Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 2-204 itti dhiyaadhaa!
Qabsoo fi Ganiinsa Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti jedhuu irraati Maree Jaal Daandii Elemoo fi Jaal Nimoonaa Sabaa waliin turtii taasifna!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ፕሬዝደንት ባይደን በወንጀል ጥፋተኛ ለተባለው ልጃቸው በይፋ ይቅርታ አደረጉ.
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የዩናይትድ ስቴትስ ፕሬዝደንት ጆ ባይደን ሁለት የወንጀል ክሶች ለቀረቡበት ልጃቸው ሀንተር ኦፊሴላዊ ይቅርታ አደረጉ።
ባይደን ከሥልጣን ከመውረዳቸው በፊት ለልጃቸው ይቅርታ ያደርጋሉ ተብሎ ቢነገርም ይህ አይሆንም ብለው ነበር።
ፕሬዝደንቱ በለቀቁት መግለጫ ልጃቸው “ተነጥሎ” ጥቃት ደርሶባታል፤ ይህ ደግሞ “የፍትሕ መዛባት ነው” ብለዋል።
ሀንተር ባይደን ባለፈው መስከረም ታክስን በተመለከተ ለቀረበበት ክስ ጥፋተኛ ነኝ ያለ ሲሆን በሌላ ክስ ደግሞ ያልተፈቀደ ዕፅ በመጠቀምና የጦር መሣሪያ በመሸከም ባለፈው ሰኔ ጥፋተኛ ተብሏል።
ሀንተር በወንጀል ጥፋተኛ የተባለ የመጀመሪያው የተቀማጭ ፕሬዝደንት ልጅ ነው።
ጆ ባይደን ለልጃቸው ይቅርታ ማድረጋቸውን ተከትሎ አስተያየታቸውን የሰጡት ተመራጩ ፕሬዝደንት ዶናልድ ትራምፕ “ፕሬዝደንቱ ለልጃቸው ያደረጉት ይቅርታ [ሰኔ 6] ታስረው ለዓመታት የሚማቅቁትን ይመለከታል? ይህ ፍትሕ መበዝበዝ እና ማዛባት ነው” ብለዋል።
የትራምፕ ደጋፊዎች በአውሮፓውያኑ ሰኔ 6፤ 2021 ከምርጫው ውጤት በኋኃ አመፅ ቀስቅሰው ካፒቶል ሒል ወደተባለው ሕንፃ ገብተው መረበሻቸው አይዘነጋም።
ጆ ባይደን ለልጃቸው ይቅርታ ያደርጉ እንደሆነ በተደጋጋሚ ተጠይቀው አላደርገውም ማለታቸው ይታወሳል።
ባለፈው መስከረም የዋይት ሐውስ ፕሬስ ሴክሬታሪ ስለዚህ ጉዳይ ተጠይቀው ጆ ባይደን ለልጃቸው ይቅርታ አያደርጉም ብለው ነበር።
ነገር ግን እሑድ አመሻሹን ፕሬዝደንት ባይደን በፍትሕ ሥርዓቱ ቢያምኑም “ፖለቲካ በክሎት የፍትሕ መዛባት እንዲከሰት አድርጓል” የሚል መግለጫ አውጥተዋል።
“ሥልጣን ከያዝኩ ጀምሮ በፍትሕ ሥርዓቱ ጣልቃ አልገባም ብዬ ነበር። በቃሌ መሠረት ልጄ ተነጥሎ ፍትሐዊ ባልሆነ መንገድ ሲፈረድበት ምንም ሳልል ስመለከት ነበር” ብለዋል።
ባይደን እዚህ ውሳኔ ላይ ለመድረስ ብዙ እንደታገሉም አስረድተዋል።
“አሜሪካዊያን አንድ አባት እና ፕሬዝደንት የሆነ ግለሰብ እዚህ ውሳኔ ላይ እንዴት ሊደርስ እንደቻለ ይረዱኛል ብዬ ተስፋ አድርጋለሁ።”
ይቅርታ የተደረገለት የፕሬዝደንቱ ልጅ ሀንተር “በጨለማው እና ሱስ ባናወዘው ዘመኔ የሠራሁት ስኅተት ለፖለቲካ ጥቅምት ውሏል” የሚል መግለጫ አውጥቷል።
“ይቅርታውን እንደዋዛ የማየው አይደለም። ቀሪውን ዘመኔን የታመሙና የተቸገሩ ሰዎችን በመርዳት አሳልፋለሁ” ብሏል።
አባት እንደሚሉት ልጃቸው ላላፉት አምስት ዓመታት ምንም ዓይነት የአልኮል መጠጥም ሆነ ዕፅ ተጠቅሞ አያውቅም።
አንድ የአሜሪካ ፕሬዝደንት ለቤተሰብ አባል ይቅርታ ሲያደርጉ ይህ የመጀመሪያው አይደለም።
በ1985 ቢል ክሊንተን ለግማሽ ወንድማቸው ሮጀር ክሊንተን ይቅርታ ማድረጋቸው የሚታወስ ነው።
በ2020 ደግሞ ዶናልድ ትራምፕ የልጃቸው ኢቫንካ ትራምፕ ባል አባት ለሆኑት ቻርልስ ኩሽነር ይቅርታ አድርገዋል።
ትራምፕ ቅዳሜ ዕለት ቻርልስ ኩሽነርን በፈረንሳይ የአሜሪካ አምባሳደር አድርገው ሹመዋቸዋል ሲል ሲኤንኤን አስነብቦዋል።።
