onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti dargaggoonni lama waraana maafi'aa PP'n ajjeefamuun dhagaa'ame

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi onoota kanneen birootti ajjeechaan lammiilee nagaa irratti tibbana raawwatamaa jiru egeree sabichaatti yaaddoo uumee jira.

Sadaasa 27,2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lophiitti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Raashidoo Hiisaa fi Mubaarik Sheek Yesuuf namoota jedhaman qabuun balbala maatii isaanii duratti ganama obboroon ajjeesanii gatuun barameera.

Jiraataan ollaa dargaggoota ajjeefamanii tokko nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin eeramne fedhu tokko akka dubbatetti, waraanni mirga ajjeesuu koloneel Abiy Ahimed irraa fudhatanii bobbaafaman gaaffii seeraa tokko malees gara jabinaan ajjeesanii deemuu ibseera.

Ona Begii keessatti sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo yaaddoo Bilxiginnaatti uumee kan jiru jiraattonni nagaan ba'anii galuun itti ulfaachuun saamichi adda addaa, hidhaa fi gubaatiin manneenii daranuu cimee itti fufee jiraachuu ONM ifoomseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Puutiin Raashiyaan Kaazaakistaan ​​waliin pirojektoota gurguddaa haaraa hojjechuuf qophooftee jedhan

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii kaleessaa gara boodaatti daawwannaa guyyoota lamaaf magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astanaatti taasisuun dura, biyyi isaanii Kaazaakistaan ​​waliin pirojektoota gurguddoo haaraa hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

“Rosatom (Russia’s State Atomic Energy Corporation) hojiirra oolmaa pirojektoota marsaa boba’aa niwukilaraa fi guddina indaastirii yuuraaniyeemii Kaazaakistaan ​​keessatti gargaarsa qabatamaa kenna.

Korporeeshiniin mootummaa Raashiyaa Pirojektoota gurguddoo haaraa Kaazaakistaan ​​waliin hojjechuuf qophiidha,'' jechuun Puutiin barruu addaa guyyaa guyyaan Kaazaakistaaniif barreesseen dubbataniiru.

Raashiyaan michoota dinagdee Kaazaakistaan ​​gurguddoo keessaa tokko jechuun kan waamu Puutiin, Moskoo fi Astanaan damee boba’aa fi gaazii irratti tumsa ijaarsaa irratti bobba’aa akka jiran ibsuun, al-ergiin biyya Giddugaleessa Eeshiyaa %80 ol naannoo Raashiyaa keessa darba jedhan.

Dhaabbileen anniisaa biyyoota lamaanii waliin ta’uun kuufama haayidirookaarboonii misoomsuu, qabeenya anniisaa qopheessuu fi sirna ujummoo isaanii babal’isaa jiru jedhan.

“Gama anniisaa filannoo fi qulqulluu, eegumsa naannoo, fi jijjiirama qilleensaa ittisuufis abdiin gaariin banamaa jira,” jedhan Puutiin.

Pirezidaantiin Raashiyaa akkasumas pirojektoonni indaastirii fi jalqabbii abdachiisaa ta’an hedduun gama tumsa dinagdee biyyoota lamaanii biroo keessatti akka jiran ibsuun, keessumaa hojiin kutaa bahaa Koridoorii Geejjibaa Idil-addunyaa Kaabaa-Kibbaa (INSTC) babal’isuuf hojjetamaa jiru hubachiisaniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti waraanni Bilxiginnaa walitti dhukaasuun wal ajjeesuu fi wal madeessuun himame

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Akeekaa fi kaayyoo tokko illee kan hin qabne waraanni sirna dhableessi bututtuu impaayera Itiyoophiyaa yeroo garaa garaatti sababoota adda addaa kanneen akka: faayidaa dhuunfaa, sabaan wal qooduu akkasumas dhugaatii alkoolii dhuganii machaa'anii walitti dhukaasuun wal ajjeesaa fi wal madeessaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan Sadaasa 24,2024 waraanni impaayerattii maqaa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun of waaman bulchiinsa magaalaa Jimmaa mooraa waraana Bilxiginnaa naannoo Saaris jedhamutti argamu keessatti sabaan wal qooduun dhukaasa wal irratti bananiin loltoonni 2 battalumatti yoo du'an, afur ammoo madoo ulfaataa madaa'uun Hospitaala magaalaa Jimmaa keessatti du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa magaalaa Jimmaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, sababni wal dhabdee isaanii gartuun dhalattoota Amaaraa ta'an finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman yoo dhaadessan, gartuun sabaan Oromoo ta'an ammoo mormuu irraan kan ka'e ta'uu himuun, dhukaasa hamaa dabalataan guyyaa itti aanu walii isaanii irratti bananiinis gama lachuu irraa namni tokko tokko du'uu fi namoonni madaa'an arfanuu dhalattoota Amaaraa ta'uus dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti milishaan PP sabaan Amaara ta'e tokko namoota hedduu gareen ijaaree hojii hannaa irratti bobbaasuun hawaasa nagaa saamaa fi doorsisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Leellistoonni sirna Minilik ilmaan habashootaa golee Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti duula duguugiinsa sanyii fi saamicha qabeenyaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiran jabeessuun godina Walloo magaalaa Kamisee keessattis gareen wal qindeessanii hawaasa nagaa doorsisanii saamuu cimsanii itti fufaniiru.

Bu'uuruma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti milishaan sirnichaa sabaan Amaaraa ta'e kan maqaan isaa Yusuf (Mudiir) jedhamu milishoota sabaan Amaara ta'anii fi uummata Amaaraa huccuu, kophee fi kkf magaalaa Kamisee keessatti gurguran gareen ijaaree hojii hannaa fi basaasummaa irratti bobbaasuun gama isaaniif danda'ame maraan uummata Oromoo irratti miidhaalee adda addaa akka raawwatan taasisaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM'tti himan.

