onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Tarkaanfii WBO

Har'a Muddee 1,2024 WBOn Zoonii Giddu Galaa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti tarkaanfii fudhateen guutuu isaa walitti deebina.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Bilxiginnaan guyyaa akka irraa Muddee 1,2021 jila abbootii gadaa Karrayyuu fixxe. Har'a Muddee 1,2024 ammoo meeshaalee gurguddaan uummata Oromoo Kaabaa fi Lixa Shaggaritti fixaa jirti.

#StopKillingOromoo
#JusticeForOromoo
#OromoLivesMatter

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaabaa fi Lixa Shaggar Keessatti Waraanni Faashistii PP ZU-23 Dhukaasuun Namootaa Fixaa jira

ONM-ABO Muddee 1,2024 Murni faashistii Itiyoophiyaa Kaabaa Shaggaar aanaalee akka Warra Jaarsoo, Kuyyuu, Hidhabuu Abootee, Darraa, Dagam, Girar Jaarsoo, Fiichee, Yaayya Gullallee akkasumas Lixa Shaggar aanaalee akka Ada'aa Bargaa fi Meettaa Walqixxeetti meeshaalee akka mortoraa, Zu 23, taankii, madfii fi rookkeettii dhukaasa jiru.
Dhukaasa guyyaa har'aa kanaanis hanga yoonaatti uummanni nagaan dhiirri 2 fi dubartoonni 2 du'aniiru.
Miidhaan qabeenya uummataa fi lubbuu namootaa irratti ga'aa jiru kana caalaa waan ta'ee waan jiruu adda baafannee walitti deebina.

Bilxiginnaan maqaa araaraan namoota isaa Finfinneetti galchee lafa irraa hawaasa meeshaalee gurguddaan fixaa jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Uummanni Oromoo Biyya UK fi Nezerlaand keessa jiraatan hiriira bahuun Uummata Oromoof sagalee ta’an

ONMABO Muddee 1,2024 Uummanni Oromoo biyya UK fi Nezerlaand jiraatu guyyaa kaleessaa hiriira ba’uun ajjeechaa, buqqaatii fi dhiittaa mirga namoomaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru mormuun sagalee isaanii dhageessisan.

Hiriira isaanii kanaanis dhaadannoowwan addaa addaa kan dhageessisan yoo ta’u, dhaadannoo isaaniitiinis; uummanni Oromoo walqixxummaa fi bilisummaan isaa haa kabajamu, Oromiyaan ni bilisoomti kan jedhuu fi dhaadannoo biraalleen dhageessisaniiru.

Itiyoophiyaa keessatti waraanni yeroo ammaa taasifamaa jiru ajjeechaan uummata nagaa irratti waraana garboomfataa PP fi Finxaaleeyyii Faannootiin geggeeffamaa jiru akka dhaabbatus sagalee isaanii dhageessisuun gaafatanii jiru.

Akkasumas mootummaan UK fi Nezerlaand mootummaa Itiyoophiyaa dinagdeen tumsuun waraanaaf akka oolfamu taasisuu akka dhaaban gaafatanii jiru.

Itti dabaluunis namootni nagaa seeraan ala ajjeefaman, Saamaman, Qe’eef Qabeenya isaanii irraa buqqa’an haqni isaanii akka mirkanaa’uu qabu gaafataniiru.

Humnoonni finxaaleeyyii faannoo ajjeechaa namoota nagaa irratti kan xiyyeeffatan shororkeessitoota; haadha Oromoo, qonnaan bulaa Oromoo, daa’immanii fi maanguddoota ajjeesuun dhaabbachuu qaba jechuun sagalee isaanii dhageessisaa oolaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti ergamtoonni Bilxiginnaa nama tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan

ONMABO Muddee 1,2024 Duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru waraanni faashistii PP, godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwiitti nama tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesuun himamee jira.

Aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo keessaa loltoonni Bilxiginnaa Sadaasa 27,2024 nama maqaan isaa Taammiruu Baatirii jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii ukkaamsuun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namni kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee erga qabaniin booda uffata isaa guutummaan irraa baasuun hawaasa keessa qullaa isaa naannessanii dhuma irrattis ija uummataa duratti akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti hidhattoonni sirnichaa hawaasa nagaa qe'ee irraa buqqisan

ONMABO Muddee 1,2024 Maqaa WBO deggartu, nyaachistu, karaa itti agarsiistuu fi maatii isaaniiti jedhu of dura qabuun gareen faashistii PP hawaasa nagaa tirgaa siyaasaa isaa taasifachuun uummata dararee gadadoo fi dhiphina akkasumas qe'ee isaaniitti gadda uwwisuun akka uummatichi sodaa Bilxiginnaaf WBO baqatuuf jecha gocha dhala namaa irratti hin raawwatamne dalagaa jira.

Sadaasa 29,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhubboo fi Heeban Laaqichaa iddoo addaa Maasooraa jedhamutti sababa WBO'n tarkaanfii achitti fudhateef jecha isintu dawoo ta'eefii nu lolchiisaa jira jechuun qabeenya hawaasa kanaa saamuu fi reebichaan qe'ee isaanii irraa buqqisuun beekamee jira.


Kanneen hafan ammoo guyyoota isiniif kenname keessatti as keessaa hin baatan taanaan lubbuu keessanii fi qabeenya keessan hafe irratti murteeffadhaa jechuun akeekkachisanii jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii dubbatu.

Namoonni kunneenis yeroo ammaa gara itti goran dhabuun inni kaan qabeenyaa isaa gurguratee gara firoottanii fi magaalaatti yoo baqatu inni kaan ammoo gara bosonaatti baqachaa akka jiranis dabaluun dubbatu.