በምዕራብ ሸገር ዞን አቡነ ግንደበረት ወረዳ የአብይ አህመድ ጦር ሰላማዊ ዜጎችን ማፈኑን ቀጥሏል።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ለተወለዱበት ማህበረሰብ እንኳን ጥሩ አመለካከት የሌላቸው የብርፅግና ወታደሮች በሲቪል ማህበረሰቡ ላይ በውሸት በመወንጀል ጉዳታቸውን ቀጥለዋል።
ህዳር 29፣ 2024 ዓ.ም በአቡና ጊንደበረት ወረዳ በቡቃቶ መንደር የገዥው አካል ወኪሎች ንፁሀንን አፍኖዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
-ዶሪ ገደፋ
-ኢዶሳ Badhaasaa
-ያደሳ ኩርሳ
-ደበሎ ሆርዶፋ
-ረጋሳ ቶለሳ
-ኤቢሳ ፈዬ
-ፉፋ ገላሄ
-ግርማ ፉፋ እና በርካቶች ያለምንም ጥፋት ታፍነው ደበዛችው መጥፋቱን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል። በተጨማሪም, በተመሳሳይ ቀን ከአንድ መንደር በርካታ የቀንድ ከብቶችን ዘርፎዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- ከበቀለ ቶለሳ ስር 7 የቀንድ ከብቶች
-ከታደሰ ቶለሳ ስር 4 የቀንድ ከብቶች
- ከመገርሳ Badhaasaa ስር 5 የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል ። እነዚህ ሰዎች ከየትኛውም ፖለቲካ ነፃ በመሆናቸው የተከሰሱትና የሚሰቃዩት በኦሮሞነታቸው ምክንያት ብቻ ነው ሲልም አክሏል።
በምስራቅ ወለጋ ዞን ጉዳያ ቢላ ወረዳ በአምባገነኑ ኮሎኔል አብይ አህመድ ጦር ሰራዊት በፖለቲካ እስረኞች ላይ የሚደርሰው ሰቆቃ ተባብሷል።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በጉዳያ ቢላ የጨሊ ጂማ መንደር ነዋሪ የሆኑት ኤቢሳ ቶለሳ የተባሉ አርሶ አደር ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ሰበብ በወረዳው በሚገኙ የፒ.ፒ. ሀይላት እየተሰቃዩ ይገኛል።
በዚህም መሰረት ከታሰረበት ጊዜ ጀምሮ በወረዳው ማረሚያ ቤት በሚሊሻ እና በአፄ መከላከያ ሰራዊት እየተደበደበ ሲሆን በሎጅስቲክስ ስም የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ይደግፋሉ በሚል ሰበብ በወረዳው ማረሚያ ቤት እየተንገላቱ ነው።
እንደ አይን እማኞች ገለጻ፣ አዛውንቱ ህዳር 25 ቀን 2024 ዓ.ም እኩለ ለሊት ላይ አንገታችውን በመቁረጥ እራሳችውን ለማጥፋት ቢሞክሩም ከእነሱ ጋር ታስረው የነበሩት ሰዎች ከእንቅልፍ በመንቃት የዚህን ግለሰብ ሂውት ማዳን እንደቻሉ ነዋሪዎች ተናግረዋል።
አቶ ኤቢሳ በአሁኑ ወቅት በአስጊ ሁኔታ ላይ የሚገኝ ሲሆን በፊንፊኔ ከፍተኛ ሆስፒታል ውስጥ በህክምና ላይ ይገኛል።
Godina Baha Harargee Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti tiksitoonni PP hawaasa dararuu itti fufanii jiru
ONM-ABO Muddee 2,2024 Miidhamni uummata Oromoo dhageettii dhabuun, ilmaan Oromoo abbaa dhabanii lafa hundatti murna Bilxiginnaa aantummaa uummataa dhabeen dararaan daangaa darbe oolee bulee itti dhalachaa buluun uummaticha gatii guddaa baasisaa jira.
Muddee 1,2024 godina Baha Harargee aanaa Dadar magaalaa Qobboo keessatti tiksitoonni PP hawaasa Oromoo humnaan mana mana irra deemuun qabanii hidhaatti guuruun ergasii immoo walga'ii teessisuuf mana barumsaatti guuranii dararaa oolu.