Akka jiraattotni magaalichaa ibsanitti, milishaan PP sabaan Amaaraa ta'e kun baatii muraasaan dura magaalaa Kamisee keessatti hojii loojistikii hidhattoota Amaaraa Faannoof hojjechaa kan turee fi hawaasa Oromoo irratti ammoo namoota gareen ijaaree saamicha daangaa hin qabne gaggeessaa turuu himuun, boodarra ammoo hojiin isaa kun hawaasicha biratti irratti baramuu gaafa baru hidhattoota sirnichaatti dabalamuun leenjii milishummaa leenji'ee qawwee of harkaa qabutti dhimma ba'ee kan duraa caalmaatti gocha badii isaa hawaasa nagaa irratti raawwatu hammeessuu jiraattotni dubbatu.

Milishaan sirnichaa kun ilmaan habashootaa 5-10 ta'an qindeessee garee Mudiir jedhee maqaa itti baasuun hojii basaasummaa akka hojjetanii fi ilmaan Oromoo daldaltoota ta'an ammoo ukkaamsanii dhabamsiisuu fi qarshii guddaa harkaa akka saamaniif bobbaasee uummata nagaa saamsisaa kan jiru ta'uu dabaluun himan.
Yeroo daldaltootni kunneen maaliif saamamna nuti jedhanii dubbatanitti milishaan sirnichaa kun iddoo hojii isaanii deemuun afaan qawwee itti qabee asiin booda jecha akkasii dubbatu yoo ta'e gatii keessan isiniifan laadha jechuun doorsisaa jira kan jedhan daldaltoota magaalaa Kamisee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

News Report: Oromo Liberation Army Operations in Eastern Arsi Zone

ONM-ABO November 28, 2024

Operation in Guna District

The heroic Oromo Liberation Army (Amba Anole Brigade) of the Southeastern zone has inflicted casualties on enemy forces deployed on reconnaissance missions in the area.

On November 26, 2024, in the Guna district's local town of Wase Waqa Xera, the Oromo Liberation Army ambushed an enemy convoy, neutralizing 4 enemy combatants and injuring 9 others.

Operation in Munesa District

ONM-ABO November 27, 2024. The heroic Oromo Liberation Army (Nadhi Gamada Brigade) of the Southeastern zone has taken decisive action against enemy forces in various districts of the Eastern Arsi zone.

On November 26, 2024, the Oromo Liberation Army (OLA) engaged enemy forces who had turned schools into military bases to launch attacks against innocent civilians. In this surprise attack, the OLA neutralized 35 enemy combatants and seriously injured 22 others.

Additionally, the OLA captured 10 automatic rifles, 1 sniper rifle, 46 boxes of ammunition, and 1 communication device. After the battle, the OLA dislodged the enemy from their encampment and completely destroyed their camp. Enemy reinforcements deployed from Qarsa town were ambushed in Gujicha town, resulting in the neutralization of 11 additional enemy fighters and severe injuries to 7 others.

The enemy vehicles and their contents were also destroyed. On the same day, November 26, 2024, at 2:00 PM local time, the OLA engaged enemy forces in the Ziway Dugda district's local town of Adare Lephe. In this engagement, the OLA neutralized 7 enemy combatants and severely injured 13 others. The remaining enemy fighters were evicted from the camp and fled into various cities and towns.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti hidhaan uummata irratti jabaate

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Waraanni faashistii PP Sadaasaa 25,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa iddoo addaa Zoonii Gurraachaa jedhamu keessaa namoota nagaa 15 ol maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan jedhuun hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromootti himanii jiru.

Namoota hidhaman kanneen keessaa kan maqaa arganne:
1. Dukkoo Bunoo Ganamoo
2. Qaalloo Goobana Fuudhaboo
3. Shoree Daankiraa
4. Buzunaa Barii Ansulloo fi kanneen biroo maqaan isaanii nu hin ga'in akka jiran barameera.

Ona Bulee Horaa kana keessatti waraanni faashistii kun manneen qonnaan bultootaa qabeenya waliin gubuun loonis ooffatanii deemuu isiniif gabaasnee turre.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Harargee Aanaa Gooroo Guutuu keessatti dararaa fi saamichi maqaa garaa garaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Akkuma Haayile Sillaaseen "Oromoo waggaa dhibba duubatti hambifnee bituu qabna" jedhe Koloneel Abiy Ahimedis akkuma abboota isaa "yoo Oromoon na jalatti buluu dide waggaa dhibba tokkoo oliif akka hin kaanetti isinan cabsa" jedhee akkuma dhaadataa ture, abjuu isaa milkeessuuf uummata Oromoo gaaga'ama dinagdee fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan Bilxiginnaan gocha diinummaa hamaa uummata Oromoo godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu magaaalaa Qobboo ganda Baadiyyaa Gurjoo keessatti maqaa garaa garaa kanneen akka Buusaa Gonofaa, Nyaata Barattootaa, Gibiraa fi uffata milishaa jedhuun uummata homaa hin qabne nyaatee buluu illee hin dandeenye dirqiin gidirsuun maallaqa baasaa jechaanii jiraachuun dhagaa'ame.

Namoota qaama hir'uu ta'anii fi abbaan manaa irraa du'ee kophaa ijoollee guddisan haadha hiyyeessaa dalagachuu hin dandeenyee fi homaa tokkollee hin qabne osoo hin hambisin dirqisiisuun fidaa! yoo dhabdanis fira irraa barbaadaa fidaa! diddan ni hidhamtu, ni reebamtu jechuun doorsisaa turuun beekameera.

Kana malees erga abbaan lafa tokkotti gibira baasee booda ilmaanis lafuma kanatti atis gibira baasi namni walga'ii hin deemnee fi balbala qabu dirqama gibira baasuu qaba ittiin jechaa kan jiran yoo ta'u, nama dides mana hidhaa work shop keessatti hidhuun hiraarsuun booda maallaqa kaffalchiisanii baasaa akka jiran himu.

Namoonni uummata walga'ii waamuun dararaa jiran kunneen bulchaa gandaa kan maqaan isaa Shanuu jedhamu fi Abbaa Afooshaa nama maqaan isaa Ibsaa Maammadee Xahaa jedhamu akka caasaa isaaniif ta'utti filachuun ittiin uummata dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.


