onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Gujii Bahaa Aanaa Aagaa Waayyuutti jiraattuu magalaa Daawwaa kan taate haadhi tokko maqaa ilmi kee miseensa WBO'ti jedhuun hidhaan waggaa jaha itti murtaa'ee dararamaa jiraachuun ibsameera


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Imala qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo hiree Oromiyaa fi bulchiinsa diimokiraasii Oromoo gonfachiisuuf falmaa mirgaa taasisaa jirutti gufuu itti ta'uuf murni Bilxiginnaa hawaasa Oromoon isin seelii WBO'ti maqaa jedhuun waggoota ja'an darbanii kaasee hiraarsuu irratti argama

Aadde Saadiyaa Ayyalaa jiraattuu godina Gujii Bahaa aanaa Aagaa Waayyuu bulchiinsa magaalaa Daawwaa akka taatetu himama.


Haadha ijoollee afurii kan taate Aadde Saadiyaan waggaa tokkoon dura aanaa Aagaa Waayyuutti maqaa ilmi kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun humnoota garee faashistii garboomfataa PP'n butamtee yeroo dheeraaf erga hidhamtee booda sababa ilma isheetiif himanni yakkaa irratti dhiyaachuun waggaan jaha itti murteeffamuun beekameera.


Murtiin seer-malee kunis godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Waayyuutti kan itti murame ogguu ta'u, mana hidhaa keessatti dhukkubsattee hiraarfamaa kan jirtuu fi daa'imman ishees beelaan dararamaa jiraachuu ONM jiraattota onichaa irraa qulqulleeffateera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar Aanaa Dagam Keessatti 85 ol ajjeesuun 100 ol madeesse


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Gala Oromiyaa godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Leemman Sillaasee fi aanaa Kuyyuu ganda Qarree Taa'aa keessatti kaleessa Sadaasa 26,2024 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 85 ol ajjeesuun 100 ol madeessee jira.

Ajajaan kutaa waraana 47 ffaa fi Shaalaqaan tokko ajjeefameera. Akkasumas gantoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaachuun uummata saama turuun Abiy Ahimeditti harka laattee Bilxiginnaa waliin Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta'uuf bobbaate 2 lola kana keessatti ajjeefamteetti.

Gama meeshaan qawwee AKM 70 ol fi jorooroo hedduu, rasaasa PKM fi AKM hedduu irraa dhuunfatee injifannoo gonfatee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kutaan Sudaan kan hongeen miidhamte Zamzam ‘ji’oota hedduu’ keessatti konkolaataa gargaarsaa jalqabaa argatte

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Kibxata kaleessaa akka jedhetti konkolaattonni isaa Jimaata darbe mooraa Zamzam Kaaba Daarfuur hongeen keessatti mirkanaa’e ga’uun yeroo dheeraa booda kan jalqabaa ta’uu ibseera.

Dubbi himtuun dhaabbata nyaata Mootummoota Gamtoomanii Leni Kinzili ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti kennaniin, “Kun meeshaalee nyaataa WFP ji’oota hedduu keessatti gara mooraa kanaatti geejjibsiisuu kan dandeenye isa jalqabaa yoo ta’u, gargaarsa nyaataa hatattamaa namoota 12,500f geejjibsiisudha,” jedhan.

Hangi gargaarsaa namoota waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqoo yoo ta'u, konkolaattonni fe'umsaa kun namoota Zamzam keessa jiran kanneen ji'oota dheeraaf gargaarsa irraa addaan citaniif ofuma isaaniitiin beela waliin wal'aansoo qabaniif abdii geessisaa jiruudha," jedhan Kinziliin. .

Konkolaattonni fe’umsaa gargaarsa nyaataa WFP fe’an 700 ol yeroo ammaa gara hawaasa guutuu Sudaan karaa irra akka jiran hubachiifteetti.

"Walumaagalatti konkolaattonni fe'umsaa kunneen gargaarsa nyaataa gara toonii 17,500 kan fe'an yoo ta'u, kunis ji'a tokkoof namoota miiliyoona 1.5 nyaachisuuf gahaadha."

Qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi, milishoonni fi gareewwan ykn gosoonni hidhatan hundi, konkolaattonni kun nagaan akka darban hayyamuun, barbaachisummaa nageenyaan darbuu fi danqaa tokko malee dhaqqabuun Zamzam keessatti hongee dhaabuu fi naannoo birootti akka hin babal’anne gochuun akka danda'amu ibsiteetti jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Loltoonni Bilxiginnaa gama isaaniif dandaa'ame maraan uummata Oromoo hacuucuu ittuma fufuun, godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Suudee gandoota hunda keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa torban darbe keessa maqaa kaffaltii Buusaa Gonofaa jedhuun qarshii hanga humni isaanii danda'e saamaa kan turanii fi wayita ammaa kana immoo Sadaasa 25,2024 irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii kan biroo Fannoo Diimaa fi ispoortii jedhuun gadi ba'uun nama tokko irraa qarshii 1,070 afaan qawween saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hawaasni ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne waan kaffalu dhabuun dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen himuun, namni qarshii jedhame kana hin kaffalle qarshii 5,000 adabama jechuun ergamtoonni sirnichaa doorsisa cimaa raawwachaa kan jiran ta'uu dubbatu.

Kana malees akkuma aanichaatti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa keessatti manneen uummataa gubuun barame

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 murni Bilxiginnaa hojii dabaa hawaasa irratti hojjechuun qorqalbii hawaasaa cabsee gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu qe'ee isaanii irratti ilmaan Oromoo ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi manneen irratti gubaa jira.