Namoota kanneen bakka arganii qabanii erga hidhaniin booda warra dura achi ture waliin walitti dabaluun walga'ii jedhanii halkan sa'atii 11:00 hanga guyyaa sa'atii 7:00'tti WBO balaaleffadhaa, abaaraa fi biyya keessan eeggadhaa jechuun uummata hiraarsaa jiru.
Bakki isaan itti walga'ii tessisanis mana barumsaa sadarkaa 1'ffaa magaalaa Qobboo yoo ta'u, walga'icha dirqamsiisuun ajajee kan baasus kantiibaa magaalaa Qobboo, bulchaa gandaa fi milishoota ta'uun barameera.
Namootni kana godhanis milishoota maqaan isaanii Diinee Hoolaa, Toofiq Abdallaa, Shamsoo Abdallaa, Abdii Nagadii, Muktar Yusuuf akkasumas bulchiisa magaalichaa keessaa nama maqaan isaa Kaalid Alii jedhamu ta'uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraataan tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti, yeroo ammaa haalli nageenya naannoo sanaa gandoota aanichaa cufatti bal'achuun uummanni yaaddoo fi rakkoo hamaa keessa seenuun qe'ee isaa dhiisee baqachaa jira.
Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti loltoota sirnichaan hidhaa fi reebichi maatii qabsaa'otaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 2,2024 Maatii qabsaa'otaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeesuu, saamuu, qe'ee irraa buqqisuu fi reebanii doorsisuun akka waan qabsoo Bilisummaa Oromoo duubatti deebisuutti warreen amanan hidhattootni sirnichaa Koloneel Abiy Ahimediin durfaman, hawaasa nagaa maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun reebanii manneen hidhaatti darbachuu hammeessaniiru.
Godina Walloo aanaa Baatee ganda Eelaa fi Mootummaa jedhamu keessaa Sadaasa 30,2024 hidhattootni Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun gandichatti bobbaafaman jiraattota gandichaa kan ta'an namoota 4 kan maqaan isaanii Ahimed Ussee,
Usmaan Mahammad,
Abduu Ammee Qorii fi shamarree maqaan ishee Xoyibaa Abduu Mahaammad jedhamtu dabalatee reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun hidhanii jiraachuu maddeen keenya onichaa ONM'tti himan.
Akka jiraattotni aanaa Baatee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, namoonni hidhattoota murna bilxiginnaan reebichi rifaasisaan irratti geggeeffamuun hidhaman kun qonnaan bultoota paartii siyaasaa dhaaba kamiiyyuu hin deggerre ta'uu yoo himan, garuu gareen faashistii PP kun maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun manaa fi bakkoota hojii idilee isaanii irraa qabuun gidiraa agarsiisaa akka jiran jiraattotni kunneen dabaluun dubbataniiru.
Giddu-Galeessa Oromiyaa Kaabaa fi Lixa Shaggar Keessatti waraanni faashistii PP ZU-23 dhukaasuun lubbuu namaa fi qabeenyaa irraan midhaa geessisuun beekame
ONM-ABO Muddee 2,2024 Murni faashistii PP kunneen Kaaba Shaggar aanaalee akka Warra Jaarsoo, Kuyyuu, Hidhabuu Abootee, Dharraa, Dagam, Giraar Jaarsoo, Fiichee fi akkasumas aanaalee Lixa Shaggar keessaa kanneen akka Ada'aa Bargaa fi Meettaa Wal-qixxeetti meeshaalee akka ZU-23, Taankii, Madfii, fi Rokkeettii fageenya irraa dhukaasuun lubbuu namaa fi qabeenyaa irraan miidhaa geessisaa jira.
Dhukaasa meeshaalee gurguddaa qe'ee hawaasaa irratti dhukaafamaa jiru kanaanis guyyaa kaleessaa Muddee 1,2024 lubbuun namootaa darbaa jiraachuu fi hanga gabaasni kun qindaa'etti dhiirri lamaa fi shammarran lama du'uun beekamee jira.
Yeroo ammaa kanas akka Aanota kanneeniitti namuu midhaan isaa ooyiruu irraa haammachuu kan hin dandeenyee fi lafa itti baqatu dhabee rakkoo hamtuu keessa akka jiru akkasumas, ergereen isaanii yaaddeessaa ta'uun ni beekama.
Bilxiginnaan nagaa buusna jechuun Finfinnee keessaa daldala siyaasaa gantoota waliin geggeessus qe'een Oromoo garuu ibiddaan gubachaa jira.
Hundeeffama Bilxiginnaa waggaa 5'ffaa jechuun Shimallis Abdiisaa uummatni Oromoo baga paartii kana qabaate yeroo ittiin jedhuun namootni baay'een paartiin Oromoo ajjeesaa oolu uummata Oromoon akkas jechuun lubbuu uummata Oromootti qoosaa jiraachuudha jechuun dubbachaa turan.