Miseensonni waraana Bilxiginnaa 2 Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa keessaa gooticha WBO'tti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Sabboontonni ilmaan Oromoo fedhaanis ta'u, dirqiin waraana ta'uun impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran cunqursaa olaantummaa ilmaan nafxanyaatiin mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti isaan irra gahaa oolu balfuun goleewwan Oromiyaa cufaa guyyaa guyyaan Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Biitee Dhaabaa mooraa waraana Bilxiginnaa mana barumsaa Kamsaa jedhamu keessaa Sadaasa 24,2024 miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii tokko qabachuun mooraa Bilxiginnaa onsanii qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacha taasisanii jiru.

Miseensoonni waraana PP duraanii kunneen sabaan Oromoo kan ta'anii fi ilmaan Oromoo haalli mijachuufii didee mooraa Bilxiginnaatti hafanii dararamaa jiranis lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachuu dhiisanii akka isaan dafanii yeroon meeshaa baatan qabatanii qabsoo saba isaaniitti makamaniif carraa argatan kanaan dhaamaniifii jiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Irree fi gaachanni sabaa WBO'n godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti humna diinaa irraa 35 ajjeesuun 22 madeessee meeshaalee waraanaa irraa hiikuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti diina dhukkee nyaachisuun ergamtuuwwan sirna dulluumaatti dhukkubbii mataa guddaa uumee jira.

Sadaasa 16,2024 aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubboo keessatti gugurraaleen Gaara Cilaaloo diina mana barumsaa keessaa barataa ari'uun mooraa godhattee uummata hiraarsaa jirtu itti marsuun rasaasaan akaa'ee loltoota Bilxiginnaa 35 irraa ajjeesuun 22 madeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10, isnaayippera 1 , gumbii 46, raadiyoo quunnamtii 1 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun mooraa ishees abiddaan barbadeesseera.

Humna reebuuf magaalaa Qarsaa irraa kaate ganda Gujichaa keessatti haxxee itti hidhuun loltoota 11 ajjeesee 7 madeessuun konkolaataa isheen ittiin dhufte lama hojiin ala gochuun baqachiisee gara magaalaa irraa kaateetti deebisee jira.

Ittuma fufuun cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Sadaasa 26,2024 galgala sa'atii 2:00 keessa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Adaree Leephoo keessatti mooraa isheen irra qubattee hojii dabaan halkanii fi guyyaa harmee boochisaa jiraattu wardiyyaan sabaa WBO'n itti dhaquun mooraa keessa olii gadi gugsee loltoota 7 ajjeessuun 13 madoon adabee kan gadi hafte mooraa keessaa baqachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.


Irree fi gaachanni sabaa WBO'n Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Cibraan Hambaa Aanoolee waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate Sadaasa 26,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Waasee Waaqan Xeeraa jedhamu keessatti tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 4 battalatti irraa ajjeesuun 9 madoon adabee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waraanni Bilxiginnaa Kaaba Shaggar Fiichee irraa gara Yaayyaa Guullalleetti Rookkeettii dhukaasaa jirti.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ህዳር 27-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የPP ታጣቂዎች በሰሜን ሸገር ዞን በኩዩ ወረዳ ከባድ መሳሪያዎችን በመተኮስ ህይወት እና ንብረት እያወደሙ ነው።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ተስፋ አስቆራጭ በሆነ መልኩ የፒፒ አምባገነን መንግስት በህብረተሰቡ ላይ እንዲተኮሱ ትዛዝ በመስጠት ነዋሪዎች ላይ የጦር መሳሪያ መጠቀሙን ቀጥሏል።

ጨቋኙ የፒ.ፒ. አገዛዝ በጦር ሜዳ ሳይቀር ከባድ መሳሪያዎችን በመጠቀም በሰሜን ሸገር ዞን ዱግዳ በርካታ አካባቢዎች በሰላማዊ ሰዎች ላይ በጥይት በመተኮስ ህይወት እና ንብረት እየወደመ መሆኑን ምንጮቻችን ገለጹ።

ህዳር 23 ቀን 2024 ዓ.ም የኩዩ ወረዳ ነዋሪዎች እንደተናገሩት ሁሉም የገጠር መንደሮች በተተኮሰው ተኩስ የህዝቡን ንብረት መውደሙን ተከትሎ ነው።

በኩዩ ወረዳ በገብረ ጉራቻ ከተማ የአሸባሪው አገዛዝ ተስፋ ቆርጦ በገብረ ጉራቻ ከተማ የሚገኘውን የውሃ ማጠራቀሚያ ላይ ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም በማጥቃት ህዝቡን ለማህበራዊ ችግሮች ማጋለጡን ነዋሪዎች ይናገራሉ።

ይህ ጨካኝ አገዛዝ በህይወት እያለ በኦሮሞ ላይ እየደረሰ ያለው ስቃይ እና ውድመት በቀላሉ የሚቆጠር አይደለም።

ከጊዜ ወደ ጊዜ ኦሮሞን እና ኦሮምማንን የማጥፋት ዘመቻ ከህፃናት እስከ አረጋውያን ፥ ከወጣት ሴቶች እስከ እናቶች ድረስ እየገደለና እየደፈረ ይገኛል።

የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት አገዛዙ አሁንም ስራውን እንደቀጠለ እና ኦሮሞን ባገኘው ቦታ እየገደለ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ የፋሽስቱ ጦር የህዝብ መኖሪያ ቤቶችን አቃጥሏል።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና ማፍያ ቡድን የህብረተሰቡን ልብ ለመስበር እና የስልጣን እድሜውን ለማራዘም የሚፈልገው በኦሮሞ ህዝብ እየገደለ፣ እያሰረ፣ እየዘረፈ እና ቤት እያቃጠለ ነው።


በዚህም መሰረት በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ ጨሪ ሰጰሊሳቲ ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የፒፒ ጦር የገበሬዎችን ቤት አቃጥሎ ንብረታቸው ወድሟል።


