Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Loltoonni Soomaalee dhibbootaan lakkaa'aman sagantaa leenjii Turkii irraa eebbifaman
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Miseensonni kutaa komaandoo Somaaliyaa dhibbaan lakkaa’aman Jimaata kaleessaa waliigaltee biyyoota lamaanii Humnoota Waraanaa Somaalee cimsuu jalatti sagantaa leenjii Turkii keessatti eebbifaman.
Loltoonni kutaa Gorgor qormaata nageenyaa saba Gaanfa Afrikaa garee shororkeessummaa al-Shabaab kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabu keessatti uumameef deebii itti kennan irratti leenjii kennaniiru.
“Har’a Turkiitti waliigaltee ijaarsaa cimsuu Humnoota Waraanaa Somaalee irratti qabnu gabbisuuf sirna cufiinsa murteessaa leenjichaa gaggeessineerra” jechuun Imbaasiin Somaaliyaa Turkiitti argamu sirna eebbaa booda garee X irratti ibseera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Abdulkaadir Mohaammad Nuur jalqaba torbee kanaa itti aanaa prezidaantii Turkii Chevdet Yilmaz waliin kan wal argan yoo ta’u, Ankaaraan “keessattuu nagaa fi nageenya Somaaliyaa keessatti, walumaa galatti Afrikaa Bahaa keessatti nagaa fi nageenyaaf deeggarsa gatii guddaa qabu” ta’eef galateeffataniiru.
Moqaadishoon hariiroo cimaa Somaaliyaa fi Turkii damee hundaan jiru daran guddisuu fi walitti dhufeenya obbolummaa daran cimsuuf kutannoon hojjechuu itti fufti jedhan.
Yeroo dheeraaf michuu dhiyoo Somaaliyaa kan taate Turkiin, damee barnootaa, bu’uuraalee misoomaa fi eegumsa fayyaa Somaaliyaa irrattis misoomsiteetti.
Akkasumas, Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaalee leenjisuuf bakka waraanaa biyya alaa guddicha magaalaa guddoo Moqaadishoo keessatti qabdi jechuun Doochii Waleen gabaaseera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti jiraattota hidhuu, leenjii waraanaatti guuruu fi saamuun cimee yoo itti fufu, Aanaa Guutoo Giddaatti Kaabinoota Bilxiginnaa irraa miindaa ji'aa cite
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan waadaa kan jiru jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaa fi leenjii waraanaatti guuraa akkasumas yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqqaa bakka addaa Inbaatuu Mikaa'elii jedhamu keessaa Sadaasa 27,2024 ergamtoonni sirnichaa maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu" jedhuun uummata nagaa irratti dhukaasa banuun namoota maqaan isaanii:
• Bulchaa Galataa,
• Danuu Bulchaa,
• Tsadaatuu Yaaddessaa,
• Taarikee Kidaanuu fi ijoollee ishee ammaaf maqaan isaanii adda hin baane lama mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu fi namoota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ammoo achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Aggoo Laaften jedhamu keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Nagarii Tulluu jedhamu "qabeenya WBO'tu si bira jira" jechuun loon 7 jalaa saamanii jiraachuu maddeen eeran.
Aanichuma ganda Tibbee Haraa keessaa ammoo dargaggoo maqaan isaa Abbabee Oliiqaa jedhamu "ati miseensa WBO'ti" jechuun rasaasa afur itti dhukaasuun qe'ee irraa yoo buqqisan, Obbo Margaa Baqqalaa fi Maammoo Abbabaa kanneen jedhaman ammoo "WBO'f nyaata kennitan" jechuun reebicha hamaa irraan gahanii jiraachuun ibsameera.
Ergamtoonni kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa keessaa ammoo jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan turan yoo ta'u, ganda Gaaddisa Odaa jedhamu irraa Sadaasa 14,2024 dargaggoota maqaan isaanii:
- Juuneyidii Abdurruu,
- Usmaan Haaruun,
- Abdii Juhaarii fi kanneen biroo hedduu ta'uu maddeen ONM'f eeraniiru.
Dabalataan gandicha keessatti maqaa kaffaltii uffata milishaa, gibira fi kkf jedhu itti tarreessuun dararaa jiraachuu fi yoo isin daftanii yeroon hin kaffaltan ta'e hunda keessan hidhaatti isin galchina jechuun itti roorrisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu keessoo Bilxiginnaan ammoo
maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun Kaabinoonni Bilxiginnaa gara gandoota baadiyyaa aanaa Guutoo Giddaa hundatti ramadaman kufaatii impaayera isaanii mirkaneeffachuun akkasumas sodaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof jecha gara gandoota baadiyyaa hin deemnu jedhanii didan kaffaltii miindaa ji'aa ugguramuun qaala'iinsa jireenyaa hamaa mudatee jiruun jireenyi itti ulfaatee jiraachuu Kaabineen Bilxiginnaa sodaa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka Kaabineen kun himutti, Itti aanaa bulchaa aanaa Guutoo Giddaa fi hoogganaa waajjira qonnaa kan ta'e namni maqaan isaa Tashoomee Booboo jedhamu ofii isaatii magaalaa taa'uun, nuun ammoo labooba ibiddaatti nu oofuun dararaa ulfaataa nurraan gahaa jira jechuun, miindaa keenyas ji'a tokko dura nu dhorkate jedhu.
