Israa’el waraana duguuggaa sanyii Gaazaa irratti geggeessitu osoo hin hir’atin itti fuftee jirtuun lammiilee Falasxiinotaa dabalataa 19 ajjeeste
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Waraanni Israa’el Kamisa kaleessaa haleellaa qilleensaa guutuu Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 19 ajjeese.
Namoonni ijaan argan Anadolutti akka himanitti, Israa’el kaaba Gaazaa naannoo Pirojektii Beyit Lahiya keessatti haleellaa qilleensaa Israa’el mana maatii “Sahwayil” fi “Zaqqoyut” lama ta’an irratti raawwateen lammiileen Falasxiin afur ajjeefamaniiru.
Haleellaan meeshaa waraanaa Israa’el itti fufee waan jiruuf lammiin Falasxiin biraa kaaba magaalaa Gaazaa naannoo Saftaawii keessatti ajjeefame.
Giddugaleessa Gaazaa keessatti haleellaa xiyyaaraan Israa’el mooraa baqattootaa Nuseyirat keessa jiru irratti raawwatteen lammiileen Falasxiin torba ajjeefamuu maddi yaalaa Anadolutti hime.
Waraanni Israa’el naannoo kaaba dhiha Nuseyirat irratti dhukaasa meeshaa waraanaatiin boombii roobsuu itti fufuu isaa maddeen biyya keessaa ni mul’isu jechuun Anaadooluun gabaaseera.
Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti dhukaasa meeshaa gurguddaa ZU-23 murni Bilxiginnaa hawaasa irratti dhukaaseen lubbuun namootaa darbe
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Meeshaa gurguddaa silaa daangaan ittiin eegamu murni maafiyaa PP ammoo lammilee dhuma bulchaan jira jedhutti deebisuun waggoottan jahan darbanii kaasee duguuggaa raawwachaa jiruun lubbuun namaa darbaa fi qabeenyaan namootaa guyyuu manca'aa oola.
Uummata nagaa meeshaalee gurguddaan lafa irraa duguugaa kan jiru murni maafi'aan PP kun afaaniin ammoo miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabuun waa'ee nagaa lallabaa harka lafa jalaan gochaan ammoo ajjeechaa raawwatu jabeessee jira.
Sadaasa 28,2024 dhukaasa meeshaalee gurguddaa ZU-23 jedhamuun beekamu hawaasa godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Bachoo keessatti dhukaasaa oolaniin namoota Xaafii haammachaa jiran irratti bu'een battalumatti namoonni shan ajjeefamuun jaha madaa'anii jiraachuu jiraattonni himan.
Akkasumas qabeenyaan namootaa illee kan manca'e ta'uu himuun, namoonni maqaan isaanii:
Firee Zallaquu Alamuu,
Dammaa Baqqalaa,
Gazzee Solomoon fi
Mushurashee Mo'ee kanneen jedhaman kanneen battalumatti ajjeefaman ta'uu jiraattonni himan.
Namoonni ajjeefaman hedduu ta'uu fi hanga gabaasni kun qindaa'etti namoonni jaha ammoo madoo ulfaataa madaa'anii akka jiran himanii, kanneen madaa'an ammoo yaala gahaa argachaa akka hin jirre dubbataniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdootti dargaggoonni Oromoo haala suukkanneessaan hidhattoota PP'n yoo ajjeefaman, Aanaa Qondaalaatti hidhaan jabaate
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti quucarsan tarsiimoo garaa garaa baasaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa hawaasni hin qabneen yakkuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Oromiyaa keessatti hireen dargaggoota Oromoo jumlaan ajjeefamuu fi dirqamaan funaanamuun adda waraanaatti guuramuu erga ta'ee waggoonni jaha darbanii jiru.
Aanaa Yuubdoo ganda Ciisaa Boorrii keessatti dargaggoota eegeree biyyaaf abdii ta'an akkasumas humna biyyaaf dagalee ta'uuf abdataman sadii ganda Alakuu Guutee irraa Daani'el Waltajjii Bajuuraa, ganda Calleyaa Geetaanoo irraa Eliyaas Darajjee Qixxeessaa fi ganda Alakuu Guutee Bunarraa irraa Daani'eel Baacaa Sadaasa 26,2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bosonatti gatuun beekamee jira.
Dargaggoonni kunneen balleessaa qabataniif osoo hin taane maqaa siyaasa kiyyatti buutan jedhuun ol adeemtoota kanneen guyyaa saafaa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekamee jira.
Aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo keessaa ergamtoonni maafiyaa PP Sadaasa 25,2024 nama maqaan isaa Obbo Abdallaa Muusaa jedhamu jalaa loon 23 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen maatii kana irratti erga saamicha raawwataniin booda mucaa Obbo Abdallaa kan ta'e Yesuuf Abdallaa ammoo guyyuma kana fuudhanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanichatti dararaa fi doorsisni maatii qabsaa'otaa irratti maqaa "ilmaan keessan fidaa galchaa" jedhuun raawwatu haala duraan barameen olitti cimee itti fufee jiraachuunis dabalataan ibsamee jira.
Yugaandaatti sigigaa lafaa uumamee manneen ukkaamfameen namootni 13 yoo du'an, duuti dabaluu akka danda'u sodaatamaa jira
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Baha Yugaandaa keessatti rooba cimaa roobeen lafti sigigachuun lubbuun namoota 10 ol kan du’an yoo ta’u, namoonni hedduun du’uu sodaatamaa jira
Waldaan Fannoo Diimaa Yugaandaa Kamisa kaleessa akka jedhetti, halkan duraa gandoota gaarreen Bulambuli keessa jiran jaha keessatti sigiga lafaa manneen 40 “guutumaan guututti awwaaleen” booda yoo xiqqaate reeffi namoota 13 argameera.