Hawaasni kunneen yeroo itti qabeenyaa isaanii ooyiruu irraa sassabatan ta'uu jiraattonni kunneen himuun, faallaa kanaa ammoo hidhattootni sirnichaa namoonni akka midhaan isaanii hin haammannee fi manatti hin galfanne gochuun midhaan isaanii bakkeetti horiin namootaa mancaasaa akka jirus himan.

Gochi kun ammoo beelaaf maatii isaanii saaxiluu akka danda'u ibsan. Murni Bilxiginnaa garuu hundeeffama Paartii isaanii waggaa 5'ffaa ilaalchisuun osoo namni gidiraa keessa jiruu midhaan namaaf hiraa kabajachaa jirra jechuun ni beekama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Hiriira Sagalee Uummata Oromoof Ta'uuf UKtti Geggeeffame 👇

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa waraanni maafiyaan PP qabeenyaa hawaasaa saamuu fi gudeeddaa raawwachuu cimsee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 1,2024 Ergamtoonni mootummaa garboomfataa impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan humnaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta'u, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa irraa qabeenya hawaasaa saamuu fi gudeeddaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Aanaa Amuuruu ganda Walagee jedhamu irraa loltoonni faashistii PP sirna jiguu geesse suphuuf ifaajan Sadaasa 23,2024 nama Obbo Hirkoo Barasaa jedhamu jalaa horii 8 fudhatanii sokkuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Hirkoon harka qal'eessa yommuu ta'u, nama yeroo dheeraaf jiruu fi jireenya hammaataa keessa jiraachaa turee fi sababiin saamamuu saawwan isaatiis maqaa "mucaan kee Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira" jedhuun ta'uun ibsameera.

Kana malees godinuma kana aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kootichaa Maloolee jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa "sakatta'a Waraana Bilisummaa Oromoo'' jedhuun bobbaate nama Obbo Shaambal Dhugumaa jedhamu jalaa re'oota 13 saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Loltoonni saafuu fi safeeffannaa hin beekne kunneen gocha ciggaassisaa raawwachuu ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Kombolchaa ganda Qanaatee Dhiinsaa jedhamu keessaa Sadaasa 27,2024 shamarran maqaan isaanii Shallamee Darajjee fi Naccuu Asaffaa jedhaman osoo isaan gabaadhaa galaa jiranii gudeeddaa suukkanneessaa ta'e irratti raawwatanii jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Akkasumas godinichuma aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa keessatti bulchitoonni gandaa qotee bulaa saamaa fi hidhaa jiraachuu jiraattotni himuun, namoota nagaa ji'a lamaa oliif mana hidhaa haratootti dararaa jiraachuus dubbatu.
Namoonni kunneen maqaan isaanii:
1, Geetachoo Dheeressaa
2, Yaddessaa Dhugaasaa
3, Nagaroo fi ganda Kalaalaa Diddiimtuu irraa ammoo namni maqaan isaa Immiruu kibreet jedhamu ji'a Shanii oliif gidirfamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gochoonni dabaan Uummata Oromoo Godina Lixa Wallaggaa irratti loltoota PP'n geggeeffamu jabaatee itti fufe.

ONM-ABO Muddee 1,2024 Tibba kana barattoonni Oromoo sadarkaa garaa garaa irra jiran dhumaatii uummata Salaaleetiif hiriira mormii ba'uun mootummaa Bilxiginnaatti fincila dhoosaa jiraachuun kan yaadatamu yoo ta’u ergamtoonni Bilxiginnaa bu'aa fincila diddaa barattoota Oromoon gara aangootti dhufan ammoo barattoota uummata isaaniif sagalee ta'uuf hiriira ba'an irratti reebicha hamaa, hidhaa fi ajjeechaa raawwachaa jiru.

Sadaasa 26,2024 Bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti barattoota sadarkaa 2'ffaa Seenaa Gimbii hiriira mormii ba'anii sagalee isaanii uummata Salaaleetiif dhageessisaa turan irratti waraanni sirna nama nyaataan PP miidhaa ulfaataa raawwachaa kan turan yoo ta'u, barattoota maqaan isaanii:
• Abdii Shooraa fi
• Bilisummaa Magarsaa jedhaman ukkaamsuun mana hidhaatti yoo darbatan, Barattuu Haayaat jedhamtuu fi kanneen biroo hedduu ta'an ammoo reebicha hamaa irraan ga'uun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluu maddeen ONM'tti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, barattoota kanatti waraana goolessituu sirnichaa itti waamee kan miisise hojjetaa Biiroo Barnootaa magaalaa Gimbii kan ta'e nama maqaan isaa Qajeelaa Tasfaayee jedhamuu fi qindeessaa mana barnootichaa kan ta'e Abbabee Dassaaleny kan jedhamu ta'uus itti dabaluun himaniiru.

Godinichuma aanaa Mana-Sibuu ganda Alaltuu Gombii keessatti Sadaasa 27,2024 Waraanni goolessaan bilxiginnaa naannoo beneshaangul Gumuuz irraa dhufuun saamicha raawwachuun manneen namootaa caccabsanii seenuun saamaa kan turan yoo ta'u, namoota maqaan isaanii;
Roobaa Sanbata
Birraatuu Dinagdee
Nigaatuu Margaa
Gammadaa Baqqalaa
Kanneen jedhaman jalaa mi'a mana keessa dabalatee dukkaanota caccabsanii saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ittuma fufuun aanaadhuma kana ganda Tooggir Haroo Gombii jedhamutti darbuun mana Obbo Addunyaa Israa'el jedhamus dabalataan saamuun qabeenyaa mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin caccabsuus jiraattonni gandichaa ONM'f Ibsanii jiru.

Dabalataan aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa keessatti hidhattoonni PP Sadaasaa 29,2024 mana Obbo Aaruun Gammadaa qabeenyaa tokkollee osoo hin hambisin mi'a mana keessaa dabalatee waliin gubuun jalaa barbadeessanii jiraachuunis beekamee jira.