Sadaasa 25,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaatti waraanni goolessaan PP manneen qonnaan bultootaa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:
1. Guyyee Tikoo Wooticha
2. Garroo Ansilloo Nu'ee ta'uun barameera.

Manneen gubaniin alattis qabeenya qonnaan bultootaa kanneen akka loonii oolfatanii deemanii jiru.

Namootni loon isaanii jalaa oofame kunneenis
1. Daamxee Ansilloo Nu'ee
2. Barii Ansilloo Nu'ee fi kan biroo jalaa loon 40 ol yoo oofan, gandichuma keessaa namoota 15 ol badii tokko malee qabuun mana hidhaatti galchanii jiru.

Akkasumas waraanni goolessaan PP kun godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti baatii kana keessa manneen 300 ol gubanii barbadeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa keessatti WBOn diinaa du'aa fi madoon adabe

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Irree fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Hambaa Aanoolee waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate guyyaa kaleessaa Sadaasa 26 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Waasee Waaqan Xeeraa jedhamu keessatti tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 4 battalatti irraa ajjeesuun 9 madoon adabee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti milishaan sirnichaa dargaggeessa tokko yoo madeessu, Aanaa Billoo Bosheetti ammoo dubartii tokko ajjeesuun daa'ima umurii 5 gadii madeessuun himame.

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa kayyoo fi akeeka qawwee baataniif illee kan hin beeknee fi leenjii waraanaa ga'aa kan hin qabne qawwee Bilxiginnaan itti kenneen hawaasa nagaa irbaata rasaasaa gochaa oolu.


Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 05 irraa Sadaasa 23,2024 milishaan PP tokko dargaggoo maqaan isaa Nuuranaa Biraanuu jedhamu halkan keessaa toora sa'a 9:00'tti mana fincaanii dhaquuf mana keessaa wayita gadi ba'utti milishaan PP jiraataa ollaa dargaggoo kanaa ta'e tokko ammoo hawaasa kan biroo ollaa isaa jiraatu waliin yerooma sanatti gadi ba'uun, namichi ollaa milishaa sanaa rukuti qaamni kun diina wayita ittiin jedhu, milishaan kunis dhukaasa banee madoo ulfaataa taasisuun halkanuma sana maatiin isaa gara Hospitaala Riiferaala magaalaa Naqamtee geessaniiru.

Erga achi ga'ees ogeessonni fayyaa gara kutaa baqaqsanii yaaluutti ajajuun yeroo ammaa kanas du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees godinuma kana aanaa Gudayyaa Biilaa bulchiinsa magaalaa Jaree ganda 01 keessatti Sadaasa 24,2024 poolisiin sirnichaa tokko dargaggoo maqaan isaa ammaaf adda hin baane tokko piistoo qabda jechuun to'atee osoo deemaa jiruu, wayita dargaggoon kun dagachiisee harkaa fiigee badutti poolisiin kun dhukaasaan lafa macheessuun dubartii maqaan ishee Aadde Raajii Addaamuu jedhamtu battalumatti yoo galaafatu, daa'imman umuriin isaanii shanii gadi ta'e 3 kanneen maqaan isaanii hin eeramne ammoo madoo ulfaataa madeessuun hanga gabaasni kun qindaa'etti du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun addeessaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa, Begii fi Sayyoo Nooleetti hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatu itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Haleellaawwan meeshaalee gurguddaan deggeramuun Oromiyaa keessatti waraana faashistii PP'n adeemaa jiruun osoo hawaasni lubbuu isaa fi qabeenya isaa itti dhabaa jiruu, waraanni lafoon gandoota baadiyyaa keessa bobbaafamaa jiran maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun hawaasa saamuu, hidhuu, ajjeesuu, manneen irratti gubuu fi gochaalee biroo irratti taasisuu cimsanii itti fufaniiru.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatti Sadaasa 25,2024 Obbo Sharafaddiin Guutamaa jalaa mana isaa qabeenyaa waliin kan guban yoo ta’u, Obbo Waggaa Fiqaaduu jalaa ammoo sangoota 2 jalaa qalachuun nyaachuu fi ganda Kaabbachii Dummee keessattis Obbo Tarrafaa Galataa jalaa mana isaa qabeenyaa waliin gubanii akka deeman jiraattonni ONM'tti himaniiru.

Oduu ajjeechaan wal qabatuun ammoo aanaa Begii ganda Lophii keessaa Sadaasa 25,2024 qotee bulaa maqaan isaa Raamatallaa Sayid jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan ogguu ta'u, Nasirallaa Mahaammad ammoo saanjaan wawwaraanuun miidhaa jabaa irraan geessisuun mana isaa balbalatti gatanii deemuun ibsameera.

Nasirallaan hanga gabaasni kun qindaayeetti lubbuun hafuun isaa baayyee kan nama yaaddeessu akka ta'es jiraattonni itti dabaluun ONM'f eeraniiru.

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Oolmaa Abbaa Galmoo jedhamu keessaa ergamtoonni faashistii Abiy Ahimed maqaa ijaarsa gandaa jedhuun jiraattota irraa giddu-galeessaan nama tokko irraa qarshii 1500 afaan qawween guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, akkuma aanichatti lukkeeleen sirna nama nyaataa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaatiin hawaasa dararaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kana ammoo maqaa ijaarsa gandaa jedhuun maallaqa dabalatee meeshaalee ijaarsa manaaf oolan hunda dhiyeessaa jechuun rakkisaa jiraachuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ethiopian Soldiers Defect to Oromo Liberation Army in Western Guji Zone

ONM-ABO November 27, 2024. The majority of Oromo youth who were kidnapped in the campaign of involuntary conscription into the Ethiopian National Defense Force are being abused and terrorized once they complete military training and join the army simply because of their ethnic identity. Some of those youths who have realized the barbaric and inhumane nature of the current Prosperity Party regime led by genocidal Abiy Ahmed have on many occasions deserted their camps and opted to join the Oromo Liberation Army (OLA).

