wal tumsaa turan. Ajjeechaan kun kan yeroo Bilxiginnaa fi Faannoon hidhata waliin qabanii jalqabe hanga ammaaatti dhiigni uummata qulqulluu uummata Oromoo akka galaanaa lolaa jira. Kanaaf Bilxiginnaan gaaffii keenya rakkoo uummatni keenya keessa jiru kanaaf dhiheesine furmaata hin laatu taanaan qabsoon barattoota Oromoo itti fufa. Nuti baratoonni oromoo Yunivarsiitii wallaggaa damee gimbii dhimma Oromoo fi oromiyaan keessa jirtu irratti ibsa ejjennoo kan armaan gadii baafnee jirra.
1. Mirgi yaada keenya bilisaan ibsachuu nuuf haa eegamu.
2. Barattoota Oromoo adamsuuf yaaluun hattatamaan haa dhaabbattu
3. Lolli uummata Oromoo irratti labsame dhaabbachuu qaba.
4. Mirgi hiree murteeffanaa uummata oromoo haa kabajamu.
5. Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
6. Ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa haa dhaabbatu.
7. Bilxiginnaan rakkoo Oromiyaa keesssa jiru karaa nagaan furuuf kutannoo dhugaa qabaachuu qaba.
8. Saba biroo uummata Oromoo keessa jiran maqaa Miliishaan hidhachiisuun uummata Oromoo ajjeesisuun haa dhaabbatu. Isaan erga dachee Oromiyaa irra jiraatanii uummata Oromoo irraa adda baasanii qofaatti hidhachiisuun hatattamaan dhaabbatee isa hidhatan haa hiikkatan.
9. Dirreen Dimookiraasii bal'achuu qaba.
10. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
11. Gaaffiin Oromoo deebifamuu dhabuun lafa irra harkifachaa as ga'e nuuf deebi'uu qaba.
12. Hidhaa fi dararri daangaa darbe uummata keenya irraa haa dhaabbatu.
13. Hayyoonni fi Aartistoonni Oromoo saba Oromoo akka ogummaa isaaniitti saba isaaniif sagalee haa ta'an.
14. Qeerroo fi Qarreen Oromoo har'a hiriira ba'uun kan galan qofa osoo hin taane qabsoo fininsuun dararama amma jiru goolabsiisuu qabu.
15. Qeerroo Oromoo fi Abbootii warraa maqaa raayyaa ittisa impaayerattiitti guuruu fi maqaa gachaana sirnaan uummata Oromoo jumlaan duulsisuun haa dhabbatu
16. Eenyummaan kaabinoota fi hooggantoota waraana Itoophiyaa fi sadarkaa Oromiyaatti haa hordofamu.
Sadaasa 25,2024
Finfinnee, Oromiyaa
Lakkoofsi ummataa Iraaq waggoota kurnan darban keessatti lakkoofsa jalqabaatiin miliyoona 45.4 ga’a
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Lakkoofsi ummata Iraaq gara miliyoona 45.4tti ol guddachuu isaa bu’aa duraa lakkoofsa ummataa biyyaalessaa irraa argame ni mul’isa jedhan Ministirri Muummee Iraaq Mohaammad Shi’aa al-Sudaaniin Wiixata kaleessaa.
Lakkoofsi ummataa Sadaasa 20 gaggeeffame kun waggoota kurnan sadii oliif qorannoo guutuu biyyattii Iraaq keessatti kan jalqabaa yoo ta’u, karooraa fi misooma gara fuula duraatiif tarkaanfii murteessaa ta’eera.
Lakkoofsa ummataa kanaan dura ministeerri karooraa baay'ina ummataa miliyoona 43 akka ta'u tilmaameera.
Lakkoofsi ummataa inni dhumaa bara 1997 gaggeeffame naannoo Kurdistaan Iraaq kan bara 1991 waraana Galoo Galaanaa irraa eegalee bulchiinsa Kurdoota jala ture hin hammanne.
Lammiileen Iraaq miliyoona 19 kan lakkaa’e yoo ta’u, qondaaltonni kaaba Kurdootaa keessatti miliyoona 3 kan biroo akka jiran tilmaamaniiru jedha istaatiksii seeraa Rooyiters gabaaseera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Boshee fi godina Lixa Shaggar Aanaa Daannootti ergamtoonni Bilxiginnaa namoota 2 rasaasaan madeessuun himame
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Saayinsii fi sansakkaan waraanummaa tokkollee kan irraa hin calaqqisne, barcuma murna tokkoo qofa tiksuuf kan bobbaafaman waraanni koloneel Abiy Ahimed, gochoota dhageettiifuu gurra namaatti hin tolle guyyaa irraa gara guyyaatti uummata nagaa irratti raawwachuu jabeessuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee fi Lixa Shaggar aanaa Daannootti namoota 2 rasaasaan madeessuun himamee jira.