Hanni fi saamichi bu'uura ijaarsa sirna Bilxiginnaa kan ta'e, guddina biyyaa, misooma sirrii fi daandii qajeelummaa irratti of ijaaruun impaayerattii jijjiiruun osoo irra jiruu, gara badiitti sabaaf sablammoota oofuun, daandii dukkanaatti imala isaanii itti fufaniiru.

Kanumaan kan walqabatus jiraataa ona Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee kan ta'e Obbo Faqqadaa Ijigguu gurgurtaaf osoo gabaatti xaawwulaa baay'inni isaa seentii 1000 ol ta'u, Gaarii Harreetti fe'uun ooffachaa jiruu milishoonni abbaa irree Bilxiginnaa jalaa saamuun ibsameera.

Kana malees maqaa gibira, kaffaltii adda addaa fi qabeenyaa WBO'ti jedhamuun onicha keessaa namoonni saamamuun cimee itti fufuun cinatti dargaggeessi hedduunis dirqiin mooraa leenjiitti guuramaa jiraachuu ONM ifoomseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በወሎ ዞን በዳዋ ጨፋ ወረዳ የአገዛዙ ታጣቂዎች የሰባት ልጆች አባትን በአሰቃቂ ሁኔታ ገድለው ጥለው ንፁሀን ዜጎችን እየደበደቡና እያሰሩ ይገኛል።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የንፁሃን ዜጎችን ደም በማፍሰስ የስልጣን እድሜውን ያራዝመዋል ብሎ የሚያስብ አምባገነኑ የብአዴን አገዛዝ ያለምንም ህጋዊ እርምጃ በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት ሰላማዊ ዜጎችን መግደል፣ መወርወር፣ ማስፈራራት፣ መዝረፍ እና ማጥፋት ልማዱ አድርጓል።

ይህን በማስመልከት ህዳር 27 ቀን 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ታጣቂዎች የሰባት ልጆች አባት የሆኑትን አቶ አደም ፋሪስን በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በሉጤ መንደር በዳዋ ጨፋ ወረዳ በቁጥጥር ስር አውለዉት ድብደባ ሲፈፅሙበት ከቆዩ በኋላ ህዳር 28,2024 ዓ.ም ከቀኑ 8፡00 ላይ ተኩሰው ገድለው ወደ ቆሻሻ መጣያ ውስጥ እንደጣሉት የሉጤ መንደር ነዋሪዎች ተናግረዋል።

ነዋሪዎቹ እንደሚሉት አቶ አደም አርሶ አደር እና የሰባት ቤተሰብ አባት ሲሆኑ ከአካባቢው ማህበረሰብ ጋር በመልካም ግንኙነት የሚኖሩ እና ምንም አይነት ፖለቲካ የማይከተሉ ሲሆኑ እጅ እና እግሩን አስረዉት እንደ አውሬ ተኩሰው ገድለዉት በቆሻሻ መጣያ ውስጥ ጥለውት ሳለ ቤተሰቦቹ ማንሳታችውን አክለዋል።


ከእስር ዜና ጋር በተያያዘ ህዳር 29 ቀን 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ታጣቂዎች 2 አርሶ አደሮችን አግተው መሃመድ ሼክ ሃሰን የተባሉ የሉጥ መንደር ነዋሪ እና መሀመድ ዲምቱ የተባሉ የቀሎ ከተማ ነዋሪ በቁጥጥር ስር መዋላችውን ነዋሪዎች ገልፆዋል።

በኮሎኔል አብይ አህመድ ታጣቂ ሃይሎች በሰብአዊነት ላይ ያደረሱትን ወንጀሎች የፈጸሙት ሰዎች ህይወታቸውን ለማሻሻል የሚጥሩ እና ከየትኛውም የፖለቲካ ፓርቲ ጋር ግንኙነት የሌላችው አርሷ አደሮች ናችው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በቡኖ በደሌ ዞን ጨዋቃ ወረዳ የተውጣጡ የታጋዮች ቤተሰቦች መታሰራቸው ቀጥሏል።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ተስኗቸው ወደ ሰላማዊው ህዝብና ወደ ታጋዮች ቤተሰቦች በመመለስ በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች የኦሮሞን ህዝብ ማሰቃየት ቀጥሎል።


ምንም አይነት ወታደራዊ ዲሲፕሊን የሌላቸው ወታደሮቹ ህዳር 27 ቀን 2024 ዓ.ም በጨዋቃ ወረዳ ጨፌ መገርቱ መንደር ከሚገኘው 7ኛ ጣብያ ያለምንም ጥፋት በቁጥጥር ስር አውለዋል።

የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-

- ኢሉ መሓመድ
- አዳም ሙሴ
- ሲራጅ ሙሴ
- የአዳም ሚስት
- ሙሚ ሁሴን
- ኡመር ሙሴ
- Raadoo Shabboo እና ሌሎች በርካታ ሰዎች "ልጆቻችሁ በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ውስጥ ናቸው" በሚል ስም በወረዳው ፖሊስ ጣቢያ ታስረው እየተሰቃዩ እንደሚገኙ የቅርብ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ ወረዳ በግብርና በጤና መድህን ስም ዘረፋ ተጠናክሮ ቀጥሏል።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ህዝቡ በግዛቱ እየባሰ በመጣው የዋጋ ንረት እየተሰቃየ ሲሆን ለኑሮው መፍትሄ አጥቶ እያለ የብልፅግና ቡድን ዘረፋውን አጠናክሮ ቀጥሏል።

የታክስ እና የጤና መድህን እንዲሁም የደመወዝ ቅነሳ በከፍተኛ ሁኔታ እየጨመረ ቢሆንም የገበያ ጭማሪው ካለፉት አመታት የበለጠ ከፍ ያለ በመሆኑ ሁሉም ከጠበቀው በላይ የኑሮ መናጋት እያጋጠመው ነው።

በምዕራብ ጉጂ ዞን ቡሌ ሆራ አውራጃ የሚገኘው የፒፒ ጦር ሚሊሻዎችን እና የቡድን መሪዎችን ፣የእድር አመራሮችን እና ሌሎች የህብረተሰብ ክፍሎችን በማደራጀት በታክስ ክፍያና በጤና መድህን ስም በህዝቡ ላይ ከፍተኛ ዝርፊያ እየፈጸመ ይገኛል።

በተጨማሪም ለሚሊሻ ዩኒፎርም፣ ለመንደር ግንባታ ድጋፍ እና ሌሎችም ከ1000 እስከ 10,000 ብር እየሰበሰቡ መሆናቸውን የቡሌ ሆራ ከተማ አስተዳደር ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Abiy Ahmed Continues to Fall into a Chasm

(OLF-OLA press release) 👇

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Waggaa 3 guute Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame. Hanga ammaa haqni hin jiru.