ቤታቸው ከተቃጠለባቸው ሰዎች መካከል፡-
1. ጉዬ ቲኮ ዎቲቻ
2. ገሮ አንሲሎ ኑኤ ናችው።

ቤቶችን ከማቃጠል በተጨማሪ የአርሷ አደር የቀንድ ከብቶችንም ዘርፈው መሄዳችው ተገልፆዋል።


እነዚህ ከብቶቻቸው ከተዘረፈባችው ሰዎች መካከል:-
1. ዳምጤ አንሲሎ ኑኤ
2.በሪ አንሲሎ ኑኤ እና ከሌሎችም ስር ከ40 በላይ የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ገልፀው በዛው መንደር ደግሞ ከ15 በላይ የሚሆኑ ሰዎች ያለ ምንም ጥፋት ተይዘው ታስረዋል።

የፒፒ ጦር በእነዚህ ወር ውስጥ በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ አውራጃ ውስጥ ከ300 በላይ ቤቶችን አቃጥለው አውድሞዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ወለጋ ዞን በቆንዳላ፣ ቤጊ እና ሰዮ ኖሌ ወረዳዎች እስሩ፣ ዘረፋ፣ ቤት ማቃጠል እና በሰላማዊ ሰዎች ላይ ግድያ ቀጥሏል።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኦሮሚያ የፋሺስት ጦር በህብረተሰቡ ላይ ዘረፋና ንብረቱን እይወደመ ባለበት በአሁኑ ወቅት ወታደሮቹ በገጠር መንደሮች በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አሰሳ ስም ንፁሀንን እያንገላቱ ይገኛል።

በዚህም መሰረት ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የአቶ ሸረፈዲን ጉተማን ቤት ከነ ሙሉ ንብረቱ አቃጥለው ከአቶ ወጋ ፍቃዱ ስር 2 በሬዎችን አርደው በልተው በካባቺ ዱሜ መንደር የአቶ ተረፈ ገለታ ስር ቤት ንብረቱን በእሳት አቃጥለዋል ሲሉ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግሯል።

በግድያው ዜና ራማታል ስይድ የተባለ አርሶ አደር ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም በቤጊ ወረዳ ሎጲ መንደር በጥይት ሲገደል ናነስረላ መሃመድ ደግሞ በቢላ ተወግቶ ከባድ የአካል ጉዳት ደርሶበት በቤቱ በር ላይ ተጥሎ ተገኝቶዋል።


ነዋሪዎቹ አክለውም ይህ ዘገባ እስከተጠናቀረበት ጊዜ ድረስ የነስረላ ህልውና በጣም አሳሳቢ ነው ብሎል።


የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ተላላኪዎች በመንደር ግንባታ ስም በአማካይ 1,500 ብር ከእያንዳንዱ እየሰበሰቡ መሆናቸውን በሰዮ ኖሊ ወረዳ ኦለማ አባ ገልሞ መንደር የሚኖሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ እንደ ወረዳው ሁሉ የሰው በላ ተኩላዎች በተለያዩ ጊዜያት በተለያዩ የክፍያ ዓይነቶች ህብረተሰቡን እያሰቃዩ ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee Aanaa Aqaaqii Qaalittiitti waraanni garee goolessaa PP mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun dhaga'ame


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Sirni dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin teessoo impaayerattii bute bilxiginnaan, uummata Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa isaa erga deebisuu dadhabee afaan qawweetti amanee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.

Uummata Oromoo haamilee gaaffii mirgaa cabsuuf halkanii fi guyyaa kan hojjetu sirni maafiyaan PP dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun kan teessoo kiyyatti yaaddoo ta'u danda'u jedhu hidhaatti guuruu fi ajjeessanii waakachuun qaama biraa maqaa balleessuu fi dhugaa uummataa awwaaluun soba lafarra hin jirre jiraachiisuudhaan odeessaa oolu.

Bifuma kanaan Finfinnee aanaa Aqaaqii Qaalittii ganda Odaa Kattichaa jedhamu keessatti Sadaasa 24,2024 mana qonnaan bulaa maqaan isaa Urgeessaa jedhamu meeshaa mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin midhaan boqqolloo waliin ibiddaan gubuu jiraatonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti yaada isaanii ibsanitti Urgeessaan nama hojii qonnaa malee siyaasa kam keessaayyuu harka hin qabne ta'uu himuun, sirni bilxiginnaa uummata dirqamaan afaan qawweetiin bulchuuf doorsisa isaanii kan yeroo kamuu caalaa geggeessaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godinaalee Oromiyaa cufa keessaa waraanni maafiyaan PP ilmaan Oromoo gara leenjii waraanaatti guuruu cimsee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Murnoonni Bilxiginnaa dhiiga ilmaan Oromoon gara aangootti ba'uun afaaniin hawaasa sobaa, faallaa kanaa immoo gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne guyyaa guyyaan raawwachaa kan jiran yoo ta'u, godinaalee Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, ergamtoonni PP godina Jimmaa aanaalee adda addaa irraa dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun kanneen hedduu ta'an irraa immoo qarshii matta'aa gaafataa kan jiranii fi kan qarshii kaffaluu hin dandeenye ammoo kallattiidhumaan gara leenjii waraanaatti fe'aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

kana malees godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii gandoota hunda irraa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 23,2024 uummata hojii idilee isaa hojjetee jiraatu jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta'u, ganda Giraayii Somboo irraa nama 113, ganda Giraayii Biishaa irraa nama 73, ganda Afteer irraa nama 35 olii fi gandoota biroo irraas jiraattota dirqamaan reebicha ulfaataa irraan gahuun "humna waraanaa taatu" jedhanii utuu uummanni fi maatiin ijoollee harka qalleeyyii ta'anii duukaa fiiganii iyyanii fe'anii deemuu jiraattonni nuti dubbisne ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Kutaalee impaayerattii hunda keessaa leellistoonni sirna moofaa sabboontota ilmaan Oromoo qofa adamsuun akka dallaa horiitti mana hidhaatti naquun dararaa jiraachuun ni beekama.