Aanaa Billoo Boshee ganda Caffee Konchii jedhamu keessaa Sadaasa 19,2024 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Tolaa Imaanaa jedhamu rasaasaan akka bineensaatti rukutanii madeessuun, yeroo ammaa kana Hospitaala Riferaala Magaalaa Naqamtee keessatti du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen jiraattota rasaasaan waaduu ittuma fufuun, aanaa Daannoo ganda Iluu jedhamu keessaa nama maqaan isaa Fayisaa Tarreessaa jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun rasaasaan rukutuun bakkeetti gatanii deemuun birmannaa hawaasni naannoo taasiseefiin kaafamuun yeroo ammaa kana du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni rasaasa waraana garboomfataa PP'n madaa'an kunneen hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti illee jaallatamummaa guddaa kan qaban ta'uu himuun, yeroo ammaa kana akkuma godinoota kanneeniitti ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa ba'aa fi gala dhorkachuun gidiraa hamaa irraan geessisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Matakkal Aanaa Buleenitti hidhaa fi doorsisni jabaachuu jiraattonni ONM'tti himan
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Siyaasa kiyyaan mormitu jechuun hawaasa nagaa hidhaan dararuu, manneen isaanii irratti gubuu fi qabeenya isaanii mancaasuun, jireenya qonnaan bultootaa barbadeessuu akka gootummaatti kan himatu Bilxiginnaan, dachee Oromiyaa goolama siyaasaatiin uwwisee jira
Dhaabbileen mirga namoomaa, ogeessotni mirga dhala namaa impaayerattii keessa jiranii fi dhaabbilee biroon sarbamiinsa mirgoota namoomaa adeemaa jiruuf bulchiinsa impaayerattii gaafatama jala galchuuf yeroodhaa yerootti kan akeekkachiisan ta'us, murnichi garuu daranuu hojii hamminaa isaa goleewwan Oromiyaa cufaa fi Oromoota naannolee Oromiyaan ala jiran irratti cimsee itti fufuun godina Matakkal aanaa Buleenitti qotee bultoota irraan miidhaa jabaa geessisaa jiraachuun dhagaa'ame.
Hidhaa fi reebichi waraana garboomfataa PP'n uummata aanaa Buleen irratti jabaachuu jiraattotni himuun Sadaasa 20,2024 irraa jalqabuun hawaasni maqaa WBO'f eeruu laattuun jumlaan hidhamaa kan jiru ogguu ta'u, namoota maqaan isaanii Waaqtolee Nagarii, Baayyisaa Siyyuum, Destaaw Birhaanuu fi kanneen biroo hedduun hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 26-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Sadaasa 25-2024 itti dhiyaadhaa! Yaada jiraataan Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa rakkoo FinxaaleyyiiWaraana Faashistii PPn isaan irraa ga'aa jiru Ilaalchisuun Dubbate .
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ህዳር 25-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Continued Brutality by Prosperity Party regime in Oromia
ONM-ABO November 25, 2024. For the past 6 years, the residents of Western Wallaga and Qellem Wallaga have endured the brutality of Abiy’s military forces, deployed to commit genocide and crimes against humanity. The people of this region have been evicted from their land, losing their properties and livelihoods. Despite the ongoing suffering, the regime continues to deploy its security forces to kill, rape, loot, and evict people from their homes.
On November 3, 2024, in Qilxu Kara district, Western Wallaga zone, a young man named Lalisa Diriba was mercilessly executed by the regime’s paramilitary force, notorious for committing atrocities against innocent civilians in Oromia.
Lalisa Diriba was dragged out of his family’s home and killed without any explanation or justification. The paramilitary forces, trained, armed, and deployed by federal authorities in collaboration with the Oromia regional government, have been wreaking havoc against innocent civilians for the past 6 years. Human Rights Watch has implicated this force, known as “Gachana Sirna,” in grave human rights violations across Oromia.
Bulchiisa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Mana Sadarkaa 2ffaa Daallee Dambalitti Hirirrii Mormii Taasifame
Hiriira mormii murni bilstigginnaa waggoottan jahan darbaniif ummata Oromoo irratti dalagaa turte dachaa dabaluun akka ammaa immoo bifa jijjiirrachuun gara fincilaatti jijjiiramu beekame.