#JusticeForOromoo

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Tarkaanfii WBO

Kaaba Shaggar aanaa Warraa Jaarsoo ganda Dhahee Sillaasee keessatti guyyaa Muddee 1,2024 tarkaanfii fudhatee jira.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Haleellaan xiyyaaraa Siiriyaa giddugala magaalaa Aleppoo irratti xiyyeeffateen namoonni hedduun ajjeefaman

ONMABO Muddee 1,2024 Haleellaa xiyyaaraa eenyummaan isaa hin beekamne Siiriyaa giddugala magaalaa Aleppoo irratti erga gareewwan hidhattoota farra sirnichaatiin qabamtee booda raawwateen namoonni nagaa hedduun ajjeefamaniiru. 

Xiyyaaronni waraanaa eenyummaan isaanii hin beekamne giddugala magaalaa Aleppoo keessatti addabaabayii irratti haleellaa kan raawwatan yoo ta’u, irra caalaan isaa to’annoo gareewwan hidhatee farra sirnichaa jala jira.

Tilmaamni jalqabaa haleellaa xiyyaaraa booda godhame akka agarsiisutti lubbuun namoota nagaa hedduun darbeera, hanga ammaatti lakkoofsi sirrii ta'e hin jiru.

Roobii irraa eegalee gareewwan hidhatan kaaba Siiriyaa keessatti humnoota sirnichaa waliin walitti bu’aa turan baadiyyaa Idlib fi bulchiinsa Aleppoo lamaan keessatti saffisaan tarkaanfachaa jiru.

Sanbata ganama irraa eegalee gareewwan hidhatan kun gandoota bahaa fi kibba baha Idlib, kanneen kanaan dura to’annoo mootummaa Asaad jala turan, harka caalu Aleppoo waliin qabatanii jiru.

Jimaata darbe gareewwan kunneen giddugala magaalaa Aleppoo seenuun hanga galgalaatti aanaalee giddu galeessaa ga’aniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Dararaan daangaa darbe lammiilee nagaa irratti loltoota sirnichaan raawwatu Godina Wallaggaa Bahaa Aanaalee hunda keessatti jabaatee itti fufe

ONMABO Muddee 1,2024 Murni afaan qawweetiin uummata Oromoo garbummaa jalatti cafaqee bulchuu barbaaduu fi Oromummaa hadheeffachuun Itiyoophiyaanummaa faarsu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa bobbaasuun hawaasa nagaa hidhuu, ajjeesuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiru.


Aanaa Billoo Boshee ganda Gala-Gurree iddoo addaa magaalaa Jiituu jedhamtu keessaa loltoonni Bilxiginnaa Sadaasa 25,2024 namoota maqaan isaanii:
- Ijjigaayyoo Biiroos,
- Alamaayyoo Addaamuu,
- Mulgeetaa Hambisaa fi
- Aangessaa Haroo jedhaman jalaa qabeenya dukkaana isaanii keessa jiru tokko osoo hin hambisin guutummaan jalaa saamuun konkolaataa fe'umsaa lamaan fe'achuun, namoota kanneenis fuudhanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.


Akka maddeen himanitti, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen yakkoota kanneen osoo hin raawwatin dura gandicha keessatti tarkaanfii gootichi WBO irratti fudhate rifachuun erga of duuba deebi'anii booda, gaafa WBO'n bakkichaa deemu ammoo gara uummata nagaatti deebi'uun yakkoota kanneen raawwachuu himan. Namoota kanneen keessaa Mulgeetaa Hambisaa kan jedhamu nama qaama miidhamaa miilli tokko irra hin jirre maallaqa callaa illee qarshii 300,000 ol jalaa saamanii deemuu fi namoota hedduu ammoo reebicha ulfaataa irraan gahanii deemuu itti dabaluun dubbatu.


Kana malees godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Kuraa jedhamu keessaa Sadaasa 28,2024 Habtaamuu Birraatuu kan jedhamu jalaa qarshii 30,000 yoo saaman, Funee Tasfaa jalaa ammoo qabeenya mana keessa jiru hunda saamanii jiraachuun ibsameera.

Ergamtoonni kunneen dararaa amaleeffatan sana ittuma fufuun, aanaa Saasiggaa ganda Odaa Guddinaa jedhamu keessaa maqaa ijaarsa gandaa jedhuun adda durummaan bulchaa gandichaa Mahaammed Adamiin baargamoo hawaasaa humnaan muraa fi nama tokko irraas qarshii 200 dirqamaan guuraa jiru. Nama waan kaffalu hin qabne ammoo "isin WBO dha" jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Murni garboomfataan Bilxiginnaa tooftaa haaraa ittiin goyyomsaa uuman baafatanii sochii haaraa eegaluun ibsame

ONMABO Muddee 1,2024 Tooftaa (strategy) ittiin uummata goyyomsuun bulchiinsa impaayerattii jalatti afaan qawween tiksan guyyuu murna PP'n baafamaa kan oolu yoo ta'u, yeroo ammaas bifa haaraan hojiileen badii Bilxiginnaa sagantaa farrummaa bakka sadiitti qooduun uummatatti gadi bahanii jiraachuun ibsameera.