Waraanni sirna nama nyaataan PP godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 2,2024 Uummanni Oromoo bara Bilxiginnaa keessa sanuu, murna maqaa Oromoon aangoo irra jiruun biyya isaa irratti mirgi abbaa biyyummaa isaa jalaa mulqamee qe'ee isaa irra bilisaan jiraachuu dadhabuun guyyuu hidhaa fi ajjeechaan dararamaa jira.
Haaluma kanaan torban darbe keessa waraanni goolessituu impaayerattii aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Agaloo Gidaamii jedhamu keessatti namootni maqaan isaanii:
• Mangistuu Yaaddessaa,
• Rattaa Dhaabaa,
• Taayyee Kifilee fi
• Addisuu Yaadataa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, akkuma aanichaatti ergamatoonni nagaa hawaasaa sarban waraanni Bilxiginnaa yakka tokko malee uummata nagaa irraa mirga lubbuun jiraachuu mulquun gochoota suukkanneessoo adda addaas raawwachaa jiraachuu dubbatu.
WBOn Warra Jaarsootti Keessatti Diina Du'aa fi Madoon Adabe
ONM-ABO Muddee 2,2024 WBOn zoonii giddu gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Warraa Jaarsoo ganda Dhahee Sillaasee keessatti tarkaanfii kaleessa Muddee 1 fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 28 ajjeesuun 25 ol madeessee injifaannoo boonsaa diina irratti argateera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
https://www.facebook.com/Arraatabiyyolessa/videos/959533546003049/?app=fbl
Читать полностью…Three Ethiopian National Defense Force members defected to the Oromo Liberation Army in Eastern Wallaga.
ONM-ABO December 2, 2024. Most members of the Ethiopian National Defense Forces, who were forced into joining the army through widespread involuntary conscription, are demoralized and unwilling to carry out the orders of their superiors. They are often instructed to commit atrocities against innocent civilians, which some of them refuse to carry out and instead opt to defect to the OLA. The core structure of Abiy Ahmed’s forces is ravaged by mistrust, discontent, and ethnic-based prejudice directed against Oromos and other minority groups within the national defense force.
It has been a trend that members of the Ethiopian National Defense Forces have been defecting to the Oromo Liberation Army from time to time in small increments, answering the call that the Oromo Liberation Army had made to all members of the Ethiopian National Defense Force. On November 2, 2024, one of the empire’s national defense force members defected to the Oromo Liberation Army in Sasiga District with his full military gear, which included one automatic rifle and ammunition.
Additionally, two more of the empire’s soldiers defected to the Oromo Liberation Army in Diga District from a military base called Kirechari with their full military gear, which included two automatic rifles, ammunition, and a few military uniforms. After reaching the Oromo Liberation Army bases, these defectors expressed their appreciation for the warm welcome they received from the Oromo Liberation Army.
The defectors stated that everything they had heard about the Oromo Liberation Army (OLA) was false and unfounded propaganda disseminated by the Prosperity Party regime with the intent to smear the Oromo liberation movement. They described the OLA as genuine, well-intentioned, and highly disciplined freedom fighters struggling to liberate their nation from the current barbaric Ethiopian regime. The OLA strictly adheres to the Geneva Conventions and does not commit any atrocities against opponents or prisoners of war once they have surrendered or defected to the OLA. In contrast, the current Ethiopian regime shows no respect for human lives and is actively engaged in the massacre of innocent civilians, while the OLA makes all necessary sacrifices to defend innocent civilians from the tyranny of Abiy’s regime.
Finally, the three defectors called on their fellow soldiers who are still serving the bloody Ethiopian regime to abandon the barbaric camp that orders them to commit crimes against humanity and join the Oromo Liberation Army, which is struggling to defend the rights of all people residing in Oromia and beyond. They advised these fellow soldiers to stop taking harmful and dangerous orders against civilians and find the courage to leave the enemy camp at every opportunity they get.
Godina Lixa Wallaggaatti saamichi fi gochoonni namusa seeraa hin calaqqisisnee uummata irratti geggeeffamuun beekame.
ONM-ABO Sadaasa 2,2024 Gareen abbaa irree Bilxiginnaa kufaatii siyaas-dinagdee gama hundaan isa mudate irraa of bararuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa gara jabeeyyii bobbaasuun saamicha seeraan alaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun hawaasa qaala'iinsa jireenyaan waxalamaa jiru dararuu akkuma itti fufanitti jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii bulchiinsa magaalaa Gimbiitti Sadaasa 24,2024 irraa eegalee loltoonni fi kaadiroonni murna maafiyaa PP maqaa waajjira paartii Badhaadhinaa ijaarra jedhuun daldaltootaa fi abbootii qabeenyaa hedduu walitti qabuun qarshii 2000-5000 irraa saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kaabinoonni Bilxiginnaa jiraattota walitti qabuun saamaa jiran kunneen:
- Gammachuu Dabalaa Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Gimbii,
- Kantiibaa magaalaa Gimbii fi
- Itti Gaafatamaa dhimma nageenyaa magaalaa Gimbii ta'uun itti dabaluun ibsameera.