On November 3, 2024, in the Western Guji zone district of Malka Soda, in a village called Dhujuba, two Ethiopian soldiers defected to Oromo Liberation Army units in the area with their full military gear, which included two automatic rifles and several rounds of ammunition. According to these two defectors, their commanders have on many occasions ordered them to commit atrocities against Oromo civilians. They have stated that they were forced to commit crimes such as murder, looting, rape, torture, burning down homes, and forcing people to flee from their homes and villages.

They left the regime’s military camp because they hated and despised committing crimes against their own people. They are happy that they finally joined the Oromo Liberation Army (OLA), which is struggling to emancipate the Oromo people from the current barbaric and inhumane treatment by the Abiy Ahmed regime. They also appreciated the warm welcome reception they received from the Oromo Liberation Army and made a call to all other members of the Ethiopian National Defense Forces to abandon that barbaric regime and join the OLA.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

እስራኤል በቤይሩት ላይ የፈጸመችውን አስከፊ ጥቃት ተከትሎ ሄዝቦላህ በርካታ ሮኬቶችን አስወነጨፈ።


ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

እስራኤል በቤይሩት ላይ የፈጸመችውን አስከፊ ጥቃት ተከትሎ ሄዝቦላህ ወደ 250 የሚጠጉ ሮኬቶችን ከሊባኖስ ድንበር በኩል ማስወንጨፉን የእስራኤል ጦር አስታወቀ።


እስራኤል የጋዛ ጦርነት ከተቀሰቀሰ ወዲህ አስከፊ የሚባለውን የአየር ጥቃት በመዲናዋ ቤይሩት ማድረሷን ተከትሎ ነው ሄዝቦላህ ሮኬቶቹን ያስወነጨፈው።

ሄዝቦላህ ባስወነጨፋቸው ሮኬቶች በሰሜን እና በመካከለኛው እስራኤል በርካታ ሰዎች መቁሰላቸውን እና ህንጻዎች መጎዳታቸውን የእስራኤል ፖሊስ አስታውቋል። የተወሰኑት በቴልአቪቭ አቅራቢያ እንደሚገኙም ነው ፖሊስ ያከለው።

እስራኤል ቅዳሜ እለት በማዕከላዊ ቤይሩት ላይ በፈጸመችው የአየር ጥቃት 29 ሰዎች መገደላቸውን የሊባኖስ የጤና ጥበቃ ሚኒስቴር አስታውቋል።

እስራኤል እና ሊባኖስ በኢራን ከሚደገፈው ሄዝቦላህ ጋር የሚደረገውን ውጊያ ለማቆም የተኩስ አቁም ስምምነት ላይ ለመድረስ ጥረቶች እየተደረጉ መሆናቸውን የእስራኤል ሚዲያዎች እሁድ ዕለት ዘግበዋል።


በሊባኖስ ከባድ የእሳት አደጋ መነሳቱን ተከትሎ በቴልአቪቭ አካባቢ የሮኬት ቁርጥራጮች መውደቃቸውን መረጃዎች እንደደረሰው የእስራኤል ፖሊስ ገልጿል።


በአንድ የመኖሪያ ሰፈር ላይ በቀጥታ የደረሰ ጥቃት “ቤቶች በእሳት መያያዛቸው እና መውደማቸውን” የእስራኤል መከላከያ ኃይል አስታውቋል።


በቴልአቪቭ አቅራቢያ በምትገኘው ፔታ ቲክቫ እና በሰሜናዊዎቹ ሃይፋ፣ ናሃሪያ እና ክፋር ብሉም ሮኬቶች መውደቃቸውን የእስራኤል ሚዲያ ዘግቧል።

በቤይሩት ለሚፈጸሙ ጥቃቶች አጸፋዊ ምላሽ በቴልአቪቭ እንደሚደረግ ቃል የገባው ሄዝቦላህ በከተማዋ እና በአቅራቢያው በሚገኙ ሁለት ወታደራዊ ጣቢያዎችን መትቻለሁ ብሏል።

በኋላም የእስራኤል መከላከያ ኃይል በቤይሩት ደቡባዊ ከተማ ዳርቻ የሄዝቦላህ ምሽግ በሆነችው ዳሂ ውስጥ የሚገኙ የጦሩ ማዘዣ ማዕከላት ላይ የአየር ጥቃት መፈጸሙን ገልጿል።

እስራኤል በማዕከላዊ ቤይሩት ያለምንም ማስጠንቀቂያ በፈጸመችው የከፋ የአየር ጥቃት የሟቾች ቁጥር ወደ 29 ከፍ ማለቱን እና በአጠቃላይ በአገሪቱ ቅዳሜ ዕለት የተገደሉ ሰዎች 84 መሆኑን የሊባኖስ ጤና ሚኒስቴር ገልጿል።


የእስራኤል መከላከያ ቅዳሜ ዕለት የፈጸመውን ጥቃት አስመልክቶ የሰጠው መግለጫ ባይኖርም የእስራኤል ሚዲያዎች የሄዝቦላህ ከፍተኛ ባለስልጣን መሃመድ ሃይዳርን ለመግደል ሙከራ አድርገው እንደነበር ዘግበዋል።