Tajaajila hawaasaaf jechuun qaamoleen itti gaafatamummaa Buufata Fayyaa, qonnaa fi barnootaa kanaan booda osoo hojiin tokko hin jiraatin fakkeessii uwwisa miidiyaaf oolu, footoo shoppii hojjetanii kunoo qabatamaan kana hojjennee uummataaf buufne jedhanii agarsiisa raawwachuuf haal-duree xumuruun ibsameera.

Kana malees osoo namni yaala dhabee du'aa jiruu uummata guutummaa guutuutti tola tajaajilaa jirra jechuun holola oofuuf haal duree kan xumuran ogguu ta'u, garuu dhugaa qabatamaan lafarra jiru buusiin qonnaan bulaan buusu walitti qabamee dawwaa bitee hawaasa tajaajiluu irra hojjettota mootummaa fi kaabineef durgoo ta'aa akka jirus ifoomeera.

Yeroo itti Ambulaansiin humnoota waraanaa, poolisii, milishaa, lukkeelee isaanii fi kaabinee deddeebisuun dubartiin ciniinsifattu akkuma waggoottan dheeraa dura mala aadaan sireen baatamaa turte har'as gochi kun itti fufus tajaajilli kamuu hawaasaaf kennamaa akka jirutti Bilxiginnaan burjaajii uumaa jiraachuun beekameera.

Manneen barnootaa hedduunis baajata dhabee cufamu irratti yeroo argamaa jiru kanatti murni Bilxiginnaa maqaa badhaadhinaa fi oomisha dhiyeessii al-ergiif jedhuun kijiba dhageettiif hin tolleen holola afarsuu irratti argama jechuunis jiraattonni ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBO'n Zoonii Kaabaa Godina Walloo keessatti miseensota WBO haarawwaa leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture eebbisiise

ONMABO Muddee 1,2024 Waraanni Bilisummaa Oromoo erga Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaa Itiyoophiyaa waliin bifa gaaffii siyaasaa Oromoo hin deebisne araaramee galee bosonatti hafee wal ijaaruun Dhaaba ABO-WBO gadi dhaabee qabsoo sirna garboomsaa irratti geggeessu finiinsuuf ilmaan Oromoo saba isaaniif qabsaa'uu barbaadan ofitti fudhachuun leenjisee dirqama dachaaf bobbaasuu itti fufee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dhaadannoo 'Barachaa Lolla Lolaa Baranna' jedhuun Qeerroo fi Qarree Oromoo ofitti fudhachuun leenjii waraanummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumursiisuun sirna hoo'aan eebbisiisee jira.

Kaadhimamtoota WBO guyyaa kaleessaa Sadaasa 30,2024 leenjii saayinsii waraanaa fi siyaasaa irratti kennameef xumuruun eebbifaman kanaaf ajajaan WBO Zoonii Kaabaa Jaal Qeeransoo Waayyuu argamuun haasaa taasisaniin, eebbifamtoota kanaan baga roorroo saba keessan irraa cabsuun qabsoo hadha'aatti makamtan jechuun Bilxiginnaa dararaa uummata Oromoo irratti jabeessaa jiru hundeen fonqolchuuf jabaattanii akka hojjettan jedhaniiru.

Dhuma irrattis uummata Oromoo keessaa fi alatti galateeffachuun tokkummaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof jabeessaa ilmaan Oromoos itti leenjisnee diina maqaa Oromoon ilmaan Oromoo lafa irraa fixaa jiru ofirraa fonqolchuu qabna jedhaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Abdii f Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Godina Gujii Bahaa fi Godina Boorana Bahaa keesatti tarkaanfi laalessaa diina irratti fudhateen 103 ol ajjeesee 102 ol madeessuun Injifannoo boonsaa galmeesse

ONM-ABO Sadaasa 30,2024 WBOn Zoonii Madda Albuuda Guyyaa kaleessaa Sadaasa 30,2024 Bakkoota Sadii olitti tarkaanfii laalessa humna sakatta'iinsa WBOtiif bobbaate irratti kan fudhate yoo ta’u, humni furgaatu Zoonichaa Cibraan Soddom Booroo Godina Boorana Bahaa Aanaa Gumii Eeldallo Ganda Bulbul bakka sddaa Dhakaa Baabsaa jedhamutti tarkaanfi Waraana PP irratti fudhateen 69 ol ajjeesuun, 77 oli ammoo madoodhaan adabeera.

Loltoota waraana PP kana keessa kanneen du'an hedduuf uummati magaalichaa dirqamaan boolla qochisiifamee bakka tokkotti kan awwaalamanii fi reeffi nama saddeeti ajajoota mudama qabanii filamee magaalaa Nageellee Booranaatti madoo waliin halkan edaa kan fe'amee ergame ta'uun barameera.

Gama meeshaatiin ammo Cibraan Soddom Booroo Bireena 1f, Kilaashii 5, rasaasota adda addaa waliin irra booji'uun moora qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.

Ittuma fufuun Sadaasuma 30 kana Humni Zoonii Madda Albuuda Godina Boorana Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Bokkolaa iddoo addaa Hoomacheessaa Diqqaa jedhamutti lola haxxee waraana faashistii PP irratti taasiseen 10 battalatti yoo ajjeeffaman 8 madoo taasisuun gala dhorkee humna birmanna akka eeggattu taasisee jira.

Ganduma sana iddoo addaa Gaara Otoola jedhamuun beekkamutti haxxee humna birmannaaf fiigdu irratti fudhateen 6 battalatti ajjeessee 5 irraa madeessuun of duuba deebisee jira .

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zooniin Madda Albuudaa guyyuma kalee Sadaasa 30 kan Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Faachoo iddoo addaa BaddaaJaartii jedhamuun beekamutti lola guddaa guyyaa guutuu taasiseen 18 battalatti irraa ajjeessun 22 kan ta'an madeessee humni diina baqachuun of duuba deebi'uu danda'e jira.

