Maatiin qabsaa'otaa Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti ergamtoota maafiyaa PP'n reebicha suukkanneessoo reebamuun hidhaatti darbatamuun cimee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti loltoota isaa itti bobbaasuun maatii qabsaa'otaa rakkisaa kan jiru murni nama nyaataan PP, gochaa abbaa irrummaa isaa kana jabeessuun Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaattis maatii qabsaa'otaa dararuu jabeessee itti fufeera.
Sadaasa 27,2024 aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti Abbaan Gadaa aanichaa Obbo Mahaammad Usmaan kan jedhamuu fi milishoonni PP waliin ta'uun magaalicha keessa naanna'anii maatii qabsaa'otaa kan ta'an dargaggoo Aliyyii Sayid fi konkolaachisaa baajaajii (miilla sadee) kan ta'e dargaggoo Fu'aad jedhamu harka dudduubatti hidhanii reebicha suukkanneessoo ta'e irratti raawwachuun konkolaataa keessa buusanii magaalaa Booraatti hidhuu jiraattotni dabaluun ifoomsan.
Akka hiriyootni dargaggoota kanneenii jedhanitti, dargaggoonni kunneen paartii siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin deggerre ta'uu fi hojii idilee isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jireenya isaanii mo'achuu qofaaf kan hojjetan ta'uu himuun, hattoonni murna bilxiginnaa kunnneen maqaa abbaa, obboleessaa fi obboleettii keetu bosona jira jedhuun reebicha argaa ijaatiif namatti hin tolle irratti raawwatanii hidhan jechuun miira gaddaan dubbatu.
Akkuma aanichaatti maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun loltoota sirnichaan yakkoonni farra namoomaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattotni aanaa Dawwee Harawaa ONM dubbise addeessaniiru.
Godinaalee Lixa Oromiyaa adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa 'Faannoo' jedhu moggaafachuun socho'an murnoota bilxiginnaa irraa gargaarsa argataniin ilmaan Oromoo akka saawwaatti cibsanii qaluu fi gochoota suukkaneessoo garaa garaa raawwachuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu fi dararuu cimsanii itti fufuun ganda Guddina Calliyaa bakka addaa Eeban jedhamutti Sadaasa 25,2024 hawaasa Oromoo qe'eef qabeenya isaa irraa ari'uun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii horii isaa lukkuu hanga horii gurguddaatti ooffachuun qabeenyaa biroo waan baachuun isaaniif mijatu hunda saamanii deemuun yeroo ammaa kana aanicha keessatti ilmaan Oromoo yaaddoo ulfaataa keessa galanii jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Kanuma bu'uureffachuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa gara jabinaan ilmaan Oromoo akka bineensaatti itti taphachuun dararuu aadaa kan godhatan aanaa Abee Dongoroo irraas qabeenyaa ilmaan Oromoo saamanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Abee Dongoroo magaalaa Tullu Gaanaa fi Arusee gidduutti kan argamu bakka addaa Bijjiit jedhamutti Sadaasa 26,2024 hawaasa Oromoo konkolaataan deeman konkolaataa irraa gadi buusuun qabeenya konkolaataa sana keessatti argamu hunda saamuu fi konkolaachistoota bajaajii dhaabsisuun reebicha hamaa irraan gahuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM'tti himanii jiru.
Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Dooshee jedhamuttis ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 26,2024 nama maqaan isaa Abdii Raggaasaa jedhamu badii tokko malee sobaan yakkuun reebicha hamaa ta'e irratti raawwatanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa Sadaasa 27,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Obbo Abbabee Tamasgeen,
- Shamarree Taarikee Laggasee fi