እስራኤል በሊባኖስ ላይ አጠናክራ እየፈጸመችው ባለው ጥቃት ከ3 ሺህ 670 በላይ ሊባኖሳውያን ተገድለዋል እንዲሁም ቢያንስ 15 ሺህ 400 ሰዎች ቆስለዋል። በተጨማሪም ከአንድ ሚሊዮን በላይ ነዋሪዎች ከቤታቸው መፈናቀላቸውን የሊባኖስ ባለስልጣናት ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የብአዴን ወታደሮች በርካታ የጅማ ዩኒቨርስቲ መምህራንን እና ተማሪዎችን በመደብደብና በማሰር ላይ መሆናቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልጸዋል።


ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ኮሎኔል ዓብይ አህመድ ወኪሎቻቸውን ከላይ እስከ ታች እያሰለፉ ስለ ሰላም በቃልም ሆነ በግልፅ እየሰበኩ አምባገነናዊ ባህሪያቸውን እያሳዩ ነው።

ህዳር 22 ቀን 2024 ዓ.ም በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች በኦሮሞ ተማሪዎች የተነሳውን ተቃውሞ መሰረት በማድረግ በአብይ አህመድ የተሰማራው የፋሽስት ወታደሮች የጅማ ዩንቨርስቲ ተማሪዎች ላይ ስማቸውና ማንነታችው እስካሁን ባልተገለፀ ላይ ከፍተኛ ድብደባ ፈጽሟል።

እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ የካቢኔው አባላት ናዚፍ መሃመድ የተባሉትን ሰው እና አገዛዙን ለመጠበቅ የተሰማራውን ሰራዊት በመጥራት ተቃውሞውን ያሰሙ ተማሪዎችን በመደብደብና ደብዛችውን ማጥፋታችውን ገልፆዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ወለጋ ዞን በቢሎ ቦሼ ወረዳ እና በምዕራብ ሸገር ዞን ዳኖ ወረዳ በተተኮሰ ተኩስ 2 ሰዎች ቆስለዋል።

ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ምንም አይነት ወታደራዊ ሳይንስና ማዕቀብ የሌለው የኮሎኔል አብይ አህመድ ጦር የአንድን አንጃ የፖለቲካ ዙፋን ለመጠበቅ የተሰማራው እና በሰላማዊ ዜጎች ላይ የሚፈጽመውን ግፍ ከቀን ወደ ቀን አጠናክሮ መቀጠሉ እየተነገረ ነው።


ተጎጂው ቶላ ኢማና የተባለ የ28 ዓመቱ በቢሎ ቦሼ ወረዳ Caffee Konchii መንደር ህዳር 19 ቀን 2024 ዓ.ም ሲሆን በአሁኑ ሰአት በህይወት እና በሞት መካከል እንደለ እና በነቀምቴ ሪፈራል ሆስፒታል ውስጥ እንደሚገኝ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።


በዳኖ አውራጃ ኢሉዩ መንደር ፈይሳ ተሬሳ የተባለውን ሰው ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በጥይት መትተዉት አቁስለው መጣላችውን ነዋሪዎች ገልፆዋል።


እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ በፒፒ ጦር ጥይት የቆሰሉት ሰዎች የየትኛውም ቡድን የፖለቲካ ግንኙነት የሌላቸው እና በአካባቢው ማህበረሰብ ዘንድ ተወዳጅ ናችው ሲሉ አክሎል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በመተከል ዞን ቡለን ወረዳ የብልፅግና ጦር እስራት እና ማስፈራሪያው ተጠናክሮ መቀጠሉን ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ሰላማዊ ዜጎችን በማሰር፣ ቤታቸውን በማቃጠልና ንብረታቸውን በማውደም፣ የአርሶ አደሮችን ህይወት በማውደም የንፁሀንን ሂወት እያናጉት ይገኛል።

የሰብዓዊ መብት ተሟጋች ድርጅቶች፣የኢምፓየር የሰብአዊ መብት ባለሙያዎችና ሌሎች ድርጅቶች የንጉሠ ነገሥቱን አስተዳደር በሰብዓዊ መብት ጥሰት ተጠያቂ እንዲያደርጉ ተደጋጋሚ ማሳሰቢያ ቢሰጡም ቡድኑ በቡለን ወረዳ ከኦሮሚያ ውጭ ባሉ አካባቢዎች ጥቃት መፈጸሙን ቀጥሏል።

የቡለን ወረዳ ነዋሪዎች ከህዳር 11 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ በብአዴን ሰራዊት ላይ እየደረሰ ያለው እስር እና ድብደባ ተጠናክሮ መቀጠሉን ህብረተሰቡ በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ስም ሰዎችን እያሰረ ወደ እስር ቤት እንዲወረወር ​​እና እንዲሰቃይ እያደረገ መሆኑን ተናገሩ።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti bulchaan magaalichaa ittiin of eeggadhaa jechuun finxaaleeyyii Amaaraa magaalaa Naqamtee keessa jiraataniif qawwee hiruun saaxilame


ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo irraa qawwee hiikaa finxaaleeyyii ilmaan nafxanyaa ammoo michoomfachuun bobaa jala kaawwatanii harka wayyaa jalaatiin qawwee itti hidhaa uummata Oromoo qe'ee isaa irraa duguugsisuuf shira hojjetan itti fufanii jiru.


Dhumaatii uummata Oromoo har'aaf inni angafaa murni Bilxiginnaa meeshaa fi gargaarsa finxaaleeyyii Amaaraaf gochuufii ta'uun kan beekamu ta'us yeroo ammaa kanas Bilxiginnaan gocha isaa kana irraa deebi'uu dadhabuun badii isaaf haala mijeessaa jira.


Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessa maandheffatanii kan jiraatan finxaaleeyyii ilmaan nafxanyaaf murni Bilxiginnaa magaalaa Naqamtee Sadaasa 22,2024 halkan dhoksaadhaan qawwee hiraafii turuu maddeen amanamoon magaalaa Naqamtee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Maddeen itti dabaluun akka himanitti, yeroo ammaa kana akka magaalichaatti jarattiin kun uummata Oromoo fixuuf sochii eegaltee jiraachuu himuun, dhuma irrattis uummanni magaalaa Naqamtee keessattuu jiraattonni ganda 04 of eeggannoo cimsuu fi of qopheessuu akka qabu jechuun dhaamsa isaanii dhaamaniifii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Bosheetti waraanni faashistii PP namoota 4 rasaasa itti roobsuun ajjeesan


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Araada dhiiga nama nagaa dhangalaasuu kan qaban loltoonni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromootti maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhu itti maxxansuun ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan jabeessanii itti fufanii kan jiran ta'uun ibsameera.

Aanaa Billoo Boshee ganda Yaada Hundaa jedhamu keessaa waraanni maafiyaan sirnichaa namoota 2 kanneen maqaan isaanii:
- Baacaa Duulaa fi
- Indaaluu Geetaachoo jedhaman badii tokko malee Sadaasa 24,2024 ukkaamsuun guyyaa tokko erga hidhanii booda Sadaasa 25,2024 ammoo mana hidhaatii baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu maddeen eeruun, Baacaan abbaa maatii kan ta'e, hojii dhuunfaa isaa uffata daldaluun kan jiraatu yoo ta'u, Indaaluun ammoo dargaggeessa ta'uu fi maqaa "obboleessa keetu miseensa WBO'ti, suuraa isaatu bilbila kee keessa jira" jedhuun yakkanii ajjeesuu dubbataniiru.

Kana malees torban lamaan darbe keessa ganduma kana irraa namoonni maqaan isaanii
- Shallamaa Ciibsaa fi
- Addunyaa Arfaasaa kanneen jedhamanis loltootuma sirnichaan ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

https://www.facebook.com/Arraatabiyyolessa/videos/2214247522294576/?app=fbl

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa midhaan nyaata milishaa fi qarshii uffata milishaa jedhuun jiraattota doorsisanii saamuun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Afaan qawween doorsisanii saamichi daangaa hin qabnee fi dhiittaan mirgoota namoomaa hammaataan hidhattoota sirnichaan irratti geggeeffamaa kan jiru uummanni Oromoo aanaa Jiillee Dhummuuggaa, yeroo ammaa haala duraan barameen olitti saamichi maqaa nyaataa fi uffata milishaaf jedhuun hawaasicha irratti raawwatamu jabaatee itti fufeera.

Dinagdeen impaayerattii harkatti maseenuun waan qabee gadi dhiisu kan wallaale sirni bulguun faashistii Koloneel Abiyi Ahimed, afaaniin badhaadhina haa faarsu iyyuu malee, lafa irratti garuu loltoota isaaf miindaa kaffaluun hafee waanuma nyaachisuu fi uffisullee dhabuun loltoota isaa gara jabeeyyii hawaasatti bobbaasee uummata nagaa saamsisaa kan jiru ta'uu uummanni Oromoo doorsifamaa jiruu fi taateen Oromiyaa keessatti guyyuu raawwatamu ragaadha.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanichaa cufa keessatti labsii lukkeeleen Bilxiginnaa Sadaasa 24 fi 25,2024 baafataniin jiraattotaan maqaa nyaata milishaa jedhuun ganda tokko irraa midhaan ardaba 20 qopheessuu qabduu fi akkasumas uffata milishaaf jechuun ammoo akka hulaa banatuun tokko tokkoon namootaan qarshii 200 kaffalaa ittiin jechuun jiraattota harkaa saamuuf karoorsanii akka jiran maddeen keenya aanichaa ONM'f himaniiru.

Akka jiraattotni aanaa Jiillee dubbisne kun jedhanitti, namni midhaan nyaata milishaa fi qarshii uffata milishaa jedhame kana guyyaa 2 fi 3 gidduutti hin kaffalle hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, kanaaf WBO'n nuti deemnee barbaannus hin jiru, balaa booda isin irra ga'uuf ammoo itti gaafatamaan matuma keessani, kanaaf wal hin komannu ittiin jechuun hawaasa qaala'iinsi jireenyaa mataarra isaan ba'uun ijoollee isaanii jiraachifachuufuu rakkachaa jiran kanneen akeekkachiisanii deemuu dabaluun dubbataniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni sirnichaa nama nagaa tokko ajjeessuun himame

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaaniitti lolaasuu kan aadeffate waraanni Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii isaanii ittuma caalchisuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti nama nagaa tokko ajjeesanii gatuun himamee jira.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Andoodee bakka addaa Tabbattii jedhamu keessaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 17,2024 nama maqaan isaa Tamasgeen Abdiisaa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun sababa tokko malee mana hidhaa Quubsaa Qidaamee jedhamutti hidhamee dararamaa turuu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo murtii seeraa tokko malee mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Irree fi wanteen sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti 35 ajjeesuun 22 madeessee meeshaalee waraanaa irraa hiikuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti diinaa dhukkee nyaachisuun dhukkubbii mataa guddaa ergamtuuwwan sirna dulloomaatti taasisee jira.

Haaluma kanaan Sadaasa 16,2024 aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubboo keessatti gugurraaleen Gaara Cilaaloo diinaa mana barumsaa barataa keessaa ari'uun mooraa godhattee uummata hiraarsaa jirtu itti marsuun loltootaa rasaasan akaa'ee loltoota Bilxiginnaa 35 irraa ajjeesuun 22 madeessee jira

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10, isnaayippera 1 , gumbii 46, raadiyoo qunnamtii 1 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun mooraa ishees abidda barbadeesseera.