Mootummaan abbaa irree Bilxiginnaa kufaatii siyaas-dinagdee gama hundaan isa mudate irraa of bararuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa gara jabeeyyii bobbaasuun saamicha seeraan alaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun hawaasa qaala'iinsa jireenyaan waxalamaa jiru dararuu akkuma itti fufanitti jiru.
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamotaa jedhamu irraa Sadaasa 27,2024 loltoonni mootummaa garboomfataa PP kanneen faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf bobbaafaman nama maqaan isaa Obbo Jamaal Xahaa jedhamu jalaa madaala midhaanii tokko jalaa saamuun, namoota maqaan isaanii:
- Sabrii Caalii,
- Obbo Galaanaa fi
- Mujaayid Geetaanaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun reebicha ulfaataa ta'e irraan gahuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.
-
Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti waraanni Abiy Ahimed hawaasa nagaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi saamuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Sadaasa 2,2024 Hawaasuma irraa dhalataniif illee ilaalchaa fi yaada gaarii kan hin qabne loltoonni Bilxiginnaa, hawaasa nagaa sobaan yakkuun miidhuu itti fufanii jiru.
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Buuqqatoo jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 29,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Doorii Gaddafaa,
- Iddoosaa Badhasaa,
- Yaadasaa Kursaa,
- Dabaloo Hordofaa,
- Raggaasaa Tolasaa,
- Eebbisaa Fayyee,
- Fufaa Galaahee fi
- Girmaa Fufaa kanneen jedhaman badii tokko malee qe'ee fi qabeenyaa isaanii irraa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana irraa guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Baqqalaa Tolasaa jalaa loon 7,
- Taaddee Tolasaa jalaa loon 4,
- Magarsaa Badhaasaa jalaa loon 5 akkasumas namoota kan biroo maqaan isaanii hin caqafamne jalaa ree'ota saamanii deemuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta'anii fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararaa ulfaataa keessummeessanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 2-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በተለያዩ የኦሮሚያ ስፍራዎች ጠላት ላይ ጥቃት መሰንዘሩን አጠናክሮ ቀጥሏል።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ይህን በማስመልከት በምስራቅ ሸገር ዞን በቦራ ወረዳ ማቲ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በሀርሰዴ ዞን የሚንቀሳቀሰው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ህዳር 29 ፥ 2024 ዓ.ም ለዘረፋ በተሰማሩት የብልፅግና ጦር ላይ በወሰደው ጥቃት በጥይቶች ወላፈን ጠላትን በሞት እና በማቁሰል ቀጥቶዋል።
በዚህ ጥቃት ላይ 1 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 8 ቆስሎል።
እንድዚሁም ፈርጣማው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በምስራቅ ጉጂ እና በምስራቅ ቦረና ዞን ውስጥ በወሰደው እርምጃ በጥይቶች ወላፍን ጠላትን እንደልነበረ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ ከ103 በላይ የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ ከ102 በላይ ቆስሎል።
እናም በአዶላ ሬዴ ወረዳ በፋቾ ቀበሌ ውስጥ በዳ ጃርቲ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም ከጠላት ጋር ባደረገው ውጊያ 18 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 22 ቆስሎል።
እክሎም በምስራቅ ቦረና ዞን በጉሚ ኤልደሎ ወረዳ በቡልቡል ቀበሌ Dhakaa ባብሳ በማባልበት ልዩ ስፍራ በመደ አልቡዳ ዞን ህዳር 30 ፥ 2024 ዓ.ም በሶስት ስፍራዎች ጠላት ላይ በወሰደው ጥቃት ጠላትን ድባቅ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ ከ69 በላይ የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ ከ77 በላይ ቆስሎል።