Aanaa Baakkoo Tibbeetti jiraattota magaalaa Baakkoo Tibbee kan ta'an konkolaachisaa maqaan isaa Biraanuu Tafarii fi obboleessuma isaa kan ta'e gargaaraa konkolaachisaa Habtaamuu Tafarii kan jedhaman konkolaataa deddeebisaa uummataatiin magaalaa Baakkoo fi ganda Guddina Biyyaa gidduu uummata kan deddeebisan ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee "WBO'f dhiyyeessii dhiyyeessitu" jechuun Sadaasa 25,2024 daandii gubbaatii qabanii uummata irraa harcaasuun konkolaataa waliin waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan.

Kana malees namoota maqaan isaanii:
- Iyyaasuu Guddumaa,
- Misgaanaa Camadaa fi
- Camadaa Irranaa kanneen jedhaman guyyuma kana magaaluma Baakkoo keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Namoonni kunneen badii tokko malee sababa 'Oromummaa' isaanii qofaaf yakkamuun akka hidhaman itti dabaluun ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Saamichi maqaa gibiraa fi hidhaan maqaa maatii qabsaa'otaatiin jiraattota godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gaafatamummaa, dhugummaa, nagaa waaraa, qajeelfama bulchiinsa haqaa fi dubbiin sirriin bulchiinsa Bilxiginnaa keessatti kan hin mul'anne hawaasni nagaan ajjeefamuu, saamamuu fi hidhaan Oromiyaa keessatti dararaa argaa jira.


Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Toobbii keessaa maqaa kaffaltii gibiraan waraanni garboomfataan PP torbanoota kana keessa hawaasa irraa qarshii 500 kaasee hanga 1000'tti dirqiin saamaa jiraachuun ibsameera.

Keessattuu abbootii afooshaa irraa qarshii 2000 dirqamaan fuudhaa kan jiran ogguu ta'u, maatiin harka qalleeyyiin qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban manneen hidhaatti guuramaa jiraachuun addeeffameera.

Kana malees onicha keessaa barattoonni sadarkaa barnootaa 10 hanga yuuniversitiitti barachuun fixanii hojii dhabuun mana jiran dirqamaan gara bulchiinsa magaalaa Begiitti guyyaa kaleessaa guuramuun dhimma Bilxiginnaa deggeruu barsiifamaa turuu maddeen magaalaa Begii ONM ifoomsaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanaa Begii ganda Abshaala Diinqaa jedhamu keessaa Sadaasa 24,2024 halkaniin itti dhaquun namoota maqaan isaanii:
- Musliim Umar Shariif,
- Saadiyyaa Baabakirii fi
- Obbo Ahimed Shariif jedhaman maqaa "ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa hogganaa waraanaa Miyanmaaritti ajaja hidhaa gaafate

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) Roobii kaleessaa hogganaa waraanaa Miyanmaar Min Aung Hilaying yakka dhala namaa irratti raawwateen ajaja hidhaa akka barbaadu ibseera.

Amma gareen abbootii murtii sadii of keessaa qabu, Jeneraal Min Aung Hilaying biyyaa ari’uu fi ari’atama Rohingiyaa Miyanmaar fi Baanglaadeesh keessatti raawwatameef itti gaafatamummaa yakkaa qaba jedhanii amanuuf “sababoonni madaalawaa” jiraachuu isaanii yoo walii galan murteessu.

Murtee isaaniif yeroon murtaa'e hin jiru garuu akka waliigalaatti ajaja hidhaa kennuu irratti murtii kennuudhaaf naannoo ji'a sadii fudhata.

Dubbi himaan mootummaa biyya bulchaa jiru Miyanmaar erga labsamee booda battalumatti mootummaa waraanaa irraa yaada kennuudhaaf bilbila gaafatameef deebii hin kennine.

Waajjirri abbaa alangaa ibsa kenneen, qorannoo bal’aa, walabaa fi loogii hin qabne erga gaggeeffamee booda ajaja kana barbaadaa akka jiru ibseera. Iyyannoowwan ajaja hidhaa dabalataa akka hordofan ibseera.

Duula qorattoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun “yaada duguuggaa sanyii” jedhuun raawwatame jedhan kanaan Muslimoonni Rohingiyaa 730, 000 ol gara Baanglaadeesh baqataniiru.

Miyanmaar harki caalaan amantii Budiistotaa taatetti Miyanmaar himannaa duguuggaa sanyii kan haaltu yoo ta’u, yeroo hunda shororkeessitoota irratti hojii waraanaa raawwadhe jechuun lammiilee nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne dubbatti.

Miyanmaar miseensa ICC waliigaltee irratti hundoofte miti, garuu abbootiin murtii murtii bara 2018 fi 2019 keessa manni murtichaa yakka daangaa qaxxaamuraa gartokkoon miseensa ICC ollaa Baanglaadeesh keessatti raawwatame jedhame irratti aangoo akka qabu ibsuun, abbootiin alangaa qorannoo idilee banuu akka danda’an himaniiru.

“Kun iyyata ajaja hidhaa qondaalota mootummaa sadarkaa olaanaa Miyanmaar irratti Waajjirri koo galmeessaa jiru isa jalqabaati. Dabalataanis ni hordofa,'' jedha ibsi abbaa alangaa ICC jechuun Rooyiters magaalaa Heegi irraa gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Dararmni hamaan jiraattota godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti humnoota finxaaleeyyii Amaaraa fi Bilxiginnaan raawwatamu yaaddoo ta'e

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gara jabeeyyiin ilmaan Minilik finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru.

Konkolaataa uummataa Sadaasa 24,2024 aanaa Haroo Limmuu irraa gara magaalaa Naqamtee deemaa ture aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo bakka addaa laga bishaan Gonfaa jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho'an dhukaasa konkolaataa uummataa irratti bananiin namoonni hedduun madaa'uun, dargaggoon Oromoo tokko lubbuun darbee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen itti dhiheenyaan beekan himanitti, haleellaa gara jabeeyyiin Amaaraa kunneen yeroo yeroon aanichatti geggeessaa jiraniin hawaasni Oromoo garmalee miidhamaa kan jiru ta'uu himuun, guyyaa dheengaddaa immoo dhukaasa finxaaleeyyii kanaan konkolaataan rukutamuun gargaarsa waaqaa fi ga'umsa konkolaachisaa sanaan lubbuun namoota hedduu bararamuu dubbatu.