- Shamarree Addisee Aagaa jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti galchanii hiraarsaa jiraachuu fi hidhamtoota waajjira poolisii aanichaatti hidhanii jiran Sadaasa 27,2024 irraa eegaluun akka maatiin nyaata hin geessineef dhorkanii jiraachuu jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti namoonni kunneen hidhata qaama kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, Obbo Abbabee maqaa " ijoollee keetu bosona jira" jedhuun yoo yakkan, shamarran kanneen ammoo "WBO'f rifeensa dhooftan" jechuun hidhuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii hammeessuun, aanichuma magaalaa Horroo Alaltuu keessaa "qawwee bitaa WBO fi finxaaleeyyii Amaaraa nu waliin lolaa" jechuun jiraattota dirqamsiisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
የፒፒ የማፍያ ጦር በቄለም ወለጋ ዞን አንፊሎ ወረዳ በነዋሪዎች ላይ እስሩን አጠናክሮ ቀጥሏል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በጥፋት ተግባር ላይ ብቻ የተሰማራው የብልፅግና ሰራዊት ህዝቡን በየእለቱ በማሰር እና በመግደል ማሰቃየቱን ቀጥሏል።
በቄለም ወለጋ ዞን የአንፊሎ ወረዳ ነዋሪዎች ባለፉት ወራት ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ሰበብ ለሚሊሻ ስልጠና በግዳጅ ተመልምለው ታስረዋል እንዲሁም ያለፍርድ እየተገደሉ ይገኛሉ።
በጅምላ ከታሰሩት መካከል:- ዋባ ኤባ የሰርቱሜ ከተማ አስተዳደር ፥ ያደኖ የታ ፥ ጎሚ የረር ሄናቼ፣ ኩሮ እና በርኬቶች በቁጥጥር ስር መዋላችው ተገልፆ ፥ በለይም እንስቶች ለኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አቅርቦት ታቀርባላችሁ በሚል ስም በቁጥጥር ስር ውለው እየተሰቃዩ ይገኛል።
ከታሰሩት ሰዎች መካከልም የአንዳንድ ሰዎች ስም ደርሰናል; ወርቁ መለሰ ፥ አማኑ መላኩ ፥ ጫላ ባዪሳ ፥ ሱቱሜ ነሞምሳ ፥ ሩቴ ስንታየሁ ፥ ቦንቱ ፈቀደ ፥ ውብአለም እና ወርቁ ጂራታ በቁጥጥር ስር ውለው ከፍተኛ ድብደባ ደርሶባችኋል።
የብልፅግና ጦር በምስራቅ ጉጂ እና ምዕራብ ጉጂ ዞን ዘረፋ እና ግድያ ፈጽሟል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በኦሮሞ ህዝብ ላይ በፀጥታ ጥበቃ ስም የተሰማራው የፋሽስቱ ጦር የህዝቡን ንብረት እየዘረፈ ህዝቡን እያሰረ ከአቅሙ በላይ ገንዘብ እየጠየቀ መሆኑን ምንጮቻችን ተናግረዋል።
በምስራቅ ጉጂ ዞን በአጋ ዋዩ ወረዳ ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን መሰር ፥ መዝረፍና መግደላችውን በመቀጠል ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም በአጋ ዋዩ ወረዳ በዳዋ ዲጋቴ መንደር ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን ይዘው በማሰር ከሶስት ሰዎች ላይ 350ሺ ብር በመቀበል መልቀቃችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
እክሎም በምዕራብ ጉጂ ዞን በተለያዩ ወረዳዎች የሚኖሩ ባሎቻቸውን እና ልጆቻቸውን የመንግስት ወታደር እንዲሆኑ እያስገደዷችው ይገኛል ።
በምዕራብ ጉጂ ዞን በዱግዳ ዳዋ ወረዳ ውስጥ እንደ ሮቢ መጋዳ ፥ ጎሌዴ ፥ ዶጎ ፥ ዶያ ጨቢ እና ሜደኖን ቀበሌ ጨምሮ ልጆቻችሁን ለመንግስት ለግሱ በሚል ስም ህብረተሰቡን ማሰር ፥ ልጆቹን ለመስጠት ፍቃደኛ ያልሆነን 10ሺ ብር እንዲከፍሉ እያስገደዱ እንደሚገኝ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም ኮርጁ ጃርሶ ሞኮንና የተባለውን ሰው ጨምሮ 73 ሰዎች በአውራጃው ሱሮ በርጉዳ ወረዳ በመንግስት ወታደሮች በሁለት መኪና ተወስደዋል።
በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን በጉዱሩ ወረዳ የብልፅግና ጦር የህብረተሰቡን የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ቀጥሎል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በሁሉም ዘርፍ ኢኮኖሚው ሽባ የሆነውን ኢምፓየር ለመጠበቅ የተሰማሩት የብልፅግና ወታደሮች የኦሮሞን ህዝብ ቤትና ንብረት በማቃጠል ባዶ እጃቸውን በመተው ለከፍተኛ ረሃብና ጥም በማጋለጥ ላይ ትኩረት በማድረግ ላይ ናቸው።
ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የብልፅግና ወታደሮች ከሚከተሉት ሰዎች ዘርፎዋል።
- ከገደፋ ፉፋ ስር 19 የቀንድ ከብቶች እና
- ከሃብታሙ ወርቁ ስር 13 የቀንድ ከብቶን መዝረፋችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እነዚህ ሰዎች ያለ ምንም ጥፋት በአገዛዙ ወታደሮች የተዘረፉ ሲሆን ከቅርብ ጊዜ ወዲህ ደግሞ በ
የአገዛዙ ተላላኪዎች በሲቪል ማህበረሰብ ላይ የሚፈጽሟቸው ፀረ-ሰብአዊ ወንጀሎች ቀጥለዋል።
WBOn Kaabaa Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti diina adabe
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 WBOn Zoonii Giddu Galaa godina Kaabaa Shaggar aanaa Kuuyyuu ganda Ulaa Uummoo jedhamtutti kaleessa Sadaasa 28,2024 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti taasiseen loltoota diinaa irraa 8 ajjeesuun 12 madeessee injifaannoo boonsaa gonfatee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa waraanni maafiyaa PP qabeenya hawaasaa saamuu cimsee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Ergamtoonni mootummaa garboomfataa impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta'u, godina Horroo Guduruu aanaalee adda addaa irraa qabeenya hawaasaa saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.