Tibbanuma murni bilstigginnaa dhoksaan faannoo waliin galuun ummata oromoo hedduu morma irraa kutuun midiyaa hawaasa irratti. gadlakkisuun hawaasa Oromoo hedduu mufachiisu ifoome.
Kanumaan walqabaatee qeerroo bilisummaa oromoo fi barattoonni oromoo balaaleffanna dhumaatii oromoof hiriira nagaa bahaachaa jiraachuutu beekame.
Bulchiinsa Laga xaafoo laga daadhiitti manni barumsaa 2ffaa Daallee Dambal hirriiraa bahuun ibsame.Murni lukkulee bilstigginnaas barattoota hiriira mormiif marsuun barattootaa hedduu hidhaatti darbachuun gabaasni nutti achirraa arganne ni ibsa.
Hiriiraa kanarratti barattoonni dhaadannoo garaagaraa dhaggeesissuun ,Justice for salalee,Murni bilstigginnaa Oromoo bakka buutu ,Oromiyaan biyya kan jedhu fi kanneen biroo dhageessisa turuu dhagahame.
Hiriiraa mormii kana irratti barattoonni qabamanii mana hidhaatti darbaman maqaan isaanii adda kan hin baane ta'uu beekame.
Haleellaan Israa’el Gaazaatti namoota jaha ajjeese
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Haleellaa Israa’el guutuu Gaazaatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni ja'a ajjeefamuun, ajajni haaraa humnoota Israa’el naannoo magaalaa Gaazaatii akka baqatan dhaaman.
Dilbata kaleessaa haleellaan Israa’el hanga ammaatti Nuseyiraat keessatti raawwatteen nama tokko fi Magaazi keessatti nama lama galaafattee jirti.
Kaaba Gaazaa, kan humnoonni Israa’el jalqaba Onkoloolessaa irraa eegalee marsan keessatti, Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhetti, Hospitaalli Kamaal Adwaan irratti haleellaan raawwatameen, daayreektarri isaa Hussam Abu Safiyaa madaa’eera.
Dubbi himaan Ittisa Siivilii Gaazaa Mahaammud Basal dhaabbata oduu AFP'tti akka himanitti, Abu Saafiyaan sababa ciccitaa sibiilaatiin dugdaa fi qoma bitaa isaa irratti miidhaan irra gahe garuu amma hospitaala keessatti haala “tasgabbaa’aa” keessa jira jedhan.
Hospitaalli Kamaal Adwaan hospitaalota sadan kaaba Gaazaa keessatti hojii rakkinaan hojjechaa jiran keessaa tokko yoo ta’u, humnoonni Israa’el hojjettoota yaalaa to’annaa jala oolchuu, ari’uu fi meeshaaleen yaalaa hatattamaa akka hin dhaqqabne dhorkaniiru.
''Kaaba Gaazaa keessatti gareen ittisa siiviilii, ambulaansii ykn ogeeyyiin fayyaa gargaarsaa hin jiran.
Kunis gadadoo dabalataa dabalaa jira sababiin isaas carraa namni kamiyyuu si baraaruuf gargaaru argachuu yoo dandeessellee gareewwan si gargaaran ykn lubbuu kee baraaran hin jiran,'' jedhu jechuun AFP gabaaseera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP qabeenya hawaasaa saamuu fi Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti miseensota maatii tokkoo jumlaan hidhan
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Koloneel Abiy Ahimed dinagdeen impaayera Itiyoophiyaa harkatti maseenuu hoggaa hubatu of tumsuuf jecha ergamtoota isaa walitti qabee gorsuun uummata Oromootti bobbaasee saamicha ulfaataan qe'ee fi qabeenya hawaasa nagaa golgoleessaa karaa biraan ammoo maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jiraa fi ni deggartu jedhuun namoota nagaa hidhuun mana hiraarsaa keessatti dararuu jabeessanii jiru.
Sadaasa 21,2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Fantaa Namee jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa himanitti, namni kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, badii tokko malee yeroo dheeraaf haadha warraa isaa Aadde Yashii Botee waliin maqaa "mucaan keessan WBO'dha" jedhuun hidhamuu dubbatan.
Oduu hidhaa biroon godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Ashii irraa Sadaasa 24,2024 lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Obbo Qannaa Ida'aa haadha warraa isaanii fi mucaa isaanii Almaaz Qannaa jedhamtu kan bultoo qabdu akkasumas, kanneen biroo maqaan hin eeramne hedduu badii tokko malee qe'ee isaaniitii butuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maatiin kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu maddeen himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu fi tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa'otaa irratti xiyyeeffachuun miseensota maatii isaanii hunda hanga akaakayyuutti lakkaa'uun hidhuu fi ajjeesuu karoorfatanii jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 26-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
OLA Operations in Western Hararge and Horo Guduru Wallaga zones
ONM-ABO, November 26, 2024 - The Oromo Liberation Army (OLA) has conducted significant operations in the Western Hararge zone and Horo Guduru Wallaga district, inflicting casualties on enemy forces and capturing equipment.