Walumaa galatti WBOn Zoonii Madda Albuudaa guyyaa kaleessa sadaasa 30,2024 humna Waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii bakkoota Afuritti taasiseen 103 oli ajjeesuun 112 oli ammoo madoon adabee humnaa diinaa laamshessee meeshaalee gargaraas moora Qabsoo Bilisummaa Oromootiif oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

WBOn hanga deebiin Oromoo bifa ha qabuun deebi'utti tarkaanfii itti fufa❗


Injifannoon Uummata Oromoof❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Libaanos haleellaan Israa’el kibba irratti raawwatte daa’ima tokko dabalatee namoota sadii madeesse jette

ONM-ABO Muddee 1,2024 Ministeerri fayyaa Libaanos akka jedhetti, Israa’el Sanbata darbe konkolaataa kibba Libaanos keessatti haleellaa raawwateen, Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti dhukaasa dhaabuun ji’oota lamaaf waraana hunda galeessa geggeessaa tureen booda geggeeffameen, daa’ima tokko dabalatee namoota sadii madeesse.

“Haleellaan Israa’el Majdal Zoyuun keessatti konkolaataa irratti raawwateen daa’ima waggaa torbaa dabalatee namoota sadii madeesse,” jechuun ibsi ministeerri fayyaa baaseen beeksiseera.

Gama biraatiin waraanni Israa’el nama Onkoloolessa 7 haleellaa konkolaataa Gaazaa keessatti raawwatameen ajjeesuu ibsuun, namni dhuunfaa kun hojjetaa World Central Kitchen ta’uu isaa qorachaa jira jechuun AFP fi Rooyitars gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanota magaalaa Kamisee fi Aanota akka Jiillee Dhummuuggaa, Dawwee Harawaa fi Harxummaa Fursee keessaa hidhamtoota hidhaa irraa baasuun uukkamsanii fe'uun beekame.

ONM-ABO Muddee 1,2024 Ergamtootni murna Bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti ilmaan Oromoo barataa, barsiisaa, qonnaan bulaa, daldalaa, hawwanii fi maanguddoota umurii fi saalaan osoo adda hin fo'in qabanii murtii seeraa tokko malee waggootaaf manneen hiraarsaa keessatti dararaa kan turan yoo ta'u, yeroo ammaa ammoo leenjii waraanummaa fi milishaaf jechuun hidhamtoota baay'inaan godina Walloo aanaalee garaa garaa keessaa ukkaamsanii fe'uun jabaatee itti fufeera.

Sadaasa 28,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee, aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee, aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa fi aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessaa hidhamtoota halkan ukkaamsanii leenjiif gara aanaa Baatee laga Burqaa jedhamutti fe'aa jiraachuun ifoomeera.

Akka jiraattotni magaalota kanneenii jedhanitti, Sadaasa 28,2024 halkan keessaa toora sa'a 6:00 hanga 9:00'tti magaalaa Kamisee mana hidhaa Maharramaa jedhamu irraa hidhamtoonni baay'inaan 65 ol ta'an yoo baafaman mana hidhaa magaalaa Caffaa Roobit irraa ammoo namoota 35 ol fi aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee fi magaalaa Booraa irraas yeroodhuma wal fakkaataa kanatti namoota hedduu ukkaamsanii konkolaataa Baasii (qixqixii) 4'n gara aanaa Baatee Laga Burqaatti geessanii jiraachuu dabaluun dubbatan.

Jiraattotni aanaa Baatee dubbisne tokko tokko akka ibsanitti, namoota baay'inaan manneen hidhaa irraa baasanii leenjiif aanaa Baateetti fe'an kanneen dirqamaan ukkaamsanii manneen hidhaa irraa baasan waan ta'eef, ni badu jedhanii garmalee shakkanii galgalaa fi ganama waardiyyaa irratti ba'uun doorsisaa jiraachuu itti dabaluun addeessaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Arsii Bahaa keessatti saamichi fi reebichi hamaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Muddee 1,2024 Impaayera Itiyoophiyaa keessatti mirgi uummata Oromoo hanga mirga bineensaa illee hanqachuun gochoonni dabaa oodaa fi safuu hawaasaa hin eegne guyyuu qaama biyya bulchina ofiin jedhaniin irratti geggeeffamaa jira.


Sadaasa 28,2024 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Lammaffoo jedhamuun beekamu keessaa gareen saamichaaf wal gurmeessee gubbaa hanga gadiitti socho'aa jiran kunneen Obbo Muhaammad Biifuu kan jedhamu jalaa lafa bobbaa Loon isaanii deemuun sa'a, jabbilootaa fi Re'oota jalaa saamuun gara mooraa isaaniitti galfachuu jiraattotni himan.


Godinichuma aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo magaalaa Angadaa jedhamtu keessatti maaliif callee bifa magariisaa fi diimaa dirattanii deemtu, rifeensas maaf dheeressitu jechuun namuma rifeensa badaa hin qabne sababa irra barbaaduun reebicha ulfaataa irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa dabaluun dubbatan.

Nuurii Maammaa dabalatee namoota danuu sababa tokko malee reebicha hamaa irratti raawwachuun jumlaan guuranii mana hidhaatti naquus dabaluun ibsanii jiru.