Aanaa Amuuruu ganda Walagee jedhamu irraa loltoonni faashistii PP sirna jiguu geesse suphuuf ifaajan Sadaasa 23,2024 nama Obbo Hirkoo Barasaa jedhamu jalaa horii 8 fudhatanii sokkuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Hirkoon harka qalleessa yommuu ta'u, nama yeroo dheeraaf jiruu fi jireenya hammaataa keessa jiraachaa turee fi sababiin qabeenya isheedhuma horate saamamuu saawwan isaatiis maqaa "mucaan kee Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jedhuun ta'uun ibsameera.
Dabalataanis, godinuma kana aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kootichaa Maloolee jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa "sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo'' jedhuun bobbaate, nama Obbo Shaambal Dhugumaa jedhamu jalaa re'oota 13 saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti hidhattootni sirnichaa qabeenyaa namootaa barbadeessuun, dargaggoota lamas ajjeesuun tokko madoo taasisan
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Sadaasa 27,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman ganda Sadeen Makkannaa, Qurqur fi ganda Baddeessaa keessatti dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin qonnaan bultoota 2 kan maqaan isaanii Aliyyii Mahaammad Aliyyii fi Hasan Ahimed Hasan jedhaman mana isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaan yoo ajjeesan, dargaggoo Ahimed Hasan Haajii jedhamu ammoo madeessanii jiraachuu fi madoon isaallee ulfaataa ta'uu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni ganda Sadeen Makkannaa dubbisne himanitti namoonni ergamtoota murna bilxiginnaa kanaan haala suukkaneessaan ajjeefamanii fi madaa'an kun namoota nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne ta'uu himuun, dargaggoon ajjeefame Hasan Ahimed Hasan jedhamu Sa'udi Arabiyaa kan turee fi Sa'udi Arabiyaa irraa ammoo dhukkubsatee kan gale ta'uu himan. Akka impaayerattiitti galeen torbee osoo hin guutin hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin haala suukkaneessaan kan ajjeefame ta'uus jiraattotni dabaluun dubbatan.
Dhukaasa milishoonni fi waraanni faashistii PP waliin ta'uun aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun hawaasa nagaa irratti banan kanaanis namoonni nagaan ajjeefamuu fi madaa'uun cinaatti qabeenyaan jiraattotaa gaala, loon fi re'oota dabalatee kan ammaaf abbaan adda hin baane hedduun rasaasa hidhattoota sirnichaan ajjeefamuu fi jiraattotni hedduun qe'ee gadhiisanii godaanuun barameera.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed namoota 2 ajjeesanii gatuun soora bineensaa taasisan
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Ergamtoonni naasuu tokko illee dhala namaaf hin qabne loltoonni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo adamsanii ajjeesuun soora bineensaa taasisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee keessaa Sadaasa 21,2024 waraabessichi aduu saafaa waraanni maafiyaan PP namoota lama kanneen maqaan isaanii Obbo Naggasaa Cimdeessaa fi dargaggoo Goobanaa Eebbisaa jedhaman badii tokko malee qe'ee isaaniitii ukkaamsuun aanichuma ganda Guddina Walqixxee fi ganda Odaa Haroo jedhaman gidduutti kan argamu bosona Gaara Goonaa jedhamu keessatti ajjeesanii gatuun soora bineensaa taasisanii jiraachuu jiraattonni gandichaa miira gaddaan guuteen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni ajjeefaman kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, Obbo Naggasaa bineensi nyaatee fixuun reeffi fuudhamee awwaalamu yoo dhabamu, dargaggoo Goobanaan ammoo walakkaan qaama isaa nyaatamuun mudhii gadi lukti lama uffata waliin argamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
WBO'n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti diina adabe
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufe.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti guyyaa har'aa jechuunis Sadaasa 29,2024 jajjabeen WBO humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa barii barraaqa sa'atii 12:00 irraa eegaluun lola haxxee ergamtoota maafiyaa PP waliin taasiseen loltoota murna bilxiginnaa 4 battalatti ajjeesuun madoo hangi ishee adda hin baaneen adabeera.