Suuraaleen miidiyaalee biyya keessaa irratti argaman akka agarsiisanitti, lafti guddaan kufe lafa ganda Masugu, magaalaa guddoo Kaampaalaa irraa gara sa'aatii shanii konkolaataatiin fagaattee argamtu keessatti argamu uwwiseera.
Viidiyoowwanii fi suuraawwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman namoonni ganda Kimono keessatti namoota lubbuun hafan qotaa jiran agarsiisa jedhaman.
Waldaan Fannoo Diimaa Yugaandaa hojiin baraarsaa kun itti fufee kan jiru ta’us lakkoofsi namoota du’anii dabaluu hin oolu jedheera. “Namoota gara 30 dhabne,” jechuun komishinarri aanaa Faheera Mipalanyi dhaabbata oduu AFPtti kan himan yoo ta’u, hanga ammaatti daa’ima tokkoo dabalatee reeffi namoota jaha akka argame himaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.
Aanaalee Godina Baha Wallaggaa hedduu keessatti gidiraan uummata irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni himatu.
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan hawaasa nagaa bakka hojii isaa irraa qabuun mana hiraarsaatti darbachuun yoo fedhan qarshii guddaa gaafachuun dinagdeen quucarsaa, yoo fedhan immoo gara leenjii waraanaatti geessuun gama kaaniin ammoo dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii kan turan namoota baay'inaan 45 ol ta'an waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun humnaan waraqaa fi kobbee itti kennuun leenjisaa kan jiran ta'uu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.
Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen amantaa adda addaa irra deemuun hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun abbootii amantaa illee doorsisaa fi hidhaa jiraachuunis ibsameera.
Dabalataan Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaatti Wiixata darbe waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa afaan qawween uummata doorsisanii waltajjii baasuun WBO balaaleffadhaa, nyaatas kennuufiin itti iyyaa jechuun dirqamsiisaa turuun beekameera.
Yoo ajaja nuti isin dirqamsiisne kana raawwachuu diddan isin ajjeesna, ganda kana keessas jiraachuu hin dandeessan fi seelii diinaa waliin hariiroo qabaachuu keessaniif jireenyi keessan manneen hidhaa akka ta'us hubadhaa jechuun akeekkachisa itti laachuun ibsameera.
Ittuma fufuun Kutaalee Oromiyyaa cufa keessaa yeroo garaa garaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo gama isaaniif danda'ame maraan hacuucuu kan amaleeffatan yoo ta'u, aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Sulxaan Aammaduu jalaa horii 4,
- Obbo Abdii jalaa qarshii kuma digdama (20,000) fi
- Obbo Zakkoo Abdoo jalaa qarshii kuma kudha sagal (19,000) saamuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Kana malees aanaadhuma kana ganda Badhoo jedhamu keessaa Sadaasa 18,2024 irraa eegaluun milishootaa fi kaabinoota sirnichaatiif guyyaa guyyaan namni tokko biddeena ija shan shan akka dhiyeessan dirqamsiisaa jiraachuu fi namni hin dhiyeessine ammoo qarshii 600 adabamtu jechuun hawaasa kokkee qabaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, aanicha keessatti maatii qabsaa'otaa hidhuu, doorsisuu fi reebicha irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti loltoonni Bilxiginnaa loon Uummataa saamuu cimsanii itti fufa.
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Impaayera dinagdeen ishee gama maraan duufe tiksuuf kan bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa, saamicha irratti xiyyeeffachuun qe'ee fi qabeenya uummata Oromoo golgoleessanii harka qullaatti hambisuun beelaa fi dheebuu hamaaf saaxilaa jiru.
Aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayinee jedhamu irraa Sadaasa 25,2024 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Gaddafaa Fufaa jalaa loon 19 akkasumas,