Magaalaa Angadaa kana keessatti waraanni garee faashistii PP kunneen guyyaa hunda badii keenya malee nu reebuuf dargagoota butanii achi buutee dhabamsiisaa jiru jechuunis waan keessa jiran ONM'tti himan.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የሶሪያ አማፂያን አሌፖን በከፊል መቆጣጠራቸው ተገለጸ።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በሶሪያ ውስጥ ያሉ አማፂ ቡድኖች በአገሪቱ ሁለተኛዋ ትልቅ ከተማ አሌፖ ውስጥ የሚገኙ በርካታ አካባቢዎችን መቆጣጠራቸውን መቀመጫውን ብሪታኒያ ያደረገው የሶሪያ የሰብዓዊ መብት ቃኚ ቡድን (SOHR) ገለፀ።



ቡድኑ አንዳለው እስከ አርብ አመሻሽ ድረስ አማፂዎቹ ከተማዋን ከግማሽ በላይ ተቆጣጥረዋል።



ይህ እርምጃው በሶሪያ መንግሥት ላይ ከዓመታት በኋላ የተደረገ ትልቁ ጥቃት የተባለ ሲሆን፣ የፕሬዚዳንት በሽር አላሳድን ጦር የሚዋጉ አማፂያን በ2016 በአገሪቱ ጦር ኃይል ተገድደው ከአካባቢው ከወጡ በኋላ አሌፖ ሲደርሱ ይህ ለመጀመሪያ ጊዜ ነው።



ከእስላማዊው ታጣቂ ቡድን ሀያት ታህሪር አል ሻም (ኤችቲኤስ) ጋር ግንኙነት ባለው ቻናል ላይ የተለቀቀው ቪዲዮ የአማፂ ተዋጊዎችን በከተማዋ ውስጥ በተሽከርካሪዎች ሲንቀሳቀሱ ያሳያል።



ቢቢሲ ቬሪፋይ ቪድዮው በምዕራብ የአሌፖ ዳርቻ አካባቢ የተቀረጸ መሆኑን አረጋግጧል።


የመንግሥት ኃይሎች በበኩላቸው በአሌፖ እና ኢድሊብ በሚገኙ በርካታ ከተሞች በኤችቲኤስ እና አጋሮቹ ረቡዕ ዕለት የከፈቱትን ጥቃት በመመከት ዳግም መቆጣጠራቸውን ተናግረዋል።


እ.ኤ.አ. በ 2011 መንግሥት የዴሞክራሲ ደጋፊ በሆኑ ተቃውሞ ሰልፈኞች ላይ በወሰደው እርምጃ በተቀሰቀሰው የእርስ በርስ ጦርነት ከግማሽ ሚሊዮን በላይ ሰዎች ተገድለዋል ።




የአሳድ መንግሥትን የሚቃወሙ የታጠቁ ቡድኖች፣ ጂሃዲስቶችን ጨምሮ፣ ግርግሩን በመጠቀም የተለያዩ የአገሪቱን ክፍሎች ተቆጣጥረዋል።



የሶሪያ መንግሥት፣ በሩሲያ እና ሌሎች አጋሮቹ፣ በመደገፍ አብዛኛውን ያጣቸውን ቦታዎች መልሶ መቆጣጠር ችሏል።


የመጨረሻው የተቃዋሚዎች ጠንካራ ይዞታ የሆነችው ኢድሊብ በአብዛኛው በኤችቲኤስ ቁጥጥር ስር ያለች ሲሆን፣ በቱርክ የሚደገፉ አማፂ ቡድኖች እና የቱርክ ኃይሎች በአካባቢው ሰፍረው ይገኛሉ።



አርብ እለት ከአማፂያኑ ጋር ግንኙነት ባለው ቻናል ላይ የተለጠፈ መግለጫ “ጦራችን ወደ አሌፖ ከተማ መግባት ጀምሯል” ይላል።



በቢቢሲ የተረጋገጡ ቪዲዮዎች እንደሚያሳዩት በከተማይቱ መሃል ከሚገኘው እና ‘የአሌፖ የመካከለኛው ዘመን ምሽግ’ በመባል ከሚታወቀው ስፍራ በሰባት ኪሎ ሜትር ርቀት ላይ የታጠቁ ሰዎች ሲሮጡ ይታያሉ ።



ሌላው በቢቢሲ የተረጋገጠ ቪድዮ ሻንጣ የያዙ ብዙ ሰዎች አሌፖ ዩንቨርስቲ አቅራቢያ ካለ አካባቢ ርቀው ሲሄዱ ያሳያል።



ይህ ቪዲዮ የተቀረፀው ከኤችቲኤስ ጋር ግንኙነት ያላቸው ሚዲያዎች አማፂ ኃይሎች ወደ ከተማዋ ገብተዋል ከሚሉበት ቦታ 3 ኪሎ ሜትር ርቀት ላይ ነው።


መንግሥት አሁን በአሌፖ ድጋፍ ሰጪ ወታደሮች መድረሳቸውን እና አማፂያኑን እያባረሩ መሆኑን ተናግሯል።


የወታደራዊ ምንጮች ለሮይተርስ የዜና ወኪል ከአሌፖ የሚደረጉ በረራዎች በሙሉ መሰረዛቸውን እና የአውሮፕላን ማረፊያው መዘጋቱን ተናግረዋል።

በሶሪያ ያለውን ሁኔታ የተለያዩ ምንጮችን በመጠቀም ክትትል የሚያደርገው ድርጅት (SOHR ) እንደዘገበው የሶሪያ እና የሩስያ አውሮፕላኖች አርብ እለት በአሌፖ ግዛት ላይ 23 የአየር ድብደባዎችን ፈጽመዋል።


ድርጅቱ እንዳለው ከሆነ በጦርነቱ 255 ሰዎች የሞቱ ሲሆን፣ በሶሪያ ውስጥ በአማፂያን እና በመንግሥት ደጋፊ ኃይሎች መካከል ከተደረጉ ውግያዎች መካከል ከፍተኛ ቁጥር ያለው ሞት የተመዘገበበት ነው።



በኢድሊብ የሚደረግ ጦርነት እ.ኤ.አ. ከ 2020 ጀምሮ ፣ ቱርክ እና የሶሪያ ቁልፍ አጋር ሩሲያ ፣ መንግሥት ግዛቱን መልሶ ለመያዝ የሚያደርገውን ግፊት ለማስቆም የተኩስ አቁም ስምምነት ካደረጉበት ጊዜ ጀምሮ እየቀነሰ መጥቶ ነበር።