Tarkaanfii humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa waraana faashistii PP irratti fudhate kanaanis humni weerartuu Abiy Ahimed kun baaragdee humna dabalataa magaalaa Sanbatee, Caffaa Roobit Kamisee fi kkf irraa yaammachaa turuun barameera.
Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️
Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
Israa’el waraana duguuggaa sanyii Gaazaa irratti geggeessitu osoo hin hir’atin itti fuftee jirtuun lammiilee Falasxiinotaa dabalataa 19 ajjeeste
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Waraanni Israa’el Kamisa kaleessaa haleellaa qilleensaa guutuu Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 19 ajjeese.
Namoonni ijaan argan Anadolutti akka himanitti, Israa’el kaaba Gaazaa naannoo Pirojektii Beyit Lahiya keessatti haleellaa qilleensaa Israa’el mana maatii “Sahwayil” fi “Zaqqoyut” lama ta’an irratti raawwateen lammiileen Falasxiin afur ajjeefamaniiru.
Haleellaan meeshaa waraanaa Israa’el itti fufee waan jiruuf lammiin Falasxiin biraa kaaba magaalaa Gaazaa naannoo Saftaawii keessatti ajjeefame.
Giddugaleessa Gaazaa keessatti haleellaa xiyyaaraan Israa’el mooraa baqattootaa Nuseyirat keessa jiru irratti raawwatteen lammiileen Falasxiin torba ajjeefamuu maddi yaalaa Anadolutti hime.
Waraanni Israa’el naannoo kaaba dhiha Nuseyirat irratti dhukaasa meeshaa waraanaatiin boombii roobsuu itti fufuu isaa maddeen biyya keessaa ni mul’isu jechuun Anaadooluun gabaaseera.
Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti dhukaasa meeshaa gurguddaa ZU-23 murni Bilxiginnaa hawaasa irratti dhukaaseen lubbuun namootaa darbe
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Meeshaa gurguddaa silaa daangaan ittiin eegamu murni maafiyaa PP ammoo lammilee dhuma bulchaan jira jedhutti deebisuun waggoottan jahan darbanii kaasee duguuggaa raawwachaa jiruun lubbuun namaa darbaa fi qabeenyaan namootaa guyyuu manca'aa oola.
Uummata nagaa meeshaalee gurguddaan lafa irraa duguugaa kan jiru murni maafi'aan PP kun afaaniin ammoo miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabuun waa'ee nagaa lallabaa harka lafa jalaan gochaan ammoo ajjeechaa raawwatu jabeessee jira.
Sadaasa 28,2024 dhukaasa meeshaalee gurguddaa ZU-23 jedhamuun beekamu hawaasa godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Bachoo keessatti dhukaasaa oolaniin namoota Xaafii haammachaa jiran irratti bu'een battalumatti namoonni shan ajjeefamuun jaha madaa'anii jiraachuu jiraattonni himan.
Akkasumas qabeenyaan namootaa illee kan manca'e ta'uu himuun, namoonni maqaan isaanii:
Firee Zallaquu Alamuu,
Dammaa Baqqalaa,
Gazzee Solomoon fi
Mushurashee Mo'ee kanneen jedhaman kanneen battalumatti ajjeefaman ta'uu jiraattonni himan.
Namoonni ajjeefaman hedduu ta'uu fi hanga gabaasni kun qindaa'etti namoonni jaha ammoo madoo ulfaataa madaa'anii akka jiran himanii, kanneen madaa'an ammoo yaala gahaa argachaa akka hin jirre dubbataniiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdootti dargaggoonni Oromoo haala suukkanneessaan hidhattoota PP'n yoo ajjeefaman, Aanaa Qondaalaatti hidhaan jabaate
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti quucarsan tarsiimoo garaa garaa baasaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa hawaasni hin qabneen yakkuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Oromiyaa keessatti hireen dargaggoota Oromoo jumlaan ajjeefamuu fi dirqamaan funaanamuun adda waraanaatti guuramuu erga ta'ee waggoonni jaha darbanii jiru.
Aanaa Yuubdoo ganda Ciisaa Boorrii keessatti dargaggoota eegeree biyyaaf abdii ta'an akkasumas humna biyyaaf dagalee ta'uuf abdataman sadii ganda Alakuu Guutee irraa Daani'el Waltajjii Bajuuraa, ganda Calleyaa Geetaanoo irraa Eliyaas Darajjee Qixxeessaa fi ganda Alakuu Guutee Bunarraa irraa Daani'eel Baacaa Sadaasa 26,2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bosonatti gatuun beekamee jira.