Rakkoo isaan irra ga'aa jiru ibsuu yeroo itti fufu ijoollee kiyyaafillee kaffaltii ji'aa waan kaffalu dhabnee ijoolleen mana barnootaa irraa ari'aman jechuun miira gaddaan guuteen dubbata.
Akkuma aanichaatti waldhibdee keessoo Bilxiginnaatti dhalachaa buluun Kaabinoonni hedduun hojii dhiisuun biyya irraa ba'aa jiraachuu fi kaan ammoo hidhaatti guuramaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti Kaabinoonni PP lafa qonnaan bultoota Oromoo saamuun dhalattoota Amaaraaf kennaa jiraachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Ilmaan Oromoo fagootti diinomfachaa ifatti immoo ergamtoonni bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa daangaa ce'anii dhufan kanneen Faannoo jechuun of waaman gargaaruun utubanii caasaa isaanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaraafii kan jiran yoo ta'u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti Kaabinoonni PP lafa qonnaan bultoota Oromoo saamuun dhalattoota Amaaraaf kennaa jiraachuun ibsameera.
Gandoota aanaa Daaboo Haannaa keessaa kanneen akka: Dhidheessaa, Cittuu Safaraa fi Cooraa Kanaaboo jedhaman keessaa kaabinoonni bilxiginnaa dhalattoota Amaaraa gargaaruun hawaasa Oromoo buqqisuuf yaalii adda addaa gochaa jiru.
Ergamtootni Bilxiginnaa rakkoo diinomfannaa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa ka'uun irra deddeebiin maqaa "kilaasteraan muuza oomishuu" jedhuun saamanii lafa biqiltuu muuzii qabu qonnaan bultoota Oromoo irraa fuuchuun uummata Amaaraaf kennanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, dhalatoonni Amaaraa gargaarsa ergamtoota Bilxiginnaan utubamanii ilmaan Oromoo dararanii ofii jireenya gaarii jiraataa kan jiran ta'uu himuun, miidhaa hamaan ilmaan Oromoo gandoota kanneen keessa jiraatan irra gahu daran jabaachuu ibsaniiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti diina du'aa fi madoon adabe
ONM-ABO Sadaasa 30,2024
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn gidiraa jajjabduu impaayerri saba oromoo irratti hojjachaa jiru jibbuun tarkaanfii walitti fufaa waraana waraana faashistii PP irratti fudhachaa jira.
Jajjabeen WBOn zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti kaleessa Sadaasa 29,2024 waraana faashistii PP saamichaaf bobbaate iddoo addaa ganda maatii jedhamutti haleellaa cimtuu irratti taasisuun 1 ajjeesee fi 8 madoo daddammii hin qabneen adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Oduu Galgala ONM-ABO Sadaasa 30-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Sadaasa 30-2024 itti diyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Itti aanaan muummicha ministeeraa Raashiyaa imala gara Afrikaa Dhihaatti taasisaniin pirezidaantii Maalii waliin wal argan
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Maalii fi Raashiyaan dameelee ijoo kanneen akka anniisaa, bu’uuraalee misoomaa, geejjibaa fi qonnaa irratti xiyyeeffachuun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru jedha ibsi Jimaata kaleessaa ba’e.
Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti kan mari’atan prezidaantiin Maalii Jeneraal Asiimii Gootaa fi itti aanaan muummicha ministeeraa Raashiyaa Aleeksaandar Noovaak gidduutti mariin taasifamaa turu ibsi Pirezidaantiin Maalii beeksiseera.
Noovaak hariiroo Raashiyaa fi Maalii sadarkaa tarsiimootti ol guddisuuf fedhii qabaachuu isaanii ibsuun, gama farra shororkeessummaa fi misooma dinagdeetiin tumsi barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Jila itti aanaa ministeerota jahaa akkasumas hoggantoota kutaalee hojii fi hoggantoota daldalaa hedduu of keessaa qabu daawwannaa hojii Maaliitti taasisaa jiru.
Ergamni kun qaama daawwannaa biyyoota miseensa Konfedereeshinii Biyyoota Sahel ta’e yoo ta’u, abdii tumsa biyyoota lamaanii irratti mari’achuuf kan akeekedha.
Muummichi ministeeraa Maalii Meejar Jeneraal Abdulaye Magga ''dhufaatiin jilli cimaan kun bu'aa ba'ii kana cimsuu fi egeree waloo badhaadhina qabu tilmaamuuf tarkaanfii haaraa agarsiisa'' jedhan jechuun France 24 gabaaseera.
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti ajjeechaan nama nagaa irratti waraana faashistii PP'n raawwate
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Gidiraan uummata Oromoo irratti waraana maafi'aa PP'n geggeeffamaa jiru dubbii afaan namaan ol ta'ee himuuf kan nama saalfachisu, dhaloonni boodarraan dhufu garamitti akka deemuu fi egereen sabichaas abdii kan nama kutachiisu ta'ee jira.