ነገር ግን ረቡዕ ዕለት ኤች ቲ ኤስ እና አጋሮቹ በአካባቢው እየተባባሰ የመጣውን የመንግሥት እና የአጋር ሚሊሻዎችን "ጥቃትን ለመከላከል" በሚል ተኩስ መጀመራቸውን ተናግረዋል ።


የሶሪያ መንግሥት እና አጋሮቹ በሌሎች ግጭቶች ውስጥ እያሉ የተከፈተ ጦርነት ነው።


በጎረቤት ሊባኖስ የእስራኤል ወታደራዊ ዘመቻ በኢራን የሚደገፈውን የሔዝቦላህ ንቅናቄ ላይ ወታደራዊ ዘመቻ መክፈቱ ይታወቃል።


የሔዝቦላህ ተዋጊዎች የሶሪያን የእርስ በርስ ጦርነት አቅጣጫ በመቀየር ረገድ ቁልፍ ሚና ነበራቸው።

እስራኤል በሶሪያ ውስጥ በኢራን እና በኢራን የሚደገፉ ቡድኖች ጋር የተገናኙ ዒላማዎች ላይ የአየር ድብደባዋን አጠናክራለች።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ አርሲ ዞን ሲራሮ ወረዳ የህብረተሰቡን የቀንድ ከብቶች እና አታክልት እየቆጠሩ ነው።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና ወኪሎች ህብረተሰቡን የሚጎዱት የግል ጥቅማቸውን ለማርካት ብቻ ነው።

በሲራሮ ወረዳ የቶርባን አሳዌ መንደር የአገዛዙ ተላላኪዎች የህብረተሰቡን ዛፎችና የቀንድ ከብቶች ህዳር 28 ቀን 2024 ዓ.ም በመቁጠር ላይ መሆናቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ገልፆዋል።

አያይዘውም በየመንደሩ እየዞሩ ያሉት የብልፅግና ተላላኪዎች አርሶ አደሩ የተከሉትን ዛፎችና ከብቶች ስር እየመዘገቡ ዛፎቻቸውና ከብቶቻቸው ለምን እንደሚቆጠሩ ለገበሬው አላስረዱም።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በምስራቅ ሸገር ዞን በዱግዳ ወረዳ የብልፅግና ጦር በሰላማዊ ዜጎች ላይ ግድያ እየፈፀም ነው።

ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

በኦሮሞ ህዝብ ላይ በብልፅግና የማፍያ ሰራዊት እየደረሰ ያለው ስቃይ መጪው ትውልድ ወዴት እየሄደ እና የሀገር ህልውና ተስፋ አስቆራጭ ነው ለማለት የሚያስደፍር ነው።

የብልፅግና መንግስት ሰራዊት በሰላማዊ ዜጎች ላይ ግድያ በመፈጸም እንደ ብርታትና ጀግንነት የሚላቸውን ንፁሃን ዜጎችን ህይወትና ደም እያፈሰሰ ነው።

ህዳር 27 ቀን 2024 ዓ.ም በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ አውራጃ ቡሳ ባይሞ መንደር ውስጥ ወርቁ ሰቡ የተባለውን ሰላማዊ ሰው ያለምንም ርህራሄ ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።

ነዋሪዎች እንደገለፁት ወርቁ ለሞት ያጋለጠውን ወንጀል ፈፅሞ ሳይሆን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም ነው የጥቃቱ ሰለባ የሆነው።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ሸገር ዞን ደራ ወረዳ በኦሮሞ ልጆች ላይ የተፈፀመው ግድያ የወረዳው አስተዳደርና ፀጥታ ኃላፊ ምክንያት መሆኑ ተገለፀ።


ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የአማራ ታጣቂዎች እስከ አፍንጫ ድረስ የታጠቁ በኦሮሚያ ውስጥ ባሉ የብልፅግና ቡድኖች እየታገዙ የኦሮሞን ሕዝብ አፈናቅለዋል፣ ዘርፈዋል፣ ቤት ንብረት አቃጥለዋል፣ ገድለዋል፣ የንፁሀንን አንገት ቆርጦዋል።


የብልፅግና አንጃዎች ሆዳቸውን ለማርካት ብቻ እየኖሩ ሲሆን እጅግ በጣም ከፍተኛ በሆነ መልኩ የዘር ማጥፋት ወንጀል ከሚፈጽሙ የአማራ ታጋዮች ከፍተኛ መጠን ያለው ገንዘብ እየወሰዱ ነው ብለዋል ነዋሪዎች።

የወረዳው አስተዳደር እና የፀጥታ ሀላፊ የሆኑት አቶ አለባችው ሀይለ ማሪያም ከአማራ ታጋዮች 28 ሚሊየን ብር በመቀበል የኦሮሞ ህዝብን ከመሬቱ ላይ ለመጨፍጨፍ ባልታጠቁ ማህበረሰቦች ላይ የጅምላ ግድያ እየፈፀመ መሆኑን የወረዳው ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።

የፒፒ ወኪል የሆነው አለባቸው በሰረርኩላ እና አካባቢው የአማራን ህዝብ በማደራጀት ቀ 28 ሚሊዮን ብር ከመሬት ስር በመቀበል በፊት ከሚሰራበት ከdharraa ወረዳ ወደ ደገም ወረዳ ተዘዋውሮ የዘር ማጥፋት ዘመቻ ለመፈፀም እያደራጀ መሆኑን ነዋሪዎቹ አክለው ገልጸዋል።

የብልፅግና ቡድን የአማራ ታጣቂዎችን በመርዳት እየገደለን ነው" ሲሉ የወረዳው ነዋሪዎች ተናገሩ።

Читать полностью…
Subscribe to a channel