Dargaggoonni kunneen balleessaa qabataniif osoo hin taane maqaa siyaasa kiyyatti buutan jedhuun ol adeemtoota kanneen guyyaa saafaa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekamee jira.
Aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo keessaa ergamtoonni maafiyaa PP Sadaasa 25,2024 nama maqaan isaa Obbo Abdallaa Muusaa jedhamu jalaa loon 23 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen maatii kana irratti erga saamicha raawwataniin booda mucaa Obbo Abdallaa kan ta'e Yesuuf Abdallaa ammoo guyyuma kana fuudhanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanichatti dararaa fi doorsisni maatii qabsaa'otaa irratti maqaa "ilmaan keessan fidaa galchaa" jedhuun raawwatu haala duraan barameen olitti cimee itti fufee jiraachuunis dabalataan ibsamee jira.
Yugaandaatti sigigaa lafaa uumamee manneen ukkaamfameen namootni 13 yoo du'an, duuti dabaluu akka danda'u sodaatamaa jira
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Baha Yugaandaa keessatti rooba cimaa roobeen lafti sigigachuun lubbuun namoota 10 ol kan du’an yoo ta’u, namoonni hedduun du’uu sodaatamaa jira
Waldaan Fannoo Diimaa Yugaandaa Kamisa kaleessa akka jedhetti, halkan duraa gandoota gaarreen Bulambuli keessa jiran jaha keessatti sigiga lafaa manneen 40 “guutumaan guututti awwaaleen” booda yoo xiqqaate reeffi namoota 13 argameera.
Suuraaleen miidiyaalee biyya keessaa irratti argaman akka agarsiisanitti, lafti guddaan kufe lafa ganda Masugu, magaalaa guddoo Kaampaalaa irraa gara sa'aatii shanii konkolaataatiin fagaattee argamtu keessatti argamu uwwiseera.
Viidiyoowwanii fi suuraawwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman namoonni ganda Kimono keessatti namoota lubbuun hafan qotaa jiran agarsiisa jedhaman.
Waldaan Fannoo Diimaa Yugaandaa hojiin baraarsaa kun itti fufee kan jiru ta’us lakkoofsi namoota du’anii dabaluu hin oolu jedheera. “Namoota gara 30 dhabne,” jechuun komishinarri aanaa Faheera Mipalanyi dhaabbata oduu AFPtti kan himan yoo ta’u, hanga ammaatti daa’ima tokkoo dabalatee reeffi namoota jaha akka argame himaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.
Aanaalee Godina Baha Wallaggaa hedduu keessatti gidiraan uummata irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni himatu.
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan hawaasa nagaa bakka hojii isaa irraa qabuun mana hiraarsaatti darbachuun yoo fedhan qarshii guddaa gaafachuun dinagdeen quucarsaa, yoo fedhan immoo gara leenjii waraanaatti geessuun gama kaaniin ammoo dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii kan turan namoota baay'inaan 45 ol ta'an waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun humnaan waraqaa fi kobbee itti kennuun leenjisaa kan jiran ta'uu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.
Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen amantaa adda addaa irra deemuun hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun abbootii amantaa illee doorsisaa fi hidhaa jiraachuunis ibsameera.
Dabalataan Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaatti Wiixata darbe waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa afaan qawween uummata doorsisanii waltajjii baasuun WBO balaaleffadhaa, nyaatas kennuufiin itti iyyaa jechuun dirqamsiisaa turuun beekameera.
Yoo ajaja nuti isin dirqamsiisne kana raawwachuu diddan isin ajjeesna, ganda kana keessas jiraachuu hin dandeessan fi seelii diinaa waliin hariiroo qabaachuu keessaniif jireenyi keessan manneen hidhaa akka ta'us hubadhaa jechuun akeekkachisa itti laachuun ibsameera.
Ittuma fufuun Kutaalee Oromiyyaa cufa keessaa yeroo garaa garaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo gama isaaniif danda'ame maraan hacuucuu kan amaleeffatan yoo ta'u, aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Sulxaan Aammaduu jalaa horii 4,
- Obbo Abdii jalaa qarshii kuma digdama (20,000) fi
- Obbo Zakkoo Abdoo jalaa qarshii kuma kudha sagal (19,000) saamuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Kana malees aanaadhuma kana ganda Badhoo jedhamu keessaa Sadaasa 18,2024 irraa eegaluun milishootaa fi kaabinoota sirnichaatiif guyyaa guyyaan namni tokko biddeena ija shan shan akka dhiyeessan dirqamsiisaa jiraachuu fi namni hin dhiyeessine ammoo qarshii 600 adabamtu jechuun hawaasa kokkee qabaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, aanicha keessatti maatii qabsaa'otaa hidhuu, doorsisuu fi reebicha irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.
Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaatiin cimee itti fufuun himame
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Qaala'iinsa jireenyaa impaayerattii keessatti hammaateen uummanni galiin inni argatee jiraatu daran xiqqaachuu irraan kan ka'e miidhamaa jiraachuu fi furmaata jireenyaa yeroo dhabee jirutti murni Bilxiginnaa daranuu saamicha jabeessee jira.
''Gibirri fi kaffaltiin inshuraansii fayyaa akkasumas miindaan hojjetaa irraa muramu (citu) haalaan ol akka ka'u taasifamaa yeroo jirutti haalli daballiin gabaas kan baroota darbanii irraa ol ka'uun namnuu tilmaama hojjetee jiraatuun olitti qarshii gaafatamuu irratti argama.
Godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaatti waraanni garboomfataan PP aanicha keessa maadheffatee jiraatu milishaa fi abbootii garee, abbootii afooshaa fi kanneen biroo gurmeessuudhaan hawaasa keessa bobbaasanii qarshii kaffaltii gibiraa fi inshuraansii fayyaa jechuun uummata irraan saamicha cimaa geessisaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees kaffaltii uffannaa milishaa, deggersa ijaarsa gandaa fi kanneen biroo jechuun qarshii kuma tokkoo hanga qarshii kuma 10,000'tti guuraa akka jiran jiraattonni bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa ONM'tti himaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 30-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በሰሜን ሸገር ዞን ደራ ወረዳ በህብረተሰቡ ላይ በተተኮሰው ዙ-23 ከባድ የጦር መሳሪያ ቢያንስ የ10 ሰዎች ህይወት አልፏል።
ህዳር 30፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ ማፍያ ቡድን ካለፉት 6 አመታት ጀምሮ ድንበሩን ለመጠበቅ ጥቅም ላይ ሊውል የሚገባውን ትልቁን መሳሪያ በስልጣን ላይ ነን ያለነው የሚለው አምባገነን በዜጎች ላይ በማነጣጠር እልቂትን ሲያካሂድ ቆይቷል።
ከባድ መሳሪያዎችን ጨምሮ ሰላማዊ ዜጎችን ከመሬት ላይ እየጨፈጨፈ የሚገኘው የፒፒ የማፍያ ቡድን በመገናኛ ብዙሃን እና በፕሮፓጋንዳዎች አማካኝነት ሰላምን በመስበክ እና ግድያዎችን በተግባር በማዋል ላይ ይገኛል።
በሰሜን ሸገር ዞን ደራ አውራጃ በባቹ መንደር ዙ-23 ከባድ የጦር መሳሪያዎች አኩሪ አተር በሚሰበስቡ ሰዎች ላይ ህዳር 28 ቀን 2024 ዓ.ም በተተኮሰ ጥቃት አምስት ሰዎች ሲሞቱ 6 ሰዎች ቆስለዋል ሲሉ ነዋሪዎች ገለጹ።
የሰዎች ንብረትም ወድሟል ብለዋል ። ስማቸው ሰዎች፡-
-ፍሬ ዘለቁ እልም
-ደማ በቀለ
-ግዜ ሰለሞ እና
-ሙሹራሼ ሞኤ የተባሉት ወዲያውኑ መገደላቸውን ነዋሪዎች ተናግረዋል።
ይህ ዜና እስከተጠናቀረበት ጊዜ ድረስ በርካታ ሰዎች መሞታቸውንና 6 ሰዎች ላይ ከባድ የአካል ጉዳት መድረሱንም ተናግረዋል።
በምእራብ ሸገር ዞን ሊባን ጃዊ ወረዳ የንፁሀን ዜጎች እስራት ቀጥሏል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ኦሮሞ ሆኖ መወለድ ወንጀል በሆነበት ዘመን የአብይ አህመድ ወታደሮች ሰው በላ ተላላኪዎች ንፁሀን የኦሮሞ ብሄርተኞችን በውሸት እየከሰሱ ወደ እስር ቤት እየወረወሩ ነው።
ህዳር 26፣ 2024 ዓ.ም የብልፅግና ሰራዊት በሊበን ጃዊ ወረዳ በጋሞ ወሊሶ መንደር በሚከተሉ ሰዎችን በቁጥጥር ስር አውሎል።
• ወይዘሮ አዳኑ ዘለቀ እና
• አቶ ሌሊሳ ገዳን ያለምንም ጥፋት ከመኖሪያ ቤታቸው በማፈን እያሰቃያቸው መሆኑን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግሮዋል።
ግለሰቦቹ ከፖለቲካ ወገንተኝነት ነፃ መሆናቸውን የገለጹት ምንጮቻችን ልጆቻችሁ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት አባላት ናቸው” በሚል የአገዛዙ ተላላኪዎች በቁጥጥር ስር እንዳዋላቸው ገልጸዋል።
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Sudaan walitti bu'iinsa gidduutti namootni 43,000 ol dhukkuba koleeraan qabamuu gabaaste
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Sudaan Kamisa kaleessaa biyya waraanaan miidhamte kana keessatti namoonni 43,000 ol dhukkuba koleeraan qabamuun, 1,800 ammoo du’aniiru jette.