Waraanni sirna-dhableeyyiin Bilxiginnaa ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwachuu ciminaa fi gootummaatti kan ilaalaan lubbuu fi dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuun, ilaalcha gaarii aangaa'onni isaanii isaaniif qaban miidhakfatanii jiraachuuf qe'ee Oromoo gaddaa fi gadadoon gonfuu irratti argamu.
Sadaasa 27,2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Buusaa Bayiimootti nama nagaa kan maqaan isaa Warquu Sabbuu jedhamu gara laafummaa tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuun akka deeman jiraattonni ONM'tti himan.
Warquun yakka ajjeechaaf isa saaxilus akka hin raawwanne jiraattotni himuun, waraanni gara jabinaan guutame kun maqaa hidhata WBO qabda jedhuun sobaan yakkanii ajjeesuunis himameera.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa irraa maatii qabsaa'otaa hidhaatti darbachuun cimee itti fufe.
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaatti ol deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanaa Cawwaaqaa araddaa Caffee Magartuu bakka addaa Buufata 7'ffaa jedhamu irraa Sadaasa 27,2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Iluu Mahaammad,
- Adam Muusee,
- Siraajoo Muusee,
- Saartuu Adam,
- Muummee Huseen,
- Umar Muusee,
- Raadoo Shabboo fi kanneen biroo hedduu ta'an maqaa "ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Sadaasa 30-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Maatiin qabsaa'otaa Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti ergamtoota maafiyaa PP'n reebicha suukkanneessoo reebamuun hidhaatti darbatamuun cimee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti loltoota isaa itti bobbaasuun maatii qabsaa'otaa rakkisaa kan jiru murni nama nyaataan PP, gochaa abbaa irrummaa isaa kana jabeessuun Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaattis maatii qabsaa'otaa dararuu jabeessee itti fufeera.
Sadaasa 27,2024 aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti Abbaan Gadaa aanichaa Obbo Mahaammad Usmaan kan jedhamuu fi milishoonni PP waliin ta'uun magaalicha keessa naanna'anii maatii qabsaa'otaa kan ta'an dargaggoo Aliyyii Sayid fi konkolaachisaa baajaajii (miilla sadee) kan ta'e dargaggoo Fu'aad jedhamu harka dudduubatti hidhanii reebicha suukkanneessoo ta'e irratti raawwachuun konkolaataa keessa buusanii magaalaa Booraatti hidhuu jiraattotni dabaluun ifoomsan.
Akka hiriyootni dargaggoota kanneenii jedhanitti, dargaggoonni kunneen paartii siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin deggerre ta'uu fi hojii idilee isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jireenya isaanii mo'achuu qofaaf kan hojjetan ta'uu himuun, hattoonni murna bilxiginnaa kunnneen maqaa abbaa, obboleessaa fi obboleettii keetu bosona jira jedhuun reebicha argaa ijaatiif namatti hin tolle irratti raawwatanii hidhan jechuun miira gaddaan dubbatu.
Akkuma aanichaatti maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun loltoota sirnichaan yakkoonni farra namoomaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattotni aanaa Dawwee Harawaa ONM dubbise addeessaniiru.
Godinaalee Lixa Oromiyaa adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa 'Faannoo' jedhu moggaafachuun socho'an murnoota bilxiginnaa irraa gargaarsa argataniin ilmaan Oromoo akka saawwaatti cibsanii qaluu fi gochoota suukkaneessoo garaa garaa raawwachuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu fi dararuu cimsanii itti fufuun ganda Guddina Calliyaa bakka addaa Eeban jedhamutti Sadaasa 25,2024 hawaasa Oromoo qe'eef qabeenya isaa irraa ari'uun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii horii isaa lukkuu hanga horii gurguddaatti ooffachuun qabeenyaa biroo waan baachuun isaaniif mijatu hunda saamanii deemuun yeroo ammaa kana aanicha keessatti ilmaan Oromoo yaaddoo ulfaataa keessa galanii jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Kanuma bu'uureffachuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa gara jabinaan ilmaan Oromoo akka bineensaatti itti taphachuun dararuu aadaa kan godhatan aanaa Abee Dongoroo irraas qabeenyaa ilmaan Oromoo saamanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Abee Dongoroo magaalaa Tullu Gaanaa fi Arusee gidduutti kan argamu bakka addaa Bijjiit jedhamutti Sadaasa 26,2024 hawaasa Oromoo konkolaataan deeman konkolaataa irraa gadi buusuun qabeenya konkolaataa sana keessatti argamu hunda saamuu fi konkolaachistoota bajaajii dhaabsisuun reebicha hamaa irraan gahuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM'tti himanii jiru.
Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Dooshee jedhamuttis ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 26,2024 nama maqaan isaa Abdii Raggaasaa jedhamu badii tokko malee sobaan yakkuun reebicha hamaa ta'e irratti raawwatanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa Sadaasa 27,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Obbo Abbabee Tamasgeen,
- Shamarree Taarikee Laggasee fi
- Shamarree Addisee Aagaa jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti galchanii hiraarsaa jiraachuu fi hidhamtoota waajjira poolisii aanichaatti hidhanii jiran Sadaasa 27,2024 irraa eegaluun akka maatiin nyaata hin geessineef dhorkanii jiraachuu jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti namoonni kunneen hidhata qaama kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, Obbo Abbabee maqaa " ijoollee keetu bosona jira" jedhuun yoo yakkan, shamarran kanneen ammoo "WBO'f rifeensa dhooftan" jechuun hidhuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii hammeessuun, aanichuma magaalaa Horroo Alaltuu keessaa "qawwee bitaa WBO fi finxaaleeyyii Amaaraa nu waliin lolaa" jechuun jiraattota dirqamsiisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
የፒፒ የማፍያ ጦር በቄለም ወለጋ ዞን አንፊሎ ወረዳ በነዋሪዎች ላይ እስሩን አጠናክሮ ቀጥሏል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በጥፋት ተግባር ላይ ብቻ የተሰማራው የብልፅግና ሰራዊት ህዝቡን በየእለቱ በማሰር እና በመግደል ማሰቃየቱን ቀጥሏል።
በቄለም ወለጋ ዞን የአንፊሎ ወረዳ ነዋሪዎች ባለፉት ወራት ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ሰበብ ለሚሊሻ ስልጠና በግዳጅ ተመልምለው ታስረዋል እንዲሁም ያለፍርድ እየተገደሉ ይገኛሉ።
በጅምላ ከታሰሩት መካከል:- ዋባ ኤባ የሰርቱሜ ከተማ አስተዳደር ፥ ያደኖ የታ ፥ ጎሚ የረር ሄናቼ፣ ኩሮ እና በርኬቶች በቁጥጥር ስር መዋላችው ተገልፆ ፥ በለይም እንስቶች ለኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት አቅርቦት ታቀርባላችሁ በሚል ስም በቁጥጥር ስር ውለው እየተሰቃዩ ይገኛል።
ከታሰሩት ሰዎች መካከልም የአንዳንድ ሰዎች ስም ደርሰናል; ወርቁ መለሰ ፥ አማኑ መላኩ ፥ ጫላ ባዪሳ ፥ ሱቱሜ ነሞምሳ ፥ ሩቴ ስንታየሁ ፥ ቦንቱ ፈቀደ ፥ ውብአለም እና ወርቁ ጂራታ በቁጥጥር ስር ውለው ከፍተኛ ድብደባ ደርሶባችኋል።
የብልፅግና ጦር በምስራቅ ጉጂ እና ምዕራብ ጉጂ ዞን ዘረፋ እና ግድያ ፈጽሟል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በኦሮሞ ህዝብ ላይ በፀጥታ ጥበቃ ስም የተሰማራው የፋሽስቱ ጦር የህዝቡን ንብረት እየዘረፈ ህዝቡን እያሰረ ከአቅሙ በላይ ገንዘብ እየጠየቀ መሆኑን ምንጮቻችን ተናግረዋል።
በምስራቅ ጉጂ ዞን በአጋ ዋዩ ወረዳ ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን መሰር ፥ መዝረፍና መግደላችውን በመቀጠል ህዳር 26 ፥ 2024 ዓ.ም በአጋ ዋዩ ወረዳ በዳዋ ዲጋቴ መንደር ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን ይዘው በማሰር ከሶስት ሰዎች ላይ 350ሺ ብር በመቀበል መልቀቃችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
እክሎም በምዕራብ ጉጂ ዞን በተለያዩ ወረዳዎች የሚኖሩ ባሎቻቸውን እና ልጆቻቸውን የመንግስት ወታደር እንዲሆኑ እያስገደዷችው ይገኛል ።
በምዕራብ ጉጂ ዞን በዱግዳ ዳዋ ወረዳ ውስጥ እንደ ሮቢ መጋዳ ፥ ጎሌዴ ፥ ዶጎ ፥ ዶያ ጨቢ እና ሜደኖን ቀበሌ ጨምሮ ልጆቻችሁን ለመንግስት ለግሱ በሚል ስም ህብረተሰቡን ማሰር ፥ ልጆቹን ለመስጠት ፍቃደኛ ያልሆነን 10ሺ ብር እንዲከፍሉ እያስገደዱ እንደሚገኝ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም ኮርጁ ጃርሶ ሞኮንና የተባለውን ሰው ጨምሮ 73 ሰዎች በአውራጃው ሱሮ በርጉዳ ወረዳ በመንግስት ወታደሮች በሁለት መኪና ተወስደዋል።
በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን በጉዱሩ ወረዳ የብልፅግና ጦር የህብረተሰቡን የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ቀጥሎል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በሁሉም ዘርፍ ኢኮኖሚው ሽባ የሆነውን ኢምፓየር ለመጠበቅ የተሰማሩት የብልፅግና ወታደሮች የኦሮሞን ህዝብ ቤትና ንብረት በማቃጠል ባዶ እጃቸውን በመተው ለከፍተኛ ረሃብና ጥም በማጋለጥ ላይ ትኩረት በማድረግ ላይ ናቸው።
ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም የብልፅግና ወታደሮች ከሚከተሉት ሰዎች ዘርፎዋል።
- ከገደፋ ፉፋ ስር 19 የቀንድ ከብቶች እና
- ከሃብታሙ ወርቁ ስር 13 የቀንድ ከብቶን መዝረፋችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እነዚህ ሰዎች ያለ ምንም ጥፋት በአገዛዙ ወታደሮች የተዘረፉ ሲሆን ከቅርብ ጊዜ ወዲህ ደግሞ በ
የአገዛዙ ተላላኪዎች በሲቪል ማህበረሰብ ላይ የሚፈጽሟቸው ፀረ-ሰብአዊ ወንጀሎች ቀጥለዋል።
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti jiraattota hidhuu, leenjii waraanaatti guuruu fi saamuun cimee yoo itti fufu, Aanaa Guutoo Giddaatti Kaabinoota Bilxiginnaa irraa miindaa ji'aa cite