- Habtaamuu Warquu jalaas loon 13 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni loltoota sirnichaan saamaman kunneen badii tokko malee sababa Oromumummaa isaanii qofaaf saamamanii jiraachuu fi tibba kana akkuma godinichaatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Oobdii Yaadaa ONM-ABO Sadaasa 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Sarbamiinsa Mirgoota Namoomaa, Tarkaanfii WBO, Hundeeffama Paartii Bilxiginnaa fi Balaa Impaayerattii fi Gaanfa Afrikaa Ilaalchisee Maree Jaal Niimoonaa Sabaa fi Daandii Elemoo Waliin Taasifne
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ህዳር 28-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
እስራኤል እና የሊባኖሱ ሄዝቦላህ ለ13 ወራት የዘለቀውን ውጊያ ለመቋጨት የተኩስ አቁም ስምምነት ላይ መድረሳቸውን የአሜሪካው ፕሬዚዳንት ጆ ባይደን አረጋገጡ።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ. አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
“በሊባኖስ እና በእስራኤል ድንበር ላይ እየተደረገ ያለው ፍልሚያ ማክሰኞ ከሌሊቱ አስር ሰዓት ጀምሮ በአገሬው ሰዓት ይቋጫል” ሲሉ ባይደን ገልጸዋል።
ፕሬዚዳንት ባይደን የተኩስ አቁሙ ግጭትን በዘላቂነት ወደ ማቆም ስምምነት ለመድረስ ያለመ እንደሆነ አመልክተዋል።
ሄዝቦላህ ስምምነቱን ከጣሰ እስራኤል ጥቃት ከመሰንዘር ወደኋላ እንደማትል ጠቅላይ ሚኒስትር ቤንያሚን ኔታንያሁ ተናግረዋል።
በኢራን የሚደገፈው ሄዝቦላህ በስምምነቱ ላይ እስካሁን የሰጠው መግለጫ የለም።
እስራኤል ከአየር ጥቃት በተጨማሪ ሊባኖስ ላይ ወረራ በመፈጸም የተቀናጀ ጥቃቷን አጠናክራ መቆየቷ ይታወሳል።
በሊባኖስ ውስጥ በአስርት ዓመታት ውስጥ ከታዩ የከፋ በተባለው በዚህ ጦርነት ከ3 ሺህ 823 በላይ ነዋሪዎች መገደላቸውን የአገሪቱ ባለሥልጣናት ተናግረዋል።
የተኩስ አቁም ስምምነቱ እንደታቀደው ረቡዕ፣ ኅዳር 27/ 2024ዓ.ም. እንደተጀመረ ተገልጿል።
በአሜሪካ አደራዳሪነት የተደረሰው ይህ የተኩስ አቁም ስምምነት እስራኤል በሚቀጥሉት 60 ቀናት ከወረረቻቸው የሊባኖስ ደቡባዊ ክፍል ቀስ በቀስ ወታደሮቿን ታስወጣለች። በምትኩም የሊባኖስ መንግሥት ወታደሮች ስፍራውን የሚቆጣጠሩት ይሆናል።
ስምምነቱ በሄዝቦላህ እና በእስራኤል መካከል በአውሮፓውያኑ 2006 የተከሰተውን ጦርነት የቋጨው የተባበሩት መንግሥታት ድርጅት 1701 በተሰኘው ውሳኔ የተመሠረተውን ድንበር መሠረት ያደረገ እንደሆነ ተገልጿል።
ይህም እስራኤል እና ሊባኖስ ከሚዋሰኑበት ሊታኒ ከተሰኘው ደቡባዊ ሊባኖስ ስፍራ የሄዝቦላህ ተዋጊዎች እንዲርቁ ማድረግን ያካተተ ነው።
“ይህ ስምምነት በስፍራው ዘላቂ መረጋጋትን ለማምጣት እና በሁለቱም አገራት የተፈናቀሉ ነዋሪዎች በሰላም ወደ ቀያቸው እንዲመለሱ ሁኔታዎችን ይፈጥራል” ሲል የስምምነቱን አፈጻጸም በጋራ ይከተታተላሉ የተባሉት አሜሪካ እና ፈረንሳይ ገልጸዋል።
እስራኤል፣ ሄዝቦላህ የተኩስ አቁም ስምምነቱን ከጣሰ ወታደራዊ እርምጃ የመውሰድ መብት እንዳላት የገለጸች ሲሆን፣ ፕሬዚዳንት ባይደንም ይህንን በማስተጋባት “ከዓለም አቀፍ ሕግ ጋር በተጣጠመ መልኩ ራሷን የመከላከል መብት አላት” ብለዋል።
“ሄዝቦላህ ስምምነቱን ከጣሰ እና ራሱን የሚያስታጥቅ ከሆነ ጥቃት እንፈጽማለን።በድንበር አካባቢ የሽብር መሠረተ ልማቶችን ከገነባ ጥቃት እንፈጽማለን” ሲሉ ኔታንያሁ አስፈራርተዋል።
ከሄዝቦላህ ጋር ያለው ጦርነት መጠናቀቅ የእስራኤል መከላከያ ሠራዊት “በኢራን ስጋት” ላይ እንዲያተኩር እንደሚያስችለው ኔታንያሁ ተናግረዋል።
የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ አርሲ ዞን በሙኔሳ ወረዳ በጠላት ሀይላት ላይ ጥቃት መፈጸሙን አስታወቀ።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የነፃነት ሞተር የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጭብራ ጃል ነዲ ገመዳ በምስራቅ አርሲ ዞን በተለያዩ ወረዳዎች ውስጥ የጠላት ሀይላትን አናውጦታል።
በዚህም መሰረት ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም በሙኔሳ ወረዳ በሄባን Dhubboo ቀበሌ ውስጥ ፈርጣማው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ንፁሀንን ለማሰቃየት በተሰማሩት የብልፅግና ጦር በወሰደው እርምጃ በጥይቶች ውርጅብኝ ጠላትን የውሀ ሽታ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 35 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 22 ቆስሎል።
በመሳሪያ በኩል 10 የኤኬም ክላሽ ፥ 1 እስናይፐር ፥46 ካዝና ፥ 1 ራዲዮ እና በርካታ የወታደር ትጥቆችን ከጠላት ጀርባ ላይ ፍቶዋል።
እንደዚሁም ከቀርሳ ከተማ ተነስተው በጉጂቻ ቀበሌ ውስጥ በጠላት ተጨማሪ ሀይላት ላይ ደፈጣ በማድረግ 11 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 7 ቆስሎል።
በመቀጠልም ጭብራ ጃል ነዲ ገመዳ ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም ምሽት 2 ስዓት ላይ በዙዋይ ዱግዳ ወረዳ በአደሬ ሌጶ ቀበሌ ውስጥ በጠላት ካምፕ ውስጥ ሰርጎ በመግባት የጠላት ሀይላትን አርበድብዶታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 7 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 13 ቆስሎል።