Ministeerri Fayyaa ibsa baaseen akka beeksisetti, naannolee saddeet keessatti namoonni haaraan 221 dhukkuba koleeraan qabamuu ibsuun, walumaa galatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman 43,490 yoo ta'u lubbuun namoota du'anii 1,187 gaheera.
Namoonni dhukkuba koleeraan qabaman Kaartuum, Aljaziraa, Al Qadariif, Kasalaa, Laga Naayilii, Naannoo Kaabaa, Naayilii Adii, fi Sennar keessatti galmaa’uu ministeerichi beeksiseera.
Dabalataanis, ministeerichi namoota haaraa 15 dhibee qaama ho'isuun qabamuu gabaasuun lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 8,008 ol guddiseera, lubbuun namoota 16s darbeera.
Ho’i qaamaa karaa ciniinnaa hoomaa bookee kan daddarbu mallattoolee akka ho’a qaamaa olaanaa, mataa dhukkubbii, dhukkubbii maashaalee fi lafee, garaa kaasaa fida.
Dhukkubni koleeraa, dhukkubni baakteeriyaa yeroo baay'ee bishaan faalameen kan babal’atu yoo ta’u, garaachaa cimaa fi bishaan qaama keessaa hir’achuu kan fiduudha. Yoo hin yaalamne sa’aatii muraasa keessatti lubbuu namaa galaafachuu danda’a.
Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee lola waraanaa fi garee humna deggarsa ariifataa (RSF) gidduutti taasifamaa tureen manca’aa jirti.
Lola kanaan lubbuun namoota 20, 000 ol darbuu fi namoonni miliyoona 14 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi aangawoota naannoo irraa argame ni mul’isa jechuun Rooyiters gabaaseera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti waraanni maafiyaa PP qonnaan bultoota 2 haala suukkaneessaa ta'een ajjeesan
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee ittuma fufuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti waraanni maafiyaa PP qonnaan bultoota 2 haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun himamee jira.
Aanaa Haroo Limmuu ganda Sugee Lalisaa irraa qonnaan bultoota maqaan isaanii Obbo Darajjee Ciibsaa fi Obbo Jirraa Nagarraa kanneen jedhaman badii tokko malee Sadaasa 26,2024 halkan sa'atii 10:00'tti manaa baasanii lachuu isaanii laga geessuun bakkuma tokkotti ajjeesanii gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Tajaajilli qunnamtii waan irraa citeef, haala uummanni keessa jiru adda baafachuun rakkisaa ta'uu fi dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu akka aanichaatti ulfaataa ta'uun himamee jira.
ህዳር 29-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti hidhaan jiraattota irratti waraana maafi'aa PP'n jabaate
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Oromoon quubsuma lafa isaa irratti nagaan akka hin jiraanneef waraanni sirna-dhableeyyiin Bilxiginnaa hojii balleessuu qofaa fudhatanii bobba'an guyyuu sabicha hidhaa fi ajjeechaan hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru.
Jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo baatiilee darbanii kaasee bifa addaan humnaan leenjii milisummaaf guuramuu, maqaa hariiroo WBO qabduun manneen hidhaatti darbamuu fi ajjeechaan murtii seeraa malee irratti taasifamaa jiraachuus kan himamu yoo ta'u, jiraattota onichaatti abdiin jireenyaas itti dhukkanaa'ee jiraachuun ibsameera.
Gandoota akka Waabaa Eebbaa, bulchiinsa magaalaa Seertuum, Yaadannoo Yattii, Goomii, Yaarer, Heenachee, Kuuroo fi Kanneen biroo hafan irraa jumlaan guuramanii hidhamaa kan jiran ogguu ta'u, keessattuu ijoolleen dubaraa maqaa loojistiikii WBO'tiin bulchiinsa magaalaa Muggiitti darbamuun hidhaan hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.
Namoota hidhamanii jiran keessaas muraasni maqaan nu ga'e; Warquu Mallasee, Amanaa Malaakuu, Caalaa Baay'isaa, Suutumee Namoomsaa, Ruutee Sintaayyoo, Boontuu Faqqadee, Wubaaleem fi Warquu Jiraataa yoo ta'an, reebichi hamaanis irratti raawwatamuun ibsameera.