Humna reebuuf magaalaa Qarsaa irraa kaate ganda Gujichaa keessatti haxxee itti hidhuun loltoota 11 ajjeesee 7 madeessuun konkoolaataa isheen ittiin dhufte lama hojiin alaa gochuun baqachiisee gara magaalaa irraa kaatetti deebisee jira.

Ittuma fufuun cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa halkan edaa jechuun Sadaasa 26/2024 galgala sa'atii 2:00 keessaa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Adaree Leephoo keessatti mooraa isheen irra qubattee hojii dabaan halkaanii fi guyyaa harmee boochisaa jiraattu wardiyaan sabaa WBOn itti dhaquun mooraa keessa olii gadi gugsee loltoota 7 ajjeessuun 13 madoon adabee tan gadi hafte mooraa keessaa baqachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Paarlaamaan Joorjiyaa filannoo pirezidaantii Muddee 14'tti gaggeessuuf sagalee kenne

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Paarlaamaan Joorjiyaa Kibxata kaleessaa filannoo pirezidaantii biyyattii Mudde 14 akka gaggeeffamuuf sagalee kenne.

Walgahii kallattiin magaalaa guddoo Tibiliisiitti gaggeeffameen dhimmi filannoo pirezidaantii biyyattii gaggeessuu Af-yaa’ii paarlaamaa Joorjiyaa Shaalva Papuwaashviliin kan dhiyaate yoo ta’u, sana booda miseensonni mana maree 80 filannoo Muddee 14 akka gaggeeffamuuf sagalee kennaniiru.

Paapuwaashviiliin haasaa paarlaamaa kanaaf taasisaniin, eebbi pirezidaantii haaraa filataman Mudde 29 akka gaggeeffamu dubbataniiru.

Yeroo jalqabaatiif pirezidaantiin Joorjiyaa bakka filattotaa miseensota 300 qabuun kan filataman yoo ta’u, sagalee kallattiin osoo hin taane Komishinii Filannoo Giddugaleessa biyyattiitiin kan raggaasifamu ta’a.

Walgahiin kun kan gaggeeffame paarlaamaan Joorjiyaa filannoo paarlaamaa ji’a darbee booda walgahii isaa jalqabaa irratti aangoo miseensota mana maree ishee haaraa filataman erga raggaasisee guyyaa tokko booda yoo ta’u, paartiin biyya bulchaa jiru 'Georgia Dream' paarlaamaa teessoo 150 qabu kana irratti %53.93 erga argateen booda sagalee caalmaa 89 argateera.

Akkasumas, bu’aa filannoo Onkoloolessa 26 gaggeeffame irratti Wiixata galgala irraa eegalee magaalaa guddoo Tibiliisi keessatti mormiin itti fufee kan jiru yoo ta’u, kunis pirezidaantii amma aangoo irra jiran Saalome Zoyurabichvili fi paartileen mormitootaatiin fudhatama dhabaniiru.

Zoyurabichvili bu'aa filannoo kanaa akka hin beekne kan himte yoo ta'u, filannoon kun gidduu seenummaa Raashiyaan kan manca'e fi paartileen mormitootaa ammoo filannoon kun kan ''hatame'' jedhanii waamu.

Zoyurabichvili bara 2018 pirezidaantii Joorjiyaa 6ffaa ta'uun filatamaniiru jechuun miidiyaaleen Baha Giddu Galeessaa gabaasaniiru

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaatitti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha, reebichaa fi hidhaa jiraattota irratti raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Sirni faallaa heeraa fi seeraa akkasuma uummataa deemu gareen faashistii koloneel Abiy Ahimediin durfamu dingdee impaayerattii lolli inni geggeessaa jiru harkatti fixuun qaala'iinsa jireenyaa uumameen wal qabatee waan ittiin jiraatan dhabuun saamicha irratti bobba'anii jiraachuun barameera.

Gareen uummata harka qullaatti hambisee impaayera jiguu geesse suphuuf dhama'aa jiru kun, Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Muunyoo Abbayyii iddoo addaa Wanjii jedhamu keessaa Sadaasa 19,2024 ergamtoonni uummata Oromoo saamuun jiraatan loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Darajjee Urgeessaa jedhamu jalaa qabeenyaa isaa kan ta'e tokko osoo hin hambisin jalaa yoo saaman, dubartii maqaan ishee Aadde Biraanee Kitaabaa jedhamtu jalaas horii hedduu ooffachuun lama ammoo bakkichumatti qalatanii nyaachuu jiraattonni ONM'tti himaniiru.

Kana malees ergamtoonni kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, ganduma kana bakka addaa Oddoo jedhamu irraa ammoo shamarran maqaan isaanii Biraanee Lachiisaa fi Faantuu Lachiisaa jedhaman reebicha hamaa qaama laalessu irratti raawwachuun, qabeenya isaaniis hoolota 30 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun himan.

Ganduma Muunyoo Abbayyii iddoo addaa Oomii jedhamuu ammoo Sadaasa 18,2024 namoota maqaan isaanii Obbo Baqqalaa Camadaa fi Taaffasaa Magarsaa kanneen jedhaman badii tokko malee qabuun hidhaatti darbataniiru.