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan waadaa kan jiru jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaa fi leenjii waraanaatti guuraa akkasumas yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqqaa bakka addaa Inbaatuu Mikaa'elii jedhamu keessaa Sadaasa 27,2024 ergamtoonni sirnichaa maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu" jedhuun uummata nagaa irratti dhukaasa banuun namoota maqaan isaanii:
• Bulchaa Galataa,
• Danuu Bulchaa,
• Tsadaatuu Yaaddessaa,
• Taarikee Kidaanuu fi ijoollee ishee ammaaf maqaan isaanii adda hin baane lama mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu fi namoota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ammoo achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Aggoo Laaften jedhamu keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Nagarii Tulluu jedhamu "qabeenya WBO'tu si bira jira" jechuun loon 7 jalaa saamanii jiraachuu maddeen eeran.
Aanichuma ganda Tibbee Haraa keessaa ammoo dargaggoo maqaan isaa Abbabee Oliiqaa jedhamu "ati miseensa WBO'ti" jechuun rasaasa afur itti dhukaasuun qe'ee irraa yoo buqqisan, Obbo Margaa Baqqalaa fi Maammoo Abbabaa kanneen jedhaman ammoo "WBO'f nyaata kennitan" jechuun reebicha hamaa irraan gahanii jiraachuun ibsameera.
Ergamtoonni kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa keessaa ammoo jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan turan yoo ta'u, ganda Gaaddisa Odaa jedhamu irraa Sadaasa 14,2024 dargaggoota maqaan isaanii:
- Juuneyidii Abdurruu,
- Usmaan Haaruun,
- Abdii Juhaarii fi kanneen biroo hedduu ta'uu maddeen ONM'f eeraniiru.
Dabalataan gandicha keessatti maqaa kaffaltii uffata milishaa, gibira fi kkf jedhu itti tarreessuun dararaa jiraachuu fi yoo isin daftanii yeroon hin kaffaltan ta'e hunda keessan hidhaatti isin galchina jechuun itti roorrisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu keessoo Bilxiginnaan ammoo
maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun Kaabinoonni Bilxiginnaa gara gandoota baadiyyaa aanaa Guutoo Giddaa hundatti ramadaman kufaatii impaayera isaanii mirkaneeffachuun akkasumas sodaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof jecha gara gandoota baadiyyaa hin deemnu jedhanii didan kaffaltii miindaa ji'aa ugguramuun qaala'iinsa jireenyaa hamaa mudatee jiruun jireenyi itti ulfaatee jiraachuu Kaabineen Bilxiginnaa sodaa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka Kaabineen kun himutti, Itti aanaa bulchaa aanaa Guutoo Giddaa fi hoogganaa waajjira qonnaa kan ta'e namni maqaan isaa Tashoomee Booboo jedhamu ofii isaatii magaalaa taa'uun, nuun ammoo labooba ibiddaatti nu oofuun dararaa ulfaataa nurraan gahaa jira jechuun, miindaa keenyas ji'a tokko dura nu dhorkate jedhu.
Rakkoo isaan irra ga'aa jiru ibsuu yeroo itti fufu ijoollee kiyyaafillee kaffaltii ji'aa waan kaffalu dhabnee ijoolleen mana barnootaa irraa ari'aman jechuun miira gaddaan guuteen dubbata.
Akkuma aanichaatti waldhibdee keessoo Bilxiginnaatti dhalachaa buluun Kaabinoonni hedduun hojii dhiisuun biyya irraa ba'aa jiraachuu fi kaan ammoo hidhaatti guuramaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti milishoonni sirnichaa abbaa ijoollee 7 tokko haala suukkaneessaan ajjeesuun yoo gatan, namoota nagaa reebuu fi ukkaamsanii dhabamsiisuus jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasee umurii aangoo isaa waan dheereffatu kan itti fakkaatu murni garboomfataan Bilxiginnaa, goleelee Oromiyaa mara keessatti gaaffii seeraa tokko malee namoota nagaa haala suukkaneessaa ta'een ajjeesanii gatuu, doorsisanii saamuu fi qabanii achi buutee dhabamsiisuu bartee taasifatanii guyyuu raawwachaa oolu.
Bifuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Luxee keessatti milishoonni sirnichaa Sadaasa 27,2024 abbaa ijoollee 7 kan ta'an Obbo Adam Faaris qabanii buufata isaanii ganda Luxeetti halkan tokko harka isaanii funyoon dudduubatti hidhuun uleedhaan tumaa bulanii erga laaffisanii booda, Sadaasa 28,2024 halkan keessaa toora sa,a 8:00'tti rasaasaan waadanii ajjeesuun iddoo balfaatti gatanii deeman jedhu jiraattotni ganda Luxee irraa dubbisne.
Akka jiraattotni gandichaa kun jedhanitti, Obbo Adam qonnaan bulaa ta'uu fi hawaasa naannoo isaanii waliin hariiroo gaarii uummachuun kan jiraatan malee siyaasa kamuu kan hin hordofne ta'uu jiraattotni ibsuun, milishoonni sirnichaa naatoo dhala namaaf hin qabne kunneenis Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii harkaa fi miilla isaa walitti hidhuun iddoo balfaatti gatanii ganama maatiin achii kaafachuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 29,2024 sirni awwaalcha isaanii geggeeffamaa oolera jedhan.
Oduu hidhaatiin ammoo ganduma Luxee fi magaalaa Qalloo keessaa Sadaasa 29,2024 milishoonni sirnichaa qonnaan bultoota 2 jiraataa ganda Luxee kan ta'e Mahaammad Sheek Hasan fi jiraataa magaalaa Qalloo kan ta'e Mahaammad Diimtuu kanneen jedhaman konkolaataa keessa buusanii ukkaamsanii qabanii deemuun yeroo ammaa du'aa fi jireenyi isaanii wallaalamee maatiin boo'aa akka jiran ifoomeera.
Namoonni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin yakkoonni namoomaa irratti raawwatame kunneen qonnaan bultoota jireenya isaanii fooyyeffachuuf carraaqan malee siyaasa kam irraayyuu walaba ta'uun kan himamu yoo ta'u, haa ta'u malee milishoonni sirnichaa kun maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun gochi badii kun irratti raawwachuu maddeen ONM'f himaniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Gunaa keessatti mucaan waggaa 16 tokko hidhattoota garee maafi'aa PP'n ajjeefame.
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Uummata nagaan qe'ee isaa irra jiraatu waraana humnaa olii qe'ee isaatti bobbaasuun murni dantaan sabaa homaa itti hin fakkaannee fi teessuma aangoo isaanii qofaaf deeman, bara gara aangootti dhufanii kaasanii ol adeemtoota ilmaan Oromoo rasaasaan waadanii bakkeetti hambisuu jabeessanii jiru.
Sadaasa 26,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Re'ee Ambaa jedhamu keessatti daa’ima umurii 16 Misaamuu Sheekaa kan jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuun beekamee jira.
Ajjeefamuu mucaa kanaa akka keessa beektoonni himanitti mucaan kun jalqabuma iyyuu nama magaalittii keessatti kophee qulqulleessuun jiraaatu ta'uu dubbatan.
Mucaan kophee qulqulleessu kunis qarshii kophee sana irraa argatuun haadha isaa gargaraa akka turee fi dhumarra kaabinoonni fi hidhattootni sirnichaa dirqamaan qabanii adda waraanaa deemi wayita jedhaniinitti "lakkii ani waraana deemuu hin danda'u harmee koo namni gargaruu hin jiru, eenyuttin dhiisee deema" jechuun dubbachaa akka ture himu.
Kaabinoonni fi waraanni gara-jabeeyyiin dhimma namaa hin qabne kunneenis sababuma harmee koo namni naaf gargaaru hin jiru anis waraana hin deemu jedhe qofaaf yeros dhiisanii biraa deemuun booda akkamiin biyyarra harmee isaa jaallata jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu himan.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 30-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ህዳር 30-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Zoonii Kaabaa Godina Walloo keessatti miseensota WBO haarawaa leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture eebbisiise. 👇
Читать полностью…Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee adda addaatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Aanaa Haaruu ganda Duchii jedhamu keessaa Sadaasa 25,2024 milishoonni sirnichaa barattoota maqaan isaanii:
- Dagguu Fiqaaduu fi
- Lammaa Tashoomee jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Akka maddeen himanitti, barattoonni kunneen barattoota kutaa 8'ffaa ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun osoo isaan barnoota irra jiranii daree keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbachuu ibsan.
Akkasumas godinuma kana aanaa Baabboo Gambeel ganda Boondaa Gulufaa jedhamu keessaa ammoo guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Malaakuu Irranaa,
- Gammadaa Malaakuu fi
- Bashaatuu Hiikaa jedhaman waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee mana qorichaa isaanii jalaa saamuun isaaniinis hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun himaniiru.
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii hiraarsaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan jabeessuun manneen nyaataa, manneen bunaaf shaayii akkasumas, dukkaanota gandichaa hunda saamsanii jiraachuun ibsameera.