Murni garboomfataan PP Oromiyaa guutuutti doorsisaan hawaasa bulchuuf ajandaa badii qabatee jiraachuu ONM addeesseera
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Doorsisa abdii kutannaa murni faashistii PP uummataa fi caasaa isaa biraa dirqamaan malee deggarsa hin qabne kallattiin "yoo na deeggarte ni jiraatta, yoo na mormite ni ajjeefamta" Wiixinee jedhu qabatee as ba'e torban kana keessa akka Oromiyaatti uummata ajjeesuu, hidhuu fi saamuu jabeesseera.
Barataa fi barsiisaa walitti qabuun bakkeewwan tokko tokkotti yoo sirna kiyyaan mormitan murteen keessan ajjeechaa qofaadha, furmaatni jireenya keessanii tokkoof tokko callisuu qofaadha jechuun hojimaatni hammaataan murna faashistii PP'n irratti diriirfamee yeroo ammaa gadi bahee jiru yaaddoo uummatatti uumee jiraachuunis ibsameera.
Callisii akkan siin jedhetti jiraadhu anatu siif beeka malee ati waa'ee kee hin beektu jechuun walga'ii Wiixata darbe irraa kaasee bifa dhoksaan adeemsisaa jiru irratti doorsisni daangaa darbe waraanaa fi dabbaloota murna faashistii PP'n irratti taasifamaa jiraachuus kan himan jiraattonni, caasmaleeyyiin Bilxiginnaa ammayyuu Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf hacuuccaa fi roorroo wagggottan dhibbaa oliif Oromoo irra jiru daran itti jabeessuuf ijibbaata isa dhumaa irra jiraachuunis beekameera.
Hololaa fi burjaajii uumuun WBO cabsuu kan dadhabe murni garboomfataan PP, kallattii hundaan lola Oromiyaatti banamee jiru irraa dandamatee mul'achuun WBO, abdii kutannoo kan itti kaase uummaticha ajjeechaan afaan qabachiisuuf kutannoon waraana nu irratti bobbaasee jira kan jedhanis jiraattota Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Waraanni bilxiginnaa Godina Gujii Bahaa fi Gujii Lixaatti saamichaa fi ajjeechaa raawwatan
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Godina Gujii Bahaatti waraanni faashistii pp maqaa nageenya eegna jedhuun uummata Oromoo irratti bobbaafaman qabeenya Uummataa Jumlaan saamuu fi Uummata hidhanii maallaqa Humnaa Olii gaafachaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen Ifoomsanitti Godina Gujii Bahaa Aanaa Aagaa Waayyuu keessatti Uummata Nagaa hidhuu, saamuu fi Ajjeesuun itti fufee jiraachuu himuun, sadaasa 26,2024 aanaa Aagaa Waayyuu ganda Daawwaa Digaattee keessatti Uummata nagaa qabanii hidhuun, namoota sadii irraa qarshii 350,000-350,000 fudhachuun gadi yoo dhiisan, namootni hedduun sababa maallaqa dhabaatiin mana hidhaatti kan hafan ta'uu himan.
Akkasumas godina Gujii Liixaa Aanaalee garaa garaa keessatti abbootii warraa burjaajjessuun Ilmaan keessan waraana mootummaa akka ta'aniif kennaa, jechuudhaan uummata burjaajjessuun beekame.
Godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa keessaa gandoota akka
- Roobii Magaadaa
- Geledee
- Dogoo
-Dooyaa Cabbittii fi
- Meeddano dabalatee maqaa Ilmaan keessan mootummaaf arjoomaa jedhuun Uummata hidhuu fi kan Ilma kennuu dide qarshii 10,000 akka arjoomu jechuun uummata afaan qawweetiin waadaa galfachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Godinu kana aanaa Surroo Barguddaa keessatti waraana mootummaa deemta jechuudhaan, nama maqaan isaa Korjoo Jaarsoo Mokkonnaa jedhamu dabalatee nama 73 sadaasa 25,2024'tti konkolaataa 2'n fe'anii deemuu uummatni aanichaa Arraata Biyyaalessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun daran cimee itti fufe.
ONM-ABO Sadaasa 29,2024 Bara Oromoo ta'anii dhalachuu qofti yakka ta'etti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni nama nyaataan mootummaa abbaa irree loltoonni Abiy Ahimed sabboontota ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan yakkuun mana hiraarsaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu keessaa waraanni shiftaa Bilxiginnaa Sadaasa 26,2024 namoota maqaan isaanii:
• Aadde Adaanuu Zallaqaa fi
• Obbo Leellisaa Gadaa kanneen jedhaman badii tokko malee qe'ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen akka himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu eeruun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti" jedhuun hidhuu dubbataniiru.