Dabalataan Aanaa Billoo Boshee ganda Caffee Konchii jedhamu irraa Sadaasa 23,2024 namoota maqaan isaanii:
- Jaallataa,
- Toleeraa,
- Misgaanuu Irranaa,
- Baatiree,
- Ayyaanaa fi
- Lachisaa Waaqjiraa kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira ganda Bonayyaa Soskootti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaadhuma kana ganda Bonayyaa Soskoo jedhamu irraa ammoo guyyuma kana nama maqaan isaa Maammudee Raggaasaa jedhamu hidhanii dararaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Boolloo jedhamu irraa Sadaasa 26,2024 maanguddoo maqaan isaanii Aadde Caaltuu Hiikaa jedhaman hidhaatti darbachuun, Obbo Eebbisaa Taaffasaa jalaa ammoo meeshaalee mana keessaa caccabsanii mancaasuun qarshii 800 saamanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun Gammachuu Fayisaa kan jedhamus mana jireenyaa isaa cabsanii seenuun meeshaalee mana keessaa tokko osoo hin hambisin mancaasuun kaan ammoo saamanii jiraachuun ibsameera.

Gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii kan turan namoota baay'inaan 45 ol ta'an waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun humnaan waraqaa fi kobbee itti kennuun leenjisaa kan jiran ta'uu maddeen itti dhiheenyaan beekan himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaa fi Horroo Bulluqitti waraanni PP dararaa uummata irraan ga'u hammeessuun loon uummataa hidhan

ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Gara jabeeyyiin akka bineensaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii hidhaatti guuraa kan oolan itti xiqqaannaan yeroo ammaa ammoo waanuma takkaa ta'ee hin beekne kalaquun "horii isaanii qabnaan ni dhufu" yaada jedhuun horii hawaasaa qabanii mana hidhaatti naqanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa Sadaasa 20,2024 akkasumas ganda Abbillee Igguu irraa ammoo sadaasa 21,2024 horii 70-80 kan ta'u oofuun Waajjira Poolisii bulchiinsa magaalaa Saqalaatti mana onaa keessatti itti cufanii achitti bishaanii fi marga dhabuun mar'achaa kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti, magaalaa Saqalaa keessatti hanga gabaasni kun qindaa'etti horiin 70-80 ta'an bishaanii fi marga malee akka jiran dubbatu.

Godinichuma aanaa Kombolchaa ganda Illaammuu Xaraqoo keessaa nama maqaan isaa Naggasaa Waaqtolee jedhamu ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 24,2024 badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, Naggasaan nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa waliin jiraatu faana illee kabajaa fi jaalalaan kan jiraatu ta'uu himuun, loltoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun bakka ooyiruu isaa irraa oomisha walitti qabachaa osoo jiruu ukkaamsuun hidhuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise


ONM -ABO Sadaasa 27, 2024 Abdii fi wanteen sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tiksitoota impaayera Itiyoophiyaa maqaa sakattaa WBO jedhuun ajaja dabaa qaama isaanii olii irraa fudhatanii bobbaafaman golee Oromiyaa mara keessatti adaba isaaniif malu kennuufiin injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.

Akkuma kanaanis WBOn Zoonii Kaabaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa bakkoota garaagaraatti har'a Sadaasa 27,2024 ganama sa'a 4:00 irraa eegaluun lola humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa ergamtoota maafiyaa PP waliin bakkoota akka Mudhii Hadhoo, Arja'oo fi Baddannoo jedhamutti taasisaa tureen humna diinaa irraa 14 ol ajjeesuun madoo hangi isaa adda hin baaneen adabeera.


Tarkaanfii keessa deebii hin qabne Humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa waraana weerartuu Abiy Ahimed kan maqaa sakattaa WBO jechuun magaalaa Sanbatee, magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit irraa ba'uun bobbaate kana irratti fudhateen humni faashistii PP kun baaragdee bibttinnaa'uun of booda deebitee bifa haaloo ba'annaatiin hawaasa nagaa reebaa turuun addeeffameera.


Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️


Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ትራምፕ በመጀመሪያ ቀናቸው ቻይና፣ ካናዳ እና ሜክሲኮ ላይ ታሪፍ ለመጫን ቃል ገቡ።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).


ተመራጩ የአሜሪካ ፕሬዝደንት ዶናልድ ትራምፕ ሥልጣን በጨበጡ በመጀመሪያ ቀናቸው ቻይና፣ ካናዳ እና ሜክሲ ላይ ታሪፍ እንደሚጥሉ ቃል ገብተዋል።

ትራምፕ ይህን የሚያደርጉት በሕገ-ወጥ መልኩ ወደ አሜሪካ የሚገቡ ሰዎችን ለመግታት እና የአደገኛ ዕፅ ዝውውርን ለመከላከል እንደሆነ ተናግረዋል።



በአውሮፓውያኑ ጥር 20 ሥራቸውን የሚጀምሩት ትራምፕ በመጀመሪያው ቀናቸው ከካናዳ እና ሜክሲኮ የሚገቡ ምርቶች ላይ የ25 በመቶ ታሪፍ የሚጭን ትዕዛዝ እንደሚፈርሙ አስታውቋል።


የተሰናባቹ ፕሬዝደንት ባይደን አስተዳደር ፌንታኒል የተባለውን ዕፅ ለመሥራት የሚሆኑ ምርቶችን ማምረት እንድታቆም ቻይናን መማፀኑ ይታወሳል።


ዋሺንግተን እንደምትለው ባለፈው የአውሮፓውያኑ ዓመት ብቻ በፌንታኒል ምክንያት 75 ሺህ አሜሪካዊያን ሞተዋል።



ካናዳ እና ሜክሲኮ በሕገ-ወጥ መልኩ ወደ አሜሪካ የሚመጡ ስደተኞችን እስኪያስቆሙ እንዲሁም ፌንታኒል የተባለው ዕፅ ወደ አሜሪካ እንዳይገባ እስኪያግዱ ድረስ ታሪፍ ተጥሎባቸው ይቆያል።


ትራምፕ ትሩዝ ሶሻል በተሰኘው ማኅበራዊ ሚድያቸው ነው ይህን ያስታወቁት።ነ “ሜክሲኮ እና ካናዳ ይህን ሥር የሰደደ ችግር የመቅረፍ ኃይል አላቸው” ብለዋል።


“አሁን ጊዜው እነሱ ከባድ ዋጋ የሚከፍሉበት ነው!”