እንድዚሁም ጭብራ ሀምባ አኖሌ ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም በምስራቅ አርሲ ዞን በጉና ወረዳ በዋሴ ዋቀን ጤራ ቀበሌ ውስጥ በጠላት ሀይላት ላይ ደፈጣ በማድረግ በጥይቶች መዕበል ጠላትን አብከንክኖታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 4 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 9 ቆስሎል። እናም የተለያዩ የጦር መሣሪያዎችን ከጠላት ጀርባ ላይ በመፍታት ለኦሮሞ ህዝብ ትግል ገቢ አርጎዋል።
በምዕራብ ሸገር ዞን በባኮ ቲቤ ወረዳ በሰላማዊ ዜጎች ላይ እስራት ተጠናክሮ ቀጥሏል።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በሁሉም የኢምፔሪያል ክፍል ውስጥ የአረጀው ስርዓት አቀንቃኛች የኦሮሞ ልጆችን ብቻ በማደን ወደ እስር ቤት በመወርወር እያሰቃይዋችው ይገኛል።
በባኮ ቲቤ ወረዳ የባኮ ቲቤ ከተማ ነዋሪ የሆኑት የመኪና አሽከርካሪ ብርሀኑ ተፈሪ እና የመኪና እረዳት የሆነው ሀብታሙ ተፈሪ የሚባለው ከህዝብ መካና አመላላሽ በባኮ ከተማ እና በጉዲና ቢያ መካከል ህዳር 25 ፥ 2024 ዓ.ም በማውረድ እናንት ለኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አቅርቦት እየወሰዳችሁ ነው በሚል ስም በቁጥጥር ስር በማዋል በቦኮ ቲቤ ፖሊስ ጣቢያ እየተሰቃዩ ይገኛል።
እናም ከነዚህ በተጨማሪ በተመሳሳይ ቀን በባኮ ከተማ ውስጥ በርካቶች በቁጥጥር ስር ውሎል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
-ኢያሱ ግድም
-ምስጋና ጨመዳ
-ጨመዳ ኢረና የመሳሰሉት በቁጥጥር ስር በማዋል እየተሰቃዩ እንደሚገኝ ምንጮቻችን ገልጸዋል።
እነዚህ ሰዎች ያለምንም ጥፋት በኦሮሙማ ብቻ በመወንጀል ብቻ ለእዚህ ተግባር መጋለጣችውን አክሎል።
በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ እስሩ ተጠናክሮ ቀጥሏል።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ ጨሪ ሰልጲሳ መንደር ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትን ትመግባላችሁ በሚል ስም ከ15 በላይ ሰላማዊ ዜጎችን በቁጥጥር ስር ማዋላችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
1. ዱኮ ቡኖ ገነሞ
2. ቀሎ ጎበና
3. ሾሬ ዳንኪራ
4. ቡዙነ በሪ አንሱሉ እና ሌሎች ስማቸው ያልደረሰን በርካቶች በእስር ቤት ይገኛሉ።
የፋሺስቱ ጦር የአርሶ አደሩን ቤት ከንብረታቸው ጋር በማቃጠል የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ምንጮቻችን ዘግቦዋል።
በምስራቅ ሀረርጌ ዞን በጎሮ ጉቱ ወረዳ በተለያዩ ስሞች የሚደርሰው ዘረፋ እና ሰቆቃ ቀጥሏል።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ሃይለስላሴ "ኦሮሞን ለመቶ አመት ወደ ኋላ መልሰን መግዛት አለብን" እንዳለው ሁሉ ኮሎኔል አብይ አህመድ እንደ ቅድመ አያቶቹ "ኦሮሞ ለኔ መገዛት እምቢ ካለ ለመቶ አመት እንዳይነሳ አርጌ ነው ምሰባብረው በማለት እየዛተባችው ይገኛል።
በዚህም መሰረት በምስራቅ ሀረርጌ ዞን በጎሮ ጉቱ ወረዳ በቆቦ ከተማ በባዲያ ጉርጆ ቀበሌ ውስጥ በተለያዩ ስሞች እንደ ጎኖፋ ፥ ለተማሪዎች ምግብ ፥ ግብር እና የሚሊሻ ልብስ በማለት ምንም የሌለው ህዝብን በግዳጅ ገንዘብ አውጡ በማለት እያሰቃይዋችው ይገኛል።
ከዚህ በተጨማሪም አንድ የመሬት ባላባት ግብር ከከፈለ ብኋላም ልጆቻችሁም መክፈል አለባችው ፥ የመድረክ ስብስባ ላይም ያልተሳተፉ እንዲከፍሉ እና አልከፍልም ያሉትን ደግሞ ወደ እስር ቤት በመወርወር በግዳጅ እያስከፈሉ እየለቀቋችው እንደሚገኝ ምንጮቻችን ገልጸዋል።
ሰዎችን ወደ መድረክ ስብሰባ በመጥራት እያሰቃያችው የሚገኘው አቶ ሸኑ የሚባል የቀበሌ አስተዳዳሪ እና ኢብሳ መሀመድ ጠሀ የሚባሉት ለነሱ የሚመችውን መዋቅር በመዘርጋት ህብረተሰቡን እያንገላቱ ይገኛል ሲሉ ምንጮቻችን አክለዋል።
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa'aa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa midhaan saamuu fi manneen midhaan itti daldalamu hawaasa jalaa saamsan
ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii sobaa faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul'isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne irratti raawwachuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa'aa keessatti midhaan saamuu fi manneen midhaan itti daldalamu hawaasa jalaa saamsanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Sulula Fincaa'aa ganda naannoo magaalaa Fincaa'aatti argamutti torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Shaambal Giddiisaa,
- Darajjee Dhugaasaa,
- Halaqaa Haata'uu fi
- Yaadanii Baanee jedhaman jalaa manni daldalaa midhaanii loltoota sirnichaan jalaa saamsamuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Kana malees, ganduma kana keessaa Sadaasa 21,2024 nama Obbo Caalaa Addunyaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa cabsuun saalixa ardaba 38 saamuun kasaaraa hamaaf saaxilanii jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti hidhaan jiraattota irratti waraana maafi'aa PP'n jabaate
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Oromoon quubsuma lafa isaa irratti nagaan akka hin jiraanneef waraanni sirna-dhableeyyiin Bilxiginnaa hojii balleessuu qofaa fudhatanii bobba'an guyyuu sabicha hidhaa fi ajjeechaan hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru.
Jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo baatiilee darbanii kaasee bifa addaan humnaan leenjii milisummaaf guuramuu, maqaa hariiroo WBO qabduun manneen hidhaatti darbamuu fi ajjeechaan murtii seeraa malee irratti taasifamaa jiraachuus kan himamu yoo ta'u, jiraattota onichaatti abdiin jireenyaas itti dhukkanaa'ee jiraachuun ibsameera.
Gandoota akka Waabaa Eebbaa, bulchiinsa magaalaa Seertuum, Yaadannoo Yattii, Goomii, Yaarer, Heenachee, Kuuroo fi Kanneen biroo hafan irraa jumlaan guuramanii hidhamaa kan jiran ogguu ta'u, keessattuu ijoolleen dubaraa maqaa loojistiikii WBO'tiin bulchiinsa magaalaa Muggiitti darbamuun hidhaan hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.
Namoota hidhamanii jiran keessaas muraasni maqaan nu ga'e; Warquu Mallasee, Amanaa Malaakuu, Caalaa Baay'isaa, Suutumee Namoomsaa, Ruutee Sintaayyoo, Boontuu Faqqadee, Wubaaleem fi Warquu Jiraataa yoo ta'an, reebichi hamaanis irratti raawwatamuun ibsameera.
Murni garboomfataan PP Oromiyaa guutuutti doorsisaan hawaasa bulchuuf ajandaa badii qabatee jiraachuu ONM addeesseera
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Doorsisa abdii kutannaa murni faashistii PP uummataa fi caasaa isaa biraa dirqamaan malee deggarsa hin qabne kallattiin "yoo na deeggarte ni jiraatta, yoo na mormite ni ajjeefamta" Wiixinee jedhu qabatee as ba'e torban kana keessa akka Oromiyaatti uummata ajjeesuu, hidhuu fi saamuu jabeesseera.
Barataa fi barsiisaa walitti qabuun bakkeewwan tokko tokkotti yoo sirna kiyyaan mormitan murteen keessan ajjeechaa qofaadha, furmaatni jireenya keessanii tokkoof tokko callisuu qofaadha jechuun hojimaatni hammaataan murna faashistii PP'n irratti diriirfamee yeroo ammaa gadi bahee jiru yaaddoo uummatatti uumee jiraachuunis ibsameera.
Callisii akkan siin jedhetti jiraadhu anatu siif beeka malee ati waa'ee kee hin beektu jechuun walga'ii Wiixata darbe irraa kaasee bifa dhoksaan adeemsisaa jiru irratti doorsisni daangaa darbe waraanaa fi dabbaloota murna faashistii PP'n irratti taasifamaa jiraachuus kan himan jiraattonni, caasmaleeyyiin Bilxiginnaa ammayyuu Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf hacuuccaa fi roorroo wagggottan dhibbaa oliif Oromoo irra jiru daran itti jabeessuuf ijibbaata isa dhumaa irra jiraachuunis beekameera.
Hololaa fi burjaajii uumuun WBO cabsuu kan dadhabe murni garboomfataan PP, kallattii hundaan lola Oromiyaatti banamee jiru irraa dandamatee mul'achuun WBO, abdii kutannoo kan itti kaase uummaticha ajjeechaan afaan qabachiisuuf kutannoon waraana nu irratti bobbaasee jira kan jedhanis jiraattota Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Waraanni bilxiginnaa Godina Gujii Bahaa fi Gujii Lixaatti saamichaa fi ajjeechaa raawwatan
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Godina Gujii Bahaatti waraanni faashistii pp maqaa nageenya eegna jedhuun uummata Oromoo irratti bobbaafaman qabeenya Uummataa Jumlaan saamuu fi Uummata hidhanii maallaqa Humnaa Olii gaafachaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen Ifoomsanitti Godina Gujii Bahaa Aanaa Aagaa Waayyuu keessatti Uummata Nagaa hidhuu, saamuu fi Ajjeesuun itti fufee jiraachuu himuun, sadaasa 26,2024 aanaa Aagaa Waayyuu ganda Daawwaa Digaattee keessatti Uummata nagaa qabanii hidhuun, namoota sadii irraa qarshii 350,000-350,000 fudhachuun gadi yoo dhiisan, namootni hedduun sababa maallaqa dhabaatiin mana hidhaatti kan hafan ta'uu himan.
Akkasumas godina Gujii Liixaa Aanaalee garaa garaa keessatti abbootii warraa burjaajjessuun Ilmaan keessan waraana mootummaa akka ta'aniif kennaa, jechuudhaan uummata burjaajjessuun beekame.
Godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa keessaa gandoota akka
- Roobii Magaadaa
- Geledee
- Dogoo
-Dooyaa Cabbittii fi
- Meeddano dabalatee maqaa Ilmaan keessan mootummaaf arjoomaa jedhuun Uummata hidhuu fi kan Ilma kennuu dide qarshii 10,000 akka arjoomu jechuun uummata afaan qawweetiin waadaa galfachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Godinu kana aanaa Surroo Barguddaa keessatti waraana mootummaa deemta jechuudhaan, nama maqaan isaa Korjoo Jaarsoo Mokkonnaa jedhamu dabalatee nama 73 sadaasa 25,2024'tti konkolaataa 2'n fe'anii deemuu uummatni aanichaa Arraata Biyyaalessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun daran cimee itti fufe.