በመሳራያ በኩል 1 ብሬን ፥ 5 የኤኬም ክላሽ እና የተለያዩ የጦር መሣሪያዎችን ከጠላት ጀርባ ላይ ፈቶዋል።
በመቀጠልም በመደ አልቡዳ ዞን የሚንቀሳቀሰው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በጎሮ ዶላ ወረዳ በቦኮላ ቀበሌ ሆመቼሳ ጢቃ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በጠላት ሀይላት ላይ ደፈጣ በማድረግ ጠላትን አብከንክኖታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 10 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 8 ቆስሎል።
እንድዚሁም በዛው ቀበሌ ውስጥ ጋረ ኦቶላ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ደፈጣ በማድረግ በጥይቶች መዕበል ጠላትን የውሀ ሽታ አርጎታል።በዚህ ጥቃት ላይ 6 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 5 ቆስሎል።
በኢሉ አባ ቦራ ዞን በዳሪሙ ወረዳ የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ጦር ነዋሪዎችን ማሰሩን ቀጥሏል።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ያልቻሉት አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመምጣት የኦሮሞን ህዝብ ከሁሉም የኦሮሚያ አከባቢዎች ከወትሮው በበለጠ ማሰቃየት ቀጥሎል።
በዳሪሙ ወረዳ ከዋቤኩ መንደር ያሰማራቸው የፋሺስት ወታደሮች አብዱላሚድ ሀጂ መሃመድኑር የተባለውን ግለሰብ ህዳር 26 ቀን 2024 ዓ.ም ተይዘው ወደ እስር ቤት ከወረወሩት በኋላ ከፍተኛ ስቃይ እያደረሱበት መሆኑን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
በተጨማሪም በዚሁ ወረዳ ከጉምጉሚ መንደር መሀመድ ሀቢቢ እና ሙሉን ሳምቢ የሚባሉ ሰዎች ህዳር 26 ቀን 2024 ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ስም በለሊት ተይዘው በተለያዩ የሀሰት ክስ በቀረበባችው በወረዳው ፖሊስ ጣቢያ እየተሰቃዩ ይገኛሉ።እናም በአውራጃው ውስጥ ከፍተኛ ስቃይ ማድረጋቸውንም አክለዋል።
በምዕከላዊ ኦሮሚያ በሰሜን እና በምዕራብ ሸገር ዞን ውስጥ የፋሽስቱ ጦር ዙ - 23 የጦር መሣሪያ በመተኮስ በሰው ሂወት እና ንብረት ላይ ጉዳት ማድረሳችው ታወቀ።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፋሽስቱ ፒፒ አንጃ በሰሜን ሸገር ዞን በተለያዩ ወረዳዎች እንደ ወረ ጃርሶ ፥ ኩዩ ፥ Hidhaabuu አቦቴ ፥ ደራ ፥ ደገም ፥ ግራር ፥ ጃርሶ ፥ ፊቼ እና እንድዚሁም በምዕራብ ሸገር ዞን ውስጥ እንደ አዳ በርጋ እና ሜታ ወልቂጤ ባሉ ወረዳዎች ዙ 23 ፥ ታንክ ፥ መዳፍ እና ሮኬት ከእርቀት በመተኮስ በሰው ሂወት እና ንብረት ላይ ጉዳት ደርሶል።
በእነዚህ ከባድ መሳሪያዎች ጥቃት የተፈፀመው ታህሳስ 1 ፥ 2024 ዓ.ም ሲሆን ፥ በዚህ ጥቃት ሁለት ሴት እና ወንድ ልጅ መሞታችው ተገልፆዋል።
በአሁኑ ስዓት በተለያዩ ወረዳዎች ህብረተሰቡ እህሉን አጭዶ ማስገባት እንዳልቻለ እና ወደ ሚሸሽበት አከባቢ በማጣት እየተቸገሩ እንዳሉ እና የወደፊት እጣ ፈንታችው በጣም እንዳሳሰባችው ታውቀዋል።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን ባቲ ወረዳ የአገዛዙ ወታደሮች የተፋላሚዎችን ቤተሰቦች ማሰር እና ድብደባ እንደቀጠለ ነው።
ታህሳስ 2 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ታጋዮችን ማሰር፣ መግደል፣ መዝረፍ፣ ማፈናቀል እና መደብደብ የኦሮሞን የነጻነት ትግል ያደናቅፋል ብለው የሚያምኑት የኮሎኔል አብይ አህመድ የሚመራው የአገዛዙ ታጣቂዎች፣ በታጋዮች ስም ሰላማዊ ዜጎችን መደብደብና ማሰርን አጠናክረው ቀጥለዋል።
በቅርቡ በተለያዩ የወሎ ወረዳዎች ሁሉ የተፋላሚዎች ቤተሰቦች በብልፅግና ተላላኪዎች እየተሰቃዩ ነው።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-ኡስማን መሀመድ ፥አብዱ አሜ ፥ ቆሪ እና ሴት ልጅ
ዞይባ አብዱ መሀመድን በቁጥጥር ስር ማዋላችውን በአካባቢው የሚገኙ ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
የባቲ ወረዳ ነዋሪዎች በሰጡት አስተያየት በታጣቂዎቹ የታሰሩት የትኛውንም የፖለቲካ ድርጅት የማይደግፉ አርሶ አደሮች ናቸው ነገር ግን ፋሽስቱ ፒ.ፒ. የተሰኘው ቡድን የታጋዮች ቤተሰቦች መኖሪያ ቤቶችንና መደበኛ የስራ ቦታዎችን በማውደም ድርጊቱን በመፈፀም ስቃይ እያሳዩ ይገኛሉ ሲሉ ነዋሪዎች አክለዋል።
ምንጮቻች አክለውም በባቲ ወረዳ በተለያዩ መንደሮች የብልፅግና ቡድን ባሰማራቸው ጦር የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ድጋፊ ናችሁ በሚል ስም ሰላማዊ ዜጎችን እያሰረ፣ እየደበደበ፣ እየዘረፈና እያፈናቀለ ነው ሲሉ አብራርተዋል።
Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessaa namoonni hedduun jumlaan guuramanii hidhaatti naqamuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 2,2024 Akka heera barreeffamaan jiruutti namni tokko umuriin isaa 18 ol darbee jennaan maatiin gaafatama nama sanaa akka hin fudhanne kan agarsiisu ta'us, garee faashistii PP jalatti ammoo sun hafee faallaa kanaa namoonni maqaa ilma keetii fi obboleessa keetu WBO keessa jiraa bira darbeeyyuu fira keeti jechuun ajjeechaa fi hidhaa daangaa hin qabneen waraana koloneel Abiy Ahimediin adabamaa jiru.