ትራምፕ የቤይጂንግ ባለሥልጣናትንም ወርፈዋል። እሳቸው እንደሚሉት የቻይና ባለሥልጣናት ፌንታኒል የተባለውን ዕፅ የሚያመርቱ ሰዎች በሞት ለመቅጣት ቃል ገብተው ነበር።



በዋሺንግተን የቻይና ኤምባሲ ቃል አቀባይ “ቻይና ሆን ብላ ፌንታኒል ወደ ዩናይትድ ስቴትስ እንዲገባ እያስደረገች ነው የሚለው ሐሳብ በፍፁም ውሀ የሚያነሳ አይደለም” ሲሉ ለኒዮርክ ታይምስ
ተናግረዋል።


“ቻይና የምታምነው የቻይና-አሜሪካ ምጣኔ ሀብታዊ እና የንግድ ግንኙነት ለሁለቱም ሀገራት ጠቃሚ እንደሆነ ነው። በንግድ ጦርነት አሊያም በታሪፍ ጦርነት ማንም አያተርፍም” ብለዋል።


ትራምፕ በምርጫ ዘመቻቸው ወቅት ሜክሲኮ እና ቻይና ላይ እስከ 100 በመቶ የሚደርስ ታሪፍ እጥላለሁ በማለት ሲያስፈራሩ ተሰምተዋል።


አክለው ቻይና ከእንግዲህ በኋላ በንግዱ ዘርፍ ከአሜሪካ ልዩ ስፍራ የሚሰጣት ሀገር አትሆንም ሲሉ ለቻይና የሚሰጠው ቦታ እንደሚቀንስ ጠቆም አድርገው ነበር።



የቻይና ምጣኔ ሀብት በተለያዩ ምክንያቶች እየተንገዳገደ ባለበት ወቅት ነው አዲሱ የትራምፕ አስተዳደር ታሪክ ለመጫን ቃል የገባው።


የንብረት ገበያ መዳከም፣ የሀገር ውስጥ የመግዛት አቅም መቀነስ እና መንግሥት ከሀገር ውስጥ የወሰደው ብድር መጨመር የቻይናን ምጣኔ ሀብት እየተፈታተኑት ይገኛሉ።


አዲሱ የትራምፕ የታሪፍ ጭማሪ ዩኤስ-ሜክሲኮ-ካናዳ የገቡትን ዩኤስኤምሲኤ የተባለ ስምምነት የሚሽር ነው።

ይህ ትራምፕ የፈረሙት ስምምነት ወደ ተግባር የገባው በአውሮፓውያኑ 2020 ሲሆን ሶስቱ ሀገራት በመካከላቸው ነፃ የሆነ ንግድ እንዲያደርጉ የሚያግዝ ነው።


ትራምፕ የታሪፍ ጭማሪ ለማድረግ ቃል ከገቡ በኋላ ከካናዳው ጠቅላይ ሚኒስትር ጀስቲን ትሩዶ ጋር በንግድ እና የድንበር ጉዳዮች በስልክ ማውራታቸውን ኒዮርክ ታይምስ የዜና ወኪል ዘግቧል።


ትራምፕ ሶስቱ ሀገራት ላይ ታሪፍ ጨመሩ ማለት ወደ አሜሪካ የሚገቡ ዕቃዎች ላይ የዋጋ ጭማሪ ይደረጋል ማለት ነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን ሱዲ ወረዳ የብልፅግና ተላላኪዎች ነዋሪዎችን እየዘረፉና እያሰሩ ለውትድርና ማሰልጠኛ ቀጥለዋል።

ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በምስራቅ አርሲ ዞን የሱዲ ወረዳ ነዋሪዎች እየተዘረፉ እና እየታሰሩ ለወታደራዊ ስልጠና እየተመለመሉ ነው።


ባሳለፍነው ሳምንት የቻሉትን ያህል ገንዘብ በቡሳ ጎኖፋ ስም ሲዘርፉ ቆይተዋል። ከህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ እንደ ቀይ መስቀል እና ስፖርት ባሉ ሌሎች የክፍያ ዓይነቶች ስም ከእያንዳንዱ ሰው 1070 ብር በግዳጅ እያስከፈሉ እንደሚገኝ።

ህብረተሰቡ የሚበላው አጥቶ በክፍያ እጦት እየተሰቃየ መሆኑን የገለጹት ምንጮቻችን የተጠቀሰውን ገንዘብ የማይከፍል ሰው 5000ብር እንደሚቀጣ የአገዛዙ ወኪሎች ከፍተኛ ዛቻ እየሰነዘሩ መሆኑን ገልጸዋል።


በተጨማሪም በወረዳው በነዋሪዎች ላይ እየደረሰ ያለው አፈናና የውትድርና ስልጠና ቀጥሏል ሲሉም አክለዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምእራብ ሸገር ዞን የጅባት ወረዳ ነዋሪዎች በብልፅግና አንጃዎች መዝረፍ፣ድብደባ እና እስራት ገጥሟቸዋል።


ህዳር 27 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኮሎኔል አብይ አህመድ የሚመራው ፋሽስታዊ ቡድን ህገ መንግስቱንና ህግጋቱን ​​እንዲሁም ህዝብን በኢኮኖሚ ለማዳከም ዝርፊያውን አጠናክሮ ቀጥሏል.