Murni Bilxiginnaa uummata Oromoof yeroo hundumaa yaaddoo ta'e kun godina Lixa Wallaggaa Gimbii fi naannoo isheetti hawaasa nagaa hidhuu akkasumas humnaan qabanii leenjii milishummaatti kan guuran yoo ta'u, warri didan ammoo akka malee doorsifamuu, dararamuu fi hidhamuun rakkachaa jiru.
Waraanni goolessaa bilxiginnaa kun daldaltoota, hojjetoota guyyaa, barsiisotaa fi barattoota hidhaa kan jiru yoo ta'u, namoota hojii humnaa fi kophee qulleessuun of jiraachisan bakka isaan hojii isaanii hojjetaniitti itti dhaquun guuraa jiru.
Jiraattota naannoo sanaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun warri baadiyyaa gara magaalaa akka hin deemnee fi warri magaalaas gara baadiyyaa akka hin deemne dhorkamanii jiraachuus himaniiru.
Jiraattonni akka Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, haalli naannoo kanatti mul'ataa jiru keessumaa erga ji'a sadii fi afurii as kan waggoottan ja'an darbaniin olitti rakkoo baay'ee hamaa ta'etu nu mudataa jira jechuun dubbatu.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Siraarootti ergamtoonni Bilxiginnaa horii fi biqiltuu hawaasaa lakkaa'aa jiraachuun himame
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf qofa hawaasa miidhaa oolan, gibira garmalee uummata irraa ittiin funaanuuf qabeenya hawaasaa hunda galmeessaa jira.
Aanaa Siraaroo ganda Torban Asawwee jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf iddoo kennan Sadaasa 28,2024 irraa eegaluun biqiltuu fi horii hawaasaa lakkaa'aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Hundee biqiltuu gosa adda addaa qonnaan bultoonni dhaabbattan hundaa fi horii hunda ganda keessa naanna'anii galmeessaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa maaliif akka biqiltuu fi horiin isaanii lakkaa'amaa akka jiru qonnaan bultootaaf akka hin ibsine itti dabaluun ibsaniiru.
Oromo Liberation Army Operations in Wallo and Northern Shagar
ONM-ABO, November 30, 2024 -
Wallo Zone, Jille Dhumuga District:
On November 29, 2024, the Oromo Liberation Army (OLA) Northern Command conducted a surprise operation in the Jille Dhumuga district of Wallo Zone. The engagement, which began at 6:00 AM local time, resulted in the neutralization of four enemy combatants and left several others with injuries ranging from light to severe. The remaining enemy forces retreated in disarray, calling for reinforcements from the towns of Sanbate, Caffa Robit, and Kamise. The OLA continues its struggle for the unconditional liberation of Oromia.
Northern Shagar, Kuyu District:
On November 28, 2024, the OLA Central Command executed a decisive action against enemy forces in the town of Ula Umo, located in the Kuyu district of Northern Shagar Zone. This surprise attack resulted in the neutralization of eight enemy combatants and inflicted severe injuries on twelve others. The OLA remains committed to defending the Oromo people from the brutality of the current Prosperity Party regime led by Abiy Ahmed.
Lola mormitootaa fi waraana Siiriyaa keessatti lakkoofsi namoota du'anii 242 ol guddate
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Loltoonni mormitootaa torban kana naannoolee mootummaan qabate irratti haleellaa guddaa erga jalqabanii booda lola cimaan magaalaa Aleeppoo kaaba Siiriyaatti dhiyaateen namoonni 240 ol ajjeefamaniiru jechuun Dhaabbanni Oduu 'Monitor' tokko Jimaata kaleessa ibseera.
Kibxata darbe gareen mormitootaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS) fi gareewwan michuuwwan Turkiin deggaraman naannoolee mootummaan qabate kaaba dhihaatti haleellaa banuun lola hamaa bara 2020 irraa eegalee kaasee ta’uu 'Sirya 'Observatory for Human Rights' beeksiseera.
Hogganaan Observatory kan ta’an Rami Abdel Rahman akka jedhanitti, lola magaalaa guddittii kaaba Aleeppoo irraa kiloomeetira lama kan ga’e yoo ta’u, loltoonni mormitootaa meeshaa waraanaa mana barattootaa irratti dhukaasuun namoota nagaa afur ajjeesuu isaanii miidiyaaleen mootummaa ni mul’isu.
“Lakkoofsi loltoota du’anii... hojii baadiyaa Idlib fi Aleeppoo keessatti adeemsifamaa jiru keessatti du’anii gara 218tti ol guddateera,” jedhe hordoffiin teessoo isaa Biriteen keessa jiru kun toora maddoota Siiriyaa keessaa qabu ibseera.
Qabsaa'ota kanaan alattis, namoonni nagaa 24 ajjeeffamuu ibseera. Michuu Siiriyaa Raashiyaan Kamisa dheengaddaa haleellaa qilleensaa kan raawwatte yoo ta’u, guyyaa tokko dura waraanni Siiriyaa dhukaasa baneen namni nagaa biraa kan ajjeefame ta’uu Observatory'n Kamisa dheengaddaa lakkoofsi namoota nagaa dabalatee walumaa galatti namootni gara 200 du’uu gabaasuu Al Arabiya fi AFP'n gabaaseera.
Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti saamichi maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaatiin cimee itti fufuun himame
ONM-ABO Sadaasa 30,2024 Qaala'iinsa jireenyaa impaayerattii keessatti hammaateen uummanni galiin inni argatee jiraatu daran xiqqaachuu irraan kan ka'e miidhamaa jiraachuu fi furmaata jireenyaa yeroo dhabee jirutti murni Bilxiginnaa daranuu saamicha jabeessee jira.
''Gibirri fi kaffaltiin inshuraansii fayyaa akkasumas miindaan hojjetaa irraa muramu (citu) haalaan ol akka ka'u taasifamaa yeroo jirutti haalli daballiin gabaas kan baroota darbanii irraa ol ka'uun namnuu tilmaama hojjetee jiraatuun olitti qarshii gaafatamuu irratti argama.
Godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaatti waraanni garboomfataan PP aanicha keessa maadheffatee jiraatu milishaa fi abbootii garee, abbootii afooshaa fi kanneen biroo gurmeessuudhaan hawaasa keessa bobbaasanii qarshii kaffaltii gibiraa fi inshuraansii fayyaa jechuun uummata irraan saamicha cimaa geessisaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees kaffaltii uffannaa milishaa, deggersa ijaarsa gandaa fi kanneen biroo jechuun qarshii kuma tokkoo hanga qarshii kuma 10,000'tti guuraa akka jiran jiraattonni bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa ONM'tti himaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Sadaasa 30-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በሰሜን ሸገር ዞን ደራ ወረዳ በህብረተሰቡ ላይ በተተኮሰው ዙ-23 ከባድ የጦር መሳሪያ ቢያንስ የ10 ሰዎች ህይወት አልፏል።
ህዳር 30፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ ማፍያ ቡድን ካለፉት 6 አመታት ጀምሮ ድንበሩን ለመጠበቅ ጥቅም ላይ ሊውል የሚገባውን ትልቁን መሳሪያ በስልጣን ላይ ነን ያለነው የሚለው አምባገነን በዜጎች ላይ በማነጣጠር እልቂትን ሲያካሂድ ቆይቷል።
ከባድ መሳሪያዎችን ጨምሮ ሰላማዊ ዜጎችን ከመሬት ላይ እየጨፈጨፈ የሚገኘው የፒፒ የማፍያ ቡድን በመገናኛ ብዙሃን እና በፕሮፓጋንዳዎች አማካኝነት ሰላምን በመስበክ እና ግድያዎችን በተግባር በማዋል ላይ ይገኛል።
በሰሜን ሸገር ዞን ደራ አውራጃ በባቹ መንደር ዙ-23 ከባድ የጦር መሳሪያዎች አኩሪ አተር በሚሰበስቡ ሰዎች ላይ ህዳር 28 ቀን 2024 ዓ.ም በተተኮሰ ጥቃት አምስት ሰዎች ሲሞቱ 6 ሰዎች ቆስለዋል ሲሉ ነዋሪዎች ገለጹ።
የሰዎች ንብረትም ወድሟል ብለዋል ። ስማቸው ሰዎች፡-
-ፍሬ ዘለቁ እልም
-ደማ በቀለ
-ግዜ ሰለሞ እና
-ሙሹራሼ ሞኤ የተባሉት ወዲያውኑ መገደላቸውን ነዋሪዎች ተናግረዋል።
ይህ ዜና እስከተጠናቀረበት ጊዜ ድረስ በርካታ ሰዎች መሞታቸውንና 6 ሰዎች ላይ ከባድ የአካል ጉዳት መድረሱንም ተናግረዋል።
በምእራብ ሸገር ዞን ሊባን ጃዊ ወረዳ የንፁሀን ዜጎች እስራት ቀጥሏል።
ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ኦሮሞ ሆኖ መወለድ ወንጀል በሆነበት ዘመን የአብይ አህመድ ወታደሮች ሰው በላ ተላላኪዎች ንፁሀን የኦሮሞ ብሄርተኞችን በውሸት እየከሰሱ ወደ እስር ቤት እየወረወሩ ነው።
ህዳር 26፣ 2024 ዓ.ም የብልፅግና ሰራዊት በሊበን ጃዊ ወረዳ በጋሞ ወሊሶ መንደር በሚከተሉ ሰዎችን በቁጥጥር ስር አውሎል።
• ወይዘሮ አዳኑ ዘለቀ እና
• አቶ ሌሊሳ ገዳን ያለምንም ጥፋት ከመኖሪያ ቤታቸው በማፈን እያሰቃያቸው መሆኑን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግሮዋል።
ግለሰቦቹ ከፖለቲካ ወገንተኝነት ነፃ መሆናቸውን የገለጹት ምንጮቻችን ልጆቻችሁ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት አባላት ናቸው” በሚል የአገዛዙ ተላላኪዎች በቁጥጥር ስር እንዳዋላቸው ገልጸዋል።
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️