Muddee 2,2024 aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii keessaa maqaa ilmaan keessanii fi fira keessantu WBO keessa jira jedhuun guutummaa ganda sanaa keessa naanna'uun namoota jumlaan guuranii magaalaa Boniitti hidhanii jiraachuu jiraattonni himan.
Namoonni kunneenis yakka dalagan osoo hin qabaatin gaafatama nama tokkoo maatiitti deebisuun akkuma kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane jedhan sana namoota qonnaan bultoota harka qullaa reebichaan mana hidhaatti naquu dubbatu.
Namoota hidhaman kanneen keessa dhukkubsattoota, daa'immanii fi maanguddoonni ofiifuu deemuu hin dandeenye keessatti akka argamanis dabaluun ibsaniiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti diina du'aa fi madoon adabe
ONM-ABO Muddee 2,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO'n hacuuccaa fi saamicha bifa kamuu saba Oromoo irraa kaasee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu Oromiyaa bakkoota garaagaraatti jabeessee itti fufeera.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa iddoo addaa Adaaloo jedhamutti ganama har'aa Muddee 2,2024 barii barraaqa sa'aatii 12:00 irraa eegaluun lola Cibraan Hasan Gulee ergamtoota maafiyaa PP waliin taasiseen loltoota sirnichaa 6 ol ajjeesuun madoo hedduun adabee hospitaala magaalaa Kamisee seensisuun barameera.
Tarkaanfii laalessaa warqiileen Zoonii Kaabaa Cibraan Hasan Gulee loltoota murna Bilxiginnaa irratti fudhateenis humni faashistii PP kun baaragdee bittinaa'uun humna dabalataa birmannaa fi magaalaa Kamisee irraa yaammatanii qe'ee hawaasaa keessatti ol deebi'uun bifa haaloo ba'annaatiin qe'ee maatii qabsaa'otaa gubaa turuun himameera.
Dararaan bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatamu kamuu afaan qawwee WBO qofaan kan furamu❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa ajjeesuu, madeessuu fi saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 2,2024 Ergamtoota Bilxiginnaan duulli duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatu hammaachuun har'as dunkaanni gaddaa balbala isaa dura dhaabbachuu fi imimmaan isaa lola'uun akkuma itti fufetti jira.
Aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa keessaa Sadaasa 28,2024 waraanni sirna dhab-leessi impaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun maanguddoo maqaan isaanii Warquu Sabbuu jedhamuu fi dargaggoo tokko kan maqaan isaa hin eeramne ammoo madeessanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Maanguddoon ajjeefaman kun abbaa ijoollee 12 yoo ta'an, badii tokko malee bakka ooyiruu isaaniitti irbaata rasaasa murna nama nyaataa PP ta'uun ibsameera.
Sadaasa 27,2024 ammoo aanichuma ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessaa nama Sooressaa Baldaa jedhamu maatii isaa ijoollee lamaa fi haadha warraa isaa badii tokko malee qe'ee isaaniitti rasaasa itti roobsuun madoo ulfaataa taasisanii yeroo ammaa kana hospitaala ciisuun yaalamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Kana malees jiraataa ganda Birbirsa Guddaa Saabolee kan ta'e dargaggoon maqaan isaa Darajjee jedhamus Sadaasa 30,2024 badii tokko malee loltoota sirnichaan ajjeefamee jiraachuu maddeen himan.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo ganda Bayimoo Guusaa irraa Sadaasa 30,2024 nama maqaan isaa Badhaasoo Guddataa jedhamu jalaa loon 6 saamanii deemuu maddeen itti dabaluun ONM'f ifoomsanii jiru.
Baha Shaggar Magaalaa Duukam irraa loltoonni faashistii PP lammiilee nagaa hidhaatti darbachuun maallaqa guddaa gaafachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 2,2024 Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo yakkuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafachuu fi dararaa hamaa irraan ga'aa kan jiran ta'uun ni beekama.