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Bara Oromoo ta'anii dhalachuu qofti yakka ta'etti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni nama nyaataan mootummaa abbaa irree loltoonni Abiy Ahimed sabboontota ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan yakkuun mana hiraarsaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu keessaa waraanni shiftaa Bilxiginnaa Sadaasa 26,2024 namoota maqaan isaanii:
• Aadde Adaanuu Zallaqaa fi
• Obbo Leellisaa Gadaa kanneen jedhaman badii tokko malee qe'ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen akka himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu eeruun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti" jedhuun hidhuu dubbataniiru.
Riqichi Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu fi Godina Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo Noolee wal quunnamsiisu yeroo lammataaf loltoota Bilxiginnaan addaan cituun himame
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Loltoonni bilxiginnaa gama isaaniif dandaa'ame maraan ilmaan Oromoo addaan dhiibuu akkuma baranitti ittuma fufuun hawaasa Oromoo kutaa fi lagaan qoqqoodanii wal jibbisiisuuf riqicha godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu fi godina Wallagga Lixaa aanaa Sayyoo Noolee wal quunnamsiisu addaan kutanii jiraachuun ibsamee jira.
Ilmaan Oromoo kutaaf lagaan osoo wal hin qoodin haala mijataa fi hin mijanne keessatti wayita gannaa illee gamaa gamanaa osoo guutinsi bishaanii fi dhoqqeen namatti maxxanu hin daangessin walitti ce'uun hariiroo hawaasummaa isaa tikfatee har'a ga'ee jiraachuun ni beekama.
Faallaa kanaa ammoo loltoonni Bilxiginnaa waliin jireenyi ilmaan Oromoo ija isaan gubuu fi boqonnaa dhorku godina Iluu Abbaa Booraa keessaa aanaan Daarimuu fi godina Wallagga Lixaa jalaa ammoo, aanaan Sayyoo Noolee walitti ce'anii jireenya hawaasummaa waliin akka hin geggeeffanneef kutaaf lagaan adda qooduun torban darbe keessa yeroo lammataaf riqicha laga Walajee jedhamu kan aanaalee lameen gidduutti argamuu fi walqunnamsiisu irra deebiin addaan kutuun ilmaan abbaa tokkoo gargar dhorkaa jiraachuu jiraattonni aanaalee lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii kennanii jiru.
Jiraattonni aanaa Sayyoo Noolee riqichi aanaalee biroo waliin wal quunnamsiisu loltoota sirnichaan addaan cituun kan jalqabaa kan hin taane ta'uu fi ji'oota darban keessa riqicha aanaa Algee waliin isaan walqunnamsiisu addaan cituu himuun, kun immoo yeroo 2'ffaaf itti yaadamee harka lukkeelee Bilxiginnaan ilmaan Oromoo addaan qooduuf kan kaayyeffatameedha, "Waraana Bilisummaa Oromoo nutti as ceessisa" jedhanii sodaachuun hariiroo hawaasummaa isaanii addaan kutuun rakkoon humnaa olii irra gahaa jiraachuu dubbatu.
OLA Inflicts Heavy Casualties on Enemy Forces in Southern Shagar
ONM-ABO November 29, 2024 - The heroic Oromo Liberation Army (OLA) has taken decisive action against enemy troops in the Southern Shagar zone, specifically in the district of Dagam, in a local town called Leman Silase, and in the district of Kuyu, in a local area called Qare Ta’aa.
In this multi-front engagement that took place on November 26, 2024, the OLA neutralized 85 enemy combatants while over 100 others sustained severe injuries. Among the casualties of the Ethiopian regime forces are a higher-ranking commander of the 47th brigade and one lieutenant colonel, both confirmed dead.