የኢትዮጵያ ኢምፓዬርን ለመጠገን እየሞከረ ያለው ቡድን ህዳር 19 ቀን 2024 ዓ.ም በምዕራብ ሸገር ዞን ጅባት ወረዳ ሙንዮ አባዪ መንደር ዋንጂ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ከደረጄ ኡርጌሳ ስር ሙሉ ንብረቱን መዝረፋችውን ተናግረው ከወይዘሮ ብርሀኔ ኪታባ ስር የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውንም ምንጮቻችን አክሎል።

ተወካዮቹ ማሰቃይታችውን በመቀጠል ብርሀኔ ለቺሳ እና ፋንቱ ለቺሳ የተባሉ ሴት ልጆችን በተመሳሳይ 30 በጎችን ዘርፈው መሄዳችውን ነዋሪዎች ገልፆዋል።


ህዳር 18፣ 2024 ዓ.ም በሙንዮ አባይ መንደር ኦሚ በሚባልበት ልዩ ስፍራ አቶ በቀለ ጨመዳእና ታፈሰ መገርሳ የተባሉ ንፁሃን ሰዎችን ወደ እስር ቤት መወርወራችው ተነግሮዋል።

ምንጮቻችን አክለውም በሚገኘው ጋሞ ጂባት መንደር ሉጮ በሚባልበት ልዩ ስፍራ የአገዛዙ ተላላኪዎች አቶ ዳንኜ ጋትራ እና አለማዮ ጋትራን ማሰራችውን እና ማሰቃየታችውን ቀጥሎል።



እንደ ምንጮቻችን ገለጻ ግፍ የተፈፀመባቸው ሰዎች በሙሉ ወንጀለኛ ሳይሆኑ፣ በኦሮሞነታቸው ብቻ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም ነው እየተሰቃዩ የሚገኙት።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Buqqaatiin Afrikaa waggoota 15 keessatti dachaa sadii dabaluun miiliyoona 35 ga'e


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota buqqanii waggoota 15 keessatti dachaa sadii dabaluudhaan miiliyoona 35 akka ga’e Giddu-galli Hordoffii Buqqa’iinsa Idil-addunyaa (IDMC) gabaasa Kibxata kaleessaa baaseen beeksiseera.

Gareen kun bara 2009 - 2023tti Afrikaa keessatti buqqa’iinsi sababa walitti bu'insaa fi jeequmsaan ka'uu akkasumas lakkoofsi namoota balaa baqachuuf dirqamaniis saffisaan dabalaa jira jedheera.

Buqqaatonni biyya keessaa (IDP) miiliyoona 32.5 walitti bu’iinsaa fi jeequmsaan kan buqqa’an yoo ta’u, %80 immoo biyyoota shan kanneen akka: Koongoo, Itiyoophiyaa, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Sudaan keessatti kan walitti qabaman ta’uu ibseera.

Waliigalteen Gamtaa Afrikaa Eegumsaa fi Gargaarsa Buqqaatota Biyya Keessaa Afrikaa, waliigaltee Kaampaalaa jedhamuun kan beekamu, bara 2009 mallattaa’en, Afriikaan buqqa’iinsa biyya keessaa furuuf guddina sadarkaa duraa irra kaa’eera jedhee ture.

Aleeksaandiraa Bilak, daayreektarri IDMC akka jedhanitti haalli Afrikaa “guutumaan guututti murteessaadha, garuu abdii kan hin qabne miti,” jedhan.

''Ardii kana irratti mootummoonni hundee isaa furuuf hojjetan fakkeenyota gaarii hedduutu jiru. Dhimma kana irratti abbummaa qabaachuun isaanii fi hawaasni addunyaa tattaaffii isaanii deeggaruun barbaachisaa dha”, jette.

Gabaasni IDMC qaama Mana Maree Baqattoota Noorweey (NRC) ta’e akka agarsiisutti, buqqa’iinsi Afrikaa jireenya, eenyummaa, aadaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa hawaasa guutuu jeequun, qormaata bal’aa irraa bu’aa badaa akka isaan mudatu taasisa.


IDMCn mootummoonni ijaarsa nagaa, tarkaanfii haala qilleensaa fi misooma itti fufiinsa qabuun konkolaachiftoota buqqa’iinsa bu’uuraa ta’an furuuf waadaa galan dachaa akka dabalan gaafateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Kaaba Shaggar Ona Kuyyuu keessatti hidhattoonni PP meeshaa gurguddaa dhukaasuun lubbuuf qabeenyaa uummataa irraan miidhaa geessisuu jabeessanii itti fufanii jiru


ONM-ABO Sadaasa 27,2024 Duula ijibbaataa jabaa uummata Oromoo irratti meeshaalee qabu cufaan tarkaanfii fudhachuu jabeessuun uummata nagaa qe'ee fi qabeenyaa isaanii irratti lubbuu fi qabeenyaa isaanii ala gochuu jabeessee itti fufee jira.


Godina Kaaba Shaggar onoota hedduu keessatti sirni cunqursaan abbaa irree PP meeshaalee gurguddaa dirree waraanaa irrattiyyuu fayyadamuun seera addunyaan dhorkamaa ta’e uummata nagaa irratti dhukaasee lubbuuf qabeenya namaa barbadeessaa jiraachuu jiraattonni himatu.



Sadaasa 23,2024 ona Kuyyuu gandoota Baadiyyaa hunda jechuun kan dandaa’amu dhukaasa meeshaalee gurguddaa kana itti dhukaasuun namoota oomisha ooyiruu irraa sassabachaa jiran meeshaa gurguddaa kana irratti dhukaasuun midhaan isaanii jalaa mancaasuu dubbatan.



Ona Kuyyuu magaalaa Garba-Gurraachaattis sirni shororkeessituun abdii ofirraa muratte kuusaa bishaanii magaalaa Garba-Gurraachaa keessa jiru Sadaasa 25,2024 rukutuun akka uummataaf tajaajila hin kennine gochuun rakkoof saaxilanii jiraachuus dabaluun himaniiru.

Читать полностью…
Subscribe to a channel