Ergamtoota sirnichaan hidhaan jabaatee ittuma fufuun ganda Gaamoo Jibaat bakka addaa Luuccoo jedhamu irraas Obbo Daanyee Gattaraa fi Alamaayyoo Gattaraa jedhamanis qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM'f eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni dararaa ulfaataan kun irra gahe hundi badii qabaataniif osoo hin taane, sababa Oromummaa isaanii qofaaf maqaa "WBO deggertuu fi isin maatii qabsaa'otaati" jedhuun dararamaa jiraachuu dubbataniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Mana hidhaa Federaalaa Zuwaay magaalaa Baatuu keessaa hidhamtoonni siyaasaa kan sabaan Oromoo ta'an 50 ol ukkaamfamanii achi buutee dhabamsiifamuun dhagaa'ame

ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Dheengadda Sadaasa 25,2024 hidhamtoonni siyaasaa kan sabaan Oromoo ta'an 50 ol mana hidhaa Federaalaa Zuwaay irraa maqaa hokkora kaasuuf yaalii taasistan jedhuun ganama irraan konkolaataan fe'amuun hanga gabaasni kun qindaayetti achi buutee dhabamsiifamuun beekameera.

Ilmaan Oromoo ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu shakkii jedhuun manneen hidhaa impaayerattii bakkeewwan garaa garaatti jumlaan hidhamanii ragaa sobaa irratti dhihaachaa tureen hidhamaa kan jiran ragaa mana murtii malees manneen hidhaa irraa baafamuun ajjeefamuu fi dhabamsiifamuun aadeffatameera.

WBO'n gaaffiin ummata Oromoo deebii bu’uuraa hanga hin argannetti rakkoolee mirgaa gadii irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka hin ta'in ibsaa akkuma jiru, murni Bilxiginnaas gaaffiin uummata Oromoo deebii argateera jechuun gaaffii sabichaas ajjeechaan deebisuu aadaa godhee itti fufee kan jiru Bilxiginnaan, hidhamtoonni siyaasaas manneen hidhaa keessatti mirgi isaanii sarbamuun kan bara sirna EPRDF olitti cimee itti fufeera.

Namoota manneen hidhaa Federaalaa Zuwaay irraa ukkaamfaman keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga'e; Bilisumma Zawudee, Laggasaa Dajanee,Tafarii kanneen jedhamanii fi namoonni maqaan isaanii nu hin geenye danuu ta'uun ibsameera.

Bilxiginnaan gamtokkoon ajandaa bulchiinsa sirrii odeessaa, nagaan waaraan uummataaf akka malu osoo beekuu, bulchiinsa waraanaan bulchuun nagaa sabootaa guyyuu booressuu itti fufuun, dubbiin isaanii rakkoo hawaasaa dhugaatti furmaata itti gochuuf osoo hin taane qalbiin lammiilee kanaan akka qabamu taasisuufiidha kan jedhanis maddeen mana hidhaa Zuwaay irraa ONM dubbiseedha.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo keessatti tarkaanfii fudhachuu itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee aanaa Mi'eessoo araddaa Burraassaa iddoo Gaara Jilboo jedhamtutti kaleessa Sadaasa 25/2024 galgala sa'a 12:00 eegalee hanga 2:00tti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa Cibraan Gaara Mul'ataa waraana maafiyaa PP irratti fudhate kanaan loltoota diinaa irraa 17 battalatti yoo duutu digdamaa ol madaa'uun beekameera.

Waraanni faashistii kun reeffa ambulaansii 2 fi paatroolii 3n madoo ammoo Isuzu tokkoon ganama har'aa Sadaasa 26 sa'aatii 1:00 irraa hanga sa'aatii 5:00tti guurrattee gara magaalaa godinaa fi aanaatti galfattee jirti.

Madoo fi reeffa kana uummata guursiftee konkolaataa keessa erga keesseen booda yoo waan nurraa dhumee fi madaawe dubbattan isin fixna jechuun uummata doorsisaa turuun barameera.



Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በባቱ ከተማ በዙዋይ ፌደራል ማረሚያ ቤት ከ50 በላይ የኦሮሞ ተወላጆች የፖለቲካ እስረኞች ተይዘው ደብዛችው ጠፍቶዋል።


ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም ከ50 በላይ የሚሆኑ የኦሮሞ ተወላጆች የፖለቲካ እስረኞች ብጥብጥ ለመቀስቀስ ሙከራ አርጋችኋል በሚል ሰበብ ከዙዋይ ፌደራል ማረሚያ ቤት በመኪና ተጭነው ደብዛችውን ማጥፋታችው ታውቆዋል።


በተለያዩ የግዛቱ ክፍሎች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አመለካከት አላችሁ በሚል ስም ተጠርጥረው በጅምላ እስር ቤት የሚገኙ የኦሮሞ ልጆች ያለፍርድ ቤት ማስረጃ ከእስር ቤት በማሶጣት መግደልና ደብዛችውን ማጥፋታችውን የተለመደ አርገውታል።

የኦሮሞ ህዝብ መሰረታዊ ጥያቄዎች ከኢህአዴግ ዘመን የበለጠ ተጠናክረው እንዳይቀጥሉ ንፁሀንን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ስም ወደ እስር ቤት በመወርወር አላስፈላጊ ስቃይ እየፈፀሙባችው ይገኛል ።

ከዙዋይ ፌዴራል ማረሚያ ቤቶች የተወሰኑ እስረኞችን ስም ዝርዝር አግኝተናል። ቢሊሱማ ዘውዴ ፥ ለገሰ ደጀኔ ፥ ተፈሪ እና ሌሎችም ስማቸው ያልደረሰን ብዙዎች ይገኙበታል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ሸገር ዞን አቡነ ግንደበረት ወረዳ አንድ ወጣት በአሰቃቂ ሁኔታ ተገድሎ ተጣለ።


ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች የኦሮሞን ህዝብ በውሸት በመወንጀል በማሰቃየት ላይ ይገኛሉ እና ህብረተሰቡን ይጠቅማል በሚል ፕሮፓጋንዳ በማሳመን በምድር ላይ ታይቶ የማይታወቅ ድርጊት እየፈጸሙ ነው።

ህዳር 18፣ 2024 ዓ.ም የንጉሠ ነገሥቱ ወታደሮች በአቡነ ግንደበረት አውራጃ ውስጥ በሚገኘው የጎሮ ዶኮኑ መንደር የመጣውን ሀተኡ ምትኩ የተባለውን ንፁህ ወጣት ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራት ቢዮሌሰ ኦሮሚያ ተናግረዋል።


ወጣቱ ከማንኛውም ፖለቲካ ነፃ መሆኑን የገለጹት ነዋሪዎች፣ የአገዛዙ ተላላኪዎች ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም ነው በአሰቃቂ ሁኔታ የገደሉት።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በአርሲ ዞን የሲራሮ ወረዳ ነዋሪዎች ያለምንም ጥያቄ የነዋሪዎችን ዛፍ እየቆረጡ በመንደሩ ቤት እያስገነቡ ይገኛል።


ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


የብአዴን ወኪሎች የግል ጥቅማቸውን ብቻ በመከተል በኦሮሞ ህዝብ ኢኮኖሚ ላይ ከፍተኛ ጉዳት እያደረሱ ነው።

በዚህም መሰረት በሲራሮ ወረዳ እንደ ቶርበን አሰዌ ፥ ቢላቸ ጫላ ፥ ዶንጎሮ ኦኖቦ ቆንቂቻ እና ሌሎችም በመሳሰሉት መንደሮች የብልፅግና ተላላኪዎች ያለምንም ጥያቄ ከእያንዳንዱ ሰው እስከ 20 ዛፍ እየቆረጡ የመንደር ቤት እየገነቡ መሆናቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

እንደ ምንጮቻችን ገለጻ የአገዛዙ ወታደሮች ሁሉንም ነዋሪዎች ሳይጠይቁ ዛፎችን እየቆረጡ የመንደር ቤት እየገነቡ እና ነዋሪዎችን ለችግር እየዳረጉ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Afrikaan Kibbaa bilisummaa Falasxiin mirkaneessuuf tarkaanfiin addunyaa akka fudhatamu irra deebitee gaafatte


ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Afrikaan Kibbaa Wiixata kaleessaa irra deebitee waamicha ishee Falasxiin fi Libaanos keessatti hatattamaan dhukaasa dhaabuu, nagaa haqaa fi waaraa mirkaneessuuf adeemsi siyaasaa akka jalqabamu ibsiteetti.

"Afrikaan Kibbaa ammas Mootummaan Israa'el karaan nagaa ittiin argamsiisu furmaata mootummoota lamaa qofa ta'uu isaa akka hubattu gaafatti.

Piriitoriyaan dhimmi Falasxiin furmaata hin arganne amma waggoota 75f kan ture yoo ta’u, waldhabdee Baha Giddugaleessaa keessatti uumameef giddugaleessa ta’uu ibsiteetti.

Afrikaan Kibbaa walitti dhufeenya gamtaa, michoomaa fi tumsa Falasxiin waliin qabdu cimsuuf kutannoo hin sochoone irra deebitee mirkaneessiteetti.

“Deeggarsa Afriikaan Kibbaa yeroo dheeraa fi qajeelfama irratti hundaa’e ummata Falasxiin irratti goote eeguun, Mootummaan Afrikaa Kibbaa jalqabbii ajandaa idil-addunyaa Falasxiin irratti deebisee xiyyeeffachuu fi adeemsa nagaa Baha Giddu Galeessaa deebi’ee ka’uuf kaayyeffate deggaruuf kutannoo qabaachuu ishee itti fufeetti,” jechuun ibsichi dabalee addeesseera.

Mootummaan kun hawaasni addunyaa Falasxiinonni hawwii bilisummaa, haqaa fi mootummaa walaba ta’e hundeessuuf qaban galmaan ga’uuf gargaaruuf tattaaffii taasifamu akka cimsu dhaamaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa barsiisonni hedduun yeroo dheeraaf manneen hidhaatti garmalee dararamaa jiraachuun ibsame


ONM-ABO Sadaasa 26,2024 Qooda barsiisota Oromoo hundaaf waan gaariin oolamuufii qabu Bilxiginnaan immoo erga dhiiga ilmaan Oromoon gara aangootti dhufee kaasee haala duraan barameen olitti barsiisota Oromoo irratti xiyyeeffachuun maqaa "qaama biroo waliin ergama qabdu; barattoota siyaasa barsiistu" jedhuun yakkee miindaa dhorkachuu, hidhuu hanga ajjeesuutti gochaa suukkaneessaa raawwachuu cimsee itti fufee jira.

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessaa qabuun mana hidhaa ganda 07 keessatti argamutti barsiisaa Abdallaa Yaasin Xaasaa badii tokko malee gocha inni hin qabne itti maxxansuun erga hidhaatti darbatanii waggaa 1 fi ji'a 6 ol ga'ee jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.


Kana malees, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti barsiisaa mana barumsaa Ifa Baas Cooree kan ta'e barsiisaa Lataa Oljirraa Bayyaan ji'oota 9 dura ukkaamsanii isas maqaa adda addaa itti maxxansuun hanga ammaatti gaaffii seeraa tokko malee hidhanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan himanii jiru.


Godinaalee kana malees, kanneen biroo hedduu keessaa barsiisota hidhuu, reebuu, ajjeesanii gatuu, doorsisuu fi achi buutee isaanii dhabamsiisuun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Читать полностью…
Subscribe to a channel