Additionally, two ex-OLA members who had defected to the regime and subsequently joined the Ethiopian military to assist the regime forces are confirmed dead in this lightning and surprise attack by the heroic Oromo Liberation Army.
In this engagement, the OLA also captured 70 automatic rifles, various military devices, and ammunition. The struggle for justice and freedom will continue until the unconditional liberation of Oromia is achieved.
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Sadaasa 28-2024 Itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በምስራቅ ሸገር ዞን ቦራ ወረዳ 2 የብልፅግና ሰራዊት አባላት ለጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት እጅ ሰጡ።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ወዶ ወይም ተገደው ወታደር በመሆን የኢትዮጵያን ኢምፓየር እየጠበቁ ያሉት የኦሮሞ ልጅች በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት ለኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት እጃቸውን መስጠታቸውን በየቀኑ ቀጥለዋል።
በዚህም መሰረት ህዳር 24 ቀን 2024 ዓ.ም 2 የኢምፔሪያል መከላከያ ሰራዊት አባላት አንድ የቱርክ ኤኬም ክላሽ በመያዝ በምስራቅ ሸገር በቦራ ወረዳ በቢቴ ዳባ መንደር በሚገኘው የከምሰ ትምህርት ቤት የብልፅግና ካምፕን ውድቅ በማድረግ ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ተቀሌቅሎል።
የኦሮሞ ተወላጆች የሆኑት የቀድሞ የፒፒ ሰራዊት አባላት የብልፅግና ካምፕን እያገለገሉ የሚገኙት የኦሮሞ ልጆች አገዛዙን ውድቅ በማድረግ የህዝባችውን ትግል እንዲቀላቀሉ ሲሉ መልክታችውን አስተላልፎዋል።
የPP ታጣቂዎቹ በምእራብ ወለጋ ዞን በዩብዶ ወረዳ ሲቪል ወጣቶችን ሲገድሉ እና በሰዮ ኑሊ ወረዳ ንብረት አውድመዋል።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ምንም አይነት ወታደራዊ ዲሲፕሊን የሌለው እና ህዝብን አክብሮ የአለም ህገ መንግስት እና ህግጋትን በመጣስ የሚታወቀው የአብይ አህመድ አገዛዝ በሁሉም የኦሮሚያ ስፍራ ንፁሀንን እያንገላታ ይገኛል።
በዚህም መሰረት ሶስት የሀገሪቱ የወደፊት ተስፋ የሆኑ ወጣቶች ዳንኤል ወልተጂ ባጁራ ከአለኩ ጉቴ መንደር፥ ኤልያሳ ደረጄ ቂጤሴ ከጨሊዬ ጌታኖ መንድር እና ዳንኤል ባጫ ከአለኩ ጉቴ መንደር ህዳር 26,2024 ዓ.ም ተኩሰው ገድለው ጫካ ውስጥ መጣላችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል ።
በተመሳሳይ በምዕራብ ወለጋ ዞን በሰዮ ኑሊ ወረዳ የPP ታጣቂዎች የአቶ አቤቤ ለማን ቤት በህዳር 27 ቀን 2024 ዓ.ም አቃጥለዋል ።በተጨማሪም በተመሳሳይ ወረዳ በሚገኙ የተለያዩ መንደሮች የኦፍጮ እህሎችን እያቃጠሉ የህዝቡን ንብረት እያወደሙ ነው።
የኢትዮጵያ ኢምፓየር ለ150 አመታት ኦሮሞን ከምድረ ገፅ እያጠፋ እስከ ዛሬ ትሩፋት ሆኖ ኢሰብአዊ ድርጊት እየፈፀመ ነው። ከዚህ ችግር ለመውጣት የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ማጠናከር እንዳለባቸው የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
በጅማ ዞን ከተማ አስተዳደር የብልፅግና ጦር እርስ በርሳቸው በመተኮከስ መገዳደላችውና መቁሰላችው ተገለፀ።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
አላማ እና ስርዓተ የሌላችው የፋስስቱ ጦር በተለያዩ ጊዜያት በተለያዩ ምክንያቶች ልክ የግል ፍላጎቶች ፥ በብሄር መከፋፈል እንደዚሁም የአልኮል መጠጥ ጠጥተው በመስከር እርስ በርሳቸው በመተኮከስ እየተገዳደሉ እና እየተቆሳሰሉ ነው።
በዚህም መሰረት ህዳር 24 ፥ 2024 ዓ.ም የፒፒ ጦር በጅማ ከተማ አስተዳደር ሳሪስ በሚባልበት አከባቢ በብልፅግና ካምፕ ውስጥ በብሄር በመከፋፈል እርስ በርሳቸው ተኩስ ከፍተው 2 ሲገደሉ ፥ 4 ደግሞ ቆስለው በጅማ ዞን ሆስፒታል ውስጥ በሞት እና በሂወት መካከል እንደምትገኝ የውስጥ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሰ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ምንጮቻችን እንደገለጹት የግጭቱ መንሴ የአማራ ብሄር ተወላጆች የአማራ ፋኖ ታጣቂዎችን ሲያሞካሹ ፥ የኦሮሞ ተወላጆች ዳግም በመቃዎማችው የተነሳ እርስ በርሳቸው ተኩስ ከፍተው ከሁለቱም በሄር ተወላጆች አንድ አንድ ሰው ሲሞት ፥ የቆሰሉት አራቱም ደግሞ የአማራ ተወላጆች መሆናችውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
በምስራቅ ወለጋ ዞን በርካታ ወረዳዎች የአማራ እና የብልፅግና ታጣቂ ሃይሎች በህብረተሰቡ ላይ እያደረሱት ያለው ሰቆቃ ተባብሶዋል።
ህዳር 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
አረመኔዎቹ የሚኒሊክ ልጆች የአማራ ታጋዮች እስከ አፍንጫችው ድረስ ታጥቀው በኦሮሚያ ውስጥ ባሉ የብልፅግና ቡድኖች ታግዘው የኦሮሞን ህዝብ ከቤት ንብረታቸው እያፈናቀሉ፣ እየዘረፉ፣ እያቃጠሉ፣ እየገደሉ፣ እያሰሩ እና ሉዓላዊነታቸውን እየነፈጉ ነው።
ህዳር 24 ቀን 2024 ዓ.ም በፋኖ ስም የሚንቀሳቀሱ የአማራ ታጣቂዎች ከሃሮ ሊሙ አውራጃ ወደ ነቀምቴ ከተማ ሲጓዙ የነበሩ የህዝብ ተሽከርካሪ ላይ ተኩስ ከፍተው በጊዳ አያና ወረዳ አንዶዲ ዲቾ መንደር ውስጥ መሞታቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ለአካባቢው ቅርበት ያላቸው ምንጮቻችን እንደገለፁት በነዚሁ የአማራ ፅንፈኞች ጥቃት የኦሮሞ ማህበረሰብ እየተሰቃየ ሲሆን በፈጣሪ እርዳታ እና በሹፌሩ ብቃት የበርካቶችን ህይወት ማዳን ተችሏል። .