Baha Shaggar magaalaa Duukamitti loltoonni Bilxiginnaa ji'oota hedduuf ilmaan Oromoo baay'inaan waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta'u, nama tokko qarshii 300,000 ol gaafachaa jiru. Yoo isaan hin qabaanne immoo garmalee dararaa itti hammeessuun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu isaanii namoonni magaalicha keessaa itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, "dargaggoonni fi namoonni hedduun ukkaamfamuun magaalichatti dararaa hamaa argaa kan jiranii fi gadaanaan qarshii 20,000 gaafatamaa jiraachuu himuun, hidhamtoota hedduu irraas qarshii kana fudhatanii nyaachuun gadi dhiisuu didanii garmalee rakkisaa jiraachuu dubbatan.
Tarkaanfii WBO
ONM-ABO Muddee 2,2024 WBOn zoonii Giddu Gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti kaleessa Muddee 1 tarkaanfii waraana impayeera Itoophiyaa irratti fudhateen 23 ajjeesuun 18 madoon gaggeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 2-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Iraan haleellaa mormitootaa booda mootummaa Siiriyaa ‘cimseen deeggara’ jette
ONM-ABO Sadaasa 2,2024 Dippilomaatiin olaanaa Iraan Abbaas Aragachi Dilbata kaleessa mootummaa Siiriyaa fi humnoota hidhattootaaf ergaa deggarsa dabarsuudhaaf Teyiran gadhiisanii gara Damaasqootti akka deeman miidiyaaleen mootummaa ibsaniiru. Kunis erga loltoonni mormitootaa ifa ta’een tarkaanfii fudhataniiru.
Teyiraan yeroo waraana biyya keessaa bara 2011 ka’etti michuu cimaa pirezidaantii Siiriyaa Bashar al-Asad taatee loltoota kumaatamaan lakkaa’aman gara Siiriyaatti ergiteetti.
Hizboollaan kan Iraaniin deeggaramu, kan Libaanos, waggootaaf mootummaa Sooriyaa cinaa lola tureedha.
Bara 2020 irraa eegalee naannoon mormitootaa naannoo kaaba dhiha Siiriyaa Idlib keessatti argamu, waliigaltee waraanaa Turkii fi Raashiyaan gidduu galeessa godhate kan irra deddeebiin sarbamiinsa raawwatamus baay’inaan qabamee ture.
Garuu mormitoonni Roobii darbe magaalaa Aleppoo irratti haleellaa tasaa yeroo bananitti, guyyaadhuma sanatti dhukaasa dhaabuun dadhabaan ollaa Libaanos Israa’elii fi Hizbullaah gidduutti hojiirra oole.
Mootummaan Siiriyaa bara 2015 deeggarsa michoota isaa Raashiyaa fi Iraaniin, bara 2016 magaalaa Aleeppoo guutuun kutaa biyyattii bal’aa deebisee to’atee ture jechuun AFP'n gabaaseera.
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti waraanni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti guuruu cimsee itti fufee jira.
ONM-ABO Sadaasa 2,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaatti ol deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman nama maqaan isaa Abdulamiid Haajii Mahaammadnuur jedhamu Sadaasa 26,2024 ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, Aanaadhuma kana ganda Gumgummii jedhamu irraa immoo, namoota maqaan isaanii Mahaammad Habiibii fi Mulunaa Saambii jedhaman halkan bakka isaan rafaa jiranitti itti dhaquun Sadaasa 26,2024 maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuun waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararaa jiraachuu fi akkuma aanichatti maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii hiraarfama ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaa fi Coomman Guduruutti dararaan loltoota PP'n Hawaasa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe.
ONM-ABO Sadaasa 2,2024 Ergamtoonni hooggana hin qabne loltoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobbaafamuun hawaasa nagaa gidirsaa kan oolan yoo ta'u, namoonni danuunis gochaa isaanii malee maqaa isaan hin qabneen yakkamuun gidiraa hamtuu keessummeessaa jiru.
Aanaa Kombolchaa ganda Hulaa Guutoo jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 26,2024 badii tokko malee nama maqaan isaa Jaallataa Barii jedhamu mana inni jiraatu dhaquun bilbila yoo saaman, Biqilaa Margaa kan jedhamu ammoo waajjira poolisii aanichaatti hidhamee dararamaa kan jiru ammoo mana isaa deemanii maatii isaa irratti reebicha raawwatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hin beekne loltoonni Bilxiginnaa halkan toora sa'a 6:00'tti itti dhaquun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachuu dubbataniiru.
Dabalataan aanaa Coomman Guduruu ganda 02 keessaa Sadaasa 29,2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed nama maqaan isaa Nagaraa Waggaarii jedhamu jalaa loon 7 saamanii qalachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Muddee 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Yaadannoo Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu, Eebba WBO, Tarkaanfii WBO, Ibsa ABO-WBO, Haala Impaayerattii fi Gaanfa Afrikaa Ilaalchisuum Maree Jaal Niimoonaa Sabaa Waliin Taasisne!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታእሳሲ 1-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️