Operation in Western Hararge Zone
On November 25, 2024, at 7:00 PM local time, the OLA's Gara Mulata Brigade carried out an operation in the district of Mieso, specifically in the town of Burasa Tuqa. This operation, which lasted several hours, resulted in the neutralization of seven enemy combatants and injuries to nine others.
Continuing their operations against the Ethiopian regime forces, the OLA launched a surprise attack on November 24, 2024, at 10:30 PM local time in the town of Biqiltu Fayina, located in the Guduru district of Wallaga zone. This decisive action led to heavy casualties among enemy combatants. Additionally, the OLA captured 27 automatic rifles, one heavy machine gun, 19 hand grenades, and various types of ammunition. Six Ethiopian soldiers surrendered to the OLA after realizing their defeat.
These operations highlight the ongoing conflict and the OLA's efforts to combat the Ethiopian regime forces across Oromia.
The Ethiopian regime conducted air and ground attacks on community homes and properties in the Bora district of East Shaggar.
ONM-ABO, November 26, 2024:
Recently, Colonel Abiy Ahmed ordered his agents Yilma Mardasa and Biranu Jula to carry out air and ground attacks on the Oromo people in various parts of the Oromia region, causing significant damage to community resources and residents, ONM learned.
In Tarree Barii village of Bora district, under the pretext that the "Oromo Liberation Army lives here," the regime launched attacks on November 24, 2024, using mortars, and on November 25, 2024, with jets and helicopters, destroying the area beyond recognition.
According to sources, the community in the area has already been displaced from their homes and properties. The initial mortar attack on the first day failed, but the second day's air assault with warplanes caused extensive destruction.
The area is surrounded by the Awwash River Dam, and the mortar attack on the first day was reportedly thrown into the dam, sources added.
In the Dharra district of North Shaggar, Amhara insurgents burned 406 houses and killed 140 livestock.
ONM-ABO, November 26, 2024:
Amhara insurgents, armed with the support of the local government administration, have been displacing Oromo people from their homes and properties, burning properties, killing unarmed civilians, detaining them, and depriving them of their humanity.
On October 17, 2024, Amhara rebels calling themselves Fanno attacked civilians in the Dharaa district of the Oromia region. The victims' names have been identified as:
- 16 livestock from Habtamu Taye
- 13 livestock from Ashetu Taye
- 6 livestock from Shibre Gari
- 9 livestock from Nura Habtamu
- 4 livestock from Gazzanyi Kabbaboo
- 3 livestock from Dajanuu Kabbaboo
- 6 livestock from Muluu Kabbaboo
- 7 livestock from Tola Girma
- 70 cattle and 9 quintals of soybeans from Birruu Fayyee
- 11 livestock from Balacho Hassan
- 7 livestock from Onee Balaachoo
In total, 140 livestock were looted from the Oromo people in the region, and more than 406 houses were burned down, residents of the village told ONM.
The insurgents, showing no mercy for humanity, continued to commit horrific acts against the Oromo people. They brutally killed a man named Mr. Solomon Alamuu and tied his son, Galataa Solomon, the father of a child, behind his back, throwing him into a deep pit and killing him.
They also continued their brutality by severely beating a man named Mr. Kamal Hussein and killing him in Sararkulla town.
Additionally, a 70-year-old man named Dajanuu Asaffaa, who could not escape from the rebels, was shot three times and is currently receiving no treatment, witnesses said.
Furthermore, a woman named Mrs. Abarrash Getachew was abducted from her one-month-old baby and then disappeared, residents told ONM.
The brutality of the Amhara rebels has intensified, and the Oromo people in the village are suffering from malaria.
#Dambii Doolloo
Guyyaa har'aa ganama manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ja'an Sayyoo miidhaa uummata Oromoo irra ga'aa jiru, qalamuun nu ga'a, gaaffiin keenya deebii hanga argatutti jechuun #Barnoota #Dhaabanii #Jiru.