በተጨማሪም ህዳር 23፣ 2024 ዓ.ም የሚከተሉት ሰዎች በቢሎ ቦሼ ወረዳ በጨፌ ካ ኮንቺ መንደር ተይዘዋል፡-
- ጃለታ
- ቶሌራ
- ምስጋኑ ኢራና
- ባትሪ,
- ጸጋ እና
-ለቺሳ ዋቅጂራ የተባሉት የአገዛዙ ተላላኪዎች በቦናያ ሶስኮ መንደር ጽህፈት ቤት ያለ ምንም ጥፋት ታስረው እየተሰቃዩ መሆናቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልፆዋል።
በዚሁ ወረዳ Bonayyaa Soskoo መንደር ማሙዲ ረጋሳ የተባለውን ሰው እያሰሩና እያሰቃዩት ነው።
እንዲሁም ወይዘሮ ጫልቱ ሂካ የምትባል አዛውንት ሴት ህዳር 26 ቀን 2024 ዓ.ም በቦሎ አካባቢ ከሚገኘው ጂሬንኛ መንደር ተይዘው ወደ እስር ቤት ተወርውሮዋል።
በተመሳሳይ የገመቹ ፈይሳ ቤት ፈርሶ አንዳንድ የቤት እቃዎች ወድመዋል።
በተጨማሪም በውትድርና ስልጠና ስም ከ 45 በላይ ንፁሀን ዜጎችን እያስገደዱ ወደ እስር ቤት እየወረወሩ እንደሚገኙ ለጉዳዩ ቅርበት ያላቸው ምንጮቻችን ጠቁመዋል።
Tiraamp prezidaantiin Meeksikoo godaansa karaa Meksikoo gara Ameerikaatti taasifamu dhaabuuf waliigaluu himan
ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Pireezidaantiin Ameerikaa filatamaan Doonaald Tiraamp jalqaba torban kanaa doorsisa taarifa isaanii hordofuun Pirezidaantiin Meksikoo Kilaawudiyaa Sheembaam Paardoo waliin erga haasa’anii booda godaansa godaantotaa akka dhaabdu roobii kaleessaa ibsaniiru.
" Pirezidaantii haaraa Meksikoo, Kilaawudiyaa Sheenbaam Paardoo waliin haasawa ajaa'ibaa taasifneerra jedhan Tiraamp. Godaansa karaa Meksikoo gara Ameerikaatti dhufu dhaabuuf waadaa galtee jirti, Daangaa keenya kan gara Kibbaas ni cufna jetteetti," jechuun Tiraamp waltajjii irratti dubbataniiru.
Haasaan Sheenbaam waliin taasifame ''bu'a qabeessa'' jechuun ibseera.
“Akkasumas waa’ee qoricha baay’ee gara Ameerikaatti dhufu dhaabuuf maaltu godhamuu akka danda’u, akkasumas, fayyadama qoricha kanaa U.S. irratti haasofne,” jedhan Tiraamp.
Barreeffama itti aanu irratti pirezidaantiin filataman kun akkas jedhan: "Meksikoon namoonni gara Daangaa Kibbaa keenyaa akka hin deemne ni dhorkiti, hatattamaan hojiirra oola.
Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu guyyaa jalqabaa aangoo isaa mallatteessuuf karoorfateen Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa irratti taarifa akka kaa’an dhaadataniiru.
"Amajjii 20, akka Ajaja Hojii Raawwachiiftuu koo hedduu jalqabaa keessaa tokkootti, oomishaalee gara Ameerikaa dhufan hunda irratti, fi Daangaa Banaa ishee ta'e irratti Meksikoo fi Kanaadaa irratti Taarifa %25 kaffaluuf sanadoota barbaachisoo ta'an hunda nan mallatteessa," jechuun dubbateera.
Pireezidaantiin Meeksikoo Tiraamp waliin haasawa gochuu ishee mirkaneessanii, tooftaa bal’aa Meksikoon mirga namoomaa kabajuun godaansa furuuf hordofte itti ibsiteetti jechuun associated Press gabaaseera.
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti gubaatiin manneen jiraattotaa raawwatamuu fi ogeessota fayyaa ammoo mana yaalaa keessaa ari'uun qorichootas saamanii milishoonni PP qubsuma godhachuun barame
ONM-ABO Sadaasa 28,2024 Hawaasa Oromoo hidhaa fi ajjeechaan jiilchuu, akkasumas siyaasaan mo'achuu kan dadhabe murni garboomfataan PP Koloneel Abiyi Ahimed, miira abdii kutannaatiin loltoota isaa qe'ee hawaasa nagaatti bobbaasuun gubaatii manneen jiraattotaa, ajjeechaa jumlaa, hidhaa fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiraniin cinaatti, ogeessota fayyaa hawaasicha tajaajilan reebanii manneen yaalaa keessaa ari'uun qorichoota saamanii manneen yaalaa ammoo buufata waraanaa taasifataniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Ashawaatti Sadaasa 26,2024 milishoonni sirnichaa mana yaalaa ganda Ashawaa keessaa ogeessota fayyaa reebanii ari'uun qorichootas saamanii mooraa waraanaa taasifachuun barameera.
Murni ani mootummaadha ofiin jedhu Bilxiginnaan hawaasa fayya qabeessa gochuuf qorichoota dhiyeessuufii osoo qabuu, faallaa isaa ammoo dhibdee siyaasaa maqaa dha'achuun maqaa deggartoota WBO'ti jedhuun loltoota isaa gara jabeeyyii itti bobbaasee ogeessota fayyaa reebuu, qorichoota jalaa saamuu, manneen yaalaa gara tajaajila waraanaatti deeffachuun yeroo hojjechaa jirantu argama.
Sadaasa 26,2024 ganduma Ashawaa keessatti ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamuu fi milishoonni sirnichaa waliin ta'uun jiraataa gandichaa kan ta'e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ibraahim Huseen Mahaammad Siraaj jedhamu mana isaa 2 mi'a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin ibidda itti shiduun gubanii yoo barbadeessan, isaa fi maatii isaas dhukaasa irratti bananii garmalee reebuun yeroo ammaa gandicha keessaa ari'anii baasaniiru.
Obbo Ibraahim qonnaan bulaa fi abbaa maatii ta'uu isaa jiraattotni gandichaa dubbisne himuun, hidhattootni sirnichaa garuu maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun manneen jalaa gubanii bakkeetti hambisuun, isaaf maatii isaallee dhukaasa irratti banuun reebanii addaan bittimsuu maddeen keenya gamasii dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.