#StopKillingOromoo
#StopGenocideInOromia
#OromoLivesMatter
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu fi saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii sobaa, faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul'isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne irraan geessisaa jiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa tokkollee hin qabne akkuma argan bobbaafamuun Sadaasa 21,2024 namoota maqaan isaanii:
- Goobanaa Daakaa,
- Geetaachoo Bushuraa fi
- Gammee jedhaman badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan ga'anii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, ergamtoonni kunneen dararaa hawaasa nagaa irratti raawwatan cimsuun ganduma kana irraa namoota maqaan isaanii:
- Naggasaa Cimdeessaa,
- Geetaachoo Xaaloo fi
- Cimdeessaa Xaaloo jedhaman jalaa walumatti loon 124 guyyuma kana saamuun ooffatanii deemuun ibsameera.
Godina Arsii Aanaa Siraarootti ergamtoonni Bilxginnaa baargamoo jiraattotaa gaaffii tokko malee ciruun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa hordofuun dinagdee ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta'u, godina Arsii aanaa Siraarootti baargamoo jiraattotaa gaaffii tokko malee ciruun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun himamee jira.
Aanaa Siraaroo gandoota akka: Torban Asawwee, Billaacha Lamaan, Dongoroo, Onooboo Qoonqichaa fi kanneen biroo hedduu keessaa lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa jalaa gaaffii tokko malee nama tokko jalaa baargamoo hanga 20 muruun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, loltoonni sirnichaa kunneen jiraattota hunda jalaa osoo hin gaafatin baargamoo muruun mana gandaa ijaarsisaa kan jiran ta'uu himuun, gochi qabeenya namootaa irratti gaaffii tokko malee raawwatu kun dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uus itti dabaluun himan.
WBO'n Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu keesssatti diina du'aa fi madoon adabuun loltoota PP's booji'e
ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO'n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina du'aa fi madoon adabee meeshaa irraa hiikuun booji'aa jira.
Haaluma kanaan Dilbata darbe Sadaasa 24,2024 toora sa'a 10:30'tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinaa jedhamtu keessatti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 27, Bireenii 1, Boombii 19, Hidhannoo 17 fi Rasaasa PKM 570 loltoota Abiy Ahimed irraa hiikuun loltoota 6 jiraa booji'ee jira.
Murni Bilxiginnaa maallaqni miindaa barsiisotaaf kaffalamu dhabamuun Walloo Kaabaa, Goofaa fi Haadiyaa keessatti barsiisotni hojii dhaabanii osoo jiranii meeshaalee waraanaa doolaaraan bitee lola geggeessus injifannoo argachuu hin dandeenye.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo keessatti diina du'aa fi madoon adabe
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Bahaa Cibraan Gaara Mul'ataa godina Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo araddaa Burraasaa Tuqaa keessatti har'a Sadaasa 25 waaree booda sa'a 7:00 irraa kaasee tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan waraana maafiyaa PP irraa 7 battalatti yoo duutu 9 madooftee jirti.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
https://www.facebook.com/Arraatabiyyolessa/videos/600790675712038/?app=fbl
Читать полностью…WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keesssatti diina du'aa fi madoon adabuun loltoota PPs booji'e
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina du'aa fi madoon adabe meeshaa irraa hiikuun booji'aa jira.
Haaluma kanaan kaleessa Sadaasa 24,2024 toora sa'a 10:30tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinaa jedhamtu keessatti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 27, Bireenii 1, Boombii 19, Hidhannoo 17, Rasaasa PKM 570 loltoota Abiy Ahimed irraa hiikuun loltoota 6 jiraa booji'ee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjootti loltoonni faashistii PP barataa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun himame
ONM-ABO Sadaasa 25,2024 Dhiiga ol adeemaa ilmaan Oromoo dhangalaasee dhuguun kan mirqaanu warabessichi aduu saafaa waraanni koloneel Abiy Ahimed, godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjootti barataa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun himamee jira.
Aanaa Najjoo ganda Guutoo Weennii jedhamu keessaa Sadaasa 23,2024 ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta'iinsa jedhuun bobbaate gootichi WBO'n haxxee isaa keessa galfachuun hafuura ishee kutuun baqattee of duuba deebi'aa turte daa'ima maqaan isaa Dinqaa Biyyanaa jedhamu badii tokko malee bakka inni loon tiksaa jirutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bira darbuu maddeen himan.
Daa'imni kunis nama siyaasa kam iyyuu hordofu akka hin taane ta'uu himuun, barataa kutaa 4'ffaa baratu daa'ima umurii 14 ta'uu dubbatu.
Onichatti waraanni sirnichaa ilmaan Oromoo sababa tokko malee ajjeesuu fi saamicha raawwatan cimsanii itti fufuun uummanni sodaa guddaa keessa galanii guyyaa du'a isaanii dabaree dabaree akka eeggachaa jiranis himaniiru.